Kominikeeshinii Aanaa Geeraa
393 subscribers
163 photos
2 videos
2 files
52 links
Sirna kominikeeshiinii ammayyaa’aa, si’ataafi bu’a qabeessa ta’e diriirsuun mootummaafi ummata gidduutti yaa’insi odeeffannoo qulqulluu ta’e akka jiraatu taasisuuf
https://t.me/GComn2011
Download Telegram
#Sosochii Afrikaan mana maree nageenyaatti teessoo dhaabbii akka argattuuf eegalametti Afrikaanonni akka makaman gaafatame

Sosochiin ardiin Afrikaa mana maree nageenyaatti teessoo dhaabbii akka argattuuf eegalame qabsoo bilisummaa, walqixxummaa fi haqummaa ta’uu Yuunvarsiitii Niwyoorkitti barsiisaa fi qorataan siyaasaa fi seenaa Afrikaa Dooktar Shimallis Boonsaa ibsan.

Sosochiin kun qaama qabsoo addunyaa haaraa fi haqa qabeessa uumuu ta’uu himaniiru.

Ityoophiyaan qabsicha haala qindoomina qabuun gaggeessuun dhiibbaa gama maraa Afrikaarra ga’u hambisuuf hojjechuu akka qabdu ibsaniiru.

Gaaffiin Afrikaan mana maree nageenyaatti teessoo dhaabbii argachuu qabdi jedhu kan yeroo dheeraa ta’uu fi gaaffii haqummaa fi walqixxummaa ta’uu eeraniiru.

Muummee Ministiraa Abiy Ahimad dabalatee hoggantoonni biyyoota Afrikaa biroon gaaffii kana gaafachuun isanii yaada haqummaa fi walqixxummaa biyyootaa irraa kan madde ta’uu ibsaniiru.

Yeroo ammaa haalli siyaasa addunyaa jijjiiramee waan jiruu fi humnoonni baay’een uumamanii waan jiraniif carraan gaaffichi fudhatama argachuu qabuu olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Sochii biyyoonni Afrikaa naannawaa daldalaa bilisaa uumuu dabalatee gama diinagdee fi siyaasan walitti makamuuf eegalan mul’ata waloo uumuuf faayidaa waan qabuuf xiyyeeffannoon hojjechuu akka barbaachisu himaniiru.

Qabsoon taasifamu hunda galeessaa fi yeroo dheeraa kan gaafatu ta’us Afrikaanonni tokko taanaan injifannoon akka ba’an ibsaniiru.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
#Fedhiin_Ameerikaan_Ityoophiyaarra qoqqoobbii biroo kaa’uuf qabdu balaa hamaa ta’uu ibsame
============================
Fedhiin Ameerikaan Ityoophiyaarra qoqqoobbii biroo kaa’uuf qabdu balaa hamaa ta’uu Giddu galli Nageenyaa fi Haqaa Rookii Maawunteen ibseera.

Qoqqoobbii fi giddu seentummaan Ameerikaan Ityoophiyaarra keessu kamiiyyuu daraan hammaataa ta’uu Giddu galli Nageenyaa fi Haqaa Rookii Maawunteen ibseera.

Giddu galichi qoqqoobbii diinagdee fi giddu seentummaa kamiiyyuu Ameerikaan Ityoophiyaa fi biyyoota Baha Afrikaa biroorra keessu daraan kan balaaleeffatu ta’uu himeera.

Ameerikaan olola garee shororkeessaa ABUT kan deeggartuu fi meeshaalee garaagaraas tumsaa jiraachuu ragaa qabaachuu giddu galichi eereera.

Giddu galichi tarkaanfiin humnaa Ameerikaan Kooriyaa, Veetinaam, Libaanoos, Somaaliyaa, Niikaaraaguuwaa, Hayitii, Sarbiyaa, Iraaq, Liibiyaa, Afgaaniztaan, Sooriyaa fi biyyoota birratti fudhatee miidhaa hammataa fi rakkoo tasgabbii cimaa uumuun ala bu’aan argamsiise kan hin jirre ta’uu
“Walgahii manni marichaa waame loogmaleessummaasaa gaaffii keessa kan galchedha”
- Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa
*****************

Manni Maree Mirga Namummaa Mootummoota Gamtoomanii dhimma Itoophiyaarratti walgahii addaa waamuunsaa qaama bilisaa ta’uusaafi amanamummaasaa gaaffii keessa galchuusaa Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.

