Sadarkaa Zikriin Rabbii qabu
★★★★★★★★★★★★★★★
Zikriin ibaadaa hojjachuun isaa salphaafi mindaan isaa baay'ee guddaa ta'eedha. Zikrii jechuun qalbiin Rabbiin yaadataa arrabaanis Isa faarsuu dha. Mee akka Rabbiin zikriitti ajajeefi warra zikrii faarse ilaalaa:
Rabbiin ol ta'e ni jedhe: “na yaadadhaa; anis isinin yaadadha. Na galateeffadhaa natti hin kafarinaa.” (Albaqaraa: 152). “Yaa warra amantan yaadannoo baay’ee Rabbiin yaadadhaa.” (Al-Ahzaab: 41)
“Dhiirolee baay’ee Rabbiin yaadataniifi dubartii Rabbiin yaadatan, Rabbiin araaramaafi mindaa guddaa isaaniif qopheesseera.” (AL-Ahzaab: 35)
“Lubbuu kee keessatti gadi of qabaafi sodaataa, sagalee ol hin fuudhaminiin ganamaafi galgala Gooftaa kee faarsi. Dagattoota irraas hin ta’in.” (Al-Anfaal: 205)
Jechootii Ergamaa Rabbii (SAW) armaan gadiis mee ilaalaa:
Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “fakkeenyi nama Rabbii isaa yaadatuufi isa Rabbii isaa hin yaadannee fakkeenya jiraataafi du’aati.” Bukhaariifi Muslimtu gabaasan.
Ammas Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “Dhaga’aa! Mee caalaa hojii keessanii, Rabbii keessan birattis akkaan qulqulluu, sadarkaa keessanis kan akkaan ol kaaftu, warqiifi meeta sadaqachuurra kan isiniif caaltuufi isin diina keessan qunnamtanii morma isaanii rukutuufi isaan morma keessan rukutuu irra kan isiniif caalu isinitti himuu?” Eeyyee jedhan. “Inni zikrii Rabbii ol ta’eeti” jedhan.
Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “Rabbiin ol ta'e ni jedha: ‘ani bakka gabrichi kiyya itti na yaaden jira. Ani yeroo inni na yaadate isa waliinin jira. Yoo inni lubbuu isaa keessatti na yaadate lubbuu kiyya keessattin isa yaadadha. Yoo inni jamaa’aa keessatti na yaadate jamaa’aa isaan caalan keessattin isa yaadadha. Yoo inni taakkuu natti dhihaate dhundhuman itti dhihaadha. Yoo inni dhundhuma natti dhihaate harka guutuun isatti dhihaadha. Yoo deemaa natti dhufe sussukkiinin isatti dhufa.”
Abdullaah bin Busr irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: namni tokko “yaa Ergamaa Rabbii sharii’aan Islaamaa narratti baay’attee waan ani qabadhu natti himi” jedhe. Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “arrabni kee Rabbiin zakkaruu irraa hin qoorin.”
Ammas Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “kitaaba Rabbii irraa namni qubee tokko dubbise mindaa qaba. Mindaan immoo fakkii isii kudhaniin kaffalamti. ‘Alif Laam Miim’ qubee tokko hin jedhu; garuu Alif qubeedha Laamis qubee Miimis qubeedha.”
Uqbaa bin Aamir irraa odeeffamee (ra) ni jedhe: Ergamaan Rabbii (saw) osoo nuti warra suffaa keessa jirruu nurratti bahanii “isin keessaa eenyutu guyyaa hundaa gara Buxhaan yookiin Aqiiq dhaqee haala yakkaafi firooma kutuu hin qabneen gaala gooba dhedheertuu lama fudhatee dhufuu jaalata?” jedhan. “Yaa Ergamaa Rabbii sana ni jaalanna” jenne. Ergamaan Rabbii (saw) “tokkoon keessan gara masjidaa deemee kitaaba Rabbii irraa aayata lama barachuun yookiin qara’uun gaala lama irra isaaf caala; sadii gaala sadii irra caala. Afuris gaala afur irra caala. Gaala lakkoofsa hanga isaanii ni caalu.”
Ammas Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “namni taa’icha tokko taa’ee isa keessatti Rabbiin hin zakkarin hoongoon Rabbiin biraa ta’e isa mudata. Namni ciisicha wahii ciisee isa keessatti Rabbiin hin zakkarin gaabbii Rabbiin biraa ta’etu isarra jiraata.”
Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “ummanni taa’icha isa keessatti Rabbiin hin zakkarreefi Nabiyyii irratti rahmata hin buusin taa’an hoongoon Rabbi biraa ta’e isaan irra jiraatu malee hin hafu. Rabbiin yoo fedhe isaan adaba yoo fedhe isaaniif araarama.”
Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “ummanni taa’icha isa keessatti Rabbiin hin zakkarre irraa ka’an akka waan raqa harree irraa ka’aaranuu ta’an malee hin hafan. Gaabbiin (sheenaan) isaan irra jiraata.”
Zikrii keessa kan salaata boodaa, akkasumas kab ganamaafi galgalaa akka hin daganne. Bu'aan jaraa himamee hin dhumu. Osoma yakka hanga oomocha galaanaa qabaattee sirraa harca'a.
Barnoota viidiyoo akka argattaniif YouTube kiyya kana Subscribe godhaa:
https://www.youtube.com/channel/UCboBLPHVeSqHTOnsobJfpYg

Chaanaalii obboleessa kiyyaa kana join godhaa. Nama barnoota guddaa isiniif kennuu danda'uudha.
@Muhammadsalih2020
@Muhammadsalih2020
Muhammadsalih Kadir:
As.Wr.Wb.
Raajii Raajii caalu (Miracle of Miracles)
Raajiiwwan Qur’aanaa fi Hadiisaa (الإعجاز العلمي في الكتاب والسنة)
Akkuma beekamu Qur’aanni keenya kitaabota Rabbiin biraa qajeetuma/qajeelfama ummataatiif nabiyyootaa/ergamoota irratti buufaman keessaa kan xumuraati. Akkasumas Nabi Muhammad (SAW) nabiyyootaa fi ergamtoota (AS) Rabbiin ummataaf gara biyya lafaatti erge keessaa isa xumuraati.
Qur’aanni kun kitaabota Rabbiin biraa buufaman hunda kallattii adda addaatiin caalee argama. Nabi Muhammadis (SAW) wantoota baay’eedhaan Rabbiin Nabiyyoota biroo irra isaan caalchise. Wanta isaan ittiin Nabiyyoota duraa caalan keessaa innii tokko Raajiin isaanii Qur’aana kana tahuudha.
Raajiin isaanii kan inni Raajii nabiyyoota duraanii hunda caalee argameef inni guddaan Raajiichi Qur’aana tahuu fi Raajiiwwan Qur’aana keessaa bara baraan qormaataaf dhihaatee qormaata hunda darbuun jaarraa hunda keessatti, garee hawaasaa hunda biratti (beektota, qorattootaa fi xiinxaltoota hunda) fudhatama qabaachuu isaati.
Raajiin Nabiyyoota biroo hundi yeroo isaanii qofa argamee darbe. Hawaasa yeroo Sanaa qofatu arguu danda’a. Ummata boodaa isaaniitiif, yeruma sanayyuu namoota iddoo sanatti hin argamneef oduudha malee qabatamaan arguu ykn qoratanii irra gahuu hin danda’amu.
