Fayyaa Sammu (Mental Health )
1.59K subscribers
23 photos
1 video
26 links
Mental Health
Download Telegram
Dhiphinni sammuu dhukkuba malee dadhabina miti.

Dhiphinni sammuu haala fayyaa sammuu dandeettii namni tokko hojii guyyaa guyyaa raawwachuu isaa gufachiisudha.

Miira gaddaa fi sochiiwwan yeroo tokko nama gammachiisan irratti fedhii dhabuudhaan kan beekamudha.

👉 Miira gaddaa fi abdii kutachuu

👉  Namoota biroo irraa of baasuu

👉 Fedhii hojii bohaartii fi sochiiwwan irratti qaban dhabuu

👉Aarii fi dheekkamsa

👉Nyaata yeroo barame caalaa baay'ee ykn xiqqaa nyaachuu

👉Yeroo barame caalaa xiqqaa fi xiqqaa rafuu

👉Hanqina humnaa fi kaka'umsa

👉Boqonnaa dhabuu, jeeqamuu, fi aariin namatti dhagahama

👉Miira gadhee ofitti dhaga'amuu ykn yakki itti dhaga'amuu

👉Yaada of ajjeesuu

"Dhiphinni sammuu dhukkuba malee dadhabina miti".

@feyisalpsych

Mental Health
https://t.me/feyisalpsych
Sammun keetif dursa kenni.
  Sababin isaa...

👉Sammuun keenya hoogganaa
     qaama keenya hundaati.

👉 Gaggeessan kun miidhamnaan   
      qaamonni keenya hundi waan
       dalagan hin beekan;

👉 Gurri waan hin dhaga’amne
       dhagaha,

👉Ijji waan hin argine arga,

👉Funyaan foolii hin jirre fuunfata,

👉Harki waan hin taaneqaqqaba,

👉Miilli karoora malee deema,

👉Onneen dhugaa malee rifatti,

👉Sammuun keenya motora qaama
keenya maraati .

👉Hargansuun somba keenyaa ni
      jeeqama.

👉Kana qofa osoo hin taanee, 
     sammuun dhugaa hinjirree itti
      cichee amana.

👉Jiraachuuf uumamnee jiraachuuf
       sababa dhabna.

Feyisal G. Jedhama waan dubbistanif Galatooma 🙏🙏🙏

@Feyisalpsych please don't forget
    share & join.
Fayya Sammu keesan egaacha jirtu ?

Uumaan gaafa nama uume badhaasa addaa tokko dhala namaaf kenne.

Badhaasa dhala namaa qofa
ilaallatu! Dachee kana Uumaa gaditti akka too'atuuf aangoo guutuu kenneef.

Too'achuu akka danda'uuf
immoo sammuu yaadu kenneef. Uumama namaa wanti adda godhu sammuu isa hoogganu qabaachuu isaati.

Ofiisaa of hooggana! Akka joobira koochoo isaa diriirsee ilmaan isaaf eegumsa godhuutti qaamoota hundumaaf itti gaafatamummaa fudhatee hojjeta.Kennaa guddaadha!

Sammuun keenya akkata nuti ittii...
👉yaaduu,
👉karoorsuu,
👉xiinxaluu,
👉murtee kennuu,
👉too’achuu,
👉tilmaamuu ni danda'a.

Addunyaa callabboo
fi lafa onaa turte kana teeknoloojiin kan miidhaagse
sammuudha.


Qaamota hundumaa akka hoogganuuf dandeettii ajaa'ibsiisaafi itti gaafatamummaa guddaa kenneef.

🫴 Kanaafidha yoo lukti bakka haallee deeme, harki yakka hojjete, ilkaan sobee seeqe, arraabni, garaan, yookiin onneen yoo dogoggoran, kan balleessaa isaaniif aarsaa kanfalu, kan
of cheepha’u, kan itti gaafatamus sammuudha.

Qaamoleen biraa yoo dhukkubsatanis murtee sammuueeggatu.
Yoo miidhamanis kan furmaata qopheessuuf sammuudha.

