Abbootiin Taayitaa Ol'aanoon fi Artistoonni bebbekamoon qarshii Biliyona 98 ol saamuu isaanii odiitiidhaan mirkanaa'uu gaazexaan Rippoorter guyyaa har'aa ibseera. Gazexichi gabaasa ji'a Sagalii Poolisii Federaalaa irratti hundaa'ee kan ibsedha. Waan dinqiidha!!
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
❤11
Forwarded from Musa.H.Ⓜ️.Law Room
#Jaarsaa fi Jaartii Keessaa Inni Tokko Badee Yoo Dhabame Inni Hafe Dhimma Gaa'ilaa fi Qabeenya Ilaalchisee Furmaanni Isaa Maali? Inni Hafe Nama Biroo Waliin Erga Bultii Ijaaree Booda Inni Bade Yoo Deebi'e Furmaanni Isaa Maali? Seerri Hoo Maal Jedha?
Seera maatii federaalaa fi Naannoolee jalattis sababoonni gaa'illi tokko itti diigamu keessaa tokko badiinsa yommuu tahu kunis jaarsaa fi jaartii keessaa namni tokko yoo badee dhabame gaa'illi kan diigamu tahuu kan tumamee jiru fi Seera hariiroo hawaasaa keewwata 163 (1) jalattis jaarsaa fi jaartii keessa tokko badee dhabamee guyyaa murtiin badinsa nama bade kana mirkaneessuun baduu isaa labsuun mana murtiitiin kenname irraa jalqabee gaa'illi kan diigamu tahuu ifatti tumamee jira.
Karaa biraatiin seera hariiroo keewwata 170 jalatti namni bade dhabame jedhamuun badinsa isaa labsuun murtiin irratti kenname kan deebi'ee argamu yoo ta'e, erga murtiin kennamee booda jiraachuun isaa yokiin murtiin erga kennamee booda du'uun isaa yoo mirkanaa'e murtiin badinsa nama sanaa labsuun kenname kan ka'u yokiin bu'aa hordafsiisuu kan dhaabu tahuu isaa tumamee jira.
Dhaddachi ijibaataa kana ilaalchisee akkaataa seera hariiroo hawaasaa keewwata 170 jalatti tumame kanaan murtiin badinsa nama tokko labsuun kenname ka'uun yokiin bu'aa hordafsiisuu dhaabuun isaa sababa baduu isaatiin gaa'ila nama sana kan diigamee ture iddoo duraan tureti akka deebi'u gochuu hin danda'u jechuun lakkofsa galmee olitti caqafame kana irratti dhaddacha gaafa 29/2/2015 ooleen murteesee jira.
Gaaffiin murtiin diiggaa gaa'ilaa ka'e ga'illi iddoo duraan tureti akka deebi'u jechuun dhiyaatuus hayyama waamamaa malee kan fudhatama hin qabne tahuu isaa dhaddachi ijibaataa murtii galmee kana irratti kanneen ibsee jira.
kana jechuun gabaabumatti jaarsaa fi jaartii keessa inni tokko sababa badee dhabamuutin gaa'illi diigame inni hin badin gaa'ila nama biroo waliin raawwatee jireenya dhunfaa isaa yeroo jiraachaa jiruti inni badee yoo kan deebi'u ta'e gaa'ila kiyya jedhee isaan jeequu hin danda'u jechuudha.
Fakkeenyaaf jaarsii badee dhabamuun jaartiin waggaa meeqa egdee nuffitee mana murtiitiin baduu isaa mirkanaa'uun murtiin akka naaf kennamu jechuun iyyattee guyyaa murtiin kennamu irraa gaa'illi waan diigamuuf sana booda nama biroo waliin gaa'ila raawwatee jireenya isii itti fufuu dandeessi jechuudha.
Jaarsi isii ka bade murtii mana murtiitin baduun isaa labsame kun kan deebi'e dhufu yoo ta'e jaartii tiyya jedhee isii jeequu hin danda'u
Wanti guddaan mana murtiiti iyyannaa dhiyeefachuun badee dhabamee hafuun isaa mirkanaa'ee murtii mana murtiitiin akka labsamu taasisuu dha.
Baduun isaa murtii mana murtiitiin labsamuu yoo baate garuu badee dhabamuu isaa qofaan gaa'illi waan hin diigamneef kan deebi'ee dhufu yoo ta'e jaartii isaa fi nama isii fuudhees seeraan isaan gaafachuu fi yaakkanis akka adabaman taasisuu ni danda'a akkasumaas rakkooleen hawaasummaa fi diinagdee kan birootis uumamuu danda'a.
kanaafuu jaarsaa fi jaartii keessa inni tokko badee yoo dhabame inni jiru gaa'ila nama biroo waliin raawwatee jireenya dhunfaa isaa itti fufuuf badee dhabamuu jaarsa isii yokiin jaartiin isaa baddee dhabamuun mirkanaa'ee murtii mana murtiitiin akka labsamuuf mana murtiitii iyyaachuu qaba jechuudha.
Qabeenya ilaalchisee garuu namni badee dhabamee kan deebi'e𝘦 dhufu yoo ta'e qabeenya isaa kan dhiisee biraa deeme akkuma inni jiruti akkasumaas maalaqa qabeenyi isaa gurguramuun argame, maalaqa qabeenya isaa irraa argamuun qabeenya invest ta'uun horatame hunda deebisee fudhachuu akka danda'u Seera hariiroo hawaasaa keewwata 171 jalatti tumamee jira.
