FOCUS KITTOO FURDISA
1.31K subscribers
806 photos
13 videos
639 files
278 links
...................FOCUS KITTO FURDISA...............

Welcome to the official Telegram channel of
FOCUS Ministry – Jimma University (JIT) Kitto Furdisa Branch.

FOCUS KITTO FURDISA

💳 CBE ACCOUNT :1000197541974  
Download Telegram
📢SUMMER ONLINE PROGRAM

✳️✳️TODAY'S NIGHT——BE READY✳️✳️

“Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas!”--Far.133:1



📆Guyyaa:03-01-2019EC(Dilbata)
Sa’aatii: 2:00LT galgala
📍 Karaa:
@Focus_jit

━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
🎯 WE ARE FOCUSED
📖 WE PREACH THE GOSPEL
🌍 WE REACH THE NATION

━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━

📲 Follow Us:
Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook

💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
🔥31
FOCUS KITTOO FURDISA
📢SUMMER ONLINE PROGRAM ✳️✳️TODAY'S NIGHT——BE READY✳️✳️ “Ilaa, obboloonni walii wajjin jiraachuun, attam gaarii dha, attam namatti tolas!”--Far.133:1 📆Guyyaa:03-01-2019EC(Dilbata) Sa’aatii: 2:00LT galgala 📍 Karaa: @Focus_jit ━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━ 🎯
📢SUMMER ONLINE PROGRAM

✳️✳️ONE HOUR TO GO✳️✳️

“Ani immoo maqaa kee obboloota kootti nan labsa, walga'ii keessattis sin jajadha!”
— Far. 22:22



📆Guyyaa:03-01-2019EC(Dilbata)
Sa’aatii: 2:00LT galgala
📍 Karaa: @Focus_jit

━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
🎯 WE ARE FOCUSED
📖 WE PREACH THE GOSPEL
🌍 WE REACH THE NATION

━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━

📲 Follow Us:
Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook

💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
2🔥1
Live stream scheduled for
Live stream started
Dhiifama Guddaa faana obsaan nuuf eegaa sababa connectioniif baayyee rakkachaa jirraa🙏🙏🙏
👍11
Live stream finished (2 hours)
.....📖 Christology Continuous Teaching  #Part21

🔻YESUUS KIRISTOOS: NAMA TOKKO FI UUMAMA LAMA — HYPOSTATIC UNION

Gaaffiin Yesuus Kiristoos barattoota isaatiin, “IYesus immoo, “Isinoo, eenyu anaan jettu?” jedhee isaan gaafate.” (Maatewos 16:15) jedhu, gaaffii salphaa fakkaatus gaaffii bu’uuraa amantii Kiristaanaa ti. Yesuus eenyu akka ta’e sirriitti beekuun, eenyummaa Kiristaanaa fi hubannoo fayyinaa keessatti bakka guddaa qaba. Namni tokko Yesuusiin nama gaarii, barsiisaa guddaa ykn raajii qofa jedhee yoo ilaale, eenyummaa isaa guutuu hin hubanne. Macaafni Qulqulluun Yesuus Kiristoos nama dhugaa ta’uu isaa qofa osoo hin taane, Waaqa dhugaa ta’uu isaa illee barsiisa. Kanaaf Yesuus Kiristoos keessatti wanti lamaan walitti dhufan jiru: inni Waaqa guutuu fi nama guutuu dha.

Barumsi kun Hypostatic Union jedhama. Hiikni isaa, Yesuus Kiristoos Person tokko, garuu uumama lama qabaachuu isaa dha. Uumamni lamaan kun uumama Waaqummaa fi uumama namaummaa dha. Kun jechuun Yesuus walakkaa Waaqa fi walakkaa nama miti. Akkasumas yeroo nama ta’e Waaqummaa isaa hin dhiisne. Ilmi Waaqayyoo inni bara baraa, yeroo foon uffate, uumama namaa guutuu of irratti fudhate. Kanaaf Yesuus yeroo tokko keessatti guutumaan guutuutti Waaqa, guutumaan guutuutti nama dha.

1. Bu’uura Macaafa Qulqulluu Waa’ee Uumama/nature Lama Kiristoos
Macaafni Qulqulluun waa’ee Yesuus yeroo dubbatu, dhugaa lama yeroo wal fakkaatutti nu barsiisa. Tokkoffaa, Yesuus Waaqa dhugaa dha. Lammaffaa, Yesuus nama dhugaa dha. Dhugaan lamaan kun wal faallaa miti; garuu eenyummaa Kiristoos sirriitti ibsu.

Yohannis 1:1 keessatti,
“Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture*.”

jedhama. “sagalichi” ykn Logos kun Yesuus Kiristoos agarsiisa. Yohannis jalqabuma irratti Yesuus uumama qofa akka hin taane ibsa. Inni “jalqaba” ture; jechuun uumamni hundi uumamuu isaa dura Inni ture. Akkasumas sagalichi Waaqayyo bira ture, jechuun Abbaa irraa adda ta’ee jiraachuu isaa agarsiisa. Garuu yeroo wal fakkaatutti, “sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture*.” jedha. Kanaaf Yesuus Waaqa dhugaa dha.

Qolosaayis 2:9 immoo,
“Guutummaan Waaqummaa hundinuu fooniin isa keessa jiraata” jedha.

Caqasni kun Yesuus Waaqummaa muraasa qofa akka qabu hin jedhu. Guutummaan Waaqummaa isa keessa jiraata. Kanaaf Yesuus “Waaqa xiqqoo” ykn “Waaqa keessaa kutaa tokko” miti. Inni Waaqa guutuu dha.
Ibroota 1:3 keessatti Yesuus
Ifni ulfina Waaqayyoo isa irraa in calaqqisa, Waaqayyo akkuma jirutti isaan in mul'ata; dubbii isaa isa humna-qabeessaanis waan uumame hundumaa in baata. Inni cubbuuttii qulleeffamuu erga argachiisee booddee, ol gubbaa mirga isa surra-qabeessaa dhaqee in taa'e*.

jedhama. Kun Yesuus Abbaa sirriitti mul’isu isaa agarsiisa. Kanaaf Yesuusiin beekuun, Waaqayyo eenyu akka ta’e hubachuufis nu gargaara.

Garuu Yesuus Waaqa qofa miti. Yohannis 1:14 keessatti, “Sagalichis nama foonii ta'ee, nu gidduus buufate. Ulfina isaa isa ayyaanaa fi dhugaadhaan guutes argine; ulfinni isaas isa ilmi tokkichi abbaa isaa irraa argatu ture*.

jedhama. Kun dhugaa lammaffaa nuuf ibsa: Ilmi Waaqayyoo dhugumaan nama ta’e. Inni nama fakkaate qofa miti. Foon dhugaa qabaate, dhiiga dhugaa qabaate, dhalate, guddinate, beela’e, dheebote, dadhabe, dhiphate, fi dhuma irratti du’e. Ibroota 2:14 keessatti ilmaan namaa foonii fi dhiigaa waan ta’aniif, Yesuusis isaan waliin foonii fi dhiiga keessatti qooda fudhachuu isaa dubbata.

