Ethio-Terit SACCOS Official Channel
Waldaan Hojii Gamtaa Qusannoo fi Liqii Itiyoo-Xirriit, Yaa'ii Idilee Walii Galaa waggaa 3ffaa marsaa 7ffaa geggeesse

Finfinnee, Adoolessa 6, 2017 ALI
Bara Baajetaa 2017 ALI'tti liqii miseensota isaa hedduuf kan gadhiise, miseensota hedduu kan horate, waraqaa ragaa qaamolee garaa garaa irraa kan fudhate, sadarkaa federaalaatti galmaa'uun beekamtii kan argate, namoota baay'eef caarraa hojii kan uume, miseensota daraan tajaajiluuf damee isaa iddoo garaa garaatti kan bane, Waldaan Hojii Gamtaa Qusannoo fi Liqii Itiyoo-Xirriit, Yaa'ii Idilee Walii Galaa waggaa 3ffaa marsaa 7ffaa guyyaa har'aa Koondoominiyeemii Galaan, Mana Barumsaa Yaadannoo Aartistii Haacaaluu Hundeessaatti geggeesse.
Walitti qabaa Boordii Waldichaa kan
ta'an Obbo Izraa W/Sanbat saganticha hasaa baniinsaatiin kan saaqaan yoo ta'u, saganticha irratti gabaasni raawwii hojii bara 2017, gabaasni koree to'annoo, karoorri tarsiimawaa waggaa shanii, karoorri bara baajetaa 2018'ti fi seeronni fooyya'an dhiyaachuun kan itti raggaasifamaniidha.
Sagantaa kanarratti hundeessaa fi hoji raawwachiisaa olaanaa waldichaa kan ta'an obbo Indaashawu Taganyi, ergaa kan itti dabarfatan yoo ta'u, ergaa isaanii keessatti dhaabbilee fi namoota dhuunfaa humnaan, maallaqaan, beekumsaan waldicha bira dhaabataa jiran, akkasumas hojjettoota waldichaa, halkanii guyyaa dhama'uun milkaa'ina waldichaatiif utubaa ta'an galateeffatan.
Dabalataan Obbo Indaashawu, haala guddina waldichaa kan bara baajetaa 2016 fi 2017 wal cinaa qabuun dhiyeessan.
Gabaasa raawwii hojii bara baajetaa 2017 kan dhiyeessan Itti Aanaa Hojirawwachiisaa waldichaa kan ta'an Obbo Mulaatu Ba'idee yoo ta'an, gabaasicha keessatti barri baajetaa 2017 ALI bara waldichi liqaa Miiliyoonaan lakkaa’amu itti kenne fi miseensota hedduu itti horate, kan waraqaa raga gahumsa hedduu itti argate fi sadarkaa federaalaatti kan itti galmaa’e akka ta'e bifa ifaa fi nama hundaaf galuu danda'uun dhiyeessan.
Saganticha irratti gabaasa koree to'annoo kan dhiyeessan, walitti qabaa koree to'annoo kan ta'an Obbo Kaffaalenyi Abbabaa yoo ta'an Obbo Kaffaaleen hojimaataa fi haala waliigalaa waldichaa, korichi bifa to'atee gamagamaa tureen dhiyeessan.
Ya'ii kana irratti, karoorri tarsiimawwaa waggaa shanii, daarektera gabaa fi. biizinasii waldichaa kan ta'an Dr. Ataakilti Hayiluutiin kan dhiyeete yoo ta'u, Dr.Ataakilti waldichi waggoottan shanan dhufaniif maaf maal akka hojjetu karaa ifa ta'een dhiyeessan.
Karoorri bara baajetaa 2018. Itti gaafatamtuu waajjira hoji raawwachiisaa waldichaa kan taate, Aadde Alamtsahaayi Tazuutiin kan dhiyaate yoo ta'u, Alamtsahaayi, waldichi bara baajetaa 2018 tti maal maal hojjechuu akka qabu bifa nama hundaa galuun dhiyeessan.
Karaa biraatiin, keessummaa kabajaa kan ta'an, daarektarri Baankii Gadaa 'Distinct' Kibba Bahaa, Obbo Walabummaa Tasfaayee haala guddinaa fi hojimaata waldichaa hedduu dinqisiifachuun, gara fuulduraatti, Baankiin Gadaa waan baay'ee waldicha waliin akka hojjetu dubbatan.
Ya'ii walii galaa kanarratti, seeronni haara'an dhiyaachuun kan raggaasifaman yoo ta'u, hirmaattonni sagantichaas milkaa'ina waldichaatti gammadoo ta'uu isaanii ibsachaa, gara fuulduraattis cimee akka hojjetuuf dhaamsa isaanii dabarfataan.
Dhumarratti, dhaabbileen yaa'iin waliigalaa haala ho'aan akka geggeeffamuuf deegarsa taasisan, miseensonni qusannoo isaanii osoo adda hin kutiin qusatan, miseensonni liqii fudhatan walii galtee liqii sanaan dura dafanii galchan fi miseensonni hirmaannaa ho'aa waldicha keessatti taasisaa jiraan waraqaa beekamtii argatan.

