Dr Zaakir Naa'ik
1.11K subscribers
29 photos
6 files
153 links
channel khanarraa wantoonni armaan gadii hatattamaan Isin bira gahuu join godhaa
1, Barnoota Amantaa Islaamaa
2,seenaa ajaa'ibsiiftuu adda addaa
3, dhugaa amantii Islaamaa khan qorannoon Saayinsiitin mirkaneeffaman
4, Oduu adda addaa khan haala yerootin
Download Telegram
maqaa Rabbiitin akkaan Rahamata namaaf godhaa fi akkaan mararfataa khan taheen faaruu fi galannii honga hin qabnee Allahaf haa gahu ammas Nageenyi Rabbii fi Rahamanni Allah Ergaa Rabbii Nabiyyii Mohammed irra haaJiraatu haasowni kheenya khan arraantanaa wa'ee fuula haaraa Irraa taha. sunniin kheessa wa'ee #khaliifota qaqqajeellooti garuu as kheessatti seenaan nuti gadi fageenyan laaluu deemnu seenaa duree,barsiisa, nama akkaan Rabbi sodaatu, hoggonaa ol'aanaa fi gaggeessaa warreen Rabbitti amananii khan tahee inni Abu hafsi '' #Umar Ilma Abdul Aziiz, Ilma marwaan ''
_gosa Qureeshii Araba warra mootummaa Umayyaati magaalaa madiinaa Rabbiin Isa Irraa haa Jaalattu. Ummaan Isaa ' Ummu Aasim Iltala Aasim Ilma Umar Ilma khaxxaab
Abbaan Isaa Umar Biyya misratti Bara 61 A.H dhalate khan Inni itti du'e baadiyyaa xiqqoo ' Daar sam'aan Bakka Bataskhaana simoon naannoo Bulchiinsa siiriyaa jedhamtutti. hamma dhukhubni Inni du'e Guyyaa 25, Jummaa Baatii Rajabaa 101 A. H khan inni jiraate soddomii sagalii fi Baati jaha. Abbaan Isaa Rabbiin Isarraa haa jaalatuu hedduu Isa garggaaree ture. "Abdul Aziiz Ilma marwaan " khun Ilma Isaa akka baratuuf gara madiinaa ergee ture. dabalatanis nama Saalih Ilma kheysan jedhamutti waraqaa barreessun Iddoo barnootatti Barnootarratti akka Isa tissuuf itti dhaammatan Isa tissurraa khan kha'e kheysaan salaata kheessatti miila Isa khan Umaratti maxxansuun salaata garu guyyaa tokko Umar Salata Jam'arraa booda aane kheysaanis maaltu akka Isa hambise gaafateen akkana jechuun deebiseef xomboree tootu mataa khoo naa filuu ture" kheelysanis akkana jedheen ' mataa khee filachuutu fardii Salaataa geggeeffaturra siif caalaa '
Jedheen. kheysanis oduu khana fuudhudhaan gara Abbaa Isatti waraqaa barreessudhan dabarse
' Abdul Aziiz ' akkaana jechuun deebiseef hamma Inni Rifeensa mataa Isaa haaddatutti Itti hin dubbatin jechuun akheekkachiisen.
#WANTOOTA INNI ITTIIN FAARFAMU
Rabbiin Isarraa haa jaalatuu Umar Abdul Aziiz barsiisota mammaraxamoo warreen murtii khennaan kheessaa Isa tokko. ammas Innii gaggeessaa dhugaati Rahamanni Rabbii Isarra haa jiraatu. Ragaan waliigaltee waa'ee ajaa'ibsiifannaa(dinqii), faaruu, guddina beekunmsa Isaa, qaceeluma Isaa, bareedina duniyarraa dantaa dhabuu(asceticism), sodaa Allaahaf Inni qabu, Ilaalcha garaa laafina gadi-fageenyaan Inni Muslimtoota waliin qabu, akkasumas amala gaari Inni Ummata Muslimaa walii galu. Waa'ee murtee khennuu fi rawwachiisuu Isaa, haqquumma mirkansuu Isaa, dandeettin gad-faggeenyan yaaduu Isaatis yookhaa khan hojiin agarsiisuu Isaa adeemsa kharaa sunnaa(jechaa fi dalagaa) Nabiyyii Muhammad(nageenyii fi Rahamanni)Rabbii Isarra haa jiraatu khan hordofuu ture ammas kharawwan khaliifota qaqqaceeloo Afranii khan hordofuu ture. ' Umar khun nama khaliifaa(bakka bu'aa) 5ffaa khan Ummata Islaamaa Jedhamuudhan beekkama wantoonni Inni ittiin ajaa'ibsiifamuu lakkaa'amee hin dhumu.
