Desalegn B.
7.41K subscribers
683 photos
23 videos
571 files
82 links
Just to share training materials prepared for lawyers!
Download Telegram
https://vm.tiktok.com/ZMHKrG7PEbHKs-myIoc/ This post is shared via TikTok Lite. Download TikTok Lite to enjoy more posts:  https://www.tiktok.com/tiktoklite

๐Ÿ˜๐Ÿ˜
โค1
Gibira Buโ€˜aa Tasaa (Windfall Profit Tax) ykn 'แŠ•แ‹แˆต แŠ แˆ˜แŒฃแˆฝ แ‰ตแˆญแ แˆ‹แ‹ญ แ‹จแˆšแŒฃแˆ แŒแ‰ฅแˆญ' Jechuun Maal Jechuudhaa?

===โœ“โœ“โœ“====โœ“โœ“โœ“โœ“=====โœ“โœ“โœ“โœ“

Gaaleen "Bu'aa Tasaa" jedhamu kun kan beekamu seera taaksii keessatti yemmuu ta'u, Labsiin Gibira Galii Federaalaa, Lakk.979/2008 (akka fooyya'etti)fi Labsiin Gibira Galii Naannoo keenyaa, lakk.202/2009, duraa duubaan kwt 60fi 56 jalatti, "buโ€™aa tasaaโ€ jechuun buโ€™aa dhamaatii malee argame, hin eegamne yookiin irra deddeebiin hin argamne biroo kamiyyuu dha jechuun tumaniiru. Haala kanaan, bu'aan tasaa kun bu'aa sochii hojii daldalaatiin argamu hin dabalatu jechuudha.

Biyyi keenya, bu'aa tasaa kana irraa gibira kan funaanuu eegalte yeroo dhiyoo keessadha. Ka'umsi isaa, bara 2002 wayita mootummaan ta'e jedhee gatiin maallaqa (birr) biyya kanaa akka gadi bu'u taasisee (devaluation) turedha. Yeroo sanatti baankiifi dhaabbilee faayinaansii kanneen biroo maallaqa biyya alaa of harkaa qaban bu'aa tasaa argataniiru. Kanarraa ka'uun, mootummaa gosa gibiraa "Windfall Profit Tax" jedhamu bu'aa haala kanaan tasa argamu irratti gatee, bu'aa tasa argamu kana deebisee fudhachuuf fedhii horate. (Waraqaa Qorannoo (PhD) Dr.Taddasaa Leencootiin barreeffame, 2014) Kana raawwachiisuuf immoo labsiiwwanifi qajeelfama kan baase yemmuu ta'u, qajeelfamni gama kanaan Ministeera Maallaqaafi Misooma Dinagdeetiin bahe, qaj.lakk.29/2003dha.

    Join:-
@desberofMM

         Desalegn B.
โค7๐Ÿ‘6
Qaaccessa Gabaabaa (BT).pdf
58.6 KB
Obbo Bisraat Tasfaayee (Abbaa Seeraa MMWO) barreeffama isaa kanaan, barreeffama gabaabaa Haayyuu fi barsiisaan seeraa beekamaan biyya keenyaa, Tsahaay Wadaa, mata duree โ€˜โ€™Rethinking the Ethiopian Rape Lawโ€™โ€™ jedhuun barreesse dubbisee bifa gabaabaa ta'een Afaan Oromootiin 'review' godhee nuuf dhiyeesseera. Dubbisaa!!

๐Ÿ‘‰Barreeffamichi olitti (โ˜๏ธโ˜๏ธโ˜๏ธ ) dhoobameera.

