Hubachiisa:
โ Kanaan dura dhimmoota falmisiisoo lakkoofsaan sadii ta'an irratti walitti deebina jechuun waadaa seennee osoo walitti hin deebi'in kan hafne ta'uun keenya ni yaadatama. Haa ta'u malee, dhimmoonni irratti waadaa seenne dhimmoota jajjaboo bilchinaan ilaalamuu qaban (seera gadi fageenyaan ilaaluufi dhimmoota qabatamoo rogummaa qaban sakatta'uu waan gaafatuuf) waan ta'eef, kan lafarra harkisne ta'uu isin hubachiisuu feena. Kanas ta'ee, dhimmoota ibsinee turre irratti yaada dhuunfaa keenya iftoominaan ibsuun waan hin hafneef obsaan akka nu eegdan abdii qabna. Obsa keessaniif galatoomaa!๐๐
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
๐12โค1
Waa'ee 'Justiciability'
===โโโ=====โโโโโ========โโโฯ
โ Kanaan dura chaanaalii telegiraamii kana irratti waa'ee 'Justiciability' fi 'Jurisdiction' kaasnee turre. Jechi 'Justiciability' jedhu kun dhimmoota uumama isaaniitiin murtii mana murtiitiin furmaata argachuu danda'an ykn murtii kennuuf mana murtiitiif mijataa ta'an ilaallata. Dhimmi tokko mana murtiitiin keessa deebiidhaan ilaalamuufis dhimmichi 'justiciable' ta'uu qaba. Kanneen hin mijanne 'non-justiciable' jedhamu.
Dhimmoonni sababa maaliif dhimma mana murtiitiin furmaata hin arganne (Non-justiciable) taasifamuu?
๐Dhimma imaammataa Ol'aanaafi Mana Maree bakka bu'oota uummataa gidduu lixuu irraa of qusachuuf;
๐Manneen murtii dhimmicha irratti beekumsa gahaa bu'a qabeessa taasisuun waan hin qabneef;
๐Dhimmichi safartuu qabatamaatti adda bahee beekamu waan hin qabneef;
๐Dhimma ariifachiisaa irratti qaama raawwachiistuu amanuun barbaachisaa waan ta'eef;
๐Furmaatonni biroon waan jiraniif;
๐Bu'a qabeessummaan hojii mootummaa akka hin danqamneefidha.
โ Haala kanaan, dhimmoonni sababa uumama isaaniitiin adeemsa hojii mana murtiitiif mijataa hin taane, kanneen qaamolee biroodhaaf addatti kennaman dhimmoota murtii mana murtiitiin furmaata argatan hin ta'an. Fakkeenyaaf, dhimmoota kanneen akka waliigalteewwan idla addunyaa mallatteessuu, ittisa, dhiifama (baraara) taasisuu, kennaa kabajaa kennuu, mana Maree bakka bu'oota uummataa diiguufi ministeerotaa muuduu dabalachuu danda'a.
โ Akka waliigalaatti, jechichi qajeeltoo aangoo abbaa seerummaa daangessudha jechuun ni danda'ama.
๐๏ธDarbee darbee qabatamaatti, mirgoota tokko tokko 'non-justiciable' taasisuunifi aangoo dhimmoota tokko ilaaluu qaamolee biroodhaaf kennuu (qaamolee mana murtii idileetiin ala jiran) akka waan tokko ta'eetti ilaaluun ni jira.
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dhaddacha gaafa 16/09/2003 ooleen Lakk.Ga.51790 (Jildii 12) irratti kenne keessatti:
๐"แจแแญ แฅแแฐ แฐแแแธแ แ แแต แแณแญ แ แแญแต แแซแแ แจแแฝแแ แณแแแต แจแฐแ แจแแ แต แแณแญ แ แแ แแแ แ แซแ แซแแฐแฐแ แแณแญ แ แแแแ แต แแ แฅแแฐแแ แแ" jedheera.
