Walaaloo fi qoosa
2.71K subscribers
24 photos
4 videos
20 links
Kaayyoon chaanali kana
Walaaloo
Qoosa
Asoosama
Jechama
Afoola akkasumas
Aadaa fi duudha
Seena fi hambawwaan
Oromoo baruu fi wal barsiisudha.

Aadaan keenya ibsituu eenyummaa
Keenyaati.
Keenyatu keenya keenyaan haa boonnu.

Share fi join godhaa
Download Telegram
Namoonni group qabdan fidaa isiin irraa binna.... member immoo xiqaatus rakkoo hin qabu  baratu barbaadama
2017
2018
2019
2020
2021
2022
2023
Gati madaalawan isiin irraa binna karaa gaddi nuqunamaa
@Bona1st
@Bona1st
@Bona1st
@Bona1st
contact godhaa
👍81
AKKAM JIRTU NAMOONNI Group baroota kanaa gaditti argitan keessa kan qabdan maraaf koota naqunamaa gati madaalawaan nabita

2017
2018
2019
2020
2022
2023

Baroota kanneen olitti argitan keessa group banaman kan qabdan hundumaaf naqunamaa 

Ani kanan barbaadu bara itti baname/hundeeffame malee baay'ina miseensaa miti.
Check chat history visible
Contact : @Bonaa1st
@Bonaa1st
@Bonaa1st
@Bonaa1st
3🥰2
AKKAM JIRTU NAMOONNI Group baroota kanaa gaditti argitan keessa kan qabdan maraaf koota na qunnamaa gati madaalawaan nan bita

2017
2018
2019
2020
2022
2023

Baroota kanneen olitti argitan keessa group banaman kan qabdan hundumaaf naqunamaa 

Ani kanan barbaadu bara itti baname/hundeeffame malee baay'ina miseensaa miti.
Check chat history visible
Contact : @samifrist
                  @samifrist
                  @samifrist
👆❤️Kara linki asii ol jiruun na argachu dandeessu.
7👍1
Har'as bakka kalee
Idduma san taahe
Sin eega si eegu
Hin dhiifne dhibaa'ee

Deebitee naaf dhuftaa
Jedheen bakka deemtee
Geedartee yaade kee
Si naaf wayya jettee

Filannoon kee ana
Akkan waan siif caalu
Natti fakkaatee anan
Si abdadheen boruu

Si beekuu sin barree
Sin wallaalee dhugaa
Filannoon kee anaan
Taahen beeku takkaa

Cidha keen dhageenyee
Ilmaanu horattee
Amanuun dandeenyee
Yoo jedhan heerumtee

Tokkitti onneen koo
Ijaaf maraarfattuu
Deemera iddicha
Dhuftus nan argattu
JOIN AND SHARE
❤️👍@Gaaddiddu
@Gaaddiddu
@Gaaddiddu
6👍2
ASOOSAMA GABAABAA

HIREE JIREENYAA

KUTAA 1FFAA

Ganama barii barraaqa lafa
subiin kaheen mana bahe.
Namni tokko karaa gubaatti hin mul'atu,waca simbiraa fi huursa qilleensa suuta jedhee danbali'u duwwatu gurraf miira kootti dhagahama.roobni roobe waan buleef,lafti dhoqqa'ee,qorrisaas akka busaatti nama hurgufa.sa'aati sanaan maal akka barbaaddu hin beeku garuu fuul dura kootti durbii mudhii qal'oo suuraaf simboon kuulamte;kan ilaalmte hin quufamne suutan tarkaanfattin arge.waan gaddite fakkaatti.akka nama hirriba malee bulee fuullishee irratti badeera.miira jibbisisaa wayii keessa jirti.Ayyaanishee irraa sokkeera.gaddaan liqimfamtee adeemti.bira darbuu yaaden ture;garuu maal akka taate baruuf jedheen bira gahe dubbise.waan na amanteen fakkattu.hattuu wan na seeteef miira sodaa fi aariin wal makeen na dubbiste.Suutan garuu walitti asaa'a, qoosa, boodarra seena walii walitti kafne waan heddu dubanne.
Gaafan seenashee dhagahu nan gadde.intalli akka kana bareedu carran jireenyashee akkasitti fokkisuunsa danuu na aarsee.
Naaflatiin barattu cimtu carraan jireenya jireenyasheen hin filanne fi hin jaalannee keessa ishee jiraachisa jiruudha.seenichi akkasi duuka buha hordofa.kutaa itti aanu keessa argattu.
Agasitti
join and share
@Gaaddiddu
@Gaaddiddu
@Gaaddiddu
👍118
ASOOSAMA GABAABAA

