Kominikeeshinii Aanaa Geeraa
389 subscribers
163 photos
2 videos
2 files
52 links
Sirna kominikeeshiinii ammayyaa’aa, si’ataafi bu’a qabeessa ta’e diriirsuun mootummaafi ummata gidduutti yaa’insi odeeffannoo qulqulluu ta’e akka jiraatu taasisuuf
https://t.me/GComn2011
Download Telegram
Waamichi #Diyaaspooraawwaniif_taasiifame_dhiibbaa_Dippiloomaasii fi #Miidiyaalee_Ityoophiyaarratti taasiifamaa jiru ni hir’isa – #Ejansii_Diyaaspooraa
========================================
Waamichi Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad lammiilee Ityoophiyaa, dhalattootaa fi michuuwwan ishee miiliyoona 1f taasiisan dhiibbaa Dippiloomaasii fi Miidiyaaleen Ityoophiyaarratti taasiisaa jiran kan hir’isu ta’uu itti aanaan Daayreektara olaanaa Ejansii Diyaaspooraa Ityoophiyaa Dooktar Mahaammad Idiriis ibsaniiru.

Ejansiin Diyaaspooraa Ityoophiyaa gaaffii hawaasa Diyaaspooraarraa ka’u deebisuuf hojjechaa jiraachuu Dooktar Mahaammad Idiriis himaniiru.

Miisiyoonnawwan Ityoophiyaa waliin ta’uun Diyaaspooraan biyya jiraatuu osoo hin ka’in dura, erga Ityoophiyaa dhufanii booda gara dhufunitti wayita deebi’an hojiileen hojjechuu qaban qophaa’uu kaasaniiru.

Hawaasa Diyaaspooraa waliin sagantaan galii walitti qabuu qophaa’uu Dooktar Mahaammad eeraniiru.