Kanaf sammu keenyaf Dursa haa kenninu.@Feyisalpsych

Feyisal Gelgelu (BFS /MH)
Dhibee Sammutin wal qabate Kaleessa hawwaasni keenya hubannoo gahaa dhabuu irraa kanka’e sababoota qabatamaa fi yaaliidhaan hindeeggaramne dhiyeessaa turaniiru.

Kaleessa qofa utuu hin taane har’as yaadonni dogongoraa hedduun dhibee sammuu ilaalchisee hawaasa keessa koleneefatan jiru.

Iilaalcha ykn yaadooni dogongora hawasa keenya biratti barataman.


👉 Ogeessi yaalaa fi wal’aansa
     sammuu hundi dhibee sammuu ni
     qabaamu.

👉 Namoonni sammuu dhukkubsatan
       hunduuhamoo, sodatamoo fi
       gara-jaboodha.

👉Hin fayyan, dalaguu hin danda’an.

👉Ni kijibu, miira dhukkubbiillee hin
     qaban.

👉 Waan dalagan akkasumas waan
     dalagames hin beekan.

👉Qabeenya dhaaltummaan hin
      fudhatan.

👉 Mirga nama fayyaa wajjiin wal-qixa
     hin qaban.

👉 Hojii harka namaati( tolchadha.)

👉Akka namatti hin ilaalaman.

👉Dhayicha seexanaatifi k.k.fa’i

Channel kuni yaadota dogongora kana kana fakkatu ballessuf kan dhabbatedha isinis nuu wojji dhabbadha..please #share #join

Fayya sammu hunda keenyaf haa ta'u.
@Feyisalpsych

Mental Health
https://t.me/feyisalpsych
WANTOOTA  MURAASA SAMMUU KEENYA MIIDHAN

1. Ciree nyaachuu dhabuu,
2. Garmalee nyaachuu (overeating),
3. Nyaata sukkaarummaa of keessaa qaban baay’isuu,
4. Alkoolii dhuguu
5. Bishaan gahaa dhuguu dhabuu,
6. Hirriiba gahaa rafuu dhabuu,
7. Boqonnaa (haara-galfii) gahaa dhabuu,
8. Yeroo rafnu huccuu fuula keenya irratti haguuggachuu, kun sammuun keenya karbondaayoksaayidii dhaan akka miidhamu taasisa.
9. Tamboo, shiishaa, kokeenii, wiidii, gaanjaa fi kan kana fakkaatan xuuxuu yookiin fayyadamuu,
10. Osoo dhukkubsatanii hojii sammuu yookiin yaaduu gaafatu hojjechuu,
11. Faalama qilleensaa,
12. Dhiphina cimaa (stress)

Fayyan Sammu hunda keenyaf.
@Feyisalpsych

Mental Health
https://t.me/feyisalpsych
Dhiphachuu║Jeeqamuu
         (Stress)

▬▬▬▬▬▬▬▬▬
❏ Dhiphinni dhukkuba sammuu irraan miidhaa geessisuu danda'uu dha. Dandeettii hanga namni yaaduu danda'uu ni hir'isa.

❏ Namni yeroo hundumaa dhiphatu mallattoolee kanneen akka:
➊ Kophaa ta'uu!
➋ Hojii sirnaan hojjechuu dhabuu yookiin karaa miidhaa geessisuun hojjechuu!
➌ Walitti dhufeenya yookiin hariiroo namootaa waliin qabu dhaabuu!
➍ Hirriiba nagaa dhabuu!

❏ Yaadoleen Dhiphina Namatti Fidan Kanneen akka:
⁃ Bakka yaadan hanqachuu,
⁃ Dhiibbaa hiriyaa,
⁃ Qusannaa dhabuu,
⁃ Odeeffannoo sobaa,
⁃ Ofitti amanuu dhabuu,

➎ Dhiphinaan namni miidhame dandeettiin, haamileen yookiin anniisaan waan tokko hojjechuu isaa gadi bu'aa adeema.
➏ Waan tokko itti fufee hojjechuuf sababa dhabsiisa. Jireenya akka hiika hin qabneetti itti mul'ata.

Dhiibbaan kuni walitti dabalamee yaada sammuu isa gaarii yaaduu fi xiinxaluu danda'u irraan miidhaa geessisa!

