Kenniinsa Tajaajila haqaa si'oomsuuf hirmaannaan hawaasaa murteessaa ta'uun himame
****
Kenniinsa tajaajila haqaa si'oomsuuf hojiin kenniinsa tajaajila haqaa hawaasa hirmaachise cimuu akka qabu Ministeerri Haqaa hubachiise.
Ministeerri haqaa taajaajila haqaa dhaqqabamaa taasisuun haala danda'amurratti qooda fudhattoota waliin mari'ate.
Sosochii haqa cehumsaa biyyattiin eegalte milkeessuufis adeemsa kenna tajaajila haqaa aadaa fi safuu biyyattiin qabdu beekumsan dabaaluun hanqinaalee jiran soroorsuun itti dhimma bahuuf hojjatamaa jiraachuun himameera.
Waltajjicharratti Ministira Haqaa Dr.Geediyoon Ximootiwoos, Pirezidaantii Mana Murti Waliigalaa Federaalaa Tewodiroos Mihrat dabalatee qooda fudhattoonni federaalaa fi naannolee argamaniiru.
Muktaar Abdallaatu gabaase

Mariin ajandaa adda baasuu Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa ture xumurame
**
Guyyoottan torban darbaniif Magaalaa Finfinneetti marii ajandaa marii biyyaalessaa adda baasuu gaggeeffamaa ture xumuramuu Komishiniin Marii Biyyaalessaa beeksise.
Boqonnaa ajandaa walitti qabuu ilaalchisee ibsa miidiyaaleef kan kennan Komishinarri Marii Biyyalessaa Pirofeesar Masfin Ar'ayaa waltajjichaan qaamoleen hawaasaa hundi, qaamoleen mootummaa sadan, akkasumas paartileen siyaasaa shantamaa ol ta'anii fi namoonni dhiibbaa uuman garee shanitti hiramuun ajandaalee addan baasuun Komishinichaaf kennuu Komishinarichi Ibsaniiru.
Waltajjicha irratti daangaa malee hunduu ajandaa isaanii kan ibsatan ta'uus ibsaniiru.
Boqonnaa ajandaa walitti qabuu yeroo itti aanutiinis Dirredawaa dabalatee sadarkaa Federaalaatti hanga naannoleetti kan adeemsifamu ta'uun himameera.
Heeraan Silashii

Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa Raawwii hojii ji'oota kudhanii Koree Dhaabbii Dhimmoota Seeraa fi Haqaatiif dhiyeesse
**
Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa raawwii hojii ji'oota kudhanii Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti Koree Dhaabbii Dhimmoota Seeraa fi Haqaatiif dhiyeesseera.
Gabaasa raawwii hojii ji'oota kudhanii manneen murtii federaalaa kan dhiyeessan pirezidaantiin mana murtii waliigalaa federaalaa Tewodiroos Mihiratuu,
gahumsi abbootii seeraa akka dabaluu fi murtiin kennamu akka fudhatama qabaatuuf leenjii gara garaa kennuuf meeshaalee leenjii barbachisaan qophaa'uu fi kennamuu eegaluu himaniiru.
Hojjattoota mana hojichaa fi abbootii seeraa naamusa cabsan irratti tarkanfiin akka hojiirraa ari'uu, mindaan adabuu fi of eeggannoo, kennamuus himaniiru.
Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataattu Koreen Dhaabbii Dhimmoota Seeraa fi Haqaa, Hawaasa biratti hojii fudhatama qabu hojjachuuf qindoominaan akka hojjatamuuf kallattii kaa'era.
Saxxoo Tashoomaa