MAQAA ABBAA KAN ILMAA KAN HAFUURA QULQULLUU WAAQA TOKKO AMEN!
AYYAANA PHERAQILIIXOS AYYAANA GUYYAA 50FFAA
Baga Geessan
Manni Kiristaanaa keenya waggaa waggaan duuka ka‟uu Gooftaa keenya booda guyyaa 50ffaa Maqaa addaa kenniteefi ni kabajji. Abbaan barootaa fi guyyootaa Waaqayyo yoo ta‟eyyu, “kiristaanota biratti waanti hundumtuu sirnaan haa ta‟u” jedhee duuka buutichi akkuma nu barsiise, sirna ayyaanota mana kiristaanaa keenyaatiin, du‟a ka‟uu Gooftaa keenyaan booda guyyaan 50ffaa Ayyaana Pheraqilixos ykn ayyaana guyyaa 50ffaa ykn ayyaana Phenxeqosxe ykn ayyaana dhaloota mana kiristaanaa jedhame beekama.
Pheraqilixos jecha giriikii hiikni isaa jajjabeessa, amantiittii kan nama jajjabeessu, kanneen dhiphatan kan gammachiisu, kan nama tasgabeessu, icciitii dhokate kan namaaf ibsu jechuu yemmuu ta‟u, Phenxeqosxe jechuun immoo guyyaa 50ffaa jechuudha. Gooftaan keenya fi Fayisaan keenya Iyyesuus Kiristoos, Hojii fayyisummaa isaa addunyaa kanarratti raawwatee gara samii gara Abbaasaatti olba‟uuf yeroo jedhu, wangeela luqas (Luq 24:49) irra akkuma dubbisnu duuka bu‟oota isaan, “አንትሙሰ ንበሩ ሀገረ ኢየሩሳሌም እስከ ትለብሱ ኃይለ እምአርያም /Isinis aariyaamiirra humna amma uffattanitti Iyerusaalem keessa tura.” isaanin jedhe.
Isaanis ajaja Uumaa isaanii hundee taasifachuun hundi Isaanii laphee tokkon Deessu Gooftaa keenyaa Qulqulleetti Dubroo Maariyaamii waliin ta‟uun Iyyerusaalem mana haadha Maarqositti kadhaannan turan.
Olba‟umsa Gooftaa keenya guyyaa 10ffatti jechuunis du‟a ka‟uu isaan booda guyyaa 50ffaatti Qulqulloonni kun walitti qabamanii osoo jiranii, guyyaa sanbata kiristaanaa ganama sa‟a 3tti, Hafuurri Qulqullun bifa abiddaan isaaniif bu‟e, sodaan keessa isaaniiti ba‟e, jajjabina Hafuuraa argatan, afaan dubbachaa turan, irratti afaan dabalataa afaanota 71 badhaafaman.
Guutummaa barumsa kanaa barreffama, viidiyoo fi audio armaan gadii keessa ni argattu.
Galatni Waaqayyoof

Forwarded from Daandii Jireenyaa (Motuma)
Ayyaana Pheraqilixos.pdf
467.1 KB
Forwarded from Daandii Jireenyaa (Motuma)
YouTube
AYYAANA GUYYAA 50FFAA AYYAANA PHIRAAQILIXOS
Phiraaqilixos Afuura Qulqulluudha. Afuurri Qulqulluu Sadan Waaqummaa ykn Qulqulleetti Sillaasee keessa isa Tokko, Abbaa irraa kan ba’e, Abbaa fi Ilma waliin Waaqummaan, aangoon walqixa kan ta’e, Akka Waaqa Abbaa fi akka Waaqa Ilmaa Afuurri Qulqulluunis…
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen
Baga Tsooma Duuka Bu'ootaa Kan Bara Kanaan Isin Ga'e
Sooma Dhiisuuf Sababa Tokkollee Hin Qabaatin, Soomni nyaaata fi Gammachuu Lubbuu Keenyaa Waan Taatef
Maatiiwwaan Waaqayyo bakka jirtanitti nageenyi Gooftaa keenyaa isiniif haa baay’atu. Irra deebi'uun Baga sooma Duuka Bu’ootaa kan bara 2016’n geessan.
Qulqulleettiin mana kiristaanaa keenya sooma qannoonaan taa’e waggaa keessatti soomiwwan 7 qabdi. Soomiwwan kana kiristaanonni umriin isaanii soomaf ga’e soomuu kan qabanidha. Isaan keessa ammaa kan irratti argamnu sooma duuka bu’ootaa Gooftaa keenyadha.
