Oromo Political Prisoners Defense Team
5.13K subscribers
304 photos
7 videos
14 files
114 links
Chaanaaliin kun dhimma hidhamtoota siyaasaa Oromiyaa/Itoophiyaa keessatti hidhata/qabata siyaasaan qabamanii hordofee dhiyeessa.
Download Telegram
Oolmaa Dhaddachaa Qaasiim Abdullaahii'faa N-19
Mana Murtii Waliigala Oromiyaa (Calcalii ykn Saarbeet)
_
Gaazexeessitoota ONN fi hidhamtoota siyaasaa miseensota ABO irratti ammas beellamni dabalataa kennameera.

Himannaa Abbaan Alangaa Waliigalaa Oromiyaaa fooyyessee gaafa Caamsaa 24, 2022 dhiyeesse ilaalchisee abukaatoonni hidhamtoota siyaasaa mormii sadarkaa duraa kaasaniif kanarratti qorannoo goona jechuun torban lamaan har'aa, Waxabajji 16, 2022 (ALH'tti Wax. 9, 2014)'tti beellame.

Koree Qindeessituu Mootummaa Ceehumsaa Biyyalessaa Naannoo Oromiyaa fi Gaazzixeessitoonni ONN har'a marsaa 8ffaaf Mana Wurtii Waliigala Oromiyaatti kan dhiyaatan yoo tahu, hidhamtoonni siyaasaa kunneen:

1. Qaasiim Abdulaahii Abbaa Waarii
2. Seefuu (Gabbisaa Lammii Fayyisaa) Abbaa Tamaam
3. Mahaammad Waadoo
4. Lammii Tasfaayee Baraartii
5. Kaliifaa (Gammachiis) Abdulfattaa Abduraahiim
6. Mahammad Isaa Yeesuuf
7. Toofiiq Amaan Roobaa
8. Adiinaan Yoosuuf Abdoo
9. Najaash Mahaammad Amiin
10. Usmaan Adaam Ahimad
11. Daraaraa(Tarreekumaa Asaffaa Baacaa)
12. Callaa Usmaa'eel
13. Mahaammad Ahimad Mahaammad
14. Dachaasaa Wiirtuu
15. Kadiir Sayiid Jiiloo

kanneen jedhaman oggaa ta'an Gaazzexeessitoonni ONN galmee kana jalatti himataman ammoo:

18. Dassuu Duulaa fi
19. Biqilaa Amanuu Abbaa Shoomaa

yoo tahan, Mana Hidhaa Daalattii magaalaa Sabbataa keessatti argamu kan hidhamtoonni siyaasaa hedduun itti hidhamuun beekamutti hidhamanii mana murtiitti deddeebifamaa kan jiranidha.
__
👍2
Oolmaa Dhaddachaa Musxafaa Nugusee
Mana Murtii Waliigala Oromiyaa (Calcalii - Ykn Saarbeet)
_
Yeroo adda addaatti Aanaa Hidhabuu Abootee keessatti seeran ala hidhamee dararamaa kan ture miseensi KFOfi Koree KFO Aanaa Hidhabuu, Musxafaa Nugusee humna tikaatiin butamee as buuteen isaa erga dhabamee booda Mana Hidhaa Daalattii, Sabbatatti argamu keessatti hidhamee argamuun ni yaadatama. Ammas manuma hidhaa kanatti dararamaa kan jiru yoo tahu, Abbaan Alangaa Waliigala Oromiyaa himannaa shororkeessummaa irratti banuudhaan Mana Murtii Waliigala Oromiyaatti deddeebi'aa jira. Haaluma kanaan har'a beellamatti dhiyaatee karaa abukaatoosaa mormii himannaarratti qabu kan dhiyeeffate yoo tahu, manni murtichaa galmee qorachuuf Waxabajjii 2/2014 ALH'tti beellamee jira.
Mootummaan hidhamtoota siyaasaa jumlaan hidhaatti guuraa bahe keessaa tokko tokkoon wayita gadi dhiisaa jirutti namoota kaanirratti ammoo hidhaa haaraafi himannaa haaraa banaa jiraachuun waan nama yaaddessu tahuu gabaasaa kan turre yoo tahu, gareelee mirga namoomaa yaaddoo ibsachaa turaniiru.
_
Hoogganoonni ABO Sadii Mana Hidhaatti Dhukkubsatan Akka Wal’aansa Hin Argatiin Dubbatu, Abukaatoon Isaanii

Kanneen mana hidhaa jiran miseensonni koree hojii raawwachiistuu Adda Bilisummaa Oromoo fi miseensi koree giddu-galeessa paartichaa tokko haalaan dhukkubsatanii, wal’aansa argachaa hin jiran, jechuun abukaatoon isaanii ibsaniiru.
Miseensonni koree hoji raawwachistuu ABO Obbo Mikaa'el Booran fi Obbo Abdii Raggaasaa, akkasumas miseensi koree giddu-galeessaa paartichaa Obbo Kennasaa Ayyaanaa mana hidhaa Qaajelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuu keessatti dhukkubsataa akka jiran Sagalee Ameerikaatti himan – Abukaatoon isaanii Obbo Tuulii Baayisaa

https://www.voaafaanoromoo.com/a/6622238.html
👍2👏2
Magaalaa Naqamteetti Obboleessa Qondaala ABOfi Hidhamaa Siyaasaa, Obbo Lammii Beenyaa Kan Tahe Barataa Hundaa'ol Beenyaa Dabalatee Dargaggoonni 3 Waraana Mootummaatiin Ajjeeffamuun Dhaga'amee