❤3🥰1👏1
Forwarded from Aboma Ejara
የኢትዮ ጥሪት ቁ/ ብ/ኃ/የተ/መ/ህ/ስ/ ማህበር ም/ስ/አስፈፃሚ የሆኑት አቶ ሙላቱ በዕደ የ2017 በጀት ዓመት ስራ አፈፃፅምን የ3ኛ ዓመት 7ኛ ዙር ጠቅላላ ጉባኤ ላይ ለአባልት ተወካዬችና ለጉባኤው ታዳሚዎች ሲያቀርብ!
Itti Aanaa Hojirawwachiisaa Waldaa Hojii Gamtaa Bu'uuraa Qusannoofi Liqii Itiyoo-Xirriit kan ta'an, gabaasa raawwii hojii bara baajetaa 2017 Yaa'ii Idilee Walii Galaa Waggaa 3ffaa, marsaa 7ffaa irratti bifa ifaa fi salphaa ta'een yemmuu dhiyeessan!

ኢትዮ ጥሪት ቁ/ ብ/ኃ/የተ/መ/ህ/ስ/ ማህበር የቁጥጥር ኮሚቴ ሰብሳቢ የሆኑት አቶ ከፈለኝ አበበ በማህበሩ 3ኛ ዓመት 7ኛ ዙር መደበኛ ጠቅላላ ጉባኤ ላይ የቁጥጥር ኮሚቴ ሪፖርት ሲያቀርቡ
Walitti qabaa Koree To'annoo Waldaa Hojii Gamtaa Bu'uuraa Qusannoofi Liqii Itiyoo-Xirriit kan ta'an Obbo Kaffaalenyi Abbabaan gabaasa Koree To'annoo bara baajetaa 2017 Yaa'ii Idilee Walii Galaa Waggaa 3ffaa, marsaa 7ffaa irratti bifa ifaa fi salphaa ta'een yemmuu dhiyeessan!

👍1
Forwarded from Aboma Ejara
የኢትዮ-ጥሪት ቁጠባና ብድር ኃ/የተ/መ/ህ/ስራ ማህበር የማርኬቲንግና ቢዝነስ ዲቭሎፕመንት ዳይሬክተር የሆኑት ዶ/ር አታክልት ሀይሉ የ3ተኛ ዓመት 7ተኛ ዙር መደበኛ ጠቅላላ ጉባዔ ላይ የማህበሩን የ5 ዓመት ስልታዊ ዕቅድ ግልጽ እና አጭር በሆነ መልኩ ሲያቀርቡ
Daareektara 'Biizinasii' fi Maarkeettiingii' Waldaa Hojii Gamtaa Bu'uuraa Qusannoofi Liqii Itiyoo-Xirriit, karoora tarsiimawaa (Strategic plan) waggaa shanii Yaa'ii Idilee Walii Galaa Waggaa 3ffaa, marsaa 7ffaa irratti bifa ifaa fi salphaa ta'een yemmuu dhiyeessan!

ኢትዮ ጥሪት ቁ/ ብ/ኃ/የተ/መ/ህ/ስ/ ማህበር ዋና ጽ/ቤት ኃላፊ የሆኑት ወ/ሮ አለምፀሀይ ታዙ በማህበሩ የ3ኛ ዓመት 7ኛ ዙር መደበኛ ጠቅላላ ጉባኤ ላይ የ2018 በጀት ዓመት ዕቅድ ሲያቀርቡ
Ittigaafatamtuu Waajjira Hojiraawwachiisaa Waldaa Hojii Gamtaa Bu'uuraa Qusannoofi Liqii Itiyoo-Xirriit kan ta'an Aadde Alamtsahaayi Tazuu karoora bara baajetaa 2018, Yaa'ii Idilee Walii Galaa Waggaa 3ffaa, marsaa 7ffaa irratti bifa ifaa fi salphaa ta'een yemmuu dhiyeessan!

👍2