#AMALA GAARUMMAA ISAA: Rahamanni Rabbii Isarraa haa jiraatu. ' Umar Ibnu Abdul Aziiz ' (khaliifummaadhaf)gaggeessummaadhaf khan qaadhimame Eega Adeerri Isaa ' Suleymaan ' Ilma Abdul Malik du'ee booda. yeroon khaliifaa ' Umar ' khun ganna lamaa fi baatii shan yoo tahu yeroo turtii khaliifaa Abubakrii Asiddiq Rabbiin Isarraa haa jaalatuu wajjiin wal-fakkaata. yeroo khaliifaa Isaa kheessa bakka hundatti haqqummaan akka gad-dhaabbatu godhuu fi dalagaa gaggaarii akka Isaan dalagan hojiin agarsiisuu fi hojii badduu jala sararuun balleessuu ture. Khaliifaa dhugaa khan shanaffati Inni yufiyaana sooriin Rabbiin Rahamata Isaaf haa godhuu akkana ji'a. " khaliifonni qaqqajeeloon shani Abubakri, Umar, Aliyyi, Usmaani fi Umar Abudul Aziiz" jechuun lakkaa'ee ture. gabaasuma wal-fakkaatutu odeeffamee jira ammaas Imaamu Ahamed akkana Jechuun Ibsanii jiru ' Haaromsaa Jaarraa saniiti ' jedhu.
#HAQQUMMAAISAA
Rabbiin Rahamata haa godhuufi Abu leysaa namani jedhamu akkana ji'a " Umar Haqqummaa lafa qabsiisuu khan Eegale mana Isarraahi." Guyyaa tokko Umar hojjataa Isaatif waraqaa barreessun akkana ji'een " yoo angoo argatteen nama cunqursuu feete angoo Allaha sirratti qabu yaadadhu. ammas yaadadhu cinqiin siqunnamuus sababa ati Isaanif hogganaa taatef jecha."
# Haaromsa Isaa
Rabbiin Rahamata Isaaf haa godhu. tajaajillii hawaasummaa fi fayyummaa yeroo khaliifaa Isaa kheessati khan Argame tahuu Isaati. maalaqni yeroo san akka bishaanitti dhangala'aa ture sababaan Isaa Umar yeroo sanitti Huteelonni kharaa walakkaa Irraatti warreen Ilamttootaf waan dhaabefi Umar
Abubakri Ilma Mohammed Ilma Amri Ilma Hamzaatif waraqaa barreessun akkana ji'een " daldaltoota waan hin tahin nama hundaaf Gumaacha khenniif " khana caalatti Joollee xixiqqoo amma dhalattuuf (Damoosni)khafaltiin akka khennamu murteesse. Eeyyen dhugaadha Inni nama jalqaba mindaa Ijoolleedhaa mirkhaneesse gara warra hoggantoota mana hidhattis waraqaa barreessun akkana ji'een " nama tokkollee sansalataan akka inni salaata salaatuu hin dandeenyetti hin hidhinaa" ammas Umar haasawa Isaa khan hikmaa yeroo haasahu akkana ji'a '' namni tokkolleen nama murtee khennu tahuu hin dandahu yoo nama sagaggaalummaa hin dalagne taate male, kha obsa qabu yoo taate male, fi nama badii hojjatu khan hin sodaanne yoo taate male namni tokkolleen murtee khennu hin dandahu" jechuun Ibse mee laali jechi mil'aawaa kharaa roga siyaasatiin akkana ji'a " ani Ol'aantummaa seeraa khabajisiisun akkuma salaata salaatuun ana barbaachisutti nabarbaachisa"
ammas Inni nama yeroo halqabaatif warra duraan angoon Ummata dorsisaa ture Ummatarraa khase.
inni nama yeroo Halqabaatif dinagdee biyyattii sadarkhaa ol'aanatti akka deemtu godhe. dhugumatti hamma namni zakaa fudhatu dhabamutti. olguddisee rure.
Ammas Inni nama yeroo halqabaatif Qeerroon dalagaa malee akka tatteenye tan dhorgedha.