Obboleessa Qondaala ABOfi Hidhamaa Siyaasaa Lammii Beenyaa kan ta'e Barataa Hundaa'ol Beenyaa namoota eda halkan ajjeefaman keessaa tokko yoo ta’u barataa kutaa 12ffaa qormaata biyyoolessaaf of qopheessaa ture akka tahes beekameera.

Armaan dura caasaan Mootummaa Aanaa Giddaafi qaamoleen nageenyaa yeroo adda addaatti maatii Obbo Lammii Beenyaa hiraarsaa waan turaniif, Barataa Hundaa'ol maatiirra adda bahee Naqamteetti barumsasaa hordofaa akka ture beekameera.

Obboleettiin Obbo Lammii Beenyaa, Shamarree Saaraa Beenyaa, ji'oota dura qaamolee mootummaatiin butamtee hanga yoonaa mana hidhaa kan jirtu yoo tahu, ji'oota muraasa dura harmeen Lammiis hidhamanii turuufi qaamoleen nageenyaa mana jireenyaa isaaniitti ibiddaa qabsisanii gubuun ni yaadatama.

Barataa Hundaa'ol Beenyaa hawaasa keessa jiraatu biratti dargaggoo naamusa qabeessaafi barnootasaa irratti nama xiyyeeffate ta'uu hiriyootasaa waabeffachuun OMN gabaaseera.
_
😢6
Qondaalonni ABO Hidhaarraa Mana Murtiitti Osoo Hin Dhiheeffamin Hafan

Hogganootnii fi Qondaalotni ABO Mana Hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti argaman har'a Waxabajjii 22,2022 Mana Murtii Burraayyuutti dhihaachuun kan irra ture, Komiishiniin Poolisii Oromiyaa fi Abbaan Alangaa osoo hin dhiheessin hambisanii jiru.

Komiishiniin Poolisii Oromiyaa fi Abbaan Alangaa Adoolessa 04, 2022 (ALItti 27/10/2014) ajaja dabarseen hidhamtoota kana beellama har'aarratti dhaddachatti dhiheessanii hooggantoota kana irratti himannaa yoo qabatan dhihaatanii akka ibsan Manni Murtii ajaja dabarsee kan ture yoo tahu, har'a garuu hidhamtoota siyaasaa kanneen mana murtiitti hin dhiyeessin hafaniiru.

Hogganootnii fi Qondaalotni ABO Mana Hidhaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Buraayyuutti argaman kunneen:

1. J/Abdii Raggaasaa

2. Mikaa’el Booran

3. Kennasaa Ayyaanaa

4. Gadaa Gabbisaa

5. Lammii Beenyaa

6. Dr.Gadaa Oljirraa fi

7. Daawit Abdataa
_
👍6❤1
#Oromia police fails to bring four senior #OLF leaders to court for habeas corpus hearing

Oromia police in #Burayu in Oromia Regional State Special Zone Surrounding #Finfinne, failed to bring four high-ranking officials of the opposition Oromo Liberation Front (OLF) to a district court for a hearing adjourned to review habeas corpus request by the defense team. The four defendants: Michael Bekele (Boran), Lammi Begna, Dawit Abdeta, and Gada Gabisa who are under Oromia police custody were unable to attend the hearing, according to the team of lawyers who spoke to Addis Standard.

https://addisstandard.com/news-oromia-police-fails-to-bring-four-ola-leaders-to-court-for-habeas-corpus-hearing/?fs=e&s=cl
👍7❤1
Oolmaa Dhaddachaa Hoogganootafi Qondaalota ABO

Hoogganootafi Qondaalota ABO Haqa Dhabanii Seeran Al Hidhamanii Jiraaniif Gaafatamaan Eenyu?

Obbo Mikaayel Booran, Daawit Abdataa, Lammii Beenyaafi Gadaa Gabbisaa, yeroo adda addaatti murtiiwwan mana murtiitin bilisa jedhamanillee marroo biraatiif akka haarayaatti Burraayyutti dabarfamanii waan hidhamaniif, Mana Murtii Aanaa Magaalaa Burraayyuutti qaamni isaanii akka bilisa tahuuf iyyatanii turani. Haa tahu malee, poolisiin beellamarratti dhiyeessuu didee beellamni isaanii daddabarfamaafi lafarra harkifamaa turuun ni beekama.