Duuka buutonni Gooftaa keenya kennaa Hafuura Qulqulluu yeroo argatan gara addunyaa xaa’otiin dukkanoofte qulqulluu wangeelaan ibsuuf deemuu isaaniin dura sooma isaan soomanidha. Kanaaf soomni kun dursee qulqulloota duuka bu’ootaa keenyan kan soomamee fi itti aanee kiristaanota bara adda addaa turanin soomama kan ture, ammaas kan jiru, gara fuuldurattis hanga dhufaatii lammeeffatti kan itti fufudha.
Egaan yeroo waa’een sooma ka’u namoonni tokko tokko yaada adda addaan mataa isaanii sossobanii sooma sanaa ala of taasisuu. Warreen yaadni akkasii nu qoru:
✍️✍️ Soomni kun kan lubaati, soomni sun kan monokseeti hin jedhiin luba fi monoksee sana caalaa cubbamaan si’i isa addunyaa keessa jirtudha, soomni isaaniif osoo hin taane siif caalaatti barbaachisa.
✍️✍️ Ani biyya akkasiin jiraadha, yeroon biyya akkasitti deemun jalqaba jettee mataa kee hin sossobiin, kiristaanummaan bakkaan hin murtaa’uuti, waan raawwachuu dandeessu bakka jirtu taa’iti yeroo qabdutti raawwadhu, boor kan kee miti waan ta’eef.
✍️✍️ Soomni natti baay’ateera, na miidha hin jedhiin, soomin gammachuu fi quufa lubbuu keeti; daandii ittiin lubbuun kee Waaqashee argattee ittiin gammaddu waan ta’eef.
✍️✍️ Dandeettin Hafuurummaa koo cimaa miti kanaaf hin danda’u hin jedhiin, kennaa fi dandeettiin hafuurummaa kee kan cimu sooma, kadhannaa fi sagadaanidha.
✍️✍️ Dhukkuba akkasii, akkasii, . . qaba waan ta’eef hin danda’u hin jedhiin dhukkubbii kee waliin sa’a tokkoyyu yoo soomte Uumaan kee fedhii kee ilaalee eebbaa warreen biroo argatan siinis ni badhaasa.
✍️✍️ Gaabbii hin galle; gabbii malee hin soomus hin jedhiin soomin mataansaa gaabbii waan ta’eef cubbuu kee tarreessii sooma waliin Uumaa kee kadhadhu.
Kanaaf, Yaadonni armaan olii sammuu kee keessa deddeebi’u yoo ta’an isaan kun kan kee akka hin taane beeki. Diyaabiloostuu si dhoksee galche waan ta’eef deebii sirrii deebisuun diina kee diyaabiloos qaanessi, lubbuu kee fi Uumaa kee gammachiisi. Seenaa Abbootii fi harmoolii Qulqullaa’oo ilaali; Qulqulluun Muusee Tsellim, Emmahoy Saaraan, … hafuura ejjaa kan mo’atan soomani.
SOOMA DHIISUUF SABABA TOKKOLLEE HIN QABAATIIN
Yeroo soomaa gaarii
Galatni Waaqayyoof
Daandii Jireenyaa
16/10/2016

Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen
Waxabajjii 20
Ijaarsa Mana Kiristaanaa Ishee Jalqabaa
Gooftaan keenya foon namarraa uffateen gara samiitti erga olba’ee booda duuka bu’oota isaan kiristaanummaan babal’achuu eegale. Warreen amananii fi duuka bu’ootni icciitiiwwaan kan akka qurbaanaa walitti qabamun tsirha Tsiyon irratti raawwachaa, kadhannaaf immoo mikuraaba fayyadamaa turan.
Boodas Qulqullichi Phaawuloos gara kiristaanummaatti yeroo deebi’u waggoota muraasa booda kiristaanummaan alagootaafis lallabamuu eegale. Baay’oliin Waaqayyootti amananii cuuphamaa turan. kiristaanonni kun haa cuuphaman malee bakka itti walitti qabaman waan hin qabneef mana xaa’otii deemu eegalan.
Yeroo kana Qulqullichi Phaawulosii fi Bernaabas namoota kanaan, akkamitti mana xaa’otii deemtu yeroo jedhan, isaanis deebisanii mana kadhannaa bakka walitti qabamsaa akka hin qabne isaaniif kaasan. Achumaan yaadni mana kiristaanaa ijaarsisuu ka’ee, namoonni tokko tokko ijaaruf yeroo murteessan, Qulqulluun Phaawuloos, kun eyyema hangafa duuka bu’ootaa malee hin danda’amu jechuun gara Qulqulluu Pheexirositti erge.
