Desalegn B.
7.41K subscribers
683 photos
24 videos
571 files
82 links
Just to share training materials prepared for lawyers!
Download Telegram
The Difference Between "Object", "Cause" & "Motive" of a Contract

====°°°°=====°°°°°=======°°°°°°°

         OBJECT AND CAUSE
           (Articles 1711-1718)

👉The subjects of the "object" and "cause'" of contracts have given rise to continuing controversies among western legal scholars, primarily because different writers use the terms to mean different things. For this reason, it is necessary at the outset to define what the Code means by the object and cause of a contract.

👁️The object of a contract is the obligations undertaken by the parties, not the things to which these obligations relate.
👉The object of a contract of sale, for example, is the seller's obligation to transfer to the buyer the ownership of the thing sold and the buyer's obligation to pay the price; the thing sold, movable or immovable, is not the object of the contract.

👁️The cause of the contract, on the other hand, is the relationship of the parties' obligations to each other.
Articles 1716 (2) and 1717 of the Code show why this notion is useful and how it is distinguished from the object of the contract and the motives of the contracting parties.

👉Article 1711 of the Code poses a principle with respect to the object of the parties: It is up to the parties to draft their contract, not up to the courts to make it for them.

👉The parties determine freely the object of the contract, the obligations that each of them is to undertake. The Code accepts, as do present Western legal systems, the principle of contractual freedom, which is fundamental to a society and an economy that want to leave considerable scope to private initiative. In addition to the particular kinds of contracts regulated by the Code, individuals can devise other contracts.

As long as these contracts do not violate any legal prohibition, the law will sanction them and give efect to the will of the parties, as manifested by their contract.
   (Source:-Commentary on Contracts in Ethiopia by Rene David, 1973)

     Join:-
@desberofMM

            Desalegn B.
7👍3
Namni tokko waraqaa ragaa mirkaneessa qabiyyee qabaachuu baatullee qabeenya taaksiin itti kaffalamuu qabu qabatee kan itti fayyadamaa jiru yoo ta'e, taaksii qabeenyaa akka kaffaluu qabuuf seerri dirqisiisu wixineen isaa qophaa'ee akka jiru himame.
(Madda:-Gaazexaa Rippoorter, Muddee 12/2018)

    Join:-
@desberofMM

          Desalegn B.
5
Forwarded from Jemal Kumbi
ጭብጥ መያዝ.pptx
4.5 MB
leenjii seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa irratti abbotii seeraa Bulchiinsa Magaalaa Dirre Dhawaaf kenname.
👍65
https://vm.tiktok.com/ZMHKrG7PEbHKs-myIoc/ This post is shared via TikTok Lite. Download TikTok Lite to enjoy more posts:  https://www.tiktok.com/tiktoklite

😁😁
1
Gibira Bu‘aa Tasaa (Windfall Profit Tax) ykn 'ንፋስ አመጣሽ ትርፍ ላይ የሚጣል ግብር' Jechuun Maal Jechuudhaa?

===✓✓✓====✓✓✓✓=====✓✓✓✓

Gaaleen "Bu'aa Tasaa" jedhamu kun kan beekamu seera taaksii keessatti yemmuu ta'u, Labsiin Gibira Galii Federaalaa, Lakk.979/2008 (akka fooyya'etti)fi Labsiin Gibira Galii Naannoo keenyaa, lakk.202/2009, duraa duubaan kwt 60fi 56 jalatti, "bu’aa tasaa” jechuun bu’aa dhamaatii malee argame, hin eegamne yookiin irra deddeebiin hin argamne biroo kamiyyuu dha jechuun tumaniiru. Haala kanaan, bu'aan tasaa kun bu'aa sochii hojii daldalaatiin argamu hin dabalatu jechuudha.

Biyyi keenya, bu'aa tasaa kana irraa gibira kan funaanuu eegalte yeroo dhiyoo keessadha. Ka'umsi isaa, bara 2002 wayita mootummaan ta'e jedhee gatiin maallaqa (birr) biyya kanaa akka gadi bu'u taasisee (devaluation) turedha. Yeroo sanatti baankiifi dhaabbilee faayinaansii kanneen biroo maallaqa biyya alaa of harkaa qaban bu'aa tasaa argataniiru. Kanarraa ka'uun, mootummaa gosa gibiraa "Windfall Profit Tax" jedhamu bu'aa haala kanaan tasa argamu irratti gatee, bu'aa tasa argamu kana deebisee fudhachuuf fedhii horate. (Waraqaa Qorannoo (PhD) Dr.Taddasaa Leencootiin barreeffame, 2014) Kana raawwachiisuuf immoo labsiiwwanifi qajeelfama kan baase yemmuu ta'u, qajeelfamni gama kanaan Ministeera Maallaqaafi Misooma Dinagdeetiin bahe, qaj.lakk.29/2003dha.