HIREE JIREENYAA

KUTAA 2FFAA

Haati fi abban naaflatii harka qaleeyyidha.
Kanaaf isheen akka ijjoollee warra ollasheetti jireenya qanani argaan gudannee.Haati naaflati kobota(dhoqqee loonirra kan hojjatamu)gurgurti.Abbanshee ammoo lafa nama qotee waan isaan
Laatanif fudhatee maatif jireenyasa gaggeeffata.Naaflatinis kanuman barataa haga kutaa 8ffaatti adeemte.Barnoota isheetti cimtuu waan turteef kutaa 8tti ministiri qabxi gaarii fiduun dabarte.Tahus garuu ganda isaani keessa kutaan 9 waan hin turreef gara magaala deemte barachuutu isheerra ture.Garuu maatinshee harka qaleeyyi waan tahanif;achitti ishee barsiisuuf humnaan qabnu jechuun gara heeruma fi bulti godhachutti akka deemtuf ishee kennaan.Isheen garuu barnoota waan jaalattuuf adda kutuu hin barbaanne.Hiriyyaanshee kan wagga lama dura magalatti galtee barnoota adda kuttee dhaabata dhuunfa keessa hojii hojjattu waan jirtuuf ishee biratti baddee barnootashee itti fufu murteessite.
Isheedhaf bilbiltee marisiftee isheenis rakkoon qabu koottuu guyya hojjacha galgala ammoo barnoota kee hordofu dandeessa jette haalota mijeessiteef.Naaf latiin kana dhagahu isheetti heddu gamaddee uffata qabduu walitti gurrattee korojoo haadha ishee keessa qarshii konkolaata itti yaabattu fudhattee subi lafa baddee mana baate.
Akka carra ani fi hiriyyaanshee safara tokotti waan galluuf haga mana isaani geenyuutti seenichi bareechitee natti himte.seenichi itti fufa.kutaa itti aanu keessa argattu
Join & share
❤️👍@Gaaddiddu
   @Gaaddiddu
   @Gaaddiddu
👍65
Mana barumsa galmoofte barattus haga dhumatti itti fuftee xumuruu hin dandeenye.jireenyi fi barumsi wal faana deemufi waan dideef barumsicha dhiifte jireenyicha itti fufu murteessite.Hiriyyaanshee hojii dhaabbata keessan alatti galgala galgala qaamashee gurgurachuun jireenyashee tolfatti.Yeroo dheeraf hojii hiriyyanshee dabalatan hojjattu kana falma turtuus boodarra garuu dubbiin ittuma hammaata adeemte.guyyaadha guyyatti jireenyi itti cimaa fi rakkinni itti hammacha adeeme. Boodarras Naaflatiin utuun jaalattin gorsaa hiriyyashee fi qormaata jireenyatin waxxaramtee akkuma hiriyyaashee jireenya kana keessa galte.Guyyaa dhaabbata keessa galagala ammoo hootela keessa dhiira waliin bula horii sassabachuu hojii idilee godhattee.Hawwiif abjuun barnootaf qabdu harka jaame amma jireenya hin barbaanne keessa galteetti.Akka baratti malee akka garatti hin bulan jedha oromoon gaafa mammaaku. Isheen silumayyuu akka garaatti bulteen beektu.akkuma baratti bulti.Imimmanshee cocobsitee maddishee gam-lameenin haxawwacha ammas seenicha itti na fufte.

