God's Word Presence! [GWP-MEDIA]
3.57K subscribers
266 photos
5 videos
2 files
593 links
💡“Dubbiin Kristos akka badhaadhummaa isaatti isin keessa haa jiraatu;...”
Qolosaayis 3:16

⭐️Namni Kamu Argamuu Dubbii Waaqayyoo Keessa Akka Jiraatuuf Gargaaruun ba'aa Keenya!

⭐️Equiping Believer's by Word of God!

Creator: @Believe_In_Christ79 (Robera)
Download Telegram
Guddini Waaqayyo keessa hin jirre, Ulfinni Waaqayyo keessa hin jirre, Milkaa'inni Waaqayyo keessa hin jirre - nu haa darbu!
45
“Nagaa isin biratti nan hambisa, nagaa koo isiniif nan kenna; ani akka biyyi lafaa kennuttan isiniif kenna miti, garaan keessan hin raafamin, hin sodaatinis!”
— Yoh. 14:27


Halkan gaarii🤍
🥰2111🙏6
Abboommiin koo isa kana; ani akkan isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa*!
[Yoh 15:12]
33🥰5😍1
Kanaafis xuraa'ummaa, hammina safara dhabes hundumaa of irraa fageessaa! Dubbii lubbuu keessan fayyisuu danda'u, isa kanaaf dhaabame sanas garraamummaadhaan fudhadhaa!”

Yaq. 1:21
33🥰2
2 GARA WARRA QORONTOS 3:17
[17] Egaa inni Goofticha jedhame kun, hafuura qulqulluu dha; iddoo hafuurri gooftichaa jiru immoo, birmadummaatu jira*.
34🙏2
Far. 84
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
¹⁰ Iddoo biraa guyyaa kuma tokko ooluu irra, oobdii kee keessa guyyaa tokko ooluu wayya; godoota jal'inaa keessa taa'uu koo irra, balbala mana Waaqayyo koo dura ijaajjuu nan fo'adha.

Obbolootaa bor ganama Waldaa Kiristiyaanaa deemna!

Halkan gaarii🤍
34
Efe. 3

¹⁹ jaalala Kristos isa safara beekumsa namaa bira darbus beektanii, guutummaa Waaqayyoo bira hamma geessanitti akka guutamtaniif nan kadhadha.
²⁰ Inni humna isaa isa nu keessatti hojjetuun wanta nuyi kadhannuuf wanta nuyi yaaduu dandeenyu hundumaa irra safara malee caalchisee gochuu in danda'a.


Guyyaa eebbifamaa qabaadhaa 🤍
29🙏1
WANGEELA MAATEWOS 6:33
Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama*.


⚡️Guyyaa Gaarii! 🤍
22🥰5🙏3
Luq. 12
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁴ Itti fufees, "Yaa firoota ko, ani isinittan hima, isin ajjeesanii isa booddee isa irra kan hammaatu waan godhan warra hin qabne hin sodaatinaa.
⁵ Sodaachuun kan isiniif ta'u isinittan mul'isa; erga ajjeese booddee adaba bara baraatiif qililleetti darbachuudhaaf aboo isa qabu sodaadhaa; eyyee, isinittan hima isa sodaadhaa!


Kan sodaachuun nuuf ta'u Waaqayyo qofadha!

Halkan gaarii🤍
21🥰1
1Phe. 2
¯¯¯¯¯¯¯¯¯¯
⁹ Isin garuu qomoo fo'amaa dha, luboota mana mootummaa ti, saba qulqullaa'aa dha, warra dhuunfaa Waaqayyoo ta'anii dha. Waaqayyo hojii isaa isa jajamaa akka labsitaniif dukkana keessaa, gara ifa isaa isa dinqisiisaatti isin waame.
¹⁰ Isin takka saba Waaqayyoo hin turre, amma garuu saba isaa taataniittu; isin araara Waaqayyoo hin argatin turtan, amma garuu araara isaa argattaniittu
18🙏8🥰2
Jaalalli gad fagoon Waaqayyo karaa ilma isaa Yesuus Kiristoosiin, foon uffachuu isaarraa jalqabee hanga fannifamuu isaatti mul'ise; Jireenya qulqullummaa akka jiraannuuf kan nu giddisiisu, Dhugaa barabaraati!.

