Etv Afaan Oromoo
44.9K subscribers
1.73K photos
4 videos
621 links
Download Telegram
Diraamaa Hirkoo - Kutaa 51ffaa

https://youtu.be/GwufPYfnRfY?feature=shared
Injifannoo Oromoon har'a gonfateef gumaachi Artiist Alii Birraa olaanaadha - Ministira Magaalaa fi Misooma Bu'uraa Caaltuu Saanii
***
Faawundeeshiniin Artist Alii Birraa hundeeffame.

Kaayyoon faawundeeshinichaa hambaalee seenaa fi ashaaraa Artist Alii Birraa kunuunsuu fi dhaloota dhaalchisuu ta'uun himameera.

Artist Alii Birraa jaarraa walakkaaf turtii ogummaa aartii keessatti taasiseen sirboota babbareedoo gurra namaatti tolan 267 olii  sirbuun beekamtii fi badhaasa aartii 200 olii argachuun isaanii  ni yaadatama.

Ogummaa aartii irratti injifannoo olaanaa galmeessiseen, akkasumas naamusa gaarii qabuun saba Oromoo qofa biratti osoo hin taane sabaaf sablammoota birattis jaalala olaanaa horachuu danda'uun isaas waltajjicha irratti ibsameera.
Eebba Chaanaalii ETV Afaan Oromoo sababeeffachuun taphni michoomaa miidiyaalee gidduutti gaggeeffamu har'a eegalameera
****

Taphni michoomaa torbee tokkoof turu kun miidiyaalee saddeet kan hirmaachisu ta'a.

Piraayim Miidiyaa, EBC, AMN, OBN, FBC, NBC fi AMCO’n hirmaattota dorgommii kanaati.

Sirni baniinsa hara'a bakka I/G Waajjira Federeeshinii Kubbaa Miillaa Oromiyaa Firoomsaa Laggasaa fi hoggantoonni olaanoon EBC argamanitti geggeffamaa jira.

Taphni baniinsa EBC fi Piraayim miidiyaa gidduutti taphatamaa jira.

Nuuroo Amaanoo
Gareen kubbaa miillaa EBC garee kubbaa miillaa Piraayim Miidiyaa 6 fi 2’n injifate
***

Eebba Chaanaalii ETV Afaan Oromoo sababeeffachuun taphni michooma miidiyaalee gidduutti har’a gaggeeffamu eegaleen gareen EBC garee Piraayim Miidiyaa 6 fi 2’n injifateera.

Tapha michoomaa torbee tokkoof turu kun miidiyaalee saddeet kan hirmaachisu ta'a.

Piraayim Miidiyaa, EBC, AMN, OBN, FBC, NBC fi AMCO’n hirmaattota dorgommii kanaati.

Chaanaaliin Etv Afaan Oromoo tamsaasa yaali sa'aatii 24 irra kan ture yoo ta'u, eebbi chaanaalii kanaa yeroo dhiyoo keessatti raawwatama.
Iddoo gataa balfaa ture hojii misooma qarqara laggeenii hojjatameen iddoo bashannanaa ta'uutti gammaduu isaanii jirattonni magaalaa Asallaa himan
*
**

Misoomni qarqara laggeenii magaalaa Asallaa xiyyeeffannaan hojjatamuu isaan magaalitti hawwattuu taasisuu keessatti shoora olaanaa taphachuu bulchiinsi magaalichaa beeksiseera.

Hojiiwwaan misooma qarqara laggeenii yeroo ammaa hojjatamaa jiruun magaalaa Finfinnee dabalatee iddoo aara galfii iddoo daawwatamu fi iddoowwan qophiileen gara garaa itti adeemsifaman ta'aa jiru.

Magaalaa Asallaattis qarqarri laggeenii kanaan duraa bakka saamichi itti raawwatamu, balfi itti gatamuu fi namni funyaan qabatee bira darbaa ture yeroo ammaa misoomuu isaatti gammaduu isaanii jiraattonni Etv Afaan Oromoo waliin turtii taasisan himan.

Hoji raawwachiisaan Mana Qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Ahimad Qaasim, pirojektiin misooma qarqara laggeenii kaayyoowwan gurguddoo afuriif hojjatamaa jiraachudha kan himan.

Saxxoo Tashoomaatu gabaase