Qur’aanni kun kan bara baraan hanga guyyaa Qiyaamaatti hawaasa addunyaa hunda tajaajilu waan ta’eef, kitaaba sadarkaa jijjiiramaa fi guddina addunyaan kun keessa dabartu hunda dhaqqabatee keessummeessu ta’uu isaa Rabbiin waan beekuuf Raajii Qur’aanaa kan jaarraa hunda keessummeessuu danda’uu fi hunda injifachuu danda’u godhee erge.
Yeroo Qur’aanni kun buufamu (jaarraa 14 dura) dagaagina Afaanii fi ogbarruutu (Language and Literature) iddoo guddaa qaba ture. Ummanni Arabaa gahumsaa fi danddeetti afaaniitiin waldorgomu turan. Qur’aanni gama ogbarruu fi dagaagina afaaniitiin gurguddaa fi hayyoota muummee Afaan Araba ta’an injifatee afaan qabachiise! Isaan harka kennachiise! Qur’aanni kun hanga ammaatti kitaabota dugda lafaa kana jiran keessaa dagaagina afaaniitiin lakkoofsa tokkoffaa irratti argama. Boodattis kan isaan dorgomu hin dhufu.
Sana boodas walduraa duubaan haalli guddinaa fi dagaagina ummata addunyaa jijjiiramaa dhufee bara “Saayinsii fi Teknooloojii” geenye. Jaarraan 20ffaa fi 21ffaan bara dagaaginni Saayinsii fi Teknooloojii sadarkaa guddaa irra gahe tahuun beekama.
Raajiiwwan Qur’aanaa bara kanas injifannoo isaa boonsaa ta’e akkuma itti fufetti jira. Qur’aannii fi Hadiisni Nabi Muhammad (SAW) dhugaalee saayinsawaa (Scientific facts) hedduudhaan waan guutameef Saayntistoonni Addunyaa gara garaa, kanneen dameelee saayinsii ammayyaa gara garaatiin iddoo guddaa gahan dhugaalee saayinsawaa kan saayintistoonni jaarraalee dhihoo ykn waggaa Kurna dhihoo keessa qorannoo yeroo dheeraatiin booda irra gahan Qur’aana keessatti jaarraa 14 dura dubbatmuu isaa yeroo dhagan ykn argan raajii guudaa isaanitti tahuun kan Islaamummaa fudhatan hedduudha. Piroofeesar keez Moor (Keith Moor- embryologist) akka fakkeenyaatti kaasuun ni danda’ama.
Kanuma irraa ka’uudhaan anis gama kootiin Rajiiwwan Qur’aannii fi Hadiisni dameelee barnootaa ammayyaa gara garaa irratti qabu, kanneen qorannoo saayinsii ammayyaatiin mirkana’ani, Hubannoowwan dogoggoraa (misconceptions) namoonni gariin Islaamummaa irratti qabaniif deebii kennuu fi kkf isin biraan gahuuf waanan hawwii qabuuf peejii armaan gadii “Subscribe” gochun na hordofaan affeerraa kiyya.
- Telegram:
https://t.me/Muhammadsalih2020
Galatoomaa!
Via Muhammadsaalih Kadir

Sadarkaa sahaabonni Nabiyyii (SAW) qaban
★★★★★★★★★★★★★★
Sahaabonni Nabiyyii (SAW) ummata jaarraa biraa irra Islaamatti dursuudhaan, isa ol qabuuf jecha qabsaa'uufi ummatatti isa dhaqqabsiisuudhaan caalaniiru. Isaan jalqaba nama Rabbiifi ergamaa Isaatti amaneeti. Yeroo Islaamni keessummaa ta'ee jiru amanan. Yeroo cinqii qabsaa'an. Ogummaa gaariidhaan gara Rabbiitti waaman. Lubbuufi qabeenyas ni wareegan. Diinummaa firaafi ormaa irrattis ni obsan. Sababa kanaa caalinniifi sadarkooleen baay'een isaaniif walitti qabamte. Isaanis:
- Gara Islaamaatti dursuu
- Yeroo rakkoo obsuu
- Nabiyyiin (saw) saahiboomuu
- Godaansaafi qabsiisuu
- Amantii tumsuufi qabsaa'uu
- Barumsaafi hojii keessatti duree ta'uufi
- Amantii ummataan dhaqqabsiisuu fa'i.
Ragaan caalinaafi sadarkaa sahaabotaa akeeku baay'eedha. Isaanis:
Keeyyattoota Qur'aanaa kan hojii gurguddoofi gaggaariidhaan isaan faarsuu, milkii guddaafi jaalala Rabbii kabajamaa ta'ee waadaa isaaniif seenuun dhufteedha. Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Muhammad ergamaa Rabbiiti. Warri isaa wajjin jiranis kuffaara irratti ciccimoo, gidduu isaanitti immoo wal mararfatoo dha. Tolaafi jaalala Rabbii barbaachaaf rukuu’aafi sujuuda kan baay’isan argita. Mallattoon isaanii faanaa sujuudaa irraa ta’ee fuula isaanii keessa jira. Sun fakkeenya isaanii kan Tawraat keessaati. Fakkeenyi isaanii kan Injiil keessa jiru immoo akka midhaan lakkuu isaa baasee isa jabeessee, furdatee, jirma isaa irratti dhaabbatee, facaafattoota jaalachiisuuti. (Wanni akkanatti isaan jabeessef) akka isaaniin kaafirtoota dallansiisuufi. Rabbiin isaan irraa warra amananii gaggaarii hojjatan araaramaafi mindaa guddaa waadaa isaaniif galee jira." (Alfath: 29).
Ammas Rabbiin ni jedhe: "Warri isaaniin (godaantota) dura biyyattii qubannaa godhataniifi Iimaana qabatan, namoota gara isaanii godaanan ni jaallatu. Waan [Muhaajirootaaf] kenname irrattis qoma isaanii keessatti jibbaa tokkollee hin arganu. Odoma rakkoo cimaa qabaataniillee lubbuu isaanii irra (muhaajiroota) filatu. Namoonni doynummaa lubbuu isaanii tiksanis, isaan warra milkaa’oo dha." (Alhashr: 9).
Rabbiin ol ta'e ni jedhe: "Muhaajirootaafi Ansaarota irraas dursitoonni jalqabdoota ta’aniifi warri toltuudhaan isaan hordofanis, Rabbiin isaan irraa jaalateera. Isaanis Isa irraa jaalatanii jiru. Jannata ishee jala laggeen yaatus kan ishee keessatti hafan ta’anii isaaniif qopheessee jira. Kun milkii guddaa dha." (Attawbaa: 100). Warri Rabbiin isaaniif waadaa kana seene kun akka isaan yoomuu amantii kana hin gadhiifne Rabbiin beekeeti. Inumaa Islaama irratti du'u. Yakka irraa wanta hojjatan irras hin turanu. Achumaan isa tawbachuutti qajeelfamu. Waan isaan dhugaan tawbatanuufi hojii gaarii yakka isaanii haqu waan qabaniif Rabbiin tawbaa isaanii ni qeebala.