#Barnootaa Fi Odeeffannoo dhimmoota seeraa itti fufinsaan argachuuf fuula facebook fi telegiramii keenyaa liinkii armaan gadii kanaan seenuun join godha👇👇
Facebook page: https://www.facebook.com/profile.php?id=100083879241632
Telegiram https://t.me/musalawyer

❤14👍2
Mirga Dursa (Deebisanii) Bitachuu (The Right of Recovery)
°°°°°°°°°°°°°°======°°°°°°°°°°°
ቅድሚያ (መልሶ) የመግዛት መብት
==============================
በቅድሚያ የመግዛት መብት በሕግ ጥበቃ የተደረገለት መብት ሲሆን ሕጉ ሊያሳካ ያሰበው አላማም ከዘር የወረደ ንብረትን በተመለከተ ዘመዳሞች የሚኖራቸውን ስሜት ለመጠበቅና ከቤተሰቡ እጅ ወጥቶ ወደ ሌላ ወገን እንዳይተላለፍ ነው ተብሎ ይታሰባል፡፡ በፍ/ብ/ሕጉ አንቀጽ 1386 እና ተከታዩቹ የተመለከተው ድንጋጌ ተፈፃሚነት የሚኖረው የጋራ ባለሐብቶች ለሆኑ ወገኖች እንዲሁም የጋራ ባለሐብት የሆኑ ወራሾች መካከል ስለመሆኑ የፍ/ብ/ሕግ ድንጋጌ ቁጥር 1388 እና 1392 ይዘት ያመለክታል፡፡ በመሆኑም በቅድሚያ የመግዛት መብት በሕግ ጥበቃ የተደረገለት መብት ሲሆን ሕጉ ሊያሳካ ያሰበው አላማም ከዘር የወረደ ንብረትን በተመለከተ ዘመዳሞች የሚኖራቸውን ስሜት ለመጠበቅና ከቤተሰቡ እጅ ወጥቶ ወደ ሌላ ወገን እንዳይተላለፍ ነው ተብሎ ይታሰባል፡፡ በዘመዳሞች መካከል ይህ መርህ ተፈጻሚ የሚሆነው በውርስ ሀብት ላይ ሲሆን መብቱን ተግባራዊ የሚያደርጉትም በፍ/ብ/ሕ/ቁጥር 1391 ስር እንደተመለከተው በወራሽነት ቅደምተከተላቸው መሰረት ነው፡፡
ለቅድሚያ ግዥ መብት የሚወዳደሩት በእኩል የዝምድና ደረጃ ላይ የሚገኙ ሰዎች የሆኑ እንደሆነ በመሬቱ ላይ የሚኖረውና የሚጠቀምበት ሰው ቅድሚያ የሚሰጠው መሆኑ በፍ/ብ/ሕ/ቁጥር 1392 ስር በግልጽ ተመልክቷል፡፡ ይህ ካልተቻለ ደግሞ መሬቱን በአንድነት እንደሚሰሩበት እኩል በሆነ ድርሻ የጋራ ባለሃብቶች እንደሚሆኑ የፍ/ብ/ሕ/ቁጥር 1393(1) ድንጋጌ ያሳያል፡፡ በሌላ በኩል ሕጉ በባለጥቅሞቹ ላይ ያስቀመጠው ገደብም ያለ መሆኑን የፍ/ብ/ሕ/ቁጥር 1397 ድንጋጌ ያሳያል፡፡ በዚህ ድንጋጌ መሰረት ባለጥቅሞቹ በቀዳሚነት የመግዛት መብትን ለሌላ ሰው ሊያስተላልፉ እንደማይችሉና እንዲሁም በእዳ ሊያዝ እንደማይችል አስገዳጅነት ባለው ሁኔታ ተቀምጧል፡፡
ሰ/መ/ቁ. 88275 ቅጽ 17፣ ፍ/ህ/ቁ. 1386፣ 1388፣ 1392፣ 1393(1)፣ 1398፣ 1407(1)
(Fuula Fb Tsegaye Demeke irraa kan fudhatame)
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
👍4❤1
Haala Barreessa Murtii Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaafi Rakkoolee Gurguddaa Lama
°°°°°✓✓✓°°°°°°✓✓✓✓✓°°°°°°°✓✓✓✓✓
የመጀመሪያ ደረጃ ፍ/ቤት ውሣኔ አፃፃፍ
የመጀመሪያ ደረጃ ፍ/ቤቶች በተለይ የማስረጃ እና የፍሬ ነገር ክርክር በስፋት የሚካሄድባቸው እና የሚመዘገብባቸው ናቸው፡፡ በዚህ ደረጃ በሚሰጡ ውሣኔዎች የፍርድ ቤቱ ውሣኔ አልፎ አልፎ መንደርደሪያ ላይ ሰፍሮ ይገኛል። ከሣሽ በክሱ ላይ "ክሱ የቀረበው.... ያህል ገንዘብ ለማስከፈል ነው" በማለት ጥያቄውን በግልጽ በመንደርደሪያው ላይ እንደሚገልጸው ሁሉ በመጀመሪያ ደረጃ ፍ/ቤትም በዚሁ አገላለጽ የተከሣሽን ክስ መሰረዙን ወይም በተከሣሽ ላይ የኃላፊነት ውሣኔ መሰጠቱን ገልፆ ሊጀምር ይችላል፡፡ በመጀመሪያ ደረጃ ለሚዓፉ ውሣኔዎች በይዘታቸው እንደቅደም ተከተሉ፣
1. የጉዳዩ ዓይነት፤
2.ፍሬ ነገሮችን፤
3.ጭብጥ / ጭብጦችን /፣
4.ሕግ፤ ብያኔ እና መደምደሚያ፤
5. ማጠቃለያ/ ፍርድ /፤ሊይዙ ይገባል፡፡
በዝርዝር ስንመልከታቸውም፤
1) የጉዳዩ ዓይነት
ይህ የውሣኔ ክፍል “ ፍርድ" እየተባለ ርዕስ ተሰጥቶት ከሚዓፈው ሥር በመጀመሪያ የሚሰፍረው ነው፡፡ ጉዳዩ የምን እንደሆነ፤ ያለፈበት አስፈላጊ ታሪክ፤ በጉዳዩ ላይ ፍ/ቤት ያለው ሥልጣንና በፍ/ቤቱ ሊወሰን የሚገባው ጉዳይ የሚጠየቅበትን የሚይዝ ነው፡፡
ለምሣሌ (ጉዳዩ የመሬት ክርክርን
የሚመለከት መሆኑ፤በጉዳዩ ላይ የመሬት አስታራቂ/- አስማሚ/ ሽማግሌዎች ያደረጉት የማስታረቅ፤ የማስማማት/ ጥረት ውጤት አለማስገኘትን ጉዳዩ በሕግ መሠረት በፍርድ ማለቅ የሚገባው ስለሆነ ከሣሽ መሬቱን ለመረከብ ጥያቄ ማቅረቡ ይገለጽበታል፡፡) እንደ ርዕስ
ሊጠቀስ የሚገባውም ነው፡፡
......jechuun itti fufa....
