Desalegn B.
7.41K subscribers
683 photos
23 videos
571 files
82 links
Just to share training materials prepared for lawyers!
Download Telegram
Bu'uura Labsii Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Mootummaa Federaalaatiin Waraqaan Ragaa Mirkaneessa Qabiyyee Lafaa Bu'aa Ragummaa Sadarkaa Hagamii Qabaa? Haalota Dhiphaa Akkamiitiin Mormiin Ragaa Kana Irratti Ka'uu Danda'aa? Labsiin Naannoo Keenyaahoo Maal Jedhaa?

•••^^^^•••√•••^^^^^^••••√•••••^^^^^^^^••••••••√•••••

Bu'aa Waraqaa Ragaa Mirkaneessa Qabiyyee Lafaa

👉Qabiyyeen lafaa maqaa abbaa qabiyyee tokkootiin galmaa'ee waraqaan ragaa yoo kennameef waraqaan ragichaa mirgootaafi faayidaa abbaa qabiyyummaa kamiyyuu dirqamoota waliin ni kennisiisaaf.
👉Waraqaan ragaa mirkaneessa qabiyyee ragaa isa dhumaa abbaa qabiyyummaa mirkaneessudha. Waraqaa ragaa mirkaneessa qabiyyee irratti ragaan faallaa kamiyyuu hin dhiyaatu.
👉Kan olitti tumame jiraatus, waraqaa ragaa mirkaneessa qabiyyee irratti mormiin ka'uu kan danda'u:
    A) Galmeen isaa qaama aangoo hin qabneen kan raawwatamee ture yoo ta'e ykn
    B) Galmichi sanada seeraan alaa irratti hundaa'ee kan raawwatame yoo ta'e qofadha.
   (Labsii Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Federaalaa, Labsii Lakk.1324/2016 kwt 52)

Hubachiisa:

Labsiin Lakk.1324/2016 kwt 2(16) jalatti "Waraqaa ragaa mirkaneessa qabiyyee" jechuun sanada abbaa mirgaa ta'uu mirkaneessuuf dhaabbilee bulchiinsa lafaatiin kennamudha jedha.
Gama birootiin, Labsiin Naannoo keenyaa, Lakk.248/2015 kwt 2(37) jalatti "Waraqaa Ragaa yookiin Kaartaa Abbaa Qabiyyee" jechuun wabii mirga abbaa qabiyyummaafi ittifayyadama lafa baadiyyaa mirkaneessuuf Biirichaan ragaa kennamu ta'ee, qabiyyeen lafaa hangi isaa kaartaa irratti ibsame kan nama ragicha of harkaa qabuu ta'uu tilmaama seeraa ragaa biraatiin faallefamuu danda'u kennisiisu jechuu akka ta'etti hiikeera.
👉Kunis kan agarsiisu, labsiin naannoo keenyaa waraqaan ragaa tilmaama abbaa qabiyyeeti jedhu kan uumu ta'uu; kanaan ala garuu haala itti faalleffamu ilaalchisee dhiphisee kan hin tumne ta'uudha.
Kana malees, Labsiin lakk.248/2015 kwt 31 jalatti waraqaan ragaa mirkaneessa qabiyyee wabummaa mirgaa mirkaneessuuf kan kennamu ta'uu ibseera.
👁️Qabatamaan, darbee darbee, otuma waraqaan ragaa kun galmee keessa jiruu tilmaamni seerichaan akka kennamuuf barbaadame osoo hin kennaminiif bira darbuun ragaa namaafi ragaalee biroo dabalataa ilaaluun madaalanii murteessuun ni jira.

     Join:-
@desberofMM

           Desalegn B.
14👍4
Beeksisa Qacarrii Hojii Mana Murtii Waliigala Federaalaatiin bahe
👉Gita Hojii-Barreessaa Dhimmoota Seeraa
👉Ulaagaa-seeraan dippiloomaa ykn digirii
👉Bakka Hojii-Dirre Dhawaafi Finfinnee
👉Baay'ina Waliigalaa nama barbaadamuu-135

             Carraa gaarii!