Hadiisa baay'eetu kan sadarkaa isaanii akeeku dhufe. Isaanis: Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: ) "Sahaabota kiyya hin arrabsinaa; Rabbii isa lubbuun kiyya harka Isaa jiruun kakadhee, tokkoon keessan odoo warqii fakkii gaara Uhudii saddaqateeyyuu hanga isaan ganaa (shanacha) tokko yookiin walakkaa isaa kennatan hin gahu." Ammas Nabiyyiin (saw) ni jedhan: "caalaan dhalootaa jaarraa kiyya isa ani keessatti ergame." Kan biroos ni jira.
Akkuma walii galaatti amala warra Rabbiin sodaatuu, mu'uminootaafi gaarii hojjattootaa kan Rabbiin Qur'aana keessatti dubbate, faaruun inni isaan faarseefi jajuu ariifataafi turaadhaan kan Rabbiin isaan gammachiise, sahaabonni Ergamaa Rabbii (saw) ummata kana keessaa jalqabaafi irra filatamaa nama isa keessa seenuuti. Sana keessaa isaaniif carraa guutuufi qooda furdaatu jira.
Wantoonni sadarkaa isaanii ragaa bahan kan Qur'aanaafi hadiisa keessa dhufan kan sadarkaan isaanii ol ta'uufi amalli isaanii guutuu ta'uu dubbatan amantii Islaamaa keessatti dhimma dirqamaan beekamaadha.
Kamaafuu Sahaabota Ergamaa Rabbii (SAW) tuquun Islaamummaa namaa rakkoo keessa galcha. Isaan jaalachuufi kabajuunis dirqama ta'a. Rabbiin isaanii wajjin nu haa kaasu.
Barnoota dabalataa argachuuf YouTube kiyya Subscribe gochuu akka hin daganne:

Mallattoolee Qiyaamaa Gurguddoo Kutaa 1ffaa
★★★★★★★★★★★★★★★★★
Akkuman waadaa seenee ture guyyaa Kamisaa mataduree da'awaa tokko isiniif fudhadhee dhihaadheera. Innis mallattoolee Qiyaamaa Gurguddoo kan dubbatu yoo ta'u kutaa lamaan qophaa'e. Kun kutaa 1ffaa dha. 2ffaas isiniifin gadhiisa. Seenaatii daawwadhaa qalbii keenya yeroo ammaa dhimma addunyaa qofaan qabamee gogeef ni fayyada jechuun abdadha.
https://youtu.be/o_eudqgRwKc

YouTube
Mallattoolee Qiyaamaa Gurguddoo Kutaa 1ffaa
Yoo Rabbi jedhe kutaaleen biroos itti fufu.
Mallattoolee Qiyaamaa Gurguddoo kutaa 1ffaa
Seenaa daawwadhaa; maatiifi hiriyootaanis ga'aa.
https://youtu.be/o_eudqgRwKc
Seenaa daawwadhaa; maatiifi hiriyootaanis ga'aa.
https://youtu.be/o_eudqgRwKc
Mallattoolee Qiyaamaa Gurguddoo Kutaa 2ffaa
https://youtu.be/G3oYDB00JAU

مملكة جـما أبا جـفار
★★★★★★★★★★★★★
الحمد لله وحده، والصلاة والسلام على من لا نبي بعده، أما بعد: فهذه معلومات موجزة عن ولاية (جما) الإسلامية.
تقع ولاية (جما) في جنوب غرب إثيوبيا، على بعد 335 كيلو متر من العاصمة أديس أبابا وعدد سكانها 3.2 ملايبن شخص بالتعداد الحكومة 2007 م. وأما الآن حوالي 4 ملايين نسمة تقريبا. وعدد المسلمين فيها تسعون بالمائة. ومدينة (جما) عاصمة جنوب غرب إثيوبيا، هي عاصمة لـ 25 مليون نسمة. فهي موقع بداية وجود البن، وهي تصدر العسل والمواشي والزروع.
بدأ تأسيس دولة (جما) في عهد ملك إسمه أبا فارو(1742 - 1782م) من قبيلة دغو، وبعده إبنه أبا مغال(1782 – 1824م). وبعد موته خلفه إبنه أبا راغو (1824 - 1830)، وبعده سلطان أبا جفار الكبير (1830 – 1854م). وهذا السلطان بدأ ينشر الإسلام في (جما)، وتم في زمنه تأسيس دولة (جما) سنة 1830م، ثم خلفه إبنه أبا رِيبو (1854 – 1858م)، وبعد ما قتل أبا ريبو في غزو مع (غما) أخذ السلطة عمه علي المعروف بـ (أبا بوقا أبا مغال (1858 – 1863م). هذا الرجل له تاريخ عجيب في نشر الدين، بنى ثلاثمائة مسجد وستين مدرسة في فترة ولايته التي لاتزيد مدتها على أربع أو خمس سنوات. وهو الذي أمر جميع سكان ولاية (جما) بالصلاة والزكاة والصوم. ومن بين المساجد التي بناها (مسجد أفرتما) معناه باللغة الأورومية (مسجد الأربعين)، وهو موجود حتى الآن قرب قصر الملك. سبب تسميته بهذا الإسم أن السلطان أبا بوقا جاء بأربعين عالما يصلون الجمُعة معا ويعلمون الناس الإسلام، ولهم جهود كبير في نشر الدين في ولاية جما وضواحيها، ومن أبنائهم الشيخ عبد المجيد الجبرتي الذي كان إماما وخطيبا لمسجد النبوي الشريف قديما.
وبعد موت أبا بوقا خلفه إبنه أبا غمول (1864 – 1878م) وبعده إبنه أبا جفار الثاني
سلطان أبا جفار الثاني (1878 – 1932م)
اسمه محمد بن داود بن علي بن دِنْغِلا ولد سنة ( 1863)م على الراجح، قد قرأ القرآن في صغره على أمه، ودرس التوحيد والفقه وغير ذلك، و صار ملكا لدولة (جما) سنة (1878)م عند ما مات أبوه داود بن علي المعروف بـ"أبا غمول"، وهو ثامن ملك (جما) الإسلامية أو (جما) أبا جفار، وهذا الرجل له تاريخ عجيب وموقف كبير في خدمة الدين وحماية البلد، ومن أهم إنجازاته ما يلي:
أولا: هو أول ملك بنى الرباط في مكة المكرمة أمام الكعبة المشرفة في حي (أجياد)، وذلك عند ما حج ابنه أبا فوغي مع قافلة من أهل (جما)، لم يكن آن ذاك بيت حول الكعبة يأوي الحجاج، ونزل مطر غريز وبرد شديد على الحجاج في ذلك العام وتضرر الحجاج كثيرا. وعند ما سمع أبا جفار هذا الخبر حزن حزنا شديدا وقرر بناء البيت أمام الكعبة ليكون مأوى لجميع الحجاج، وجمع المال خلال ثلاث سنوات وكون لجنة تبني البيت الذي قرر بناءه، وهذا الرباط يحتوي على سبع وثلاثين غرفة وهو على مسافة ثلاثمائة متر من المسجد الحرام. ولكن في الآونة الأخيرةعندما احتاجت حكومة السعودية لتوسيع المكان للمسجد الحرام أزالوا ذلك الرباط وبدلوا مكانه قصرا يحتوي على خمسة طوابق في حي (جَروَل) قرب مستشفى الولادة سابقا.
ثانيا: اشترى أرضا آخر أمام المسجد النبوي وبنى عليها بيتا صغيرا لزوار المسجد النبوي لكن أزالوه الآن وجعلوا ذلك المكان قسم شرطة المدينة.
