🐔 Koleeraa Lukkuu (Fowl Cholera): Diina Hattattamaa fi Hamataa!
Koleeraan Lukkuu dhibee baakteeriyyaa Pasteurella \ multocida jedhamuun dhufudha. Dhibeen kun gosa lamaan (Hammaataa/acute fi Turataa/Chronic) kan mul'atu yoo ta'u, keessattuu Lukkuu gurguddoo irratti miidhaa cimaa geessisa.
Dhukkubni Koleeraa Lukkuu (Fowl Cholera) dhibee baakteeriyyaa baay'ee hatattamaa fi Lukkuu kisaaraa guddaaf saaxiludha. Dhibeen kun yeroo baay'ee "Dhukkuba Du'atii Tasaa" jedhamuun beekama.
🔍 1️⃣. Madda Dhibichaa fi Akkaataa Daddarbaa
Koleeraan karaa kanaan gadii tamsa'a:
☑️Hantuuta fi Qeerensa: Hantuunni madda baakteeriyyaa kanaa isa guddaadha. Bakka hantuunni jiru Koleeraan jiraachuu danda'a.
☑️Simbirroota Alaa: Simbirroonni alaa baakteeriyyaa kana mooraa keessatti fiduu danda'u.
☑️Bishaan fi Nyaata Faalame: Dhangala'aa afaan ykn funyaan Lukkuu dhukkubsattuu irraa ka'uun bishaan fi nyaata faala.
🌡️ 2️⃣. Mallattoolee Dhibichaa
Koleeraan bifa lamaan mul'ata:
➡️. Gosa Hammaataa (Acute Form):
✔️ Du'a Tasaa: Lukkuun mallattoo tokko osoo hin agarsiisin akkuma jiranitti (nyaata irratti ykn ciisicha irratti) du'anii argamu.
✔️ Halluu Jijjiiramuu: Guungumni (Comb) fi mormi jalaa (Wattles) halluu cuquliisa ykn gurraacha (Cyanosis) fakkaatu qabaata.
✔️ Albaasuu: Garaa kaasaa bifa magariisa-keelloo (Greenish-yellow diarrhea) qabu agarsiisu.
✔️ Kanneen biroo: Ho’a qaamaa dabaluu, dhiphachuu, fedhii nyaataa dhabuu, dhangala'aan akka furrii(mucoid discharge) afaan keessaa ba'uu, baalleen irraa harca'uu fi saffisni sirna hargansuu dabaluu. Fi mallattoolee beekamoodha.
➡️. Gosa Turataa (Chronic Form):
✔️Dhiita'insa: dhiita’uun walqabatee, Mormi gama jalaan (Wattles) ni dhiita'a, dhangala'aa jabaataa (cheese-like) keessatti uuma, faanti miilaa(footpad) dhiita’uu.
✔️Naafummaa: Baakteeriyyaan sun buusawwan lafee (joints) keessa galuun dhiita'insaa fi naafummaa fida (tendon sheaths over the caudal portion of the hock joint).
🚫 3️⃣. Ittisa fi To'annoo (Prevention & Control)
Koleeraan baakteeriyyaa waan ta'eef, qorichaan yaaluun ni danda'ama, garuu of-eeggannoon barbaachisaadha: Tarkaanfiiwwan fudhachuun barbaachisu 👇
✔️ To'annoo Hantuutaa:
Hantuuta mooraa keessaa dhabamsiisuun Koleeraa ittisuuf furmaata 1ffaadha.
✔️ Talaallii (Vaccination):
Talaalliin gogaa jalaan (Inactivated) ykn bishaaniin (Live) kennamu dhibicha ittisuuf ni gargaara.
✔️ Qoricha (Antibiotics):
Qorichoonni akka Sulfa drugs fi Tetracycline du'atii hir'isuu danda'u, garuu baakteeriyyaan sun guutummaatti Lukkuu keessaa hin ba'u.
✔️ Qulqullina Mooraa:
Mooraa gogaa eeguu fi meeshaalee guyyaa guyyaan qulqulleessuu.
4️⃣. 💊 Yaala Qorichaa:
➡️Qorichoota Sulfa:
✅️Salphonamides: 0.5-1% (500mg-1gm/kg) nyaata keessatti ykn 0.1%(100mg/liter) bishaan dhugaatii keessatti. Wal’aansa sarara jalqabaa.
✅️salphonamides: kanneen akka Salphadimethoxazole, Salphaquinoxalene, Salphamethazine fi salphaquinoxalene jedhaman.
✅️Salphamerazine 143 mg/kg PO (nyaata keessatti %0.5) ykn bishaan dhugaatii keessatti %0.4; salfaquinoxaline sodium, ykn trimethoprimsulfadiazine 1:5, 15 mg/kg guyyaa 5f nyaata ykn bishaan keessatti.
➡️Qorichoota Tetracycline keessaa:
✅️Chlortetracycline 10%, 20-60 mg/kg, guyyaa guyyaan nyaata keessatti guyyoota 5 hanga 7 hanga mallattoon dhukkubichaa kana booda hin mul’annetti itti fufuu qaba.