Ministir Deetaan Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa Obbo Kabbadaa Deessisaa ibsa kennaniin, walgahii manni marichaa waame wayitiisaa kan hin eegneefi haala qabatama kan hin hubanne waan ta’eef sirrii miti jedhaniiru.

Gaggeeffamuu walgahichaaf biyyoonni Afrikaa tokkoyyuu akka hin mallatteessinee himanii, kunis waraanichi waraanaa Afrikaarratti baname ta’uu kan hubachiisudha jechuun ibsaniiru.

Walgahiin addaa manni marichaa waame birmadummaa biyyaa gaaffii keessa kan galcheefi gidduu seentummaasaanii kan mul’isu, akkasumas ajandaa siyaasasaanii raawwachiifachuuf akka ta’e dubbataniiru.

Loogummaa akkasii biyyoonni michuu Itoophiyaa ta’an mormuufi ...
Waamichi #Diyaaspooraawwaniif_taasiifame_dhiibbaa_Dippiloomaasii fi #Miidiyaalee_Ityoophiyaarratti taasiifamaa jiru ni hir’isa – #Ejansii_Diyaaspooraa
========================================
Waamichi Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad lammiilee Ityoophiyaa, dhalattootaa fi michuuwwan ishee miiliyoona 1f taasiisan dhiibbaa Dippiloomaasii fi Miidiyaaleen Ityoophiyaarratti taasiisaa jiran kan hir’isu ta’uu itti aanaan Daayreektara olaanaa Ejansii Diyaaspooraa Ityoophiyaa Dooktar Mahaammad Idiriis ibsaniiru.

Ejansiin Diyaaspooraa Ityoophiyaa gaaffii hawaasa Diyaaspooraarraa ka’u deebisuuf hojjechaa jiraachuu Dooktar Mahaammad Idiriis himaniiru.

Miisiyoonnawwan Ityoophiyaa waliin ta’uun Diyaaspooraan biyya jiraatuu osoo hin ka’in dura, erga Ityoophiyaa dhufanii booda gara dhufunitti wayita deebi’an hojiileen hojjechuu qaban qophaa’uu kaasaniiru.

Hawaasa Diyaaspooraa waliin sagantaan galii walitti qabuu qophaa’uu Dooktar Mahaammad eeraniiru.
Humni waloo nageenyaa Ityoophiyaa magaaloota Urgeessaa, Liibsoo,Giraanaa, Marsaafi Kiillee

Humni waloo nageenyaa Ityoophiyaa Marsaa fi Giraanaa to'achuun gara fuulduraatti imalaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii mootummaa beeksiise.

Humni waloo kun adda waraanaa Qoobboon gaarreen olaanoo Kaaba Raayyaan jiru to'ateera.

Kallattii Zoobiliin ammoo naannawaa Gurraa Warqee to'atee ture amma gaarreen kanneen guutumaa guutuutti to'achuun, Daandii Waldiyaa - Maqalee muree ture babal'isuun gara waldiyaatti imalaa jiraachuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibseera.

Humni Waloo Nageenyaa Ityoophiyaa Adda waraanaa Waacaaleen aanaa Waacaalee guutumaan guutuutti to'achuun magaaloota Urgeessaa, Liibsoo,Giraanaa, Marsaa, Kiillee fi Kaaba wallootti gaarreen walitti hidhataa olaanoo Aanaa Harbuu harka isaa galfachuu ibseera

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Jiilli Bulcha Aanaa Geeraa Obbo Haawwii Sayidiin Durfamu Suphaa Daandii Ganda Gaddaa-Gabbaa Kooroo Daawwatee jira.
=======================
(WDhKMAG,Muddee 19/2014) Jiilli Bulcha Aanaa Geeraa Obbo Haawwii Sayidiin Durfamu Suphaa Daandii Ganda Gaddaa-Gabbaa Kooroo Baajata Mootummaa fi  Hirmaanna ummataan Hojjatamaa jiru Daawwatee jira.