    Join:-
@desberofMM

         Desalegn B.
7👍6
Qaaccessa Gabaabaa (BT).pdf
58.6 KB
Obbo Bisraat Tasfaayee (Abbaa Seeraa MMWO) barreeffama isaa kanaan, barreeffama gabaabaa Haayyuu fi barsiisaan seeraa beekamaan biyya keenyaa, Tsahaay Wadaa, mata duree ‘’Rethinking the Ethiopian Rape Law’’ jedhuun barreesse dubbisee bifa gabaabaa ta'een Afaan Oromootiin 'review' godhee nuuf dhiyeesseera. Dubbisaa!!

👉Barreeffamichi olitti (☝️☝️☝️ ) dhoobameera.

    Join:-
@desberofMM

        Desalegn B.
10
Forwarded from Gonfa Atoma
Qabdii (Earnest Money) fi Bu’aa Seeraa Hordofsiisu
•••
Bittaa qabeenyaa kan akka manaa fi konkolaataa faa yeroo raawwattan maallaqa qabdii jedhamu kanfaltii beektuu? Qabdii kanfaluun keessan seera fuulduratti bu’aa akkamii akka hordofsiisu hoo quba qabduu? Barreeffama gabaabduu kana keessatti dhimma kana irratti yaada hubannoo kennuu danda’u isiniif qopheesseera, itti dhiyaadhaa!
Qabdiin Maal?
Seerri hariiroo hawaasaa Itoophiyaa bara 1952 bahe waa’ee maalummaa qabdii waanti tume jiraachuu baatus bu’aa (effect) isaa ilaalchisee keewwata 1883 jalatti qabdii kennuun waliigalteen raawwatamuu isaaf ragaadha (proof of the making of the contract) jechuun ibsee jira. Kana jechuunis waliigalteen raawwatamuu isaa irratti amantaa guutuun yoo uumame gareen tokko garee biraatiif qabdii kanfala ykn kenna akka jechuuti. Qabdiin kenname taanaan gareewwan lamaan (isa kennee fi isa fudhate) irratti dirqama seeraa hordofsiisu qaba. Qabxii murteessaanis waa’ee maalummaa qabdii osoo hin taane bu’aa seeraa inni hordofsiisu waan ta’eef itti aansinee isa ilaalla.
Bu’aa Seeraa/Legal Effect/ Qabdii Kennuun Hordofsiisu
Akkuma armaan olitti ibsame qabdii kennuun gareewwan lamaan irratti bu’aa/dirqama seeraa hordofsiisu ni qabaata. Keesumattuu waliigalteen seename sun akkaataa yaadameen hojiirra ooluu yoo hafe ykn diigame waliigalticha garee kamtu diige dhimma jedhu hordofee bu’aa hordofsiisu kan qabu ta’uu seera hariiroo hawaasaa keewwata 1885 irraa ni hubatama. Akkaataa kanaan isin nama qabeenya tokko nama biraa irraa bituuf erga waliigaltee raawwattanii fi qabdii kennitanii booda waliigalticha kan diigdan yoo ta’e maallaqa qabdii jettanii kennitan sana naaf deebisi jettanii gaafachuu kan hin dandeenye ta’uu seerichi isin dhorka. Gama biraatiin isin nama qabeenya gurguruuf erga waliigaltanii fi qabdii fudhattanii booda waliigalticha yoo diigdan maallaqa fudhattan sana dacha isaa nama irraa fudhattaniif akka deebisuu qabdan seerri isin dirqisiisa jechuudha. Fakkeenyaaf mana wayii qarshii 5,000,000’n nama biraatti gurguruuf waliigaltanii qabdii qarshii 200,000 erga fudhattanii booda yaada gurgurtaa keessan geeddaruun waliigaltee seentan yoo giidgan ykn waadaa cabsitan qarshii 400,000 nama irraa fudhattan sanaaf deebisuu qabdu jechuudha. Gama biraatiin waliigalteen seename akkaataa waliigalameen kan raawwatame yoo ta’e immoo gareen qabdii fudhate maallaqa fudhate sana garee biraatiif deebisuuf ykn maallaqa waliigalaa itti qabeenyicha gurgure irraa hir’isuuf akka dirqamu seericha keewwata 1884 jalatti tumamee jira.
Garaagarummaa Qabdii fi Kanfaltii Duraa (Earnest vs Down Payment)
Lamaan isaanituu maallaqa dursee namni qabeenya bite nama gurgureef kennu ta’anis bu’aa hordofsiisan irratti garaagarummaa ni qabu. Garaagarummaan isaanii inni guddaan namni qabdii fudhatee waliigaltee seenee ture diige maallaqa fudhate sana dacha lamaan baay’isee deebisuuf kan dirqamu yoo ta’u namni kanfaltii duraa fudhatee waliigalticha diige garuu hanguma maallaqa fudhatee deebisuuf kan dirqamuudha. Kana kan murteessu ammo waliigaltee gareewwan lamaan waliif mallatteessan keessatti qabdii ykn kanfaltii duraa jedhamee ibsamuu dha. 
Guduunfaa
Kanaaf waliigaltee bittaa fi gurgurtaa raawwattaniin wal qabatee qabdiin ykn kanfaltiin duraa isin raawwattan bu’aa seeraa hordofsiisu kan qabu ta’uu beektanii itti galuu qabdu. 
11👍2
Bu'uura Labsii Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Mootummaa Federaalaatiin Waraqaan Ragaa Mirkaneessa Qabiyyee Lafaa Bu'aa Ragummaa Sadarkaa Hagamii Qabaa? Haalota Dhiphaa Akkamiitiin Mormiin Ragaa Kana Irratti Ka'uu Danda'aa? Labsiin Naannoo Keenyaahoo Maal Jedhaa?

