Gali Ababor Official
10.6K subscribers
374 photos
109 videos
125 files
289 links
Hubannoo sirrii uumuuf
Download Telegram
Bara lubbuun nama baay'ee rakishe keessa jirra. Qaamni kamuu dhiiga qulqulluu dhangalaasee bal'ina keessa hin jiraatu. Biyyi tokko nageenya argachuuf jalqaba dhiigni namaa tikfamuu qaba. Wanti dhiheenya kana ta'aa jiru garuu hedduu nama suukanneessa.
"Masjida keenya da'oo godhanne. Garuu achis galanii namoota 46 nurraa ajjeesan. Kiyya qofa nama 12 najalaa ajjeesan. Amma anas osoo ajjeesanii jiraatan jedheen gaabbaa jira. Yaa Rabbi maalumaaf na hambifte? Kana booda maaltu naaf hafe?"
Nama du'a irraa hafetu Jerman Radiotti hime.
Yaa Rabbi ati dhiiga ummata kanaa hin dhiisin. Warra dhiiga ummataatiin siyaasa daldalus Rabbiin dhiiga isaanii dhangalaasee nu haa agarsiisu.

"...መደበቂያ ያደረግነው መስጂዳችንን ነበር፤ ግን እዛም ገብተው 46 ሰዎችን ገደሉብን፣ የኔን ብቻ 12 ቤተሰቦች ገደሉብኝ ፣ አሁን እኔንም ቢገድሉኝ ኑሮ እያልኩ እየተጸጸትኩ ነው አላህ ለምን አተረፈኝ! ከዚህ በኋላ ምን ቀረኝ?.."

ከግድያ የተረፉ እማኝ ለDW-Amharic ጀርመን ሬድዮ ድምፅ የተናገሩት!
በአላህ ስም እጅግ በጣም አዛኝ እና እጅግ በጣም ሩህሩህ በሆነው

ከጊዚያዊ ከኢትዮጵያ እስልምና ጉዳዮች ጠቅላይ ም/ቤት በሰላማዊ ሰዎች ላይ የሚደርሰውን ጥቃት አስመልክቶ የተሰጠ ጋዜጣዊ መግለጫ

ከቅርብ አመታት ወዲህ በሀገራችን የተለያዩ አካባቢዎች ብሄር፣ ማንነት እና ሃይማኖት ላይ ያነጣጠሩ ጥቃቶች ሲሰነዘሩ ሙስሊሙ ማኀበረሰብ ሲያወግዝ፣ ለጉዳቱ ተጠቂዎች አቅም በፈቀደ ድጋፍ ሲያደርግ እና ዘላቂ ሰላም የሚያመጡ ተግባራትን ሲያከናውን መቆየቱ ይታወቃል ።

የአንድ ሃገር ዜጋ በሃገሩ በሰላም የመኖር ከምንም በላይ ቅድሚያ የሚሰጠው መሰረታዊ መብት ነው።
ባለፉት ጊዜያት በአማራ፣ ቤኔሻንጉል፣ በኦሮሚያ ክልል በወለጋ የተለያዩ አካባቢዎች እና በጋምቤላ ክልሎች ብሄር፣ማንነትን እና ሃይማኖትን መሰረት ባደረገ ዘግናኝ፣ አሰቃቂ ጥቃት እና ግድያ የበርካታ ንፁሐን ዜጎች ህይወት ማለፉን ከተለያዩ መረጃዎች ማረጋገጥ ችለናል። በተለይም በቅርቡ በመሰጊድ የተጠለሉ ምእመናንን ሳይቀር የጥቃቱ ሰለባ መሆናቸው የድርጊቱን አጸያፊነት ያሳያል።