    Join:-
@desberofMM

        Desalegn B.
โค10
Forwarded from Gonfa Atoma
Qabdii (Earnest Money) fi Buโ€™aa Seeraa Hordofsiisu
โ€ขโ€ขโ€ข
Bittaa qabeenyaa kan akka manaa fi konkolaataa faa yeroo raawwattan maallaqa qabdii jedhamu kanfaltii beektuu? Qabdii kanfaluun keessan seera fuulduratti buโ€™aa akkamii akka hordofsiisu hoo quba qabduu? Barreeffama gabaabduu kana keessatti dhimma kana irratti yaada hubannoo kennuu dandaโ€™u isiniif qopheesseera, itti dhiyaadhaa!
Qabdiin Maal?
Seerri hariiroo hawaasaa Itoophiyaa bara 1952 bahe waaโ€™ee maalummaa qabdii waanti tume jiraachuu baatus buโ€™aa (effect) isaa ilaalchisee keewwata 1883 jalatti qabdii kennuun waliigalteen raawwatamuu isaaf ragaadha (proof of the making of the contract) jechuun ibsee jira. Kana jechuunis waliigalteen raawwatamuu isaa irratti amantaa guutuun yoo uumame gareen tokko garee biraatiif qabdii kanfala ykn kenna akka jechuuti. Qabdiin kenname taanaan gareewwan lamaan (isa kennee fi isa fudhate) irratti dirqama seeraa hordofsiisu qaba. Qabxii murteessaanis waaโ€™ee maalummaa qabdii osoo hin taane buโ€™aa seeraa inni hordofsiisu waan taโ€™eef itti aansinee isa ilaalla.
Buโ€™aa Seeraa/Legal Effect/ Qabdii Kennuun Hordofsiisu
Akkuma armaan olitti ibsame qabdii kennuun gareewwan lamaan irratti buโ€™aa/dirqama seeraa hordofsiisu ni qabaata. Keesumattuu waliigalteen seename sun akkaataa yaadameen hojiirra ooluu yoo hafe ykn diigame waliigalticha garee kamtu diige dhimma jedhu hordofee buโ€™aa hordofsiisu kan qabu taโ€™uu seera hariiroo hawaasaa keewwata 1885 irraa ni hubatama. Akkaataa kanaan isin nama qabeenya tokko nama biraa irraa bituuf erga waliigaltee raawwattanii fi qabdii kennitanii booda waliigalticha kan diigdan yoo taโ€™e maallaqa qabdii jettanii kennitan sana naaf deebisi jettanii gaafachuu kan hin dandeenye taโ€™uu seerichi isin dhorka. Gama biraatiin isin nama qabeenya gurguruuf erga waliigaltanii fi qabdii fudhattanii booda waliigalticha yoo diigdan maallaqa fudhattan sana dacha isaa nama irraa fudhattaniif akka deebisuu qabdan seerri isin dirqisiisa jechuudha. Fakkeenyaaf mana wayii qarshii 5,000,000โ€™n nama biraatti gurguruuf waliigaltanii qabdii qarshii 200,000 erga fudhattanii booda yaada gurgurtaa keessan geeddaruun waliigaltee seentan yoo giidgan ykn waadaa cabsitan qarshii 400,000 nama irraa fudhattan sanaaf deebisuu qabdu jechuudha. Gama biraatiin waliigalteen seename akkaataa waliigalameen kan raawwatame yoo taโ€™e immoo gareen qabdii fudhate maallaqa fudhate sana garee biraatiif deebisuuf ykn maallaqa waliigalaa itti qabeenyicha gurgure irraa hirโ€™isuuf akka dirqamu seericha keewwata 1884 jalatti tumamee jira.
Garaagarummaa Qabdii fi Kanfaltii Duraa (Earnest vs Down Payment)
Lamaan isaanituu maallaqa dursee namni qabeenya bite nama gurgureef kennu taโ€™anis buโ€™aa hordofsiisan irratti garaagarummaa ni qabu. Garaagarummaan isaanii inni guddaan namni qabdii fudhatee waliigaltee seenee ture diige maallaqa fudhate sana dacha lamaan baayโ€™isee deebisuuf kan dirqamu yoo taโ€™u namni kanfaltii duraa fudhatee waliigalticha diige garuu hanguma maallaqa fudhatee deebisuuf kan dirqamuudha. Kana kan murteessu ammo waliigaltee gareewwan lamaan waliif mallatteessan keessatti qabdii ykn kanfaltii duraa jedhamee ibsamuu dha. 
Guduunfaa
Kanaaf waliigaltee bittaa fi gurgurtaa raawwattaniin wal qabatee qabdiin ykn kanfaltiin duraa isin raawwattan buโ€™aa seeraa hordofsiisu kan qabu taโ€™uu beektanii itti galuu qabdu. 
โค11๐Ÿ‘2
Bu'uura Labsii Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Mootummaa Federaalaatiin Waraqaan Ragaa Mirkaneessa Qabiyyee Lafaa Bu'aa Ragummaa Sadarkaa Hagamii Qabaa? Haalota Dhiphaa Akkamiitiin Mormiin Ragaa Kana Irratti Ka'uu Danda'aa? Labsiin Naannoo Keenyaahoo Maal Jedhaa?

โ€ขโ€ขโ€ข^^^^โ€ขโ€ขโ€ขโˆšโ€ขโ€ขโ€ข^^^^^^โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโˆšโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข^^^^^^^^โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโˆšโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข

Bu'aa Waraqaa Ragaa Mirkaneessa Qabiyyee Lafaa

๐Ÿ‘‰Qabiyyeen lafaa maqaa abbaa qabiyyee tokkootiin galmaa'ee waraqaan ragaa yoo kennameef waraqaan ragichaa mirgootaafi faayidaa abbaa qabiyyummaa kamiyyuu dirqamoota waliin ni kennisiisaaf.
๐Ÿ‘‰Waraqaan ragaa mirkaneessa qabiyyee ragaa isa dhumaa abbaa qabiyyummaa mirkaneessudha. Waraqaa ragaa mirkaneessa qabiyyee irratti ragaan faallaa kamiyyuu hin dhiyaatu.
๐Ÿ‘‰Kan olitti tumame jiraatus, waraqaa ragaa mirkaneessa qabiyyee irratti mormiin ka'uu kan danda'u:
    A) Galmeen isaa qaama aangoo hin qabneen kan raawwatamee ture yoo ta'e ykn
    B) Galmichi sanada seeraan alaa irratti hundaa'ee kan raawwatame yoo ta'e qofadha.
   (Labsii Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Federaalaa, Labsii Lakk.1324/2016 kwt 52)

Hubachiisa:

