Ferhan Abdulselam
38.8K subscribers
613 photos
72 videos
13 files
2.63K links
Download Telegram
Namootni gariin waan nuti Wayyaanee deeggarru itti fakkaata. Nuti garuu dantaa/faayidaa Oromoo qofa deeggarra. Akkasumas Oromoon karoora nama cunqursuu waan hin qabneef cunqurfamaa kamiifuu ni mararfata. Kanumaaf gaafa Wayyaanee irratti qabsaa’aa turres takkaa ummata Tigraay dogongoraanis tuqnee hin beeknu. Hogganni Oromoos kanuma ummata gorsaa ture. Maqaleetti gaafa galanis dhiisee sirnicha sirreessuuf hawwaa ture malee Wayyaanee Maqaleetti jala dhaqee adamsuuf karoora hin qabu ture. Kan Maqaleetti jala dhaqee dubbii laaqqate warra kaleessa Oromoof hin qabsaa’in. Kan kaayyoo Oromootis hin beekne. Ummata Tigraay akka ummataatti farrajee kaabbaa Oromoo uffatee maqaa Oromootiin ummata tokko gabroomfachuuf hawwii qabu. Gaafa kuni tahe kaayyoon Oromoon kaleessa qabsaa’eef kana akka hin tahin warri kaleessa Oromoof qabsaa’aa ture hubannee dura dhaabbanne. Erga didanii lolatti seenanii boodas ummata taa’aa dhumu hin jiru waan taheef TDF jabaatee PP jilbiinfachiisaa jira. Abbaan fedheyyuu haa cabsuu cabina PP keessa bu’aa Oromoo guddaatu jira. Kana ana dabalatee Oromoon dantaa Oromootiif quuqamu kamuu itti amanu. Gama biraatiinis humna PP cabsaa jiru dura dhaabbachuun PP’f humna tahuudha. Umrii PP dheeressuudha. Kanaaf injifannoon TDF PP irratti galmeessu ummata PP’n cunqursaa jirtu kamiifuu dantaatu keessa jira. Kana yeroon jedhu TDF irratti irkannee bilisummaa eeguu qabna miti. WBO’nis jabaatee qabsaa’aa jira. Waan danda’amu kamuu gochuudha. PP harka harkaan daboo itti bahanii erga cabxee booda ummattootni cunqurfamoon haala kamiin akka Itoophiyaa keessatti waliin jiraachuu qaban addaan bahanii biyya of dandeessu ijaaratuus tahee waliin biyya tokko keessatti walii galteen jiraachuun murtii ummattootaati. Namootni shakkii adda addaatiin guutamanis yaadni isaanii kabajamee garuu hamma danda’ametti waliif ibsaa garuu yaada wayyabaa jala hiriiriin aadaa sirna dimokraasiiti. t.me/FerhanAbdulselam
Abiyyi marii biyyaalessaa haqaa geggeessa jedhee ani gama kootiin hin yaadu. Marii biyyooleessaatti Abiyyi ni amanaa? Hin amanu. Maaliif? Namni isarra beekkumsa qabu jira itti hin fakkaatu. Kanaafuu akkamitti yaada garee adda addaa irraa dhufu fudhata? Warra yaada isaatiin guute garee adda addaa fakkeessee marii biyyooleessa goona jechuu mala. Namootni sunneen yaada isaa fidanii dhufu. Kuni marii biyyaalessaa hin jedhamu. Ammas sababni inni marii biyyaalessaa haqaa hin barbaanneef sodaa lubbuu isaatiifi. Yoo mariin haqaa geggeeffame namootni akka Abiyyi biyya diigan kun ni geggeeffamu. Inni ammoo aangoo gadi lakkisuun lubbuu isaatiif wabii dhabuu akka tahetti amana. Hidhamuu mala jedhee sodaata. Kanaafuu bakkuma amma jiru turuu barbaada. Inni aangoo irra turuun diigumsa itti fufsiisuu jechuudha. Gabaabumatti mariin biyyaalessaa roga kamiinuu yoo ilaalle Abiyyi aangoo irraa kaafamu malee hin danda’amu! t.me/FerhanAbdulselam
OMN qilleensarraa bu’uu hubannee jirra. Qilleensa irratti deebisuuf tattaaffii godhaa jirra. Daqiiqaa muraasa booda qilleensa irratti ni deebifna jedheen abdii qaba. Qabsoon itti fufa! t.me/FerhanAbdulselam