➡️Qorichoota Penicillin keessaa:
✅️Amoxycillin trihydrate bishaan keessatti bulbulamu kiristaala, 20 mg/kg bishaan dhugaatii keessatti, guyyaatti al tokko guyyoota 3-5f.
🩺 Gorsa Ogummaa
Koleeraan 'Hantuuta' wajjiin deema. Mooraa horsiisa lukkuu keessaa hantuuta yoo dhabamsiifne, walakkaa dhibee Koleeraa ittisneera jechuudha. Lukkuun akka tasaa yoo du'an ykn mormi jalaa isaanii yoo dhiita'e, hatattamaan ogeessa fayyaa beeyladaa quunnamuun Tarkaanfii ariifachiisaa ta'uu qaba.
✍ Dr. Galataa, DVM
#FowlCholera #PoultryHealth #AnimalScience #VeterinaryMedicine #OromiaVeterinary #DrGalataa #ChickenFarming #AnimalWelfare

🐔 Maykoopilaazmaa Lukkuu (Mycoplasma): Dhukkuba Hargansuu fi Buusaa Turu!
Lukkuun yeroo harganan ni huursuu? Fuulli isaanii ni iita'aa? Killeen isaan buusan hir'atee beekaa? Kun mallattoo Maykoopilaazmaa ta'uu danda'a.
Dhukkubni Maykoopilaazmaa (Mycoplasma) lukkuu keessatti "Ajjeesaa Suutaa" (Silent Killer) jedhamuun beekama. Dhibeen kun baay'ee rincicaa waan ta'ee fi killee keessaan waan daddarbuuf, horsiistoota lukkuu baay'ee hiyyoomsuun beekama.
Maykoopilaazmaan baakteeriyaa gogaa seelii (cell wall) hin qabne waan ta'eef, qorichoota akka Penicillin jedhamaniin hin ajjeeffamu.
🔍 Gosa Maykoopilaazmaa Beekamoo Lamaan
➡️ Mycoplasma Gallisepticum (MG): Inni kun dhibee hargansuu turu (Chronic Respiratory Disease - CRD) fida.
➡️ Mycoplasma Synoviae (MS): Inni kun immoo buusaa (joints) lukkuu miidhuun naafessuu irratti xiyyeeffata.
⚠️ Mallattoolee Isaanii Akkamitti Adda Baafattu?
Hargansuu Dadhabuu: Lukkuun afaan bante harganti, ni qufaati, yeroo hargantus sagalee "huursuu" (rales) ni dhageessifti.
✅️ Fuula fi Ija Iita'uu: Iji lukkuu ni boossi, fuulli ishee ni iita'a (Swollen face).
✅️ Killee Hir'achuu: Lukkuun killee buusuu dhiisuu ykn killee qola lallaafaa qabu buusuu danda'u.
✅️ Naafachuu (MS): Lukkuun deemuu dadhabuu, buusaan miila isaanii iita'uu fi harkifachuun ni mul'ata.
🔄 Dhibeen Kun Akkamitti Daddarba?
Maykoopilaazmaan mala lamaan daddarba:
✔️ Killeen (Vertical Transmission): Lukkuu dhukkuba kana qabdu irraa gara killeetti, killee irraa ammoo gara cuuccii dhalattuutti darba. Inni kun dhibee kana balleessuuf baay'ee rakkisaa isa taasisa.
✔️ Qilleensaa fi Meeshaan (Horizontal): Lukkuu dhukkubsatte irraa gara ishee fayyaatti qilleensaan, bishaaniin ykn meeshaa xuraa'een daddarba.
🛡️ Mala Ittisaa fi Yaalaa
Maykoopilaazmaan erga seenee balleessuun baay'ee ulfaataa dha. Kanaafuu, Ittisni furmaata hundarra gaariiti.
✔️ Lukkuu inni qabe ajjeesuu
✔️ Ti’amulinii nyaatatti dabaluu
✔️ Cuuccii Qulqulluu Bittachuu: Cuucciis ta'ee Lukkuu gurguddaa yeroo bittan dhaabbata dhukkubicha "Mycoplasma" irraa bilisa ta'e irraa bitaa.
✔️ Bio-security: Eegumsa nannoo mirkanessuu karaa meeshaa xuraa'ee fi nama alaa mana lukkuu keessan akka hin seenne dhoorkuutin. Qoricha dhibee ajjeesuun (disinfectant) mooraa qulqulleessaa.
✔️ Talaallii: Lukkuu killee buusaniif talaallii (F-strain) ogeessaan kennisiisuu.
💊 Yaala Qorichaa:
Baakteeriyaan kun gogaa seelii (cell wall) waan hin qabneef, ogeessi fayyaa beeyladaa qorichoota adda addaa hedduun ni fayyadamu; garuu kanneen bu’a qabeessa ta’an kanneen armaan gadiiti.
✅️ Taayiloosiin 100g bishaan dhugaatii liitira 200 (%0.05) keessatti guyyoota 3n jalqabaa umurii isaanii; hamma miidhaa dhukkubichaa irratti hundaa’uun torban 5tti guyyaa 1 hanga 7tti irra deddeebiin kennuufi. Ykn
✅️ Erythromycin, 500mg/ bishaan gallon, guyyoota 7f kennuufi.