❏ Dhiphina Ooluudhaaf Maal Gochuu Barbaachisa?
⁃ Wanta hojjetan ija gaarummaatiin ilaalanii hojjechuu fi itti gammaduu!
⁃ Wanta keessa ofiitti yaadan baasanii dubbachuu!
⁃ Ofitti amanuu!
⁃ Guyyaa guyyaadhaan waan haaraadhaan of dammaksuu! (Motivate yourself daily)
⁃, muuziqaa, yookiin wanta jaalatan dhaggeeffachuu!


Feyisal Gelgelu./@feyisalpsych

Mental Health
https://t.me/feyisalpsych
Kaayyoo kee galmaan gahuuf wantoota 5 kana godhi!

1. Jechoota namaa "Maal naan jedhan" sammuu kee ol otuu hin ta'in miila kee jala kaa'i.

2. Rakkina amma keessa jirtuu fi cinqii sitti jirtu kana kaleessa kee yaadachuun, Fuul-dura kee Abdachuun bira kuti.

3. Ogummaa keetii fi cimina kee namatti himuu osoo hin ta'in hojjachuun agarsiisi.

4. Kaayyoo qabaachuu kee malee kaayyoo kee maal akka ta'e namatti hin odeessin. Maalif yoo jatte? Namni kaayyoo kee yoo itti himte karaa itti kuftu siif mijjeessa waan ta'eef.

5. Taatee argamuu, (Ofitti amantummaan hojjachuu).

#Feyisal Gelgelu.

Fayyan sammu hunda keenyaf.

@feyisalpsych
M‌U‌L‌'A‌T‌A‌ Q‌A‌B‌A‌A‌D‌H‌U‌!
M‌U‌L‌'A‌N‌N‌I‌...
» Aarsaa si gaafata; hin seesiin!
» Obsa gaafata; hin jarjarin!
» Dhugaadha; hin shakkin!
» Daandiidha; irraa hin maqin!
» Galma; of duratti mil'adhu!
» Gonfoodha; mataatti kaa'adhu!
» Badhaasa; kabajaan fudhadhu!
» Eebba; ameen jechuun simadhu!
» Hiriyaadha; wajjin mari'adhu!
» Haadhadha; jaaladhu!
» Handhuura; ofitti aanfadhu!

#Feyisal Gelgelu.

Fayyan sammu hunda keenyaf.

@feyisalpsych
GABRUMMAA SAMMUU.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬
📌Namni Sammuun Gabroome Of
      Waliin Wal Loleetu, Orma.
     Jaarsummaa Lakkaaawwata.

📌 Namni Sammuun Gabroome Nadhii Dammaa Gateetu, Gagaa
       Nyaachuuf Olkaawwata.

📌 Namni Sammuun Gabroome Mataa Ofii Hojiin Ala Godhee, Kan Nama Biraan Ergifatee Yaaduu barbaada.

📌 Namni Sammuun Gabroome, harka hojii irra Harka Kadhaaf Beekamtii Kenna.

📌 Namni Sammuun Gabroome, Waanuma isaan jedhan Of Se'a.  Yoo Horii jedhaniin, Falmachuu Dhiisee, Marga Dheeduu Shaakala. Farda Yoo jedhaniin dugdi isaa Akka Kooraaf Baachuuf Tolu ilaala.

📌 Namni Sammuun Gabroome, iddoo Kennaniif Taa'a, Waan Kennaniif Nyaata, Waan itti Fe'an Baata.

📌 Namni Sammuun Gabroome, Nama Ta'uu isaa Namni Biraa Akka Mirkaneessuuf ifaaja.

📌 Namni Sammuun gabroome,  hayyama namaan nyaata, Karaa Nama Biraa irra Kaata, Abbaa  Torbaati Orma lakkaawwata.

📌 Namni Sammuun gabroome, Milkaa'ina Warra  Biraa Tolcha (magic) jedhee Odeessa.

📌 Namni Sammuun Gabroome,  Bara  irratti Hojjechuu Caalaa,  Barruu isaa Raagduun Akka jetteen bula.