๐Kunis kan agarsiisu, akka hubannoo dhaddacha Ijibbaataatti dhimmi tokko qaama aangoo abbaa seerummaa qabu kan biroodhaan akka ilaalamu taasisuun dhimmicha 'non-justiciable' kan taasisu ta'uudha.
โ Haa ta'u malee, Heerri Mootummaa RFDI kwt 37fi 78(4) jalatti, manneen murtii idileetiin ala kanneen aangoo abbaa seerummaa qabaniifi adeemsa seeraan diriire hordofuun murteessuu danda'an akka jiran ibsameera. Bu'uura kanaan, dhimmi tokko sababa qaama biroo aangoo abbaa seerummaa qabuun akka ilaalamu taasifameef dhimmichi 'non-justiciable' hin jedhamu jechuudha.
๐Fakkeenyaaf, Labsiin Hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Labsiin lakk.215/2011 kwt 81 jalatti qaama falmiiwwan hojjettoota mootummaatiin dhiyaatan ilaaluu danda'u, "Mana Murtii Bulchiinsaa" kan jedhamu hundeesseera. Kana jechuun, dhimmoonni Mana Murtii Bulchiinsaa kanatti dhiyaatan 'non-justiciable' ta'an jechuu miti. Ani akkasittan hubadha, isin hoo??
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
โค13๐3
"Justice delayed is justice denied" V. "Justice rushed is justice crushed"
====ยฐยฐยฐ======ยฐยฐยฐยฐยฐยฐ=======ยฐยฐยฐยฐยฐยฐ==
แแญแต แฅแแดแตแ แแผ แญแฐแฃแ?
"Justice delayed is justice denied" โแจแแแจ แแตแ แฅแแฐแฐแแแ แแตแ แญแแ แซแโ:: แญแ แฅแ แต แ แ แญแญ แแ แจแแแแจแ แแญแต แณแญแแแญ แ แฐแแ แ แแแณแ แแ แแตแ แต แฅแแฐแแแฃแ แตแแแแต แจแฐแฐแจแฐแ แตแ แ แฅแ แต แแแญ แฅแตแจแแแแญแ แจแฐแจแฐ แแณแฅ แแแแ แแแกแก
แญแแแ แ แฐแแซแแ แฐแแ "Justice rushed is justice crushed" แจแฐแปแฎแ แแตแ แฅแแฐแฐแฐแ แจ แแตแ แญแแ แซแ" แจแแ แ แฃแฃแแ แ แแกแก แฅแแแ แแญแแแฝ แจแแซแตแจแฅแกแต แแ แจแณแ แแ แแแญ แแตแ แแญแ แแญแต แณแญแแแญ แ แฐแแ แ แแฐแต แแตแ แต แฅแแฐแแแฃแ
๐ แญแแแแ แ แแฅแแต แฅแ แฐแแ แจแญแญแญแฉแ แแฐแต แณแญแ แแแ แ แแณแฉ แแแญแต แณแญแ แตแ แแญแ แฅแ แแณแฎแฝ แแแแแตแ แแแแฐแ แฐแฅแ แแตแ แแตแแแต แแ แ แฝแฎแ แแฐแ แต แฅแแฐแแแ แตแ แจแแแฃแ แ แแดแ แฅแแฐแแ แญแ แแแกแก
๐๏ธแจแฐแแ แ แแตแ แแตแ แตแ แ แแแแแจแตแ แต แแ แแคแณแแแตแแ แ แแฅแแแ (Effectiveness and Efficieny) แ แฅแฎ แแตแฌแต แจแแ แญแ แตแซ แแแก::แจแแญแตแ แ แฐแฃแฅ แแแณแ แแ แจแแแตแแต แฅแ แแแฎแฝ แแซแจแ แจแญแญแญแญ แ แ แซแขแแน แญแญแญแญ แ แแซแจแฅแ แจแณแแฝ แฅแแแตแ แญแ แแต แแแแ แตแญแป แจแแแตแฑ แแธแแกแก แแแแแแ แจแแญแต แแ แแ แจแฑ แ แแต แ แคแฑแณ แ แ แซแข แจแแซแแญแ แ แ แคแฑแณ แแ แจแ แคแฑแณแ แแ แจแฅ แจแญแญแญแฉ แแแป แฒแแ แ แแจแ แ แ แคแฑแณ แฐแจแซแซแช แแแ แซแ แฐแ แญแถ แญแญแญแฉแ แซแแญแฃแ แ/แคแต แ แฅแ แฅแญแแต แแ แแ แจแต แฅแแฐแ แแฃแฅแแฑ แ แจแซแญแฎ แ แแจแจแป แแแณแฉ แฅแแฃแต แจแแฐแ แ แแญแต แ แแตแ แต แแแกแก