#dhukkubsatuu fi du'a Isaa
Rabbiin Rahamata Isaaf haa godhu Abuu Haxim namni ji'am akka inni oderssetti akkana ji'a " yeroo Umar Ilma Abdul Aziz dhukkubsatuu fiziztti tokko akkana ji'een " dawaa(qoricha)n fayyummaan Isaa argamuu hin dandeenye onnee Isatti darbuun na sodaachise " Leys Ibn Abu Roqayyah akka gabaasetti akkana ji'a " yeroo Umar Ilma Abdul Aziz du'uuf deemu akkana ji'a < mee gadi nateesiisaa > yeroo Isaan gadi teesisaniin akkana ji'een < an nama Isiin ajajjanii turtan garuu an numan use. waan sirrii taherraa na dhoorguu turtan garuu an Isinin dide " taraa sadii jecha khana irra deddeebi'ee. khana bodarra akkana jechuun Shahadaa duraan Irratti dhalate Irra deebi'uun raggasisee " Rabbii tokko malee khan Ibaadaa(gabbara) haqa godhatu hin taane " jechuun raggasisee. khana boodarra akkana jechuu Eegale « an waan namas hin tahin Jinnis hin tahin waan magariisa takkan argaa » sana boodarra hatattamaan du'e.khanaaf Seenaan Isaa waa hangana qofaa miti garuu ammaaf asumatti dhaabna. #sheer godhuun obboleyyan kheetif qoodi
@Xalaha Ahamed
@Xalaha Ahamed
@Xalaha Ahamed
Burqaa Seenaan tun Irraa fuudhamtee
#wathakker.Info
#chaliph justice #Biography channel khana add godhaa Seenaa Ummata Islaamaa dinqisiistuun Isin dhaqqabuuf jiraata @Xalaha Ahamed
@Xalaha Ahamed
@Xalaha Ahamed
بسم اللهاالرحمان الرحيم
احمد الله وحده وصلاة وسلام علا محمد وعلا آله وصحبه وسلم تسليما کثيرا اما بعد:
Obboleyyaan khoo knan Mulimaa khan Rabbiin Amantaa Bareedduu tana Isin badhaase arra yoo Rabbiin fedhe(انشا الله) wa'ee #Ramadaanaa laalla duraratti osoo gara kheessaa hin Seenneen duratti qabxiiwwaan akkaan barbaachiftuu taate waliin laalla.khan duraa
👉1⃣ #Hiikhaa Ramadaanaa
👉2⃣ #Akkataa Itti Soomanan
👉 3⃣# Barbaachisummaa Soomanaa( scientic fact) fi Hadiisan mirkansuu : gara qabxii tokkoffaa yeroo dhufnu...
👉 1⃣ Jechi Afaan Arabiffaatin(رمضان) ji'u khun Hikhon Isaa maali khan ji'uudha. jechi ' Ramadaan ' khun yeroo qindeeffama sagalee Isaa laallu < Ramadaan,Ramazaan fi Ramzaan tti ni sagaleffama ammoo Hiikoon jecha ' Ramadaan ' ji'u khun hundee jecha Arabii Ramida yookhaa arr- ramd ji'urraa dhufe Hikhoon Isaatis Owwaan gubachuu yookhaa akkaan gogoguu jechuudha. ji'a Ramadaan soomanuun Muslima ga'eessarratti dirqama(فرض) namoota khanniin yoo taate malee nama dhukkubsatu, Imaltoota(nama kharaa deemaa jiru),manguddoo dhadhabaa, dubartii Ulfaa(tan garaa qabdu), tan hoosisaa jirtu, fi tan laguun itti jirtu Jara armaan olitti lakka'aman waan hin tahiniin achitti Baatii Ramadaan soomanuun dirqama. soomana jechuun: fajriin bari'uun durattii qabnee hamma Aduun seentutti turtii yeroo jechuudha. #Muslimtoonniyeroo soomanaa wantoota armaan gadirraa fagaachudha qaba:
nyaata fi dhugaatirraa, sijaaraa aarsurraa, wal-qunnamtii saalarraa fagaachuu,ammas Muslimttoonni amala hamarraa fagaachuu qaba ammas dubbii sobaa fi Ragaa sobaa Irraa akkaan of eeguu qabu. akkasumas nama wajjiin wal-lolurraa of eeguu. yoo dubbiin jabaattee mataa ofirraa deebisuu taate malee. nyaanni yeroo soomanaa bariin dura nyaatamu (Suhuur)ji'ama. ammas nyaanni yeroo aduun seentu nyaatan (Ifxaar) ji'ama. wantoonta Muslimonnii soomana kheessa akkaan Irratti Jabaachuu qaban.