Kanaaf Yesuus namummaa guutuu qaba. Namummaa isaa keessatti qaama namaa, sammuu namaa, fedhii namaa fi miira namaa qaba ture. Maatewos 4:2 keessatti beela’uu isaa, Yohannis 19:28 keessatti dheebotuu isaa, Yohannis 4:6 keessatti dadhabuu isaa, Yohannis 11:35 keessatti imimmaan dhangalaasuu isaa argina. Wantoonni kun hundi Yesuus nama dhugaa ta’uu isaa mirkaneessu.
3
2. “Person” ykn Nama jechuun maal jechuu dha?
Jecha Person jedhu hubachuun Hypostatic Union hubachuuf baay’ee barbaachisaa dha. Person jechuun gaaffii “Eenyu?” jedhuuf deebii kenna. Yeroo “Yesuus eenyu?” jennee gaafannu, deebiin isaa, Yesuus Kiristoos Ilma Waaqayyoo bara baraa dha jedhama.
Yesuus nama dhuunfaa tokko dha. Inni Person haaraa yeroo foon uffate uumame miti. Ilmi Waaqayyoo bara baraan ture. Yeroo inni nama ta’es, eenyummaan isaa hin jijjiiramne. Inni amma illee Ilma Waaqayyoo dha.
Kana jechuun Yesuus nama tokko qofa miti jechuu miti; “nama” as keessatti Person jechuu dha. Yesuus Person tokko dha, Person lammaffaa Sillaasee keessa jiru. Abbaa, Ilma fi Hafuura Qulqulluu jechuun Person sadii dha; Yesuus immoo Ilma, jechuun Person lammaffaa dha.
Kanaaf yeroo waa’ee Yesuus dubbannu, “Eenyu?” jedhuuf Ilma Waaqayyoo jenna. “Maal?” jedhuuf immoo Waaqa fi nama jenna. Garaagarummaan kun Hypostatic Union hubachuuf furtuu guddaa dha.

3. “Nature” ykn Uumama jechuun maal jechuu dha?
Nature jechuun gaaffii “Maal?” jedhuuf deebii kenna. Person eenyu akka ta’e yoo ibse, Nature maal akka ta’e ibsa.
Fakkeenyaaf, nama tokko yoo ilaalle, inni Person tokko dha; Nature namaa qaba. Namummaan isaa maal akka ta’e ibsa. Garuu Yesuus keessatti haalli adda ta’e jira. Yesuus Person tokko dha, garuu Nature lama qaba.
Nature inni jalqabaa uumama Waaqummaa dha. Yesuus Waaqa guutuu dha. Nature inni lammaffaa uumama namaummaa dha. Yesuus nama guutuu dha. Kanaaf Yesuus keessatti Person tokko fi Nature lama jiru.
Kun akka jechuuti: Yesuus “Waaqa tokko fi nama tokko walitti makaman” miti. Akkasumas “nama lama” miti. Garuu Ilmi Waaqayyoo, Person tokko, uumama Waaqummaa fi uumama namaummaa lama qaba.

4. Hiika Hypostatic Union
Hypostatic Union jechuun tokkummaa uumama Waaqummaa fi uumama namaummaa Person tokko, Yesuus Kiristoos, keessatti argamu jechuudha.
Yeroo Incarnation, Ilmi Waaqayyoo nama biraa wajjin walitti hin makamin. Nama haaraa tokko uumee “ani isa keessa jira” hin jenne. Garuu Inni mataan isaa uumama namaa of irratti fudhate.
Kanaaf yeroo Yesuus dhalate, Ilmi Waaqayyoo nama ta’e. Garuu Waaqa ta’uu isaa hin dhiisne. Namummaa isaa immoo fakkeenyummaa miti; dhugaa dha.

Kanaaf, “Yesuus Kiristoos nama tokko fi uumama lama qaba” jechuun, Person inni tokko Ilma Waaqayyoo bara baraa ta’uu isaa, Nature inni lama immoo Waaqummaa fi namaummaa ta’uu isaa jechuu dha.

Uumamni lamaan kun wal hin makaman. Yoo wal makaman, Yesuus Waaqa guutuu ykn nama guutuu hin ta’u ture. Akkasumas uumamni lamaan wal hin jijjiiran. Waaqummaan isaa namaummaa hin taane; namaummaan isaa Waaqummaa hin taane. Garuu lamaan isaanii Person tokko keessatti walitti hidhatanii jiru.

5. Incarnation — Yeroo Tokkummaan Kun Ta’e
Incarnation jechuun Ilmi Waaqayyoo foon uffatee nama ta’uu jechuudha. Luqaas 1:35 keessatti ergamaan Maariyaamitti Hafuurri Qulqulluun ishee irra bu’uu fi humni Waaqa Waan Hundaa Olii ishee irra bu’uu isaa dubbata.
Yeroo Yesuus gara addunyaa dhufe, Ilmi Waaqayyoo uumama namaa fudhate. Kun garuu Waaqummaa isaa dhiisuu miti. Inni Waaqa ta’ee nama ta’e.
Kun iccitii guddaa dha. Namni tokko akkamitti guutumaan guutuutti Waaqa fi guutumaan guutuutti nama ta’uu danda’a? Kun sammuu namaatiin guutummaatti ibsamuu kan danda’u miti. Garuu Macaafni Qulqulluun dhugaa kana nu barsiisa.
Kanaaf Incarnation jechuun Waaqa irraa nama ta’utti jijjiiramuu miti; Waaqa ta’ee nama ta’uu dha.
6. Uumama Lama Yesuus Kiristoos
Uumama Waaqummaa Yesuus keessatti bara baraan jiraachuu, humna Waaqummaa, beekumsa, fi aangoo cubbuu dhiisuu argina. Yohannis 8:58 keessatti Yesuus, Abrahaam utuu hin dhalatin ani jira jedha. Kun jiraachuu isaa Abrahaam dura ta’uu agarsiisa. Maatewos 8:26–27 keessatti qilleensaa fi galaana abboomsiisa. Maarqos 2:5–7 keessatti cubbuu dhiisuuf aangoo qabaachuu isaa mul’isa.
Gama biraatiin uumama namaummaa isaa keessatti Yesuus dhalate, guddinate, beela’e, dheebote, dadhabe, dhiphate, fi du’e. Luqaas 2:52 keessatti ogummaa fi guddina keessatti dabalaa adeemuu isaa argina. Luqaas 22:42 keessatti fedhii namaa isaa ibsa. Yohannis 11:35 keessatti imimmaan dhangalaasa.

Kanaaf Yesuus Waaqummaa qofa qaba jennee yoo jenne, namummaa isaa ni dhabna. Namummaa qofa qaba jennee yoo jennes Waaqummaa isaa ni dhabna. Macaafni Qulqulluun garuu lamaan isaanii nuuf mirkaneessa.

7. Wal-Qunnamtii Amaloota Lamaanii
Sababni Yesuus Person tokko ta’eef, wanti uumama isaa keessaa tokko irratti raawwatame waa’ee Person Yesuus Kiristoos irratti dubbachuun ni danda’ama.
Fakkeenyaaf Hojii Ergamootaa 20:28 keessatti waa’ee Waaqayyo dhiiga isaatiin waldaa bituu dubbata. Akka uumama Waaqummaa isaatti Waaqni dhiiga hin qabu. Garuu Ilmi Waaqayyoo nama ta’ee dhiiga qabaate.