Qulqulluun Pheexiros immoo waan hundumaa Gooftaa keenya osoo hin eyyemsiisin hin raawwannu jechuun subaa’ee qabatan. Dhuma suba’ee isaanii irratti waxabajji 20, bara 52 tti Gooftaan keenya Kiruubel irra taa’ee dhufuun, Duuka bu’oota warreen jiran bakka isaan jiranii, warreen boqotan immoo kaasee hunda isaanii Filiphisiyuutti walitti qabe.
Kana booda guyyaa kanatti mana kiristaanaa maqaa Haadha koon akka ijaaramu fedha kooti jechuun dhagaa sadiirraa dadhabbii tokko malee guyyuma kanatti manni kiristaanaa maqaa Haadha keenya Dubroo Maariyaamiin moggafamte ni ijaaramte.
Gara fuuldurattis bakka adda addatti haala kanaan ijaara jedhee sirna mana kiristaanaa dabalee isaaf ibse.
Galatni haa ta’uu Waaqa tokko kan ta’e Abbaaf Ilmaaf Hafuura Qulqulluuf har’as yeroo hundumaa hanga bara baraatti amen.
Daandii Jireenyaa
Waxabajji 20, 2016

Forwarded from Motuma
14:32 -https://youtu.be/CudGvmbyBi4 21 53, 23:21 - 50
YouTube
Of eeggannowwan Qiddaasee Deemun Dura Taasisuu Qabnu
Baga nagaan gara chaayinaalii yuutuubii daandii jireenyaatti nagaan dhuftan. Chaayinaaliin kun chaayinaalii hafuuraa kan mana kiristaanaa ortoodoksii tewaahidoo Itiyoopiyaati. As irratti tajaajiloonni afaan oromoo kan akka koorsiiwwaan hafuuraa, seenaawwanii…
Maqaa Abbaa Kan Ilmaa Kan Ilmaa Kan Hafuura Qulqulluu Waaqa Tokko Amen
Waxabajjii 21
Guyyaa Sirna Qulqulleessaa Mana Kiristaanaa Dubroo Maariyaam
Guyyaa kaleessaa (waxabajji 20) haala kamiin Gooftaan keenya mana kiristaanaa ishee jalqabaa maqaa Haadha Keenya Dubroon moggaafamte akka ijaarsise ilaallee turre. Guyyaa har’aa kanatti sirni qulqulleessaa jalqabaa mana kiristaanaa kanatti kan itti taasifamedha. Innis kunooti.
Galatni isaaf haa ta’uti Gooftaan keenyafi fayisaan keenya Iyyesuus Kiristoos guyyaa kanatti haadha isaa fi ergamootasaa kumaatama waliin gara lafaatti bu’e. Haadha keenya Teessoo (Memberi), Ofisaa Luba jalqabaa, Q. Pheexroosin gargaaraa Lubaa, Isxifaanosin Diyaaqonii taasisee qulqulleessuun foonii fi dhiiga isaa isaaniif kenne.
Mana kiristaanaa sanas eebbisee, Q. Pheexirosin Paatiriyaarikii taasisee muude. Yeroo kanas jiraattota samii kan ta’an ergamoonni akkuma yeroo dhaloota Gooftaaa keenyaa tiksitoota waliin faarfatan, Duuka bu’oota waliin faarfataniiru. Haala kanaan Gooftaan keenya sirna ijaarsa fi eebba mana kiristaanaa haala kanaan hundeesse.
Irra deebi’uun bada geessan jechaa eebbi haadha keenya hundumarra keenyarra oolee haa bulu.
Galatni haa ta’uu Waaqa tokko kan ta’e Abbaaf Ilmaaf Hafuura Qulqulluuf har’as yeroo hundumaa hanga bara baraatti amen.