#BarbaachisummaaRamadaanaa:
akka Saayinsiin fayyaadhaa arra nuuf mirkaneessutti soomanni Bu'aan Isaa Aakhiratti Badhaasa addaa tahe argachuu Bira khutee Addunyaa kheessati wantoota akkaan Ilma nama Barbaachisan hedduu Bu'aa Inni nama Isa soomaneef qofa khennuudha. kheessattu wa'ee fayyummaa Ilma nama Ilaalchisee dhukkuboota hedduuf dawaa(qoricha) akka tahe qorannoon Saayinsii Fayyaa (medical science)
_mee walumaan haa laallu.
Amantaan Islaamaa Soomannatti khan ajaje Bara 1400 dura. waan si ajaa'ibu Ummanni warra Girikii durii fayyummaa qaama Isaanitiif jecha somanatti walajajuu turan arrumantanaahuu(yeroo arraa) khanallee saayintistoonni gariin soomana amaleefachuu khan lallaban turtan. fayyummaa sammuu fi qaama Isaanii Eeguf jecha akka ragaa qorannoo tana nuu addeessu argannetti Bara 2012 namtichi beekkamaan Mikaa'il Mosley Tv Isarratti akka gadidhiisetti waahee nyaataa,Soomanaa fi jireenya dheeraa jiraachuu khitaaba Isaa beekkamaa (best-selling)ji'amuu kheessati akkaan Ibsee Jiraa.
👉1⃣ "hirriiba Bareedaa rafuuf.
👉2⃣ dhukkuba khaansrii balleessuf. kheessattuu khaansarii harmaa balleessuf Ramadaanni gahee dhugaadha qaba.
👉3⃣ Bu'aa Ramadaan kheessaa Inni guddaan #nyaatayeroo guyyaa fudhannee khan Fayyaa Irratti rakkoo Uuman daangessuudha. fkkf; xuraawaa hin barbaachifnee khan tiruu kheenyan qophaa'e(cholesterol) dhabamsiisuf, dhukkuba Onnee, fi dhukkuba akka garmalee furdachuu(obesity)faa dhabamsiisuf akkasumas fayyummaa sammuu kheenyaa olkhaasuu fi fayyummaa seelota biroof gargaara.
👉4⃣ sababaa guyyaa kheessa nyaata fudhachuu dhaburraa khan kha'e qaamni kheenya dandeettii addaa horata fkkf dandeettii wantoota summaa'oo tahan of kheessaa baasuu, akkasumas qamoota sirna bullaa'insa nyaataatif boqannaa khennuu faadha
👉5⃣' Mahy ' namni ji'amu nama waahee nyaataa kheessaa dalagu Aljaziiran akka dubbisetti akkana ji'a "Soomanni garaachii namaa akka qulqullaa'uf gargaara. ammas caasaleen kheessa garaacha kheenya haguuganii argaman akka jabaataniif gargaara.
👉6⃣ ammas adeemsi (autophagy) ji'amu akka si'aa'ana qabaatu taasiisa. adeemsi khun adeemsa cellonni kheenya ofiin of haaroomsanii fi wantoota isaanirra miidhaa fidan ofirraa deemsisaniidha.ammas adeemsa seelonni qaama kheenyaa wantoota hahamoo tahan ittiin of irraa ittisaniidha.
_👉7⃣Saayintistoonni ammas hariiroo waahee nyaataa ciqeesanii nyaatuu, fayyummaa garaachaa fi fayyummaa sammuu yeroo qoratan akka ' Mosley ' ibsetti "Soomanni hormoniin BDNF gadi dhiufamuuf gargaara (Brain-derived neuropathic factor)khan ji'amu sammuu teenya kheessati akka gadidhiisamuuf gargaara"
"khun khan nu agarsiisu seelota sammuu teenya Eeguu fi dhiphina hir'isuuf
_akkasumas xuraawaa of kheessaa baasuu fi ammas rakkoo sammuun teenya wantoota sirritti addaan baaftee hubachuu dhabuutti nu geessu nurraa Eeguf gargaaru" Mosley ammas ittuma ida'ee akkana ji'a "👉 8⃣nomoonni Soomana isaanii maxxansanii soomanan wantoota amma dubbanne khana (dhukkuboota) khanneennirraa bilisa tahu. ammas somanni akka Isaan maashaa jabaa fi fayya qabeessa tahe argatanii fi furdina hir'isuuf Isaan gargaara"
👉9⃣ "Soomanni ammas sadarkaan glokhoosiidhaa dhiiga kheessaa jiruu (BGL)khan sababa seelonni kheenya akkaa akka dadhaban taasisu san akkan hir'isuuf gargaara" Nazmin Islam nama ji'amu Ibsame.
