Gofaree
206 subscribers
27 photos
6 videos
43 links
This Channel is an Official Telegram Channel of Gofaree!
Download Telegram
Filannoo kenyaan ala akkuma pilaaneetii kana gubbaa dhufne filannoo kenyaan ala asirraahiis deemna.

➽ Si_Fayyaddi_Dubbisi.

Sooreysa tokkootu ture. Sooreysi kun bay'ee dhukkubsate, turtii isaa addunyaa kanarraa xumuratee deemuuf akka gahees tilmaame. Yeroo du'aaf qarqara gahetti siree isaa irra ciiseeti yeroo dhumaatiis eegdota isaatti waa dhaammachuu akka barbaadu dubbate.
Eegdota isaa ofitti yaameeti akka du'uu maluus itti himeeti du'a isaa booda yeroo gara awwaalchaa deemaniin wantoota godhamuu qabu waa sadi adda baasee dhaammate;- Akkas ja'een;-
#1. Doktoroonni ciccimoon sanduuqa reeyfaa kan gaafa awwaalcha koo ba'achuu qabu..
#2. Qabeenyi ani horadhe (qarshii, warqii, albudoota gati jabeeysa) hanga bakka awwaalcha koo ga'utti daandiirratti faffaca'uu qaba...
#3. Harki koo sanduuqaan alatti bahee mul'achuu akka qabu, kana jachuun harki sooreysichaa sanduuqa reeyfaa keysaa gara alaatti rarra’uu qaba, namoonni hundi akka ilaaluuf yaadeeti.

Sooreysi kun waa sadeen kana eega dhaammate booda eegdota isaa keysaa tokko dhaamsi Mootichi dhaammate kun isa ajaa'ibe. Eega du’een booda gaafa awwaalcha isaatti maaliif wantoonni sadeen kun raawwatamuun akka isaaf barbaachise battalumatti gaafate.

Sooreysichi yaada egduu isaa irraa dhiyaateef deebisaa yoo kannu akkas ja'e:
#1. "Doktoroonni ciccimoon sanduuqa koo baatanii gara lafa awwaalchaatti akka hiriiran wanniin barbaadeef, doktoroonni ciccimon addunyaa kanaa nama guyyaan isaa gahe humna ittiin lubbuu du'arraa oolchan fi humna ittiin du'aa fayyisan hin qaban waan taheefi." Kan uume, kan jiraachisu fi kan ajjaasu Rabbi qofa, wanti Rabbii gadii hundi sababaafi.
#2. "Daandiin hanga iddoo awwaalcha kootti jiru qabeenya kootiin akka golgamuun barbaada kaniin ja'eef namni hundi hammamillee beekkamaa ykn qabaataa tahees qabeenya ykn meeshaa qaqqaalii lafa irratti argamu argees hanguma isaaf kanname qofa lafa irra tura." Qabeenyi addunyaa gubbaatti hafa malee namaa wajjiin hin awwaalamu.
#3. Harki koo qillensa keeysa ykn sanduuqa reyfaan ala akka turu kaniin barbaadeef namoonni harka duwwaa gara addunyaa kanaa dhufnee akka hubatanii fii addunyaa kana irraahiis harka duwwaa akka deemnu akka hubatuufi.
Itti fufuun dureeysichi xumura turtii isaa biyya addunyaa irratti kennaa tokkoon isiniif kanna narraa fudhachuu ni dandeeysanii? jachuun eegdota isaaf gaafii dhiheeyse. Eee ni fudhanna ja'aniin eegdonniis. "Qabeenyi gati jabeeysi yeroodha! yeroo hanga addunyaarra jiraachuuf isiniif kannametti fayyadamaa hojii gaarii hojjadhaa, waan qabdaniin nama hin qabne gargaaraa' ja'ee inniis addunyaaraa deeme.

Kan namni dhalate hundi irratti hin waarre addunyaan galma keeysummootaati. Pilaaneetii lafa ja'amu kana gubbaa jiraachuuf yeroon nuti qabnu gabaabduudha, yeroo gabaabduu kana keeysatti haaluma dandeeysuun hojii gaarii Rabbi fi namniis namarraa jaalatu hojjachuun sababa asirratti argamaniif beekuudha.

Inni tokko gamoo ol ijaareeti mana bareedaa keeysa jiraata. Faallaa kanaa namni biraa dahoo roobaa dhabaaf 'Yaa Rabbi natti hin roobin' ja'ee Rabbitti waywaata. Yoom bineensi na nyaata ja'eeti sodaa wajjiin jiraata. Inni tokko konkolaataa gatii qaalii jijjiiratee ittiin deema, faallaa kanaa kan miila qullaa deemuus jira, kan miiluma saniihuu hin qabne akkasumaan wilchar hin qabnees jira.

...

Qalbii, qabeenya, humna fi yeroo qabduun rakkataa naannoo kee jiru gargaari. Tola namatti ooli.

#Rabbiif galanni haa gahu. Nama godhee kan si uume, fayyaa guutuu siif kannee jiraachisee arraan kan si gahe, qalbii waa agartu siif kannee barreeyfama kana dubbisuu kan si dandeeysise . . . Afaan beeytuun Rabbiif galata galchi.

#Alhamdulillah

Yoo sitti tole qofa #Share godhi.

@Gofaree
1🍾1
1
Walooma Iid al-Adha

Salaata Jamma'aa.
Muslimoonni naannoo tokko jiran iddoo tokkotti walitti qabamaniiti jammaan salaata. masjiidota ykn bakka salaataa murtaa'etti salaata addaatiif walitti qabamu. Salaata fi Kadhannaan waloo dirree salaataa irrattii kun miira tokkummaa fi waliin ta’uu, miira dhiifama fi rahmata waliin kadhachuu fi waliif godhuu guddisa.

Hudiyyaa (Wareega baasuu)
Gochi wareega baasuu kun (yeroo baay'ee hoolaa, re'ee ykn gaala) aarsaa godhuun, ajaja Rabbiif of kennuu fi karaa keenya kan tahe guyyaa kana barbaachisummaa wareega baasuuti. Foon kun maatii, hiriyoota fi namoota rakkataniif kan raabsamu yoo ta’u, arjummaa fi gara laafina, waliif jireenya, rahmata waliif qabaachuu kan cimsuudha.