Join and share
@Gaaddiddu
@Gaaddiddu
@Gaaddiddu
10👍1
BEEKTUU KOO !!!!!!


Beektuu yoon sin jedhee
Beekamti siif kennee
Nan xiqqeesse malee
Sitti hin baayyifne

Ogeettidha ati
Dhibee koo hubattaa
Utuun sittin himin
Ofumaa na barta

Sin faarsinee dhugaa
Haqqii jirtuun hime
Baayyeen qaba ragaa
Raggaa'e dhugoome

Gaddi koo sif ifa
Miira koo dubbistaa
Gammachuu koo kolfaan
Na duuka shubbiftaa

Laafina koo bartee
Na jajjabeessita
Cimina koos laaltee
Ittuu na cimsita

Beektuu kooti ati
Hubattuu miira koo
Si dhoksuun danda'u
Gaddaf gammachuu koo

Join & share
@Gaaddiddu
@Gaaddiddu
@Gaaddiddu
18👍1
ASOOSAMA GABAABAA

HIREE JIREENYAA

KUTAA 4FFAA FI ISA DHUMA

Tahus garuu jireenyi amma jiraacha jirtuu miirashee waan miidheef isa dhiiftee qarshii achirra argatteen mana buna xiqqo wayi karaa cinatti egalte.ogumma buna dhaabu durumayyuu waan keessatti guddatteef maamiloota argachuun homa isheen rakkiifnee.Akkuma salphatti maamiltoota heddu horqtte. Bunnishee akka damma waan mi'awuu fi suusi waan nama baasuf martuu bunumashee araadutti kahe.Isheenis hojii isheetti cimtu fi ogeetti waan taatef jabaatte hojjachu eegaltee utuu hedduun turiin jijjiramtee of dandeesse jireenya gaari jiraachu eegalte.maatisheefis biyyatti mana ijaartee lafa gurguratani nyaata turanis akka qotatanif haala mijeesaiteef.naaflatiin amma jireenya jaalattu keessa jiraacha jirti.mana bunarra amma mana ciree fi giroosari banachutti ceeteetti.ofi hojji dhabdu turte amma garuu namoota danuuf budeen baasteefi nyaachisa jirti.

Seenichi gabaabinaan kanuma fakkaata Asoosama biraan akka deebi'ee dhufuuf join and share gochun channeli kana nuf jabeessa

❤️👍@Gaaddiddu
@Gaaddiddu
@Gaddiddu
@Gaaddiddu
10👍3
Argaa keefan mana bahe
Barbaacha kee qe'e marsa
Yoon si dhabees ol deebi'e
Yaadeen yaaddon qalbii joorsa

Gitan dhabee kan si gittu
Laalen ijaan kan si caaltu
Filaannoodhaf durba biraa
Filachuudhaf dhibe homtu

Suma jetti onneen tiyya
Si dheebotti si beelofti
Suma yaaddi hedas guyya
Maraarfattee si leellifti
8
👋 🤦‍♂DEEMI !!!!

Erga nan deema jette
Kaate garaa murattee
Hamaan sin argin deemi
Erga deemuf sardamtee

Utuu bilchaaten nyaatin
Jaalala teenya kichuu
Utuu oduun hubaatin
Dhageesse oduu michuu

Michooma keenya caalaa
Michooma gantuuf jettee
Fageeffatteetta miila
Akkan gaabbine turtee

Ana fi situ waliif
Ormi kanaaf nu jibbaa
Akeekni keenya borii
Jaalalli keenyas garbaa

Garbi silan boora'u
Cirreechi keessa buhe
Kan keenya kun jaalalli
Qilleensaan maaf boora'ee

Utuu obsan dhageesse
Tasgabbooftee yaada koo
Na dhiifteen deemtu turte
Har'a sila kophaa koo