(Moojula Inistituyuutiin Leenjiifi Qorannoo Seeraa Federaalaa barreessa murtiitiin walqabsiisee barreesse keessaa kan fudhatame)
⚠️ Darbee darbee, barreessa murtiitiin walqabatee rakkoon qabatamaatti calaqqisu wayita murtiin mana murtii jalaatiin kenname mana murtii oliyyannootiin diigamee qajeelfamaan gadi deebi'u, Manni Murtii dhimmichi qajeelfamaan itti gadi deebi'u oliyyatamee qajeelfamaan gadi deebi'uu isaa akka seenaa dhimmichaatti ibsuu dhabuudha.
⚠️ Kana malees, akkaataa hiikkoo seeraa Dhaddachi Ijibbaataa MMWF, Galmee Lakk.237535 ta'e irratti dhaddacha gaafa 27/03/2016 ooleen kenneen, murtiin tokko ijoo qabame, ijoon sun akkamitti akka murtaa'e, sababa itti murtaa'eefi dirqama himatamaan himataadhaaf raawwachuu qabu kan of keessatti hammachuu qabu ta'ullee qabatamaatti bifa kanaan ta'uu dhabuun ni mul'ata.
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
❤15
Forwarded from Mulugeta F.Binegde
Barreessaa Murtii- bara 2021-MMWO.pptx
3.2 MB
Leenjii kenniinsaa fi barreessa murtii wajjin wal qabatee MMWO USAID walii qindoomuun bara 2021 kennedha. Barreessa Murtii irratti har'allee harcaatiin darbee darbee mullatu jira. Keessattuu Abbootiin Seeraa(addatti ammoo kanneen murtii dhimmoota kallattii barreessitan) dubbisaa!
❤14👏2👍1
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 24/03/2012 ooleen lakk.Ga.182628 (Jildii 28ffaa) ta'e irratti kenne keessatti:
👉Manneen murtii osoo qaamni (garee) 3ffaan tokko akkaataa sdfs kwt 40(2)tiin garee barbaachisaa ta'ee akka falmiitti makamuufi falmii isaa dhiyeeffatu hin taasisin; osoo seerummaanis hin gaafatamin, qabeenyi falmiif sababa ta'e qabeenya dhaalaa osoo hin taane qabeenya garee 3ffaati jechuun garee 3ffaa falmiitti hin makamneef murteessuu hin danda'an" jedheera.
(Sdfs kwt 182(2)fi 40(2))
Hubachiisa:
✅Ka'umsi dhimma kanaa qulqulleessituun qabeenya dhaalaa nuuf muudamee qabeenyi aulqullaaee gabaasni mana murtiitiif akka nuuf dhiyaatu kan jedhudha.
✅Manni Murtii Sadarkaa Duraa Federaalaas haaluma gaafatameen qulqulleessituu qabeenya dhaalaa muudeera.
✅Qulqulleessituun muudamte kun immoo qabeenya dhaalaa qulqulleessitee Mana Murtiitiif gabaasa dhiyeessiteetti.
✅Waajjirri bulchiinsa mana amantaa 'ቅድስት ሥላሴ ካቴድራል' jedhamu sadarkaa qulqulleessituu qabeenya dhaalaatti manneen kutaa sadii kan dhaaltotaa osoo hin taane keenyadha jechuun falmii dhiyeessaniiru.
✅Manni Murtii Sadarkaa Duraa Federaalaa osoo waajjirri kun akkaataa sdfs kwt 40(2)tiin akka falmiitti makamu hin taasisin, waajjirichi mana murtichaatti dhiyaatee manneen kutaan sadii kiyyadha waan ta'eef naaf haa murtaa'u jedhee seerummaa hin gaafatin, manneen kutaa sadii kan waajjirichaati jedhee murteesseera. MMO Federaalaa ni cimse. Dhaddachi Ijibbaataa sababoota olitti ibsamaniin diige jechuudha.
👁️Hiikkoon seeraa kun, garee 3ffaan qabeenya dhaalaa qulqullaa'aa jiru irraa dantaan qaba jedhu waanuma qulqulleessituu qabeenya dhaalaa biratti iyyateef ykn gidduu lixeef qofa murtaa'uufii akka hin dabdeenyeefi mana murtiitti falmiitti akka makamu taasisuun barbaachisaa ta'uu; akkasumas seerummaan akkaataa sdfs kwt 182(2)tiin gaafatamuu kan qabu ta'uu agarsiisa.