Walgahuu Maatii.
Maatiin walitti dhufuun waliin ayyaaneeyfatu. Kanaaniis kan wal yaade yaada wal baha, kan addaan fagaate wal barbaada, kan dhiyoo fagoo du'aa'ii waliif godha. Hudiyyaas tahee nyaata ayyyaanaa waliif qooduun namoota jaallannu waliin guyyaa ayyaanaa dabarsuun miira hawaasummaa fi gammachuu maatii jiddutti guddisa.

Sadaqaa.
Guyyaa Iid al-Adha kana hojiin sadaqaa kannuu ni jajjabeeyfama. Namoota rakkataniif kennuun qajeeltuu ayyaanichaa yoo ta’u, namoota harka qalleeyyii tahan fi dadhaboo ykn miidhama qaban guyyaa kana gargaaruun Rabbiif galata galchuudha. Qabeenyaas tahee fayyaa Kan namaaf kannuus kan nama dhoorkatuus Rabbi tahuu ragaa bahuudha. Guyyaa Eid al-Adha kana namni Rabbiin waa itti kanne yoo nama hin qabneef qoodu gara laafina fi duudhaa wal deeggarsa guddisuudha.



Eid Mubarak
1
Forwarded from Gofaree (Sam)
3
Guddummaa fi Fakkeenyummaa Itoophiyaa Itti Fufsiifna!

Bara 2011 kan jalqabe Hojiin Ashaaraa Magariisaa waggaa jalqabaa kanatti biqiltuu biliyoona 4 ol dhaabame keysaa guyyaa tokkotti biqiltuun mil 200 dhaabamuuf karoorfamee biqiltuun miliyoona 400 ol dhaabamee addunyaa irratti record haaraya tahee galmaayee jira.

Muummeen Ministeeraa Itoophiyaa Dr. Abiy Ahmed tarsiimoo Ashaaraa Magariisaa bocanii kan labsan yoo tahu waamicha Muummichaa lammiileen hundi fudhachuun hojiirra oolchanii Itoophiyaatti seenaan hajjatamee jira.

Adooleysa 22 2011 (July 29, 2019) recordiin Indian qabamee ture kan itti cabe Itiyoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 400 gahu dhaabuun riikardii addunyaa galmeeysite. Taateen addaa kun qondaalota mootummaa federaalaa hanga gandaatti, barattoota dhaabbiilee barnootaa olaanoo hanga sadarkaa 1ffaatti, daldaltoota fi dafqaan bultoota, Hojjattoota mootummaa fi miti mootummaa akkasumaas dhaabbiilee, qonnaan bultoota, fi tola ooltota dabalatee lammiileen Itoophiyaa miliyoonaan lakkaa’aman dhiibbaa jijjiirama qilleensaa waloon qolachuufi itti fufiinsa naannoo guddisuuf Ashaaraa Magriisaa duula Itoophiyaa Haa Uwwisnuu sochii guutuu biyyaatti taasifamu irratti akka hirmaatan taasiseera.
Waggaa tokkoffaa jalqabbii Ashaaraa Magariisaan Itiyoophiyaanonni biqiltuu biliyoona 4 ol dhaabuun, ka'uumsatti record addunyaa qabachuun kaayyoo sagantichaa milkeeysanii jiru.

Sochiin Itoophiyaa Magariisaan uwwisuu wagga waggaan kan itti fufee jiru tahee hanga ammaatti biqiltuun bil 27 ol Itoophiyaatti dhaabamuu danda'ee jira.

Haaluma wal fakkaatuun bara kanaas biqiltuu bil 7.5 dhaabuuf qophiin gahaan godhamaa kan jiru yoo tahu Itoophiyaa Magariisaan uwwisuu olitti sochii dhiibbaa jijjiiramni qilleensaa addunyaa irratti geeysisaa jiru xiqqeeysuuf Itoophiyaan godhaa turtee fi jirtu kan dinqisiifatan dhaabbiilee gurguddaa dabalatee hoggantoonni biyyoota gara garaan badhaasa fi beekkamtiin Itoophiyaaf kennamaa turee jira.

Muummichi Ministeeraa Itoophiyaa Dr
#AbiyAhmed tarsiimoo jiruuf jireenya lammiilee biyyaa jijjiiruu fi jijjiirama qilleensaa salphisu Inisheetiivii #AshaaraaMagariisaa bocuun hojiirra oolchuu isaatiin Badhaadhina Itoophiyaa bira darbee dhala namaa dabalatee lubbu qabeeyyii addunyaa kana irra jiran hundaaf nageenya waaraa itti fufiinsa qabu mirkaneysuuf hojii lammiilee hunda hirmaachisu hojjatee hoggansa milkaa'ina guddaa gonfate tahuun dinqisiifannaa fi badhaasa gara garaas argatee jira. Akkasumaas biqiltuu dhaabuun Itoophiyaa record dorgomaa hin qabne gonfachiisee jira.

Biyya keenya waggoota 5n darbanitti biqiltuu biliyoonotaan lakkaawamu Dhaabuun badhaasa fi beekkamtiin argame kanneen armaan gadiiti.

1. Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Sagantaa Egguumsa Naannoo (United Nations Environment Programme - UNEP).
- UNEPn Inishiyeetiiviin Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa kunuunsa naannoo fi jijjiirama qilleensaa hir’isuuf gumaacha guddaa taasiseef beekamtii kenneera. Daarektarri olaanaan UNEP, Inger Andersen Muummee Ministiraa Itoophiyaa Dr Abiy Ahmed galateeyfachuun, "Dr Abiy lammiilee isaa sochoosuun hojii naannoo deebisanii misoomsuufi jijjiirama qilleensaa ittisuuf hojjataniin Itoophiyaan biyya tokkittii fakkeenyummaa qabduudha, Addunyaan kutannoo fi tarkaanfii hoggansaa fi lammiilee Itoophiyaa kana irraa waan baay'ee barachuu dandeeysi" jechuun ibsaniiru.