Kanaaf “Waaqayyo dhiiga dhangalaase” yeroo jennu, Waaqummaan akka Waaqummaa isaatti dhiiga qaba jechuu miti. Garuu Person inni dhiiga dhangalaase Ilma Waaqayyoo waan ta’eef, waa’ee Person sanaa dubbachaa jirra.
Kun Communication of Properties jedhama. Amaloonni uumama lamaanii Person tokko, Yesuus Kiristoos, irratti walitti dhufanii ibsamuu danda’u.

8. Maaliif Hypostatic Union Fayyinaaf Barbaachisaa Dha?
Hypostatic Union waa’ee barumsa qofa miti; fayyina keenya waliin walitti dhufeenya guddaa qaba.
Yesuus Waaqa waan ta’eef Waaqayyoon nuuf mul’isuu danda’a. Yohannis 14:9 keessatti Yesuus,
Yesus deebisee, “Utuma ani yeroo dheeraa hammana ga'u isinii wajjin jiraadhuu iyyuu ana hin beeknee, Filiphos? Namni ana arge abbaa arge; attamitti, ‘Abbaa nu argisiisi’ jetta ree*?

Yoo Yesuus Waaqa hin taane, Waaqayyoon guutummaatti nuuf mul’isuu hin danda’u ture.
Akkasumas Yesuus nama dhugaa waan ta’eef bakka keenya bu’uu danda’a. 1 Ximotewos 2:5 keessatti inni
“Waaqayyo tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidus tokkicha; inni immoo Kristos Yesus isa nama ta'ee mul'atee dha*.

Nama hin taane bakka namaa bu’uu hin danda’u.
Kana malees Yesuus Waaqa fi nama waan ta’eef Waaqa fi nama gidduu Araarsaa ta’uu danda’a. Inni gama Waaqaatiin Waaqa dhugaa, gama namaatiin nama dhugaa dha.
Aarsaan isaa illee kanaan wal qabata. Yesuus nama dhugaa ta’ee fannoo irratti du’e. Garuu Person inni du’e Ilma Waaqayyoo bara baraa dha. Kanaaf duuti isaa hojii fayyinaa keessatti gatii guddaa qaba.

9. Dogoggora Waa’ee Eenyummaa Kiristoos
Arianism Yesuus Waaqa guutuu akka hin taane barsiisa. Garuu Yohannis 1:1 fi Qolosaayis 2:9 Yesuus Waaqa dhugaa ta’uu isaa ifa godhu.
Docetism immoo Yesuus nama fakkaate qofa jedha. Garuu Yohannis 1:14 keessatti sagalichi foon ta’uu isaa argina. Yesuus nama fakkaate qofa miti; dhugumaan nama ta’e.
Nestorianism Kiristoos akka nama lamaatti addaan qoodu. Garuu barumsi sirrii Yesuus Person Waaqayyo tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidus tokkicha; inni immoo Kristos Yesus isa nama ta'ee mul'atee dha*.
1Ximotewos 2:5 ta’uu isaa barsiisa. Uumama lama qaba, garuu Person lama miti.
Monophysitism immoo Kiristoos uumama tokko qofa qaba jedha. Garuu barumsi Macaafa Qulqulluu Yesuus Waaqa guutuu fi nama guutuu ta’uu isaa agarsiisa. Kanaaf Nature lama qaba.
Dogoggorri kunneen hundi tokko tokkoon dhugaa Yesuus keessaa tokko hir’isu. Tokko Waaqummaa isaa hir’isa, kan biraa namaummaa isaa hir’isa, kan biraa Person isaa qooda. Barumsi Hypostatic Union garuu Yesuus Person tokko fi Nature lama ta’uu isaa eega.
10. Iccitii fi Ulfinni Incarnation
Incarnation iccitii guddaa dha, sababni isaa Uumaan uumama isaa keessaa tokko ta’ee mul’ate. Kan bara baraa yeroo keessa gale. Kan hin mul’anne mul’ate. Ulfina qabu gad of qabe. Kun waan sammuu namaatiin guutummaatti qabamuu hin dandeenye dha.

1 Ximotewos 3:16 keessatti
“Nama Waaqayyoo ta'uu keessa iyyuu dhoksaan guddaan akka jiru amanamaa dha; kanaafis, “Inni foon uffatee mul'ateera, hafuurichi dhugaa galcheeraaf, ergamoota Waaqayyootti argameera, saba biyya lafaa keessatti lallabameera, guutummaa biyya lafaa keessatti itti amanameera, ulfinaan ol fudhatameera” jedhamee himameera*. ”

jedhama. Kun dhugaa Incarnation gabaabinaan ibsa.
Yesuus foon uffachuun isaa Waaqayyo nama jibbu osoo hin taane, nama fayyisuuf gara namaatti dhufuu isaa mul’isa. Inni nama keessa gale, jireenya namaa qooda fudhate, dhiphinaa fi du’a keessa darbe, fayyina fiduuf.

11. Hojiirra Oolmaa Barumsa Kanaa

Yoo Yesuus Waaqa guutuu ta’e, Inni waaqeffannaa keenyaaf Gooftaa dha. Kanaaf Yesuusiin kabajuu fi waaqeffachuun bu’uura amantii Kiristaanaa ti.
Yoo Yesuus nama guutuu ta’e, inni dadhabbii fi rakkina namaa hubachuu danda’a. Inni beela, dheebuu, dhiphina, gadda fi du’a keessa darbeera. Kanaaf yeroo rakkannu gara isaatti amanamummaadhaan dhiyaachuu dandeenya.

Akkasumas jireenya isaa irraa gad of qabuu baranna. Filiphisiyus 2:5–8 keessatti Yesuus ulfina isaa keessatti of gadi qabee namaaf tajaajiluu fi hanga du’a fannoo ga’utti abboomamuu isaa argina. Kanaaf namni Yesuusiin hordofu gad of qabuu fi tajaajiluu qaba.
📌 Cuunfaa

Barumsi Hypostatic Union jedhu waa’ee Yesuus Kiristoos maal akka barsiisu yoo tokkoon tokkoon isaa walitti qabne, dhugaan isaa akkana:

Yesuus Kiristoos Person tokko dha. Inni Ilma Waaqayyoo bara baraa dha. Garuu Person inni tokko kun Nature lama qaba: Nature Waaqummaa guutuu fi Nature namaummaa guutuu.

Inni Waaqa guutuu ta’ee nama guutuu ta’e. Yeroo nama ta’us Waaqummaa isaa hin dhiisne. Namummaa isaa keessattis nama fakkaate qofa hin taane; nama dhugaa ta’e. Uumamni lamaan isaa wal hin makaman, wal hin jijjiiran, hin qoodaman, adda hin bahan.