       Join:-
@desberofMM
    
              Desalegn B.
👍4
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo dhaddacha gaafa 08/10/2015 ooleen Lakk.Ga.239269 (kan hin maxxanfamne) irratti kenne keessatti:

👉Bu'uura sdfs kwt 396(4)tiin qajeeltoon "Manneen murtii murtii raawwachiisan kamiyyuu kaffaltii galmee mana murtii irratti hin galmoofneef gatii kennuu hin qaban" jedhu jiraatus, abbaan idaa hanga maallaqaa murtaa'e keessaa harka caalu mana murtiitiin ala kaffalee, lakkoofsa herregaa abbaa mirgaatti galii taasifamee maallaqni hafe immoo moodela 85niin mana murtii akka taa'uuf naaf haa ajajamu jechuun iyyatee osoo jiruu iyyannoo murtiin abbaa idaa qulqulleessuun murtii barbaachisaa ta'e osoo hin kennin kufaa taasisuun dogoggora bu'uura seeraati" jedheera.
      (Sdfs kwt 396)

       Join:-
@desberofMM

           Desalegn B.
11👍7
Hubachiisa:

Kanaan dura dhimmoota falmisiisoo lakkoofsaan sadii ta'an irratti walitti deebina jechuun waadaa seennee osoo walitti hin deebi'in kan hafne ta'uun keenya ni yaadatama. Haa ta'u malee, dhimmoonni irratti waadaa seenne dhimmoota jajjaboo bilchinaan ilaalamuu qaban (seera gadi fageenyaan ilaaluufi dhimmoota qabatamoo rogummaa qaban sakatta'uu waan gaafatuuf) waan ta'eef, kan lafarra harkisne ta'uu isin hubachiisuu feena. Kanas ta'ee, dhimmoota ibsinee turre irratti yaada dhuunfaa keenya iftoominaan ibsuun waan hin hafneef obsaan akka nu eegdan abdii qabna. Obsa keessaniif galatoomaa!🙏🙏

    Join:-@desberofMM

            Desalegn B.
👍121
Waa'ee 'Justiciability'

===√√√=====√√√√√========√√√π

Kanaan dura chaanaalii telegiraamii kana irratti waa'ee 'Justiciability' fi 'Jurisdiction' kaasnee turre. Jechi 'Justiciability' jedhu kun dhimmoota uumama isaaniitiin murtii mana murtiitiin furmaata argachuu danda'an ykn murtii kennuuf mana murtiitiif mijataa ta'an ilaallata. Dhimmi tokko mana murtiitiin keessa deebiidhaan ilaalamuufis dhimmichi 'justiciable' ta'uu qaba. Kanneen hin mijanne 'non-justiciable' jedhamu.

Dhimmoonni sababa maaliif dhimma mana murtiitiin furmaata hin arganne (Non-justiciable) taasifamuu?
👉Dhimma imaammataa Ol'aanaafi Mana Maree bakka bu'oota uummataa gidduu lixuu irraa of qusachuuf;
👉Manneen murtii dhimmicha irratti beekumsa gahaa bu'a qabeessa taasisuun waan hin qabneef;
👉Dhimmichi safartuu qabatamaatti adda bahee beekamu waan hin qabneef;
👉Dhimma ariifachiisaa irratti qaama raawwachiistuu amanuun barbaachisaa waan ta'eef;
👉Furmaatonni biroon waan jiraniif;
👉Bu'a qabeessummaan hojii mootummaa akka hin danqamneefidha.

Haala kanaan, dhimmoonni sababa uumama isaaniitiin adeemsa hojii mana murtiitiif mijataa hin taane, kanneen qaamolee biroodhaaf addatti kennaman dhimmoota murtii mana murtiitiin furmaata argatan hin ta'an. Fakkeenyaaf, dhimmoota kanneen akka waliigalteewwan idla addunyaa mallatteessuu, ittisa, dhiifama (baraara) taasisuu, kennaa kabajaa kennuu, mana Maree bakka bu'oota uummataa diiguufi ministeerotaa muuduu dabalachuu danda'a.
Akka waliigalaatti, jechichi qajeeltoo aangoo abbaa seerummaa daangessudha jechuun ni danda'ama.
👁️Darbee darbee qabatamaatti, mirgoota tokko tokko 'non-justiciable' taasisuunifi aangoo dhimmoota tokko ilaaluu qaamolee biroodhaaf kennuu (qaamolee mana murtii idileetiin ala jiran) akka waan tokko ta'eetti ilaaluun ni jira.

Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dhaddacha gaafa 16/09/2003 ooleen Lakk.Ga.51790 (Jildii 12) irratti kenne keessatti:
👉"ከላይ እንደ ተገለጸው አንድ ጉዳይ በፍርድ ሊያልቅ የሚችለው ዳኝነት የተጠየቀበት ጉዳይ በሕግ ለሌላ አካል ያልተሰጠ ጉዳይ በሚሆንበት ጊዜ እንደሆነ ነው" jedheera.
👉Kunis kan agarsiisu, akka hubannoo dhaddacha Ijibbaataatti dhimmi tokko qaama aangoo abbaa seerummaa qabu kan biroodhaan akka ilaalamu taasisuun dhimmicha 'non-justiciable' kan taasisu ta'uudha.

Haa ta'u malee, Heerri Mootummaa RFDI kwt 37fi 78(4) jalatti, manneen murtii idileetiin ala kanneen aangoo abbaa seerummaa qabaniifi adeemsa seeraan diriire hordofuun murteessuu danda'an akka jiran ibsameera. Bu'uura kanaan, dhimmi tokko sababa qaama biroo aangoo abbaa seerummaa qabuun akka ilaalamu taasifameef dhimmichi 'non-justiciable' hin jedhamu jechuudha.
👉Fakkeenyaaf, Labsiin Hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Labsiin lakk.215/2011 kwt 81 jalatti qaama falmiiwwan hojjettoota mootummaatiin dhiyaatan ilaaluu danda'u, "Mana Murtii Bulchiinsaa" kan jedhamu hundeesseera. Kana jechuun, dhimmoonni Mana Murtii Bulchiinsaa kanatti dhiyaatan 'non-justiciable' ta'an jechuu miti. Ani akkasittan hubadha, isin hoo??

      Join:-
@desberofMM

            Desalegn B.
13👍3
"Justice delayed is justice denied" V. "Justice rushed is justice crushed"

====°°°======°°°°°°=======°°°°°°==
ፍርድ እንዴትና መቼ ይሰጣል?

"Justice delayed is justice denied" “የዘገየ ፍትሕ እንደተነፈገ ፍትሕ ይቆጠራል”:: ይህ ጥቅስ በአጭር ቃል የሚነግረን ፍርድ ሳይዘገይ በተፋጠነ ሁኔታና ጊዜ መስጠት እንደሚገባው ስምምነት የተደረሰበትና በጥቅስ መልክ እስከመነገርም የደረሰ ሀሳብ መሆኑን ነው፡፡

ይሁንና በተቃራኒው ደግሞ  "Justice rushed is justice crushed" የተቻኮለ ፍትሕ እንደተሰበረ ፍትሕ ይቆጠራል" የሚል አባባልም አለ፡፡ እነዚህ መርሆዎች የሚያስጨብጡት መሠረታዊ ቁም ነገር ፍትሕ ወይም ፍርድ ሳይዘገይ በተፋጠነ ሂደት መስጠት እንደሚገባው
👉 ይሁንናም በፍጥነት ሥም ደግሞ የክርክሩን ሂደት ሳይጠናቀቅና ጉዳዩ ለፍርድ ሳይበስል ወይም ብዙ ጉዳዮች ለመዝጋትና ለመወሰን ተብሎ ፍትሕ መስዋዕት ሆኖ በችኮላ መሰጠት እንደሌለበትና የማመጣጠን ዘዴን እንደሚጠይቅ ነው፡፡
👁️የተፋጠነ ፍትሕ መስጠትን በምንመለከትበት ጊዜ ውጤታማነትንና ቅልጥፍናን (Effectiveness and Efficieny) አብሮ ማስኬድ የሚጠይቅ ስራ ነው፡::የፍርድን አሰጣጥ ሁኔታና ጊዜ ከሚወስኑት ብዙ ነገሮች መካከል የክርክር አቅራቢዎቹ ክርክር አቀራረብና የዳኞች እውቀትና ክህሎት ዋናውን ድርሻ የሚወስዱ ናቸው፡፡ ለማንኛውም የፍርድ ቃል መሠረቱ አንድ አቤቱታ አቅራቢ የሚያቀርበው አቤቱታ ነው የአቤቱታው መቅረብ የክርክሩ መነሻ ሲሆን በቀረበው አቤቱታ ተከራካሪ ወገን ካለ ተጠርቶ ክርክሩን ያቀርባል ፍ/ቤት በሥነ ሥርዓት ሕጉ መሠረት እንደአግባብነቱ አከራክሮ በመጨረሻ ለጉዳዩ እልባት የሚሰጠው ፍርድ በመስጠት ነው፡፡
  (Moojula Inistitiyuutiin Leenjii Seeraa Federaalaa Afaan Amaaraatiin Leenjifamtoota leenjii Hojiin duraa yeroo dheeraatiif qopheesse keessaa kan fudhatame)