Shakkiin qabnu akkuma jirutti ta’ee, yeroo ammaa akka PP fi TPLF agarsiisaa jiranitti marii biyyoolessaatiin rakkoo biyyattii mudate furuuf gamni lachuu ifatti dubbataa jiru. Dhiiga ilmaan hiyyeessaa dhangalaasuu dhaabanii mariin furuun gaarii. Garuu ammas sobaan tapha siyaasaa taphachaa lubbuu ilmaan hiyyeessaatiin qumaara taphachuu itti fufnaan rakkina irratti rakkina dabaluu malee humnaan biyya bulchuun abadan waan hin yaadamne. Ammoo marii biyyoolessaa keessatti rakkoon Oromoo yoo hundee irraa hin furamne rakkoon biyya Itoophiyaa hin furamu. Abbaan fedhe wal araaramee rakkoon Oromoo moggaatti qababamnaan rakkoon Itoophiyaa mudate ittuma fufa. Kuni dubbii ijoodha! t.me/FerhanAbdulselam
Akka Redwaan Huseen kaleessa Twitter isaa irratti ibsetti, mariin biyyoolessaa jedhamaa jiru marii addaa osoo hin taane isuma amma dura geggeessaa turan koree dhaabanii jabeessanii itti fufuu hime. Mariin kun waa’ee TPLF fi Shanee miti jedhe. Maaliif kana jedhe? Dheengadda ammoo miidiyaa mootummaa turkii AA (Anadolu Agency) irratti akka dubbatetti mariin biyyoolessaa hunda hammata jedhe. Akka namuu keessaa hin hafnetti dubbate. Garaagarummaa guyyaa tokkoo keessatti maaliif “waa’ee TPLF fi Shanee” miti jedhe? Jechi kun tapha siyaasaa ibsa. TPLF fi Shanee waliin hin mari’annus hin jenne. Waa’ee jaraa miti jechuun ammoo hiika akkasiitis ni kenna. Garuu yoo gurra qabaatan marii biyyoolessaa haqa qabeessa malee taphi siyaasaa rakkoo Itoophiyaa hin furu!! t.me/FerhanAbdulselam
Sagalee keessaniin Embaasiin Ameerikaa sirreesseera. Falmatan kabajaman!
Marii Biyyooleessaa jedhamaa jiru ilaalchisee karooora PP

Akka odeeffannoo keessoo PP argadhetti karoora PP’n marii Biyyoolessaatiif kopheessite irraa kan hubatamu waraanni hin xumurammne. Garuu fakkeessuuf jecha “kallattiwwan itti aananii mootummaadhan fudhataman milkeessuuf qaamonni hunduu waa'ee nagaa lallabuu qabu” jedhan. Miidiyaaleen isaanii hundi kana booda waa’ee nagaa afaaniin lallabu jechuudha. Garuu akka karoora jaraatti waan garaa jalaan ummata kanaan dagachiisanii hojjachuuf deeman akka jiru akeeka. “Waraanni amma keessa galle kana keessa turuun biyya diiga” jedhanii amananii karoora keessatti lafa kaa’an. “Mariidhaan xumuruu qabna” jedhanii garuu “mariin taasifamu kamiiyyuu haal-duree nuti lafa keenyuun taasifama” jedhan. Karoorri isaanii shira of keessaa qabaachuu kan sirriitti ibsu “nagaa lallabuun tarkaanfii itti aanuuf haala nuu mijeessa” jechuu isaaniiti. Tarkaanfiin itti aanu maali? Shira maqaa marii biyyoolessaa duuba jiru jechuudha. Gama kaaniin “mariin taasifamu kamiiyyuu haal-duree nuti lafa keenyuun taasifama” jechuun maal jechuudha? Yoo haal-duree isaan kaa’aniin tahe maarii maaltu tahuuf deema ree? Kana jechuun mariin biyyoolessaa yaada mormitootaa ykn yaada PP irraa adda tahe simachuuf hin deemu. Erga akkas tahee rakkoo maaltu hiikamuuf deema? Lolli biyya ni diiga jedhanii erga amananii, waan lola kana dhalche mari’atanii yaada gam-lachuu keessummeessuun lolichi dhaabbata malee akkamitti dhaabbata?
https://www.facebook.com/1662034707/posts/10224372614657261/?d=n
Hanga Daqiiqaa ammaa kanatti Jawar faa hin baane. Maatiin akka eegaa jiran himan. Eegdota Jawar, Dajane Xaafaa, Shamsaddiin Xaahaa, Mallasaa Dirribsaa fi namootni biroo kan bahan jiru. Garuu Jawar faa ammas manuma hidhaa jiru. t.me/FerhanAbdulselam
Jawar, Baqqalaa fi Hamzaa Booranaa amma bahanii jiru! Baga gammanne!
Warra nuuf jedhee aarsaa kafaletu hidhaa bahe waan taheef baga gammachuu keessan ibsattan. Ammas warra hafaniif sagalee tahuu itti haa fufnu!