(Moojula Inistitiyuutiin Leenjii Seeraa Federaalaa Afaan Amaaraatiin Leenjifamtoota leenjii Hojiin duraa yeroo dheeraatiif qopheesse keessaa kan fudhatame)
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
โค11
Namni Bakka Bu'ummaadhaan Himannaa Sivilii Mana Murtiitti Dhiyeessu Kakachuuf Dirqama Qabamoo Hin Qabu? Kakuun Kun Abbaa Alangaa (Dhimma Yakkaa irratti) Ni Ilaallataa?
====โโโ====โโโโโ======โโโโโโ
Bu'uura Qajeelfama Sirna Dhaddachaa Manneen Murtii Oromiyaa, Lakk.23/2018 kwt 10(6)tiin:
๐Namni Mana Murtiitti himannoo dhiyeeffatu kamiyyuu bu'uura Qajeelfama kanaatiin kakachuu qaba. Himannoon dhiyeeffate kan irraa fuudhamus sirna kakuu erga raawwateen booda ta'uu tumeera.
๐Qajeelfamichi kwt 11(1) jalatti immoo dhimma yakkaa irraa kan hafe, namni bu'uura seera rogummaa qabuutiin himannoo dhiyeeffatu akkaataa miiltoo qajeelfamichaan walqabatee jiruutiin ofiisara seeraa duratti dursee kakuu raawwachuu kan qabu ta'uu tumeera.
Haala kanaan, qajeelfamichi:
โ Abbaan Alangaa dhimma yakkaa ilaalchisee kan hin kakanne ta'uu;
โ "Namni kamiyyuu" waan jedhuuf namni bakka bu'ummaadhaan himannaa dhiyeesses kakachuuf kan dirqamu ta'uu agarsiisa jechuudha.
โโBakka bu'aan ykn abukaatoon ykn qaamni bakka bu'ummaadhaan himannaa Sivilii dhiyeessu kamiyyuu akka kakatuuf kan dirqisiifame firii dubbii maamilli kaase dhugaa ta'uu ofiifis ni beeku jedhamaniitimoo kakaanis bakka bu'ummaadhaan raawwatama jechuudhaa? Tarii, qajeelfamni kun bakka bu'oonni gaafa maamila irraa dhimma fuudhan firiiwwan dubbii himannaa keessatti eeraman dhugaa yoo hin taane itti gaafatamummaan maamilatti kan dhufu ta'uu maamila isaanitti dursanii himanii (sobni waan babal'ateef) bakka bu'ummaadhaan akka kakatan taasisuu barbaadee? Mee isin akkamitti hubattan?
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
โค15
Why Didnt They Teach Me This in Schoo... (Z-Library).pdf
1.7 MB
Why Didn't They Teach Me This In School? 99 Personal money management principles to live by: By Cary Siegel
(Credit to Hassan Sas Bangura Blog)
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
โค1
Forwarded from Nuraddin Sham - FHS
DARBIINSA YEROO WALIIGALTEE BITTAAFI GURGURTAA LAFAA.pdf
557.7 KB
Share DARBIINSA YEROO WALIIGALTEE BITTAAFI GURGURTAA LAFAA.pdf
Namni Bu'uura Sdfs kwt 421tiin Qabeenyi Kabachiifame Kiyya Ta'uun Mirkanaa'ee Akka Naaf Labsamu Jechuun Himannaa Haarayaa Dhiyeessu Adeemsi Raawwii Qabeenyicha Irratti Eegalame Akka Naaf Dhorkamu (Yeroof Akka Dhaabbatu) Jechuun Gaafachuu Ni Danda'aa?