     Join:-
@desberofMM

           Desalegn B.
11
Namni Bakka Bu'ummaadhaan Himannaa Sivilii Mana Murtiitti Dhiyeessu Kakachuuf Dirqama Qabamoo Hin Qabu? Kakuun Kun Abbaa Alangaa (Dhimma Yakkaa irratti) Ni Ilaallataa?

====√√√====√√√√√======√√√√√√

Bu'uura Qajeelfama Sirna Dhaddachaa Manneen Murtii Oromiyaa, Lakk.23/2018 kwt 10(6)tiin:
👉Namni Mana Murtiitti himannoo dhiyeeffatu kamiyyuu bu'uura Qajeelfama kanaatiin kakachuu qaba. Himannoon dhiyeeffate kan irraa fuudhamus sirna kakuu erga raawwateen booda ta'uu tumeera.

👉Qajeelfamichi kwt 11(1) jalatti immoo dhimma yakkaa irraa kan hafe, namni bu'uura seera rogummaa qabuutiin himannoo dhiyeeffatu akkaataa miiltoo qajeelfamichaan walqabatee jiruutiin ofiisara seeraa duratti dursee kakuu raawwachuu kan qabu ta'uu tumeera.

Haala kanaan, qajeelfamichi:

Abbaan Alangaa dhimma yakkaa ilaalchisee kan hin kakanne ta'uu;
"Namni kamiyyuu" waan jedhuuf namni bakka bu'ummaadhaan himannaa dhiyeesses kakachuuf kan dirqamu ta'uu agarsiisa jechuudha.

Bakka bu'aan ykn abukaatoon ykn qaamni bakka bu'ummaadhaan himannaa Sivilii dhiyeessu kamiyyuu akka kakatuuf kan dirqisiifame firii dubbii maamilli kaase dhugaa ta'uu ofiifis ni beeku jedhamaniitimoo kakaanis bakka bu'ummaadhaan raawwatama jechuudhaa? Tarii, qajeelfamni kun bakka bu'oonni gaafa maamila irraa dhimma fuudhan firiiwwan dubbii himannaa keessatti eeraman dhugaa yoo hin taane itti gaafatamummaan maamilatti kan dhufu ta'uu maamila isaanitti dursanii himanii (sobni waan babal'ateef) bakka bu'ummaadhaan akka kakatan taasisuu barbaadee? Mee isin akkamitti hubattan?

    Join:-
@desberofMM

        Desalegn B.
15
Why Didnt They Teach Me This in Schoo... (Z-Library).pdf
1.7 MB
Why Didn't They Teach Me This In School? 99 Personal money management principles to live by: By Cary Siegel
     (Credit to Hassan Sas Bangura Blog)

     Join:-
@desberofMM

            Desalegn B.
1
Forwarded from Nuraddin Sham - FHS
DARBIINSA YEROO WALIIGALTEE BITTAAFI GURGURTAA LAFAA.pdf
557.7 KB
Share DARBIINSA YEROO WALIIGALTEE BITTAAFI GURGURTAA LAFAA.pdf
🤔
3👌1
Namni Bu'uura Sdfs kwt 421tiin Qabeenyi Kabachiifame Kiyya Ta'uun Mirkanaa'ee Akka Naaf Labsamu Jechuun Himannaa Haarayaa Dhiyeessu Adeemsi Raawwii Qabeenyicha Irratti Eegalame Akka Naaf Dhorkamu (Yeroof Akka Dhaabbatu) Jechuun Gaafachuu Ni Danda'aa?

