๐—•๐—”๐—ฅ๐—ก๐—ข๐—ข๐—ง๐—” ๐—๐—œ๐—ฅ๐—˜๐—˜๐—ก๐—ฌ๐—”๐—”
9.46K subscribers
205 photos
4 videos
35 files
518 links
Chaanaalii Kanaan Barnoota Mana Kiristaanaa Ortodoksi Tawaahidoo Itoophiyaatu Darba
=> https://t.me/DnKatee
Download Telegram
Forwarded from Quality Button Bot
Badhaasa kaardii 450 irratti hirmaadha!! ๐Ÿƒโ€โ™‚๐Ÿƒโ€โ™‚

Nama 20 dursee chaanalota armaan gadii join godhe qofaaf!! ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
KADHANNAA DUBBII ABBOOTAAN!=

โœ"Nama kadhannaa hin jaalanne yoo argite, waan gaariin tokkollee akka isa keessa hin jirre ni hubatta. Gara waaqayyootti hin kadhatu taanaan afuurummaan isaa du'eera...jireenyas hin qabu!" 
Q.Yohaannis Afaan Warqee

โœ"Namni kadhannaa salphisee ilaalu, gara gaabbiitti kan nama geessu karaa kadhannaa malee karaa biraan jira jedhee kan yaadu, Diyaabiloosiin moo'atameera"
Q.Maar-yisihaaq

โ•ญโ•โ•โ€ข|โ€โœž โœŸ โœžโ€|โ€ขโ•โ•โ•ฎ
โœฅโ”ˆโ”ˆโ€ขโ€ขโ—โ—‰ โœž โ—‰โ—โ€ขโ€ขโ”ˆโ€ขโ€ขโœฅ
BEEKUUN FAYYINAAF ๐ŸŒน
BARNOOTA JREENYAA ๐ŸŒน

โœฅโ”ˆโ”ˆโ€ขโ€ขโ—โ—‰ โœž โ—‰โ—โ€ขโ€ขโ”ˆโ€ขโ€ขโœฅ
โ•ฐโ•โ•โ€ข|โ€:โœž โœŸ โœžโ€|โ€ขโ•โ•โ•ฏ
Forwarded from Orthodox Free Promotion (F/taa Qananiisaa)
Faaruwwan, Barumsa Ayyaanaa, Walaloo, Diraamaa, Lallaba Guyyaa Ayyaanaa Hundi Qophaa'ee Isiniif Dhufeera Maarree Koottaa Baradhaan Ammoo Waamicha Keenyadha.

Hunda Isaa Argachuuf๐Ÿ‘‰ see more
Forwarded from Orthodox Free Promotion (F/taa Qananiisaa)
Araarsummaa Fi Ayyaanni Haadha Keenyaa Isinirras Nurras Haa Bulu Jechaa Kan Kanaa Gaditti Argamu Miidiyaawwan Tajaajila Afuuraa Sirnaaf Seera Isaa Eeganii Dabarsanidha.

Ammuma Join Gochuun Seenaa Baradhaa. Baraiisota Keenya Halkanii Fi Guyyaa Itti Dadhabanii Barreessaniifis Jajjabina Ta'aa.

Hunadhaa๐Ÿ‘‰ Barachuu Baattanis Join Gochuun Isin Hin Miidhu Ammuma Link Kanaa Gadii Tuqaa ๐Ÿ‘‡
Tajaajila Afuuraa Ortodoksii Tewaahidoo Itiyoophiyaa Hunda
Forwarded from Orthodox Free Promotion (F/taa Qananiisaa)
Ijoolleen Ortodoksii Hundi Chaanaalii Kanaa Gadii Join Gochuun Tajaajila Barbaaddan Hunda Argadhaa. Wanta Dhabdan Nu Gaafadhaa๐Ÿ‘‡

Walaloo:- PDF dhaan, Barreeffama Chaanaalii Keessaan, Ajajaaan.

Diraamaa:- " "

Barumsa:- Sagaleedhaan, Barreeffamaan, Pdf dhaan......

Fi kkf hundumaa as keessatti argattu. Kuni Gowwomsaa miti ilaaluun amanaa
๐Ÿ‘‡
Hunduma isaa bakka tokkotti
Maqaa abbaa kan ilmaa kan afuura Qulqulluu Waaqa tokkoo Ameen!
waa'ee arrabaa (dubbii afaanii ) macaafni qulqulluun maal jedha?