^^^^โโโ^^^^^^โโโโโ^^^^^^^^โโโโโโโโ
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dhaddacha gaafa 15/04/2013 ooleen Lakk.Ga.184585 (Jildii 27ffaa) irratti sagalee caalmaatiin kenne keessatti:
๐Himannaa bu'uura sdfs kwt 421tiin dhiyaate irratti hanga murtiin kennamutti, murtiin iyyannoo akkaataa sdfs kwt 418tiin dhiyaate kufaa taasisuun kennamu ragga'ee kan turu ta'uun keewwaticha jalatti tumamee kan jiru ta'ullee, hanga murtiin qabeenya raawwiif kabajame irratti kennamutti galmee raawwii irratti murtiin ykn ajajni kennamu bu'aa falmii adeemsarra jiruu kan miidhu ta'uun isaa yoo mirkanaa'e, himannaan qabeenyicha ilaalchisee dhiyaate hanga xumura argatutti qabeenyicha ilaalchisee ajajni raawwii kennamu ykn kenname yeroodhaaf dhorkamee akka turu sababni hin taasifamneef hin jiru jedheera.
๐Kana malees, falmii adeemsarra jiru murteessuun kan danda'amu erga falmiin galmee biroo irratti adeemsifamaa jiru furmaata argatee booda ta'uun isaa yoo hubatame, manni murtichaa galmee harka isaa jiru beellamaan tursiisuu akka danda'u sdfs kwt 197(2) jalatti ibsameera.
๐Kaayyoon tumaa kanaa dhimma tokko irratti murtiiwwan addaa addaa ykn walfaallessan akka hin kennamne ykn murtii (ajajni) galmee tokko irratti kennamu falmii galmee biroo irratti adeemsifamu gatii akka hin dhabsiisne taasisuun qajeeltoowwan haqa adeemsaa, walfakkaattummaafi tilmaamamummaa mirkaneessuuf akka ta'e ni amanama jedheera.
๐Tumaan kun irra keessa wayita ilaalamu dhimma raawwii kan hin ilaallanne fakkaatullee sababa itti adeemsa raawwii irratti hojiirra hin oolleef hin qabu jedhaniiru.
โ Gama birootiin, abbaan seeraa sagalee caalmaa irraa yaadaan adda bahe: kaayyoon sdfs kwt 418fi 421 namni mirga hin qabne raawwii irratti danqaa akka hin taane ittisuufi namni mirga qabus carraa mirga qabeenyaa isaa kabachiifachuu akka hin dhabne taasisuudha.
โ Sdfs Keewwatni 197(2) dhimma raawwiifiif rogummaa hin qabu.
โ Kwt 421 jalatti hanga murtiin kennamutti ajajni bu'uura kwt 418tiin kenname ragga'ee tura kan jedhus himannaan dhiyaachuun adeemsa raawwii akka addaan hin kuchisiisne agarsiisa.
โ Garee 3ffaan mirga isaanii kabachiifachuuf himannaa dhiyeessan yoo mo'atan mirga qabeenyicha hordofuu waan qabaniif, nama adeemsa raawwiitiin bitate irraas deebisiifachuu ni danda'u jedheera. (Haalli kun akkaataa sdfs kwt 423(2)(e)tiin beeksisa caalbaasii keessatti waan ibsamuuf) Mee isin amansiisummaa murtii sagalee caalmaafi yaada addaa akkamitti ilaaltuโ
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
โค17๐7๐2๐ฅฐ1
Vacancy for lawyers ....Via Ethio Jobs Hub
๐Deadline-Jan 2/2026
Good luck!