ثالثا: اشترى أرضا أمام الأزهر الشريف وجعله وقفا لطلاب الأزهر، لذلك خصصوا مكانا لأبنائه وسموه بـ"رواق الجبرتي"، يعني مسلمي حبشة.
رابعا: عند ما احتل منيلك جميع مناطق إثيوبيا الحالية في الثمانينات من القرن التاسع عشر عقد اتفاقية معه وأعطى له الجزية، وبقيت (جما) دولة إسلامية مستقلة داخل دولة الحبشة. ومن العجيب لا يسمح في ذلك الوقت بناء الكنيسة في (جما) ولا يدفن فيها جنازة النصارى، لأنهم لوسمح لهم الدفن لاحتاجوا الى بناء الكنيسة. وبقيت دولت إسلامية الى 1932 م لمدة خمسين عام بعد سقوط جميع مناطق اثيوبيا تحت حكم النصارى. لذلك تسمى هذه المنطقة (جما) الإسلامية.
خامسا: عند ما احتل يوحنا مناطق المسلمين وقرر التنصير الإجباري على المسلمين والوثنيين وقتل كثيرا من المسلمين والعلماء، فر بعضهم الى السودان، وفر أغلب العلماء الى دولة (جما) وآواهم ملكها ونصرهم وزوجهم من أقاربه وأعطى لهم أرضا ووقفا لكي يعلموا أبناء البلد الإسلام، ونشر هؤلاءُ العلماءُ الدين الإسلامي والخير الكثير فمنهم من قطع يدهم اليمنا الإنبراطور (يوحنا)، ولكن عاشوا في (جما) مكرمين تحت رعاية ملكها.
وكان أبا جفار، رحمه الله، يحب العلماء ويجلهم ويقربهم ويشاورهم في شؤون البلد، وكثيرا ما يزوجهم من أقاربه وكان يدعمهم في الداخل والخارج، أما الداخل لا يحصى بالعدد، وكذلك يدعمهم في الخارج، وكان الشيخ حبيب الله في زمنه يُقرء في مكة المكرمة، وعند ما سمع أبا جفار خبره أرسل له أوقية كي يستمر على تعليم الدين، وكان يعتق العبيد بكثرة خاصة في رمضان.
وجاء بالعلماء من كافة منطقة إتيوبيا عامة ومن الشمال خاصة إلى جما كي ينشروا الدين الإسلامي ويربوا الأول

اد تربية إسلامية، وبنى مساجد لا تحصى بالعدد. وكان يهمه أمر المسلمين حتى في الخارج، كثيرا ما يسأل عن معلومات الدولة العثمانية، وكان بنفسه متدينا بالدين الحنيف، لا تفوته صلاة الجماعة ولو جاء اليه أي وفد، وفي آخر حياته كان يكثر من قول (كل ملك يزول وملك الله لا يزول).
لكن بعد موت هذا الملك العادل نجاشي زمانه ما استطاع أهل (جما) أن يخلِف شخصا آخر، وجاء الإنبراطور هيلا سيلاسي ونقض العهد الذي بين منيلك وأبا جفار وضم دولة (جما) الى إثيوبية الحالية وبنى الكنائس فيها ونشر الفساد والفوضى. وانتقاما لمنع أبا جفار دفنَ النصارى وبناءَ الكنيسة في (جما) اشتد نشاط التنصير فيها وبنوا في ولايتها كنائس لا تحصى، وضغط الإنبراطور هيلا سيلاسي على المسلمين.
لمزيد من الزيادات تابعوني عبر يوتيوب
https://www.youtube.com/channel/UCboBLPHVeSqHTOnsobJfpYg
لكن بعد موت هذا الملك العادل نجاشي زمانه ما استطاع أهل (جما) أن يخلِف شخصا آخر، وجاء الإنبراطور هيلا سيلاسي ونقض العهد الذي بين منيلك وأبا جفار وضم دولة (جما) الى إثيوبية الحالية وبنى الكنائس فيها ونشر الفساد والفوضى. وانتقاما لمنع أبا جفار دفنَ النصارى وبناءَ الكنيسة في (جما) اشتد نشاط التنصير فيها وبنوا في ولايتها كنائس لا تحصى، وضغط الإنبراطور هيلا سيلاسي على المسلمين.
لمزيد من الزيادات تابعوني عبر يوتيوب
https://www.youtube.com/channel/UCboBLPHVeSqHTOnsobJfpYg
Barbaachisummaa Barumsa Seenaa
★★★★★★★★★★★★★★★★★★
Ummanni seenaa isaa yeroo darbee hin beekne maal keessa akka jiru hin beeku; Fuuldurattis maal akka ta'u karoorsuu hin danda'u. Akka jecha warra seenaatti seenaan kaleessa qofa osoo hin taane seenaan hardhaa fi boris of keessatti qabata. Har'a maal keessan jira, bor immoo akkam ta'uun qaba jedhee xiinxala.
Sadarkaa seenaan qabu hubachuudhaaf Qur'aana ilaaluun nuuf ga'aadha. Qur'aanni tokko sadaffaa isaatii ol seenaa Nabiyyootaafi namoota gaggaariitiin, akkasumas kan warra jajallatee badeetiin kan guutameedha.
Barri nuti keessa jirru yeroo ummanni seenaa ishee darbee fi abbootii isheetiin dhaaddataa jirtuudha. Kana malees bara namni isa keessa waan hordofu wallaalee dhamoo keessa jiruudha. Yeroo warri kubbaa miilaa dhiitu urjiitti (star)tti moggaafamee waamamu keessa jirra. Urjiin eenyuma ta'a laata? Akka beektonni jedhanitti akkasumas hadiisa sanadni isaa dadhabaa ta'een akka dhufetti: urjiin ummata kanaa Sahaabota Ergamaa Rabbiiti (SAW). Seenaa Nabiyyootaatti aanee wanti hanga seenaa sahaabotaa iimaana namaaf dabalu, sodaa Rabbii namaaf ida'uufi hidhannoo ummata hundaaf ta'u lafuma irratti argamee hin beeku. Dhaloonni akka sahaabota Nabi Muhammad (SAW) lafa kana irratti yeroo kam keessallee nabiyyii kam wajjinuu argamee hin beeku. Dhugaatti isaan urjiidha. Warri beekumsa isaanii dhaales star hidhannoo ta'uu qabaniidha.
Akka Qur'aanaa fi Hadiisa keessa jirutti urjiin bu'aa gurguddaa sadii qaba. Isaanis: mallattoo ittiin karaa qajeelan, bareeduma samiitii fi shayxaana ittiin ari'uuf tajaajila. Bu'aan sahaabotaa fi ulamootaas kanuma fakkaata. Namni jallataan beekumsa isaanii qabatee karaa isaanii hordofuun qajeela; Namni shayxaanni isarratti moo'e seenaa isaanii xiinxalee shayxaana of irraa ari'a. Yeroo isaan lubbuun jiran keessa immoo isaanuu shayxaana ni ari'u. Kan sadaffaa immoo dachii Rabbii bareechuu dha. Wallaahii! Osoo beektoleen beekumsa dhaalanii fi seenaa Islaamaa hubatan lafa kana irra hin jirree dachii gubbaa taa'uurra du'anii jala isaa ciisuu wayya. Dachiin isaaniin bareedde. Qur'aanni isaaniin dubbata, isaanis qur'aanaan dubbatu. Lafa kana irratti isaan bakka bu'aa Ergamtootaati.