👉🔟 Islaaminnaan Ida'ee ammas Ulfinni rakkoo qaama kheenyaa khan hir'atu yeroo soomana bifa seera qabeessa taheen soomananiidha. Bu'aan soomanarraa argannu waa khana qofa miti khan hamma ammatti sayintistoonni itti hin dhaqabin hedduu jiru khan Nabiyyiin kheenya jaalatamaan Nagahafi Rahamanni Irra haa jiraatu hadiisan Ibsan mee gababsinee haa laalluu
👉1⃣ "nama somanaan oolef mala'ikonni Rabbii khadhatuuf " gabaasa Abii Daawudii
👉2⃣ " Jannata kheessaa Ulaa (Rayyaan) ji'amu takkaatu Jiraa nama soomanaan oolee malee khan hin seenne yeroo isaan olseenaan itti cufamti namni tokko isaan booda seenuu hin dandahu" gabaasa Bukhaarii fi Muslimi
👉3⃣nama guyyaa tokko Rabbiif jecha soomanaan Oolee sababaa guyyaa tokkichaa saniif ganna torbaatam Ibidda jahannam irraa isa faggeessa" gabaasa Bukhaari fi Muslimii.
waa khana qofa miti Bu'aan Soomanaa irraa argannu hedduudha ammaaf khanuma naa guddifadhaa kheerii khana sheer godhuunis obboleeyyan kheetif qooduu hin dagatin. @XalahaAhamed
@XalahaAhamed
@XalahaAhamed
بسم الله الرحمان الرحيم
الحمد الله وصلاة وسلام عل رسولله وعلا اله وصابه وسلاو امابعد: Obboleyyan khoo khan Muslimaa khan Rabbiin tola Isaatin Amantii Islaamaa Isin Badhaase
Arra yoo Allahan nuun fedhe wahee #Salaataa Ilaalchisee qabxiiwwan 3 waliin Ilaalla Isaanis
👉1⃣ #HiikhooSalaataa
👉2⃣ #KhaayyooSalaataa
👉3⃣ #FaayidaaSalaataa
Bu'aan Salaataa khan Saayinsiin Arra mirkaneesite Barreeffamni khun jalqaba khan barrahe Afaan English yoo tahu barreessan Isaa khan Afaan English Jalqabaa Amna Anwaar Saalah jedhama. khan gara Afaan Oromotti hiikhe Obboleessa kheessan #FahamiAhamadi. Salaanni Ibaadaa gochaa tan akkaan Allahan (SWT) Jaalatuu fi tokkoo Utubaalee (Bu'uroowwan) shanan amantaan Islaamaa Irraa Jaaramtte kheessaa tokko. ammas Salaanni duudhaa hariiroo jidduu gabrichaati fi Rabbii Isaa Jabbeessuf gaggeeffamuudha. akkasuma Salaanni agarsiistuu namni tokko Muslima dhugaa tahuu Isaa Ibsuudha. Salaatah jechummaanuu; maddaa yookhaa burqaa tasgabbii irraa barbaaddatanii, Araarama fi nageenya Irra arkataniidha. ammas Salaanni tun qoonqoo(nyaata) lubbuuti. haatuhuu malee, Bu'aan Salaata khanarraa Argannu gama Ibaadatiin hedduu gudaadha. garuu yoo dhugaa Ilaallee bu'aan Isaa roga gabbaraa qofa osoo hin taane rogaa fayyummaa qaama namaatillee ni hammata. saahibni Salaataa ( namni Salaata Isaatin adda hin baane tokko) sochiilee qaamaa tangaraagaraa fi Iddoo qaamaa Jijjiiru tan Saayinsiin dawummaa fi bu'aa faayyaa qabaachuu Isii mirkaneessite hedduu gaggeessa. Ummanni Muslimaa Salaata khana dirqama amantii ofii Isaanii bahuuf yoo Salaatanillee, saayinsiin yeroo arraantanaa khana akka Ibsetti Salaanni fayyummaa qaama kheenyaatif bu'aa guddaa akka qabu Ibsee jira. gara bu'aa Salaatarraa argannutti darbuun durattii dhiifamaa wajjiin akka armaan olitti Ibsuuf yaalametti qabxiwwan 3n muraasa waahee salaatah akkaan Ibsan waliin laalla jennee jira; Insha Allah amma asumaniin gara qabxii tokkoffatti Isindabarsa maal akka Jettu mee walumaan haa laallu...