Kanaaf Yesuus Waaqa-nama tokko dha. Inni Waaqayyoon nuuf mul’isa, nama bakka keenya bu’a, Waaqa fi nama walitti araarsa, akkasumas hojii fayyinaa raawwata. Kun immoo sababni Yesuus Kiristoos Fayyisaa keenya, Araarsaa keenya fi Gooftaa keenya ta’eef bu’uura guddaa dha.
📝 Hojii Manaa (Homework)
1.Jechi Hypostatic Union jedhu maal jechuu dha? Garaagarummaa nama (Person) fi uumama (Nature) gidduu jiru ibsi.
2.Macaafa Qulqulluu fayyadamuun Yesuus:Waaqa guutuu ta’uu isaa Nama guutuu ta’uu isaa ragaa sadii sadii kenni.
3.Jechi:“Yesuus Kiristoos nama tokko fi uumama lama qaba”jedhu maal jechuu dha? Maaliif Yesuus nama lama jechuu irraa adda?
4.Hypostatic Union akkamitti fayyina keenyaaf karaa bana? Yesuus Waaqa fi nama ta’uun isaa maaliif barbaachisaa dha?
🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸
Deebii Hojii manaa, akkasumas yaada barumsa kana irratti qabdan @MILKAN19 irratti nuuf qoodaa.
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
🎯 WE ARE FOCUSED
📖 WE PREACH THE GOSPEL
🌍 WE REACH THE NATION
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━

📲 Follow Us:
Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook

💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
🙏2
Audio
🔊Christology Continuous Teaching #Part21

🔻HYPOSTATIC UNION

Audion barumsa #Christology #part21 akka kanatti qophaa'ee jira.
📌Barumsi kuni barnoota kana booda barannuuf hundee waan ta'eef, sirriitti akka hordoftan isin yaadachiifna.

🔸Akkasumallee HIRIYYOOTA keessan kamillee hirmaachisuu akka hin daganne.

━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
🎯 WE ARE FOCUSED
📖 WE PREACH THE GOSPEL
🌍 WE REACH THE NATION
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━

📲 Follow Us:
Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook

💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
2
📢SUPPORT CHALLENGE BY VOLUNTEER TEAM

“Wanta gaarii gochuu, waan qabdan warra kaaniin ga'uus hin dagatinaa! Waaqayyo aarsaa akkasiitti in gammada.” — Ibr. 13:16


🤝Nagaa fi jaalalli Waaqayyoo hunduma keessaniif haa ta’u. Akkam nagaa jirtuu, maatii Gooftaa?

♦️Akkuma yeroo darbe beeksifamee ture, Gartuun Volunteer barattoota harka-qalleeyyii deeggaruuf “Support Challenge” qopheessee jira.

🔸️Yeroo barnootaaf mooraatti deebinu kanatti, barattoota harka-qalleeyyii ta’an bukkee dhaabbachuun jaalala Kiristoos hojiin haa agarsiisnuu.

🔹️Kanaaf, namni hundi dabtara tokko fi qalama tokko irraa kaasee, hanga danda’etti meeshaalee barnootaa bitee fiduun hojii gaarii kana keessatti akka hirmaatu jaalalaan isin afeerra.

🔥Xinnaan nuti goonu, jireenya nama biraa keessatti jijjiirama guddaa fiduu danda’a.

━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
🎯 WE ARE FOCUSED
📖 WE PREACH THE GOSPEL
🌍 WE REACH THE NATION
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━


📲 Follow Us:
Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook

💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
7🥰2
📢CHRISTOLOGY CONTINUES TEACHING #PART22

🔻BARUMSA KIRISTOOSII (CHRISTOLOGY) JIREENYA FI TAJAAJILA KIRISTAANAA KEESSATTI.


Isaan sagalee guddaadhaan, “Hoolichi inni qalame aangoo, badhaadhummaa, ogummaa, humna, ulfina, guddina, hooqubaa fudhachuuf kan malee dha” jedhan*.
Mul'ata Yohannis 5:12

Nagaan fi ayyaanni Waaqayyoo hunda keessaniif haa baayyatu.

🔹Barnoonni waliittii fufaan mataduree "CHRISTOLOGY" jedhu kutaa 22ffaan har'a galgala mata duree xiqqaa "#BARUMSA_KIRISTOOSII_(CHRISTOLOGY)_JIREENYA_FI_TAJAAJILA_KIRISTAANAA_KEESSATTI" jedhuun itti fufee jira.
🔸Kanaaf hundumti keenya yeroo keenya mijeffannee irraa haa barannu.
📌Hubachiisa: Barumsi kuni audio fi barreeffaman qophaa'ee jira.

Hiriyyoota keenyaafis haa qoodnu.

📆Guyyaa:Roobii(16-9-2026)
Sa’aatii: 1:00LT galgala
📍 Channel: @Focus_jit Telegram

━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
🎯 WE ARE FOCUSED
📖 WE PREACH THE GOSPEL
🌍 WE REACH THE NATION
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━

📲 Follow Us:
Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook


💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
1👍1
FOCUS KITTOO FURDISA
📢CHRISTOLOGY CONTINUES TEACHING #PART22 🔻BARUMSA KIRISTOOSII (CHRISTOLOGY) JIREENYA FI TAJAAJILA KIRISTAANAA KEESSATTI. Isaan sagalee guddaadhaan, “Hoolichi inni qalame aangoo, badhaadhummaa, ogummaa, humna, ulfina, guddina, hooqubaa fudhachuuf kan malee…
.....📖 Christology Continuous Teaching  #Part22

🔻BARUMSA KIRISTOOSII (CHRISTOLOGY) JIREENYA FI TAJAAJILA KIRISTAANAA KEESSATTI

1. CHRISTOLOGY MAALI? MAALIIF BARBAACHISAA DHA?

Christology jechuun barumsa waa’ee Yesuus Kiristoos ti. Yesuus eenyu akka ta’e, maal akka hojjete, maaliif gara addunyaa akka dhufe, maaliif du’e, maaliif du’aa ka’e, amma maal hojjechaa akka jiru fi gara fuulduraatti maal akka raawwatu hubachuuf nu gargaara. Christology waa’ee Yesuus odeeffannoo sammuu keessatti kuusuu qofa miti; bu’uura jireenya Kiristaanaa guutuu ti. Sababni isaa amantiin Kiristaanaa falasama nama tokkoo, sirna naamusaa qofa ykn aadaa amantii qofa irratti hin hundaa’u; hundeen isaa nama tokko, jechuunis Yesuus Kiristoos irratti hundaa’a. Kanaaf namni Yesuus eenyu akka ta’e sirriitti hubatu, maaliif Isa amanuu, Isa waaqeffachuu, Isaaf ajajamuu fi Isa hordofuu akka qabu sirriitti hubata. Christology keessatti beekumsi waa’ee Kiristoos gara hariiroo Isaa waliin qabnutti nu geessa; hariiroon sun immoo gara jaalalaatti, jaalalli gara hordoftummaatti, hordoftummaan gara tajaajilaatti fi tajaajilli gara labsii Wangeelaatti nu geessa. Kanaaf kaayyoon Christology, “Kiristoosin beekuu, Kiristoosin jaallachuu, Kiristoosin hordofuu fi Kiristoosin labsuu” jedhamee ibsamuu danda’a. Yesuus Kiristaanaaf Ilma Waaqayyoo, Gooftaa, Fayyisaa, Furii fi Mootii dha. Kanaaf Christology jireenya Kiristaanaa keessatti barumsa keessaa tokko qofa osoo hin taane, barumsa jireenya Kiristaanaa guutuu bocu dha.