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
❤17
Abbaa Seeraa Mana Murtii Aanaa Dirree (Godina Booranaa) kan ta’an Obbo Sayibuddiin Bantaa dhibee tasaa isaan muudateen guyyaa har'aa du’uun addunyaa kana irraa boqataniiru. Umrii dargaggummaa kanaan wanti isaan mudate baay'ee nama gaddisiisa. 😢 Rabbi lubbuu isaa jannata haa galchu. Maatii, firoottanifi hiriyoota isaa (warra ILQSOtti waliin turtan dabalatee) hundaaf Rabbi jajjabina haa kennu. 😢 😭
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
❤3👍2
Forwarded from Mulugeta F.Binegde
Murtii Mana Murtiitiin abbummaa daa’imaa mirkaneessuun wal qabatee garee falmitootaa irraa osoo hin kaane Manni Murtii murtii haqaa kennuuf barbaachisaadha jedhee fudhachuun DNA n akka qoratamuuf yeroo ajajutti baasii qorannaa eenyutu haguuga? ==========================================================
MMWFDHIJ murtii hin maxxanfamne galmee lakk. 236817 ta’e irratti dhaddacha gaafa 28/06/2015 kenneen ooleen kan kanaan gadii jedheera.====================================================
🫱🏿Gareen DNAn naaf haa qoratamu jedhu baasii qorannaa taasifamuuf bahu haguuguuf itti gaafatamummaa akka qabu galmee lakk. 63195 ta’e irratti murtii dirqisiisaan kennamee tureera. ============================================================
🫱🏿Gareen bitaaf mirgaa osoo hin gaafanne,Manni Murtii murtii haqaa kennuuf barbaachisadha jechuun fudhatee akka ragaa dabalataatti DNAn qoratamee akka dhiyaatu yoo ajaju baasiin sababa kanaaf bahu-baasii sababa falmiitiin bahu waan ta’eef, yeroo falmiin xumuramutti garee injifatamutu haguuga.=========================================================
Kanaaf Manni Murtii garee falmitootaa keessaa inni tokko akka haguugu taasisuun yookaan Dhaabbata Mootummaa yookaan Dhaabati Miti Mootummaa baasii kana haguuguu danda’an ajajuun yookaan karaa biraa akka haguugamu taasisuun DNAn akka qoratamu taasisuu-,akkaataa ajaja kennameen raawwachiisuuf diddaan yoo jiraate , Manni Murtii ajaja itti aanu kennuu qaba. ====================================================================
Gareen baasii qorannaa haguuguun DNA qorachiisi jedhamee dhaddacha irratti itti himame- baasii hin haguugu jedhee deeme - abbaa ta’uu isaa isaa of irratti waan beekeefidha jechuun tilmaamni fudhatamee Murtiin kennamu dogngora Seeraa sirna fudhiinsa ragaa ilaallatudha jechuun kan murteesse yoo ta’u,=================================================================
Dhimma wal fakkaataa galmee hin maxxanfamne lakk. 236184 ta’e irratti Murtii kennameenis - Iyyataan DNA qorachiisi jedhamee ajajni kennamee -innis baasii ittiin qorachiisu hin qabu jechuun osoo hin qorachiisiin hafeera. Kanaaf Murtiin-Iyyataan DNA sababa hin qorachiisiin hafeef gama biraatiinis akka abbaa daa’imaa hin taane ragaa faallaadhaan sababa hin mirkaneessineef- abbaa daa’imaati jedhamee kenname dogongora Seeraa Sirna fuudhiinsa ragaa ta’uu ibsuun erga diigee booda akkaataa adeemsa olitti ibsame hordofuun qulqulleeffamee, barbaachisaa yoo ta’es ragaa dabalataatiin qulqulleessuun Murtiin akka kennamuuf Mana Murtii jalaatti gadi deebisee jira.Murtii Hin maxxanfamne👇

❤10👍1
Forwarded from Nadha Nadhii (Nadhii Aliyi)
Qajeeltoon dhimmoota murtiin xumura argatanii (Res judicata) dhimma ykn sababa himannaa murtiin xumuraa mana murtii aangoo qabuun irratti kenname falmiin lammaffaan akka irratti hin gaggeeffamne akkuma waliigalatti kan daangessudha. Akka qajeeltoo kanaatti, sababa himannaa tokko irratti gareewwan walfalmanii murtiin xumuraa kennameera yoo ta’e friiwwan dubbii falmii kana keessatti irratti falmaman falmii biraatiif bu’uura ta’uu hin danda’an. Akkasumas gareen tokko firiiwwan dubbii falmii duraa keessatti kaasuu maluu, garuu kaasuu otoo danda’uu hin kaasiin hafe irratti hundaa’uudhaan, bifa haarawaan himannaa garee isa biraa irratti dhiyeessuu hin danda’u. kanaafuu bu’uura qajeeltoo kanaatiin dhimma murtii xumuraa argate ilaalchisee himannaan dhiyaatu guutummatti fudhatama dhaba jechuudha.
❤7👍3
Namni Konkolaataa Waliigalteedhaan Bitate Guyyaa Bitate Irraa eegalee Daangaa Yeroo Hagamii Keessatti Qaama Mootummaa Ilaallatu Fuulduratti Dhiyaatee Jijjiirraa Maqaa Abbaa Qabeenyummaa Taasisuu Qabaa? Waliigalteen bittaafi Gurgurtaa Konkolaataa Bitataadhaaf Mirga Akkamii Uumaa? Bitataan Osoo Gara Maqaa Ofiitti Hin Naannessin Dhorki Naaf Haa Ka'u Jedhee Gaafachuu Ni Danda'aa?