Bulchaan Aanaa Geeraa Obbo Haawwii Sayid Dawwannaa kana irratti Akka Jedhaniin Bara kana Hojii Xiyyeeffannoo Guddaan itti Kennamee Hojjatamaa jiru keessaa tokko Hojii Pirojektii Daandii Karaa Saffisaa fi Qulqullina qabuun Hojjachuun Tajaajila  Hawaasaaf Oolchuu waan ta'eef Qaamni Hojii Kana irratti bobba'ee jiru Maashina Barbaachisu hunda guuttachuun Yeroo Jedhametti  hojii kana xumuruu Tajaajila barbaachisuuf oolchuu qaba jedhan.

Daawwannaa Suphaa Daandii kana irrattis I/A W/ra Qonnaa Godina Jimmaa obbo Mahammad Xahaa akkasumas I/G ATD Aanaa Geeraa Obbo Nuuruu Mizbaahuu fi I/G W/ra Milishaa Obbo Dinqaa A/Olii Ganda Gabbaa Koorootti argamuun Hojiin Suphaa Daandii kun akka..
Aanaa Geeraatti Leenjiin  Sosochii Misooma Sululaa kennamaa jira.
=======================≠===========
(WDhKMAG,Muddee 25/2014) Aanaa Geeraatti Leenjiin Sosochii Misooma Sululaa Bara 2014 Irratti Qooda fudhattootaa  Kennamaa Jira.

Bara kanas Gandoolee Baadiyyaa Aanichaa 29 keessatti Lafa hektaara 14,500 irratti Sululli 29 adda ba'ee kan Misoomu ta'uu waajjirri Qonnaa Aanichaa ibsee jira.

Leenjii kana irrtti argamuun Haasaa Saaqiinsaa kan taasisan Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Geeraa Obbo Haawwi Sayid akka jedhanitti Hojiin Misooma Sululaa baroottan darban hojjatamaniin fayyadamummaan ummataatis yeroo gara yerootti dabalaa waan dhufeef bara kanas karaa qindaa'een hojjachuun Badhaadhina  Maatii haa Mirkaneessinu jeduan.

Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa  Aanaa Geeraa Obbo kabbadee Waaqaarii Karoora Sischii Misooma sululaa hirmaattotaa  dhiyeessan irratti waggoottan darban hojjiiwwan eegumsa biyyoo fi bishaaniitiif xiyyeeffannoo guddaa kennuun hojjetamaaniin bu'aawwan gaggaariin argamuu ibsuun Bara kanas
Aanaa Geeraatti Hojii Suphaa Daandii Bara kanaaf  Cirrachi Ga'aa ta'e Wolitti qabamaa jiraachuu W/rri Daandii fi Loojistikii Aanichaa ibsee jira.

Jiilli Bakka Bu'aa Bulchaa Aanaa obbo kabbadee Waaqgaarii Fi Hoggantoota Garaa garaan durfamu  Ganda Gabbaa Kooroo Bakka addaa Kooroo jedhamutti Argamuun  Hojii Suphaa Daandii fi Bakka Cirrachi ba'aa jiru Daawwachuun jajjabeessanii jiru.

Daawwannaa kana irrattis Cirrachi Baafamaa jiru Qulqullina kan qabuu fi Suphaa Daandii kanaafis Ga'aa ta'uu dubbachuun Hojiin Cirrcha Baasuu kun Saffisaan barbaadamuun wolitti qabamee Suphaa daandii kanaaf ooluu akka qabu I/G W/ra Daandii Fi Loojistikii obbo Nuuruu Mizbaahuu dubbatanii jiru.
Oolmaa Gabaa Ayyaanaa Guyyaa har'aatiin Gatii horii  fi meeshaalee gara garaa irratti Waajjirri Daldalaa Fi Misooma Gabaa Aanichaa odeeffannoo Gabaa  beeksise.
==========================
Aanaa Geeraatti Ayyaana Qillee  sababeeffachuun Waajjirri Daldalaa Misooma Gabaa oolmaa gabaa ayyaanaa ilaalchisee odeeffannoo sassaabe akkaataa armaan gadiitiin nu qaqqabsiisee jira.