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
๏ปฟ
โค10
Bakka Bu'aan Tokko Sababa Maallaqni (Baasiin) Ani Baase Naaf Hin Kaffalamne Jedhuun Konkolaataa Bakka Bu'ummaadhaan Bite Bakka Buusaa Harkaan Gahuu Yoo Dide, Yakka Amantaa Hir'isuu Raawwateera Jedhamee Adabamuu Ni Danda'aa? Gama Kanaan, Manni Maree Federeeshinii FDRI Maal Jedhee?
===โโโ===โโโโ======โโ โ
โ Dhimma yakka amantaa hir'isuu Seera Yakkaa kwt 676n walqabatu ilaalchisee Manni Maree Federeeshinii FDRI yaa'ii idilee 2ffaa gaafa 03/10/2012, bara hojii 5ffaa, bara paarlaamaa 5ffaa Lakk.Ga.73/11 irratti, Iyyataa:-Isheetuu Wubisheetifi Waamamaa:-Abbaa Alangaa gidduutti taa'ee tureen murtii kenneera.
๐Dhimmichi kan eegale Mana Murtii Aanaa Adaamaa irraa yemmuu ta'u, abbaan Alangaa himannaa iyyataa ammaa irratti dhiyeesseen "iyyataan ammaa seera Yakkaa kwt 676(2)(A) irra darbuudhaan konkolaataa Bakka Bu'ummaadhaan miidhamtuu dhuunfaatiif maqaa isheetiin bite yeroo gaafatamutti kennuu waan dideef, gocha yakka amantaa hir'isuu raawwateera" kan jedhe yemmuu ta'u, iyyataan ammaa maqaa isheetiin bituufi Bakka Bu'ummaan jiraachuu isaa osoo hin haalin, konkolaaticha maallaqa kiyyaan waanan biteef, baasiiwwan adda addaas waanan baaseef dursa baasiiwwan kana yoo naaf kaffalte nan kennaaf jedheera.
๐Kana booda, Manni murtii aanaa ragaa bitaafi mirga dhagahee; ragaa sanadaas ilaalee iyyataan yakka Amantaa Hir'isuu raawwateera jechuun kan adabe yemmuu ta'u, MMO cimseera.
๐Dhimmichi dhaddacha Dhaabbii Bahaa MMWO gahee, dhaddachichi immoo: iyyataafi miidhamtuun Hariiroo hawaasaatiin walgaafachuu qabu malee gochichi ulaagaa yakkaa hin guutu jechuun murtii balleessummaa iyyataa ammaa irratti kenname diigeera. Dhaddachi Ijibbaataa MMWO murtii kana cimseera.
๐Dhaddachi Ijibbaataa MMWF immoo gochichi ulaagaa yakka amantaa hir'isuu SY kwt 676 (2)(A) jalatti ibsame ni guuta jechuun murtiiwwan dhaddacha Ijibbaataa MMWOfi dhaddacha Dhaabbii Bahaa diigee, kan Aanaafi Ol'aanaa cimseera.
๐Kanumaan, dhimmichi mana Maree Federeeshinii FDRI kan gahe yemmuu ta'u, Manni marichaa jalqaba irratti, Dhimmicha keessatti iyyataan ammaa maqaa miidhamtuu dhuunfaatiin, akkasumas faayidaa miidhamtuu dhuunfaatiif konkolaataa falmiif sababa ta'e biyya alaatii galchuu hin haalle. Falmiin iyyataa ammaa (himatamaa jalaa), gatii konkolaatichaafi baasiiwwan biroo anatu kaffale waan ta'eef konkolaaticha simachuuf dursa naaf kaffaluu qabdi kan jedhudha jedheera.