2. Gamtaa Afrikaa (African Union - AU).
- Gamtaan Afrikaa Ityoophiyaan Inishiyeetiivii Ashaaraa Magariisaa (Green Legacy Initiative) dursituu ta’uu isiin galateeffachuun, saboota Afrikaa birootiif Itoophiyaan fakkeenya ta’uus ibseera. Dura taa'aan Gamtaa Afrikaa, Muusaa Faakii Mahamat yaada kennaniin, Itiyoophiyaan Inishiyeetiivii Ashaaraa Magariisaatiin fakkeenyummaa qabaatte dinqisiifachuun Tattaaffiin kun itti fufiinsa naannoo guddisuu qofa osoo hin taane tokkummaa fi miira tumsa walooma ummataas kan guddisuudha ja'anii biyyoonni Afrikaa biroos fakkeenyummaa Itoophiyaa akka hordofan waamicha dabarsanii turan.
3. Waltajjii Diinagdee Addunyaa (World Economic Forum - WEF).
- Waltajjiin Diinagdee Addunyaa hojiin Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa itti jirtu eeggumsaa fi itti fufiinsa naannoo tumsuuf tarkaanfii bu’uuraa ta’uu beeksisee jira. Hundeeysaa fi Dura ta'aan WEF, Klaus Schwab "Inishiyeetiiviin Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaatti hojiirra oole humna tarkaanfiin waloo qormaata jijjiirama qilleensaan addunyaa mudate furuu keeysatti qabuuf agarsiiftuudha. Milkaa'inni jalqabbii kun hoggansa mul'ataa fi kutannoo Itoophiyaan hegeree itti fufiinsa qabuuf qabduuf ragaadha." Jachuun dubbatee jira.

4. Badhaasa Magariisaa Addunyaa (Global Green Awards - GGA)
Itoophiyaan duula Ashaaraa Magariisaan hojii bosana deebisanii dhaabuun hojjatteen kunuunsa naannoo irratti jijjiirama guddaa argamsiiftee Badhaasa Magariisa Addunyaa [Global Green Award] badhaafamtee jirti. Badhaasichi dhiibbaa sochiin Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa qulqullina qilleensaa fi bishaanii fooyyeysuu, dhiqama biyyee hir’isuu, fi misooma itti fufiinsa qabu bu'ura jabaa irratti gad dhaabuu irratti qabuuf beekamtii kennuuf tahuu himanii jiru.

Kanneen armaan olitti maqaa dhahuuf yaalle dhaabbiile gurguddoo badhaasa fi beekkamtii kennan muraasa yoo ta'u Hogganoota hojii Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaaf Beekkamtii kennan muraasni kanneen armaan gadiiti.

1. António Guterres Barreeysaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii:
- "Inishiyeetiiviin Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa fakkeenya piroojaktii bu'aa addaa addunyaaf gumaacheeti. Lammiilee miliyoonaan lakkaa'aman sochoosuun biqiltuu biliyoonaan lakkaa'aman dhaabuun hojiin hojjatame Itoophiyaan lafa ishee deebisuun misoomsuuf qofa osoo hin taane tarkaanfii haala qilleensaa addunyaa mijjataa taasisuuf fudhatame, itti fufiinsa nageenya addunyaa keenyaaf gumaacha olaanaa godhaa jirtuudha. Injifannoo kutannoo hoggansaa fi lammiilee isiitiin argatteef Ityoophiyaan baga gammadde." Jachuun dubbatan.

2. Deevid Malpass Pirezidaantii Baankii Addunyaa:
- "Inishiyeetiiviin Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa kunuunsa naannoo fi misooma itti fufiinsa qabu murteeysuu keeysatti tarkaanfii adda ta'eedha. Baankiin Addunyaa Itiyoophiyaan hooggansa mul'ataa fi hegeree magariisaaf of kennee hojjatee hojjachiisu qabaachuu isiitiif ni galateeyfata. Inishiyeetiiviin milkaa’ina guddaa gonfate kun biyyoota addunyaa biroofiis ibsaa, abdii fi kaka'umsaati." Jachuun dubbatan.

3. Ibraahim Thiaw Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Barreeysaa Olaanaa Konveenshinii Gammoojjii Ittisuu (UNCCD):
- "Inishiyeetiiviin Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa piroojektii murteeysaa manca'iinsa lafaa fi bosonaa ittisuu fi deebisanii misoomsuu irratti xiyyeeyfatu qofa osoo hin taane meeshaa guddaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaa addunyaa irraan gahaa jiru qolachuu danda'u tarkaanfii jijjiiramaa yeroon barbaadduudha. Milkaa'inni jalqabbii kun barbaachisummaa hoggansa cimaa fi hirmaannaan hawaasaa bulchiinsa lafaa fi qilleensa mijjataa itti fufiinsa qabuu murteeysuuf qabu kan nu hubachiisudha. Bu'aan Itoophiyaan kutannoo hoggansaa fi lammiilee isiitiin galmeeysite dhuguma kan galateeyfamuudha." Jachuun dubbate.

4. Qu Dongyu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Daayrektara Olaanaa Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa(FAO):
- "Itoophiyaan karaa Inishiyeetiivii Ashaaraa Magariisaatiin itti fufiinsa naannoof kutannoon qabdu addunyaaf fakkeenyummaa guddaadha. Itiyoophiyaan Biqiltoota biliyoonaan lakkaa'aman dhaabuudhaan wabii nyaataa guddisuu, jireenya lammiilee bu'uraan fooyyeysuu, humna dhiibbaa jijjiirama qilleensaa dandamachuu horachaa jirti. FAOn bu'aa olaanaa kana galmeeysuun badhaafamtuu tahuu isiitiin Itoophiyaan baga gammaddan jedha." Jechuun Waltajjii sirna badhaasaa Muummee Ministiraa Itoophiyaa Dr Abiy Ahmed irratti dubbatee jira.

Beekkamtii fi Badhaasni Sadarkaa idil-addunyaa
...
Inisheetiiviin Ashaaraa Magariisaa Muummicha Ministeeraa Itoophiyaa Dr.Abiy Ahmadiin bocamee hojiirra oole kun qormaata jijjiirama haala qilleensa biyyaaleysaa qolachuu qofa osoo hin taane tarkaanfii haala qilleensaa idil-addunyaa waloo kan akka Waliigaltee Paaris fi Galma Misooma Itti Fufiinsa Qabuu (SDGs) kan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii wajjin kan walsimudha. Galmoota haala qilleensaa addunyaatiif gumaacha ijoo Inishiyeetiiviin Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa qabu kan Beekkamtii fi badhaasa argamsiisaa jiruu ijoon:

#Dhaabbiin Biqiltuu Hamma Kaarboonii toohachuuf barbaachisummaan isaa:
-Sochiin karooraan fi itti fufiinsaan biqiltuu dhaabuu kun erga jalqabame biqiltuu biiliyoona 25 ol dhaabuudhaan dandeeytii lafti Itoophiyaa kaarboon daayi’oksaayidii qilleensa keeysaa tohachuu danda’uu haalaan guddiseera.
- Mukkeen/Biqiltuun kaarboonii sooratti, kaarboon daayi’oksaayidii baay’ee kan of keessaa qaban yoo ta’u, kuniis ho’ina addunyaa salphisuu fi waliigala gaazota qilleensa keeysa jiran hir’isuuf gargaara.