^^^^√√√^^^^^^√√√√√^^^^^^^^√√√√√√√√

Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dhaddacha gaafa 15/04/2013 ooleen Lakk.Ga.184585 (Jildii 27ffaa) irratti sagalee caalmaatiin kenne keessatti:

👉Himannaa bu'uura sdfs kwt 421tiin dhiyaate irratti hanga murtiin kennamutti, murtiin iyyannoo akkaataa sdfs kwt 418tiin dhiyaate kufaa taasisuun kennamu ragga'ee kan turu ta'uun keewwaticha jalatti tumamee kan jiru ta'ullee, hanga murtiin qabeenya raawwiif kabajame irratti kennamutti galmee raawwii irratti murtiin ykn ajajni kennamu bu'aa falmii adeemsarra jiruu kan miidhu ta'uun isaa yoo mirkanaa'e, himannaan qabeenyicha ilaalchisee dhiyaate hanga xumura argatutti qabeenyicha ilaalchisee ajajni raawwii kennamu ykn kenname yeroodhaaf dhorkamee akka turu sababni hin taasifamneef hin jiru jedheera.

👉Kana malees, falmii adeemsarra jiru murteessuun kan danda'amu erga falmiin galmee biroo irratti adeemsifamaa jiru furmaata argatee booda ta'uun isaa yoo hubatame, manni murtichaa galmee harka isaa jiru beellamaan tursiisuu akka danda'u sdfs kwt 197(2) jalatti ibsameera.
👉Kaayyoon tumaa kanaa dhimma tokko irratti murtiiwwan addaa addaa ykn walfaallessan akka hin kennamne ykn murtii (ajajni) galmee tokko irratti kennamu falmii galmee biroo irratti adeemsifamu gatii akka hin dhabsiisne taasisuun qajeeltoowwan haqa adeemsaa, walfakkaattummaafi tilmaamamummaa mirkaneessuuf akka ta'e ni amanama jedheera.
👉Tumaan kun irra keessa wayita ilaalamu dhimma raawwii kan hin ilaallanne fakkaatullee sababa itti adeemsa raawwii irratti hojiirra hin oolleef hin qabu jedhaniiru.

Gama birootiin, abbaan seeraa sagalee caalmaa irraa yaadaan adda bahe: kaayyoon sdfs kwt 418fi 421 namni mirga hin qabne raawwii irratti danqaa akka hin taane ittisuufi namni mirga qabus carraa mirga qabeenyaa isaa kabachiifachuu akka hin dhabne taasisuudha.
Sdfs Keewwatni 197(2) dhimma raawwiifiif rogummaa hin qabu.
Kwt 421 jalatti hanga murtiin kennamutti ajajni bu'uura kwt 418tiin kenname ragga'ee tura kan jedhus himannaan dhiyaachuun adeemsa raawwii akka addaan hin kuchisiisne agarsiisa.
Garee 3ffaan mirga isaanii kabachiifachuuf himannaa dhiyeessan yoo mo'atan mirga qabeenyicha hordofuu waan qabaniif, nama adeemsa raawwiitiin bitate irraas deebisiifachuu ni danda'u jedheera. (Haalli kun akkaataa sdfs kwt 423(2)(e)tiin beeksisa caalbaasii keessatti waan ibsamuuf) Mee isin amansiisummaa murtii sagalee caalmaafi yaada addaa akkamitti ilaaltu

     Join:-
@desberofMM

         Desalegn B.
17👍7👏2🥰1
Vacancy for lawyers ....Via Ethio Jobs Hub

👉Deadline-Jan 2/2026

            Good luck!

     Join:-
@desberofMM

         Desalegn B.