📌 Namni Sammuun gabroome Haaraa Ofiif Bitate irra, Moofaa Ormaa Yoo Miiccatee Uffate itti Tola.

📌 Namni Sammuun Gabroome,  Gabrummaa isaa Bilisummaa Se'a.

📌 Namni Sammuun Gabroome, Akka Ofiitti Yaaduu irra Akka Nama Biraatti Yaaduun qarooma jedhee Amana.

📌 Namni Sammuun Gabroome, Warra isaaf Falman irra Warra isatti Falman jaalata.

Feyisal Gelgelu

Fayyan sammu hunda keenyaf!

@feyisalpsych
Yoo Gammachuu argachuu feete:
**********************************
1. Nama hin miidhiin!
2. Nama hundaa gammachiisuuf ammoo hin dhama'iin!
3. Namootarraa waan guddaa hin eegiin!
4. Jijjiirama/jijjiiramuu hin sodaatiin!
5. Waan darbe yaadattee itti miidhamaamiin, irraa
baradhu malee!
6. "Ani namaa gadi" jettee hin yaadiin!
7. Waa'ee jiruu jireenyaa yaadi Rabbitti ol kennadhu malee humnaa ol hin
dhiphatiin (hin yaadda'iin)!
8. Dhiifama ofii fi namaa gochuu amaleeffadhu!
9. Tola oltummaa (volunteer)  hojjedhu, oso irraa waa hin eeggatin nama sii gadii waan dandeessun gargaari.
10. Nama namummaa isaatin malee qabeenya ykn dhabaan hin madaalin.
****************

Fayyan sammu hunda keenyaf.

#Feyisal G.

@feyisalpsych
Live stream finished (58 days)
Amala namoota #sammuu bilchaata qabanii.

(1,) Yeroo hundumaa sochii irratti argamu.
Maaliyyuu yoo isaan mudate sochii isaani hin dhaaban. Yeroo isaani gubuu hin fedhan.

(2,)Jijjirama "baga nagaan dhufte jechuun" ni simatu.

Mudannoo jijjiiramicha irratti jijjiramicha fiduu irratti isaan mudatus akkasuma ni fudhatu.

(3,)Gammachuu dhaabbataa ta'e qabu.
Kufaatin iyyuu yoo isaan mudate akka carraa gaariitti waan fayyadamaniif gammachuun isaani hin hir'atu.

(4,)Namoonni akkasii kun Gaariidha, haqa qofa jaallatu.

Waan itti dhaga'amee haasa'uufis eeyyama namaa utuu hin eegin dubbatu.

(5,)Milka'ina namoonni biroon goonfatanitti ni gammadu.

Hinaaffa wanti jedhame jireenya isaani keessatti hin mul'atu.

(6,)Mudannoo milka'ina dursee dhufu fudhachuuf fedhii guutuu qabu.

Ati kamiin keessa akka jirtu of ilaali. Yoo hanqina qabaatte sirreeffachaa adeemi.

Namoota bilchaatoo jedhaman kanatti makamuuf ammuma irraa jalqabii sammuu kee irrattii hojjechuu eegali.Waliin hojjanna Waliin jijiramna.

✍️✍️Feyisal Gelgelu.

@Feyisalpsych
👉EYYEN NI DANDEESSA.

Gara duubaatti deebitee jalqaba kee jijjiiruu yoo dadhabdes Amma iddoo jirtu irraa kaatee garuu dhuma kee jijjiiruu Ni dandeessa .

kanaaf kaleessa kee dhiisiitii
     har'aa kee irratti xiyyeeffadhu!
     Sababni isaas kaleessi
     seenaa ta'ee darbeeraa.
     Har'i kee garuu si harka jira
     waan ta'ef.

✍️Feyisal G

Fayyan sammu hunda keenyaf!

@Feyisalpsych
KUTANNOO | Humna Kutannoo

"Kutannoo yoo qabaatte xaxaa namoonni ittiin si xaxan ofirraa kukkuttee milkaa'uu dandeessa."
❍ "Ati hin dandeessu!"
❍ "Ati gahaa miti!"
❍ "Abaluuniyyuu ni dadhabe!"
❍ "Qarshii hin qabdu!"
❍ "Hin dandeessu!"
❍ "Fira hin qabdu!"
❍ "Haala kamiin sadarkaa kanarra geessa?" jedhanii dhagaa meeqa sitti darbatu!