ይህን የሃይማታዊውንም ሆነ የዓለማዊ ህግ የጣሰ አጸያፊ የጥቃት እና የግድያ ወንጀልን ጊዜያዊ ጠቅላይ ምክር ቤቱ በጽኑ ያወግዛል።
በቀጣይም፡-
1. የፌዴራል መንግስት፣ የክልል መንግስታት እና የሚመለከታቸው አካላት ይህን አጸያፊ ድርጊት እና በወንጀል የፈጸሙ አካልን በአስቸኳይ ለህዝብ አሳውቀው እና ለፍርድ እንዲያቀርቡ
2. በጥቃት ከቤት ንብረታቸዉ የተፈናቀሉ ወገኖች ወደ ቀደመ ህይታቸው እንዲመለሱ፣ ዘላቂ መፍትሔ እንዲያገኙ እና በዚህ ጥቃት እና ወላጅ አልባ የሆኑ ህፃናት ህብረተሰቡ ድጋፍ እንዲያደርግ
3. የወደሙ የግለሰብ፣ የህዝብ ንብረት እና የእምነት ቦታዎችን ወደ ነበሩበት እንዲመለሱ እናሳስባለን።

በአጠቃላይ ጠቅላይ ምክር ቤቱ ማንኛውም በንፁኋን ሰላማዊ ሰዎች ላይ የሚቃጡ ጥቃቶች እያወገዘ የሃገሪቱ ህልውና መሰረት የሆኑትን የአብሮነት፣ መከባበርና እና መተዛዘን እሴቶች መመናመንና የስርአት አልበኝነትና ጭካኔ መበራከት ጉዳዩን የበለጠ አሳሳቢ ያደርገዋል።

በቀጣይም መሰል ጥቃቶች እና ወንጀሎች እንዲቆሙ እና ዜጎች በሰላም በሁሉም የሀገራችን አካባቢዎች እንዲንቀሳቀሱ የፊደራል መንግስትም ሆነ የከልል መንግስታት ብሎም ሁሉም የህብረተሰብ ክፍል በጋራ በመተባበር ሌት ተቀን እንዲሰሩ እያሳሰብን የሃይማኖት ተቋማትን ጨምሮ ሌሎችም የሚመለከታቸው ወገኖች በዚህ ረገድ የበኩላቸውን ኋላፊነት በመወጣት መሰል ጥቃቶች እንዳይከሰቱ የመፍትሄ መንገዶች ላይ መስራት እንዳለባቸው ጥሪያችንን እናቀርባለን።

በመጨረሻም ም/ቤታቸን ለሀገራችን ሁለታናዊ ሰላም መረጋገጥ ከሚመለታቸው አካል ጋር ጠንክሮ በመስራት ኃላፊነቱን ለመወጣት ዝግጁነቱን ያረጋግጣል።

አላህ ዓለማችን እና ሀገራችን ሰላም ያድርግልን!

ሰኔ 14/2014
አዲስ አበባ፣ ኢትዮጵያ
Forwarded from Muhammadsalih Kadir
Sadarkaa Guyyaa Arafaa (Baatii Zulhijjaa 9ffaa)

Guyyoonni Kurnan kun Sadarkaa addaa qabaachuun isaanii beekamaadha. Guyyoota kana keessaa Guyyaan Arafaa (Baatii Zulhijjaa 9ffaa) immoo sadarkaa addaa qaba. Sadarkaan addaa Kunis:
1.Kan soomaan walqabaatee,
2.Kan Kadhaa/du’aa’iidhaan walqabatee,
3.Ibidda irraa Bilisoomuu/Araarama Rabbii gonfachuun kan walqabatee fi
4.Rahmanni Rabbii baayyinaan bubbu’uudhaan kan walqabateedha.

