Etv Afaan Oromoo
44.9K subscribers
1.73K photos
4 videos
621 links
Download Telegram
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa odiitii seera qabeessummaa faayinaansii bara bajataa 2015 fi odiitii raawwii hojii manneen hojii mootummaa dhaggeeffate
**

Oditarri olaantuun Oditii Olaanaa Federaalaa Addee Masarat Daamxee gabaasa faayinaansii bara bajata 2015 dhiyeessan.

Odiitiin gaggeeffame kunis Bitootessa bara 2015 hanga Amajjii 30, 2016 kan turedha.

Odiitichaanis dhibbeentaa 94.4 waliin gahamuu kan ibsan Aaddee Masarat, iddoowwan rakkoolee nageenyaa fi hanqinni biiroolee jiranitti kan hin gaggeeffamne ta'uu dubbatan.

Oditarri Olaantuun Oditara Olaanaa Federaalaa dhaabbilee olaanoon, manneen hojii ministeerotaa tokko tokko gidduutti bajanni hojjidhaaf gadi bu'ee kuufamee jiru biliyoonni 6.4 ol argamuudha kan himame.

Gamaa bittaatiin maanneen hojii 73 ta'an qajeelfama bittaa faayinaansii osoo hin eegin biliyoona 2 ol baasuudha kan ibsan.

Oditiichaan dhaabbileen hojii 151 ta'an hammatamuudha kan himame.

Wasanee Amaaree
Jilli Hogganaa Biiroo Aadaa fi Turizimii Naannoo Amaaraa obbo Malkaamuu Tsaggaayeen durfamu hojiilee turizimii naannoo Oromiyaa dawwate
***

Jilichi daawwannaa taasiseen hojii manni murtii aadaa hojjachaa jiru daawwachuun muuxannoo qooddatee jira.

Obbo Malkaamuun hojiilee gama aadaa fi turizimiin hojjatamaa jiru dinqisiifachuun, keessattuu hojii gama Mana Murtii aadaan hojjatamaa jiru irraa muuxannoo arganne naannoo keenyatti hojiirra oolchuun ni hojjanna jedhan.

Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Jamiilaa Simbiruu gama isaaniin wal jijjiirraan muxannoo akkasii walitti dhufeenya naannolee keessatti gumaacha waan qabuuf itti fufiinsaan ni hojjannaa jedhan.

Asaantii Hasan
Sosochiin tajaajila tola ooltummaa gannaa mata duree tola ooltummaa fi waliin jireenyi ol ka'iinsa Itiyoophiyaaf jedhuun Magaalaa Finfinnee Injifannoo Adwaatti gaggeeffamee
********

Sagantaa sosochii tajaajila tola ooltummaa gannaa kana irratti kan argaman Ministirri Muummee Itti Aanaan Tamasgeen Xurunaa, hojiin tola ooltummaa kan rakkoon hawaasumma ittiin furamu fi tokkummaan biyyaa ittiin ijaaramu ta’uu dubbatan.

Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dr. Ergoogee Tasfaayee gama isaaniin, Tajaajilli tola ooltummaa hojii duulaan hojjatamu qofa akka hin taane, wixineen labsii tajaajila tola ooltumma qophaa'uu ibsaniiru.

Tajaajila tola ooltummaa gannaa bara kanaatiin tola ooltota miliyoona 34 ol hirmaachisuuf hojjatamaa jiraachuunis himameera.
Waltajjicha irratti Ministirri Nageenyaa Binnaalf Andu'aalam, Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birihaanuu Naggaa fi hoggantoonni naannoolee fi federaalaa argamaniiru.

Muzayyan Maammaatu Gabaase
Artistoonni Oromoo Koorporeeshinii Biroodkaastiingii Itiyoophiyaa (EBC) daawwaatan
*

Eebbaa Chaanaalii Etv Afaan Oromoo sababeeffachuun Artistoonni Oromoo buleeyyii fi dargaggoonni Koorporeeshinii Biroodkaastingii Itiyoophiyaa daawwataniiru.

Artistoonni daawwannaan kanarratti hirmaataan waan arganitti gammaduu fi Afaan Oromoo Chaanaalii mataa isaa sa'aatii 24 ta'uun isaa gammachuu keenyaa adda taasisa jedhan.

Miidiyaa kanaa cimsuuf waliin hojjannaa jedhan Artistoonni kunneen.

Daawwannaa kanarratti Hoji Raawwachiisaa Olaanaan EBC obbo Geetinnat Taaddasaa, Hoji Raawwachiisaa Itti aanaan obbo Abdurraahimaan Rubee, Itti Aanaa Hoji Raawwachiisaa fi Hogganaan Damee Afaanotaa obbo Muktaar Huseen fi hoggantoonni sadarkaa gara garaa irra jiran hirmaataniiru.

Saxxoo Tashoomaatu gabaase
Chaanaaliin Etv Afaan Oromoo yeroo dhiyoo keessatti eebbifama
****

Eebbaa Chaanaalii Etv Afaan Oromoo kana sababeeffachuun Artistoonni Oromoo Koorporeeshinii Biroodkaastingii Itiyoophiyaa (EBC) daawwataniiru.

Daawwanna kana booda Artistoonni Oromoo hoggantoota EBC waliin mari'atan.

Hogganaa Itti Aanaa EBC fi hogganaan Damee Afaanotaa obbo Muktaar Huseen, Etv Afaan Oromoo foormaatii haaraa hojjachuun qabiyyee fooyyessuu irratti akka argamu himanii, guddina miidiyaa fi aartii Oromootiif Artistoota waliin hojjachuun murteessaa ta'uu dubbataniiru.

Artistoonni Oromoos Etv Afaan Oromoo waliin hojjachuuf fedhii akka qaban himaniiru.

Daawwannaa kanarratti Hoji Raawwachiisaa Olaanaan EBC obbo Geetinnat Taaddasaa, Hoji Raawwachiisaa Itti aanaan obbo Abdurraahimaan Rubee, fi hoggantoonni sadarkaa gara garaa irra jiran hirmaataniiru.