•••^^^^•••√•••^^^^^^••••√•••••^^^^^^^^••••••••√•••••

Bu'aa Waraqaa Ragaa Mirkaneessa Qabiyyee Lafaa

👉Qabiyyeen lafaa maqaa abbaa qabiyyee tokkootiin galmaa'ee waraqaan ragaa yoo kennameef waraqaan ragichaa mirgootaafi faayidaa abbaa qabiyyummaa kamiyyuu dirqamoota waliin ni kennisiisaaf.
👉Waraqaan ragaa mirkaneessa qabiyyee ragaa isa dhumaa abbaa qabiyyummaa mirkaneessudha. Waraqaa ragaa mirkaneessa qabiyyee irratti ragaan faallaa kamiyyuu hin dhiyaatu.
👉Kan olitti tumame jiraatus, waraqaa ragaa mirkaneessa qabiyyee irratti mormiin ka'uu kan danda'u:
    A) Galmeen isaa qaama aangoo hin qabneen kan raawwatamee ture yoo ta'e ykn
    B) Galmichi sanada seeraan alaa irratti hundaa'ee kan raawwatame yoo ta'e qofadha.
   (Labsii Bulchiinsaafi Itti Fayyadama Lafa Baadiyyaa Federaalaa, Labsii Lakk.1324/2016 kwt 52)

Hubachiisa:

Labsiin Lakk.1324/2016 kwt 2(16) jalatti "Waraqaa ragaa mirkaneessa qabiyyee" jechuun sanada abbaa mirgaa ta'uu mirkaneessuuf dhaabbilee bulchiinsa lafaatiin kennamudha jedha.
Gama birootiin, Labsiin Naannoo keenyaa, Lakk.248/2015 kwt 2(37) jalatti "Waraqaa Ragaa yookiin Kaartaa Abbaa Qabiyyee" jechuun wabii mirga abbaa qabiyyummaafi ittifayyadama lafa baadiyyaa mirkaneessuuf Biirichaan ragaa kennamu ta'ee, qabiyyeen lafaa hangi isaa kaartaa irratti ibsame kan nama ragicha of harkaa qabuu ta'uu tilmaama seeraa ragaa biraatiin faallefamuu danda'u kennisiisu jechuu akka ta'etti hiikeera.
👉Kunis kan agarsiisu, labsiin naannoo keenyaa waraqaan ragaa tilmaama abbaa qabiyyeeti jedhu kan uumu ta'uu; kanaan ala garuu haala itti faalleffamu ilaalchisee dhiphisee kan hin tumne ta'uudha.
Kana malees, Labsiin lakk.248/2015 kwt 31 jalatti waraqaan ragaa mirkaneessa qabiyyee wabummaa mirgaa mirkaneessuuf kan kennamu ta'uu ibseera.
👁️Qabatamaan, darbee darbee, otuma waraqaan ragaa kun galmee keessa jiruu tilmaamni seerichaan akka kennamuuf barbaadame osoo hin kennaminiif bira darbuun ragaa namaafi ragaalee biroo dabalataa ilaaluun madaalanii murteessuun ni jira.