2. KIRISTOOSIN BEEKUU FI HARIROO DHUUNFAA ISA WALIIN QABNU
Christology Kiristoosin beekuu irraa jalqaba. Kiristaanummaan waa’ee Yesuus odeeffannoo qofa beekuu miti; Yesuusin dhuunfaan beekuu dha. Namni tokko waa’ee dhaloota Yesuus, barsiisa Isaa, hojii dinqii Isaa, fannoo Isaa fi du’aa ka’uu Isaa beekuu danda’a, garuu beekumsi sun qofti Yesuusin dhuunfaan beekuu jechuu miti. Phaawuloos Filiphisiyus 3:8 keessatti beekumsa Kiristoos Yesuus Gooftaa isaa waan hundumaa caalu jechuun ibsa. Phaawuloos waa’ee Kiristoos odeeffannoo qofa hin qabu ture; inni Kiristoosin beeka ture. Inni eenyummaa Kiristoos, humna Kiristoos, dhiphina Kiristoos fi du’aa ka’uu Kiristoos hubate. Kanaaf beekumsi Kiristoos jireenya namaa keessatti jijjiirama fida. Namni Yesuus eenyu akka ta’e sirriitti hubatu, ilaalchi isaa waa’ee jireenyaa, cubbuu, fayyinaa fi kaayyoo jireenyaa ni jijjiirama. Beekumsi dhugaan Kiristoos nama Isa jaallatu, Isa amanatu, Isa hordofu fi Isaaf jiraatu taasisa. Kanaaf Christology keessatti kaayyoon keenya waa’ee Yesuus beekumsa qofa qabaachuu osoo hin taane, Yesuus Kiristoos Gooftaa keenya ta’uu Isaa beeknee hariiroo dhugaa Isa waliin qabaachuu dha.

3. EENYUMMAA KIRISTOOS: WAAQA GUUTUU FI NAMA GUUTUU

Gaaffiin Christology keessatti hundee ta’e, “Yesuus eenyu?” jedhu dha. Macaafni Qulqulluun Yesuus Waaqa guutuu fi nama guutuu akka ta’e barsiisa. Yohannis 1:1 keessatti, “Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture*.Wangeela Yohannis 1:1”

jedhamee dubbata. Kun Waaqummaa Kiristoos ifatti mul’isa. Yohannis 1:14 immoo,
Sagalichis nama foonii ta'ee, nu gidduus buufate. Ulfina isaa isa ayyaanaa fi dhugaadhaan guutes argine; ulfinni isaas isa ilmi tokkichi abbaa isaa irraa argatu ture*.;

kunis Yesuus dhugumaan nama ta’uu Isaa agarsiisa. Kanaaf Yesuus yeroo nama ta’e Waaqa ta’uu Isaa hin dhiifne; yeroo Waaqa ta’e namummaa Isaa illee hin dhiifne. Inni Waaqa guutuu fi nama guutuu dha. Kana jechuun Yesuus keessatti Waaqummaa fi namummaa dhugaa jiru, garuu Inni nama lama miti; nama tokko, Yesuus Kiristoos tokko dha. Kanaaf ibsi sirrii Christology, “Yesuus Kiristoos nama tokko, uumama lama qabu dha” jedhu dha. Uumamni lamaan Isaa Waaqummaa fi namummaa dha. Dhugaan kun hubannoo keenya waa’ee Yesuus irratti bu’uura guddaa dha, sababni isaa hojii fayyinaa Isaa, araara Isaa, du’a Isaa fi du’aa ka’uu Isaa hubachuuf dura eenyummaa Isaa beekuun barbaachisaa dha.
FOCUS KITTOO FURDISA
📢CHRISTOLOGY CONTINUES TEACHING #PART22 🔻BARUMSA KIRISTOOSII (CHRISTOLOGY) JIREENYA FI TAJAAJILA KIRISTAANAA KEESSATTI. Isaan sagalee guddaadhaan, “Hoolichi inni qalame aangoo, badhaadhummaa, ogummaa, humna, ulfina, guddina, hooqubaa fudhachuuf kan malee…
4. HOJII KIRISTOOS: FOON UFFACHUU FI JIREENYA ISAA
Eenyummaa Kiristoos hubachuun hojii Isaa hubachuuf bu’uura dha. Ilmi Waaqayyoo foon uffatee gara addunyaa dhufe. Yohannis 1:14 keessatti sagalichi foon ta’ee nu gidduu buufachuu Isaa dubbata. Yesuus dhugumaan nama ta’ee nu gidduu jiraate. Inni jireenya namaa keessa seenee, dhiphachuu, beela’uu, dheebochuu fi dadhabuu namaa keessa darbe, garuu cubbuu malee jiraate. Jireenyi Isaa guutumaan guutuutti fedhii Abbaa Isaa raawwachuu irratti kan hundaa’e ture. Inni Mootummaa Waaqayyoo lallabe, namoota barsiise, warra dhukkubsatan fayyise, warra cubbuu keessatti kufan waame, warra abdii kutatan jajjabeesse, akkasumas jaalala Waaqayyoo namootaaf mul’ise. Haa ta’u malee hojii Isaa jireenya lafa irraa fi barsiisa qofa irratti hin xumuramne. Jireenyi Isaa gara fannoo fi du’aatti geesse, sababni isaa Inni cubbuu namaa baachuuf of kenne. Kanaaf jireenyi Yesuus guutuun hojii fayyinaa Isaa keessaa kutaa guddaa dha. Inni nu barsiisu qofa osoo hin taane, jireenya Isaa keessatti waan barsiise sana hojiidhaan mul’ise.

5. DU’A FI DU’AA KA’UU KIRISTOOS

Wiirtuun hojii fayyinaa Kiristoos keessaa fannoo fi du’aa ka’uu Isaa dha. Yesuus cubbuu Isaa irraa kan ka’e hin duune; Inni cubbuu namaa irraa kan ka’e of kenne. Maatewos 1:21 keessatti maqaan Isaa Yesuus akka ta’u, sababni isaa Inni saba Isaa cubbuu isaanii irraa akka fayyisu ibsameera. Fannoo irratti Yesuus jireenya Isaa nuuf kenne. Duuti Isaa hojii fayyinaa keessatti iddoo guddaa qaba, garuu seenaa Isaa du’aan hin xumuramne. Guyyaa sadaffaatti Inni du’aa ka’e. 1 Qorontos 15:20 keessatti Phaawuloos Kiristoos warra du’an keessaa du’aa ka’ee isa jalqabaa ta’uu Isaa ibsa. Du’aa ka’uun Kiristoos du’a irratti injifannoo Isaa mul’isa. Akkasumas warra Kiristoositti amananiif abdii du’aa ka’uu kenna. Kanaaf fannoo fi du’aa ka’uu Kiristoos wal irraa addaan hin ba’an. Fannoo irratti Inni cubbuu namaa baate; du’aa ka’uun Isaa immoo du’a mo’uu Isaa mul’ise. Kanaaf amantiin Kiristaanaa fannoo qofa ykn du’aa ka’uu qofa irratti hin dhaabbatu; lamaan isaanii hojii Kiristoos keessatti walitti hidhamiinsa qabu.