Join and share
@Gaaddiddu
@Gaaddiddu
@Gaaddiddu
@Gaaddiddu
9👍3
GALATOOMI

Sagalee miidhaga
Qalbii nama raasu
Jechoota barsiisoo
Sammuu gogaa jiisu

Gorsa jaarsaa beeka
Kan barri barsiisee
Eenyumma ofi koo
Sinna hubachiise

Hin danda'u jedhee
Dadhabesaan dhiise
Hamilee koo tahee
Sinna jalqabsiisee

Kahuumsa koo kaastee
Hagan maayi bahu
Riiqicha naaf taate
Kan ittiin milkaa'u

Kankeetti hirriftee
Duwwa kootti guutta
Ofi kee beeloftee
Anan immoo soorta

Akkan sif milkaa'u
Tulluu meeqa diigdee
Dhibee koo dhibamtee
Warraansa koo dhiigdee

Galatoomi harmee
Giiftii hundaa olii
Situ naaf qajeelche
Jireenya koo borii

❤️👍Join and share
❤️@Gaaddiddu
@Gaaddiddu
@Gaaddiddu
@Gaaddiddu
12👍8
DHIBEE KOO

Kan kanarra caalu
Jira qaamni bira
Yaada koo hubatee
Kan naaf laatu fala

Kan bakka dhibee koo
Enna itti himadhu
Laale beeku rakkoo
Wantan dhukkubsadhu

Naf hima mee beektuu
Ogeessa dhibee koo
Iddoosa naaf eertuu
Nat himtu mee foonkoo

Utuman taphadhuun
Yaadan bade hafa
Utuman dhaabadhun
Jilba laafe kufa

Ofi koo dagadheen
Waa'ee ishee yaada
Gammachu koo dhiisen
Kolfashee barbaada

Utun amma kahe
Mana yaala dhaqee
Na furaa kanarraa
Rakkina koo beeke

Anu falaf mala
Martu narkaa badee
Na furaa ya firaa
Furmaatan barbaade

Join & share
@Gaaddiddu
@Gaaddiddu
@Gaaddiddu
9👍6
HAWWII KOO

Dukkana koo ibsita
Akka biiftuu ganama
Jireenya koo tolchita
Sinbirtu simboo namaa

Ani yoon rafee kahu
Hawwiin koo subii barii
Si argee sitti himachuudha
Yaada koo hawwii borii

Si waliin oole bulu
Gammachuun jiruu dansaa
Jaalalaan turee jaarudha
Hawwiin koo tahee jaarsa

Si dhabuun naaf dhukkuba
Dhukkuba dawwaan qabnee
Koo tahi hafi yoomu
Na biraa akka hin hafne

JOIN & SHARE
@Gaaddiddu
@Gaaddiddu
@Gaaddiddu
14👍4
SIIF SII

Deegara waa'e kee
Jechaan kuule himu
Olkahee kabajaan
Dhaabate si simuu
Yoon dhabdee hiriyyaa
Hirbaa jiruu keeti
An qofadhan hin jedhiin
Ati qofaa mitii

Sumatu jaala taha
Ofi keef hiriyyaa
Ofiin mari'adhu
Sumaaf suma wayya
Namni dhimman qabu
Sif dhimmeen dhama'u
Akka ati feetuu
Eenyuuyyuu siin tahu

Ofitti asaa'i
Buusi baasi yaada
Ofiin walii galuun
Of tahu barbaada
Ormat ofiin gitiin
Ati gitaan qabdu
Si jechuun si qofa
Ati addan cabdu

Kanaaf hunda duraa
Ofiif laadhu bakka
Akka ebeluun hin jedhin
Rakkoof laattee harka
Fageenya sodaattee
Ilaaltee halaalaa
Hiraartee miilli kee
Addan kutin karaa

Tarkaanfadhu ammas
Fuuldurat aggaami
Galmi kee dhiyyoodha
Kana ofit himi
Ilaaltu kee keessan
Ilaali of argii
Ofiif laadhu ddoo
Sif hin dhibin bakki