❏ Milkaa'ina keetiif wanti akka kutannoo qabaachuu bakka bu'uu danda'u tokkoyyuu hin jiru. Dandeettii ol'aanaa caalaa kutannootu barbaachisa.

✍️Feyisal G.

Fayyan sammu keenyaf!

@Feyisalpsych
♦️Breaking News❗️

Baga ji’a Ramadaanaatiin isin gahe.

Baatii ji’a Ramadaanaa guyyaa har’aa mul’attee waan jirtuuf boru guyyaan Ramadaana 1 ta’a. bifuma Kanaan Ramadaana bara kanaa guyyaa boruu March 11, bara 2024 kan jalqabnu ta’a.

Baga ittin isin gahe baga wojjuman itti geenye.


✴️ 🌙 *عاجل* ..

*تم رصد هلال رمضان في مرصد سدير*

*غداً الاثنين أول أيام شهر رمضان المبارك*

*{تقبل الله منا ومنكم صالح الاعمال}*





BREAKING NEWS: The Crescent of Ramadan 1445/2024 has been sighted in Saudi Arabia!

Subsequently, Ramadan 1445/2024 begins tomorrow, 11 March 2024

Taraweeh Prayers will begin in the Two Holy Mosques after Isha Prayers


@Feyisalpsych

🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹🌹
Yaala Fayyaa Sammuu argachuun mirga uumamaati.
(mental health care as universal human right)

Akka ragaan qorannoo dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) argisiisutti waggaa tokko qofatti namoota 700,000 ol ta'antu of ajjeesa. Namoota tarkaanfii du'aa of irratti fudhatan kana keessaa paarsantiin 77 (0.77) kan ta'an biyyoota Iyyeeyyii keessa jiraatu. Biyya keenya Itoophiyaa keessattis sa'aatii tokko keessatti namni tokko akka of ajjeesu qorannoon ni agarsiisa.

Sababoota of ajjeesuuf nama saaxilan keessaa ammoo dhukkuboonni sammuu kanneen akka mukuu cimaafi araadaa akka ijootti heeramu. Wantoonni dhukkuba sammuuf nama saaxilan kanneen akka: qaala'insa jireenyaa, wal dhabdee maatii, balaa uumamaafi namtolchee, akka LGBT (Lesbian, gay, bisexual, transgender )tti ramadamuu fa'a.

Biyya keenya jeeqamuurra, nama keenya dhukkubarraa ittisuun yeroo malee of dhabamsiisuu haa hambisnu.

✍️Feyisal

@Feyisalpsych
@Feyisalpsych
@Feyisalpsych
KARAALEE ITTIIN YAADA SAMMUU KEENYAA CIMSANNU!
(The way to Develop your idea!)
▬▬▬▬▬▬▬
➊. Sammuun kee waanuma tokkottiyyuu akka hin dhiphanneef of eeggadhu!

❏ Kan sitti himan caalaatti yaada keessa kee jiru itti yaaddee, maddisiiftee, barreessitee, karoorsitee utuu ittiin hojjattee yaada kee gabbifatta.

❏ Namoonni tokko tokko yaada bareedduu utuma ofharkaa qabanii yaada nama kan biraatiin liqimfamanii hafu. Yookiin immoo ani dandeettii hin qabu, namni kan biraa kan ana irra caalu jira jedhanii yaada isaanii ukkaamsu!

➋. Namoota yaada keetti si jajjabeessanii fi yaada kee miidhan adda baafadhu!

❏ Beekumsaa fi dandeettii uumamaa kan addaa qabda. Beekumsi nama hundumaa immoo walitti dhufee hojii gurguddaa hojjata.

➌. Yaada gaarii maddisiisuu! Yeroo hundumaa yaada gaarii maddisiisuuf of kakaasi!

❏ Yaada gaarii yaaduun sammuu namaa boqochiisa.
Yaada gaarii maddisiisuun jireenya dhuunfaa irra darbee biyya ijaara!