Yeroo ammaa wanti namni ittiin faarfamu wantoota hedduutu jira. Garuu hedduun isaanii amala beelladaati. Fakkeenyaaf namni tokko fiigichaan tokkoffaa ba'e haa jennu. Osoo illeettii ykn saree wajjin fiigee isaan dursuu mitii walakkaa isaanii hin fiigu ta'a. Kan humna guddaa qaba jedhamus walakkaa gaangeefi bineensa biraa hin qabaatu. Warri waan ulfaataa (weight) ol kaasu jedhamanis hanga harree baachuu hin danda'an. Warreen sagalee isaaniitu gaariidha; artistoota jedhamanis hanga simbiraa hin bareedu ta'a. Silaa wanti ilmi namaa ittiin kophaa ba'u inni guddaan sammuun yaadee waa barachuudhaani. Caalaan barnootaa immoo aqiidaatti aanee kitaaba Rabbii (Qur'aana) barachuudha. Inni lammaffaa immoo hadiisa Ergamaa Isaa (SAW) barachuudha. Ergasii wantoota isaan hubachuuf fayyadan kanneen akka Fiqhii, Usuulal Fiqhii, Nahwii fi kkf barachuudha. Barumsi biraa inni guddaan iimaana namaaf dabalu immoo seenaa ummata gaggaarii kanneen dhugaaf qabsaa'anii Rabbiin isaan milkeesse ykn kanneen miidhaa hojjatanii Rabbiin isaan dhabamsiise qoratanii barumsa irraa fudhachuudha. Fkn seenaa sahaabota Ergamaa Rabbii (SAW) qorachuufi kaafiroota warra faallaa isaanii dhaabbatanis xiinxaluun bu'aa guddaa of keessaa qaba. Warra milkaa'etti ni hidhatta; karaa warraa hoonga'ee irraa ni fagaatta. Bu'aalee kanaafi kanneen biroos argachuudhaaf seenaan baay'ee murteessaadha.
Gara biyya keenyaatti yoo deebinus namoota bara Sahaabaa irraa kaasanii amantii Isaaniitiif qabsoo baay'ee qabsa'aa turan, kan seenaa isaanii irraa dhaloonni ammaa bu'aa guddaa argatu baay'eetu jira. Mootoleen Islaamaa Najaashii irraa eegalee hanga dhuma mootii Islaamaa biyya keenya keessa turan Abbaa Jifaaritti kanneen jiran seenaan isaanii osoo sirriitti qoratamee dhaloota bira ga'ee hidhannoo gaarii nuuf ta'a.
Kottaa waliin seenaa keenya haa qorannu. Dhugaafi dhara adda haa baafannu. Kanaafuu sagantaa seenaa kan guyyaa Sabtiifi Alhad

aa (Sambataafi Dilbataa) waadaa seenee ture har'aa kaasee YouTube irratti jalqabeera. Itti fufuu Rabbiin nu haa gargaaru. Barnoota kana waliin hordofuuf YouTube kiyya armaan gadii Subscribe godhaa:
https://www.youtube.com/channel/UCboBLPHVeSqHTOnsobJfpYg
Via Gali Ababor

Barnoota mataduree "Tooftaa Seenaan Keenya Ittiin Haalame" jedhu kana seenaa daawwadhaa. Barnoota guddaa qaba abdii jedhun qaba. https://youtu.be/RY7NKXh6XLA
YouTube
SEENAA KUTAA 1FFAA
SAGANTOOLEE TORBANITTI QABANNE KEESSAA 1 SEWNAADHA KUNOO WAADAA KEENYA EEGUUN ISINIIF QABANNEE DHIHAANNEERRA ISINIS SHARE WALII GODHUUN NAMOOTA BIROOTIIN NUUF GA'AA
Mee sheelolee kana bakka argattan hundatti akka majlisa federaalaatti deebi'anii hojii isaanii hojjatan dhiibbaa godhaa.
Sababoota Maatii Diigan
★★★★★★★★★★
Yeroo ammaa kana sababa xixiqqoodhaan maatiin baay'een diigamuu argina. Sababni xixiqqoon kun akkamitti jireenya maatii kabajamaa kana akka kanatti diiga jechuun baay’ee namatti dhaga’ama. Sababni isaa maali jechuu yeroo gadi fageenyaan ilaallu inni guddaan maatiin sun kan sodaa Rabbii irratti ijaarame ta’uu dhabuudha. Fakkeenyaaf jalqabuma gaa’ila isaaniitiin duraa gurbaafi intalli karaa Rabbiin dhorge baay’ee irratti wal qunnamu. Yeroo nikaan hidhamus wantoota sharii’aa faallessan lakkoofsa hin qabnetu raawwatama. Inni guyyaa cidhaa immoo waan dubbatamee dhumuu miti. Akka Sheekhni tokko jedhanitti sharii’aan ummata keenya biratti kan inni hojiirra oolu hanga guyyaan cidhaatiifi du’aa dhufutti. Yeroo ciini dhufe ajajni Rabbii hunduu diigamee wanti Rabbiin hin jaallanne hunduu hojjatama. Muuziiqaan, isheen heerumtu qullaa manaa bahuun, marii (miizee) jedhanii warra fira hin taane fira fakkeessanii ajaja Rabbii diiguun, bosona adda addaa deemanii waan Rabbiin jibbu meeqaatama achitti dalaguun, qarshiin hammana hin jedhamne achitti gubamee dhumuun, yaa Allaah isa kamin dubbadhee isa kam dhiisa! Yaa Ummata Islaamaa Rabbiin isinitti haa ta’u! Garuu silaa yaa ummata keenya yeroo gammachuu Rabbiin yaadannaan Rabbiinis guyyaa rakkoo keenyaa nu yaadata ture. Mee ummanni guyyaa har’a wal fuudhu badii heddu irratti wal qunname akkamumatti jireenyi isaa fuulduraa milkaa’aa ta’a? Wallaahii jireenya haara galfiifi boqonnaa ta’uu hin danda’u. Kun tasumaa hin yaadamu. Kun mindaa wal madaaluu miti. Mindaan wal madaalu warra ajaja Rabbii irraa gara gale Rabbiin jireenya dhiphoo isa jiraachisuudha. Yoo irra keessi isaa gaarii fakkaatee mul’atellee keessi isaa yoomuu gaarii hin ta’u. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:
وَمَنْ أَعْرَضَ عَنْ ذِكْرِي فَإِنَّ لَهُ مَعِيشَةً ضَنْكًا وَنَحْشُرُهُ يَوْمَ الْقِيَامَةِ أَعْمَى (124) قَالَ رَبِّ لِمَ حَشَرْتَنِي أَعْمَى وَقَدْ كُنْتُ بَصِيرًا (125) قَالَ كَذَلِكَ أَتَتْكَ آيَاتُنَا فَنَسِيتَهَا وَكَذَلِكَ الْيَوْمَ تُنْسَى (126) وَكَذَلِكَ نَجْزِي مَنْ أَسْرَفَ وَلَمْ يُؤْمِنْ بِآيَاتِ رَبِّهِ وَلَعَذَابُ الْآخِرَةِ أَشَدُّ وَأَبْقَى (127)
“Namni yaadannoo (Qur’aana) kiyya irraa garagale, dhugumatti, isaaf jireenya dhiphoo ta’etu jira; Guyyaa Qiyaamaas jaamaa gooneeti isa kaafna. Gooftaa kiyya! Odoon (duniyaa irratti) nama argu ta’ee jiruu (hardha) maaliif jaamaa gootee na kaafte?” jedha. (Rabbiin) ni jedha: “Akka kanatti keeyyattoonni keenya sitti dhuftee, ishee dagatte. Atis hardha akkuma sanitti dagatamta.” Egaa akkuma kanatti nama daangaa dabree, keeyyattoota Gooftaa isaatti hin amanin mindaa isaaf kennina. Adaba Aakhiraatu irra cimaa fi irra hafaa dha.”