โœ…Labsiin Lakk.1324/2016 kwt 2(16) jalatti "Waraqaa ragaa mirkaneessa qabiyyee" jechuun sanada abbaa mirgaa ta'uu mirkaneessuuf dhaabbilee bulchiinsa lafaatiin kennamudha jedha.
โœ…Gama birootiin, Labsiin Naannoo keenyaa, Lakk.248/2015 kwt 2(37) jalatti "Waraqaa Ragaa yookiin Kaartaa Abbaa Qabiyyee" jechuun wabii mirga abbaa qabiyyummaafi ittifayyadama lafa baadiyyaa mirkaneessuuf Biirichaan ragaa kennamu ta'ee, qabiyyeen lafaa hangi isaa kaartaa irratti ibsame kan nama ragicha of harkaa qabuu ta'uu tilmaama seeraa ragaa biraatiin faallefamuu danda'u kennisiisu jechuu akka ta'etti hiikeera.
๐Ÿ‘‰Kunis kan agarsiisu, labsiin naannoo keenyaa waraqaan ragaa tilmaama abbaa qabiyyeeti jedhu kan uumu ta'uu; kanaan ala garuu haala itti faalleffamu ilaalchisee dhiphisee kan hin tumne ta'uudha.
โœ…Kana malees, Labsiin lakk.248/2015 kwt 31 jalatti waraqaan ragaa mirkaneessa qabiyyee wabummaa mirgaa mirkaneessuuf kan kennamu ta'uu ibseera.
๐Ÿ‘๏ธQabatamaan, darbee darbee, otuma waraqaan ragaa kun galmee keessa jiruu tilmaamni seerichaan akka kennamuuf barbaadame osoo hin kennaminiif bira darbuun ragaa namaafi ragaalee biroo dabalataa ilaaluun madaalanii murteessuun ni jira.

     Join:-
@desberofMM

           Desalegn B.
โค14๐Ÿ‘4
Beeksisa Qacarrii Hojii Mana Murtii Waliigala Federaalaatiin bahe
๐Ÿ‘‰Gita Hojii-Barreessaa Dhimmoota Seeraa
๐Ÿ‘‰Ulaagaa-seeraan dippiloomaa ykn digirii
๐Ÿ‘‰Bakka Hojii-Dirre Dhawaafi Finfinnee
๐Ÿ‘‰Baay'ina Waliigalaa nama barbaadamuu-135

             Carraa gaarii!

       Join:-
@desberofMM
    
              Desalegn B.
๐Ÿ‘4
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo dhaddacha gaafa 08/10/2015 ooleen Lakk.Ga.239269 (kan hin maxxanfamne) irratti kenne keessatti:

๐Ÿ‘‰Bu'uura sdfs kwt 396(4)tiin qajeeltoon "Manneen murtii murtii raawwachiisan kamiyyuu kaffaltii galmee mana murtii irratti hin galmoofneef gatii kennuu hin qaban" jedhu jiraatus, abbaan idaa hanga maallaqaa murtaa'e keessaa harka caalu mana murtiitiin ala kaffalee, lakkoofsa herregaa abbaa mirgaatti galii taasifamee maallaqni hafe immoo moodela 85niin mana murtii akka taa'uuf naaf haa ajajamu jechuun iyyatee osoo jiruu iyyannoo murtiin abbaa idaa qulqulleessuun murtii barbaachisaa ta'e osoo hin kennin kufaa taasisuun dogoggora bu'uura seeraati" jedheera.
      (Sdfs kwt 396)

       Join:-
@desberofMM

           Desalegn B.
โค11๐Ÿ‘7
Hubachiisa:

โœ…Kanaan dura dhimmoota falmisiisoo lakkoofsaan sadii ta'an irratti walitti deebina jechuun waadaa seennee osoo walitti hin deebi'in kan hafne ta'uun keenya ni yaadatama. Haa ta'u malee, dhimmoonni irratti waadaa seenne dhimmoota jajjaboo bilchinaan ilaalamuu qaban (seera gadi fageenyaan ilaaluufi dhimmoota qabatamoo rogummaa qaban sakatta'uu waan gaafatuuf) waan ta'eef, kan lafarra harkisne ta'uu isin hubachiisuu feena. Kanas ta'ee, dhimmoota ibsinee turre irratti yaada dhuunfaa keenya iftoominaan ibsuun waan hin hafneef obsaan akka nu eegdan abdii qabna. Obsa keessaniif galatoomaa!๐Ÿ™๐Ÿ™

    Join:-@desberofMM

            Desalegn B.
๐Ÿ‘12โค1
Waa'ee 'Justiciability'

===โˆšโˆšโˆš=====โˆšโˆšโˆšโˆšโˆš========โˆšโˆšโˆšฯ€

โœ…Kanaan dura chaanaalii telegiraamii kana irratti waa'ee 'Justiciability' fi 'Jurisdiction' kaasnee turre. Jechi 'Justiciability' jedhu kun dhimmoota uumama isaaniitiin murtii mana murtiitiin furmaata argachuu danda'an ykn murtii kennuuf mana murtiitiif mijataa ta'an ilaallata. Dhimmi tokko mana murtiitiin keessa deebiidhaan ilaalamuufis dhimmichi 'justiciable' ta'uu qaba. Kanneen hin mijanne 'non-justiciable' jedhamu.

Dhimmoonni sababa maaliif dhimma mana murtiitiin furmaata hin arganne (Non-justiciable) taasifamuu?
๐Ÿ‘‰Dhimma imaammataa Ol'aanaafi Mana Maree bakka bu'oota uummataa gidduu lixuu irraa of qusachuuf;
๐Ÿ‘‰Manneen murtii dhimmicha irratti beekumsa gahaa bu'a qabeessa taasisuun waan hin qabneef;
๐Ÿ‘‰Dhimmichi safartuu qabatamaatti adda bahee beekamu waan hin qabneef;
๐Ÿ‘‰Dhimma ariifachiisaa irratti qaama raawwachiistuu amanuun barbaachisaa waan ta'eef;
๐Ÿ‘‰Furmaatonni biroon waan jiraniif;
๐Ÿ‘‰Bu'a qabeessummaan hojii mootummaa akka hin danqamneefidha.