✅️ Kiloorteetraasaayikiliin, 20-60 mg/kg ykn 300-400 mg/toonii nyaata, guyyoota 5f kennuufi.
💡 Hubachiisa:
Maykoopilaazmaan dhukkuba daddarbaa fi Lukkuu keessa dhokatee turuudha. Lukkuun keessan yoo fayyanis, baakteericha qaama isaanii keessa waan baataniif killee dhibee qabu buusuu danda'u. Kanaafuu, lukkuu dhukkubsatte hatattamaan adda baasuu fi cuuccii haaraa wajjin walitti makuu dhiisuun dhimma jireenyaa fi du'aati!
✍ Dr. Galataa, DVM
#Mycoplasma #PoultryHealth #CRD #DrGalataa #VeterinaryAdvice #FayyaaLukkuu #HorsiisaAmmayyaa

Loon Booranaa rakkoof saaxilaman baraaruuf hojii Yuunivarsitii Boorana hojjataa jiru
******
Gaazexaa Bariisaa
Yaabelloo: Sanyiin loon Booranaa akka biyyaattis ta’e addunyaarratti daran barbaadamaa jiran yeroo ammaa ongeefi walmakiinsa sanyiin rakkoo hamaaf saaxilamuu qorannoon Yuunivarsitii Booraatiin taasifame nimul’isa.
Ongee waggoota sadii dura mudateen walqabatee loon Booranaa miliyoonaan lakkaa’aman dhumaniiru.
Gaazexaan Bariisaa hojii hawaasummaa yuunivarsitichi hojjetaa jiru ilaalchisee Pirezidaantii Yuunivarsitii Booranaa Doktar Bafiqaaduu Cammaraa waliin waajjirasaaniitti turtii taasiseera.
Akka isaan jedhanitti, sanyiin loon Booranaa gama hundaan omishtummaansaanii olaanaa ta’e ongeefi sanyiinsaanii loon biroon walmakuun gara haphachuutti deemaa jiru.
Faallaa biyya keenyaa, sanyiin loon Booranaa kun daangaa qaxxaamuruun biyyoota akka Keeniyaafi Awustiraaliyaatti baay’achaa jiru.
Yuunivarsitichis badii sanyii loon Booranaarra ga’aa jiru kana maqsuuf qaamolee qooda fudhattoota waliin sanyii loon Booranaa qulqulluu ta’an horsiisuu qofa osoo hintaane deebisee hawaasaaf qooduuf hojjetaa jira.
Hundeeffamni yuunivarsitichaa godina horsiisee bulaa keessatti ta’uusaan walqabatee hojiilee jiruufi jireenya horsiisee bulaa jijjiiruuf keessattuu horsiisa beeyiladaa sanyii filatamoo, jijjiirama qilleensaan maqsuuf eegumsa naannawaarratti xiyyeeffaannaan hojjetaa jira jedhanii; dhimmoota kanarratti ogeeyyii misooma qonnaa Booranna hundarra jiraniif leenjii hubannoo uumuu bal’inaan marsaa marsaan kennaa jiraachuu ibsaniiru.
Horsiisee bulaan yoo akka tasaa ongeen mudate akka kana duraa akka balaaf hinsaaxilamneef hojii qaamoleen biroo hojjetan akkuma jirutti ta’ee yuunivarsitichi qabeenya beeyiladaa haala baraaruun danda’amurratti hojii akeekkachiisa duraatiin hubannoo uumaa jira.
Kana malees, horsiisee bulaan godinichaa horsiisa beeyiladaa qofa osoo hintaane madda galii damdaneessaa akka qabaatuuf gandoota moodeela ta’anirratti hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Akka isaan jedhanitti, Booranni ongeen walqabatee gaaga’amaaf saaxilamuu hinqabu ture. Kunis xiyyeeffannoon hojjechuurraa kan hafe lafti Booranaa xaa’oofi rooba xiqqaan omishtummaa olaanaa kenna.
Kanaafuu, lafa kana beekumsa xabboo naannawicha jiruun walhunachiisuun eegumsa naannawaa jabeessuurratti addatti hojjetamaa jira.
Yuunivarsitichi hadhuura Sirna Gadaa, bu’uura dimokraasii ammayyaa ta’e Boorana keessatti hundeeffame.
Hawaasa kuufama falaasama jiruufi jireenyaa qabu kanarraa beekumsa xabboo waraabuun dhalootaaf qooduun carraa guddaadha jedhanii; tattaaffii yuunivarsitichi taasisu cinatti hojii bal’aa rakkoo hawaasaa furu cinatti qorannoo biyyaafuu ga’u hojjechuuf deggarsi akka isa barbaachisus Doktar Bafiqaaduun kaasaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
Source: Ethiopian Press Agency /Bariisaa

🐔 Mareksii (Marek’s Disease): Dhukkuba "Naafummaa" fi Kansaarii Lukkuu
Dhukkubni Mareksii (Marek’s Disease) Lukkuu keessatti dhukkuba vaayirasii baay'ee hamataa fi ogeessota hunda yaaddessudha. Dhukkubni kun yeroo baay'ee "Dhukkuba Naafummaa" ykn "Kansaarii Lukkuu" jedhamuun beekama.
