FBC (Fana Broadcasting Corporate S.C)
25 subscribers
Download Telegram
Channel name was changed to «FBC (Fana Broadcasting Corporate S.C)»
Channel name was changed to «FBC»
Channel name was changed to «FBC (Fana Broadcasting Corporate S.C)»
◍◍◍◍◍◍◍◍◍◍◍◍◍◍◍◍◍◍◍◍
😜Waayee rakkoo dhaabbachuu dadhabuu qaama saalaa dhiiraa hagam beektu?
◍◍◍◍◍◍◍◍◍◍◍◍◍◍◍◍◍◍◍◍

Qaamni saalaa dhiiraa(qunxurroon) tishuu addaa iddoo dhiigni itti kuufamuu danda'u, hidda dhiigaatin walitti fufee argamu laakunaa jedhamu, lallaafaa kan ta'e irraa ijaarrame. Akkuma qaamota gara biraa, hiddoota dhiigaa, narvootaa fi sirna liinfiitiin kan badhaadhedha. Waayee qunxurroo yemmuu haasofnu, waayee qaamota biroo sirna walhormaata dhiiratiif gargaaran haasa'uun barbaachisaadha. Sababni isaas, qunxurroon qofaa isaa ka'ee dhaabbachuu waan hin dandeenyeef jechuudha. Qaamonni kunneenis, bakka sanyiin dhiiraa ykn spermiin itti oomishamu(cidhaan lamaan), ujummoo ispermii gara alaa gara qunxurroo fidduu, ulaa qunxurroo(yuureetiraa), bakka ispermiin erga oomishamee itti kuufamu kan epiidimiis jedhamu, xannachoota dhangala'oo ykn mi'oo dhiiraa oomishanii fi maashawwan naannoo qunxurroo jiran fa'i isaan muraasa.

Egaa qunxurroon dhiiraa haalaa gahaa ta'een dhaabbachuudhaaf, sirnoonni qaamaa keessattuu sirni narvii giddu galeessaa nagaa qabaachuu qaba, akkasumas narvoonni naannoo qaama saalaa dhiiraa fayyaa ta'uu qabu, sirni marsaa dhiigaa nama sanaallee fayyaa ta'uun murteessaadha jechuudha. Fknf, dhiirri tokko dhiphina keessa jiru sababni qaamni surtuurtee teessuuf, yeroo sanatti sirna narvii to'annoo keenyaan alaa siimpaatetik jedhamutu hojiirra oola. Yeroo kanammoo hiddoonni dhiigaa bakkeewwan akka qaama saalaa, garaachaa fi mar'umaanii jiran kottoonfachuun dhiigni isaan keessa ture, gara maashaa(bakka humni rakkoof furmaata kennu itti uumamu akka irree keetii) deemudhaan anniisaa kennaaf jechuudha.

Gara qaphxii keenyaatti yoo dhufnu, qunxurroon dhaabbachuuf kan isa barbaachisu, (1)tuttuqaa (2)ijaan
Barnoota fi odeeffannoo akkamii argachuu barbaaddu?

❶Technology

♥️Fayyaa♥️

❸Seenaa 🇪🇹, 🇪🇷, 🇺🇸

❹Asoosama📙

❺Saayinsii Jaalalaa fi kan biroo
argachuuf kan feetan filadhaa!
𝐊𝐚𝐧𝐚 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐭𝐮 𝐥𝐚𝐚𝐭𝐚?

Sanyiin dhiiraa ykn spermiin uummamee hanqaaquu dhalaa cabsee miciree uumuu gahuuf ji'oota lama ol itti fudhata.

Turtiin walqunnamtii saalaa marsaa tokkoo inni filatamaa jedhamee namoota biratti jaalatame daqiiqaa 7 hanga 13 dha.

Qaamni saalaa dubartootaa ykn buqushaan gara keessatti hanguma lixu bal'achaa deema. Fknf, uraan isaa giddu galeessaan seentimeetira 2.6 yoo ta'u dhumni isaa gara olii 6.1 gaha.

Gadi fageenyi fi bal'inni buqushaa yeroo fedhii walqunnamtii saalaa dachaa 2 oliin dabaluu danda'a. Fknf kan dura cm 4 qofa ture gara 10 cm tti gadi fagaachuun yoo dhiibbaan qaama saalaa dhiiraa jiraate ammoo caalatti dabalaa deema. Kanaafuu qaamni saalaa dhiiraa guddatus xiqaatus buqushaan ni keessummeessa.