โœ…Haala kanaan, dhimmoonni sababa uumama isaaniitiin adeemsa hojii mana murtiitiif mijataa hin taane, kanneen qaamolee biroodhaaf addatti kennaman dhimmoota murtii mana murtiitiin furmaata argatan hin ta'an. Fakkeenyaaf, dhimmoota kanneen akka waliigalteewwan idla addunyaa mallatteessuu, ittisa, dhiifama (baraara) taasisuu, kennaa kabajaa kennuu, mana Maree bakka bu'oota uummataa diiguufi ministeerotaa muuduu dabalachuu danda'a.
โœ…Akka waliigalaatti, jechichi qajeeltoo aangoo abbaa seerummaa daangessudha jechuun ni danda'ama.
๐Ÿ‘๏ธDarbee darbee qabatamaatti, mirgoota tokko tokko 'non-justiciable' taasisuunifi aangoo dhimmoota tokko ilaaluu qaamolee biroodhaaf kennuu (qaamolee mana murtii idileetiin ala jiran) akka waan tokko ta'eetti ilaaluun ni jira.

Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dhaddacha gaafa 16/09/2003 ooleen Lakk.Ga.51790 (Jildii 12) irratti kenne keessatti:
๐Ÿ‘‰"แŠจแˆ‹แ‹ญ แŠฅแŠ•แ‹ฐ แ‰ฐแŒˆแˆˆแŒธแ‹ แŠ แŠ•แ‹ต แŒ‰แ‹ณแ‹ญ แ‰ แแˆญแ‹ต แˆŠแ‹ซแˆแ‰… แ‹จแˆšแ‰ฝแˆˆแ‹ แ‹ณแŠแАแ‰ต แ‹จแ‰ฐแŒ แ‹จแ‰€แ‰ แ‰ต แŒ‰แ‹ณแ‹ญ แ‰ แˆ•แŒ แˆˆแˆŒแˆ‹ แŠ แŠซแˆ แ‹ซแˆแ‰ฐแˆฐแŒ  แŒ‰แ‹ณแ‹ญ แ‰ แˆšแˆ†แŠ•แ‰ แ‰ต แŒŠแ‹œ แŠฅแŠ•แ‹ฐแˆ†แА แАแ‹" jedheera.
๐Ÿ‘‰Kunis kan agarsiisu, akka hubannoo dhaddacha Ijibbaataatti dhimmi tokko qaama aangoo abbaa seerummaa qabu kan biroodhaan akka ilaalamu taasisuun dhimmicha 'non-justiciable' kan taasisu ta'uudha.

โœ…Haa ta'u malee, Heerri Mootummaa RFDI kwt 37fi 78(4) jalatti, manneen murtii idileetiin ala kanneen aangoo abbaa seerummaa qabaniifi adeemsa seeraan diriire hordofuun murteessuu danda'an akka jiran ibsameera. Bu'uura kanaan, dhimmi tokko sababa qaama biroo aangoo abbaa seerummaa qabuun akka ilaalamu taasifameef dhimmichi 'non-justiciable' hin jedhamu jechuudha.
๐Ÿ‘‰Fakkeenyaaf, Labsiin Hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Labsiin lakk.215/2011 kwt 81 jalatti qaama falmiiwwan hojjettoota mootummaatiin dhiyaatan ilaaluu danda'u, "Mana Murtii Bulchiinsaa" kan jedhamu hundeesseera. Kana jechuun, dhimmoonni Mana Murtii Bulchiinsaa kanatti dhiyaatan 'non-justiciable' ta'an jechuu miti. Ani akkasittan hubadha, isin hoo??

      Join:-
@desberofMM

            Desalegn B.
โค13๐Ÿ‘3
"Justice delayed is justice denied" V. "Justice rushed is justice crushed"

====ยฐยฐยฐ======ยฐยฐยฐยฐยฐยฐ=======ยฐยฐยฐยฐยฐยฐ==
แแˆญแ‹ต แŠฅแŠ•แ‹ดแ‰ตแŠ“ แˆ˜แ‰ผ แ‹ญแˆฐแŒฃแˆ?

"Justice delayed is justice denied" โ€œแ‹จแ‹˜แŒˆแ‹จ แแ‰ตแˆ• แŠฅแŠ•แ‹ฐแ‰ฐแАแˆแŒˆ แแ‰ตแˆ• แ‹ญแ‰†แŒ แˆซแˆโ€:: แ‹ญแˆ… แŒฅแ‰…แˆต แ‰ แŠ แŒญแˆญ แ‰ƒแˆ แ‹จแˆšแАแŒแˆจแŠ• แแˆญแ‹ต แˆณแ‹ญแ‹˜แŒˆแ‹ญ แ‰ แ‰ฐแ‹แŒ แА แˆแŠ”แ‰ณแŠ“ แŒŠแ‹œ แˆ˜แˆตแŒ แ‰ต แŠฅแŠ•แ‹ฐแˆšแŒˆแ‰ฃแ‹ แˆตแˆแˆแАแ‰ต แ‹จแ‰ฐแ‹ฐแˆจแˆฐแ‰ แ‰ตแŠ“ แ‰ แŒฅแ‰…แˆต แˆ˜แˆแŠญ แŠฅแˆตแŠจแˆ˜แАแŒˆแˆญแˆ แ‹จแ‹ฐแˆจแˆฐ แˆ€แˆณแ‰ฅ แˆ˜แˆ†แŠ‘แŠ• แАแ‹แกแก