Dhukkubni Mareksii vaayirasii Herpes jedhamuun kan dhufu yoo ta'u, dandeettii daddarbuu baay'ee cimaa qaba. Dhukkubni kun guddina Lukkuu irratti kansaarii (Tumors) uumuun qaama isaanii naaffisa.
🔍 1. Akkamitti Daddarba? (Transmission)
Mareksiin akka vaayirasoota kaanii salphaatti hin badu.
✔️ ️Rifeensa fi dhukkee: Vaayirasichi rifeensa Lukkuu (dander) fi qilleensa mooraa keessa jiru keessa jiraata. Lukkuun fayyaan yeroo qilleensa kanaan harganan qabamu.
✔️ Turti Naannoo: Vaayirasichi mooraa keessatti ji'oota hedduuf osoo hin du'in turuu danda'a.
🌡️ 2. Mallattoolee Isaa (Signs)
Mareksiin bifa adda addaan mul'achuu danda'a:
☑️ Naafummaa (Paralysis): Mallattoon baay'ee beekamaan Lukkuun miila tokko fuulduratti, tokko duubatti hiixattee kufuu isheeti gabaabumatti Luka diriirsuu(large split) jechuudha. Kun sababa ribeen (nerve) miilaa iiteef dhufa.
☑️ Ija Jijjiiramuu (Grey Eye): Ijji Lukkuu halluu isaa jijjiiratee gara "daalachatti" jijjiirama, qaawwan ijaa (pupil) immoo bifa isaa dhabee xiqqaata fi Ija tokko cufachuu.
☑️ Iitoo Keessaa (Visceral Tumors): Qaama keessaa kan akka Tiruu, Sombbaa fi Kalee irratti iitoo kansaarii uuma.
➡️ Mallattoolee kanneen biroo:
• Mukaa’uu(depression)
• Ulfaatinni qaamaa hir’atuu
• Fedhii nyaataa dhabuu
• baala garaa magariisa baasuu kun Newcastle Disease dhaan wal isa fakkeessa
• Killee hir’isuu
• Du’a humnaa olii ykn gutumatti du’uu
• koola ykn koochoo busuu
🚫 3. Yaala fi Ittisa (The Truth)
Dhimmi guddaan namoonni beekuu qaban: Mareksiif yaalli hin jiru! Lukkuun vaayirasii kanaan qabamee mallattoo agarsiise fayyuu hin danda'u. Karaan tokkichi Ittisuudha.
✅ ️Talaallii (Vaccination):
Talaalliin Mareksii kan kennamu Guyyaa 1ffaa (Akkuma cuuciin dhalatteen) qofaadha. Lukkuun erga guddattee booda talaallii kana fudhattu bu'aa hin qabdu.
✅ ️Biosecurity (Eeggannoo Mooraa):
Lukkuu gosa adda addaa fi umrii adda addaa walitti makuu dhiisuu.
✅️ Sanyii Dandamatu Filachuu:
Sanyiin Lukkuu tokko tokko uumamaan Mareksii dandamachuu danda'u. Fakkeenyaaf Sanyiilee Naannoo (Indigenous/Local Breeds)
Mareksiin dhukkuba 'Callisee Nama Diigudha'. Mooraa keessatti Lukkuu miilli naaffate yoo argite, dhibee biroof fudhattee yeroo kee hin gubini. Hatattamaan ogeessa fayyaa beeyladaa gaafachuun dhukkubichi Lukkuu kaanitti akka hin daddarbine gochuun furmaata tokkicha.
✍ Dr. Galataa, DVM
https://t.me/drgalataa
#MareksDisease #PoultryHealth #VeterinaryScience #ChickenFarming #AnimalBiosecurity #OromiaVeterinary #DrGalataa

Telegram
Dr. Galataa, DVM
Gorsa Ogeessaa, Milkaa'ina Horsiisaa!
“Horsiisa milkaa'aaf, fayyummaan Beeyiladaa murteessaa dha!”
Group 👇
@mariifayyaabeeyiladaa

❤2
🌽 BALAA MIDHAAN BAAY'ISANII NYAACHISUUN LOON KEENYARRATTI QABU (RUMEN ACIDOSIS) fi FURMAATA ISAA
Dhukkubni Rumen Acidosis (Grain Overload) dhibee loon oomisha aannanii fi fooniitiif garmalee "Midhaan" (Carbohydrates) sooruu irraa dhufudha. Dhibeen kun "Dhukkuba Quufaa" jedhamuun beekama😳; sababni isaas loon garmalee akka gabbatan ykn aannan baay'ee akka kennan gochuuf jecha midhaan yeroo itti baay'ifnu waan dhufuufi.
Acidosis'n yeroo loon midhaan akka Boqqoolloo, Qamadii, Garbuu ykn Faagulloo (Concentrates) garmalee baay'inaan nyaatan kan uumamudha. Kun garaacha loonii (Rumen) keessatti jijjiirama keemikaalaa suukanneessaa fida.