๐Ÿ’’Dubbiin garmalee dubbataamu akka billaa nama waraana, arrabni ogeessaa garuu ni fayyisa.
                            Fak. 12:18

๐Ÿ’’Arrabni dubbii nama suphu dubbatu muka jireenyaati; arrabni dubbii mimicciru garuu yaada nama cabsa.
                                     Fak. 15:4

๐Ÿ’’Namni afaan  isaa fi arraba isaa eeggatu, rakkinatti akka hin galleef of in eega.
                                      Fak. 21:23

๐Ÿ’’Namni ija wanti gaariin inni afaan isaa keessaa ba'uun in quufa, dubbii arrabni isaa dubbatuunis dharraa in ba'a. duunii fi jireenyi aboo arrabaa jala jiru....
                            Fak. 18:20-21

๐Ÿ’’Warqee fi eleellaan diimaa baay'inatti jiru, afaan dubbii beekumsaa dubbatu garuu akka dhagaa gati-jabeessaa isa baay'inaan hin argamneeti
                               Fak.20:15

๐Ÿ’’Dubbii ba'eessi akka nadhii dammaa namatti minyaa'a, lafee namaas ni cimsa
                             Fak.16:24

๐Ÿ’’arrabni ibidda lafas jal'ina hundumaan ni guuta...
                             Yaaq.3:5-8

๐Ÿ’’Namni nama amantii qabu of se'ee, arraba isaatti immoo luugama hin keenye, inni of sossoba malee amantiinsaa waa'ee hin baasuuf
                             Yaaq.1:26

๐Ÿ’’Arrabni dhugaa dubbatu bara baraan jabaatee dhaabata, arrabni soba dubbatu garuu yeroo gabaabaaf in jiraata.
                             Fak.12:19

๐Ÿ’’Dubbii gargaaru, yeroo barbaachisutti kan cimsu, warra dhaga'uufis ayyaana kan kennu malee, dubbiin hamaan afaan keessan keessaa hin ba'in.
                           Efe. 4:29

๐Ÿ’’Dubbii kee hundumaan siif in faradama, dubbii kee hundumaanis sitti in faradama..
                               mat.12:37.

Galanni Waaqayyoof yaa ta'u๐Ÿ™
โค7
+BARSIISA MANA KIRISTAANA ORTODOKSI TEWAAHIDOO

Dubbii Amantaa: amantaa jechuun jecha afaan Gi'iizii "แŠ แˆแА แฅ แŠ แˆ˜แА" jedhu irraa kan dhufe yoo ta'u hiikni isaa akka galmee jechootatti amanuu, amanamuu jechuudha.Iccitiin amantaa inni dhokataan uumaan uumamtoota gara hin jirre irraa gara jireenyatti fide Waaqayyo akka jiru uumamtoota mul'atanii fi hin mul'anne hunda argamsiisaa fi sooraan isa qofa akka ta'e, sadummaa addaa akka qabu, as jira ykn hin jiru kan hin jedhamneef bakka hundatti guutuu ta'uu isaa amanuu fi isaafis amanamuu jechuudha.
Amanuu jechuun naaf ta'a, naaf raawwatama jedhanii fudhachuu, Waaqayyoof wanti hin danda'amne hin jiru jedhanii abdii taasifachuu, shakkuu dhiisuu jechuu yoo ta'u, amanamuu jechuun ammoo waan amanan sana afaaniin ragaa bahuu fi jireenya raawwiin argisiisuu jechuudha.
Qulqulluun Phaawulos " kunis kan nuti lallabnu dubbii amantiiti.Iyyasuus Kiristoos gooftaa akka ta'e afaaniin yoo dhugaa baate waaqayyos du'aa akka isa kaase laphee keetti yoo amante ni fayyita. Namni lapheetti fudhate ni qulqullaa'a, afaaniin dubbatee ni fayya "jedhee barsiisera Rom.10:8-10
Itti dabaluun" kennaan Waaqayyoo akka naaf kennametti akka dursaa ogeessa mukaa tokkootti bu'uura nan bu'uuresse. Kan biraa karaa adda ta'een ni ijaara "jechuudhaan hunda dursa amantaan akka barbaachisu nu hubachiisa.
1Qor. 3:10-12