••••√√√√••••••√√√√√√•••••••√√√√√√√√√√√
Jijjiirraa Maqaa Abbaa Qabeenyummaa Konkolaataa, Daangaa Yeroofi Barbaachisummaa Galmeessaa
የተሽከርካሪ ስም ዝውውር የጊዜ ገደብና የምዝገባ አስፈላጊነት
✅በኢትዮጵያ የትራንስፖርት ዘርፍን ለመቆጣጠር በወጣው አዋጅ ቁጥር 681/2002 መሠረት፣ ማንኛውም ሰው የተሽከርካሪ ባለቤትነት መብት በሽያጭ፣ በስጦታ ወይም በሌላ በማንኛውም ሕጋዊ መንገድ ሲተላለፍለት በሕግ የተገደበ የጊዜ ገደብ ተቀምጦለታል። ንብረቱ የተላለፈለት ግለሰብ ወይም ድርጅት ሽያጩ ከተፈጸመበት ቀን ጀምሮ ባሉት 6 ወራት (ስድስት ወራት) ውስጥ ወደሚመለከተው የመንግሥት አካል (የትራንስፖርት ባለሥልጣን) በመቅረብ የባለቤትነት ስም ዝውውር የመፈጸም ሕጋዊ ግዴታ አለበት። ይህ የጊዜ ገደብ የተቀመጠው የተሽከርካሪዎች መረጃ በወቅቱ እንዲዘምን፣ መንግሥት የሚፈልገውን ግብርና ታክስ በአግባቡ ለመሰብሰብ እንዲሁም የተሽከርካሪው ሕጋዊ ተጠያቂነት በትክክለኛው ባለቤት ላይ እንዲያርፍ ለማድረግ ነው።
✅ከጊዜ ገደቡ በተጨማሪ፣ የሽያጭ ውሉ የሚመዘገብበት መንገድ በራሱ የሕግ ውጤቱን ይወስነዋል። በሰበር መዝገብ ቁጥር 229777 ላይ በተሰጠው አስገዳጅ የሕግ ትርጉም መሠረት፣ አንድ የሽያጭ ውል በሁለቱ ወገኖች መካከል ብቻ ቢፈረም ወይም በምስክሮች ፊት ቢደረግም እንኳ፣ ውሉ ሥልጣን ባለው አካል (ለምሳሌ በሰነዶች ማረጋገጫና ምዝገባ አገልግሎት) ፊት ቀርቦ ካልተመዘገበ በስተቀር በሦስተኛ ወገኖች ላይ ምንም ዓይነት ውጤት አይኖረውም። ይህ ማለት ውሉ በመንግሥት ዘንድ ዕውቅና ካላገኘ፣ ሻጩ መኪናውን ለሌላ ሰው ቢሸጠው ወይም መኪናው በሻጩ ዕዳ ምክንያት ቢታገድ፣ ገዢው "መኪናውን ገዝቻለሁ" በሚል መቃወሚያ ማቅረብ አይችልም፤ ምክንያቱም በሕግ ፊት ሽያጩ ገና አልተጠናቀቀም።
✅ስለሆነም ተሽከርካሪ የሚገዛ ማንኛውም ሰው ራሱን ከማንኛውም ሕጋዊ አደጋ ለመጠበቅ ሁለት መሠረታዊ ተግባራትን ማከናወን ይኖርበታል። የመጀመሪያው፣ ውሉን ሥልጣን ባለው አካል ፊት ቀርቦ በማስመዝገብ የባለቤትነት መብቱን በሦስተኛ ወገኖች ዘንድ ማስከበር ሲሆን፣ ሁለተኛው ደግሞ አዋጁ በሚያዘው መሠረት በስድስት ወራት ውስጥ የሊብሬ ስም ዝውውሩን ማጠናቀቅ ነው። እነዚህን ቅድመ ሁኔታዎች አለማሟላት ንብረቱን የማጣት ወይም ላልተፈለገ የፍርድ ቤት ክርክር የመጋለጥ ዕድልን በእጅጉ ያሰፋል።
✅በሽያጭ ውል እና በባለቤትነት ማረጋገጫ (ሊብሬ) መካከል ያለው የሕግ ልዩነት በኢትዮጵያ የሕግ ሥርዓት መሠረት፣ የተሽከርካሪ ሽያጭ ውል መፈራረም እና መኪናውን መረከብ በራሱ የባለቤትነት መብትን ሙሉ በሙሉ አያስተላልፍም። ብዙ ገዥዎች በጽሁፍ ተዋውለው፣ ክፍያ ፈጽመውና መኪናውን ተረክበው በእጃቸው ስለላ ስላደረጉ ብቻ እንደ ሙሉ ባለቤት ራሳቸውን ይቆጥራሉ። ሆኖም ግን፣ በሕግ ፊት ተሽከርካሪ "ልዩ ተንቀሳቃሽ ንብረት" በመሆኑ፣ የባለቤትነት መብት የሚረጋገጠውና የሚጠናቀቀው በገዥው ስም አዲስ የባለቤትነት ማረጋገጫ ደብተር (ሊብሬ) ተመዝግቦ ሲሰጥ ብቻ ነው። የሽያጭ ውሉ የሚሰጠው መኪናውን እንዲረከቡና ስም እንዲያዛውሩ የሚያስችል የመጠየቅ መብት (Claim) እንጂ በንብረቱ ላይ ቀጥተኛ የባለቤትነት መብትን (Ownership) አይደለም።
✅ይህ ልዩነት በተለይ ንብረቱ ላይ የእግድ ትዕዛዝ ሲመጣ ግልጽ ይሆናል። በሰበር መዝገብ ቁጥር 201182 ላይ እንደተደነገገው፣ አንድ ገዥ መኪናውን በሽያጭ ውል ገዝቶ በእጁ እያለ፣ መኪናው ገና በሻጩ ስም ባለበት ሁኔታ በሻጩ ዕዳ ምክንያት እግድ ቢጣልበት፣ ገዥው "የሽያጭ ውል አለኝ" በሚል ብቻ እግዱን ማስነሳት አይችልም። ምክንያቱም በባለሥልጣን መሥሪያ ቤት መዝገብ ላይ ንብረቱ አሁንም የሻጩ ተደርጎ ስለሚቆጠር፣ የሻጩ አበዳሪዎች ንብረቱን የማስከበር መብት አላቸው። በዚህ ጊዜ ገዥው የሚኖረው መብት በውሉ መሠረት የከፈለውን ገንዘብ ከሻጩ ላይ ተመላሽ እንዲደረግለት መጠየቅ እንጂ መኪናውን ከእግድ ነፃ ማድረግ አይደለም።
(Madda: Chaanaalii Telegiraamii 'Legal Service', Kan አደም ሰይድ ከማልn barreeffame)
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
❤2
Forwarded from Dr.Abdi Gurmessa Law Journal
Progress is better than perfection. Never give up on life. Remain consistent in doing small things which ultimately becomes big
❤4
Qajeeltoo Qabeenya Dhaalaatti Deebisuu (The Principle of Collation): Lafaafi Qabeenyota biroo Dursinee Osoo Dhaalchisaan Lubbuudhaan Jiruu Kennaadhaan Arganne Akkamitti Qabeenya Dhaalaatti Deebisnaa?