#Heddumina Lubbu qabeeyyii fi Tajaajila Sirna Ikoo Cimsuu.
-Inishiyeetiiviin Ashaaraa Magariisaa lafa manca’e deebisuuf kan xiyyeeffatu yoo ta’u, kunis gosoota biqiltootaa fi bineensota adda addaatiif tajaajila bakka jireenyaa mijjataa kennuudhaan heddummina lubbu qabeeyyii guddisa.
-Heddumminni lubbu qabeeyyii fooyya’uun itti sirna ikoo murteeysuu keeysatti gumaacha kan qabu yoo ta’u, dhiibbaa jijjiirama qilleensaa wajjin haala walsimuu jiraachisuu danda’a.
-Uwwisni bosona dabaluun tajaajila sirna ikoo naannoo, kan akka madaala bishaanii, gabbina fi eggumsa biyyee, fi qulqullina qilleensaa ni fooyyeysa. Tajaajiloonni kun madaallii ikoloojii eeguu fi oomishtummaa qonnaa deeggaruuf barbaachisoo fi murteeysoodha.

#Dandeeytii Haala Qilleensaa Toohachuu ~ Dhiibbaa Jijjiirama Qilleensaa Salphisuun:
-Bu'aan Inishiyeetiivichaa madaala lafaa, gabbina biyyee fi marsaa bishaanii eeguun dhiibbaa jijjiirama qilleensaa kan akka dhiqama biyyee, gammoojjummaa fi taateewwan gara garaa jijjiirama haala qilleensaa hamaan uumamuu danda'aniin dhufu salphisuuf gargaara.
-Uwwisni bosonaa lolaa guddateen dhiqamuu qabeenyaa fi gogiinsa maqsuu keessatti haala mijjataa uumamaa kan uumu yoo ta’u, kanaaniis hawaasaa fi bu’uuraalee misoomaa balaaf saaxilamoo ta’an ni tiksa.

#Waliigaltee Paaris deeggaruun
Itoophiyaan qaama imala Badhaadhina dhugoomsuu kan ta'e hojii Ashaaraa Magariisaa hundee walii galtee Paarisiin akka wal simutti uwwisa bosonaa haalaan dabaluudhaan hoo'i addunyaa digrii seentigireedii 2n akka gad bu'uuf adda durummaan biyya hojjachaa jirtuudha

#Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Sustainable Development Goals (SDGs) kan tarkaanfachiisu.
*Sustainable Development Goals SDG-13: Climate Action
-Inishiyeetiivichi jijjiirama qilleensaa fi dhiibbaa inni geeysisu ittisuuf tarkaanfii hatattamaa fudhachuudhaan SDG-13 kallattiin kan deeggaruudha. Biqiltuu bal’inaan dhaabuun gaasiiwwan qilleensa faalan hir’isuu fi humna dhiibbaa jijjiirama qilleensaa dandamachuu guddisuu keeysatti tooftaa ijoodha.
*SDG-15: Life on Land:
-Inishiyeetiiviin Ashaaraa Magariisaa bulchiinsa fi kunuunsa bosonaa itti fufiinsa qabu ni jajjabeeysa, gammoojjummaa ni hir'isa, manca’iinsa lafaa dhiqama biyyee ni hambisa, heddummina lubbu qabeeyyiitti haalota balaa tahan ni daangeeysa, kana fi kan kana fakkaataniin Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Galma Misooma Itti Fufiinsa Qabu SDG-15 ni deeggara.
*SDG-11: Sustainable Cities and Communities:
-Tattaaffiin dhaabbii biqiltuu magaalaa magaalonni haala mijjataa guddina ariifachiisaa galmeeysuuf qaban qixaan akka fayyadaman qormaata jijjiirama qilleensaa irraa dandamachuu akka danda’an gochuudhaaf SDG-11f gumaacha olaanaa qaba. Mukkeen naannoo magaalaa qulqullina qilleensaa fooyyeysa, dhiibbaa ho’aa ni hir’isa, qulqullina jireenya jiraattotaa ni utuba.
#Fakkeenyummaa Hoggansaa
-Milkaa’inni Itiyoophiyaan Inishiyeetiivii Ashaaraa Magariisaatiin argatte biyyoota biroo qormaata walfakkaataan qarqabamanii jiraniif moodeela kaka’umsaa ta’ee tajaajila. Inishiyeetiiviin kun bosona bal’inaan deebisanii dhaabuun kan danda’amuu fi biqiltuun dhaabame jireenya fayyaaleysa bocuuf faayidaa guddaa kan qabu ta’uu agarsiisa.
-Hojii Ashaaraa Magariisaan beekkamtii fi badhaasa idil-addunyaa kan argate Ityoophiyaan tarkaanfii jijjiirama qilleensaa addunyaa toohachuu irratti hooggansa addunyaaf furmaata tahe biyya qabduudha. Addunyaa irratti lammiilee miliyoonaan lakkaa'aman sochoosuun biqiltuu biliyoonaan lakkaa'aman dhaabuun addunyaa irratti seenaa boonsaa kan hojjate Muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahmad Inishiyeetiivii Ashaaraa Magariisaa biyyoonni bay'een Itoophiiyaa irra muuxannoo qooddatanii hojiirra oolchuu akka jalqaban hoggansa bu'ura kaayeedha.

Itoophiyaan biyya biyyoota addunyaa kessaa biqiltuu dhaabuun record qabattee, dhiibbaa jijjiiramni qilleensaa dhaqqabsiisaa jiru ejjannoo hoggansa fi ummata isiitiin qolachuuf qabduun addunyaa irratti biyya leellifamaa jirtuudha.

Itoophiyaan Afrikaa keysaa biyya takkittii birmadummaa isii wareegama lammiilee isiitiin eeggatte tahuun seenaa bonsaa biyya qabduudha. Kanaaniis birmadummaa biyyaa fi bilisummaa lammiilee kabachiisuuf fakkeenya fi kaka'uumsa biyyoota afrikaa bay'eef tahuu dandeeysee jirti.