Qulqulluun Yohaannis Afaan Warqee, ergaa qulqulluun Phaawulos Ibrootaaf erge hiike geessisa 9 irratti "amantaan bu'uura,kanneen hafan garuu keenyaa fi baaxiidha" jechuudhaan hojii gaarummaa fi arjummaa hojjachuun dura amantaan akka dursu nu barsiisera Lak.80-82

แต‡แตƒสณโฟแต’แต’แต—แตƒ สฒโฑสณแต‰แต‰โฟสธแตƒแตƒ แถ แต˜หกแต‡แตƒแตƒโฟแตƒ ยนยณ ยฒโฐยนโน
Galanni Waaqayyoof yaa ta'u!!!
โค3
Aduu Aduu Dukkaneesse

Yeroo gooftaan keenya roomaanotaan qabamee, kuniyyuu isaanitti hanqatee inni karaa beekuun qaanii qul'aa ta'uu isaa erga baree Addaamitti dhagahameef beenyaa kaffaluuf jedhee qul'aa dhaabbate sanatti: ayihuudonni qoosaafi kolfaaf of qopheessanii turan. haa ta'uyyu malee uumamtoonni biroo ayihuudotaaf carraa kana hin laanne. Yeroo sana abidda humnaa fi ifa guddaa qabuun guutamte kan uumamte haati ifaa aduun tasa dukkanoofte.
Addeessi(baatinis) dhiiga fakkaatte. Urjiileeniis ni harca'ani. "Maqaa koo warra sodataniif aduun_dhugaa ni baatiif. koochoo ishee keessaas fayyinni ni ta'aaf" jedhamee kan barreeffame Aduun_dhugaa_Kiristoos_Iyyasuus harka isaa fannoo irra diriirsee yeroo bobaa isaa jalaa fayyina addunyaa fi bilisummaa labsuu eegaletti: biiftuun fuulduraa isaafi isa irratti ifuuf humna dhabde. ni dukkanoofte. Milk.4:2 Q. Efreemis "Aduun dhugaa isa fannoo irratti harka diriirse,koochoo isaa jalaayis ifti fayyinaa kan nuuf baheedha. innis Kiristoosiidha." jedheera hiikoo galata Maariyamii guyyaa jimaataa irratti.
โžก Sababa naanna'uu isheen gaddidduun biiftuu irra oolee yeroo muraasaaf dukkaneessu isa bira hin jiru,bara baraaf ifa. Inni fannifamnaan aduun ifa kennuu irraa of qusatte. Dhugumattis akkamitti ifa isarraa argatteen isarratti iftiree?

โžกAduun fuula ishee golgatte. Qul'aa uumaashee dhoksuuf jaallatte. Isa wajjiin du'uuf dukkanoofte. Sa'aatii sadi booda garuu deebitee ifte. Ayihuudonni hubachuu kan dadhaban guyyaa_sadi booda du'aa akka ka'u nutti himte. Aduu,Addeessii fi Urjiileen qul'aa uumaafi Waaqa isaanii dhoksuudhaan: Seem fi Yaafeet ijoollee qul'aa abbaa isaanii Nooh dhoksan hin fakkaanneeree?
Um.9รท21-23

โžก Yaa Waaqayyo nuunis kabaja kee akka mul'isnu,rakkina,gidiraaf dhiphina mana Kiristiyaanaa kee akka haguugnutti Ifummaa kee laphee keenyatti baay'isi.
   Kiraayyee Illeyyisoon!
       Bsa Damee Isheetuu (Dn)
            Fuulabaana 13, 2019 B.A
โค3
Forwarded from 1137439312:AAGumjHJ7pzA6vrrfVMlKoqTUsCs59GySrg
โœ…Data Tola Fayyadama hin jirtaan tanan amumma Bakka Start jedhuu tuqa fayyadama ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
Forwarded from Quality Button Bot
Badhaasa kaardii 450 irratti hirmaadha!! ๐Ÿƒโ€โ™‚๐Ÿƒโ€โ™‚

