Dr.MEDICINE
1.47K subscribers
13 photos
3 links
🩺✨ Dr. Doc – Medicine Tutorials ✨🩺
Welcome to Dr. Doc, a simple guide to learning medicine and health science 📚💊
Download Telegram
Dubartootaf maaltu ka'a?
**
Akkuma yeroo saal-qunnamtii qaamni saalaa dhiiraa ka'uttti dubartoonninis qaamni saalaa isaanii/buqushaan jijjiirama akka dhiigni guutuu (Vasocongestion), kilitoorin dhaabbatuu, hulaan qaama saalaa adda bal'atuu faa agarsiifti. Keessi qaama saalaa dubartootaa yeroo ka'ee jirutti akka suuraa irratti agartan kana fakkaata.
Ulfaadhaa! Fayyaa dahaa!
❤2
Faayidaa Paappaayaa.
**
1.Furdina qaamaa hir'isuuf.
2. Nyaanni akka nuuf daakamuuf.
3. Finniisa balleessuuf.
4. Kaansarii nurra ittisa.
5. Dhibee sukkaaraa nurra ittisa.
6. Gogiinsa garaa balleessuuf.
7. Argaa ijaa dabaluuf.
8. Kolostiroolii hir'isuuf.
9. Dhukkubbii asmiif.
10. Dhukkubbii maashaatif.
11. Dhukkubbii ilkaaniitiif.
12. Dhukkubbii tiruuf.
13. Bareedina rifeensaatiif.
14. Madaan akka dafee fayyuuf.
15. Dhiibbaa dhiigaatiif.
16. Tiruu qulqulleessuuf.
17. Vaayrasii garagaraa nurraa balleessuuf.
18. Qaama keenya irraa parasayitii garagaraa balleessuuf.
19. Yaaddoo nurraa balleessuuf.
20. Vaayitaminoota garagaraatiin kan badhaadhe.
21. Dhukkubbii marsaa laguutiif.
22. Hirriiba gaarii akka rafnuuf.
23. Dandeettii qaamni keenya akka dhukkuba nurraa dandamatuuf.
24. Bokoka garaatiif.
25. Infeekshina ittisuuf.

Itti Fayyadamaa.

Fayyaan faaya.
Namni Tokko Gara Barii Walqunnamtii Saalaa Yoo Raawwate:
- Ulfaatina Kiilogiraama hedduu hirri'isa.
- Xiyyeeffannaa hojii guyyaa saniif qabu dhaba.
- Guyyaa san guutuu kaka'uumsa dhaba.
- Dhukkubbii maashaa fii dugdaatif saaxilamuu danda'a.
- Yaaddoo, gaddaafii miira of jibbuutu itti dhagayamaa oola.
- Carraa Infeekshinii Ujummoo Fincaanii fii dhukkubbii cidhaanitiif saaxilamuu ol kaasa.
* Walumaagalatti Walqunnamtii saalaa gara barii raawwatuun miidhaa qaamaa, miidhaa sammuu, miidhaa miiratii fii miidhaa hawaasummatiif nama saaxiluun jireenyarratti dhiibbaa fiduu danda'a.

Hub: Kun dhiirotarratti malee dubartootaf immoo faallaa kanaati.
👍2
Namoonni yeroo halkan rafan baay'ee kurruufan ykn qoqan yoo mallattoo armaan gadii ofirratti argan mana yaalaa deemuu qabu
🌱 yeroo rafee kurruufuu giddu gidduutti hafuurrii addaan ciccituusaa yoo namni biraa mirkaneesse.
🌱guyyaa guyyaa baay'ee rafa/rafti yoo tahe
🌱ganama yeroo hirribarra kahu/kaatu mataan ni dhukkuba yoo tahe/taate
🌱yeroo hirribarra kahan qoonqoon baay'ee dhukkuba yoo tahe/taate
🌱dhiibbaa dhiigaa olka'aa
🌱halkan yeroo rafan fe'amuu ykn hudhamuun yoo quunname
🌱halkan naannii laphee ykn qomaa dhukkuba yoo tahe
🌱hirriba boqonnaa hin qabne rafu yoo tahe
🌱qoquun ykn kurruufuun sun Namoota naannoo sanaa ykn waliin rafan yoo ni jeeqa tahe.
Fayyaa hin dhabinaa.
👍5
Faayidaa Qurunfudii (clove)…
====
Qurunfudiin gosoota mi’eessituu keessaa tokko ta’ee kan faayidaa hedduu qabuudha.

Hawaasni yeroo wal jaje illee Qurunfudii tiyya waliin jedhu.

Miidhagduu fi faayidaa qabeettii jechuu isaaniiti.

Qurunfudiin gosa qoricha uumamaa salphatti namni kamuu akka shaayiitti danfisee dhugu keessaa isa tokko dha.