[ ✍️ Minase Yirgu ]
28
Chaanaaliin Kun Waggaa Shan dura baname🎉

It is so amazing❤️‍🔥

Galata Waaqayyoo🙏
18
📖 “Yaa Waaqayyo, akka ani qoofniitti sodaa malee jiraadhu situ godha; kanaafis ani akkuman ciiseen nagaatti nan rafa.”
  — Far. 4:8
27👍4🥰2
Maatii jaallatamoo, bor ganama Waldaa kiristiyaanaa deemna!
24💯3
Yoos harka Waaqayyoo jala of galchaa; Seexanaan immoo mormaa! Innis isin dhiisee in baqata*. [ Yaq 4:7 ]

Halkan Gaarii♡
15🥰4
Kaayyoo Dhabuu 🎯


Kaayyoo dhabuun mallattoolee baay'ee qaba. Yeroo akka lolaatti fiigaa darbu dantaa dhabuudhaan dabarsuun agarsiiftuu isaa isa tokkodha.

Waan hunda karoora malee akkuma dhufeen hojjechuun bifa isaa isa biraati.

Ija jabeessa nu harkisu hundumaaf "tole" jechuun, kabaja diddaa sirrii ta'e dagachuun - tuuta waliin yaa'uun, bifa kaayyoo dhabuu kanaati.

Yeroo kaayyoo dhabnu, miirri akka meeshaa ta'uu nutti dhaga'ama; qilleensi darbuufi qaxxaamuru hundis golee hundatti nu buusa.

Bakki nuti dhaabbannu hundi iddoo dhiibbamnee geenye ta'a; imaltoota kallattii qaban hin taanu .

- Gash Nigussie Bulcha


| Like👍| Share & | Join:➡️@gwp_media
14

Ani Waaqayyo gooftaan kee, 'Iddoo ati dhaqxu hundumaatti sii wajjinan jiraatii ati cimi, ija jabaadhu, hin sodaatin, hin na'inis!' jedhee si hin abboomnee ree?" jedhe.”
— Iya. 1:9


Guyyaa Gaarii fam🤍
20🙏1
Abdii qabdanitti gammadaa; rakkina obsaa; Waaqayyoon kadhachuuttis cimaa*!
- Rom 12:12
19🙏5
Siimson wanta ija isaatti tolu duukaa bu'uudhaan ifa foon isaa (ija isaa) dukaneesse; Nuyis hawwa ija foon keenyaa qofa yoo sooraa jiraanne, oolee bulee argituu ija hubannaa lubbuu keenyaa dhabna. Calaqqeen miiraa - kan fedha foonii yeroof ta'e, Ifa hafuuraa barabaraa haguuga.


Yaada ofii fedha fooniitti hidhuun du'a in fida; yaada ofii fedha hafuuraatti hidhuun garuu, jireenya, nagaas in fida*. (Rom 8:6)

☆ JOIN AND SHARE:
https://t.me/gwp_media
❤‍🔥16💯32
📖 Ibiroota 7: 23-25
23 Luboonni warri duraa sababii du'aniif hojii isaanii itti fufuu waan hin dandeenyeef, namoota baay'eetu luba ta'e.

24 Inni kun garuu bara baraan waan jiraatuuf, lubummaa isaa hojii dhaabataa godhee qabeera.

25 Kana irraa kan ka'es, inni yeroo hundumaa isaaniif kadhachuudhaaf waan jiraatuuf, warra karaa isaa gara Waaqayyootti dhi'aatan hamma dhumaatti fayyisuu in danda'a.

☆ JOIN AND SHARE:
https://t.me/gwp_media
12