❏ Yaadni namootaa garaagara.
Yaada nama kan biraatiin liqimfamuu irra ati hoo maal yaadda? Namni kamiyyuu yaada dhuunfaa mataa isaa qaba.

❏ Yaada namoota hundumaa walitti fiduun yaada moo'ataa fi hojiif nama kakaasu ijaaruun ni danda'ama.

➍. Nyaata madaalamaa fi gahaa ta'e filachuun soorachuu!

➦ Wɑɑn beektɑnii fi dubbistɑn dhɑlootɑɑf dɑbɑrsɑɑ. Wɑliin bɑrɑnnee wɑliis hɑɑ bɑrsiifnuu

   ➦ Gαℓαтσσмαα!
Fayyan sammu hunda keenyaf!

✍️#Feyisal G

     @Feyisalpsych
@Feyisalpsych
@Feyisalpsych
Bakka Guddaa Ga'uuf Waan Guddaa Irraa Eegaluu Hin Qabdu! | @feyisalpsych

Wantoota 3 (sadi) jireenya namaa keessa jiranii fi ciminaan irratti hojjechuu qabdu.

1.Kaleessa
2. Har'a
3. Boru


✪ Namoonni baay'een kaleessa miidhamaniiru ta'uu danda'a.
Har'a irra dhaabatanii waa'ee kaleessaaf dhiphachuun, abdii fuulduratti adeemuuf namni qabu gadi buusa.

⌲ Har'i kaleessa irra ni caala.
⌲ Har'i boruuf murteessaa dha.
⌲ Kaleessi gaariis ta'u gadhees
darbeera.
⌲ Guyyaan har'aa milkaa'ina boriitiif si
qopheessa.
⌲ Boriif jennee obsina.

Namoonni baay'een kan dhiphataniif, kan jeeqamanii fi of ajjeesaniif haalli jireenyaa ta'uufii didee miti. Waan barbaadan dhabaniifis miti.

Guyyaa borii maaltu akka jiru,
maaltu akka ta'u jalaa dhokate.
Guyyaan "bori" jedhamu itti argamuu dhabuu irraan kan ka'ee dha.


❍ Har'a Karoora kee barreessi!
❍ Har'a irratti hojjedhu!
❍ Guddinaa fi Milkaa'ina ati itti of hin
eegne irra geessa.

✍️Feyisal Gelgelu

@Feyisalpsych
@Feyisalpsych
@Feyisalpsych
Fayya Sammu gorsa fayya sammu kara tiktok tin qabadhe isinif dhufee jira #follow godha.

https://vm.tiktok.com/ZMM5vVU4o/
Baga jala bultii ayyaana  Eid al fitir 1445 H.C nagaan geessan.
Eid alfetir kan nagaa , kan eebbaa fi kan tokkummaa, kan jaalala, kan gammachu, kan badhadhina nuuf haa ta'u. hordoftoota amantaa musliimaa maraaf Eid Mubarak🌙🌙


✍️✍️Feyisal G.


@Feyisalpsych
@Feyisalpsych
𝗦𝗔𝗠𝗠𝗨𝗨𝗡 𝗖𝗜𝗠𝗔𝗔 𝗧𝗔'𝗨𝗙
☛Yeroo kophaa kee jirtu hin sodaatin.
☛Waan darbe irratti hin xiyyeeffatin.
☛Addunyaan liqii sitti hin dhaga'amin.
☛Bu'aa hatattamaa hin eegin.
☛Balaa shallagame fudhachuu hin sodaatin.
☛Kufaatii jalqabaa booda abdii hin kutatin.
☛Itti gaafatamummaa irraattii hin qaanfatiin.
☛Nama hunda gammachiisuuf hin yaadda'in.
☛Milkaa'ina namoota birootti hin aarin.
☛Namoonni kaan miira kee irratti dhiibbaa akka geessisan hin godhin
☛Yeroo kee ofitti gaddun hin gubin.
☛Wantoota to'achuu hin dandeenye irratti humna kee hin qisaasessin.

Fayyan sammu hunda keenyaf.

✍️Feyisal G.

@feyisalpsych
@feyisalpsych