* Sadarkaa Sooma guyyaa kanaa ilaalchisee nabi Muhammad (SAW) akkana jedhan:
صيام يوم عرفة، أحتسب على الله أن يكفر السنة التي قبله، والسنة التي بعده
“Sooma guyyaa Arafaa Yakka waggaa isa duraa fi isa booda isaa haquu (nama irraa dhiquu)n Rabbiin irratti herreggadha” (Muslim: 1162)

* Sadarkaa du’aa’ii guyyaa kanaa ilaalchisee nabi Muhammad (SAW) akkana jedhan:
"أَفْضَلُ الدُّعَاءِ دُعَاءُ يَوْمِ عَرَفَةَ. وَأَفْضَلُ مَا قُلْتُ أَنَا وَالنَّبِيُّونَ مِنْ قَبْلِي: لاَ إِلَهَ إِلاَّ اللهُ وَحْدَهُ لاَ شَرِيكَ لَهُ."
“Caalaan du’aa’ii, Du’aa’ii guyyaa Arafaati. Caalaan waan anii fi nabiyyoonni na duraa jedhan ‘Laa’ilaah Illallaah Wahdahuu laa shariika lahu (Gabbaramaan (Dhugaa) Allah malee hin jiru, Qohpaa Isaati, yakutoo/Shariikni Isaaf hin jiru’ jechuudha (Muwaxxa’: 246)

* Waa’ee Rabbiin Gabroota Isaa ibidda irraa bilisoomsuu ilaalchisee Nabiin keenya akkas jedhan:
" مَا مِنْ يَوْمٍ أَكْثَرُ أَنْ يُعْتِقَ اللَّهُ فِيهِ عَبْدًا مِنَ النَّارِ مِنْ يَوْمِ عَرَفَةَ، وَأَنَّهُ لَيَدْنُو، ثُمَّ يُبَاهِي الْمَلَائِكَةَ وَيَقُولُ: مَا أَرَادَ هَؤُلَاءِ؟ "
“Guyyaa Arafaa caala guyyaan Rabbiin gabricha ibidda irraa bilisoomsu hin jiru…” (Muslim: 1348)

* Rahmanni Rabbii baayyinaan bubbu’uu ilaalchisee Nabi Muhammad (SAW) akkana jedhan:
«مَا رُئِيَ الشَّيْطَانُ يَوْمًا، هُوَ فِيهِ أَصْغَرُ وَلَا أَدْحَرُ وَلَا أَحْقَرُ وَلَا أَغْيَظُ، مِنْهُ فِي يَوْمِ عَرَفَةَ. وَمَا ذَاكَ إِلَّا لِمَا رَأَى مِنْ تَنَزُّلِ الرَّحْمَةِ، وَتَجَاوُزِ اللَّهِ عَنِ الذُّنُوبِ الْعِظَامِ، إِلَّا مَا أُرِيَ يَوْمَ بَدْرٍ». قِيلَ وَمَا رَأَى يَوْمَ بَدْرٍ يَا رَسُولَ اللَّهِ؟ قَالَ: «أَمَا إِنَّهُ قَدْ رَأَى جِبْرِيلَ يَزَعُ الْمَلَائِكَةَ»
“Sheyxanni Guyyaa Arafaa caala guyyaan inni xinnaataa, salphataa fi dallanaa ta’ee argame yoo gaafa Badrii ta’e malee hin jiru. Kunis waan Rahmanni bubbuu fi yakka gurguddaa Rabbii irra darbuufi male waan biraatiif miti…” (Muwaxxa’: مرسل 245)

Peejii kana Subscrib godhaa

Facebook: https://www.facebook.com/mohammed.salihkadir
- Telegram: https://t.me/Muhammadsalih2020
👍2
Maraammartoo Majlisaa
***
Dhimma majlisaa ilaalchisee yeroo dheeraaf qabsaa'aa turre. Qaama mootummaa wajjinis yeroo baay'ee mari'anne. Muummee Ministeeraafi I/A MM lamaan dabalatee marsaa baay'ee mari'anne. Kallattiin jarri hunduu kaa'an nama feetan filadhaatii fidaa nuti seera ni kabachiifna kan jedhu ture.
"Qaamni seera qabeessi yaa'ii walii galaa ta'ee filatu eenyu?" jennaan ulamootaafi boordii Sharaatanitti filataman 33 nuun jedhan.
Tole jennee sagalee lama sadaffaa (2/3ffaa) ta'uun hogganaafi hoji raawwachiiftuu filannee moottummaatti geessine. Murtichi:
1. Murtii seera qabeessa ture.
2. Ilaalcha hunda hammateedha.
3. Deeggarsa ummata Muslimaa qabuudha.
Maaliin injifatamne ree? Seeraan injifannee qaamni seera kabachiisu diduudhaan injifatamne. Mootummaan seera kabachiisee warra seeraan filatameef mooraa simachiisuu dide.