Itoophiyaan akkuma kaleeysa fakkeenya fi kaka'uumsa kan biraaf ta'aa turte har'aas sochii Biqiltuu dhaabuun itti fufiinsa nageenya naannoo mirkaneysuu fi qormaata jijjiirama qilleensaa qolachuuf taasisaa jirtuun addunyaa irratti biyya fakkeenyummaan isii hordofamaa jiru taatee jirti.

Dhaloota Dhufuuf Ashaaraa Keenya Har'uma Haa Keenyu!
Record Keenya Ofumaan Haa Haaroomsinu!
Guddummaa fi Fakkeenyummaa Itoophiyaa Itti Fufsiifna
!

Sadam Abdi
Waxabajjii 26 2016
Dadar Oromiyaa
1
Kaleeysa, Kibxata bara darbee 2016 dabarsitanii Roobii bara haarayaa 2017 baga nagayaan geeysan.

Kaleeysi bara darbe, har'i bara haaraya.
Fageenyi Kibxata kaleeysaa fi Roobii Har'aa jidduu jiru garaa garummaa sa'aa osoo hin tahin garaa garummaa waggaati.

Kaleeysi bakka irraa baratani malee bakka itti baratanii miti. Bara 2016 hanqinni koo maali? Bara 2017 maal jijjiiruun qaba? Maal fooyyeeysuun qaba? Maali bara 2016 wantiin hojjachuu qabu garuu hin hojjatin hafe? Rakkoon na qunnamehoo? Bara 2017 maaliin sirreeysuu qaba? ... Bara haaraya fooyya'iinsa haarayaaf qophaa'ummaa qabnuun simachuu qabna.

Baga bara 2017 nagayaan geeysan.
'𝐊𝐚𝐧 𝐎𝐝𝐚𝐚 𝐤𝐞𝐞𝐧𝐲𝐚 𝐦𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐦𝐮𝐫𝐞𝐞𝐭𝐮 𝐦𝐚𝐭𝐚𝐚 𝗢𝗱𝗮𝗮𝐫𝐫𝐚𝐚𝐧 𝐦𝐚𝐫𝐠𝐮𝐮 𝐝𝐚𝐦𝐛𝐢𝐢𝐭𝐢𝐢𝐟 𝐬𝐚𝐛𝐚𝐛𝐚 𝐭𝐚'𝐞!'

Duubni dummucoo tanaa👉👇

Daddabaa karaa irra dhufnee irratti dura deemaan keenya darbe dubbiin dabaan harkaa baatee dhabne malee daangaan keenya hanga galoo galaana diimaatti.

Kan darbe seenaadha. Seenaan bakka irraa barannu malee sheenaa nuuf tahuu hin qabu. Haala itti as geenyeetu seenaadha malee wanti haalicha kessatti dhabne seenaa tahee hin hafu.

Akkaan tahuus akka maleen kan kaleeysa karaan dabee nutti cufamuu hulaa galaanaaf sababa tahe dura ciisaan san keenyaa miti jachu baannuus shiraa fi sharriin baandaa duuba jiraachuun isaa ifa.

Marsiin baandota qindeeysuun lolaaf nutti dhuftuus abboonni keenya salphisanii dachaasaanii turan.
Dirree Lolaa Iftoohaa, Lola Eeguu, Lola Abbaaguu, Lola Dooyaa Goflee (Dirree Goflee) fi kan biroo irrattiis abboonni keenya baandota gibtsii salphisanii deebisanii jiru.
Shirri qindaawe walitti daddabalamee hulaa galaanaa nutti cufuus balbala galaanaa qabaachuu irraa humna abjuu keenya ajjeesuu hin dandeenye. Har’a hulaa galaanaa dhiheenyatti shiraan dhabne sirnaan deebifachuuf tarkaanfiin mootummaan Itoophiyaa duriif qaama har'a garuu biyya ollaa keenyaa kan taate Somaliland wajjiin walii galtee seena qabeeysa mallatteeysee jira.

Baandaan har'a yeroo ta seenaa itti dhiifnee waan shiraan dhabne deebifachuu haala nu dandeeysisu hariiroo sirnaa obboloota ollaa keenyaa waliin toolfannettiis boqonnaa malee wal gurmeeysee nurratti hojjachuuf yaalaa jira.

Kan fedhe mufatuus waan shiraan dhabne sirnaan deebifachuuf akkuma abboota keenyaa nu dhaloonni har'aas hanga dhumaatti wareegama barbaachisu hunda kafaluuf qophaa'ummaa guutuu qabna.

Kan nageenya lammiilee isaatuu eeguu dadhabbiif Raayyaan keenya eggumsa godhaafii jiru mootummaan somaaliyaa marsii fi eritiraa waliin MoU gufachiisuuf baddaa gaara bahaa jira.

Alsiisiin filmii directora malee taatota qofaan hojjatamu barreeysee hassan sh/mamadiif kan kanne yoo tahu bakkuma 70moota jirutti dhaabbatee waan hafe kan fakkaatu jaarsi eritiraa isayyaasiis shira mallas zenawii waliin Itoophiyaa irratti dalage umrii dheereysuuf kolkolee waliin dhawaa rooba keeysa dhukkee kaasaa jira.

Ijaarsa Hidha Guddicha Laga Mormor xumurree dhiheenyatti ni eybifna.
Giddu Gala Bahaatiin addunyaan kan walitti nu baasu buufata doonii guddicha Baha Afrikaatti ni ijaarra.

Waan dubbiftaniif galatoomaa.

𝑌𝑜𝑜 𝑖𝑠𝑖𝑛𝑖𝑡𝑡𝑖 𝑡𝑜𝑙𝑒 𝗦𝗵𝗮𝗿𝗲 𝑔𝑜𝑑ℎ𝑎𝑎


@Gofaree
Jaarsi #Somalia daawwannaa hojiitiif #Egypt galanii jiru jachuun CGTN Africa tu gabaase. Bulchaan #Somalia kun #Cairo kan gahan Yeroo MM 🇪🇹 Dr Abiy Ahmed waltajjii Gamtaa #BRICS hirmaachuuf #brasil galanitti. Dhiheenya Parlaamaa irratti #GERD fuulbana akka eybifamu MM dubbachuun isaa kan isaan rifachiise akkam taanaa marii shiraaf akka walbarbaadan shakkiin hin jiru.