6. KIRISTOOS FAYYISAA FI ARAARSAA KEENYA

Yesuus Fayyisaa keenya dha. Maatewos 1:21 keessatti Inni saba Isaa cubbuu isaanii irraa akka fayyisu ibsameera. Fayyinni Yesuus kennu cubbuu irraa bilisa ba’uu, murtii cubbuu jalaa ba’uu fi du’a irratti injifannoo argachuu wajjin walitti hidhata qaba. Kanaaf Yesuus Fayyisaa jechuun Inni rakkoo namaa keessaa isa gadi fagoo, jechuunis rakkoo cubbuu, furuuf dhufe jechuu dha. Yesuus akkasumas Araarsaa keenya isa tokko dha. 1 Ximotewos 2:5 keessatti Waaqayyoo fi nama gidduu Araarsaan tokko, inni nama Kiristoos Yesuus ta’uu ibsameera. Yesuus Araarsaa ta’uu kan danda’u sababni isaa Inni Waaqa guutuu fi nama guutuu waan ta’eef. Inni Waaqayyoo fi nama gidduu walitti dhufeenya araaraa fiduu danda’a. Kanaaf fayyinni Kiristaanaa hojii namaatiin qofa argamu miti; bu’uura isaa irratti hojii Kiristoos jira. Namni Kiristoosin Fayyisaa fi Araarsaa isaa godhatee amanu, jireenya isaa Isa irratti hundeessa. Kanaaf Christology fi barumsi fayyinaa wal irraa addaan ba’uu hin danda’an.

7. GOOFTUMMAA KIRISTOOS FI WAAQEFFANNAA
FOCUS KITTOO FURDISA
📢CHRISTOLOGY CONTINUES TEACHING #PART22 🔻BARUMSA KIRISTOOSII (CHRISTOLOGY) JIREENYA FI TAJAAJILA KIRISTAANAA KEESSATTI. Isaan sagalee guddaadhaan, “Hoolichi inni qalame aangoo, badhaadhummaa, ogummaa, humna, ulfina, guddina, hooqubaa fudhachuuf kan malee…
Yesuus Gooftaa dha, kana jechuun Inni aangoo, ulfina fi kabaja olaanaa qabu jechuu dha. Filiphisiyus 2:9–11 keessatti maqaa Yesuusif jilbi hundinuu akka jilbeenfatu, afaan hundinuu Yesuus Kiristoos Gooftaa ta’uu akka beeksisu ibsameera. Gooftummaa Yesuus hubachuun waaqeffannaa Kiristaanaa sirriitti hubachuuf nu gargaara. Yesuus nama qofa utuu ta’ee Isa waaqeffachuun sirrii hin ta’u ture; garuu Macaafni Qulqulluun Isaaf ulfina fi kabaja Waaqummaa kennamu nu barsiisa. Mul’ata 5 keessatti Hoolichi qalame sun humna, badhaadhina, ogummaa, ulfina, kabajaa fi galata akka argatu ibsameera. Kun Kiristoos waaqeffannaa keessatti iddoo olaanaa qabu agarsiisa. Kanaaf Kiristaanonni Yesuusin galateeffatu, Isa waaqeffatu, Isa Gooftaa jedhanii waamu. Waaqeffannaan dhugaa eenyummaa Kiristoos irraa maddu qaba.
Yoo Yesuus eenyu akka ta’e sirriitti hubanne, waaqeffannaan keenya yaada namaa ykn aadaa qofa irratti osoo hin hundaa’in, eenyummaa fi Gooftummaa Kiristoos irratti hundaa’a.

8. CHRISTOLOGY FI EENYUMMAA KIRISTAANAA

Eenyummaan Kiristaanaa hariiroo Kiristoos waliin qabnu irraa maddu. Galaatiyaa 2:20 keessatti Phaawuloos,
“Egaa si'achi Kristos isa ana keessaatu jiraata malee, anatu jiraata miti; jireenya ani amma fooniin jiraadhu immoo, ilma Waaqayyoo isa na jaallate, ofii isaas dabarsee isa anaaf kennetti amanuudhaan nan jiraadha*.

Jechi kun namni Kiristoositti amanu jireenya isaa duraanii qofa irratti akka hin hundaa’in agarsiisa. Inni Kiristoos waliin hariiroo haaraa qabaata. Kiristaana jechuun Kiristoos waliin tokko ta’uu, Kiristoosiin dhiifama argachuu, Kiristoosiin jijjiiramuu fi Kiristoosiin ergamuu jechuu dha. Kanaaf namni “Ani Kiristaana” yeroo jedhu, maqaa amantii qofa of irratti maxxansuu miti; jireenya isaa Kiristoos waliin walitti hidhuu dha. Kiristoos eenyu akka ta’e hubachuun, “Ani eenyu?” jedhuufis deebii nuuf kenna. Jireenya Kiristaanaa keessatti eenyummaan keenya qabeenya, aangoo, beekamtii ykn ilaalcha namaa irratti osoo hin hundaa’in, Kiristoos keessatti waan taane irratti hundaa’a. Kanaaf Christology sirrii eenyummaa Kiristaanaa sirrii ijaara.

9. CHRISTOLOGY FI QULQULLUMMAA JIREENYAA

Kiristoosin beekuun jireenya namaa jijjiiruu qaba. Christology barumsa sammuu keessatti qofa hafuu hin qabu; jireenya guyyaa guyyaa keessatti mul’achuu qaba. 1 Phexros 2:21 keessatti Kiristoos dhiphatee tarkaanfii Isaa akka hordofnuuf fakkeenya nuuf dhiisuu Isaa ibsa. Yesuus fakkeenya keenya waan ta’eef, jireenya Isaa irraa gad of qabummaa, jaalala, ajajamuu fi tajaajila baranna. Yesuus yeroo namoota wajjin jiraate, of ol kaasuu osoo hin taane isaan tajaajile. Inni namaaf jaalala qabaate, warra dadhabanitti gara laafina agarsiise, fedhii Abbaa Isaa raawwachuuf of kenne. Roomaa 8:29 keessatti warri Waaqayyo waame bifa Ilma Isaa akka fakkaatan ibsameera. Kanaaf kaayyoo jireenya Kiristaanaa keessaa tokko Kiristoos fakkaachuu dha. Namni Kiristoosin beekee amala Isaa irraa jijjiirama hin arganne, beekumsi isaa guutuu miti. Christology dhugaan qulqullummaa jireenyaa, amala gaarii fi Kiristoos fakkaachuu keessatti mul’ata.