🧬 1. Maaltu Garaa Keessatti Ta'a? (Pathophysiology)
Yeroo loon midhaan sukkaara ykn istaarshii (starch) baay'ee qabu nyaatan:
🔶️Baay'achuu Baakteeriyyaa: Baakteeriyyaaleen midhaan kana bulleessan dafanii saffisaan baay'atu.
🔶️Uumama Lactic Acid: Bullaa'insa (Fermentation) kana irraa Lactic Acid baay'ee jabaatu uumama.
🔶️pH Gadi Bu'uu: pH'n garaacha loonii uumamaan 6.0 - 7.0 ta'uu qabu, garuu yeroo kana saffisaan 5.0tti gadi bu'uun acidiin garmaalee akka garaacha keessatti olka'u godha.
🔷️Du'a Baakteeriyyaa Gaarii: Baakteeriyyaaleen marga bulleessan (Fiber-digesters) pH kanaan waan hin danda'amneef ni du'u. Summiin qaama isaanii (baakteeriyaa) keessaa ba'u (Endotoxins) dhiiga keessa baay'inaan galu eegala.
🌡️ 2. Gosoota Acidosis fi Mallattoolee Isaanii
Acidosis'n bifa sadiin mul'achuu danda'a:
1️⃣ Acute (Hamaa)
🔺️ Mallattoolee Addaa
✔️ Nyaata lagachuu, garaa kaasaa bishaan fakkaatu, deemuu dadhabuu, maraammartoo.
🔺️ Miidhaa Inni Fidu
✔️ Du'a hatattamaa (Sa'aatii 24-48 keessatti).
2️⃣ Sub-acute (SARA)
🔺️ Mallattoolee Addaa
✔️ Oomishni aannanii hir'achuu, foon harcaasuu, marga buluquu (rumination) dhiisuu.
🔺️ Miidhaa Inni Fidu
✔️ Dhukkuba "Laminitis" (Kottee madaa'uu) fi kisaaraa diinagdee suuta jedhu.
3️⃣ Chronic (Turataa)
🔺️ Mallattoolee Addaa
✔️ Kotteen beeyladichaa ol-chaafama (overgrowth), dhullaan tiruu (liver abscess) uumama.
🔺️ Miidhaa Inni Fidu
✔️ Beeyladichi gonkumaa hin gabbatu, aannanis hin kennu.
🚑 3. Yaala Ariifachiisaa (How to Save the Animal)🚨
Yoo loon midhaan baay'ee nyaatanii argite:
✔️ Sodium Bicarbonate (Baking Soda):
Giraama 200-500 bishaanitti makuun afaaniin kennuun acidii garaacha keessaa gadi buusa.
✔️ Magnesium Hydroxide:
Kunis garaa keessatti acidii loluuf baay'ee gargaara.
✔️ Rumen Transfaunation:
Loon fayyaa irraa dhangala'aa garaachaa (rumen fluid) waraabanii isa dhukkubsateef kennuu (Kun baakteeriyyaa gaarii deebisuuf gargaara). Isa immoo yoo akkam dhabame qeeyraa iddoo loon itti qalamu dhaquun fiduun ni danda'ama
✔️ Antibiotics:
Baakteeriyyaan dhiiga keessa galee tiruu akka hin madaasineef ogeessi qoricha waraannaa ni kenna.
✔️ Rumenotomy:
Haala baay'ee hamaa irratti, ogeessi garaacha baqaaqsee midhaan sun guutummaatti akka baafamu gochuu qaba.
🛡 4. Ittisa (Prevention)🛡
💠 Transition Period:
Midhaan (grain) loon keetiif yoo jalqabdu, yoo xiqqaate guyyaa 10-14 suuta jedhii dabaliif. Kun baakteeriyyaan garaa akka madaqu gargaara.
💠 Roughage (Marga Gogaa):
Yeroo hunda midhaan osoo hin kennin dura marga gogaa (Hay) gahaa soori. Kun hancufa (saliva) akka baay'atu godha; hancufni immoo acidii ni lolla.
💠 Buffer Fayyadamuu:
Nyaata midhaanii wajjiin "Baking soda" (Sodium Bicarb) makuun kennuun pH garaa eega.
💠 Processing:
Midhaan garmalee daakamee daakuu ta'e Acidosis dafee fida. Midhaan horaramee(cacabsame) (cracked) jiru filatamaadha.
Acidosis'n dhibee 'Horsiisaan' fidu malee dhibee 'Beeyladaati' miti. Nyaata madaalawaa (TMR - Total Mixed Ration) kennuun lubbuu beeylada keetiis, diinagdee keetis ni oolcha. Beeyladni keessan marga gogaa haa dhabu malee midhaan qofa hin nyaachisinaa!
✍ Dr. Galataa, DVM
Fayyaan beeyilada keessanii, bu'ura dinagdee keessaniiti!
#RumenAcidosis #GrainOverload #LivestockNutrition #VeterinaryMedicine #AnimalHealth #OromiaVeterinary #DrGalataa #DairyFarming #BeefCattle

❤1
WALITTI DHUFEENYI DHUKKUBBII KOTTEE(LAMINITIS) FI RUMEN ACIDOSIS MAALI?