°°°°°√√√√√°°°°°°°°°√√√√√√√°°°°°°°√√√√√√
Seerri Hariiroo Hawaasaa kwt 1065 mata duree "Qajeeltoo Deebiisuu" jedhu jalatti:
👉Dhaalaan du'aa gadi lakkawamu kamiyyu dhaaltummaa kan fudhatu yoo ta'e, deebisuu hin qabdu jedhamee bilisa taasifameera yoo ta'e malee, gatii waan fudhatee turee dhaaltummaatti deebisuu qaba jedheera.
Bu'uura tumaa kanaatiin, Qajeeltoo Qabeenya Dhaalaatti Deebisuu (Principle of Collation) keessatti:
✅Haalli addaa itti qabeenyi dursee kennaadhaan kenname hin deebine kan jiru ta'uun ni hubatama. Kunis, qabeenyichi jalqabumaayyuu bilisa taasifamee kan kennameef yoo ta'edha.
✅Waa'een deebisuu kun dhaaltota gadi lakkawaman (Descendants) qofa ilaallata. Kanneen ol lakkawaman deebisuuf dirqama ni qabu hin jedhamne.
✅Qabeenya dhaalaatti kan deebi'u qabeenyichuma dursee kennaan darbe mataa isaa ykn gosaan osoo hin taane gatii qabeenyichaati. Qabeenyichi sadarkaa yaadaatti shallagama. Nama dursee kennaadhaan fudhate irratti waan shallagamuuf qabeenyota haarayaa keessaa hanga xiqqoo ta'e fudhata jechuudha.
✅Dhaalaan dursee kennaadhaan argate deebisuuf kan dirqamu dhaaltummaa san yoo fudhate (Acceptance) dha. Dhaaluu akka hin barbaanne yoo ibse ('renounce' yoo godhe) dirqama deebisuu hin qabaatu jechuudha.
Kaayyoon tumaa kanaa Maali?
👉Qabeenya dhaalchisaan dhiisee du'e ijoollee isaa gadi lakkawamaniif haala haqa qabeessa (walqixa) ta'een qooduuf dandeessisuudha.
Haala lafti baadiyyaa itti deebi'u ilaalchisee, Labsiin Bulchiinsaafi itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Lakk.248/2015 kwt 13(9) jalatti:
👉Namni mirga abbaa qabiyyummaa kennaan dursee argatee ture erga namni dhaalamu du'ee kan argachuu danda'u hanga osoo kennaan hin raawwatamne ta'ee dhaalmaan argachuu danda'u qofa ta'a. Hangi qabiyyeen kennaan argate hanga dhaalmaan argachuu danda'uu ol yoo tae qabiyyee kennaa argate qabatee kan hafuu fi dabalataan dhaalmaadhaan kan hin arganne taa jedheera. Haala kanaan, namni hanga silaa dhaalmaadhaan argatuu ol qabatee jiru kanuma qabatee jiru sana qabatee hafa malee qabiyyee inni dabalataan argatu hin jiru jechuudha. Qabiyyee lafaatiin walqabatee waa'een yaaddama shallaggiis hin hojjetu jechuudha.
Kanaan walqabatee, Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoowwan seeraa kenneen maal jedhe?
✅Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dhaddacha gaafa 12/08/2013 ooleen Lakk.Ga.191963 irratti kenne keessatti dhaalaan wayita dhaaltummaan banamutti qabiyyee lafaa dhaaluuf gaaffii hin dhiyeessine qabiyyee dursee kennaan argate deebisuuf kan hin dirqamne ta'uu ibseera.
👁️Dhimmicha keessatti, namni deebisuuf dirqama qabu kun laficha kennaadhaan kan argate bara 1987 keessa ta'ee ergasii itti fayyadamaa turuun mirkanaa'eera. Waa'een darbiinsa yeroo hin kaanes hin xiinxalamnes.
✅✅Haaluma walfakkaatuun, Hiikkoo lakk.Ga.113247 ta'e irratti kenne keessattis kennaa dhaalchisaan osoo lubbuun jiruu dhaaltota gadi lakkawamaniif kenne qabeenya dhaalaatti kan deebi'uu qabu yoo ta'e, kan deebi'u qabeenyicha osoo hin taane tilmaama qabeenyichaati jedheera.