Channel name was changed to «FahamAhamed»
👉1⃣#HiikhooSalaataa
Jechi ' salaata ' ji'u khun hundee jecha Afaan Arabii ' silaa ' ji'urraa dhufe. hiikhoon Isaas wal-qabsiftuu jechuudha ammas gara biraatin Jechaa fi gocha khan khadhaa, Rabbi qulqulleessuu, araarama Rabbi khadhatu fi kkf khan of kheessatti
hammatuudh.
ammas faaruu bareeddu fi barakhaa Rabbii Irraa taate (SWT).
ammas khara gabrichi Rabbii Isaa bifa khabaja qabu tokkoon khadhatuudha.
ammas gochaa fi jecha ati Rabbii khee galateefachuuf raawwattus ni ji'ama. Nabiyyiin kheenyas (Nagahaa fi Rahamanni) irraa haaJiraatu hadiisa Isaanii kheessatti khan khan nuuf Ibsan wa'ee salaataa Ilaalchisee khanuma fakkata. Nabiyyiin kheenya akkana ji'a " gabrichi yeroo Rabbii Isaatif salaatu Inni ( gabrichi) sun Rabbii Isaatiin waliin mataa bataya jira (maqoo bahee) Jiraa "
walumaagalatti ' salaata ' jechuun; Jechaa fi gocha gabrichi Rabbii Isatti Ittiin dhihaatudha.hadisa sahiihaa amma as olitti Ibsamerraa wanni nuu galus khanuma. khanaaf khana khanumaan xumurree gara qabxii 3 haa dhufnuu qabxiin khun qabxii akkaan murteessati. maalif yoo jenne amantaan Islaamaa wanni Isiin Muslimtoonni akka raawatan irratti dirqama goote, asirratti Isaan cinqitee aakhiratti badhaasaa guddaa Isaanii kheenuu qofa osoo hin taane addunyaa irrattihuu Bu'aa guddaa akka qabu ara galanni khan Rabbiiti Saayintistoonni mirkaneessutti jiran. mee khanumaan wal-qabatee Bu'aan nuti salaata irraa argannu akka Saayinsiin mirkaneessetti maal,maal faadha? khan ji'u haa laalluu. asumaan gara qabxii 3tti sidabarsaa mee waliin turii Irraa waa gudduunfadhu...
👉3, #FaayidaaSalaataa
qabxii khana wanni khaasun barbaachiseef warreen salaata Isanitti jabaatan khan Bu'aa Isaanii khan guyyaa boruu Rabbiin Isaanii khennu qofatti amanani salaata Isaanii ' Ikhlaasan ' salaatan arras Allahan (SWT) Bu'aa guddaa yoo salaattee malee addunyaa tanarratti argachuu hin dandeenye khan arra Saayintistoonni mirkaneessaniin Isaan gammachiisuu fi ammas warra salaata khanarraa huma hin beekhne hubachiisudhaf ( yaadachiisudhaafi). mee asumaan gara qabxii 3 ffaa haa dabarruu waan Isiin jettus takka takkaan haa xiinxalluu sana booda Amaantaan Islaamaa nama miidhaa moo namaaf mararfataa khan ji'uuf deebisaan Isinuma...