10. CHRISTOLOGY FI TAJAAJILA KIRISTAANAA
FOCUS KITTOO FURDISA
📢CHRISTOLOGY CONTINUES TEACHING #PART22 🔻BARUMSA KIRISTOOSII (CHRISTOLOGY) JIREENYA FI TAJAAJILA KIRISTAANAA KEESSATTI. Isaan sagalee guddaadhaan, “Hoolichi inni qalame aangoo, badhaadhummaa, ogummaa, humna, ulfina, guddina, hooqubaa fudhachuuf kan malee…
Tajaajilli Kiristaanaa hundi Kiristoos irraa ka’a. Yesuus mataan Isaa fakkeenya tajaajilaa dha. Maarqos 10:45 keessatti, “Ilmi namaa tajaajilamuuf osoo hin taane tajaajiluuf dhufe” jedha. Kanaaf namni Kiristoosin hordofu tajaajilaaf waamama. Tajaajilli Kiristaanaa keessatti lallabni, barsiisni, hordoftummaan fi namootaaf of kennuun Kiristoos irratti hundaa’uu qabu. Phaawuloos 1 Qorontos 2:2 keessatti Yesuus Kiristoos isa fannifame malee waan biraa akka hin beekne murteessuu isaa dubbata. Kun lallaba keessatti Kiristoos wiirtuu gochuu akka qabnu nu barsiisa. Maatewos 28:19 keessatti Yesuus bartoota Isaa gara saboota hundumaatti ergee bartoota akka godhan ajaja. Hordoftummaan jechuun namni Yesuusin amanu qofa osoo hin taane, Isa hordofee amala Isaa fakkaachaa deemuu dha. Kanaaf tajaajilli Kiristaanaa namoota gara Kiristoositti fiduu, akka Isa beekan gargaaruu fi akka Isa hordofan barsiisuu irratti xiyyeeffata. Tajaajilaan Kiristaanaa ofii isaa ol kaasuu caalaa Kiristoosin ol kaasuu qaba.

11. CHRISTOLOGY FI ITTISA AMANTII

Christology sirrii qabaachuun amantii Kiristaanaa hubannoo dogoggoraa fi barsiisa sobaa irraa eeguuf nu gargaara. Namni tokko Yesuus barsiisaa naamusaa qofa ture jechuu danda’a, garuu Yesuus aangoo Waaqummaa Isaa dubbate. Yohannis 8:58 keessatti Yesuus,
“Yesus immoo deebisee, “Dhuguma, dhuguman isinitti hima, Abrahaam utuu hin dhalatin iyyuu ani jiran ture” isaaniin jedhe*.

jedha. Kun eenyummaa Isaa ilaalchisee ibsa guddaa dha. Namni biraa Yesuus raajii qofa ture jechuu danda’a, garuu Ibroota 1:1–3 keessatti Yesuus mul’ata Waaqayyoo keessatti iddoo addaa qabaachuu fi bifa Waaqayyoo mul’isuun Isaa ibsameera. Akkasumas Yesuus hooggantoota amantii biroo wajjin wal qixa jechuun yoo ilaalame, Macaafni Qulqulluun Yesuus Fayyisaa addaa ta’uu Isaa ibsa.
Hojii Ergamootaa 4:12 keessatti
“Fayyinnis Yesus Kristos duwwaadhaan malee, kan biraatiin tokko illee hin jiru; maqaan kan biraa, ittiin fayyuun kan nuuf ta'u, waaqa jalaa ilmaan namootaaf hin kennamne” jedhe.

jedhameera. Kanaaf Christology amantii keenya maal akka ta’e ifatti ibsuuf nu dandeessisa. Ittisni amantii falmii namaa mo’uuf qofa miti; dhugaa amantii Macaafa Qulqulluu irratti hundaa’e sirriitti ibsuu fi hubannoo dogoggoraa sirreessuu dha.

12. CHRISTOLOGY FI ABDII KIRISTAANAA

Abdiin Kiristaanaa Kiristoos irratti hundaa’a. Kiristaanonni abdii isaanii haala addunyaa yeroo ammaa qofa irratti hin hundeessan; abdii isaanii Kiristoos du’aa ka’uu, gara mirga Abbaa ol-bahuu fi deebi’uu Isaa irratti hundeessu. 1 Qorontos 15:20 keessatti Kiristoos warra du’an keessaa du’aa ka’ee isa jalqabaa ta’uu Isaa ibsa. Du’aa ka’uun Kiristoos warra Isatti amananiif du’aa ka’uu isaanii irratti abdii kenna. Hojii Ergamootaa 1:11 keessatti Yesuus akkuma gara samii deeme akkasuma akka deebi’u ibsameera. Kanaaf deebi’uu Kiristoos abdii Kiristaanaa keessaa kutaa guddaa dha. Mul’ata 11:15 keessatti mootummaa addunyaa mootummaa Gooftaa keenyaa fi Kiristoos Isaa akka ta’u ibsameera. Kun Kiristoos Mootii ta’ee mootummaa Isaa bara baraa dhaabuuf jiru agarsiisa. Kanaaf abdii Kiristaanaa du’aa ka’uu Kiristoos, deebi’uu Kiristoos fi mootummaa Isaa waliin walitti hidhata qaba. Abdiin kun Kiristaana gara jabinaatti, amanamummaatti fi obsaan jiraachuutti kakaasa.

13. JIREENYA KIRISTOOS GIDDU-GALEESSA GODHATE
FOCUS KITTOO FURDISA
📢CHRISTOLOGY CONTINUES TEACHING #PART22 🔻BARUMSA KIRISTOOSII (CHRISTOLOGY) JIREENYA FI TAJAAJILA KIRISTAANAA KEESSATTI. Isaan sagalee guddaadhaan, “Hoolichi inni qalame aangoo, badhaadhummaa, ogummaa, humna, ulfina, guddina, hooqubaa fudhachuuf kan malee…
Jireenya Kiristoos giddu-galeessa godhate jechuun jireenya keessatti Kiristoosin bu’uura, kaayyoo, fakkeenya fi abdii godhachuu dha. 1 Qorontos 3:11 keessatti bu’uura kaa’ame Yesuus Kiristoos malee namni biraa kaa’uu akka hin dandeenye ibsameera. Kanaaf jireenya Kiristaanaa keessatti bu’uurri keenya Kiristoos dha. Qolosaayis 1:16 keessatti wanti hundinuu Kiristoosiif uumamuu Isaa ibsameera; kanaaf Inni kaayyoo jireenya keenyaa ti. Akkasumas Kiristoos fakkeenya keenya waan ta’eef amala Isaa hordofna. Jaalala Isaa, gad of qabummaa Isaa, ajajamuu Isaa fi tajaajila Isaa jireenya keenya keessatti calaqqisiisuuf tattaaffanna. Dabalataan Kiristoos abdii keenya dha, sababni isaa Inni du’aa ka’eera, gara mirga Abbaa ol ba’eera, deebi’uufis jira. Kanaaf jireenya Kiristoos giddu-galeessa godhate keessatti Kiristoos waan jireenya keenya keessatti tokko qofa ta’e miti; Inni bu’uura jireenyaa, kaayyoo jireenyaa, fakkeenya jireenyaa fi abdii jireenyaa ti.