Nama 20 dursee chaanalota armaan gadii join godhe qofaaf!! ๐Ÿ‘‡๐Ÿ‘‡
โค3
Daamaraan_Maaliif_Gubamaโ“
‎๐Ÿ”ฅโŠฑโ•โ•เผปโœžเผบโ•โ•โŠฐ๐Ÿ”ฅ
‎Duraan dursa Sheer(share) gochuun Waa'een fannoo gowwummaa warra itti fakkaatuuf qaqqabsiisa!๐Ÿ™
‎
‎Akka seera mana Amantaa Ortodoksiitti Fulbaana 16 Daamaraan nii gubama!
‎
‎Damaraa jechuun afaan Gi'iizii gaafa ta'u walitti qabuu , ykn walitti sassaabuu jechuu yoo ta'u, maalif akka bobeeffamu ammoo akka armaan gadiitti ilaalla!
‎
‎โžฆ Fannoon kakuu moofaa keessatti warra cubbuu hojjetantu irratti fannifamaa ture sababa kanaa fannoo irratti kan fannifame hunduu abaaramaa dha jedhamee S_Ke.de_21_23 irratti barreeffamee jira Kiristoos ammoo Abaarsa keenya baatee fannoo gubbaa irratti fannifame Abaarsa irraa nu baraare!
‎
‎โ˜› Akkuman isiniif kaase fannoon kakuu Moofaa keessatti kan namni irratti ajjeefamu ture kakuu Haaraa keessatti garuu kan namoonni ittiin fayyanu humni waaqayyoo kan irra jiruu dha!
‎
‎Kiristoos cubbuu keenya baatee fannoo gubbaa irratti Erga du'ee du'a moo'ee ka'ee gara samiitti Ol bahee booda Fannoon Kiristoos Ajaa'iboota gurguddoo raawwachaa ture. Du'aa kaasaa ture. Jaamaa Ibsaa ture. Gooboo Qajeelchaa ture.
‎
‎โ˜› Ayihudoonni ajaa'iba fannoo kanaa argan garuu kanaan dura Namichi nuti fannoo gubbaa irratti ajjeesne sun fannoon isaa ajaa'iboota heedduu raawwachaa jira Uummanni Kana argaa jiran ammoo Fayyisummaa fannootti Amananii Kiristaana ta'aa jiru kanaaf furmaata kaa'uu qabna jedhanii inaaffaa dhaan mari'atan!
‎
‎Sana booda Fannoo_Kiristoos qotanii awwaalani erga awwaalanii boodas namoonni biyya sanaa kosii akka itti gatan taasisan, wanti nama dhibu ammoo fannoon Kiristoos Bakki isaa akka hin beekamneef Gaara lama gidduutti Awwaaluu jaraati
‎
‎โ˜› Waggoota 300 Booda jechuunis Bara 327 jaalalli fannoo kiristoos Laphee ishee kan cabse Mootittiin Illeenii jedhamtu Eyyama waaqayyootiin nii kaate
‎Abbaan Warraa ishee Ahizaabota keessaa kan ta'e maqaan isaa Qunisxiyaa jedhamaa ture innis yeroon du'uu isaa gaafa gahu Mootummaa isaa ilma isaa Qosxenxinoos jedhamuuf laatee du'e
‎
‎Mootittiin Hilleenis Fannoo Kiristoos barbaaduuf Waadaa waan qabduuf Fannoo kana barbaaddee Argachuuf Mucaan ishee Mootii ta'uun haala mijataa isheef ta'e.
‎
‎โ˜› Yeroo sana Qosxanxinoos Mootii Maksimiyaanoos jedhamu waliin lola irra ture osoo Lola irra jiruu samii irraa ifni mallattoo fannoo fakkaate itti mul'ate "kanaa booda mallattoo kanaan diina kee in moota'' sagalee jedhu samii irraa dhagahe
‎Daawit faaruu isaa
Far_60_4 irratti Xiyya_duraa_akka_miliqaniif_warra_si_jaallataniif_mallattoo_laattteef akkuma jedhe
‎