Loon miilli isaanii naaffate (lame) ta'an keessaa harki 90% ol rakkoo kottee qabu. Kottee kana immoo harka caalu kan miidhu nyaata nuti beeyladoota keenya nyaachifnuudha. Walitti dhufeenyi garaacha loonii (Rumen) fi kottee (Hoof) saayinsii fayyaa beeyladaa keessatti dhimma baay'ee murtessaadha. Dhibeen kottee sababa Acidosis kanaan dhufu "Laminitis" jedhama. Kun immoo hawaasa keenyaaf rakkoo fi kisaaraa guddaadha; sababni isaas loon miilli isaanii dhukkubu nyaata akka barbaadanitti socho'uun nyaachuu waan dadhabaniif oomishni isaanii akka malee gadi bu'a.
🧬 1. Akkamitti Acidosis'n Kottee Miidha?
Adeemsi Acidosis irraa gara Laminitis-itti deemu tarkaanfiiwwan gurguddoo sadii qaba:
1️⃣. Tarkaanfii Garaachaa (The Rumen Phase)
Yeroo loon midhaan (concentrates) garmalee baay'isan: Baakteeriyyaaleen midhaan kana bulleessan (fkn. S. bovis) hatattamaan baay'atu. Kun immoo garaacha keessatti Lactic Acid (C_3H_6O_3) akka uumamu taasisa. PH'n garaachaa saffisaan gadi bu'a (Acidic ta'a). Sababa kanaan, baakteeriyyaaleen fayyadaa qaban (Gram-negative bacteria) ni du'u. Baakteeriyyaaleen kun yeroo du'an summii qaama isaanii keessa jiru (Endotoxins) fi Histamine gadi lakkisu.
2️⃣. Tarkaanfii Dhiigaa (The Bloodstream Phase)
Summiin (Endotoxins) fi Histamine garaa keessatti uumame sun: Ujummoo garaachaa (Rumen wall) dabaranii kallaattiin sirna dhiigaa keessa galu. Dhiigaan geeffamanii kallaattiin gara ujummoolee dhiigaa xixinnoo kottee (Hoof) keessa jiraniitti dhaqu. Wantoonni kun "Vasoactive agents" jedhamu; dandeettii ujummoo dhiigaa dhiphisuu fi bal'isuu qabu.
3️⃣. Tarkaanfii Kottee (The Hoof/Laminitis Phase)
Yeroo summiin sun kottee ga'u:
🟥 Dhiit'insa (Inflammation): Ujummoolee dhiigaa kottee keessa jiran irratti dhiit'insa uuma. Kun dhiigni kottee keessatti akka "ititu" (congestion) taasisa.
⬜️ Laaffachuu Seelii: Kottee keessatti wanti "Laminae" jedhamu kan lafee kottee keessaa (Pedal bone) fi qola kottee walitti qabu ni laaffata.
⬛️ Madaa fi Naafummaa: Sababa kanaan kottee jalaan madaan uumama, kotteen boca isaa jijjiirata, beeyladichis ni naaffata.
🌡️ 2. Mallattoolee Laminitis (Hoof Problems)
Mallattoolee ijaan Mul'atan:
1️Hammaataa (Acute): Beeyladichi deemuu dadhaba, miila isaa irratti "nab-nab" jedha, kottee isaa yoo tuqan ni ho'a (heat).
2️Buleessa(Tutturaa) (Chronic): Kotteen garmalee ol-chaafama (Overgrowth), boca isaa dhabee akka "gammee" (slipper-foot) ta'a.
3️Halluu Gogaa: Faanti ykn jallii kottee isaa halluu diimaa ykn keelloo (hemorrhage) agarsiisa.
🛠️ 3. Kunuunsa fi Ittisa Kottee🛡
Fayyaan kottee loonii waggaa guutuu eegamuu qaba:
🔶️Kottee Qulqulleessuu (Hoof Trimming):
Loon kottee isaanii waggaatti al-lama ogeessaan "trim" gochuun (muruun) barbaachisaadha. Kun beeyladichi akka sirriitti dhaabbatu gargaara.
🔶️Nyaata Madaalawaa: Akkuma Acidosis irratti ibsine, nyaata fibera (marga gogaa) gahaa qabu kennuun summiin kottee miidhu akka hin uumamne ittisa.
🔷️Laftii fi Mooraa: Loon lafa gogaa fi lallaafaa (soft bedding) irratti akka ciisan gochuun dhiibbaa kottee irratti dhufu hir'isa. Mooraa dhoqqee fi bishaan ciisu qabu kottee lallaaffisee madaadhaaf saaxila.
🔷️Footbath (Qulqullina Kotteef): Naannoo mooraa seensaa irratti bishaan qoricha (fkn. Copper Sulfate ykn Formalin) qabu fayyadamuun kottee baakteeriyyaa irraa qulqulleessa.
✍ Dr. Galataa, DVM
Fayyaan beeyilada keessanii, bu'ura dinagdee keessaniiti!