๐Itti fufuun, Manni Marichaa, Yakki amantaa hir'isuu raawwatameera jedhamuuf ulaagaan guutamuu qabu faayidaan nama maallaqa ykn qabeenya adaraadhaan kennee tuqamuu qofa osoo hin taane gochichi amantaa hir'isuu irraa kan madde; kunis, yaada badaa irraa kan madde ta'uun isaa hubatamuu qaba jedheera. Manni marichaa murticha keessatti fakkeenyas kan fudhate yemmuu ta'u, fakkeenyaaf, qabeenyichi sababa hanqina haala qabiinsaatiin ykn dhiibbaa ho'aafi qorraatiin kan manca'e (bade) yoo ta'e, namni qabeenyicha adaraadhaan (imaanaadhaan) fuudhe hariiroo hawaasaatiin malee yakka amantaa hir'isuu kwt 676 (2)(A) jalatti tumameen itti hin gaafatamu. Akkasumas, namni maallaqa ykn qabeenya imaanaadhaan fuudhe, maallaqa ykn qabeenyicha faayidaa imaanaa kennaatiif kan oolche yoo ta'e, fakkeenyaaf, hayyama nama imaanaa kenneetiin ala idaa imaanaa kennaatiif yoo oolche, dhimmichi dhimma hariiroo hawaasaa yoo ta'e malee dhimma yakka amantaa hir'isuu hin ta'u jedheera.
๐Tilmaama seera Yakkaa kwt 675(3) jalatti ibsame keessatti, namni tokko "qabeenya harka kiyya gale irratti mirgan qaba" jedhee falmii seeraa yoo kaase, yaada badhaadhina hin malle argachuu qaba jedhamee tilmaamni akka fudhatamuu qabutti hin tumamne.
๐๏ธSeera yakkaas akka malee bal'isuun hiikuun sirrii miti. Haala kanaan hiikuun, qajeeltoo "seerri yakkaa dhiphatee hiikamuu qaba; gochi yakkaa shakkii dhama qabeessaa olitti mirkanaa'uu qaba" jedhuun kan walfalleessu waan ta'eef, Heera Mootummaa FDRI kwt 22(1) (tumaa "namni tokko gocha yakka hin taaneen adabamuu hin qabu" jedhu) waliin walfaallessa jechuun hiikkoo seeraa Dhaddachi Iijibbaataa MMWF diigeera. Mee isin murtii kana irratti yaada akkamii qabduu?
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
โค47๐9
Abbootii seeraa dhaddacha Ijibbaataa MMWO keessaa muraasa isaanii.
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
โค26๐4
Dhimmoota Investimentiitiin Walqabatee Rakkoolee Qabatamaatti Mudachaa Jiraniin Walqabatee Yaada keenya Erga Kenninee Booda Suuraa fudhatame.
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
โค18๐5
Tumaan SHH kwt 1809, Mata Duree "Waliigaltee Hin Raawwadhu Jedhanii Diduu" Jedhu Jalatti:
"Gareen Waliigalticha Hin Raawwadhu Jechuu Barbaadu Waliigaltichi Fudhatama Kan Hin Qabne Ta'uu Yeroo Kamittuu Akka Ittisaatti Kaasuu Danda'a" Jedhamee Tumame Haala Kam Keessatti Hojiirra Oola?? Darbiinsi Yeroo Waggaa Lamaan Kwt 1810 jalatti Tumame Yoom Hojiirra Oola
โโโโยฅยฅยฅยฅโโโโโโยฅยฅยฅยฅยฅยฅยฅโโโโโ
Seerri Hariiroo Hawaasaa biyya keenyaa kwt 1808 jalatti nama (garee) waliigaltee diigsisuuf mirga qabu adda baasee tumeera. Nama mirga qabus haalota irratti hundaa'ee qoqqooduuf yaaleera. Haalonni kunis, waliigaltichi ni diigama kan jedhame sababa maaliif, dantaa eenyuu eeguuf kan jedhufaa dabalata. Waliigaltichi kan diigamu sababa hir'inni fedhii guutuu jira jedhameef yoo ta'e, kan diigsisuu danda'u garee fedhiin isaa hir'ate jedhame qofadha. Kan diigamu sababoota biroodhaan yoo ta'e garuu haalonni gareewwan hundayyuu walqixadha waan ta'eef, gareewwan keessaa tokkoon isaanii ykn namni na ilaallata jedhu kamiyyuu diigsisuu ni danda'a.