‎โ˜› Qosxanxinoos yeroodhuma sana Fardeen isaatiif Loltoota isaa Akkasumas meeshaalee waraanaa isaa irratti mallattoo fannoo kaasisee Waraanatti yemmuu galu diinota isaa guutummaa guutuutti barbadeessee deebi'e Yeroo sanaa Eegalee amantii kiristaanaa amanee fudhate.maqaan haadha mootii kanaa Qulqulleetti Illeen jedhamti,bara dulluma ishee Waaqayyo akka gara Israa'eel deemtee fannoo gooftaa isa gataa kosii jala awwaalame baastu raajiidhaan itti hime gaafa deemtu garuu bakka inni awwaalame beekuu hin dandeenye.
‎
‎โ˜› Turtii ishee qulqulluu Yaareed kitaaba Duggaa irratti akkasitti barreesseera "Giiftitti Illeeniin fannicha barbaacha nagaan deemte Ibroota keessaas amantoota argatte bakkee gooftaan fannifame eessa jette gaafatte isaanis Qaraaniyoo jedhaniin"
‎
‎โ˜› Namoota gaafatte keessa namoonni KIRAAKOOS fi AMIINOOSIN jedhaman turan.isheenis Amiinoosi fi Kiraakoos Yihuudoonni goofta eessatti akka fannisan natti himaa jetten Kiraakos akkas jedheen; barri isaa dheeraa waan ta'eef akka hin beekne hime garuu bakki isaa Qaraaniyoo ta'uu isaa akka abbaan isaa itti hime ture isheetti hime."Abbaa Maqaars kan jedhaman phaaphaasiin Iyyerusaalem bakki fannoon itti awwaalame sun gaara Qaraaniyoo sana irra ta'ee bakka olka'aa akka ta'e itti himan. garuu sana irra iddoon olka'aan hedduutu jiru turan.Ammas fannoon sun argamuu hin dandeenye.
โค5
‎
‎โ˜› Mootittiin Hilleenis"yoo fannoon kun hin argamne uffata Mootummaa koo kana hin uffadhu" jettee sagalee guddaadhaan Waaqayyotti boosse.
‎Subaa'ee galuunis kadhaa jalqabde.osoo kana irra jirtu ergamaan waaqayyoo" Damaraa dammarii ixaana itti dabalii gubi aarri ixaanichaas bakka fannoo sanaa sitti agarsiisa"jedhee itti hime isheenis FULBAANA 16 damaraa hojjechiistee ixaanni itti dabalamee ibiddi itti qabsiifame Aarri ixaanichaa samitti ol bahee gad yommuu deebi'u bakka fannoo sanaatti akeeke Qulqulluu Yaareed"ixaanichi iddoo fannoon jirutti akeeke aarri isaas fannichaaf sagadee"jedhee barreessera.
‎
‎โ˜› Yeroodhuma kana fannicha baasuuf qotuun jalqabame. ji'a jaha booda akkuma kitaaba sinkisaaraa irratti himame Bitootessa 10 fannoon namootni lamaan bitaa fi mirga gooftaa keenyaa fannifamanii fi kan goofta keenyaa argamani walumaa galatti Fannoo sadii jechuudha.
‎
‎โ˜› Fannoon gooftaa keenyaa du'aa irra gaafa ka'an du'aa kaase Dhukkubsataa irra gaafa ka'an dhukkubsataa fayyise raajii hojjachuun adda baheera gonfoon qoraatti gooftaaf godhames waliin awwaalamee ture mismaaronni inni ittiin rukutames wajjuman arganiiru jedha akka Sinkisaara irratti barreefametti. Giifti Illeeniinis gammaddee gaara Qaraaniyoo irratti mana Kiristaana hojjechiiste manni amantichaas Fulbaana 16 eebbifamee Fulbaana 17 tti sirni qulqulleessa keessaatti rawwate.Kaanaf manni amantaa keenya Fulbaana 16 DAMARAA Jettee Kabajji bitootessa 10 immoo guyyaa fannoon kun itti bahee wan ta'eef kanas ni yaadatti!
‎Akkuma fannoon Kiristoos Waggoota heedduu booda Boolla keessa ba'e, Warri dhugaan keessan isin jalaa dhokate waaqayyo dhugaa keessan isiniif haa baasu.