Mee namoonni wal fuutan waan cidha keessan ittiin yaadattan Qur'aana akka suuraa Annuur, Nisaa’iifi kkf haffazaa. Hanga suuracha qaraatanuun cidha keessan yaadattanii itti gammaddu. Kan kana haffazdanii jirtanus waan ittiin cidha keessan yaadattan kitaaba tokko waliin qara’aa. Hanga kitaaba sana dubbiftanuun itti gammaddu. Wallaahii inni kun barakaa guddaadha. Odoo kitaaba akka Buluughaa waliin qaraatanii hanguma buluugha dubbiftanuun guyyaa gammachuu san yaadattu. Kun yaada kiyya.
Qabxiin biraa kan jireenya maatii milkaa’u dhorgu immoo yoo gurbaan fuudhu tokko umurii isaa duraanii dheeraa ta’e badii sagaagalummaa (zinaa) keessatti dabarse niitiin isa qunnamtus kanuma akka isaa taati. Odoo ofii nama gaarii hin ta’in niitii gaariin fuudhee jireenya gaarii jiraadha jechuun seera Rabbii diiga. Sababni isaas Rabbiin mindaa gosuma hojii ati hojjattuu irraa siif kaffala. Sababa kanaaf namichi sagaagalummaa irratti umurii isaa dabarse dubartiin itti dhuftus kanuma akka isaa zinaa barbaaddu. Akka imaam Ashaafi’iin jedhanitti namni zinaa godhu yoo maalis duppoo isaattillee ta’a malee zinaan itti godhamuun hin hafu. Rabbiin ol ta'e ni jedhe:
الْخَبِيثَاتُ لِلْخَبِيثِينَ وَالْخَبِيثُونَ لِلْخَبِيثَاتِ وَالطَّيِّبَاتُ لِلطَّيِّبِينَ وَالطَّيِّبُونَ لِلطَّيِّبَاتِ أُولَئِكَ مُبَرَّءُونَ مِمَّا يَقُولُونَ لَهُمْ مَغْفِرَةٌ وَرِزْقٌ كَرِيمٌ (النور:26)
"Dubartoonni badoon dhiirota badoodhaafi, dhiironni badoonis dubartoota badoodhaaf

ta’u. Dubartoonni gaariin dhiirota gaariifi, dhiironni gaggaariinis dubartoota gaariifi. Isaan sun waan isaan jedhan irraa qulqulleeffamoo dha. Isaaniif araaramaa fi kennaa gaarii ta’etu (Jannatatu) jira." (Annuur: 26).
Rabbiin namoota waliin ta’u walitti fida malee waan waliin faallaa walitti fidee hin rakkisu. Akka tasaa walitti dhufuun isaa ni mala. Garuu yoo maalis ta’e waliif hin galanu. Kana immoo seenaa niitolii Nuuhiifi Luux irraa qaraaneerra.
Yoo lamaan isaaniituu kan bakkeetti jireenya hayawaanaa jiraataa walitti dhufan ta’eef ammas jireenyuma hayawaanaa jiraatu. Kana jechuun lamaan isaaniituu maqaadhaaf waliin jiraatu malee bakkeedhaahis waan barbaadan heddutu jira; isheenis nama waliin bakkeetti jiraattu kan biraa qabdi jechuudha. Akka namoonni gariin jedhanitti siree tokko irra nama afurtu rafa. Inni niitii isaa waliin ciisee ishee bakkee yaada; isheenis dhirsa waliin ciiftee isa bakkee yaaddi. Sireen immoo nama afur iddootti baachuu hin danda’u. Garuu nama dhugaadhaan toobatee irraa deebi’e Rabbiin tawbaa isaa ni qeebala. Gariin namoota akkanaa immoo mana isaanii keessatti haadha manaatii ilaaltuu waan Rabbiin jibbu kan akka shiishaa fidanii xuuxu. Isheenis yeroo gabaabaa booda isa xuuxuu jalqabdi. Yaa ummatta Islaamaa kun jireenya maaliiti! Ummanni baay’een immoo haadha manaa teessisee ajnabii wajjin caatii qaamaa oola. Isheen immoo warra taa’ee qama’uuf buna dhaabdee fiddee ajnabiyyaadhuma keessa teessee buufti. Yeroo garii haadha manaa isaas jimaa kana qama'uu barsiisa. Namni akka kanaa isa Ergamaan Rabbii (saw) “dayyuusiin jannata hin galu jedhan keessa seena.” Dayyuusii jechuun isa afaan keenyaan cundhuura jedhamu. Kan maatii isaa badiif afeeru ykn badii irratti argee dhiisuudha. Odoo inni kun jiruu dabalata haadha manaa isaafi ajnabii waliin maka. Isheenis jireenyuma kana isa irraa baratti. Guyyaa inni hin jirres warra kana mana seensiftee waliin qaamti.
Yaa Allaah ummata Muslimaatiif birmadhu. Abbaa manaa waan akkanaa hundaa hojjachuun isaaf hin eeyyamamu. Yoo inni sammuu dhabee nama guurratee dhufee taa’ee jimaa qama'es haati manaa keessummoota kanatti makachuun gonkumaa hin eeyyamamu. Ilmaan isaa ta’anullee waan akkanaa irratti gocha kamiinuu abbaa isaanii deeggaruun hin ta’u. Yeroo haala kanaan badii irraa wal dhorgan Rabbiin jireenya isaanii gara Islaamaatti jijjiiree sirreessuun ni kajeelama.
Haati manaa dhiira keessa dhaqtee teessee buna buusuun jireenya ilma namaa odoo hin taane kan beelladaati. Ergamaan Rabbii (saw) ni jedhan: “dayyuusiin jannata hin galu.” Dayyuusii jechuun nama maatii isaa keessatti badii akka dhiiraan wal makachuu, wantoota nyaachuun hin taane isheedhaa nyaattuu argee kan dhiisuufi kan waan akka shiishaa mana fidee maatii isaa barsiisuudha. Jireenyi akka kanaa yoo maalis ta’ee hin milkaa'u.
Booda kana immoo kan haadha manaafi ilmaan durbaa suuraa kaasee miidiyaa irra gadhiisus guuteera. Akkasumas Maatiin wal ga’ee fiilmii haraama ta’e waliin ilaalu, waan Rabbiin jibbe waliin nyaatuufi waliin xuuxu argameera. Kunis dayyuusummaa sana jalatti ramadama.
