Ergaa Barreeffamaa
22.8K subscribers
74 photos
4 videos
70 links
I letter,
Teach,
Guide,
Advise,
Motivate, and
Coach!
Milkaa'ina hawwinuu fi qabaachuu barbaannu gonfachuuf➛ ➛ gorsa jireenya! Wal jajjabeessuu!➛ Wal gargaaruu 😇Seenaa Beektota Addunyaa
😃Affeerraa Keessummaa Kabajaa
Download Telegram
Namni gatii ofii isaa hin beekne, gatii namoonni isaaf kennaniin gatii isaa ibsata.

Namni gatii isaa hin beekne, namoonni ati dadhabaadha gaafa ittin jedhaan, gatii isaa waan hin beekneef sirridha eyyee an dadhabaadha jedhee fudhachuun jireenya dadhabaa jiraata.

Namni gatii isaa beeku garuu, namni tokko dhufee ati dadhabaadha yoo ittin jedhe; akkas jechuun deebisaaf, amma yaadu dandeessuuf amma ittin of yaadduun ana yaaddee! ..Animmoo sammuu koon waanan yaaduuf, sammuu koo ammo gatii akkan ani qabutti waan amaneef..Jechii ati amma nan jette kun na ibsu jechuun deebisaf!

Gatiin kee amma isaan si yaadaniin ol akka tahee dursi amani!

Namni gatii isaa hin beekne Karoora ormi baase keessa, karaa namni tolcheef irra imala; ofii isaatii karooraf karaa kalaqee uumu akka hin dandeenyeetti waan of ilaaluuf; mata isaatiin yaadee haala jijjiruu hin danda'u! Jireenyi ammoo warra gatii ofii isaanii beekanii jiraataniif fuula ishee ibsiti. Warra sadarkaa ofii isaanii awwaara keessa kaa'aniif teessoo hin kennitu! Warraa bakki gaariin naaf mala jedhanii jireenyaan falmaniif garuu harka guuttee arjoomtiif! Gatii kee beeki, si beekuuf si caala kan dhiyoo sitti jiru hin jiru waan ta'eef!
Namoonni gatii Kee akka kofoo gabaa irraa takka ol kaasanii takka gad buusanii akka ibsaniif carraa hin kenniniif!

#Of ta'i Gita gatii keeti jiraadhu; qubaa keen seenaa jabaa katabi! Hojii dubbatu hojjaadhu, hojii dubbifamu bara keessatti boci! Akka Waan yaaddee hojjachuu dandeessutti of yaadi!
Gatii ofii wallaluun eegaa balbala banamuu danda'uu gonkumaa akka banamuu hin dandeenye nutti fakkeessa! Sanyii hin maseennee maseenaa nutti fakkeessa, ilaalcha maseeneen sanyii hin maseennee gaafa ilaaltu immoo sanyii kee maseenaa ta’ee sitti mul’ata….Ammas irra deebi’een jedhee…Dureessa of keessatti baattee, galma guddaa of keessatti baattee, ogummaan guddaa of keessatti baattee…Mala dhabaa taatee hin jiraatiin…Gatii kee beeki….Santu sanyii hin maseennee akka baattee dhalattee raga siif baha kanan dubbisee irraa


Share & Join Us•                 
💧 @Ergaa_Barreeffamaa