#HoofHealth #Laminitis #CattleFarming #Acidosis #VeterinaryScience #AnimalWelfare #DrGalataa #DairyCattle

Qabeenya Beeyladaa: "Warqee" Hin Qotaminii fi Utubaa Diinagdee Itoophiyaa!
(Barruu ✍Dr. Galataa, DVM)
Akkuma kana duraatti Har'a waa'ee ogummaa kiyyaa fi qabeenya biyya keenya harkaa qabdu xiqqoo isiniin jechuun barbaada. Bara dheeraaf hawaasa keenya keessatti namni waa'ee loonii, hoolaa ykn indaaqqoo dubbatu akka nama "boodatti hafaa" ta'eetti ilaalamaa ture. Akkasumas, ogummaan fayyaa beeyladaa ilaalcha gad aantummaa fi qoosaa namoottan hubannoo isaa hin qabne tahee fudhatamaa ture. Garuu dhugaan jiru, ogeessi fayyaa beeyladaa qulqullina nyaata namaa, ittisa dhibee irraa gara namaatti daddarbuu (Zoonosis) fi utubaa diinagdee biyyaa kan eegudha.
Mee saayinsiinii fi ragaan diinagdee biyya keenyaa dhugaa maalii nutti hima?
📈 1. Maaliif Qabeenya Beeyladaa Jedhamna?
Itoophiyaan beeylada qabaachuun Afrikaa irraa 1ffaa, addunyaa irraa immoo sadarkaa olaanaa irratti argamti. Kun "Maallaqa" nuti osoo hin qotin lafa irraa qabnudha.
✔️ GDP Biyyaatti: Dameen kun gumaacha Giddu-galeessa Oomisha Biyya Keessaa (GDP) keessatti %20 ol qaba.
✔️ GDP Qonnaa: Qabeenyi beeyladaa GDP damee qonnaa keessatti %40 ol gumaacha. Kunis kan agarsiisu, diinagdeen biyya keenyaa harka caalu qabeenya kanaan kan utubame ta'uudha.
🩺 2. Ogeessi Fayyaa Beeyladaa Eenyu?
Ogeessi fayyaa beeyladaa (Vet) loon qofa hin wal'aanu. Nuti:
🔷️ Fayyaa Namaa Eeggota: Dhibeewwan %60 ol beeylada irraa gara namaatti daddarban (fkn. Anthrax/Abbaa Sanga, Rabies/Saree, Tuberculosis) kan ittisu ogeessa fayyaa beeyladaati.
🔷 ️Qulqullina Nyaataa: Foon, aannan fi killee ati guyyaa guyyaan soorattu summii fi baakteeriyyaa irraa qulqulluu ta'uu isaa kan mirkaneessu nu'i.
🔷 ️"One Health": Fayyaan beeyladaa, fayyaa namaa fi fayyaa naannoo walitti hidhamaadha. Tokko yoo dhabame inni kaan ni bada.
🚀 3. Ilaalchi Keenya Jijjiiramuu Qaba!
Biyya alaa keessatti "Veterinarian" ta'uun kabaja guddaa qaba. Itoophiyaa keessattis amma fooyyeen mul'achaa jira.
Beeylada horsiisuun "Hojii Boodatti Hafaa" miti; hojii Invastimantii guddaadha.
Ogeessa fayyaa beeyladaa irratti qoosuun, wallaalummaa qabdurraan fayyaa maatii keetii fi diinagdee biyya keetii irratti qoosuudha.
💪Maaliif Damee Kanaan Boonuu Qabna?
🔶 ️Nyaata Gahaa: Hanqina pirootiinii (Malnutrition) dhabamsiisuuf damee kana cimsuun dirqama.
🔶 ️Hojii Uumuu: Dargaggoonni keenya qabeenya kana irratti yoo hojjetan biyya keenya guddina olaanaatti fiduu danda'u.
🔶️ Maallaqa Alaa (Forex): Gogaa fi uffata irraa kaasee hanga foon gabaa alaatti erguun madda maallaqa alaa keenya isa guddaadha.
Horsiisee bulaan utubaa biyyaati; ogeessi fayyaa beeyladaa immoo eegduu utubaa sanaati. Beeylada kee akka qabeenyaatti, ogeessa dhibee isaanii ittisu immoo akka gorsaatti yoo qabatamaa ta'e, jireenyi keenya ni jijjiirama. Damee kanaan boonuu qabna!
✍ Dr. Galataa, DVM
#VeterinaryMedicine #LivestockEconomy #EthiopiaGDP #OneHealth #AnimalHealth #VeterinaryPride #DrGalataa #OromiaAgriculture #LivestockInvestment

KARRA MILKAA'INAA: OGUMMAA FAYYAA BEEYLADAA fi CARRAA HOJII UUMUU!
(Barruu ✍Dr. Galataa, DVM)
Dargaggoota ogeeyyii fayyaa beeyladaa fi barattoota damee kanaa hundaaf, yeroon "Qacaramuu" qofa eeggannu darbeera. Qabeenyi beeyladaa biyya keenyaa gumaacha 20% GDP waliigalaa fi 40% GDP qonnaa qabaatus, harki caalaan isaa ammas mala aadaatiin deemaa jira. Kun immoo ogeessa "Yaada Haarawaa" qabattee dhufuuf carraa hojii guddaadha.