Guyyaa kaleessaa mootummaan murtii isa kana lafatti dhiisee "namoonni 300 gaafa duraa 2011 Sharaatanitti wal geessanii turtan ammas walitti qabamaati murtii kennaa" kan jedhu murteesse. Waggaa sadii of duuba deebi'uu ta'us Rabbiin khayrii nu haa dhageessisu. Murtiin yaa'ii walii galaa seera qabeessi hafee ammoo yaa'ii haaraa uumuun maaliif barbaachise? Wal ga'ii isa kanas waan ummataaf fayyadu Rabbiin haa godhu. Fedhii warra yaa'ii walii galaa ta'uu baatus wanti ummata Muslimaa fayyadu hojjatamuun kaayyoo keenya. Garuu ammas tooftaan dhaabbata Muslimaa laamshessuu, ummata Muslimaa qooduu fi abbaa dhabsiisuu itti fufa taanaan qabsoo hadhaa'aa ummaticha gaafata.

Silaa ga'een mootummaa seera kabachiisuu ture. Maaliif sana dhiisanii murtii haaraa majlisaaf dabarsuu filatan?
"Kan na dhukkubu harka mirgaatii bitaa isuma mootiin jedhan naaf koobaa."
Yaadachisaa:
1. Caalaan guyyoota waggaa 360 guyyaa Arafaati. Akka halkan Laylatul Qadrii halkan hunda caalu.
2. Soomni guyyaa Arafaa borii yakka waggaa lamaa namarraa harcaasa.
3. Du'aa'iin caalaan du'aa'ii guyyaa Arafaati.
4. Du'aa'iin hunda caalu immoo "Laa ilaaha Illallaahu wahdahuu laa shariika lah. Lahulmulku walahul hamdu wahuwa Alaa kulli shay'in qadiir" kan jedhuudha. Salafoonni du'aa'ii kana guyyaa Arafaa marsaa kuma ja'a faan deddeebisu turan.
👍1
Audio
Audio from Gali Ababor
❤️ Bareedina kana jecha maaliitiin ibsuu dandeessu?
ይህንን ውበት ለመግለጽ የሚያስችሉ በቂ ቃላቶች የሉም ❤️

لَبَّيْكَ ٱللَّٰهُمَّ لَبَّيْكَ، لَبَّيْكَ لَا شَرِيكَ لَكَ لَبَّيْكَ، إِنَّ ٱلْحَمْدَ وَٱلنِّعْمَةَ لَكَ وَٱلْمُلْكَ لَا شَرِيكَ لَكَ.
Hoonga'aan suma qofa. Ati jaraa wajjin ji'arra hin baane ykn nuu wajjin Bukhaarii hin qaraane.
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Dardara wahiitu aalima Bukhaarii qaraasisutti dhufee "ati as taa'ii Bukhaarii qaraasisi warri dhihaa ji'arra bahaa jiru" jedhe. Aalimichis "maaltu raajiidha ree? Uumamatu uumamatti dhaqqabe; nutimmoo gara uumaa keenyaa dhaqqabuu feena. Garuu hoonga'aan suma qofa. Ati jaraa wajjin ji'arra hin baane ykn nuu wajjin Bukhaarii hin qaraane" jedheen.
**
Hoongoon hundaa olii addunyaafi aakhiraa khassaruudha. Ergamtuu jallinaa Rabbi nu hin godhin. Rabbiin nu haa tiksu.
Haasawa Hayyuun Keenya Cush Land Sufian Ousman Page Muummee Ministeeraafi Aangawoota mootummaa baay'ee biratti dubbate
****
Kabajamoo Muummicha ministeeraa
Dura dursoo Muslimni biyya kanaa Islaama Itoophiyaa keessa jiru jedhamurràa bahee Muslimoota itoophiyaa akka jedhamnuuf beekkamtii paarlaamaan kennameefi labsii baheef shoora guddaa waan taphattaniif isin galatoonfanna. Muslimni biyya kanaa baankii dhalarraa bilisaa dhoorgamuun diinagdee biyya kanaatiin ala akka bahu taasifamees ture. baankii islaamaa nuu hayyamuu keessaniif Galatoomaa!Lafa masjida Al-Najaashiis sadarkaa biyyaa eeggatee akka ijaaramuuf nuuf kennitanii jirtan Galatoomaa!