👁️Dhimma kana keessatti immoo dursee kennaadhaan kan kenname mana jireenyaa, mana baaburaa (wafcoo) fi magaazina yemmuu ta'u, namni kennameef sun abbummaa qabeenyichaa maqaa ofiitti naanneffateera.
❓❓Falmii darbiinsa yeroo kaasuudhaan (turtii) ykn bu'uura kennaa raawwatameetiin maqaa abbaa qabeenyummaa naanneffachuudhaan qabeenya dhaalaatti deebisuuf dirqama hin qabu jedhanii falmuun hin danda'amu jechuudhaa? Yoo falmiin akkasii ka'e akkamitti ilaalama?
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
👍13❤8
Forwarded from AAU-Official
📚 Inauguration Ceremony
✨ Sirna EEBBAA – Inauguration of Walaabu Oromo Law Dictionary ወላቡ የአፋን ኦሮሞ የሕግ መዝገበ ቃላት
📅 May 14, 2026 ፤ ግንቦት 6 2018
🕒 3:00 – 5:30 PM
📍 Addis Ababa University, Ras Mekonnen Hall
አዲስ አበባ ዩኒቨርሲቲ፤ ራስ መኮንን አዳራሽ፤ ከቀኑ 9፡00 ሰአት ጀምሮ
Join us for the official inauguration of the Walaabu Guuboo Seeraa Afaan Oromoo – Walaabu Oromo Law Dictionary, a landmark achievement in advancing legal and linguistic development.

❤8
Akka Tumaalee Seera Maatii Federaalaatti (Kan Naannoo Keenyaas), Namni Abbummaa Murtii Mana Murtiitiin Naaf Haa Beekamu Jechuun Himannaa Dhiyeessu Ragaa Qorannoo DNA Dhiyeessuuf Dirqama Ni Qabaa? Namni Himatamehoo Gaafachuu Ni Danda'aa? (Hima Biraatiin, Ragaan DNA Abbummaa 'Prove' Gochuuf Ragaa Dirqama Dhiyaachuu Qabudhaa? Disprove Gochuuf hoo)?
•••√√√√•••√√√√•••••√√√√√√••••••√√√√√√•••••••√√√√√
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dhaddacha gaafa 29/01/2011 ooleen Lakk.Ga.154767 ta'e (kan hin maxxanfamne) irratti kenne keessatti:
👉Manni Murtichaa murtii abbummaa kan murteesse akkaataa tumaalee Seera Maatii Federaalaa (SMF) Fooyya'ee bahe, kwt 143(E)tiin ta'uun isaa garagalcha murtichaa irraa ni hubatama. Akka bu'uuraatti, tumaaleen SMF keewwatni 143 jalatti qorannoon DNA abbummaa murtii mana murtiitiin beekamu mirkaneessuuf ragaa dhiyaatudha jedhamee hin ibsamne. Inumaayyuu, gaaffiin DNAn akka naaf qoratamu jedhu dhiyaachuu kan danda'u garee himatameen akka ragaa ittisaatti ta'uu seerri kun kwt 144(c) jalatti ifatti tumeera. Dhimma kana keessatti immoo himatamaan deebii barreeffamaa hin dhiyeessine. Gaafa dhagaha duraas hin dhiyaanne. Kanaaf, mirgi DNA'n akka naaf qoratamu jechuu himatamaa mirga waliigalaa deebii ittisaa dhiyeeffachuu isaa waliin akka dhiisetti lakkaawama. Osoo gareen hin falminifi gaaffii kana hin dhiyeessin Manni Murtii kaka'umsa mataa isaatiin ajajicha kennuutu irra ture sababni seeraa nu jechisiisu hin jiru jedheera.
Hubachiisa:
✍🏻Dhimma kana keessatti, himatamaan (namni abbaadha jedhame) mana murtiitti waamamee waan beellama irraa hafeef mirgi deebii barreeffamaan kennachuu bira darbameera.
✍🏻Murtichi aangoo Manneen Murtii wayita jechoonni ragaa iftoomina dhaban akka ragaa dabalataatti kaka'umsa mataa ofiitiin (discretion MM waan ta'eef) qulqulleeffachuuf qaban kan daangessu miti.
✍🏻 Dhimmi Seera Maatii Federaalaa kwt 143(E) fi 144(C) jalatti tumame SMO, Labsii Lakk.69/95fi 83/96 kwt
160 (E) fi 161(C) jalatti haaluma walfakkaatuun tumamee argama.
👁️Murtii Dinqisiifatamuu Qabudha.
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
❤11👍3
Forwarded from Jemal Kumbi
Falli inni qabu himannaa abbummaa daa’imaa haaluu jedhamu akkaataa SMF kwt 167 fi SMO kwt 184n galmee ofdanda’e kan biroo irratti himannaa haaraa dhiyeessuun qofa yoo ta’u innis yeroo ulfaa’uu daa’imichaa kan jedhamu daa’imichi dhalachuun dura guyyaa 300ffaa 180ffaa giddutti haadha daa’imichaa waliin walqunnamtii saalaa kan hinraawwanne ta’uu ykn namni abbaadha jedhame sun nama dhalchuu hindandeenye ta’uu isaa ykn haala biroo daa’immichi isa irraa dhalachuu dhabuu ifatti agarsiisuu danda’u DNA dabalatee ragaa gahaa fi amansiisaa kamiinuu hubachiisuun qofa abbummaa daa’imaa tilmaama seeraan irra kaahame ofirraa kaasuu nidanda’a.