Qaamni isaanii akka bilisa tahuuf (habeas corpus) iyyannaa himatamtoonni siyaasaa kun dhiyeeffatan bu'ureeffachuun Abbaan Alangaa Waliigala Oromiyaa, Mana Murtii Aanaa Magaalaa Burraayyuu dhimmicha laalaa jirurratti deebisaa kennee jira. Akka deebi kennameetti, Obbo Mikaayel Booraniifi Gadaa Gabbisaa, wanti isaan himachiisu waan irratti hin argamneef akka hiikamaniif mana sirreessaatti xalayaa barreessuusaa, Abbaan Alangaa ibseera. Daawit Abdataafi Lammii Beenyaa irratti himanni armaan dura dhiyaate kufaa tahee bilisa waan jedhamaniif guyyaa murtii kanaatirraa kaasee beekamtii Abbaa Alangaatiin ala hidhamanii kan jiran waan taheef, abbaan alangaa gaafatamummaa akka hin qabne ibsee jira. Nama seeran ala hidhamee jiruuf abbaan alangaa gaafatama hin qabu jechuu ni danda'aa? Akka hiikamaniif osoo homaa hin carraaqne, qaamni hidhamuu isaaniif ka'umsaafi sababa tahe tokko, keessattuu haqaa lammiilee eeguuf mootummaa bakka bu'ee jiru tokko, akka garee falmii qeenxee tokkootti of ilaalee aafatamummaa dheessuu danda'aa? Waan hin fakkaanne.

Oolmaa dhaddachaa har'aarratti, hogganooti ABO mana hidhaa Burraayyuu jiran kun har'as mana murtiitti osoo hin dhiyeeffamin hafan. Abbaan Alangaa deebii xalayaa mana murtiif ergeen hidhamuu hoogganoota Oromoo kanaaf nuti itti hin gaafatamnu, qaama hidhee jiru gaafadhaa jechuun qofti gahaadhaa?Deebiin Abbaa Alangaa har'a dhiyaate guutuun armaan gaditti bifa suuraan dhiyaayera. Namuu laalee hoogganootafi qondaalota ABO seeran ala hidhaa jiran kanaaf eenyutu gaafatama, waan jedhu of haa gaafatu.
_
👍7
Prosperity Party's Regime Must Release the Illegally Detained Oromo Liberation Front Leaders and Members.

OLF Press Release

The abuses of rights that the Prosperity Party perpetrates on OLF leaders are brutal.

Oromo Liberation Front (OLF) is a legally registered political organization in Ethiopia. The endless illegal detention of its leaders and members outside the legal parameters is a disastrous path. For years, leaders and members languish in known and unknown detention quarters and prison houses. Their families are subjected to miseries, and psychological distresses as they know nothing about the fate of their loved ones.

Various rights groups and actors have confirmed the illegality and cruelty of the endless detention. The Ethiopian Human Rights Commission, Ethiopian Election Board and Courts at multiple levels have long-established the illegality of the arrest and strongly requested their immediate release of the detainees. As known elsewhere, the role of the police is to protect citizens from abuses and illegal mistreatment and, above all, to carry out the court's order effectively. In this case, Oromiya Police has repeatedly repudiated court orders and kept the victims in custody. The court has, time and again, ordered the police to appear in court and explain why they illegally kept the detainee. But the police have made no show to the court.

On July 18 2022, the court at Burayu District, based on the habeas corpus
petition by the detainees' attorney has ruled that the detainees should be released immediately. After four days of delay, on July 21 2022, the court's written order reached the police. But the police made no action to comply with the court order and have kept the detainees in custody till today.

The leaders and officers of OLF who have been illegally kept in Burayyu District Police Station and denied justice till today include:

1. Mr Abdi Raggasa, Member of the Executive Committee (EC), was detained in February, 2019;
2. Mr. Michael Boran, a Member of the EC, was detained on June July 03, 2020
3. Mr. Kennasa Ayyana, a Member of the Central Committee, was detained on July 03, 2020
4. Dr. Gadaa Oljiraa, Head of the OLF Gullallee Office, was detained on December 20, 2020
5. Mr. Dawit Abdata, Senior Political Officer, was detained on July 12, 2020
6. Mr. Lammi Benya, SeniorPolitical Officer, was detained on July 12, 2020
7. Mr. Gada Gabbisa, Senior Political Officer, was detained on February 19 2020

The Prosperity Party, despite its promises "not to imprison citizens without due investigation", has long embarked on illegally incarcerating peaceful political actors and has caused incalculable suffering and miseries to the detainee's families. It has also vehemently staged on marginalizing political parties and actors to monopolize the political space. Such behaviours of the successive Ethiopian regimes have long been the major causes of conflict and instability, death, suffering, famine and poverty. The scale of brutality and human rights abuses at the level of sidelining institutions of justice such as the court and ignoring its order is a big red line that indicates the future direction of this country.

Thus, we call upon the international community to pressure the Ethiopian government to adhere to the constitutional order, respect human rights, and release the illegally detained OLF leaders, members, and other political detainees.

We also call upon all peace-loving people and the Oromo people to stand by the illegally detained leaders and members of the OLF to demand their release.

Victory to the Masses!

Oromo Liberation Front

Finfinnee

July 27, 2022
👍15