Etv Afaan Oromoo
35.4K subscribers
1.36K photos
4 videos
487 links
Download Telegram
Diraamaa Dimboo - Kutaa 39ffaa

https://youtu.be/zvPB1AYI7sI?feature=shared
Naannoo Oromiyaatti Pirojektoonni tajaajila hawaasaaf oolan kuma 20 ol eebbaaf qophaa'uu Mootummaan Naannoo Oromiyaa beeksise
****

Naannoo Oromiyaatti  sadarkaa pirojektoonni haaraa fi buleeyyiin irratti argaman ilaalchisuun Pirezidaantiin Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Awwaluu Abdii miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Naannoo Oromiyaatti waliigalaan pirojektoonni haaraa fi buleeyyiin tajaajila hawaasaa gara garaa kuma 31 fi 167 kutaalee naannichaa gara garaatti ijaaramaa turuu pirezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Awwaluu Abdii himaniiru.

Pirojektoonni kunniin maallaqa birrii biliyoona 100 fi biliyoona 10.9'n ijaaramaa turuun kan ibsame yoo ta'u, kanneen keessaa pirojektoonni kuma 20 fi 664 birrii biliyoona 79 oliin ijaaramaa turan xumuramuun  Waxabbajji 15 eegaluun marsaalee lamaan kan eebbifaman ta'uu obbo Awwaluu  Abdii himaniiru.

Muktaar Abdallaa
Hayyamni manneen barnoota sadarkaa 1ffaa 35 fi sad.2ffaa 5 haqamuun himame
*
*

Abbaan Taayitaa To’annoo Qulqullinaa fi Leenjii Barnootaa magaalaa Finfinnee, manneen barnootaa bara 2017tti hojii baruu fi barsiisuu itti fufanii fi  hin fufne ilaalchisuun miidiyaaf ibsa kenne.

Abbaan Taayitichaa hordoffii bara barnootaa 2017'f taasiseen manneen barnootaa imaammata barnootaa cabsanii fi ulaagaa barnootaa hin guunne 41 jala hayyama haquu hogganaan olaanaan Abbaa Taayitaa To’annoo Qulqullina fi Leenjii Barnootaa Magaalaa Finfinnee Daanyaawu Gabruu himan.

Manneen barumsaa Gibsan kutaa magaalaa Lidataa, Gullallee fi Nifaasilkitti argaman, manneen barnootaa Qiddus Mikaa'el 5 fi manni barnoota Yakka Appooloo kanneen hayyamni isaanii haqame keessatti argamu.

Barattoonni manneen barnootaa dhorkaman keessatti barachaa turan kaffaltii dabalataa tokko malee manneen barnootaa dhuunfaa fi mootummaa isaaniitti dhihoo jirutti  kan keessummeeffaman ta’a jedhameera.

Asaantii Hasan
Mariin qulqullina tajaajila turistootaa fooyyessuu irratti xiyyeeffate Magaalaa Bishooftuutti taa’ame
*******

Komishiniin Turizimii Oromiyaa qulqullina tajaajila turistootaa fooyyessuu akkaataa danda'amu irratti, akkasumas akkataa sadarkeessa hoteelotaa irratti hubannoo uumuuf abbootii qabeenyaa fi dhimmamtoota seektarichaa waliin Magaalaa Bishooftuutti mari’ateera.

Waltajjicha irratti dhaabbileen dhunfaa kenna tajaajilaa hojjatan, keessattuu hoteelonni turistoota biyya keessaa fi alaaf tajaajila si'ataa fi qulqullina qabu kennuu haala itti danda'an irratti mari'atameera.

Seektara tajaajilaa keessaa seektarri turizimii damee dinagdee hirmaannaa dhaabbilee dhuunfaatiin guddatu akka ta'e ni beekama.

Kanaaf dhaabbileen dhuunfaa seektara hoteelaa irratti invest godhanii jiran iddoolee ikkoo turizimii fi paarkiwwan haaraa mootummaa naannoo Oromiyaan adda bahanii irrattis invest gochuuf irratti xiyyeeffatanii akka hojjataniifis hubannoon kennameera.

Ababaayyoo Kafaniitu gabaase
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa odiitii seera qabeessummaa faayinaansii bara bajataa 2015 fi odiitii raawwii hojii manneen hojii mootummaa dhaggeeffate
**

Oditarri olaantuun Oditii Olaanaa Federaalaa Addee Masarat Daamxee gabaasa faayinaansii bara bajata 2015 dhiyeessan.

Odiitiin gaggeeffame kunis Bitootessa bara 2015 hanga Amajjii 30, 2016 kan turedha.

Odiitichaanis dhibbeentaa 94.4 waliin gahamuu kan ibsan Aaddee Masarat, iddoowwan rakkoolee nageenyaa fi hanqinni biiroolee jiranitti kan hin gaggeeffamne ta'uu dubbatan.

Oditarri Olaantuun Oditara Olaanaa Federaalaa dhaabbilee olaanoon, manneen hojii ministeerotaa tokko tokko gidduutti bajanni hojjidhaaf gadi bu'ee kuufamee jiru biliyoonni 6.4 ol argamuudha kan himame.

Gamaa bittaatiin maanneen hojii 73 ta'an qajeelfama bittaa faayinaansii osoo hin eegin biliyoona 2 ol baasuudha kan ibsan.

Oditiichaan dhaabbileen hojii 151 ta'an hammatamuudha kan himame.

Wasanee Amaaree
Jilli Hogganaa Biiroo Aadaa fi Turizimii Naannoo Amaaraa obbo Malkaamuu Tsaggaayeen durfamu hojiilee turizimii naannoo Oromiyaa dawwate
***

Jilichi daawwannaa taasiseen hojii manni murtii aadaa hojjachaa jiru daawwachuun muuxannoo qooddatee jira.

Obbo Malkaamuun hojiilee gama aadaa fi turizimiin hojjatamaa jiru dinqisiifachuun, keessattuu hojii gama Mana Murtii aadaan hojjatamaa jiru irraa muuxannoo arganne naannoo keenyatti hojiirra oolchuun ni hojjanna jedhan.

Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Jamiilaa Simbiruu gama isaaniin wal jijjiirraan muxannoo akkasii walitti dhufeenya naannolee keessatti gumaacha waan qabuuf itti fufiinsaan ni hojjannaa jedhan.

Asaantii Hasan