Akka ogeessaatti, oomishitummaa damee beeyladaa dabaluuf "Hojii uumamuu" (Entrepreneurship) irratti xiyyeeffachuun murteessaadha. Waggoota dura ogeessi dhuunfaan hojjechuun akka waan rakkisaatti ilaalama ture, garuu har'a gabaan beeyladaa Itoophiyaa keessa jiru ogeeyyii dhuunfaatti hojjetan baay'ee barbaada. Si kan ogummaa kana baratee lafa jiru dhiisi kan ogummaa kana hin baratin kan field biraatin eebbifamee jiru iyyuu leenjii yeroo murta'aaf fudhateen karoora hojii sirrii baafate of jijjiiraa akka jiru ragaaf fagoo deemuu nun gaafatu waliin argaa jirra waan ta'eef.
Ogummaa keetiin akkamitti hojii uumuu dandeessa? Carraawwan gurguddoo armaan gadii ilaali:
1️⃣. Kilinika fi Mana Qorichaa Dhuunfaa (Private Veterinary Services)
Horsiistota biratti hubannoon fayyaa beeyladaa dabalaa waan dhufeef, tajaajilli kilinikaa dhuunfaa baay'ee barbaadamaadha.
✔️ Kilinika Socho'aa (Mobile Clinic): Baadiyyaa keessa deemuun tajaajila yaalaa, talaallii fi gorsa kennuu.
✔️ Pharmacy Beeyladaa: Qorichoota qulqullina qaban dhiyeessuun madda galii guddaadha.
2️⃣. Oomisha Nyaata Beeyladaa (Feed Processing & Supply)
Rakkoon guddaan horsiistota keenyaa nyaata madaalawaa dhabuudha.
✔️ Faagulloo (Concentrate) Qopheessu: Nyaata Lukkuu, loon aannanii fi loon gabbisichaaf ta'u madaalawaa qopheessitee gabaatti dhiyeessuu.
✔️ Marga Gogaa (Hay) fi silage: Nyaata fibera qabu (fkn. Alfalfa) babal'isuun gabaatti dhiyeessuu.
3️⃣. Horsiisa Beeyladaa Ammayyaa (Commercial Farming)
Ogeessa waan taateef, akkamitti akka beeyladni oomisha guddaa kennu ni beekta.
🔶 ️Horsiisa Lukkuu (Poultry): Killee fi foon Lukkuu guyyaa 45 keessatti gabaatti dhiyeessuun business ariifataadha.
🔶 ️Loon Gabbisuu (Fattening): Loon gabaa irraa bittee mala saayinsaawaan gabbisuun baatii 3-4 keessatti faayidaa guddaa argachuu.
4️⃣. Gorsa fi Leenjii (Consultancy & Training)
Invastaroonni dhuunfaa damee kanaan hojjechuun duratti "Business Plan" fi gorsa ogeessaa barbaadu.
🔶 ️Project Qopheessu: Horsiistota haaraaf dizaayinii mooraa fi sagantaa fayyaa qopheessuu.
🔶️ Leenjii Kennuu: Hojjettoota mooraa beeyladaa keessa jiraniif dandeettii isaanii cimsuu.
5️⃣. Wal-harkaa Fuudhinsa Oomishaa (Value Addition)
Aannan fi foon osoo hin jijjiiramin gabaatti dhiyeessuu mannaa, mi'eessanii dhiyeessuun bu'aa dachaa fida.
✔️ Dhangala'aa Aannanii: Aannan irraa itittu (yogurt), Ayibe (cheese) fi dhadhaa qopheessanii gabaatti dhiyeessuu.
📈 Maaliif Ogummaa Kanaan Carraa Hojii Uumna?
Gabaa Guddaa: Lakkoofsi uummataa dabalaa waan dhufeef, barbaaddi foonii fi aannanii garmalee dabaleera.
🔷 ️Diinagdee Biyyaa: Gumaachi 20% GDP beeyladaa kun, ogeeyyiin dhuunfaa yoo itti dabalaman gara 30%-40% tti guddachuu danda'a.
🔷 ️Bilisummaa Diinagdee: Hojii dhuunfaa keessatti dandeettii kee guutummaatti itti fayyadamtee jireenya kee jijjiiruu dandeessa.
Dhaamsa Obbolummaa ogummaa kana keessatti waliin qabnuu:
Ogummaan fayyaa beeyladaa qoricha kennuu qofa miti; jireenya horsiisee bulaa jijjiiruu fi diinagdee biyyaa utubuu dha. 'Job Seeker' (Nama hojii eeggatu) ta'uu mannaa 'Job Creator' (Nama hojii uumu) ta'uun guddinna biyya keenyaaf murteessaadha. Beeyladni qabeenya; ogeessi immoo furtuu qabeenya sanaati!
✍ Dr. Galataa, DVM
#VetEntrepreneur #LivestockBusiness #AnimalHealth #EthiopianYouth #JobCreation #VeterinaryMedicine #DrGalataa #LivestockEconomy #PoultryFarming

👍1