‎Waaqayyo Uumaa keenyaaf galanni yaa ta'u!!!
‎
‎โ–“โ–“โ–“โ–“โ–“โ–“โ–“โ–“โ–“โ–“โ–“โ–“โ–“โ–“โ–“โ–“โ–“โ–“


‎โ•”โ•โ•โ•เผบเผป เผบเผปโ•โ•โ•โ•—
โœ๏ธ DAAMARAA 2019 โœ๏ธ
‎โ•šโ•โ•โ•เผบเผป เผบเผปโ•โ•โ•โ•
‎ Fulbaana 15 - 2019
โค7
๐—•๐—”๐—ฅ๐—ก๐—ข๐—ข๐—ง๐—” ๐—๐—œ๐—ฅ๐—˜๐—˜๐—ก๐—ฌ๐—”๐—” pinned ยซDaamaraan_Maaliif_Gubamaโ“ ‎๐Ÿ”ฅโŠฑโ•โ•เผปโœžเผบโ•โ•โŠฐ๐Ÿ”ฅ ‎Duraan dursa Sheer(share) gochuun Waa'een fannoo gowwummaa warra itti fakkaatuuf qaqqabsiisa!๐Ÿ™ ‎ ‎Akka seera mana Amantaa Ortodoksiitti Fulbaana 16 Daamaraan nii gubama! ‎ ‎Damaraa jechuun afaan Gi'iizii gaafa ta'uโ€ฆยป
Baga Ayyaana Fannoo Geessan!

โ€œLola Fannoo Isaatiin Ajjeese.โ€
Efe. 2:16

โ€œDhiiga Fannichaatiin Nagaa Buuse.โ€ Qol.1:20

โ€œ Jechi Fannoo Warra Badaniif Gowwummaa, Nuโ€™i Warra Fayyinuuf Garuu Humna Waaqayyootihoo.โ€ 1Qor. 1:18

Fannoon Mooโ€™aa Diina Keenyati!
Fannoon Nagaa Keenya!
Fannoon Fayyina Keenya!
Fannoon Humna Keenya!
Fannoon Furaa Lubbuu Keenyati!

Baga Jala Bultii Yaadannoo Ayyaana Argamuu Fannoo Gooftaa Bara Araaraa 2019 Geenye!

Ayyaana Damaraa Gaarii!
โค5
Ayyanaa Fannoo

Addaami fi Hewaan abboommii Waaqayyoo cabsuudhan ija firii mukaa erga nyaatanii booda sanyiin ilma namaa hundi du'a foonii fi du'a lubbuun qabamanii waggoota 5500 mana hidhaa keessa jiraachaa turan.
Waadaa Waaqayyo ilma namaa fayyisuuf galeen waggoota 5500 booda gooftaan keenya Iyyasuus Kiristoos nama ta'ee lafa kanarratti Dubroo Maariyaam irraa fooniin dhalate. Dhalatees akkuma ilma namaatti guddatee, cuuphamee namoota karaa fayyinaa barsiisee dhuma irratti jaalala isaa hanga du'aatti ibsuun muka Fannoo irratti fannifame.
Fannoo irrattis foon isaa kutame dhiigni isaa dhangala'ee namootaf jireenya bara baraa kenne.
Fannoo irratti fannifamuu isaatiinis waggoota 5500 ibidda keessatti gubachaa kan turan lubbuun namootaa walabummaa argatte. Du'as fannoo isaatiin ajjeese. Efe. 2:16
Ergasii fannoon mallattoo Seexana ittiin moo'annu, mallattoo du'a ittiin injifannu humna keenya nuuf ta'e.
Kanaaf Kiristaanotaaf fannoon mallattoo walabummaa keenyaati.
"Waa'ee fannoo Kiristoos dubbachuun warra karaa badiinsaa irra jiraniif gowwummaadha, nuyi warra karaa fayyinaa irra jirruuf garuu inni humna Waaqayyooti." 1Qor. 1:18

Fannoo Jechuun Hiika "wal qaxxaamuruu wantoota lamaa agarsiisa." Kunis akka boca ilma namaa kan qabuudha.
Namni harka isaa diriirsee yoo dhaabbate mallattoo fannoo qaba.
Kakuu moofaa keessatti namoota cubbuu hojjatantu irratti fannifamaa ture. Ke.De. Boq 21-23
Fakkeenyummaan fannoo kakuu moofaa keessatti baay'eedha.
Yaa'iqoob Efreemii fi Minaasee yemmuu eebbisu harka isaa fakkeenya fannootin wal jala dabarsee eebbisee ture. Um. 48:13
Har'as kanaaf luboonni fannoodhan nu eebbisu.

Fulbaana 16/01/2019
โค1