https://www.facebook.com/100028996862050/posts/707553176887905/
ERGAA_BAGA_GEESSANII

Bulchaa Aanaa Geeraa
Obbo Haawwii Sayid Dabarsan.

Hordooftotaa Amantaa kiriistaana maraaf Baga Ayyaan Qillee Bara 2014 Nagaan Geessan.

Hordoftoota Amantaa Kiristaanaa Aanaa Geeraa Maraaf Duraan Dursee  Baga Guyyaa yaadannoo  Ayyaana  Dhalachuu Gooftaa Yesuus Kiristoos  Kan bara 2014 nagaan isin gahe jechuun barbaada.

Ayyaanichi kun:-
# Kan  Jaalalaa fi gaarummaa
# Kan Nagaa
# Kan Gammachuu
# kan Badhaadhinaa
# kan Misooma
# Kan Milkii
# Kan Quufaa Gabbinaa  isiniif Haa ta'u jechaa.
Ayyaana kana Yemmuu Kqbajnu kan rakkate gargaaraa, kan dadhabe bira dhaabbachuun hojii Nama biratti eebba, Rabbiin biratti galata qabu hojjechuun ta'uu qaba, keessumattuu haala  yeroo ammaa biyyi keenya keessa jirtu keessatti  nageenya waloo keenyaa eeggachaa tokkummaa fi jaalala akkasumas Hojii fakkeenyummaa qabu hojjachuun duudhaa Wol Deeggarsaa ganamaa qabnu kan keessatti Guddifannuu  Aadaa waliin hojjechuu,,,,

 https://www.facebook.com/100028996862050/posts/707607900215766/?sfnsn=mo
MM Abiy Ahimad Preezdaantii Ameerikaa Joo Baayidan waliin bilbilaan mari’atan
=====

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad preezdaant Joo Baayidan waliin bilbilaan dhimmoota yeroo biyyaalessaa, hariiroo biyyoota lameenii fi naannawwaarratti mari’achuu ergaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.

Mariisaaniin hariiroo wal kabajuu fi faayidaa waloo irratti hundaa’e cimsuuf waliigaluu kaasaniiru.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!
Amajjii 3/2014
WDHKMA Geeraatti!
Mariin haala yeroo irratti guyyaa lamaaf kennamaa ture sagantaa kanaan goolabamee jira.
Mariin haala yeroo irratti guyyaa kaleessaa hojjattoota mootummaa seektaroo hundaa waliin tuuta tuutaan mari'atamaa ture yeroo ammaa bakka Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Geeraa Obbo Haawwii Sayidiif I/G paartii Badhaadhinaa Aanaa Geeraa Obbo Ahimad Hashim jiranitti yaadaaf gaaffii tuuta tuutaan ka'aniif yaada hubannoo ka'aniif deebii sirrii kennuun kallattii gara fuulduraa irratti hubannoo walfakkaataa manni akka qabatuuf dhaamaniiru! Xumuraa irratti i/A Bulchaa bulchiinsa Aanaa Geeraa Obbo musxaafaa Ziinaab Kenninsaa Taajaajilaa ummata manneen hojii mootumma hundaa keessati kara si'ata ta'een Gaggeeffamuu qaba jechuun kallattii ka'uun tokkummaan hundaa ol murteessaa akka ta'e ibsuudhaan mariin kun goolabamee jira.
The account of the user that owns this channel has been inactive for the last 5 months. If it remains inactive in the next 10 days, that account will self-destruct and this channel may no longer have an owner.
The account of the user that owns this channel has been inactive for the last 11 months. If it remains inactive in the next 30 days, that account will self-destruct and this channel may no longer have an owner.