10
Bakka Bu'aan Tokko Sababa Maallaqni (Baasiin) Ani Baase Naaf Hin Kaffalamne Jedhuun Konkolaataa Bakka Bu'ummaadhaan Bite Bakka Buusaa Harkaan Gahuu Yoo Dide, Yakka Amantaa Hir'isuu Raawwateera Jedhamee Adabamuu Ni Danda'aa? Gama Kanaan, Manni Maree Federeeshinii FDRI Maal Jedhee?

===✓✓✓===✓✓✓✓======✓✓ ✓

Dhimma yakka amantaa hir'isuu Seera Yakkaa kwt 676n walqabatu ilaalchisee Manni Maree Federeeshinii FDRI yaa'ii idilee 2ffaa gaafa 03/10/2012, bara hojii 5ffaa, bara paarlaamaa 5ffaa Lakk.Ga.73/11 irratti, Iyyataa:-Isheetuu Wubisheetifi Waamamaa:-Abbaa Alangaa gidduutti taa'ee tureen murtii kenneera.

👉Dhimmichi kan eegale Mana Murtii Aanaa Adaamaa irraa yemmuu ta'u, abbaan Alangaa himannaa iyyataa ammaa irratti dhiyeesseen "iyyataan ammaa seera Yakkaa kwt 676(2)(A) irra darbuudhaan konkolaataa Bakka Bu'ummaadhaan miidhamtuu dhuunfaatiif maqaa isheetiin bite yeroo gaafatamutti kennuu waan dideef, gocha yakka amantaa hir'isuu raawwateera" kan jedhe yemmuu ta'u, iyyataan ammaa maqaa isheetiin bituufi Bakka Bu'ummaan jiraachuu isaa osoo hin haalin, konkolaaticha maallaqa kiyyaan waanan biteef, baasiiwwan adda addaas waanan baaseef dursa baasiiwwan kana yoo naaf kaffalte nan kennaaf jedheera.

👉Kana booda, Manni murtii aanaa ragaa bitaafi mirga dhagahee; ragaa sanadaas ilaalee iyyataan yakka Amantaa Hir'isuu raawwateera jechuun kan adabe yemmuu ta'u, MMO cimseera.

👉Dhimmichi dhaddacha Dhaabbii Bahaa MMWO gahee, dhaddachichi immoo: iyyataafi miidhamtuun Hariiroo hawaasaatiin walgaafachuu qabu malee gochichi ulaagaa yakkaa hin guutu jechuun murtii balleessummaa iyyataa ammaa irratti kenname diigeera. Dhaddachi Ijibbaataa MMWO murtii kana cimseera.

👉Dhaddachi Ijibbaataa MMWF immoo gochichi ulaagaa yakka amantaa hir'isuu SY kwt 676 (2)(A) jalatti ibsame ni guuta jechuun murtiiwwan dhaddacha Ijibbaataa MMWOfi dhaddacha Dhaabbii Bahaa diigee, kan Aanaafi Ol'aanaa cimseera.

👉Kanumaan, dhimmichi mana Maree Federeeshinii FDRI kan gahe yemmuu ta'u, Manni marichaa jalqaba irratti, Dhimmicha keessatti iyyataan ammaa maqaa miidhamtuu dhuunfaatiin, akkasumas faayidaa miidhamtuu dhuunfaatiif konkolaataa falmiif sababa ta'e biyya alaatii galchuu hin haalle. Falmiin iyyataa ammaa (himatamaa jalaa), gatii konkolaatichaafi baasiiwwan biroo anatu kaffale waan ta'eef konkolaaticha simachuuf dursa naaf kaffaluu qabdi kan jedhudha jedheera.