Nageenya isaatiif jecha hanga tasgabbaa’anitti eegdonni mana Jawar waan nama hin seensifneef namni Jawar dubbisuuf gara manaa dhaqee akka hin dararamne abukaatotni Jawar dhaamanii jiru.
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
Jawar ammatti dhaqanii dubbisuun nageenya isaatiif gaarii miti waan taheef akka gara mana Jawar hin deemne dhaamamaa jira.
Gaafiif deebii Isaayyaas Yaya Beshir cuunfee nuun gaheera
——
Gaaffii fi deebii Prezdant Isaayaas Afawarqii ERITV waliin godhan keessaa waan nu laallatu kan cuunfame. Gaaffii fi deebii kana keessatti dhimmi irra guddaan ibsame siyaasaa Itoophiyaa keessaa kan laallatu dha. Seenaa gaaffii fi deebii jaarsaa keessatti isa duraa jedhamuu danda'a.
=======

- Rakkoon amma Itoophiyaa goolaa jiru imaammata jaarama sabummaa (ethnic institutionalization) waggoota 30n dabraniiti. Wayyaaneetu diriirse.
- Bara 1992tti conference FF irratti yeroo hirmaanne yaaddoo qabna turre. Dhaabonni hirmaatan dhaabota sabaa turan.
- Bara 1994 yeroo heerri biyyattii wixinamu wixinee san na agarsiisanii turan. Baay'een rifadhe. Keeyyata 39 qofa osoo hin taane irra hedduun qaama heera sanii yaaddessaa fi kan itoophiyaaf hin taane tahuun hubadhe. Yaaddoo koos ibseen ture. Rakkoon amma dhufe achirraa eegale.
- Lola tokko itti amantee qofa osoo hin taane osoo itti hin amanne of ittisaaf jettee seenta. Sadaasa 2020 keessa lola TPLF nurratti bane qolachuuf jecha itti seenne. TPLF maniiwwan (targets) 100 ol Eritrea keessaa haleeluuf karoora qabatee ture.
- Jijjiirama amma Tophiyaa keessatti dhufe kana baraaruuf qooda keenya gumaachaa jirra. Jijjiiramni kun yoo milkaahe balaa waggaa 30n dabre diriiraa ture hambisuuf gargaara. Garuu boru iftaan itti milkoofna jennee kan ibsinu miti. Qormaata baay'ee qaba. Haa tahuutii dandeettii fi muuxannoo qabnu hunda fayyadamnee waliin hojjechaa jirra, yerootu tura malee itti milkoofna.
- Caasaa siyaasaa amma Toophiyaa keessa jiruun akka biyyaatti wal cinaa jiraachuun (co-existance) nuuf qormaata. Dhimma keenya miti jennee biraa deebi'uu hin dandeenyu. Ibidda mana ollaa keetii gubu nan laallatu jettee usuu hin dandeessu. Filmaata biraa hin qabdu. Cehumsichi akka nu gargaarutti milkaahuu qaba.
- Rakkoo siyaasaa Tophiyaatiin biyyi lammaffaan miidhamtu Ertiraa dha. Kallattiidhaan nu laallata.
- Wayyaaneen jaarama sabummaa kana kan diriirse ''oftuulummaa Amaaraa'' olola jedhu gad dhaabuudhaan. Dhugaa dha sun ni ture, garuu sana afarsuun jibba saboota gidduutti uume. Amaara qofa osoo hin taane ''shaabiyaa shaabiyaa'' jechuun ummata Tigraay nu fi ummata Itoophiyaa biratti jibbamsiise. Ummanni Tigraay murna TPLF ofirraa didu malee nagaa hin argatu.
Waldhabdee garee Taayyee fi Shimallis gidduudhaa Abbootiin Gadaa karrayyuu harka mootummaa naannoo Oromiyaatiin ajjeefamuu ofumaa wal saaxiluun jaraa ni yaadatama. Amma ammoo ‘Ethiopian Human Rights Commission’ ajjeechaa kun kan raawwatame ajaja hoggantoota olaanoo humnoota mootummaa naannoo Oromiyyaatiin tahuu mirkaneesseera. Yakka hammana gahu kan ifatti hoggantootni naannoo Oromiyaa raawwachuun beekame irra utaaluun hin tahu. Dhimma kana ummatni gaafachuu qaba. t.me/FerhanAbdulselam
Suuraalee Jawar fi Baqqalaa haaraa
Abbootii Gadaa Karrayyuu qawwee isaanii irraa fuudhanii qawwema isaaniitiin ajjeesuu quba qabduu? Araarasaa fi Awwaluu Abdii gaafas naannoo san turan. Ajaja jaraatiin alatti waan tahee miti. Garuu hanga ammaa kan itti gaafatame hin jiru. Dhimmi kun akkamitti callifame?
Channel photo updated