👉1⃣ #marsaadhiigaa qaama kheenyaa olkhaasuf: sochii garagaraa khan nuti salaata kheenya kheessatti goonu dandeetti dhigni qaama kheenyaa kheessa geejjibuuf qabuu nuuf fooyyessa. ammas akkuma beekkamu dhibbaan dhiigaa khan dhufuu dandahuu yeroo dhiigni kutaa takka tan qaama kheenyaa kheessaa kheessatti olguddate yookaa gadi-xiqqaate nuqabuu dandaha. sababaa khanaaf Jechaa sochiin dhiigni qaama kheenya kheessa geejjibu khun wal-qixxaachuu qaba. Obboleessoo Salaanni bara 1400, Rabbiin (SWT) Ummata Muslimarratti dirqama godhe khun khunoo Bu'aa Isaa arra Saayinsiin akka mirkaneessetti, salaanni dhiigni qaama kheenyaa kheessa jiru akka wal-qixxaatuf gargaara ji'u. khutaawwan qaama kheenyaa khan garaagaraa kheessa akka bifa wa-qixa taheen tamsa'uuf gargaara. fkkf yeroo ' Ruku'aa ' tamsa'inni dhiigaa qaamota ol'aanoo kheessa akka faca'aniif gargaara. yeroo tashhudaaf teenyu dhiigni khutaawwan qaama kheenyaa khan gadi aanan kheessa akka qaceellotti geejjibuuf gargaara. dhiigni olii gaditti akka socho'uuf wal-qixxeesuu #Salaataa khun qaamni kheenyaa fayyummaan Isaa akka mirkaneeffatuuf gargaara. yeroo sujuudaa ammoo dhiigni gara khutaa Ol'aanaa khan akka sammuu kheenyaa kheessa tamsa'uuf wal-qixxeessuuf gargaara.
👉2⃣ #bullaa'insanyaataatif
fayyummaa qaama namaatif inni guddaan qoonqon inni nyaatee isarraa dalaguudha. yoo nyaanni nuti nyaanne sirritti daakhamee yokhaa bullaa'ee wanni nuti nyaannu sifaawuu (hojii) irra Ooluu dandaha. khanaaf Salaanni nuti salaannu.bulaa'insaa nyaataatif akka ajaa'batti gargaara. eega tahe khun khan inni tahuu yeroo teessuma sujuuda lameen jidduu teenyudha. gartee teessumti xiqoon sun bullaa'insa nyaataatif yeroo gargaaruu mee maal jetta akkamitti yoo jette, yeroo san akkuma olitti ibsuuf yaalametti yeroo teessuma xiqqaa sujuudaa lameen jidduu teenyuu san dhiigni qaama kheenyaa gara gadi aanutti faca'un hojii bullaa'insa kheessatti okhsijiinii guddaa waan of kheessaa qabuuf qooda guddaa fudhata.
👉3⃣ #dalagaatiruufoyyeessuuf:
khana qofaa miti, ammas marrimaan kheenyaa akka diriiruf gargaara. diriirun marrimmaanii khun caasan (bowel) ji'amu khun ujumoodha ujomoon khun ujomoo akkaan dheertuti. dalagaan ujomoo tanaa Inni guddaan nyaanni garaa kheenya kheessatti akka daakhamuu fi wantoonni jajjaboon qaama kheenyaf hin barbaachisne gara alatti akka bahaniif gargaara. laal khaa mee ujomoon khun yeroon inni itti qixa sirritti hojii isaa hojjatu yeroo salaata kheessa jiruudha. gartee #salaanninutisalaannu khun bu'aa isaa akka itti guddaa.‼️
👉4⃣ #goggoginagaraatif
ammas Salaanni dhukkuboota sababa goggogina garaatiin dhufuu fi hedduu nyaachuu Irraa dhufu dhabamsiisuf gargaara.
👉5⃣ #dhukkubbiidugdaatif:
ammas Salaanni dhukkubbii dugdaa fi buusaa (bakka humni namaa itti walitti dhuftu )kheessaa jiran akka dhabamsiisuf gargaara. humni qaama kheenya kheessaa yeroo sujuudaa fi yeroo sujuudaaf gadi-bu'uuf deemnu akka banamanii fi akka salphatti walitti dhufaniif gargaara. sirni humni qaama kheenyaa sirnaan banamee walitti khontoofachuu khun ribuun yookaa morgaan qaama kheenyaa akka fayyummaa isaatin dalagaa Isaa itti fufuf gargaara. inimaahu khana caalatti yeroo Rukuu'a goonu Ruku'iin khun qaamota kheenya mudhii irraa khaasee hamma sammutti jiran maashaa fi morgaa akka diriiru gochuun khutaawwan khanneen kheessaa laalan (dhukkubbiin) akka badduu taasisuuf gargaara.