❤️👍join & share
❤️👍@Gaaddiddu
❤️👍@Gaaddiddu
❤️👍@Gaaddiddu
19👍2
BIRRAA

Qaqaa mana xaara gubbaa
Haharcaaset dhiite sirba
Gaafa daboo gaafa cidhaa
Gaafa eebba gaafa waldaa
gaafa foollee bara gadaa
-----------------------------------------
Waame ollaa fira fagoo
Nyaate dhuga dhaadhiif cuukoo
Qaammeen darbee gaaf-masqala
Hora arsadee irrefate
Jallaansaatiif kormaa qala
Kuma baase coomaa bitee
--------------------------------------------
Faafayyame simboon tolee
Jiidha ciree nagaa hiree
Manni urgaa'e dhaadhin buhee
Eebba raabsa jaarsi taa'ee
Daabboos muree hundaan gahee
-------------------------------------------
Kan wal dhabees araarame
Nagaan buhee gabiin tahee
kan wal diigees ijaarame
Qe'een tolee manni hoo'ee
Barri moofan jijjirame
Deegnis gu'e quufnis ta'e

@Gaaddiddu❤️
@Gaaddiddu❤️
@Gaaddiddu❤️
16
Haadha Mana

Jabinni koo suma
Siifan laadha iddoo
Giiftii jabduu namaa
Angaaftitti guddoo

Mudaan qabun beeku
Situ argee dhoksaa
Daraareen cooliguu
Sin laateen lalisa

Jabina koo keessa
Dhokattee mul'atta
Yaada keessa kooti
Na baaste dubbatta

Galatoomi giiftii
Haadha ilmaan kooti
Olmaan kee dubbiidhan
Waan ibsamu miti

Akka haadha mana
Akka obolleetti
Natti anta Ana
Akka hiriyya kootti.

🤙join and share
❤️👍@Gaaddiddu
@Gaaddiddu
@Gaaddiddu
17
ONNEE

Jiraachuf hin qabu
Sababa kan biraa
Jiraachuu koo keessa
Beeki situ jira

Agartuu ijaa koo
Kan ittin ilaaluu
Safartuu sammuu koo
Kan ittin madaalu

Ejjanna miilla koo
Kan ittin dhaabadhu
Hafuura somba koo
Kan ittin baafadhu

Qaama koo guutuusa
Situ dalagsiisaa
Si dhabnaan martinuu
Hin dhaaba hojjiisaa

Miilli koo kootta'e
Dhaabachuf dhiba'a
Dhiigni hoomeecha'e
sitti ol-deebi'a

Gaafas jireenyi koo
Baduuf qarqaratti
Ati hojii dhaabnan
Lubbuu koo nagaatti

Join and share
@Gaaddiddu
@Gaaddiddu
@Gaaddiddu
8
Akka namaf sila natu
Kufe cabaa caba lafee
Yaa uuma koo harka keetu
Ol naa kaase lafan kufe

Gaariin kiyya hadheeffame
Ardii guutuuf odeeffama
Maqaa haaraan naaf kenname
Ormi maqichaan na waama

Reefu ana lafaa kahu
Diinni lakkuu lafa guutee
Guddina koof danqaa tahu
Milkoomni koo ija buute

Shan asaahu shan qaana'u
Akka na eegan hin taane
Na salphisuuf shan naanna'u
Hin salphannef nan salphifne

Kana jedhu sana jedhu
Na hammeessuuf lafa caaru
Akkan cimuuf dhibbaa godhu
Na guutani humna caalu

Hamma na dhiitan dhiitameen
Dafee bahee ulfinatti
Humna jabaan darbatameen
Dursee bahe moo'ichatti

Na kuffisuuf darbatani
Duraa na ansaan kufani
Na balleessuf wal tahani
Ofiif badan wal dhabani

Kan caba koo abjuun eegdu
Anin cabu kahi hirribaa
Nan argattu kan na gaadu
Tiksee gaarii waaqa qaba

Join and share
@Gaaddiddu
@Gaaddiddu
@Gaaddiddu
28👍5