Fakkeenyi akka kanaa baay’eedha. Dubbatanii fixuunis baay’ee rakkisaadha. Namni kamuu jireenya mataa isaatiifi kan fuuldura maatii isaa yaadee badii kanneen amma dubbanneefi kan biroo mana keessaa baasuun haadha manaatiifi ilmaan isaa barnoota sharii’aa barsiisuufi ittiin hojjachuutti yoo kaase eeyyama Rabbiitiin jireenyi isaanii akkaan mi’aahaafi kan nama gammachiisu ta’a. Wanti maatiis ta’ee mataa ofii ittiin tiksan inni guddaan ajaja Rabbii jala deemuudhaani. Sana booda immoo wantoota jireenya addunyaatiif barbaachisan qooda ofii argachuuf tattaaffachuunis sababa biraati. Wanti an dhuma irratti ummata hundaanuu amaanaa jedhu mana keenya keessaa badii akka kanaa haa dhabamsiifnu; mana keenya bakka zikrii Rabbii haa goonu malee bakka wanti Rabbiin dhorge keessatti nyaatamuufi xuuxamu, lafa hamiifi komii akka hin taasifne; ilmaan keenya akka barnoota sharii’aafi akkaadaamii barsiifnee doofummaa kana keessaa baafnuudha. Akkasumas dirqama Islaamaa kanneen akka salaataa irratti ilmaan keenya ijoollummaan haa leenjifnu. Wa

liin yeroo hundaa masjida haa deemnu. Ilmaan keenyaaf waan gaarii hunda keessattuu hidhannoo gaarii haa taanu. Haadha manaa keenyas waan gaggaarii haa barsiifnu. Seenaa Islaamaa adda addaa, ahkaama sharii’aafi kkf isaan haa barsiifnu. Warri diishii manaa qabnus sagantaa Qur'aanaafi hadiisa adda addaa isaaniif haa bannu. Kun barakaa guddaa mana keenya seensisa.
Dhumarratti maatii jidduu waanyoon (hisdiin) maatii keessa akka hin galle of eeggannoo cimaa barbaachisa. Innis diigama maatiitiif sababa guddaadha. Kitaabolee wa'ee kanaa dubbataniifi kaasettoota barumsa isaa dabarsan haa hordofnu.
(Via Gali Ababor)
Barumsa dabalataa argachuuf YouTube kiyya Subscribe godhaa: https://youtu.be/RY7NKXh6XLA
Telegraamii kiyyarraas kitaaba buufadhaa dubbisaa:https://t.me/glababor/265

*الجامعه الإسلامية*
تم بحمدالله اليوم تدشين مبادرة التعليم الإلكتروني عن بعد لغير السعوديين بالجامعة الإسلامية وتم إطلاق برنامجين:
الأول/ برنامج بكالوريوس الشريعة
الثاني/ برنامج اللغة العربية لغير الناطقين بها
Arabic_language
for non - native speakers
Islamic_University
Register_now
للتسجيل في برنامج بكالوريوس الشريعة بـ الجامعةالإسلامية عن بعد
من جميع أنحاء العالم:
islamicuniversity.online/index
عند نشرك لهذة الرساله استحضر أنك قد تكون شريكاً لطالب علم في الأجر طوال مدة دراسته، وفيما يبلّغ من العلم للناس.
عربي: https://islamicuniversity.online/faq_ar

Ilaalchoota boodatti hafoo Bu'aa biyyooleessaa rakkoof saaxilan foyyeessuun haa dursu! Kutaa Tokko
★★★★★★★★★★★★★★★★★★★★★
• Yeroo ammaatti Afaan Arabaa adunyaa irratti namoonni Miliyoona 422 ol tahan kan haasawaniifi afaan Hojii jalqabaa biyyoota 22, afaan itti fayyadama mootummaa gamtoomanii fi gamtaa Afrikaa keessaa isa tokko.
• Ministeera haajaa alaa Itiyoophiyaa keessa miidiyaa irratti Arabiffaan maal jedhamaa akka jiru dhagahee namni hubachuu danda'u hin jiru.
• «Muslimoonni Itiyoophiyaa warra Misraatiif ni dhaalchisne malee amantii irraa dhaalle hin qabnu»
• Beekkumsa Afaan Arabaatiin malee seenaa Itiyoophiyaa sirritti hubachuus tahe Afrikaa bahaa irratti bu'aa biyyatti kabachiisuun hin danda'amu.
• Midiyaa guddaan biyyattii <<Masgiida keessa deeggartoota Misraatu jira>> jedhan ja'ee gabaasni dalage ifatti hanga ammaa dhiifama hin gaafanne. Kuni osoo kanaan jiru Dhaabbanni pireesii Itiyoophiyaas waan walfakkatu irra deebiin hojjate.
★★★★★★
Beekkumsa Afaan Arabaatiin malee seenaa Itiyoophiyaa sirritti hubachuus tahe Afrikaa bahaa irratti bu'aa biyyatti kabachiisuun hin danda'amu
★★*************************************★★★
Afaan Arabaa Islaamaa waliin qofa walqabsiisuudhaan ilaaluu kuni ilaalchaa jallataa Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaanoota gatii kafalchiisaa argamuudha. Kitaaboonni Kabajamaan muslimaa koopiin duraa Afaan Arabaatiin tahuun isaa haqa. Garuu Itiyoophiyaa fi Arabiffi karaa amantiitiin dabalatatti yoo xiqqaate ollummaadhaan, galmeelee seenaatiin, carraa hojii uumuu fi dipiloomaasiidhaan dirqama wal qunnamu.
Karaa amantiitiin yoo ilaallu Islaamaan duratti Kiristaanummaan arabaa fi giddu galeessa bahaa waliin hariiroo dursu qaba.
Kiristaanummaa gara Aksum kan galchaniifi beta-kiristaana ortoodooksii Itiyoophiyaa kan jalqabaa kan hundeessan Paappasiin Firiminxoos (Abbaa Salaamaa, Kasaatee Birhaan) baqataa Siiriyaa turan. Itti aanee jaarraa 5ffaa keessa kaaba Itiyoophiyaatti kiristaanummaa ummataaf kan barsiisa godheefi “Qulqulluu Saglan” jedhamuun kan beekkaman abbootiin amantii hundi isaanii baqattoota giddu galeessa bahaati. Baqattoonni kunneen baqatanii gara kaaba Itiyoophiyaatti kan dhufan A.L.A bara 451tti “Yaa’ii Chalkedoon” (Yaa’ii Qaalkidoon bara 443 A.L.H) booda ture.
Baqattoonni abbootii amantii Abbaa Aftsee, Abbaa Aleef, Abbaa Gariimaa, Abbaa Gubaa, Abbaa Liqaanoos, Abbaa Peenxelewoon, Abbaa Tsahamaa, Abbaa Yamaataa fi Abbaa Zamikaa’el Aragaawii fa’a turan. (The Dictionary of Ethiopian Biography, Vol.1, From Early times to the End of the Zagwe Dynasty C.1270 AD, Institute of Ethiopian studies Addis Ababa University, 1975, Pp. 209-210).
Abbootiin amantii kiristaanaa kunneen arraas taanaan ayyaanni waggaa godhameefii leellifamu/ yaadatamu. Yeroo sirna mootummaa Haylasilaaseetti beta-kiristaanni Ortodooksii beta-kiriistaana Ortodooksii Misraa irraa adda baatee hanga yeroo ofiin ofdandeessetti phaaphaasoonni beta-kiristaana Ortodooksii Itiyoophiyaa Araboota Misraa turan. Seenaa beta-kiristaana Ortodooksii keessatti phaaphaasiin Itiyoophiyaa muudamuun isaa patriyaarkiin ammaa Abunamaatiyaas patriyaarkii isa jahaffaadha. Kitaabootaaniis taanaan raajii Maariyaamiifi Kibranagast dabalatee kitaaboonni beta-kiristaana Ortodooksii baayyeen Arabiffaa irraa gara Gi’iiz kan hiikamaniidha.