👉6⃣ #spaynalkhoordiidhukkubaIrraatissuuf:
Salaanni khun ammas dhukkubbiin yookaa laala
n spaynaalkoordii kheessaa namatti dhahamu xiqqeessuu fi humnoonni spaynaalkoordii wal-qabsiisan akka jajjabaataniif gargaara. sababa diriiruu lafeewwan dugdarraa Khan kha'e dhukkubbiin sababa lafee dugdaatin dhufu akka dhabamu taasisa. Salaanni nuti salaannu khu bar humnoonnii fi maashawwan qaama kheenyaa, ciqilee, jilba, morma, fi ribuuwwan qaama kheenya kheessatti argaman guutumaaguututti akka diriraniif gargaara... qabxiin 7 fi khanneen hafan hunduu itti fufu...
👉7⃣ #dawaa(qoricha)Onneeti
waan ajaa'iba sitti tahu Salaanni khun akka sochii qaamati, ammas Salaanni khun sirni meetaaboliziimii namaa akka ol-ka'uuf gargaara. sirni meetaaboliziimii ol-ka'ee jechuun ammoo guutumaaguututti sirni fayyummaan onnee teenyaa mirkanaa'ee jechuudha. salaatummaan ati gaggeesitu khamuu sochuma qaama khan guyyaa-guyyatti maashawwan qaama kheenya kheessaa jiranii akka sirritti dalagaa isanii raawwatanii fi xannachooni qaama kheenya kheessa jiran hormonii isaan maddisiisan akka wal-qixxeessuf jecha sportii dalagamuun waliin waluma fakkaata.
👉8⃣ #Yogaaqaamaf:
akka Saayinsiin ammayyaa mirkaneessetti sochii qaamaa tahee khan akkaan fayyummaa qaama kheenyatif guddaa bu'aa qabu ' Yoga ' ji'ama. waan si ajaa'ibu yoo sochii salaata kheessatti goonu wajjiin waluma-fakkaata. Salaanni akkuma yogaan guutuu qaamatiif jabinaa fi annisaa khennuufitti Salaannis khanaan waluma fakkaata. spoortiin tun qaamuma gubbaa jabeessuu qofa osoo hin taane fayyummaa sammuu teenyaatif waan akkaan murteessati. yogaan khayyoon isaa inni guddaan namni tokko jireenya isaa kheessatti gama hawaasummaatinis tahee gama gabbaraatinis, haala gaaridhaan akka jiraatu gochuudhafi. khaayyoo yogaa khana yeroo xiinxallee laallu khaayyoo salaataatiin wal-fakkaachuu isaa hubatta. namni tokko ofii isaatin wajjiinis namoota birootiin wajjiin akka nagahaan jiraatuf salanni barbaachisaadha. akkuma Rabbiin Qur'aanaa kheessatti dubbatutti ' salaata sirritti dhaabii salaati Salaanni khun waan badii hunda irra isa tissiti ' Qur'aana (29:45) dhugaadha Salaanni Yogaa caalatti yoo sirritti maxxansanii salaatan jallinaa fi wantoota hamoo namni qabaachuu hin qabnee irraa si qulqulleessa.
👉9⃣ #QulQullinaaf:
bu'aa salaataa kheessaa inni guddaan qulqulinaa waliigalaa argatuudha. nama qulqullii akka taatuuf hedduu sigargaara. akkuma beekkamu muslimni hundi osoo salaatatti hin seenin dura harka,fuula,afaan,funyaan, gurra, mataa fi miila akka qulqulleeffatan beekkamaadha. sababa qulqulinaa ofii akkaan eeggataniif jecha dirqama godhamuun salaataa.
👉🔟 #tasgabbiidhaaf:
waan akkaan nama gammachiisu arra Saayinsiin fayyaa sammuudhaa akka himutti ' namni tokko akkaan yoo dhiphinni itti jiraate yaadan yoo fudhatame dafee sammuu Isaa gara lafatti haa khufu ' khana jechuun 'sujuudaa ' jechuudha khanaaf khan nabiyyiin kheenya jaalatamaan (Sallalaahu Aleehi wassallim) yeroo dubbiin takka Isarratti jajjabaatte gara salaataa khan ariifatuuf. dhugaadha sila nama Uumama khanatti akka badii hin hojjannee akkamitti baqonnaa sammuu hin arganneehu.⁉️
bu'aan salaataa waa khana qofaa miti khanaaf namni ergaan khun sidhaqqabe link khana xuquun join godhi obboleyyan kheetif sher sher godhi.
@fahamAhamed
@fahamAhamed
@fahamAhamed