Durees Itoophiyaaf gammadanii kanneen hin beekne 🇸🇴 fi 🇪🇬 yeroo Itoophiyaan waan gammachuu dhageeysiftu isaan walbarbaadanii booyuun amaluma isaaniiti.

Yeroo Itoophiyaan gammaddu warri gaddu walitti dhufanii booyuu danda'u malee shira kamillee shiran gammachuu Itoophiyaanotaa borcuu hin danda'an.
Beeksisa kana Torbee 1 duran beeksisuuf ture garuu Risk waan qabuufan dursee ibsuu barbaade

Account keessan Kanneen Akka Linkedln akkasuma Master card garagaraa Verify gootanii gurguruun yeroo hedduu risk ni qaba!

Kunis Sababa Namoonni heedduun Waan kana scam dhaf barbaadaniif

Account sun isin hin barbaachisu yoo tahes namni biraan account keessan bitee yoo scamming ittiin hojjete Account keessan ugguramuu fi account biraa banuu isin dhorkuu dandaha

Fakkeenyaaf Namni Likedln isaa gurgure tokko yoo Ban tahe lammata deebihee maqaa sanaan account biraa banuu dhabuu dandaha!

Yeroo Kamuu Account keessan yeroo Gurgurtan Ykn kireessitan Risk akkanaa akka jiru beekuu qabdu!

KYC'n bakka kamittuu yeroo 1 qofa waan taheef!


Wantoonni Hedduun yeroo opportunity gaarii isinitti fakkaatanitti waan kamuu nama isin dura jiru gaafachuu hin dagatinaa!


@Gofaree
4
Namni Ijji Qalbiitti Qooytu Qofti Haa Dubbisu!

Humna irra caalaa keenya saffisaan booji'uu kan qabu bareedinni qaama alaa qabeenya yerooti.
Wanta tokko bareedaadha kan si jachisiisu ulaagaa tarreeysitu bay'ee qabaachuu dandeeysa. Haa tahuu malee bareedinni nama tokkoo kan gaarummaan isaa hawwattummaan isaa nama san bira kutee qaamaa qalbii nama biraa keeysattillee hanga'ee mul’achuu danda'uudha. Kana jachuun qaama ulaagaa bareedinaa nama tokko ibsuuf tarreeysinu sanii tahuu dhiisuu danda’a.
Bareedinni dhugaa Ofittummaa, oftuulummaa fi wallaala qabeenya fi carraan haguugee namaaf dhokse keeysa osoo hin tahin Beekkumsa, Gaarummaa fi Qajeelummaa hiyyummaan dhokse keeysatti humna itti fufiinsaan jiraachuu qabaatee kan argamuudha.
Sammuu boqonnaa qabdu fi dhuma isaa bareedaa taasisuuf jiraattu qabaachuutu bareedina. Faallaan kanaa Oftuulummaa, ofittummaa fi beekaa-wallaalli Addunyaa hiikkamaa keeysatti sammuu hidhamaa baadhatanii jiraachuudha. Gaarummaa, Qajeelummaa fi Namummaa qabaachuun haala walxaxaa keeysattillee boqonnaa sammuu qabaachuu kan tahe bareedina gati qabeeysa jachuunii dandeenya.

Har'a namni dhiiraa bareedina isaa murteeyfachuuf mataa molaawe rifeensa irratti magarsuuf waa meeqa dibata maallaqa guddaas baasa. Hawwatamaa tahee mul’achuuf faashinii fi addunyaa faallaa uumamaa hordofa.
Yoom kana qofa gariin sansankaa qaama isaa irraahuu hin jirre suuraa isaatti horuuf dhiphata. Gariin hamma maqaa isaa mataan isaa kan hin geenye yeroon humna oftuulummaan ofdagachiiftee jallina dalagaa oola.

Opsa qabaattanii barruu koo kanneen dubbisaa jirtan Jechaan yoon mucucaadhe dhiifama naaf godhaa eenyullee mufachiisuuf miti. Aniyyuu Moluu dhoksuuf waa meeqaan uffachaa jiraa.
Wantoota kana fakkaatan bay'ee tarreeysuun ni dandayama. Har’a kaniin dubbachuu barbaade waa'ee kana miti. Imaammadhee jechaan tarreeysee ibsuu kaniin barbaade waa'ee waliif gaarummaati. Waa'ee bareedina addunyaa qaama gubbaa osoo hin tahin barbaachisummaa bareedina keeysooti.

Bareedinni keeysoo maaliin ifa jattanii na gaafattan tahu baatullee; Bareedinni keeysoo calaqqisiisa qalbii qulqulluu nama tokkooti. Dhaabbata, furdina ykn akkaataa uffannaa fi of-qabiinsa isaan olitti Namni tokko keeysaan yoo bareedu amala fi gocha isaa keeysatti gaarummaa fi namummaa qajeelummaatu irraa calaqqisa.

"Addunyaa naannoo kee jirutti hawwataa tahuu kan dandeeysu addunyaa keeysa kee jiru wajjiin yoo nagaya taateedha!"

Bareedinni qaama gubbaa qabeenya yerooti. Bareedinni bara baraan jiraatu hawwattummaa namoota si ilaalanitti qabaattu osoo hin tahin Ilaalcha gochaa fi jecha gaarummaa fi qajeelummaa keetiin horattuudha.

Irra baay'een keenya bareedina gubbaa irratti xiyyeeyfana. Kun keeysaan of tuffachuudha. Oftuulumaa, ofittummaa fi jallinaan guutamnee osoo jirruu hawwattummaa keenya gubbaa irratti xiyyeeyfanna yoo tahe keeysaan of tuffachaa gubbaan hawwattummaa qabaachuuf dhama'aa jirra jachuudha. Ilaalchonni akkasii nama naannoo keenya jiruus tahee mataa keenya miidhuutti nu geeysa. Kana malees galgala keenya fokkisa.

Namana; Bareedinni ilaalcha. Uffata jijjiirrachuun dura ilaalcha kee akka addunyaa naannoo kee jiru wajjiin haala gaariin si deemsisutti jijjiiri. Qaama kee alaa kunuunsi, garuu keeysoo keetiis of bareechi. Nama dhugaa fi amanamaa ta’i, garaa qulqulluu qabaadhu, namootaaf waan gaarii yaadi, haalota hundaaf ilaalcha gaarii qabaadhu. Of jaaladhu, hamma of jaalattuun olitti namoota biroofiis yaada gaarii qabaadhu.