     Join:-
@desberofMM

           Desalegn B.
14👍4
Beeksisa Qacarrii Hojii Mana Murtii Waliigala Federaalaatiin bahe
👉Gita Hojii-Barreessaa Dhimmoota Seeraa
👉Ulaagaa-seeraan dippiloomaa ykn digirii
👉Bakka Hojii-Dirre Dhawaafi Finfinnee
👉Baay'ina Waliigalaa nama barbaadamuu-135

             Carraa gaarii!

       Join:-
@desberofMM
    
              Desalegn B.
👍4
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo dhaddacha gaafa 08/10/2015 ooleen Lakk.Ga.239269 (kan hin maxxanfamne) irratti kenne keessatti:

👉Bu'uura sdfs kwt 396(4)tiin qajeeltoon "Manneen murtii murtii raawwachiisan kamiyyuu kaffaltii galmee mana murtii irratti hin galmoofneef gatii kennuu hin qaban" jedhu jiraatus, abbaan idaa hanga maallaqaa murtaa'e keessaa harka caalu mana murtiitiin ala kaffalee, lakkoofsa herregaa abbaa mirgaatti galii taasifamee maallaqni hafe immoo moodela 85niin mana murtii akka taa'uuf naaf haa ajajamu jechuun iyyatee osoo jiruu iyyannoo murtiin abbaa idaa qulqulleessuun murtii barbaachisaa ta'e osoo hin kennin kufaa taasisuun dogoggora bu'uura seeraati" jedheera.
      (Sdfs kwt 396)

       Join:-
@desberofMM

           Desalegn B.
11👍7
Hubachiisa:

Kanaan dura dhimmoota falmisiisoo lakkoofsaan sadii ta'an irratti walitti deebina jechuun waadaa seennee osoo walitti hin deebi'in kan hafne ta'uun keenya ni yaadatama. Haa ta'u malee, dhimmoonni irratti waadaa seenne dhimmoota jajjaboo bilchinaan ilaalamuu qaban (seera gadi fageenyaan ilaaluufi dhimmoota qabatamoo rogummaa qaban sakatta'uu waan gaafatuuf) waan ta'eef, kan lafarra harkisne ta'uu isin hubachiisuu feena. Kanas ta'ee, dhimmoota ibsinee turre irratti yaada dhuunfaa keenya iftoominaan ibsuun waan hin hafneef obsaan akka nu eegdan abdii qabna. Obsa keessaniif galatoomaa!🙏🙏

    Join:-@desberofMM

            Desalegn B.
👍121
Waa'ee 'Justiciability'

===√√√=====√√√√√========√√√π

Kanaan dura chaanaalii telegiraamii kana irratti waa'ee 'Justiciability' fi 'Jurisdiction' kaasnee turre. Jechi 'Justiciability' jedhu kun dhimmoota uumama isaaniitiin murtii mana murtiitiin furmaata argachuu danda'an ykn murtii kennuuf mana murtiitiif mijataa ta'an ilaallata. Dhimmi tokko mana murtiitiin keessa deebiidhaan ilaalamuufis dhimmichi 'justiciable' ta'uu qaba. Kanneen hin mijanne 'non-justiciable' jedhamu.

Dhimmoonni sababa maaliif dhimma mana murtiitiin furmaata hin arganne (Non-justiciable) taasifamuu?
👉Dhimma imaammataa Ol'aanaafi Mana Maree bakka bu'oota uummataa gidduu lixuu irraa of qusachuuf;
👉Manneen murtii dhimmicha irratti beekumsa gahaa bu'a qabeessa taasisuun waan hin qabneef;
👉Dhimmichi safartuu qabatamaatti adda bahee beekamu waan hin qabneef;
👉Dhimma ariifachiisaa irratti qaama raawwachiistuu amanuun barbaachisaa waan ta'eef;
👉Furmaatonni biroon waan jiraniif;
👉Bu'a qabeessummaan hojii mootummaa akka hin danqamneefidha.