Qurunfudiin qabiyyeewwan soorataa hedduu fayyaa namaaf bu'aa olaanaa qaban of keessaa qaba.

Qurunfudiin yeroo baay’ee mi’eessituuwwanii fi nyaata biroo waliin makamuun tajaajila.

Mi’eessituun kun dandeettii waa hubachuu namaa ol-kaasuu keessatti gahee guddaa qaba jedhu ogeeyyiin sirna nyaataa.

Shaayii, Aannaan, Bishaan, Loomii, Qarafaa, Zinjibila, Qullubbii adii fi kanneen biroo waliin danfee tajaajila kenna.

Keessumattuu dhukkuba dadhabbii onnee sirreessuun onnee jabeessuu fi dhukkubbii sammuun wal-qabatan fooyyessuun sammuuf humna dabaluu danda’a.

Akkasuma Qurunfudiin foolii afaanii gaarii fi fayyaa ilkaanii eegsisuu keessatti bu’aan isaa olaanaadha.

Dabalataan daakamuu nyaataa, dhukkuba garaachaa fi gogiinsa garaachaa hir'isuuf fayyada.

Akka ragaan Barruu ‘’Healthline’’ irraa argame mul’isutti

Qurunfudii (Clove) 100g:

▪Kaalsiyeemii: Miiliigiraama 632

▪Pirootiinii: Giraama 9

▪Soodiyaamii: Miiliigiraama 277

▪Mangaaniziin: Miiliigiraama 60.127.

• Kaaloorii 274

• Kaarbohayidireetii Giraama 66

•Faayibarii Giraama 34

Akkasuma Vaayitaaminoota K fi E dabalatee vaataaminoota hedduu of keessaa qaba.

Ganama osoo Ciree hin nyaatiin Qurunfudii Fal'aana tokko Aannan kubbaayya tokko wajjin torbanitti yeroo 2 -3 dhuguun dhibeewwan hedduurraa nama baraara jedhu Ogeeyyiin yaala fayyaa.

Qurunfudiin dhibeewwan hedduu namarraa ittisuuf oolus muraasni isaanii: dhibee tiruu, sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, hir’ina dhiigaa, Infeekshiini Qaama saalaa, fedhii nyaata dabaluufi Kaansarii ittisuuf oola.

Qurunfudii aannaniin dhuguun ammoo caalmaatti faayidaa hedduu qaba.
Namaa Wajjin Jiraachuuf Amaloota Torban Kana Qabaadhu:
••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
1: Naamusa Gaarii Qabaachuu
2: Shakkii Irraa Bilisa Tahuu
3: Rakkina uumuu Irraa Of Qusachuu
4: Hamilee Guddaa Qabaachuu
5: Obsa Amala Godhachuu
6: Dandeettii Gaarii Namaa Wajjin Walii Galuu Qabaachuu
7: Haalaa fi Amala Bareedaan Nama Simachuu

• Uuman akkuma Fuula Keenya adda adda godhee nu uumetti amala keenyaas garaa Gara godhee nu uume. Namaa Wajjiin jiraachuun kabajaa fi naamusaatu barbaachisa, akka ati feetu qofa osoo hin ta'in akki ati jibbituus uumama danda'a, uumamu akka malu tilmaamu yoo keessummeessun Dirqama.

• Yeroo namaa wajjiin jiraatu dirqaman amala kee humnaan Nama fudhachiisuu osoo hin taane amala nama biraatiis beekuuf tattaaffii godhi, yoo amalli isaa siin adda ta'e hin aarin, amala isaa kaaniis hubadhuuf.

• Kiyya qofaatu ta'a jedhani goggoguun hin barbaachisu, Yaada kee gurguruuf tattaffadhu Yoo Nama sirraa bituu dhabde ammoo yaada kee San fooyyeessuuf tattaafadhu malee maalif narraa fudhachuu diddan jettee hin aarin.

Barreeffama kana erga dubbistanii xumurtan boodaan waliif Share godhaa.
👍1
Faayidaa Dammaa keessaa kudhan (10)
**
1. Madaan qaamaa salphaatti akka fayyu taasisa
2. Keemikaalota antioxidant jedhaman qaama keenyaaf barbaachisan qaba
3. Dhiibbaa dhiigaa gadi buusa
4. Madda annisaa isa guddaadha
5. Sukkaarri damma keessaa kan biroo irra qaamaaf gaariidha
6. Fayyummaa onneef gahee guddaa qabata
7. Hirriba gaarii akka rafnu gargaara
8. Coomni qaama keessa akka hin baay'anne taasisa
9.Qufaan akka nurraa dhaabbatu taasisa
10. Namoota alerjii qabaniif gargaarsa guddaa godha.
👍2❤1
CINIINNAA/HIDDAMIINSA BOFAA/Snake Bite
▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼▼

Ciniinsuun bofaa bakka lamatti qoodama. Summaawoo/kan hadhaa qabu fi kan summii/hadhaa hin qabne.
bofti summaawoon gosa irratti hundaawun summii gara garaa qaba. Summiiwwan kunis

A. " Cytotoxins": kun dhiitoo uumuu fi Tishuuwwan burkuteessa

B. "Heamorrhagens": Ujummoo dhiigaa diiga.

C. "Anti-clotting agents: Dhiigni akka hin ititne/kantarre taasisa.

D. "Neurotoxins": Qaama ni laamshessa, niiwuroonoota ni miidha

E. "Myotoxins" : Maashaa caccabsa.


Mallattoolee

Mallattooleen gosa bofaa irratti hundaawuun garaagara.

bofti summii hin qabne dhiitoo fi diimina bakka hiddame sanatti qofa fida.

Warreen summaawoo garuu:

1.ciniinnaa(madaan) bakka lama jiraachuu/two puncture wound)

2.bakki ciniiname/hiddame dhiitaúu fi diimachuu

3.bakki ciniiname dhukkubuu
bofti hundi naman dhukkubsu.fkn bofti "coral" dhukkubii hin qabu. garuu nama ajjeesuu dandaha.

4.ija namaa dura dukkaneessuu

5.balaqqamuu/haqqisiisuu fi miirri hooqqisuu namatti dhagaaámu

6.qilleensa fudhachuu/hargansuu dadhabuu

7.gororuu fi dafquu

8.qaamni keenya nu hadooduu

9. Funuunuu fi qaamni dhiiga naqachuu

10. Kalee dadhabsiisuun fincaan dhabamuu.

11. Dhiitoo qaamaatii fi hafuura fudhachuu dadhabuu.

Gargaarsa hatattamaa godhamuufii qaban

1.Bakka ciniiname/hiddame sana dhiquu.

2.Namichi bofaan hiddame akka hin sochoone/deemne ittisuu, adeemuun hadhaan sun akka dafee/saffisaan qaama keenya deemee oonnee dhaqqabu taasisa.

3.Bakka hiddame hidhuu dhiisuu. Hidhuun dhiigni qaama ciniinamee gaditti akka hin dhaqne gochuun miila ykn harka sana ajjeesuu dandaha.

4.Bakka ciniiname sana onnee keenyaa gaditti gad qabuu(fknf harki yoo hiddame harka sana gad qabuu ykn onnee keenyaa olitti ol kaasuu dhiisuu

5.saátii inni itti hiddee fi halluu bofichaa adda baafachuu/suura kaafachuu malee boficha ajjeesuu fi qabuuf yaalii godhuu dhiisuu.

6.Qoricha/daawwaa kamiyyuu hamma ogeessa fayyaa ykn mana yaalaa gaútti kennuufii dhiisuu

7.Cabbii fi waan diilalla/qorraa bakka hiddamerra kaaúu dhiisuu

8.Bakka hiddame kutanii gatuu dhiisuu

9.Uffata qaama qabee/maxxanee(tight) taée jiruu fi faaya akka warqii,qubeelaa fi kkf dafanii irraa baasuu,yoo dhiita'e irraa baasuuf nama rakkisaa waan taéef

10. Xiqqoo Yoo dhiigeef gaarii waan taheef daqiiqaa tokkoof itti dhiisaa.

10.Nama bofi hidde sana hatattamaan mana yaalaan gaúudha.

Yoo bofa tokkoon ciniinamtee fayyite farra summii sanaa qaamni kee ni oomisha.garuu bofuma sanaaf malee bofa biraatiif si hin fayyadu. Kanaaf bofni tokko bofa biraa summii isaatiin kan ajjeesuuf.

Namichi "Bill Haast" jedhamu yeroo 173 bofa of ciniinsisee ture.kana keessaa 20 ol summii kan qabanidha.kanaanis farra summii bofa hedduu uummateera. Warreen bofaan iddaman baayyeef dhiiga isaa arjoomeera.

Bofti erga du'een boodas ykn erga qaamni biraa irraa citees mataan nama ciniinuu dandaha.kanaaf of eeggadhaa.

Bofti du'e garuu hin fayyu‼
❤1
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Please open Telegram to view this post
VIEW IN TELEGRAM
Happy World Radiology Day!

Today, we celebrate the remarkable contributions of radiology and the dedicated professionals behind it. To all radiologists, radiographers, radiology technologists, nurses, and everyone working in the radiology community at St. Paul's Hospital Millennium Medical College (SPHMMC) and beyond, thank you for your commitment, compassion, and tireless work. Your contribution often begins behind the scenes, but its impact reaches every patient and every corner of healthcare.
May we continue to advance the art and science of medical imaging, support one another, and remember that behind every image is a patient, a story, and a life that deserves our very best. Happy World Radiology Day to you all!

(The poster is based on and adapted from the World Federation of Radiology’s official campaign for the 2026 International Day of Radiology.)
https://t.me/docmedicinem