'Bareedina ykn fokkina wanta tokkoo kan murteeysu ilaaltuu osoo hin tahin Ilaalcha!'
Ilaalchi ati namoota fi haalotaaf qabdu kan galgala kee balleeysu osoo hin tahin gaarummaa fi qajeelummaan isaa haalarra dabree halaalatti bareedaa tahee kan mul’atu tahuu qaba.

Guduunfaa koo;- "Rabbiin nama pilaaneetii kana gubbaa dhufee jiraate hunda akka hojii isaatti galata galchuufii hin oolu. Firii gaarii murachuuf shanyii gaarii haa facaafnu."

Asumaa jalqaba, yoo sitti tole kana share godhi. Xiqqaatuus yaaduma koo kana share godhuun kunilleen gaarummaa tahuu danda'aa.
2
~ ☆@Gofaree
Waan dubbiftaniif galatoomaa.

Humna Jechaa Kan Murteeysu Miira Itti Barreeyfamu Osoo Hin Taane Miira Itti Dubbifamuudha.

Yoo isinitti tole share godhaa
'Namoota beekuun ogummaadha, of beekuun immoo hayyummaadha!'


@Gofaree
Bara Waliin Asirra Jiraannu ...

Namni bay'een guyyaa namni isatti dhiyaatu ykn ollaan ykn aanteen ykn firri ykn hiriyaan isaa du'e ni booya, ni iyya, ni gadda. Eega du'uun nama tokkoo si gaddisiisa tahe dhalachuun isaa si gammachiisuu qaba jachu baadhuus jireenya isaatu si gammachiisa jachuudha. Sababni nama guyyaa inni du'e boochu san guyyaa inni dhalate namni gammadee dhiichise hin turre taha.
Maalillee ta'u du'a nama tokkoof iyyitee gadooddee gadda sitti dhagayame ibsatta yoo tahe ati du'uun nama sanii si hin gammachiifne jachuudha.

Namana; namni ati duuti isaa akkasitti si dhukkubse wabii jiraachuu isaaf ta'uuf wanti ati goote maali? Nama jiraachuu walii hin feene, kan wal biratti rakkatu, kan osoo dandeeysuu waan dandeeysuun, osoo qabduu waan qabduun, osoo beeytuu waan beytuun gargaaruu dhiiftee guyyaa inni du'e kan ati boochu, mataa gad qabattee kan ati gadditu gammachuu moo gadda du'uu isaatu sitti dhagayamaa jira?

Yoon isinitti dheereyse dhiifama naaf godhaa. Isinitti dheereysuuf fedhii hin qabuun ture, Yaada koo waan natti dhagayame barreeyfamaan tattaraaree ibsachuu olitti aadaan barreeyfama dhedheeraa dubbisuu nama keenyaa da'iifa tahuu beekee barreeyfama koo gabaabsuuf osumaan yaalu yaaliin kiyyaas dheerina barreeyfama kiyyaa dabalaa jira. Akkuma nama tokko tokkoo keeysan bira qaamaan jiruutti waan isin hifachiisu barreeysee isin dadhabsiisuu kiyyaaf dhiifamaan isin gaafadha.
Ana dabalatee isinuu miidiyaa hawaasaa kana irraa wanti fayyadamaa jirru hin jiru, nama hojii hin qabne kan nama hojii qabuuf hojii dabalataa uumaa jirru tahuu irraa kan hafe. Kana jachuun irra caalaan nama asirra jirruu waan lafarrattiis tahee asirratti hojjannee galii argachaa jirru kan hin qabne waan qabnu miidiyaa kana bu'aa malee fayyadamuuf baasaa jirra. Eega kun kana tahe barruu koo kana dubbisuun kee si fayyada malee sin miidhu. Anaaf gammachuun yaada koo barreeysee ibsachuudha male Like ykn Share na godhuu namootaaf niyadhee miti. Like Ykn Share ykn Comment godhuun na jajjabeeysa, garuu kana godhuu dhabuun hamilee kiyya hin cabsu.

Aniis, atiis hundi keenya fedhii keenya malee addunyaa kanarra dhufne, hamma jiraannu beeku baannuus akkuma fedhii keenya malee addunyaa kanarra dhufne fedhii keenya malee asirraa akka deemnu ni amanna. Akkamitti eeysatti yoom akka deemnu immoo hin beeknu. Yeroon nuuf kenname dangeeyfamaadha, yaa obboleeysa yaa obboleeytii 'dhalachuu fi du'uu namaa irratti qooda qabaachuu hin dandeenyu. Kan nuti humna irratti qabnu bara waliin pilaaneetii lafa ja'amu kana gubbaa jiraachuuf carraa qabnu kanatti wabii jireenyaa waliif tahuu qofa.' Yoo nama namummaa isaan waan dandeenyuun yeroo barbaachisaa tahetti gargaaruu hin dandeenye jireenya lafarraa dhaabuu isaaf gadduun keenya kan calaqqisiisu waan waliif waliin jiraachuu qabnuuf wallaaluudha.

Nama dhalachuu isaatti gammachuu nutti dhagahame ibsachuu fi guyyaa inni du'e booyuu caalaa bara inni lubbuun jiru waan dandeeysuun bira dhaabbachuutu gatii qaba.
Dhaloota keeysattiis hojii gaarummaa akkasiitu hundee namummaa fi gaarummaa bu'ura jabaa irratti gad dhaaba.

Mee fakkeenya biraa hin barbaadin, ati kan post kana dubbisaa jirtu nama meeqa kan guyyaa inni du'e boochu kan osoo inni jiruu waan qabduun waan dandeeysuun gargaarte? Kan nama fayyadu osoo addunyaa irra yeroo waliin jirru waan dandeenyuun wal gargaaruudha.

Haadha, Abbaa, Obboleeysa, Obboleeytii, Hiriyaa, Aalii Ollaa keeysan kan du'e yoo jiraate Rabbi jannata haa kannuuf. Kan jiru fayyaa guutuu kanneefii umrii isiniif haa dheereysu! ~ Aammin.


Dogongorri qubee yoo jiraate na ofkalchaa.