แ‹ญแˆแŠ•แŠ“ แ‰ แ‰ฐแ‰ƒแˆซแŠ’แ‹ แ‹ฐแŒแˆž  "Justice rushed is justice crushed" แ‹จแ‰ฐแ‰ปแŠฎแˆˆ แแ‰ตแˆ• แŠฅแŠ•แ‹ฐแ‰ฐแˆฐแ‰ แˆจ แแ‰ตแˆ• แ‹ญแ‰†แŒ แˆซแˆ" แ‹จแˆšแˆ แŠ แ‰ฃแ‰ฃแˆแˆ แŠ แˆˆแกแก แŠฅแАแ‹šแˆ… แˆ˜แˆญแˆ†แ‹Žแ‰ฝ แ‹จแˆšแ‹ซแˆตแŒจแ‰ฅแŒกแ‰ต แˆ˜แˆ แˆจแ‰ณแ‹Š แ‰แˆ แАแŒˆแˆญ แแ‰ตแˆ• แ‹ˆแ‹ญแˆ แแˆญแ‹ต แˆณแ‹ญแ‹˜แŒˆแ‹ญ แ‰ แ‰ฐแ‹แŒ แА แˆ‚แ‹ฐแ‰ต แˆ˜แˆตแŒ แ‰ต แŠฅแŠ•แ‹ฐแˆšแŒˆแ‰ฃแ‹
๐Ÿ‘‰ แ‹ญแˆแŠ•แŠ“แˆ แ‰ แแŒฅแАแ‰ต แˆฅแˆ แ‹ฐแŒแˆž แ‹จแŠญแˆญแŠญแˆฉแŠ• แˆ‚แ‹ฐแ‰ต แˆณแ‹ญแŒ แŠ“แ‰€แ‰…แŠ“ แŒ‰แ‹ณแ‹ฉ แˆˆแแˆญแ‹ต แˆณแ‹ญแ‰ แˆตแˆ แ‹ˆแ‹ญแˆ แ‰ฅแ‹™ แŒ‰แ‹ณแ‹ฎแ‰ฝ แˆˆแˆ˜แ‹แŒ‹แ‰ตแŠ“ แˆˆแˆ˜แ‹ˆแˆฐแŠ• แ‰ฐแ‰ฅแˆŽ แแ‰ตแˆ• แˆ˜แˆตแ‹‹แ‹•แ‰ต แˆ†แŠ– แ‰ แ‰ฝแŠฎแˆ‹ แˆ˜แˆฐแŒ แ‰ต แŠฅแŠ•แ‹ฐแˆŒแˆˆแ‰ แ‰ตแŠ“ แ‹จแˆ›แˆ˜แŒฃแŒ แŠ• แ‹˜แ‹ดแŠ• แŠฅแŠ•แ‹ฐแˆšแŒ แ‹ญแ‰… แАแ‹แกแก
๐Ÿ‘๏ธแ‹จแ‰ฐแ‹แŒ แА แแ‰ตแˆ• แˆ˜แˆตแŒ แ‰ตแŠ• แ‰ แˆแŠ•แˆ˜แˆˆแŠจแ‰ตแ‰ แ‰ต แŒŠแ‹œ แ‹แŒคแ‰ณแˆ›แАแ‰ตแŠ•แŠ“ แ‰…แˆแŒฅแแŠ“แŠ• (Effectiveness and Efficieny) แŠ แ‰ฅแˆฎ แˆ›แˆตแŠฌแ‹ต แ‹จแˆšแŒ แ‹ญแ‰… แˆตแˆซ แАแ‹แก::แ‹จแแˆญแ‹ตแŠ• แŠ แˆฐแŒฃแŒฅ แˆแŠ”แ‰ณแŠ“ แŒŠแ‹œ แŠจแˆšแ‹ˆแˆตแŠ‘แ‰ต แ‰ฅแ‹™ แАแŒˆแˆฎแ‰ฝ แˆ˜แŠซแŠจแˆ แ‹จแŠญแˆญแŠญแˆญ แŠ แ‰…แˆซแ‰ขแ‹Žแ‰น แŠญแˆญแŠญแˆญ แŠ แ‰€แˆซแˆจแ‰ฅแŠ“ แ‹จแ‹ณแŠžแ‰ฝ แŠฅแ‹แ‰€แ‰ตแŠ“ แŠญแˆ…แˆŽแ‰ต แ‹‹แŠ“แ‹แŠ• แ‹ตแˆญแˆป แ‹จแˆšแ‹ˆแˆตแ‹ฑ แŠ“แ‰ธแ‹แกแก แˆˆแˆ›แŠ•แŠ›แ‹แˆ แ‹จแแˆญแ‹ต แ‰ƒแˆ แˆ˜แˆ แˆจแ‰ฑ แŠ แŠ•แ‹ต แŠ แ‰คแ‰ฑแ‰ณ แŠ แ‰…แˆซแ‰ข แ‹จแˆšแ‹ซแ‰€แˆญแ‰ แ‹ แŠ แ‰คแ‰ฑแ‰ณ แАแ‹ แ‹จแŠ แ‰คแ‰ฑแ‰ณแ‹ แˆ˜แ‰…แˆจแ‰ฅ แ‹จแŠญแˆญแŠญแˆฉ แˆ˜แАแˆป แˆฒแˆ†แŠ• แ‰ แ‰€แˆจแ‰ แ‹ แŠ แ‰คแ‰ฑแ‰ณ แ‰ฐแŠจแˆซแŠซแˆช แ‹ˆแŒˆแŠ• แŠซแˆˆ แ‰ฐแŒ แˆญแ‰ถ แŠญแˆญแŠญแˆฉแŠ• แ‹ซแ‰€แˆญแ‰ฃแˆ แ/แ‰คแ‰ต แ‰ แˆฅแА แˆฅแˆญแ‹“แ‰ต แˆ•แŒ‰ แˆ˜แˆ แˆจแ‰ต แŠฅแŠ•แ‹ฐแŠ แŒแ‰ฃแ‰ฅแАแ‰ฑ แŠ แŠจแˆซแŠญแˆฎ แ‰ แˆ˜แŒจแˆจแˆป แˆˆแŒ‰แ‹ณแ‹ฉ แŠฅแˆแ‰ฃแ‰ต แ‹จแˆšแˆฐแŒ แ‹ แแˆญแ‹ต แ‰ แˆ˜แˆตแŒ แ‰ต แАแ‹แกแก
  (Moojula Inistitiyuutiin Leenjii Seeraa Federaalaa Afaan Amaaraatiin Leenjifamtoota leenjii Hojiin duraa yeroo dheeraatiif qopheesse keessaa kan fudhatame)