Kanuma bu’ura gochuun Dhaddachi Ijbt MMWF glme Lkk 234422 ta’erratti murtii gaafa 30/08/2015 kenneen mirgi abbummaa haaluu akkaataa SMF kwt 167 ykn SMO kwt 184n kan eegamee fi namni bu’ura kanaan himannaa haaluu dhiyeessuu danda’u nama karaalee sadii abbummaan ittiin beekamu keessaa akkaataa SMF kwt 126 fi 127n abbummaan tilmaama seeraan irra bu’e qofa ta’uu fi kanaan ala namoonni abbummaa daa’imaa fedhii ofiin amananii fudhatanii ykn murtii Mana Murtiin abbaa daa’imaati jedhamanii itti murtaa’e himannaa haaluu dhiyeessuu akka hindandeenye hiikkoo dirqisiisaa kennee jira.
Gama biraan namni Hariiroo gaa’elaa ykn gaa’elaan ala akka Abbaa Warraa fi Haadha warraatti waliin jiraachuun alatti walqunnamtii saalaa raawwatameen ati abbaadha jedhamee himannaan irratti dhiyaate himannaa irratti dhiyaate ilaalchisee daa’imichi kan isaa ta’uu dhabuu ragaa DNA dabalatee ragaa ijaas ta’ee ragaa biroo kamiiyyuu dhiyeeffachuun ofirraa falmuu akka danda’u glme Lkk 62041 ta’erratti gaafa 11/06/2003 (Jld 11) kennamee fi glm Lkk 238021 ta’erratti murtii gaafa 25/11/2015 kenneen (Jld 27) hiikkoo laatee jira.
Bu’ura armaan olitti seeraa fi hiikkoo dirqisiisaa kennameetiin ijoollee gaa’ela ykn Hariiroo gaa’elaan ala akka AW fi HW waliin jiraachuu keessatti dhalatan ilaalchisee yeroo hedduu qabatamaan falmiin kan ka’uu fi kan waakkatamu falmii dhaaltummaa fi qooda qabeenya dhaalaa, qallabaa fi guddistummaa irratti ta’uun bal’inaan kan mul’atu yoo ta’u Manneen murtiitis galmeedhuma falmii dhaaltummaa ykn qabeenya dhaalaa ykn qallabaa fa’arratti yeroo keessummeessan nihubatama waan ta’eef kun sirrachuu kan qabuudha.
Ijoollee ykn nama hariiroo gaa’elaa ykn gaa’elaan ala akka AW fi HW waliin jiraachuu keessatti dhalate ilaalchisee himannaa haaluu galmee ofdanda’erratti nama abbaadha jedhameen ykn maatii fi dhaaltota isaa seeraan aangeffamaniin dhiyaatuun qofa dursa fala argachuu qaba malee falmii dhimmoota akka dhaaltummaa ykn dhaalaa fi kkf irratti keessummeessuun bu’ura seeraa akka hinqabne hubatamuu qaban.
Jemal K Kumbi
https://t.me/speaklawinabsentia

Telegram
Jemal Kumbi
jemal4k
❤3
Unka Ulaagaa Iyyannoon Dhaddacha Ijibbaataa MMWOfi MMWFtiif Dhiyaatu Guutee Dhiyaachuu Qabu Agarsiisu.
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
👍2❤1
Iyyannoo Dhaddacha Ijibbaataa MMWOtiif Dhiyaatu Keessatti Qabxiiwwan (Sababoonni) Komii Bifa Kamiin Ibsamuu (Tarreeffamuu) Qabuu?
====°°°°°======°°°°°°======°°°°°°°°
✅Qajeelfama Sirna Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa, Lakk.27/2018, miiltoo 1ffaa jalatti Unka iyyannoon dhaddacha Ijibbaataatti dhiyaatu guutuu qabu teechiseera.
✅Bu'uura kanaan, unki iyyanichaa kutaa gurguddaa afur kan qabu yemmuu ta'u, isaanis: Seensa, Ka'umsa Falmii Ijibbaataa, Qabxiilee (Sababoota) Komii Ijibbaataafi Seerummaa Iyyataan Ijibbaata irraa barbaadudha.
✅Kutaalee kana keessaa yeroo baay'ee kan rakkoon irratti mul'atu kutaa "Qabxiilee (Sababoota) Komii Ijibbaataa" jedhu irrattidha.
✅Kutaa kanaan walqabatee qajeelfamichi:
👉Dogoggora bu'uura seeraa raawwatame jedhame, tumaa
seeraa falmichaaf bu'uura ta'eefi
👉Labsii Lakk. 216/2011 keewwata 26(2 fi Dambii lakk.6/2011 kwt 8 (2fi 3) keessa isa kam akka ta'ee tartiibaan haala ifaafi gabaaba ta'een eeruu gaba.
👁️Haala kanaan, namni dhaddacha Ijibbaataatti iyyannoo dhiyeeffatu duuchumatti murtiin manneen murtii jalaa dogoggora bu'uuraa seeraa qaba jedha osoo hin taane dogoggoroota labsii lakk.216/2011 kwt 26(2) fi Dambii lakk.6/2011 kwt 8(2fi 3) jalatti tarreeffaman keessaa dogoggorri murtii mana murtii jalaa keessatti raawwatame isa kam akka ta'e ibsuuf dirqama qaba.
❓❓Gaaffiin asitti ka'uu danda'u, haala kanaan ifatti ifatti ibsamee dhiyaachaa ykn simatamaa jiraa? kan jedhudha. Qajeelfamni Sirna Dhaddacha Ijibbaataa MMWF, Lakk.17/2015s bifuma walfakkaatuun ibsee jira. Unkichi olitti dhoobameera. (👆👆👆)Isin akkam jettu?
Join:-@desberofMM
Desalegn B.
👍5❤2