👉Itti fufuun, Manni Marichaa, Yakki amantaa hir'isuu raawwatameera jedhamuuf ulaagaan guutamuu qabu faayidaan nama maallaqa ykn qabeenya adaraadhaan kennee tuqamuu qofa osoo hin taane gochichi amantaa hir'isuu irraa kan madde; kunis, yaada badaa irraa kan madde ta'uun isaa hubatamuu qaba jedheera. Manni marichaa murticha keessatti fakkeenyas kan fudhate yemmuu ta'u, fakkeenyaaf, qabeenyichi sababa hanqina haala qabiinsaatiin ykn dhiibbaa ho'aafi qorraatiin kan manca'e (bade) yoo ta'e, namni qabeenyicha adaraadhaan (imaanaadhaan) fuudhe hariiroo hawaasaatiin malee yakka amantaa hir'isuu kwt 676 (2)(A) jalatti tumameen itti hin gaafatamu. Akkasumas, namni maallaqa ykn qabeenya imaanaadhaan fuudhe, maallaqa ykn qabeenyicha faayidaa imaanaa kennaatiif kan oolche yoo ta'e, fakkeenyaaf, hayyama nama imaanaa kenneetiin ala idaa imaanaa kennaatiif yoo oolche, dhimmichi dhimma hariiroo hawaasaa yoo ta'e malee dhimma yakka amantaa hir'isuu hin ta'u jedheera.

👉Tilmaama seera Yakkaa kwt 675(3) jalatti ibsame keessatti, namni tokko "qabeenya harka kiyya gale irratti mirgan qaba" jedhee falmii seeraa yoo kaase, yaada badhaadhina hin malle argachuu qaba jedhamee tilmaamni akka fudhatamuu qabutti hin tumamne.

👁️Seera yakkaas akka malee bal'isuun hiikuun sirrii miti. Haala kanaan hiikuun, qajeeltoo "seerri yakkaa dhiphatee hiikamuu qaba; gochi yakkaa shakkii dhama qabeessaa olitti mirkanaa'uu qaba" jedhuun kan walfalleessu waan ta'eef, Heera Mootummaa FDRI kwt 22(1) (tumaa "namni tokko gocha yakka hin taaneen adabamuu hin qabu" jedhu) waliin walfaallessa jechuun hiikkoo seeraa Dhaddachi Iijibbaataa MMWF diigeera. Mee isin murtii kana irratti yaada akkamii qabduu?

      Join:-
@desberofMM

           Desalegn B.
47👍9
Abbootii seeraa dhaddacha Ijibbaataa MMWO keessaa muraasa isaanii.

    Join:-
@desberofMM

         Desalegn B.
26👌4
Dhimmoota Investimentiitiin Walqabatee Rakkoolee Qabatamaatti Mudachaa Jiraniin Walqabatee Yaada keenya Erga Kenninee Booda Suuraa fudhatame.

      Join:-
@desberofMM

         Desalegn B.
18👏5
Tumaan SHH kwt 1809, Mata Duree "Waliigaltee Hin Raawwadhu Jedhanii Diduu" Jedhu Jalatti:

"Gareen Waliigalticha Hin Raawwadhu Jechuu Barbaadu Waliigaltichi Fudhatama Kan Hin Qabne Ta'uu Yeroo Kamittuu Akka Ittisaatti Kaasuu Danda'a" Jedhamee Tumame Haala Kam Keessatti Hojiirra Oola??
Darbiinsi Yeroo Waggaa Lamaan Kwt 1810 jalatti Tumame Yoom Hojiirra Oola

✓✓✓✓¥¥¥¥✓✓✓✓✓✓¥¥¥¥¥¥¥✓✓✓✓✓

Seerri Hariiroo Hawaasaa biyya keenyaa kwt 1808 jalatti nama (garee) waliigaltee diigsisuuf mirga qabu adda baasee tumeera. Nama mirga qabus haalota irratti hundaa'ee qoqqooduuf yaaleera. Haalonni kunis, waliigaltichi ni diigama kan jedhame sababa maaliif, dantaa eenyuu eeguuf kan jedhufaa dabalata. Waliigaltichi kan diigamu sababa hir'inni fedhii guutuu jira jedhameef yoo ta'e, kan diigsisuu danda'u garee fedhiin isaa hir'ate jedhame qofadha. Kan diigamu sababoota biroodhaan yoo ta'e garuu haalonni gareewwan hundayyuu walqixadha waan ta'eef, gareewwan keessaa tokkoon isaanii ykn namni na ilaallata jedhu kamiyyuu diigsisuu ni danda'a.