     Join:-
@desberofMM

           Desalegn B.
โค11
Namni Bakka Bu'ummaadhaan Himannaa Sivilii Mana Murtiitti Dhiyeessu Kakachuuf Dirqama Qabamoo Hin Qabu? Kakuun Kun Abbaa Alangaa (Dhimma Yakkaa irratti) Ni Ilaallataa?

====โˆšโˆšโˆš====โˆšโˆšโˆšโˆšโˆš======โˆšโˆšโˆšโˆšโˆšโˆš

Bu'uura Qajeelfama Sirna Dhaddachaa Manneen Murtii Oromiyaa, Lakk.23/2018 kwt 10(6)tiin:
๐Ÿ‘‰Namni Mana Murtiitti himannoo dhiyeeffatu kamiyyuu bu'uura Qajeelfama kanaatiin kakachuu qaba. Himannoon dhiyeeffate kan irraa fuudhamus sirna kakuu erga raawwateen booda ta'uu tumeera.

๐Ÿ‘‰Qajeelfamichi kwt 11(1) jalatti immoo dhimma yakkaa irraa kan hafe, namni bu'uura seera rogummaa qabuutiin himannoo dhiyeeffatu akkaataa miiltoo qajeelfamichaan walqabatee jiruutiin ofiisara seeraa duratti dursee kakuu raawwachuu kan qabu ta'uu tumeera.

Haala kanaan, qajeelfamichi:

โœ…Abbaan Alangaa dhimma yakkaa ilaalchisee kan hin kakanne ta'uu;
โœ…"Namni kamiyyuu" waan jedhuuf namni bakka bu'ummaadhaan himannaa dhiyeesses kakachuuf kan dirqamu ta'uu agarsiisa jechuudha.

โ“โ“Bakka bu'aan ykn abukaatoon ykn qaamni bakka bu'ummaadhaan himannaa Sivilii dhiyeessu kamiyyuu akka kakatuuf kan dirqisiifame firii dubbii maamilli kaase dhugaa ta'uu ofiifis ni beeku jedhamaniitimoo kakaanis bakka bu'ummaadhaan raawwatama jechuudhaa? Tarii, qajeelfamni kun bakka bu'oonni gaafa maamila irraa dhimma fuudhan firiiwwan dubbii himannaa keessatti eeraman dhugaa yoo hin taane itti gaafatamummaan maamilatti kan dhufu ta'uu maamila isaanitti dursanii himanii (sobni waan babal'ateef) bakka bu'ummaadhaan akka kakatan taasisuu barbaadee? Mee isin akkamitti hubattan?

    Join:-
@desberofMM

        Desalegn B.
โค15
Why Didnt They Teach Me This in Schoo... (Z-Library).pdf
1.7 MB
Why Didn't They Teach Me This In School? 99 Personal money management principles to live by: By Cary Siegel
     (Credit to Hassan Sas Bangura Blog)

     Join:-
@desberofMM

            Desalegn B.
โค1
Forwarded from Nuraddin Sham - FHS
DARBIINSA YEROO WALIIGALTEE BITTAAFI GURGURTAA LAFAA.pdf
557.7 KB
Share DARBIINSA YEROO WALIIGALTEE BITTAAFI GURGURTAA LAFAA.pdf
๐Ÿค”
โค3๐Ÿ‘Œ1
Namni Bu'uura Sdfs kwt 421tiin Qabeenyi Kabachiifame Kiyya Ta'uun Mirkanaa'ee Akka Naaf Labsamu Jechuun Himannaa Haarayaa Dhiyeessu Adeemsi Raawwii Qabeenyicha Irratti Eegalame Akka Naaf Dhorkamu (Yeroof Akka Dhaabbatu) Jechuun Gaafachuu Ni Danda'aa?