Gareen waliigaltee haala kanaan diigamuu danda'u keessa jiru waliigaltee kana hin raawwadhu jedhee yeroo kamiyyuu diduuf mirga kan qabu ta'uun Seericha kwt 1809 jalatti tumameera. Kunis mirga raawwii waliigaltichaa diduu ilaallata waan ta'eef, mirgi kun erga waliigaltichi raawwatamee booda hin jiraatu jechuudha. Fakkeenyaaf, namni tokko erga akkaataa waliigalteetti mana gurgurame bitataa harkaan gahee dirqama isaa baheen booda falmii inni bu'uura tumaa kanaatiin kaasu hin jiraatu jechuudha.
Jechi tumaa SHH kwt 1809 jalatti "yeroo kamiyyuu" jettu waan dhimmichi darbiinsa yeroo hin qabne fakkeessa. Haa ta'u malee, mirgi kun daangaa yeroo kan dhabu haalli yeroo itti waliigalame ture hin jijjiiramne yoo ta'eefi yoo akkaataa waliigaltichatti hin raawwatamne ta'edha.
Yoo akkaataa waliigalteetti raawwatameera ta'e garuu guyyaa dhumaa sanaan booda waliigalticha diigsisuun hin danda'amne kaa'uun barbaachisaa waan ta'eef seerri biyya keenyaa guyyaa sababni waliigalticha diigsisu hafe irraa eegalee waggaa lama keessatti gaaffii diiggaa dhiyeessuun akka danda'amu ibsa.
Kanaaf, waliigalteen tokko kan diigamu sababa hafuu danda'u irratti hundaa'ee yoo ta'eefi waliigaltichi raawwatameera yoo ta'e, iyyannoon diiggaa waliigaltichaa darbiinsa yerootiin ni daangeffama jechuudha. Fakkeenyaaf, Kabbadaan gosaafi qulqullina laap tooppii tokkoo irratti Gammadaa dogoggorsiisee, gatii ol'aanaadhaan gaafa 20/03/2014 yoo itti gurgurateefi Gammadaan gatii ol'aanaa san yoo kaffaleera ta'e, Gammadaan akkaataa waliigalteetti raawwateera waan ta'eef, waliigalticha kan diigsifachuu danda'u guyyaa kaffale irraa eegalee waggaa lama keessattidha jechuudha.
Kanaan walqabatee, Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 30/09/2014 ooleen lakk.Ga.206083 (kan hin maxxanfamne) ta'eefi 212820 irratti kan kenne ta'uun isaa ni yaadatama.
Qabatamaatti, tumaan kun wayita diigamuun waliigaltichaa ulaagaan fedhii guutuu dhabuu (hir'ina fedhii) irraa madduun walqabata. Sababni waliigalticha diigsisu hafuu danda'a kan jedhamu yeroo baay'ee fedhii guutuu kennuu dhabuudhaan walqabatee hir'inni wayita uumamudha. Dhimmoonni biroon SHH kwt 1810niin osoo hin taane tumaalee waliigalaatiin furmaata argatu. Mee haala addaa armaan gadii kana akkamitti ilaaltu?
Gaaffii
โโFakkeenyaaf, namni Biraanuu jedhamu ilma isaa Dassaaleny (Dassuu ykn Dassee jechuun ni danda'ama ๐ง) jedhamuuf qabiyyee lafa baadiyyaa hektaara tokko waliigaltee afaaniin gaafa 20/12/2017 raawwatameen erga kennee booda, seerri waliigalteen kennaa lafa baadiyyaa barreeffamaan ta'uu qaba jedhamee bahee ture gaafa 10/07/2018 yoo haqame, sababni waliigalticha diigsisu (ulaagaan foormii guutuu dhabuu) gaafa 10/07/2018 irraa eegalee hafaa waan ta'uuf, waliigalteen akkasii gaafa 10/07/2018 irraa eegalee waggaa lama keessatti diigsifamuu qaba jechuudhaa? Mee akkamitti ilaaltu?
