Ferhan Abdulselam
38.8K subscribers
613 photos
72 videos
13 files
2.63K links
Download Telegram
Nama galata guddaa Oromoo biraa qabu Yaadataa (Muraad)

- Dubai geessaa waldhaansisaa ture
- Adeeroon erga Dubai irraa deebi’es sagaleen cufamee ture
- Ammas Turkey geessee waldhaansisee sagaleen Adeeroo akka duritti deebitee fayyee gale
- Adeeroon xiqqo erga bubbulee booda ammas dhukkubni itti jabaate
- Ammas baatii tokko guutuu Adeeroo waldhaansisuuf hospitaala ture
- Yaadataan carraaqqii guddaa godhus tan rabbii dhuftee Adeeroon boqote; rabbi jannataan haa qananiisu.

Yaadataan galatoomi jennaan!

https://www.facebook.com/photo/?fbid=10226148511693577&set=a.2285031899569
Gaaffii ummataa dhageeffatanii deebisuun akkana! Maqaa goota keenya Sooressa Jaarraa Abbaa Gadaatiin Finfinnee keessatti minni Barumsaa ijaaramee jira. Dhalootni maqaa goota kanaa bara baraan akka yaadatu hojii seena qabeessa kana hojjachuu isiitiif adde Adaanech galata qabdi!

https://m.facebook.com/story.php?story_fbid=pfbid02VfZTeWxiT6gendjSq9wKnBkrhsezjLU2hcXPkE8KV57RmvL8DWDGHfv9pCZpaeo1l&id=1662034707
Gaafa jarri Finfinnee Oromoo irraa fudhatanii kan ofii godhachuuf qabsaa’an lafa isii maqaa isaaniitti jijjiiran, jaarmayoota dhalootatti daddarbu maqaa gootota isaanii itti moggasan. Lafa dhiisii maqaa nama Oromootuu dirqamaan maqaa isaaniitti geeddaran. Kan isaan waggaa 100 dura maqaa isaaniitiin ijaaran har’as osoo garaan nu gubatuu itti fayyadamaa jirra. Kanaaf Finfinnee keessatti maqaa Oromootiin waa ijaaruun, maqaa gootota Oromootiin jaarmayoota dhalootatni daddarbu ijaaruun qaama qabsoo akka tahe yoo hin hubanne wal hubachiisuun barbaachisaadha.

https://m.facebook.com/story.php?story_fbid=pfbid033H6Brp8ENBKFU5B2yUEBSmNwwBiaNEUSkFd1gorNXvPCCnHrcUgRYRxp2FxMFEJwl&id=1662034707
Baay’ee nama dhukkuba! Garaagarummaa siyaasaa kamuu yoo qabaate wanti amma Oromoorra gahaa jiru Oromoo kamuu dhukkubsuu qaba. Waggoottan dabre kana warri kaabaa miidiyaa irratti duula walirraa hin cinne godhaa ture. Amma kunoo gochaan argine. Gocha bineensiyyuu nama irratti hin raawwanne. Kuni hatattamaan fala hin argatu taanaan baalaan as deemaa jiru tilmaamuuf nama suukaneessa.