^^^^โˆšโˆšโˆš^^^^^^โˆšโˆšโˆšโˆšโˆš^^^^^^^^โˆšโˆšโˆšโˆšโˆšโˆšโˆšโˆš

Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dhaddacha gaafa 15/04/2013 ooleen Lakk.Ga.184585 (Jildii 27ffaa) irratti sagalee caalmaatiin kenne keessatti:

๐Ÿ‘‰Himannaa bu'uura sdfs kwt 421tiin dhiyaate irratti hanga murtiin kennamutti, murtiin iyyannoo akkaataa sdfs kwt 418tiin dhiyaate kufaa taasisuun kennamu ragga'ee kan turu ta'uun keewwaticha jalatti tumamee kan jiru ta'ullee, hanga murtiin qabeenya raawwiif kabajame irratti kennamutti galmee raawwii irratti murtiin ykn ajajni kennamu bu'aa falmii adeemsarra jiruu kan miidhu ta'uun isaa yoo mirkanaa'e, himannaan qabeenyicha ilaalchisee dhiyaate hanga xumura argatutti qabeenyicha ilaalchisee ajajni raawwii kennamu ykn kenname yeroodhaaf dhorkamee akka turu sababni hin taasifamneef hin jiru jedheera.

๐Ÿ‘‰Kana malees, falmii adeemsarra jiru murteessuun kan danda'amu erga falmiin galmee biroo irratti adeemsifamaa jiru furmaata argatee booda ta'uun isaa yoo hubatame, manni murtichaa galmee harka isaa jiru beellamaan tursiisuu akka danda'u sdfs kwt 197(2) jalatti ibsameera.
๐Ÿ‘‰Kaayyoon tumaa kanaa dhimma tokko irratti murtiiwwan addaa addaa ykn walfaallessan akka hin kennamne ykn murtii (ajajni) galmee tokko irratti kennamu falmii galmee biroo irratti adeemsifamu gatii akka hin dhabsiisne taasisuun qajeeltoowwan haqa adeemsaa, walfakkaattummaafi tilmaamamummaa mirkaneessuuf akka ta'e ni amanama jedheera.
๐Ÿ‘‰Tumaan kun irra keessa wayita ilaalamu dhimma raawwii kan hin ilaallanne fakkaatullee sababa itti adeemsa raawwii irratti hojiirra hin oolleef hin qabu jedhaniiru.

โœ…Gama birootiin, abbaan seeraa sagalee caalmaa irraa yaadaan adda bahe: kaayyoon sdfs kwt 418fi 421 namni mirga hin qabne raawwii irratti danqaa akka hin taane ittisuufi namni mirga qabus carraa mirga qabeenyaa isaa kabachiifachuu akka hin dhabne taasisuudha.
โœ…Sdfs Keewwatni 197(2) dhimma raawwiifiif rogummaa hin qabu.
โœ…Kwt 421 jalatti hanga murtiin kennamutti ajajni bu'uura kwt 418tiin kenname ragga'ee tura kan jedhus himannaan dhiyaachuun adeemsa raawwii akka addaan hin kuchisiisne agarsiisa.
โœ…Garee 3ffaan mirga isaanii kabachiifachuuf himannaa dhiyeessan yoo mo'atan mirga qabeenyicha hordofuu waan qabaniif, nama adeemsa raawwiitiin bitate irraas deebisiifachuu ni danda'u jedheera. (Haalli kun akkaataa sdfs kwt 423(2)(e)tiin beeksisa caalbaasii keessatti waan ibsamuuf) Mee isin amansiisummaa murtii sagalee caalmaafi yaada addaa akkamitti ilaaltuโ“

     Join:-
@desberofMM

         Desalegn B.
โค17๐Ÿ‘7๐Ÿ‘2๐Ÿฅฐ1
Vacancy for lawyers ....Via Ethio Jobs Hub

๐Ÿ‘‰Deadline-Jan 2/2026

            Good luck!

     Join:-
@desberofMM

         Desalegn B.

๏ปฟ
โค10
Bakka Bu'aan Tokko Sababa Maallaqni (Baasiin) Ani Baase Naaf Hin Kaffalamne Jedhuun Konkolaataa Bakka Bu'ummaadhaan Bite Bakka Buusaa Harkaan Gahuu Yoo Dide, Yakka Amantaa Hir'isuu Raawwateera Jedhamee Adabamuu Ni Danda'aa? Gama Kanaan, Manni Maree Federeeshinii FDRI Maal Jedhee?

===โœ“โœ“โœ“===โœ“โœ“โœ“โœ“======โœ“โœ“ โœ“

โœ…Dhimma yakka amantaa hir'isuu Seera Yakkaa kwt 676n walqabatu ilaalchisee Manni Maree Federeeshinii FDRI yaa'ii idilee 2ffaa gaafa 03/10/2012, bara hojii 5ffaa, bara paarlaamaa 5ffaa Lakk.Ga.73/11 irratti, Iyyataa:-Isheetuu Wubisheetifi Waamamaa:-Abbaa Alangaa gidduutti taa'ee tureen murtii kenneera.