14. HARIROO EENYUMMAA, HOJII FI GOOFTUMMAA KIRISTOOS

Eenyummaa Kiristoos, hojii Kiristoos fi Gooftummaa Kiristoos walitti hidhamiinsa cimaa qabu. Eenyummaa Kiristoos ilaalchisee gaaffiin guddaan, “Yesuus eenyu?” jedhu dha. Deebiin isaa Yesuus Waaqa guutuu fi nama guutuu, nama tokko uumama lama qabu dha. Hojii Kiristoos ilaalchisee gaaffiin, “Yesuus maal hojjete?” jedhu dha. Inni foon uffate, cubbuu malee jiraate, Mootummaa Waaqayyoo lallabe, cubbuu keenyaaf du’e, du’aa ka’e fi gara ulfinaatti ol ba’e. Gooftummaa Isaa ilaalchisee immoo gaaffiin, “Yesuus maaliif jireenya keenya irratti aangoo qaba?” jedhu dha. Inni Gooftaa fi Mootii waan ta’eef jireenya keenya irratti aangoo qaba. Kanaaf eenyummaa Isaa hubachuun hojii Isaa hubachuuf nu gargaara; hojii Isaa hubachuun immoo maaliif Isa amanachuu qabnu nu hubachiisa; Gooftummaa Isaa hubachuun immoo maaliif Isaaf ajajamuu, Isa waaqeffachuu fi Isa hordofuu qabnu nu barsiisa. Yoo isaan keessaa tokko qofa fudhannee kanneen hafan irraa addaan baanne, hubannoon keenya waa’ee Kiristoos guutuu hin ta’u. Kanaaf Christology keessatti eenyummaa, hojii fi Gooftummaa Kiristoos walitti qabnee hubachuun barbaachisaa dha.

15. SUURAA GUUTUU CHRISTOLOGY FI XUMURA BARNOOTA CHRISTOLOGY

Christology guutuu keessatti Yesuus Kiristoos eenyu akka ta’e, maal akka hojjete, amma maal hojjechaa akka jiru fi gara fuulduraatti maal akka godhu hubanna. Yesuus Ilma Waaqayyoo bara baraa, Waaqa guutuu fi nama guutuu, nama tokko uumama lama qabu dha.
Inni foon uffatee nu gidduu jiraate, jireenya cubbuu hin qabne jiraate, Mootummaa Waaqayyoo lallabe, cubbuu keenyaaf du’e, du’aa ka’e fi gara ulfinaatti ol ba’e. Amma immoo Gooftaa ta’ee Waldaa Isaa irratti hojjechaa jira, nuuf kadhata, Waldaa Isaa ijaara, Hafuura Qulqulluu erga, mootummaa Isaa qopheessa. Gara fuulduraattis Inni ni deebi’a, addunyaa ni mura, mootummaa Isaa bara baraa ni dhaaba. Kanaaf gaaffiin Yesuus, “Isin hoo, ana eenyu jettanii yaaddu?” jedhu har’as gaaffii guddaa dha. Yesuus barsiisaa qofa miti, raajii qofa miti, nama amantii beekamaa qofa miti; Inni Kiristoos, Ilma Waaqayyoo isa jiraataa, Gooftaa, Fayyisaa fi Mootii dha. Kanaaf dhugaan xumuraa Christology, “Yesuus Kiristoos Gooftaa dha” kan jedhu dha. Filiphisiyus 2:11 keessatti maqaan Yesuus Kiristoos Gooftaa ta’uu isaa akka afaan hundaan beeksifamu ibsameera. Kiristoosin beekuun Waaqayyoon beekuu dha; Kiristoosin amanachuun fayyina argachuu dha; Kiristoosin hordofuun kaayyoo Waaqayyoo keessatti jiraachuu dha; Kiristoosin labsuun immoo ergama Waldaa Kiristaanaa ti. Kanaaf Christology barumsa waa’ee Yesuus qofa osoo hin taane, Yesuus eenyu akka ta’e beeknee, hojii Isaa amanannee, Gooftummaa Isaa fudhannee, Isa waaqeffannee, Isa hordofnee fi jireenya keenya guutuu Isa irratti hundeessuudha. Dhugaan guddaan barumsa kanaa immoo kana: “YESUUS KIRISTOOS GOOFTAA DHA.”
FOCUS KITTOO FURDISA
📢CHRISTOLOGY CONTINUES TEACHING #PART22 🔻BARUMSA KIRISTOOSII (CHRISTOLOGY) JIREENYA FI TAJAAJILA KIRISTAANAA KEESSATTI. Isaan sagalee guddaadhaan, “Hoolichi inni qalame aangoo, badhaadhummaa, ogummaa, humna, ulfina, guddina, hooqubaa fudhachuuf kan malee…
Gaaffilee Hojii Manaa — Barumsa Kiristoosii (Christology)
1. Christology jechuun maal jechuudha? Maaliif jireenya Kiristaanaa keessatti barbaachisaa dha?
2. Yesuus Kiristoos Waaqa guutuu fi nama guutuu ta’uu Isaa Macaafa Qulqulluu irraa akkamitti ibsuu dandeessa?
3. Fannoon fi du’aa ka’uun Yesuus Kiristoos hojii fayyinaa keessatti gahee maalii qabu?
4. Gooftummaa Kiristoos jechuun maal jechuudha, Gooftummaa Isaa hubachuun jireenya Kiristaanaa irratti dhiibbaa akkamii qaba?
5. Eenyummaa, hojii fi Gooftummaa Kiristoos walitti dhufeenya akkamii qabu? Deebii kee keessatti fakkeenya Macaafa Qulqulluu fayyadami.

📖 BARUMSI CHRISTOLOGY XUMURAMEERA! 📖
🎓 Barumsi Christology ganna guutuu kennamaa ture har’a xumurameera. Yeroo keessan nuuf kennitanii, barumsa kana keessatti nu waliin turtanii, nu waliin barattanii fi nu jajjabeessaa turtaniif galatoomaa! 🙏❤️

💭 Maatii Focus Yaadaa, yaada, qeeqa ijaarsaa fi gorsa qabdan nuuf barreessuu hin dagatiinaa. Yaadni keessan guddina keenyaaf gumaacha guddaa qaba. 🤝📝
🙌 Waan hundumaa keessatti kan nu jajjabeesse, nu barsiise, nu humneesse fi karaa kanaan nu geggeesse Waaqayyoof ulfinni haa ta’u! 🙏

📌Yesus immoo, “Isinoo, eenyu anaan jettu?” jedhee isaan gaafate.
Wangeela Maatewos 16:15

📖 Bible Study Team irraa
❤️ Kiristoosin beekuu, Kiristoosin jaallachuu, Kiristoosin hordofuu fi Kiristoosin labsuu! ✝️
🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸🔸
Deebii Hojii manaa, akkasumas yaada barumsa kana irratti qabdan @MILKAN19 irratti nuuf qoodaa.
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
🎯 WE ARE FOCUSED
📖 WE PREACH THE GOSPEL
🌍 WE REACH THE NATION
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━

📲 Follow Us:
Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook

💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
1
Audio
🔊Christology Continuous Teaching #Part22(Kutaa dhumaa)

🔻CHRISTOLOGY JIREENYA FI TAJAAJILA KIRISTAANAA KEESSATTI

Audion barumsa #Christology #part22 akka kanatti qophaa'ee jira.
📌Barumsi kuni barnoota kana booda barannuuf hundee waan ta'eef, sirriitti akka hordoftan isin yaadachiifna.

🔸Akkasumallee HIRIYYOOTA keessan kamillee hirmaachisuu akka hin daganne.

━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━
🎯 WE ARE FOCUSED
📖 WE PREACH THE GOSPEL
🌍 WE REACH THE NATION
━━━━━━━━━━━━━━━━━━━━

📲 Follow Us:
Website | YouTube | TikTok | Instagram | Facebook

💜❤️💜 YOURS FOCUS 💜❤️💜
🥰21