Haa ta'u malee rakkooleen garaa garaa ammas furmaata dhabanii ummatni muslimaa dararamaa jiraachuu beekuu qabdu. Fakkeenyaaf:

1. Ani kanan muudame xalayaa Muftiin naaf kennaniini. Yemmuu na muudan immoo baatii 6 qofaaf waadaa na seensisanii turan. haa tahuu malee boodarra namni baatii 6 siin jedhe hinjiru kan naan jedhanii hujiis akka hin hojjanne kan dhorge muftiidhuma kana. Wal hamachuun bu'aa waanin hin qabneef eddoodhuma Muftiifi isin hundi jirtanitti kana dubbachuu filadhe!

2. Muftiin prezidantii majlisaati; Abbaa Muslima hundaa ta'anii muudamanii turan, Amma immoo Abbaa garee tokkoo tahanii jiru kanaaf ragaa dhoksaa hin qabne kan social media irra naannawu laaluu dandeettu.

3. Muftii nikabajna. Umriin nama guddaadha. haa tahuu malee yeroo ammaa "garee suufiyyaa warri taatan ka'aa hidhadhaa dammaqaa jabaadhaa; lubbuu godhadhaa" jedhanii garee tokkoof lallabaa ufiifis namatti dhaadachaa oolu.

4. Miidiyaa gibra mootummaaf kaffalu kan beekkamtii mootummaa qabu miidiyaa seera qabeessa irratti bahanii "Ani duraanuu Abbaay Tsahaayyeetti himeen ture. Jara kana ba incicuu qicaachaw(qacaletti hiddatti balleessi)" ittiin jennaan nadide, booddee mataa isaa yaabbanaan dammaqe.

5. Miidiyaa hawaasaa irratti nin dhoosa jedhanii dhaaddatan.

6.Dhiheenya kana kabajamoo Muummicha ministeeraa duratti taayitaa gadi hin lakkisu dhiigatu dhangala'a malee jedhee Ture. kunoo Majlisa Finfinnee irratti wanti raawwatame ragaadha,kabajamoo M M seeraafi heerri biyyattii tanaa yoom kabajamuufi laata?

7. Baala gizee baala taraa nuun jedhu,nuti gizeefi taraa jarri jedhaniin suukannoofnee galuuf osoo hin taane kaayyoof dhufnee achi jirra. kanaaf eddoon itti gadi lakkisneefii deemnu hinjiru. achuma waliin turraa beekaa.

8. Yeroo baay'ee taayitaafi maallaqa barbaaddu nuun jedhu. Ani gaafa dhuferraa jalqabee ,mindaas ta'ee olmaa qarshii 1 majlisarraa fudhadhee yookiin mallatteessee hin beeku. Jara moo nutu maallaqaafi aangoof bolola?

Kanaafuu Seerri haa kabajamu! Nagaan haa bu'u, ministeera nageenyaatti yeroo Aadde Mufarrihaat jirtus deddeebi'aa turre. Ammas hedduu deebi'aa jirra seerri haa kabajamu!