Waan dubbiftaniif Galatoomaa.

Yoo isinitti tole Share godhaa.

@Gofaree
2🔥1👌1
Omar Arta ja'ama. Mucaa Soomaaliyaati. Murteysaa waldorgoommii kubbaa miilaa amanamaa fi muuxannoo dheeraa qabu ja'ameeti beekkama. Kanarraa ka'uun murteeysaa World Cup 2026 🇺🇸 🇨🇦 fi 🇲🇽n waliin tahuun qopheeysan irratti akka hirmaatu FIFAn gara Ameerikaatti afeere. Haa tahuu malee Ameerikaan lammii Soomaaliyaa tahuu isaa qofaan akka gara biyya isii hin seenne uggurte.

Omar Artan uggura Ameerikaan afeerraa FIFA irraa kan hafe yoo ta'u gara biyya isaa Somaaliyaatti deebi'uuf dirqame. Dheengadda Moqaadishootti lammiileen Somaaliyaa tarkaanfii Ameerikaan Dargaggeeysa kana irratti fudhatteen mufatan fi ilma isaanii jaalatan simannaa bareedaa godhaniif.

Amma Oduu gammachuutu dhagayame.
UEFAn waldorgoommii #SuperCup2026 PSG Fi Aston Villa jiddutti gaggeeyfamu irratti murteeysaa taphaa akka tahuuf filatamee jira.

#FIFA2026 irraa Ameerikaan uggurtee waltajjii addunyaatti argamuu hanqiftuus UEFAn Super Cup 2026 irratti murteeysaa taphichaa tahuun waltajjii addunyaa irratti akka dhiyaatuuf carraa kanneefii jira.
🔥1🏆1
🚨 Of-Eeggannoo !

Dhiheenya hanna pro max jachuun yoo moggaafne itti hin xiqqaanneetu karaa miidiyaa hawaasaa, addatti Telegram irraan fayyadamtoota irratti raawwatamaa jira. Namoota baay'ee irraas miidhaan gahaa akka jiruutu himama. Addunyaa dijitaalaa tana keeysatti karaan balaa irraa itti wal eegnu tokko odeeyfannoo waliif qooduudha. Kanaaf ergaa armaan gadii kana xiyyeeyfannoodhaan dubbisaa, waliifiis qoodaa.

Hattoonni (Hackeroonni) link gara garaa qopheeysaniiti telegram kessan premium godhachuu yoo feetan link kana fayyadamaa, 🌟 yoo barbaaddan link kana seenaa argadhaa, isin hin darbin jachuun gad lakkisan. Hiriyaa kee ykn namoota ati lakkoofsa bilbilaa isaa qabdu irraa link gara garaa akka waan siif ergameetti sitti dhufa. Yoo link san click goote nama ati Lakkoofsa bilbila isaa qabdu hundaaf ergaan akka si gahee akka waan ati forward gooteetti ergama. Battalumatti telegram kee si harkaa bahee jira.

Achi booda maaltu taha? Si fakkaatanii ergaa gara garaa namootatti ergu. Fkn: maqaa fi fakkii keeysaniin fayyadamanii, akka waan isin rakkoo cimaa keessa jirtanii fi hatattamaan qarshiin isin barbaachisetti fakkeessuun, namoota isin beekan hundumaa qarshii gaafatu. Namoonni garraamiin hedduunis isinumatu rakkatte se'anii qarshii isaaniif ergaa jiru. Wanti kun namoota tokkoo fi lama qofa osoo hin taane, namoota hedduu mudatee jira.

Kana qofaa miti, bot fi link hannaa gara garaa fayyadamanii account telegram ketiin saamicha gaggeeysu. Kanarratti odeeyfannoo bal'aa isiniif qooduuf nin yaala.

Gocha kana irraa of eeguuf tarkaanfiilee of eeggannoo armaan gadii fudhachuun dirqama.

Hundu dura, linkii isiniif ergame kamiyyuu tasuma hin tuqinaa! Linkiin sun hiriyaa keeysan isa garmalee amantan irraa yoo dhufellee, dura bilbilaan dubbisaatii mirkaneeyfadhaa. Yookiin ammoo, linkiin sun kan sirrii ta'uu fi dhiisuu isaa adda baafachuuf Artificial Intelligence (AI) ykn namoota beekan gaafadhaa mirkaneeyfadhaa.

Dabalataan, nageenya account keeysanii eeggachuuf filannoo 'Two-Step Verification' jedhamu Telegram keeysan irratti dirqama on godhadhaa (Settings > Privacy and Security > Two-Step Verification). Kana gochuun, namni biraa password isin qofa beektan malee account keeysan seenuu hin danda'u. Akkasumaas, bakka 'Devices' jedhu seenuun Bilbilli isin hin beekne kan account keeysanitti fayyadamaa jiru yoo jiraate 'Terminate' gochuun keeysaa baasaa.

Kana hunda caalaa gaarummaan ergaa kana waliif qooduudha.

Gaarii waliif yaaduun asumaa jalqaba waan taheef barreeyfama kana group telegram qabdu hundatti forward godhaa.


®️Gofaree
🎉4❤‍🔥2
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
በአፍሪካ የመጀመሪያው ትልቁ አየር መንገድ

🎯የዛሬ ድካም ለነገ ታሪክ ነው። ዛሬ የሚተከለው መሰረት፣ ነገ ለሚመጣው ትውልድ የሚተርፍ የኢኮኖሚ ሉዓላዊነት ነው። ዓለም በጂኦፖለቲካና በኢኮኖሚ ሽኩቻ በምትናወጥበት በዚህ ዘመን፣ ኢትዮጵያ መልሷን እየሰጠች ያለችው በተጨባጭ መሬት ላይ በሚታይ ልማት ነው።

💥110 ሚሊዮን መንገደኞችን የሚቀበል ማዕከል መገንባት ማለት የዓለምን የንግድና የጉዞ ፍሰት ወደ መጋዘናችን ማዞር ማለት ነው። ትግላችን ስልቱን ቀይሯል ሳይንሳዊ፣ ስልታዊ እና ውጤት ተኮር ሆኗል። የዛሬው የስራ ትጋት፣ የነገው የኢትዮጵያ የከፍታ ማረጋገጫ ነው።


#ዐብይ_አህመድ

@Gofaree
3❤‍🔥2🔥1🙏1