Haala kanaan, dhimmoonni sababa uumama isaaniitiin adeemsa hojii mana murtiitiif mijataa hin taane, kanneen qaamolee biroodhaaf addatti kennaman dhimmoota murtii mana murtiitiin furmaata argatan hin ta'an. Fakkeenyaaf, dhimmoota kanneen akka waliigalteewwan idla addunyaa mallatteessuu, ittisa, dhiifama (baraara) taasisuu, kennaa kabajaa kennuu, mana Maree bakka bu'oota uummataa diiguufi ministeerotaa muuduu dabalachuu danda'a.
Akka waliigalaatti, jechichi qajeeltoo aangoo abbaa seerummaa daangessudha jechuun ni danda'ama.
👁️Darbee darbee qabatamaatti, mirgoota tokko tokko 'non-justiciable' taasisuunifi aangoo dhimmoota tokko ilaaluu qaamolee biroodhaaf kennuu (qaamolee mana murtii idileetiin ala jiran) akka waan tokko ta'eetti ilaaluun ni jira.

Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dhaddacha gaafa 16/09/2003 ooleen Lakk.Ga.51790 (Jildii 12) irratti kenne keessatti:
👉"ከላይ እንደ ተገለጸው አንድ ጉዳይ በፍርድ ሊያልቅ የሚችለው ዳኝነት የተጠየቀበት ጉዳይ በሕግ ለሌላ አካል ያልተሰጠ ጉዳይ በሚሆንበት ጊዜ እንደሆነ ነው" jedheera.
👉Kunis kan agarsiisu, akka hubannoo dhaddacha Ijibbaataatti dhimmi tokko qaama aangoo abbaa seerummaa qabu kan biroodhaan akka ilaalamu taasisuun dhimmicha 'non-justiciable' kan taasisu ta'uudha.

Haa ta'u malee, Heerri Mootummaa RFDI kwt 37fi 78(4) jalatti, manneen murtii idileetiin ala kanneen aangoo abbaa seerummaa qabaniifi adeemsa seeraan diriire hordofuun murteessuu danda'an akka jiran ibsameera. Bu'uura kanaan, dhimmi tokko sababa qaama biroo aangoo abbaa seerummaa qabuun akka ilaalamu taasifameef dhimmichi 'non-justiciable' hin jedhamu jechuudha.
👉Fakkeenyaaf, Labsiin Hojjettoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Labsiin lakk.215/2011 kwt 81 jalatti qaama falmiiwwan hojjettoota mootummaatiin dhiyaatan ilaaluu danda'u, "Mana Murtii Bulchiinsaa" kan jedhamu hundeesseera. Kana jechuun, dhimmoonni Mana Murtii Bulchiinsaa kanatti dhiyaatan 'non-justiciable' ta'an jechuu miti. Ani akkasittan hubadha, isin hoo??

      Join:-
@desberofMM

            Desalegn B.
13👍3
"Justice delayed is justice denied" V. "Justice rushed is justice crushed"

====°°°======°°°°°°=======°°°°°°==
ፍርድ እንዴትና መቼ ይሰጣል?

"Justice delayed is justice denied" “የዘገየ ፍትሕ እንደተነፈገ ፍትሕ ይቆጠራል”:: ይህ ጥቅስ በአጭር ቃል የሚነግረን ፍርድ ሳይዘገይ በተፋጠነ ሁኔታና ጊዜ መስጠት እንደሚገባው ስምምነት የተደረሰበትና በጥቅስ መልክ እስከመነገርም የደረሰ ሀሳብ መሆኑን ነው፡፡