9. Ustaaz Abuu Bakar Ahmad gaafa sirni wayyaanee kufe osoo nama tokkoon hin mari'atin "Jara kanaa mitii Jara nu hiisisee nu rukkuchiiseefuu dhiifama goonee jirra" jedhee dubbate. Gochi isaa sirrii hin turre; seeratti warra dhihaachuu qaban nurratti deebise. Sagalee Amiiraati jennee cal'isne,ammas taanaan 2004 irraa hanaga 2014 waa'ee majlisaa qofa dubbataa itti fufuun sirrii waan hin taaneef ammas irra deebiin sagalee hawaasaa muslimaa dhagahamee seerri haa kabajamu! Galatoomaa
ምሁራችን ሱፍያን ኡስማን ለጠቅላይ ሚኒስትሩ እና ለብዙ የመንግስት ባለስልጣናት ያደረጉት ንግግር
https://t.me/glabor/1026
*******
የተከበሩ ጠቅላይ ሚኒስትራችን ሆይ!
በመጀመሪያ እኛ የዚህ ሀገር ሙስሊሞች፣ ኢትዮጵያ ውስጥ የሚኖሩ ሙስሊሞች ከሚባለው ወጥተን የኢትዮጵያ ሙስሊም ተብለን በፓርላማው እውቅና እንዲናገኝ ትልቅ ሚና ስለተጫወቱ እናመሰግናለን። በሀገሪቱ ያሉ ሙስሊሞች ከወለድ ነፃ የባንክ አገልግሎት ተከልክለው ከሀገሪቱ ኢኮኖሚ እንዲወጡ ተደርገዋል። ኢስላሚክ ባንኪንግ ስለፈቀዱልን እናመሰግናለን!የአል ነጃሺ መስጂድ በአገር አቀፍ ደረጃ እንዲገነባ መሬቱን ስለሰጣችሁን እናመሰግናለን።

ነገር ግን አሁንም ያልተፈቱ የተለያዩ ችግሮች እንዳሉ እና ህዝበ ሙስሊሙ እየተሰቃየ መሆኑን ማወቅ አለባችሁ። ለምሳሌ:-

1. እኔ የተሾምኩት ሙፍቲ በሰጠኝ ደብዳቤ ነው። ሲሾሙኝ ቃል ያስገቡኝ ስድስት ወር ብቻ ነው። በኋላ ግን 6 ወር ማንም የነገረህ የለም አሉኝ። ስራውን እንዳልሰራም የከለከሉኝ እኚው ሙፍቲ ናቸው። ሀሜት ፋይዳ የለውምና ሙፍቲው እና ሁላችሁም በተገኛችሁበት ይህንን ለማለት መረጥኩኝ።

2. ሙፍቲ የመጅሊሱ ፕሬዝዳንት ናቸው። የሙስሊሙ ሁሉ አባት ሆኖ ተሾሙ አሁን ደግሞ የቡድን አባት ሆኖ በማህበራዊ ድህረ ገጽ ሲሰራጭ ያለውን ምስጢራዊ ማስረጃ ማየት ትችላላችሁ።

3. ሙፍቲን እናከብራለን። የእድሜ ባለ ፀጋ ናቸው። ነገር ግን አሁን አሁን ለአንድ ቡድን ብቻ እየሰበኩ ነው፡- “የሱፊ ቡድኖች የሆናችሁ ተነሱ፣ በርቱ፣ ጠንክሪ" ብሎ እየሰበኩ ነው። ለግጭትም እያነሳሱ ይገኛሉ።

4. የመንግስት እውቅና ያለው፣ ለመንግስት ግብር የሚከፍል ሚዲያ በህጋዊ ሚዲያ ላይ ወጥቶ "ለአባይ ጸሃዬ ከዚህ በፊት ነግሬያለሁ። እነዚህን ሰዎች በእንጭጩ ቅጩዋቸው ብዬ ነበር" አሉ።

5. በማህበራዊ ድህረ ገጽ ላይ አፈነዳለው ብሎ ነበር።

6. ደም ይፈሳል እንጅ ከስልጣን አልወርድም ሲል በክቡር ጠቅላይ ሚኒስትሩ ፊት ተናግሯል። እነሆ በአዲስ አበባ መጅሊስ ላይ የደረሰው ነገር ማስረጃ ነው። ክቡር ጠ/ሚ ሆይ! መቼ ነው የዚህች ሀገር ህግ እና ህገ መንግስት የሚከበረው?