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
โค20
Falmiin Ulaagaa Foormii Guutuu Dhabuu Waliigaltee, Waa'ee Dhaaltummaafi Mirga Abbaa Qabiyyummaatiin Walqabatu Himannaa Jeequmsaa Keessatti Keessummeeffamuu Ni Danda'aa?
===^^^====^^^^^======^^^^^^=====
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo dhaddacha gaafa 30/07/2013 ooleen Lakk.Ga.186348 irratti kenneen:
Manni Murtii himannaan jeequmsi akka narraa dhaabbatu jedhu dhiyaateef, jeequmsi uumamuufi dhabuu isaa qulqulleessee murteessuuf wayita jeequmsi uumame sanitti qabeenyichi kallattiin ykn al-kallattiin to'annoo himataa jala turuufi dhabuu, himatamaan immoo gocha himannaa keessatti ibsame raawwchuuf mirga isa dandeessisu qabaachuufi dhabuu isaa qulqulleesseeti malee kanarra darbuun dhaaltummaafi mirga abbaa qabiyyummaa irratti hundaa'uun murteessuun rogummaa kan hin qabnedha jechuun SHH kwt 1140fi 1149 caqasuun murteesseera.
Kana malees, dhaddachichi galmee lakk.36645 irratti: falmiin waliigaltichi hir'ina qaba (ulaagaa foormii hin guutne) waan ta'eef diigamuu qaba jedhu dhimma himannaa jeequmsaa keessatti keessummeeffamuu akka hin qabne murteesseera.
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
โค19๐1๐1
Forwarded from Dagim Oljira Legal Hub
The Binding Interpretation of the Federal Supreme Court Cassation Division File No. 158634 (Vol. 28): Its Continuing Relevance Today
===//===//===//===//===//===//===//===//
In its decision rendered on 28/03/2011 (E.C.) in File No. 158634, the Federal Supreme Court Cassation Division delivered a binding interpretation concerning arbitration agreements.
The Court held that where parties have agreed in their contract that any dispute arising from the agreement shall be resolved through arbitration ordinary courts do not have jurisdiction to directly entertain the matter. The dispute must be resolved through arbitration as agreed.
Importantly, in that case, the defendant had not raised a preliminary objection invoking the existence of an arbitration agreement. Nevertheless, the lower courts, on their own motion, declared that they lacked jurisdiction and closed the file. The Cassation Division affirmed this approach as legally correct.
The Cassation Division based its reasoning on the relevant provisions of the Civil Code and the Civil Procedure Code then in force.
The Legislative Shift
However, the legal framework has since fundamentally changed.
Under Article 8(1) of the Arbitration and Conciliation Working Procedure Proclamation No. 1237/2021, a court shall dismiss a case in favor of arbitration only if the defendant raises a preliminary objection invoking the arbitration agreement.
More decisively, Article 8(4) provides that if the defendant fails to raise such a preliminary objection, the arbitration agreement shall be deemed null and void.
Furthermore, the Proclamation repealed Articles 3325โ3346 of the Civil Code, which previously governed arbitration.
Therefore, the Cassation Divisionโs binding interpretation, rendered in 2011 E.C. prior to the enactment of the new Proclamation, no longer reflects the current statutory position and does not have prospective applicability under the new regime.
Questions for Reflection:
Had the Arbitration and Conciliation Working Procedure Proclamation not been enacted, how would the Cassation Divisionโs approach be evaluated in light of established principles such as party autonomy, freedom to waive contractual rights and estoppel? Should an arbitration agreement operate as a matter of jurisdiction that courts must raise ex officio? Or is it a waivable procedural right that depends on party invocation?
Dagim Oljira Ofgea
Join: t.me/DagimOljiraLegalLounge
๐8โค4
Kabajamtoonni Abbootii Seeraa Har'a Muudamtan Baga Gammaddan; Baga Ittiin Isin Gahe!! Congratulations!๐ ๐
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
โค19๐3๐ฅฐ1๐1