ይሁንና በተቃራኒው ደግሞ  "Justice rushed is justice crushed" የተቻኮለ ፍትሕ እንደተሰበረ ፍትሕ ይቆጠራል" የሚል አባባልም አለ፡፡ እነዚህ መርሆዎች የሚያስጨብጡት መሠረታዊ ቁም ነገር ፍትሕ ወይም ፍርድ ሳይዘገይ በተፋጠነ ሂደት መስጠት እንደሚገባው
👉 ይሁንናም በፍጥነት ሥም ደግሞ የክርክሩን ሂደት ሳይጠናቀቅና ጉዳዩ ለፍርድ ሳይበስል ወይም ብዙ ጉዳዮች ለመዝጋትና ለመወሰን ተብሎ ፍትሕ መስዋዕት ሆኖ በችኮላ መሰጠት እንደሌለበትና የማመጣጠን ዘዴን እንደሚጠይቅ ነው፡፡
👁️የተፋጠነ ፍትሕ መስጠትን በምንመለከትበት ጊዜ ውጤታማነትንና ቅልጥፍናን (Effectiveness and Efficieny) አብሮ ማስኬድ የሚጠይቅ ስራ ነው፡::የፍርድን አሰጣጥ ሁኔታና ጊዜ ከሚወስኑት ብዙ ነገሮች መካከል የክርክር አቅራቢዎቹ ክርክር አቀራረብና የዳኞች እውቀትና ክህሎት ዋናውን ድርሻ የሚወስዱ ናቸው፡፡ ለማንኛውም የፍርድ ቃል መሠረቱ አንድ አቤቱታ አቅራቢ የሚያቀርበው አቤቱታ ነው የአቤቱታው መቅረብ የክርክሩ መነሻ ሲሆን በቀረበው አቤቱታ ተከራካሪ ወገን ካለ ተጠርቶ ክርክሩን ያቀርባል ፍ/ቤት በሥነ ሥርዓት ሕጉ መሠረት እንደአግባብነቱ አከራክሮ በመጨረሻ ለጉዳዩ እልባት የሚሰጠው ፍርድ በመስጠት ነው፡፡
  (Moojula Inistitiyuutiin Leenjii Seeraa Federaalaa Afaan Amaaraatiin Leenjifamtoota leenjii Hojiin duraa yeroo dheeraatiif qopheesse keessaa kan fudhatame)

     Join:-
@desberofMM

           Desalegn B.
11
Namni Bakka Bu'ummaadhaan Himannaa Sivilii Mana Murtiitti Dhiyeessu Kakachuuf Dirqama Qabamoo Hin Qabu? Kakuun Kun Abbaa Alangaa (Dhimma Yakkaa irratti) Ni Ilaallataa?

====√√√====√√√√√======√√√√√√

Bu'uura Qajeelfama Sirna Dhaddachaa Manneen Murtii Oromiyaa, Lakk.23/2018 kwt 10(6)tiin:
👉Namni Mana Murtiitti himannoo dhiyeeffatu kamiyyuu bu'uura Qajeelfama kanaatiin kakachuu qaba. Himannoon dhiyeeffate kan irraa fuudhamus sirna kakuu erga raawwateen booda ta'uu tumeera.

👉Qajeelfamichi kwt 11(1) jalatti immoo dhimma yakkaa irraa kan hafe, namni bu'uura seera rogummaa qabuutiin himannoo dhiyeeffatu akkaataa miiltoo qajeelfamichaan walqabatee jiruutiin ofiisara seeraa duratti dursee kakuu raawwachuu kan qabu ta'uu tumeera.

Haala kanaan, qajeelfamichi:

Abbaan Alangaa dhimma yakkaa ilaalchisee kan hin kakanne ta'uu;
"Namni kamiyyuu" waan jedhuuf namni bakka bu'ummaadhaan himannaa dhiyeesses kakachuuf kan dirqamu ta'uu agarsiisa jechuudha.

Bakka bu'aan ykn abukaatoon ykn qaamni bakka bu'ummaadhaan himannaa Sivilii dhiyeessu kamiyyuu akka kakatuuf kan dirqisiifame firii dubbii maamilli kaase dhugaa ta'uu ofiifis ni beeku jedhamaniitimoo kakaanis bakka bu'ummaadhaan raawwatama jechuudhaa? Tarii, qajeelfamni kun bakka bu'oonni gaafa maamila irraa dhimma fuudhan firiiwwan dubbii himannaa keessatti eeraman dhugaa yoo hin taane itti gaafatamummaan maamilatti kan dhufu ta'uu maamila isaanitti dursanii himanii (sobni waan babal'ateef) bakka bu'ummaadhaan akka kakatan taasisuu barbaadee? Mee isin akkamitti hubattan?

    Join:-
@desberofMM

        Desalegn B.
15
Why Didnt They Teach Me This in Schoo... (Z-Library).pdf
1.7 MB
Why Didn't They Teach Me This In School? 99 Personal money management principles to live by: By Cary Siegel
     (Credit to Hassan Sas Bangura Blog)

     Join:-
@desberofMM

            Desalegn B.
1
Forwarded from Nuraddin Sham - FHS
DARBIINSA YEROO WALIIGALTEE BITTAAFI GURGURTAA LAFAA.pdf
557.7 KB
Share DARBIINSA YEROO WALIIGALTEE BITTAAFI GURGURTAA LAFAA.pdf