7. ባለ ጊዜ፣ ባለ ተራ ይሉናል፣እዚያ የተገኘነው እነሱ በሚሉት ባለ ጊዜ እና ተራ ሊንደናገጥ አይደለም። ለዚህ ብለን የሚንለቅ ቦታ የለም።ይህንን እናንተም እወቁ።

8. ብዙ ጊዜ ስልጣን እና ገንዘብ እንደምንወድ ይነግሩናል። እኔ ከመጣሁ ጀምሮ ከመጅሊስ 1 ብር ደሞዝ አላውቅም። ታዲያ እበሱ ናቸው ወይስ እኛ ነን የገንዘብ ጥማተኛ?

ስለዚህ ህግ ይከበር! ወይዘሮ ሙፈሪሃት በነበሩበት ወቅት የሰላም ሚኒስቴር ጋር ስንመላለስ ነበር። አሁንም ብዙ እየተመላለስን ነው። ህግ ይከበር!

9. ኡስታዝ አቡበከር አህመድ የወያኔ ስርዓት በወደቀ ጊዜ ማንንም ሳያማክር እንዲህ አለ፡- ‹‹እኛ ያሰሩንን እና የደበደቡንን ወንጀለኞች እንኳን ይቅር ብለናል። በርግጥ የእሱ ድርጊት ትክክል አልነበረም። ለፍርድ መቅረብ የነበረባቸውን በኛ ላይ መለሰ። የአሚር ድምፅ ነው ብለን ዝም አልን። ከ2004 እስከ 2014 ስለ መጅሊስ ብቻ ማውራት ትክክል አይደለም። የሙስሊሙ ማህበረሰብ ድምፅ በድጋሚ ይሰማ ህግ ይከበር እላለው! አመሰግናለሁ
Aalima Muslimootaan lamatti qoodamaa jedhu Muftii kana malee argee ykn dhaga'ee hin beeku.
Sheek Alkhadir Suufiyyaa Banii Shaangul MM fi aangawoota biroo fuulduratti waan haasa'an irraayi
****
Kabajamoo MM
Addunyaa tanarratti Aalima bakka lamatti bahaa jedhu Muftii malee argee hin beeku. Raajiidha!Rabbi walaa tafarraquu (adda hin ba'inaa) jedha. Isaan immoo adda haa baanu jedhan.

Kabajamoo
Ani suufiyyaadha; kaleessas har,as suufiyyaa dhugaati. Haa ta'u malee Muftiin hujiin isaanii kan Islaama galmaan ga'u waan hin taaneef ufirraa kaasnee jirra. Seerri nuuf haa kabajamu.

Kabajamoo
Ani humna waraanaati na beekta. Naannoo Banii Shaangul natu uume. Kabajamoo isinis Naannoo kiyyarratti natu qeebale na beekta. Garuu hujiin Muftii biyya kanaafi nageenya hawaasa muslaatiif waan hin taaneef nu ufirraa kaasne. Kanaafuu seeraafi heerri nuuf haa kabajamu. Murtiin keenya haa raawwatamu.
ከዚህ ሙፍቲ በስተቀር ሙስሊሞች ለሁለት ይከፈል የሚል ዓሊም አይቼም ሰምቼም አላውቅም።
ሼክ አልካድር የባኒ ሻንጉል ሱፊያ በጠቅላይ ሚኒስትሩ እና በሌሎች ባለስልጣናት ፊት ከተናገሩት
https://t.me/glabor/1029
****
የተከበሩ ጠ/ሚ ሆይ!
ከሙፍቲ በቀር በሁለት ቦታ ውጡ የሚል ዓሊም በዚህ አለም ላይ አላየሁም። የሚገርም ነው! አላህ ወላ ተፈረቁ (አትለያዩ) ይላል። እሳቸው ደግሞ እንለያይ አሉን።