๐Ÿ‘‰Dhimmichi kan eegale Mana Murtii Aanaa Adaamaa irraa yemmuu ta'u, abbaan Alangaa himannaa iyyataa ammaa irratti dhiyeesseen "iyyataan ammaa seera Yakkaa kwt 676(2)(A) irra darbuudhaan konkolaataa Bakka Bu'ummaadhaan miidhamtuu dhuunfaatiif maqaa isheetiin bite yeroo gaafatamutti kennuu waan dideef, gocha yakka amantaa hir'isuu raawwateera" kan jedhe yemmuu ta'u, iyyataan ammaa maqaa isheetiin bituufi Bakka Bu'ummaan jiraachuu isaa osoo hin haalin, konkolaaticha maallaqa kiyyaan waanan biteef, baasiiwwan adda addaas waanan baaseef dursa baasiiwwan kana yoo naaf kaffalte nan kennaaf jedheera.

๐Ÿ‘‰Kana booda, Manni murtii aanaa ragaa bitaafi mirga dhagahee; ragaa sanadaas ilaalee iyyataan yakka Amantaa Hir'isuu raawwateera jechuun kan adabe yemmuu ta'u, MMO cimseera.

๐Ÿ‘‰Dhimmichi dhaddacha Dhaabbii Bahaa MMWO gahee, dhaddachichi immoo: iyyataafi miidhamtuun Hariiroo hawaasaatiin walgaafachuu qabu malee gochichi ulaagaa yakkaa hin guutu jechuun murtii balleessummaa iyyataa ammaa irratti kenname diigeera. Dhaddachi Ijibbaataa MMWO murtii kana cimseera.

๐Ÿ‘‰Dhaddachi Ijibbaataa MMWF immoo gochichi ulaagaa yakka amantaa hir'isuu SY kwt 676 (2)(A) jalatti ibsame ni guuta jechuun murtiiwwan dhaddacha Ijibbaataa MMWOfi dhaddacha Dhaabbii Bahaa diigee, kan Aanaafi Ol'aanaa cimseera.

๐Ÿ‘‰Kanumaan, dhimmichi mana Maree Federeeshinii FDRI kan gahe yemmuu ta'u, Manni marichaa jalqaba irratti, Dhimmicha keessatti iyyataan ammaa maqaa miidhamtuu dhuunfaatiin, akkasumas faayidaa miidhamtuu dhuunfaatiif konkolaataa falmiif sababa ta'e biyya alaatii galchuu hin haalle. Falmiin iyyataa ammaa (himatamaa jalaa), gatii konkolaatichaafi baasiiwwan biroo anatu kaffale waan ta'eef konkolaaticha simachuuf dursa naaf kaffaluu qabdi kan jedhudha jedheera.

๐Ÿ‘‰Itti fufuun, Manni Marichaa, Yakki amantaa hir'isuu raawwatameera jedhamuuf ulaagaan guutamuu qabu faayidaan nama maallaqa ykn qabeenya adaraadhaan kennee tuqamuu qofa osoo hin taane gochichi amantaa hir'isuu irraa kan madde; kunis, yaada badaa irraa kan madde ta'uun isaa hubatamuu qaba jedheera. Manni marichaa murticha keessatti fakkeenyas kan fudhate yemmuu ta'u, fakkeenyaaf, qabeenyichi sababa hanqina haala qabiinsaatiin ykn dhiibbaa ho'aafi qorraatiin kan manca'e (bade) yoo ta'e, namni qabeenyicha adaraadhaan (imaanaadhaan) fuudhe hariiroo hawaasaatiin malee yakka amantaa hir'isuu kwt 676 (2)(A) jalatti tumameen itti hin gaafatamu. Akkasumas, namni maallaqa ykn qabeenya imaanaadhaan fuudhe, maallaqa ykn qabeenyicha faayidaa imaanaa kennaatiif kan oolche yoo ta'e, fakkeenyaaf, hayyama nama imaanaa kenneetiin ala idaa imaanaa kennaatiif yoo oolche, dhimmichi dhimma hariiroo hawaasaa yoo ta'e malee dhimma yakka amantaa hir'isuu hin ta'u jedheera.

๐Ÿ‘‰Tilmaama seera Yakkaa kwt 675(3) jalatti ibsame keessatti, namni tokko "qabeenya harka kiyya gale irratti mirgan qaba" jedhee falmii seeraa yoo kaase, yaada badhaadhina hin malle argachuu qaba jedhamee tilmaamni akka fudhatamuu qabutti hin tumamne.

๐Ÿ‘๏ธSeera yakkaas akka malee bal'isuun hiikuun sirrii miti. Haala kanaan hiikuun, qajeeltoo "seerri yakkaa dhiphatee hiikamuu qaba; gochi yakkaa shakkii dhama qabeessaa olitti mirkanaa'uu qaba" jedhuun kan walfalleessu waan ta'eef, Heera Mootummaa FDRI kwt 22(1) (tumaa "namni tokko gocha yakka hin taaneen adabamuu hin qabu" jedhu) waliin walfaallessa jechuun hiikkoo seeraa Dhaddachi Iijibbaataa MMWF diigeera. Mee isin murtii kana irratti yaada akkamii qabduu?

      Join:-
@desberofMM

           Desalegn B.
โค47๐Ÿ‘9