Dubartoota harka 100 keessaa naannoo harka 50 qofatu guyyaa jalqaba walqunnamtii saalaa raawwatan dhiiguu danda'u. Kanaafuu dhiiga nama hundarraa eeguun barbaachisaa miti.

Like share gochuun nu hordofaa!

Iftoominaan waayee qaamota keenyaa dhokatoo ta'an irratti hubannoo saayinsawaa waliif haaqoodnu!


🧞‍♂️🧞‍♂️🧞‍♂️🧞‍♂️🧞‍♂️🧞‍♂️🧞‍♂️🧞‍♂️🧞‍♂️
꧁ ꧂
@dr_heran @dr_heran
꧁ ꧂
🍃 🧞‍♂️🧞‍♂️🧞‍♂️🧞‍♂️🧞‍♂️🧞‍♂️🧞‍♂️🧞‍♂️🧞‍♂️🍃
Faayidaan Jaalalli saala faallaa fayyaa keenyaaf qabu maali?
◌◌◌◌◌◌◌◌◌◌◌◌◌◌◌◌◌◌◌◌◌◌◌
Jaalalli akkuma nyaatni fi dhugaatin jireenyaaf nu barbaachisan, innillee jiraachuf nu barbaachisa. Jaalala yeroo jennu kan jaalallee ofii qofa osoo hin taane, jaalala haadhaa, abbaa, hiriyootaa fi kkfnis ni dabalata. Jaalalli hin jiru taanan jireenyi namaaf hin mijaayu.

Gara qaphxii keenyatti yoo deebinu, keessattuu jaalallee qabaachuu fi haala sirriidhaan waliin jiraachuun faayidaa hedduu qaba.

➲ Gammachuu nuuf kenna. Yeroo nama jaalannu waliin walitti dhiyaannu, walhaammannu, waldhungannuu fi walqunnamtii saalaa goonu qaama keenya kessatti hoormoononni gammachuu baayinaan ni maddu. Akkuma walitti dhiyeenyi keenya dabalaa deemu, hammi hoormoonotaa kunis dabalaa adeemu. Kunimmoo yeroo hunda gammadaa akka taanu fi yoo wanti nama gaddisiisu nu qunnamellee warra kaan caala damdamannee gammachuu keenyatti akka deebinuuf nu gargaara.

➲Akka qorannoon adda addaa mul'isutti, jaalalli dhukkuboota tokko tokko nurraa ittisa. Namni gammachuu qabu, dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuu isaa guddaadha. Kunimmoo akka haala salphaan hin dhukkubsanneefi fayya qabeessa taanu nu taasisa. Gama biraatin, namni jaalallee qabu, walqunnamtii saalaa yeroo godhu, akka sochii qaamaa ykn spoortii hojjateetti qaamni isaa ni hiikata(relax). Kunimmoo keessattuufayyaa onnee fi sammuu keenyaa nuuf eega. Hirriiba gahaa akka rafnu nu taasisa. Dhiphina nurraa xiqqeessa.

➲Umurii dheeraa akka jiraannuuf nu gargaara. Akkuma olitti jenne jaalalli waan hunda. Jaalalli jiraannaan dhukkubootni carraan nu qabuu isaanii waan gadi bu'uuf carraa du'aa sababa dhukkubaatin dhufu xiqqeessa.

➲Hariiroo hawwaasummaa(sociality) keenya nuuf gabbisa. Akka qorannoowwan agarsiisanitti, jaalalli dandeettii rakkoo furuu, dandeettii yaaduu fi yaadachuu, fi akkasumas dandeettii namaan waliif galuu ni guddisa. Nama tataphatu fi kokkolfu nu taasisa. Nama kaan birattillee jaalatamaa akka taanu nu taasisa jechuudha.

👉Faayidaa kanneen argachuuf jaalalli sirriin jiraachuu qaba. Jaalalli sirriin kan akkamiiti? Itti fufa.........

Waan dubbistaniif galatoomaa.


♻️Join & 🔗SHARE
╔════════════╗
@dr_heran @dr_heran
@dr_heran @dr_heran
╚════════════╝