የተከበሩ ጠ/ሚ ሆይ!
እኔ ሱፊ ነኝ; ትላንትም ዛሬም እኔ እውነተኛ ሱፊ ነው። ሆኖም ሙፍቲን ከስልጣን አውርደናል። ምክንያቱም ስራቸው እስልምናን የሚጠቅም አይደለም። ስለዚህ ህግ ይከበርልን።

የተከበሩ ጠ/ሚ ሆይ!
እኔ ወታደር እንደሆንኩ ታውቀኛለህ። የባኒ ሻንጉል ክልልን የፈጠርኩኝም እኔ ነኝ። እናንተም ወደኛ ክልል ስጥመጡ የተቀበልኳችሁ እኔ ነኝ። ይህን ታውቀኛለህ። ሆኖም ግን ሙፍቲን ከስልጣን አንስተናል። ምክንያቱም የሙፍቲ ስራ ለዚች ሀገር እና ለሙስሊሙ ማህበረሰብ ደህንነት የሚጠቅም አይደለም። ስለዚህ ህግና ህገ መንግስት ይከበር። ውሳኔያችን ይፈጸም።
Sh Muhammad Darasaa hoo maal jedhan?
Kabajamoo Muummicha ministeeraa nuti hundi si jaalanna. Hedduu hedduu si jaalanna. Garuu hanga har'aatti. Kan kana boodaa ni laallanna! Alatti si hamachuu irra asumatti sitti himuu wayya! Ani har'a kanin dhufeef seera kabajchiisuuf nu yaamtan natti fakkaate malee if duuba nu deebistan jedhee hin yaadne ture! Garuu har'a hedduu gadde!
*****
Maalif yoo jettan

1. Muftiin Aalima manguddoo Abbaa keenna hundaati. Haa ta:u malee ummata kana tokkoo godhanii hoogganuu hin dandeenye. Bulchuus hin dandeenye. nageenha eegsisjus hin dandeenye. Inumaa kan inni dandahu boksiidha, dhiiga jigsisuudha. Kana immoo Majlisa Finfinnee irratti waan raawwatame laallee ragaa bahuu dandeenya!

Kanaafuu
Seerri haa kabajamu. Muftiin sagalee caalmaadhaan taayitarraa kaafamee jira. Gara bakka itti ramadameetti haa socho'u. Mootummaan sagalee keenna nuuf haa kabaju!

Kabajamoo
Dhugaa nutti himaatii yoo garee keenna kana hinbarbaadne ifaan ifatti nutti himaa. Nuti ni deemnaa mootummaa isin hin fedhu jedhaa nutti himaa malee Wal dhoksuun hin tahu.
***
Kabajamoo
Ani ergaa mana kootii bahee baatii sadihiifi guyyaa kudha jaha. Manni keenna jigee, Islaama bakka lamatti baasanii walnyaachisuu isaanii dhageenyaan Affaar irraa dhufe!

Jarri wayyaanee ganda kiyya keessa jiru; ammallee namni ni du'aa jira. Kana hundaa dhiisee wanni Ani asitti hoteelatti dararamuuf waa biraa miti. Xiqqoo waa sirreessan jedheetan! Yoo hin ta'u taate gadi nu lakkisaa hawaasa keenyatti deebinee mootummaan nu hin barbaaduu dhiifama nuuf godhaa jennee gallee hawaasa keenyatti himnaa!!!

Kanaafuu ammas seerri hojiirra haa oolu.
عجبا لأمة تريد أن تفتح العالم
وهي لا تفتح القرآن !!
وعجبا لمن يحلم بالصلاة في المسجد الأقصى
وهو يترك الصلاة بالمسجد الذي بجوار بيته!📩
Suuraan kun lamaan seenaaf haa taa'u. Hamilee waa barachuufi qara'uu namaaf dabala.