Walitti hidhata Islaamummaa fi Arabiffaa yoo ilaallu kitaaboonni kabajamoon Islaamaa kan barraa’an Afaan Arabaatiini. Itiyoophiyaa keessatti baqqattoonni Muslimaa kan jalqabaa Araboota yoo ta’anillee gara Itiyoophiyaa baqatanii kan dhufan A.L.A bara 615 beta-kiristaanni Ortodooksii phaaphaasoota Arabaatiin hogganamuu erga eegalte jaarraa sadii guutee waan tureef seenaa dabare yoo dabaluu baanne illee yoo xiqqaate Islaamummaan gara Itiyoophiyaa galuun duratti Arabiffaan Itiyoophiyaa keessatti jaarraa sadii oliif dubbatamaa ture jechuudha. Haa ta’uu malee har’aas taanaan Arabiffa Islaamaa waliin walqabsiisuudhaan afaan Arabiffaa akka afaan Islaamaatti amalli ilaaluu kuni baroota tarkaanfatee har’a illee dhukkuba hamaa hin fayyine tahee Itiyoophiyaa gatii kafalchiisaa argama.
Yeroo ammaatti afaan Arabaa n

amoota miliyoona 422 oliin kan dubbatamuu fi biyyoota 22 keessatti afaan hojii tokkoffaa, akkasumaas afaanoota hojii mootumoota gamtoomanii fi gamtaa Afrikaa keessaa isa tokko. Kuniis tahee haala baayyee nama naasisuun Itiyoophiyaan afaan Arabaa irraa of fageessuudhaan teessoo waajjira guddicha gamtaa Afrikaa fi biyyoota Arabaa baayyee waliin ollummaa kan qabdu tahuun, akkasumaas lammileen ishii miliyoonaan lakaa’aman hojii barbaachaaf akka dursaatti kan imalan gara biyyoota Arabaa tahuun afaan Arabaatiif xiyyeeffannoo guddaan kan irraa eeggamu ture.
Itiyoophiyaan gara biyyoota Ingiliffaa fi Faransaayiffaa dubbatanitti ambaasaaddarootaafi dipiloomaatoonni ergaman hanga danda’ameen afaanicha warra dubbachuu danda’an filuudhaan kan ergitu tahullee gara biyyoota Arabiffa dubbatanitti garuu hojmaatni walfakkaatu hojii irra hin oolfamu. Garuu kan biroo hafee sababa Hidhaa guddicha haaroomsaa Itiyoophiyaa fi Misra giddutti lolli dipiloomaasii yeroo hoo’e kanattillee dipiloomaatoonni Misraa fi lammiileen afaan Arabaatiin miidiyaa biyya isaanii fi biyyoota Arabaa irratti akkasumaas miidiyaa hawaasaatiin duula piroopaagaandaa sobaa oofaa jiran hubatee qaamni deebii kennu hafee “Waa’ee keenyaa maal jechaa jiru?” jedhee caqasuuf illee Ministeera haajaa alaa Itiyoophiyaa keessa afaan Arabaa namni dhagahuu danda’u tokkolleen jiraachuu dhabuu yeroo hubannu akka biyyaatti qabsoo dipiloomaasiitiin qarreen irra dhaabbanne nama naasisa.
Olloonni keenya Suudaan, Jabuutii, Ertiraa fi Somaaliyaa horteen isaanii baayyeen Araba yookaan Qooqni ittiin afaan hiikkaan Arabiffa tahuu baatuus miseensa Liigii Arabaa tahuudhaan yoo xiqqaate waa’ee isaanii waltajjii irratti waan dubbatamu qaamaan argamanii mormu, yaada isaanii ibsatu, ejjannoo isaanii jara biraa fudhachiisu, deeggarsa sassaabbatu akkasumaas bu’aalee kanneeniifi kan biroollee ni argatu. Liigii Arabaa Itiyoophiyaan keessa hin jirre kan Misra miseensummaa qabdu keessatti waa’ee hidhaa haaroomsaa hubachiisuudhaan mootummootni hidhaa haaroomsaa irrati ejjannoo Itiyoophiyaatiin faallaa akka qabatamanii fi ishii waliin akka hiriiran gochuu dandeessee jirti. Gara kanaan Itiyoophiyaan filannoon qabdu ejjannoon liigii Arabaa akka ishii gaddisiise ibsa kennuu qofa ture. dabalataaniis gara miidiyaa saatalaaytii fi hawaasaatiin duula piroopaagaandaa jabaa hojjachuudhaan lammileen biyyoota Arabaas Itiyoophiyaa irra Misra akka deeggaran gochuu dandeessee jirti.
Biyyoota Arabaa adda addaatti kaka’umsaafi baasii ofiitiin afaan Arabaa baratanii, miidiyaalee adunyaa arabaa irratti duula godhaama jiruun biyyi isaanii yeroo caalamtu sheenaa dhunfaatiin gara dirree qabsoo seenanii warra qabsaawaa jiran warra akka Mohammad Al-Arusi, Ustaaz Jamaal Bashiir, Ustaaz Abdushakuur Abdusamad fi kkf ijjoollee guyyaa murteessaa Itiyoophiyaaf of kennite silaa jiraachuu baatanii waan tahuu malu dhaabbatanii yaaduu barbaachisaadha.
Itiyoophiyaan miseensa liigii Arabaa tahuu yoo baattellee dipiloomaatoota gara biyyoota Arabaa bobbaastuun bu'aa ishii akka malutti ni kabachiifti jannee akka hin amanne biyyoota afaan hojii isaanii Arabiffa tahan 22 keessaa Itiyoophiyaan ambaasaaddara biyyoota itti ramadde mara keessaa tokkolleen hojiin dipiloomaasii sadarkaa fedhutti bifa sirriitiin afaan Arabaa nama dubbatu fi ga'umsa qabu hin ergine. Hojii ijoon dipiloomaatiin tokkoo raawwachuu qabu keessaa biyya itti ramadametti fedhiilee gurguddoo biyya isaa eeguufi lammiilee achitti argamaniif mirgafi bu'aa kabachiisuun jalqaba irratti kan eeramaniidha.
Garuu afaan biyyoota itti ramadamanii kan hin beekne, biyya afaan hojii isaanii Arabiffaa tahetti ambaasaadaroonni ramadaman maal akka godhan mee yaadaa. Itiyoophiyaa ilaallatee biyya itti bobba'anitti miidiyaalee, aanga'oota mootummaa fi qaamoonni biroo waan dubbatan waan hin hubanneef hiikkaadhaan hubachuudhaaf yaaliin godhamu hiikkaadhaan ergaa guutuu dabarsuun danda’amuu dhabuu yoo hubannu adeemsi Arabiffaadhaaf duugda kennuu kuni biyya teenya hangam tokko bu’aa akka isii dhabsiisuu malu yaaduun hin danda’amne.
Kan gaafii namatti tahu garuu addunyaa guutuu irratti imbaasii