Etv Afaan Oromoo
30.7K subscribers
1.1K photos
4 videos
434 links
Download Telegram
Artistoonni Oromoo Koorporeeshinii Biroodkaastiingii Itiyoophiyaa (EBC) daawwaatan
*

Eebbaa Chaanaalii Etv Afaan Oromoo sababeeffachuun Artistoonni Oromoo buleeyyii fi dargaggoonni Koorporeeshinii Biroodkaastingii Itiyoophiyaa daawwataniiru.

Artistoonni daawwannaan kanarratti hirmaataan waan arganitti gammaduu fi Afaan Oromoo Chaanaalii mataa isaa sa'aatii 24 ta'uun isaa gammachuu keenyaa adda taasisa jedhan.

Miidiyaa kanaa cimsuuf waliin hojjannaa jedhan Artistoonni kunneen.

Daawwannaa kanarratti Hoji Raawwachiisaa Olaanaan EBC obbo Geetinnat Taaddasaa, Hoji Raawwachiisaa Itti aanaan obbo Abdurraahimaan Rubee, Itti Aanaa Hoji Raawwachiisaa fi Hogganaan Damee Afaanotaa obbo Muktaar Huseen fi hoggantoonni sadarkaa gara garaa irra jiran hirmaataniiru.

Saxxoo Tashoomaatu gabaase
Chaanaaliin Etv Afaan Oromoo yeroo dhiyoo keessatti eebbifama
****

Eebbaa Chaanaalii Etv Afaan Oromoo kana sababeeffachuun Artistoonni Oromoo Koorporeeshinii Biroodkaastingii Itiyoophiyaa (EBC) daawwataniiru.

Daawwanna kana booda Artistoonni Oromoo hoggantoota EBC waliin mari'atan.

Hogganaa Itti Aanaa EBC fi hogganaan Damee Afaanotaa obbo Muktaar Huseen, Etv Afaan Oromoo foormaatii haaraa hojjachuun qabiyyee fooyyessuu irratti akka argamu himanii, guddina miidiyaa fi aartii Oromootiif Artistoota waliin hojjachuun murteessaa ta'uu dubbataniiru.

Artistoonni Oromoos Etv Afaan Oromoo waliin hojjachuuf fedhii akka qaban himaniiru.

Daawwannaa kanarratti Hoji Raawwachiisaa Olaanaan EBC obbo Geetinnat Taaddasaa, Hoji Raawwachiisaa Itti aanaan obbo Abdurraahimaan Rubee, fi hoggantoonni sadarkaa gara garaa irra jiran hirmaataniiru.
Artistoonni ijaarsa Biyyaatiif gumaacha olaanaa qabu- Obbo Geetinnat Taaddasaa
***

Artistoonni ijaarsa biyyaa keessatti gumaacha olaanaa akka qaban Hoji Raawwachiisaa Olaanaan EBC obbo Geetinnat Taaddasaa himan.

Hoggantoonni Koorporeshiinii Biroodkaastiingii Itiyoophiyaa (EBC) Artistoota Oromoo waliin mari’ataniiru.

Chaanaaliin Etv Afaan Oromoo fooyya’iinsa qabiyyee taasisuun yeroo dhiyoo keessatti akka eebbifamu obbo Geetinnat marii Artistoota Oromoo waliin taasisan irratti himaniiru.

Obbo Geetinnat EBC’n mana Aartii, beekumsaa fi odeeffannoo ta’uu himanii, Kooporeeshinichi guddina Aadaa fi Afaan Oromootiif gumaacha olaanaa taasisa jira jedhan.

Dhaabbaticha qabeenya kuufama akka qabu kan himan obbo Geetinnat Artistoonni qabeenya kanatti ogummaa dabalanii hawaasa biraan gahuu irratti gumaacha olaanaa akka qaban himaniiru.

Artistoonni marii kana irratti hirmaatan EBC waliin hojjachuuf qophii ta’uu isaanii himaniiru.
“Etv’n Afaan Oromoo Chaanaalii dhimmi Itiyoophiyaa ittiin dubbatamuudha”- Obbo Abdurraahimaan Rubee
****

Etv’n Afaan Oromoo Chaanaalii dhimmi Itiyoophiyaa ittiin dubbatamu ta’uu Hoji Raawwachiisaa Itti Aanaan EBC obbo Abdurraahimaan Rubee himaniiru.

Hoggantoonni Koorporeshiinii Biroodkaastiingii Itiyoophiyaa (EBC) Artistoota Oromoo waliin mari’ataniiru.

Chaanaaliin Etv Afaan Oromoo tamsaasa yaalirra ture yeroo dhiyootti akka eebbifamu obbo Abdurraahimaan himaniiru.

Koorporeeshinichi hojiiwwan rifoormii gara garaa hojjachaa turuu kan himan obbo Abdurraahimaan, chaanaalota dabaluu fi qabiyyee jijjiiruun kanneen keessatti akka argaman obbo Abdurraahimaan dubbataniiru.

Koorporeeshiniin kun adeemsa keessa tamsaasa Afaanota biroos gara chaanaaliitti guddisuuf hojjachaa akka jiru obbo Abdurraahimaan himaniiru.