Ethio-Terit SACCOS Official Channel
453 subscribers
681 photos
39 videos
183 links
አልመው ይቆጥቡ አቅደው ይበደሩ!
Kaayyoon qusadhaa, karooraan liqeeffadhaa!

Save purposely, borrow strategically!
Download Telegram
Waldaan Hojii Gamtaa Bu’uuraa Qusannoo fi Liqii Itiyoo Xirriit, miseensota isaa muraasaaf leenjii hubannoo kenne

‎ Finfinnee, Ebla 25/2017 ALI
Ethio-Terit SACCOS Official Channel
Photo
Waldaan Hojii Gamtaa Bu’uuraa Qusannoo fi Liqii Itiyoo Xirriit, guyyaa har’aa waajjira muummee isaa Koomdoominiyeemii Galaanitti argamutti, miseensota isaa muraasaaf leenjii hubannoo kenne.

‎ Leenjicha kan kennan Itti gaafatamaa Kutaa Faayinaansii Waldichaa kan ta’an Obbo Abbabaa Gaaddisaa yoo ta’u, kaayyoon leenjichaa faayidaalee fi qajeelfamoota waldaalee hajii gamtaa, mirgaa fi dirqama miseensotaa fi ulaagaalee liqiif barbaachisan irratti hubannoo kennuuf akka ta’e dubbatame.

‎Leenjiin kun adda-durummaan qabxiilee akka faayidaalee waldaalee hojii gamtaa fi qajeelfamoota waldaalee hojii gamtaa, mirgaafi dirqama miseensota W/H/G/B/Qusannoo fi Liqii Itiyoo Xirriitii fi  wantoota W/H/G/B/Qusannoo fi Liqii Itiyoo Xirriit, waldaalee biroorraa adda taasisan irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, leenjii barbaachisaa akka ta’e namoonni yaada isaanii kennan dubbatan.

‎Daarektera olaanaa gabaa fi biizinasii waldichaa kan ta’an Dr. Ataakilti Hayiluu gama isaanitiin, W/H/G/B/Qusannoo fi Liqii Itiyoo Xirriit, waldaa hawaasa tajaajiluuf mul’ata bal’aa qabatee ka’e waan ta’eef, waliin taanee gara fuulduraatti adeemuun barbaachisaadha jedhan. 

‎Dr. Ataakilti Hayiluu dubbii isaanii keessatti, leenjiin kun miseensota hafaniifis akka kennamu dubbatan.
👍2
ኢትዮ ጥሪት የቁጠባ እና ብድር ኀላፊነቱ የተወሰነ መሰረታዊ ኅብረት ስራ ማህበር  የሚሰጠውን አገልግሎት ዘመናዊ እና ይበልጥ ቀልጣፋ የሚያደርግ በቴክኖሎጂ ዙሪያ ለአሰልጣኞች ስልጠና እየሰጠ ይገኛል።

ሚያዝያ 28/2017ዓ.ም

የቁጠባ ፣ ብድር እና የምክር አገልግሎት ለአባላቶቹ እየሠጠ የሚገኘው ኢትዮ ጥሪት ቁጠባ ና ብድር ኀላፊነቱ የተወሰነ መሰረታዊ ኅብረት ስራ ማህበር  የሚሰጠውን አገልግሎት የዘመነ የሚያደረግ በቴክኖሎጂ ዙሪያ ከ ኢ-ቴክ ድርጅት ጋር በመተባበር አቃቂ ቃሊቲ ክ/ከተማ ገላንኮንደሚኒየም በሚገኘው ዋና መስሪያ ቤት የአሰልጣኞች ስልጠና እየሰጠ ይገኛል፡፡

ይህ ማህበር ከተመሰረተ ጀምሮ ይዞ የመጣውን አገልግሎት ህብረተሰቡ ጋር በፍጥነት ለማድረስ ቀንከሌት  እየሠራ የሚገኝ ሲሆን ይህንን አገልግሎት በቴክኖሎጂ በታገዘና በዘመነ መልኩ ለአባላቶች ለማቅረብ  እንዲቻል  በዋናው ቢሮ ሌሎችን እንዲያሰለጥኑ ለሰልጣኞች ስልጠና እየሰጠ ይገኛል፡፡

ይህ ሲስተም ለተቋሙም ሆነ ለአባላቱ የአሰራር ሂደትን እንዲቀልና ፈጣን እንዲሆን የሚስችል እንዲሁም የማህበሩን አሰራር ግልፅ የሚያደርግ እና የተቋሙን ታማኝነት የሚጨምር  እንደሆነ በስልጠናው ወቅት ተመላክቷል፡፡
Waldaan Hojii Gamtaa Qusannoofi Liqii Itiyoo Xirriit teknooloojii haala kenniinsa tajaajilasaa ammayyeessu irratti leenjii leenjistootaa marsaa jalqabaa kennaa jira

Ebla 28,2017

Taajiloota qusannoo, liqiifi gorsa garaa garaa miseensota isaatiif kennaa kan jiru, W/H/G/Q/ L/ Itiyoo Xirriit, tekinooloojii haala kenniinsa tajaajilaa isaa ammayyeessu irratti dhaabbata ‘ETECH Portal System’ jedhamee beekamu waliin walta'uun waajjira muummee waldichaatti leenjii leenjistootaaf kennaa jira.

Tekinooloojiin kunis, haala kenniinsaafi too’annoo hojimaata waldichaa daraan kan salphisuufi amanamummaa waldichaa akkasumas, iftoomina hojii maata waldichaa ifa ni taasisa jedhamee abdatama.

Waldichi erga hundeeffamee kaasee tajaajiloota qabatee dhufe hawaasa biraan gahuuf halkanii guyyaa amanamummaafi haqummaadhaan hojjeechaa kan ture fi jiru yoo ta’u, tekinooloojii haala kenniinsa tajaajila isaa ammayyeessu irratti leenjistootaaf kennaa jira.