Gareen waliigaltee haala kanaan diigamuu danda'u keessa jiru waliigaltee kana hin raawwadhu jedhee yeroo kamiyyuu diduuf mirga kan qabu ta'uun Seericha kwt 1809 jalatti tumameera. Kunis mirga raawwii waliigaltichaa diduu ilaallata waan ta'eef, mirgi kun erga waliigaltichi raawwatamee booda hin jiraatu jechuudha. Fakkeenyaaf, namni tokko erga akkaataa waliigalteetti mana gurgurame bitataa harkaan gahee dirqama isaa baheen booda falmii inni bu'uura tumaa kanaatiin kaasu hin jiraatu jechuudha.

Jechi tumaa SHH kwt 1809 jalatti "yeroo kamiyyuu" jettu waan dhimmichi darbiinsa yeroo hin qabne fakkeessa. Haa ta'u malee, mirgi kun daangaa yeroo kan dhabu haalli yeroo itti waliigalame ture hin jijjiiramne yoo ta'eefi yoo akkaataa waliigaltichatti hin raawwatamne ta'edha.

Yoo akkaataa waliigalteetti raawwatameera ta'e garuu guyyaa dhumaa sanaan booda waliigalticha diigsisuun hin danda'amne kaa'uun barbaachisaa waan ta'eef seerri biyya keenyaa guyyaa sababni waliigalticha diigsisu hafe irraa eegalee waggaa lama keessatti gaaffii diiggaa dhiyeessuun akka danda'amu ibsa.

Kanaaf, waliigalteen tokko kan diigamu sababa hafuu danda'u irratti hundaa'ee yoo ta'eefi waliigaltichi raawwatameera yoo ta'e, iyyannoon diiggaa waliigaltichaa darbiinsa yerootiin ni daangeffama jechuudha. Fakkeenyaaf, Kabbadaan gosaafi qulqullina laap tooppii tokkoo irratti Gammadaa dogoggorsiisee, gatii ol'aanaadhaan gaafa 20/03/2014 yoo itti gurgurateefi Gammadaan gatii ol'aanaa san yoo kaffaleera ta'e, Gammadaan akkaataa waliigalteetti raawwateera waan ta'eef, waliigalticha kan diigsifachuu danda'u guyyaa kaffale irraa eegalee waggaa lama keessattidha jechuudha.

Kanaan walqabatee, Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dirqisiisaa dhaddacha gaafa 30/09/2014 ooleen lakk.Ga.206083 (kan hin maxxanfamne) ta'eefi 212820 irratti kan kenne ta'uun isaa ni yaadatama.

Qabatamaatti, tumaan kun wayita diigamuun waliigaltichaa ulaagaan fedhii guutuu dhabuu (hir'ina fedhii) irraa madduun walqabata. Sababni waliigalticha diigsisu hafuu danda'a kan jedhamu yeroo baay'ee fedhii guutuu kennuu dhabuudhaan walqabatee hir'inni wayita uumamudha. Dhimmoonni biroon SHH kwt 1810niin osoo hin taane tumaalee waliigalaatiin furmaata argatu. Mee haala addaa armaan gadii kana akkamitti ilaaltu?

       Gaaffii

Fakkeenyaaf, namni Biraanuu jedhamu ilma isaa Dassaaleny (Dassuu ykn Dassee jechuun ni danda'ama 🧐) jedhamuuf qabiyyee lafa baadiyyaa hektaara tokko waliigaltee afaaniin gaafa 20/12/2017 raawwatameen erga kennee booda, seerri waliigalteen kennaa lafa baadiyyaa barreeffamaan ta'uu qaba jedhamee bahee ture gaafa 10/07/2018 yoo haqame, sababni waliigalticha diigsisu (ulaagaan foormii guutuu dhabuu) gaafa 10/07/2018 irraa eegalee hafaa waan ta'uuf, waliigalteen akkasii gaafa 10/07/2018 irraa eegalee waggaa lama keessatti diigsifamuu qaba jechuudhaa? Mee akkamitti ilaaltu?

     Join:-
@desberofMM

          Desalegn B.
20