Kominikeeshinii Aanaa Geeraa
395 subscribers
163 photos
2 videos
2 files
52 links
Sirna kominikeeshiinii ammayyaa’aa, si’ataafi bu’a qabeessa ta’e diriirsuun mootummaafi ummata gidduutti yaa’insi odeeffannoo qulqulluu ta’e akka jiraatu taasisuuf
https://t.me/GComn2011
Download Telegram
Himatamtoonni Kabaja Reeffaa Tuqan Hidhaa Salphaa Waggaa 3'n Adabaman.
 ***************************************************
 Aanaa Geeraa Ganda Garaa Naasoo Bakka addaa Qecheekimoo Jedhamutti Himatamtoonni #1ffaa_Nagaash_A/Dagaa_A/Simal #2ffaa_Kadir_A/Giddii_A/Duraa Du'aa #Muhammed #Huseen _A/Olii jedhamu woliin gaafa guyyaa 11/10/2013 Sa'aatii 02:00 irratti Damma Murannee Dhufna jedhanii  woliin erga Deemanii booda Bulanii gaafa guyyaa 12/10/2013 tilmaamaan ganama keessaa sa'aatii 05:00 yemmuu ta'u Obbo mohammad A/Olii Damma Muruuf muka Osoo Yaabuu irraa kufee battalatti yoo du'u Himatamtoonni Reeffa irraa uffata baasuun Wolii qabanii akka hin mullanneef Bishaan Naasootti gatanii akka inni badu taasisanii jiru.

 Sakatta'iinsa taasifameenis Reeffi Du'aa kanaa gaafa guyyaa 18/10/2013 Laga Naasoo keessaa argamee jira.
 Qorataan poolisii fi Abbaa Alangaa yakka kana qorataa erga turanii booda Abbaan Alangaa gaafa guyyaa 29/02/2014 Himatamtoonni Seera yakka FDRE Keewwata 493( D) irra darbanii jiru jechuun Mana Murtee Aanaa Geeraatti himannaa Hundeessaniin Himatamtootni gocha kana Hin balleessine jechuun haalanii  jiru.

 Himatmtootni Gocha kana Haalanis A/Alangaa Ragaa Yakka Kana Raawwachuu Mul'isu Dhageessisuun Manni Murtee Falmii Bitaa fi Mirgaa erga Dhaggeeffateen Booda Ragaan A/Alangaa himatamtoonni yakka kana raawwachuu waan hubachiisaniif himatamtootni ragaa ittisaa hin qabnu jedhanii  deebisuun Daddacha gaafa guyyaa 13/3/2014 ooleen
 #Himatamaa
 #1ffaa obbo Nagaash A/Dagaa A/Simal Hidhaa Salphaa woggaa 2 fi Ji'a 9  
 #2ffaa obbo Kadir A/Huseen A/Olii ammoo hidhaa Salphaa Woggaa 3 akka adabaman murtaa'ee jira.

 Hawaasni keenya yakkoota Woliin Bahanii galuu fi woliin  Jireenya Hawaasaa irratti Miidhaa Guddaa Waan qabanuuf gochoota akkasii Duudhaa fi Safuu Ummataa tuqan irraa of haa eegnu jechuun I/G Mana Hojii  A/Alangaa Aanaa Geeraa obbo Tsaggaayee Xaafaa Dhaamsa isaanii dabarsanii jiru.