Daandii Jireenyaa
Waxabajji 21, 2016

Gorsaa fi Dubbii Abbootii fi Haadholii Keenyaa waa’ee Tsoomii
1. Sa’aati murtaa’eef nyaata foonii irraa of dhorkuun keenya mataa keenya bituu akka dandeenyuufi. Kanaaf namni nan tsooma jedhu yoo jiraate waan hundumaa duraa obsaa, laphee cabaa fi kasoomaa, laphee Waaqayyoon sodaatu kan qabu, yeroo hundumaa laphee isaa keessatti guyyaa dhufaatii Gooftaa kan yaadu, teessoo murtii Waaqayyo dura akka dhaabbatu kan hin hirraanfanne, jaalala qarshiin qabamee kennaa kennuu kan hin jibbine, obboleessa isaa laphee guutuun kan jaal’atu haa ta’u. tsoomiin dhugaan isa kana waan ta’eef. Q. Yohaannis Afaanwarqee
2. Qorichi cimaan bineensota summaawoo buqqisee akkuma baasu kadhannaan tsoomiin waliinis yaada hamaa buqqisee balleessa. Emmahoy Sinqelexixa
3. Kan sitti balleesseef dhiifama osoo hin taasisin hin tsoomin. Nama sitti balleesse irratti osoo dheekkamtuu tsoomii ati tsoomtu kantuudha. Waaqayyoos hin fudhatu. Tsoomiin kee jaalalaa fi isa abdii taasifachuun amantiin yoo hin taasistu ta’e waan tokkoyyu si gargaaruu hin danda’u. osoo nama loluu fi keessa isaatti diinummaa moosisee kan tsoomu Waaqayyoon kan jibbudha. Fayyina irraas kan fagaatedha. Kanaaf obboleessa keef dhiifama taasisi tsoomi. Q. Efrem
4. Namni nyaataa fi dhugaatii irraa of qusachuu hin dandeenye jireenya isaa Kiristoosiif kennuun akka itti cimu ifaadha. Lubbuun kutannoo qabdu mataa ishee barsiifata hafuuraa itti fufinsa qabuuf bichisiisuun fedha fooniif kan barbaachisu nyaata fi dhugaatii dhiisuun fedha foonii mo’attee fedha lubbuu isheef bichisiisuun isheef danda’ama. Lubbittiin kun waanta cimaa isheetti dhufu hunda dandamachuu ni dandeessi. Abune Shinoodaa
5. Waaqayyo Ebbaa Abbootii keenyaa nurra haa bulchu, daandii isaanii akka hordofnuf hubannoo nuuf haa kennu
Galanni Waaqayyoof

Waxabajjii 24
Guyyaa Wareegamummaa Abbaa Muusee Tsellim (Muusee Isa Gurraacha)
Abbaan Muuseen Tsellim nama lammii Itiyoophiyaa yommuu ta’u dursee jireenya kashalabbummaa jiraachaa kan turedha. Halluun gogaasaa gurracha waan tureef maqaa “Muusee Tsellim ykn Muusee Isa Gurraacha” jedhame.
Jireenya monokkosoota naannoo Nisxiraa jiraataniin booji’amee jireenyasaa cubbuun dabarsaa turerra deebi’ee gadaamii seenuun jireenya monokkosootaa jiraachuu eegale. Boodas gadaamii Asqeexisitti bulchaa kan ture barataa Abbaa Eesdiroos ta’e. itti aansees gorsa abbaa Meqaariyoosin gara Pheexiraa deemun jireenya baahitawummaa jiraachaa ture. kana booda bara 375tti Berberonni gadaamii Asqeexis yeroo balleessan wareegamummaan ture. eebbi isaa nurra haa bulu
Barumsafi jireenya isaa keessa muraasa:
Yeroo tokko monokkosoonni gadaamii Asqeexis obsa abbaa Muusee qoruuf jedhanii “monokseen gurrachi kun maaliif as dhufe?” jedhan. Innis callisuma jedhe. Walga’iin isaanii yeroo diigamu “Abbaa yeroo waan hamaa sirratti dubbannu gaddi sitti hin dhagahamne?” jedhanii gaafatan. Innis “natti dhagahameera; haa ta’u garuu akkan hin dubbanneef arraba koon to’adhe” jedhe.
Obboleessa isaatti akka murteessuuf waamamee, cirracha dugda isaatti baatee dhangaalaasaa dhufuun, “cubbuun koo guutee akkas osoo dhangala’uu, har’a immoo obboleessa kootti murteessuuf dhufe” jedhe. Kanumas isaanis gaabbanii obboleessa isaanii kanaaf dhiifama taasisan.
Abbaan tokko abbaa Muuseetin “namni tokko miira fi yaada hamaa dandamachuuf maal taasisuu qaba?” jechuun gaafate. Abbaan Muuses “boo’uu fi gargaarsa Waaqayyoo gaafachuu qaba; kana boodas laphee hubataa ta’een yoo kadhate qormaata isaa ni mo’ata”. Kitaaba irratti “Waaqayyo gargaara kooti; ani hin sodaadhu; namni maal na godha?” (Far 117:6) jedhamee akkuma barreffame.
Bara monokkosummaa isaa keessa gad ofqabummaa isaarra kan ka'e halkan halkan mana monokkosootaa jala deemun qodaa bishaanii isaanii fuudhee bakka fagoo deemun bishaan isaaniif fidaa ture.
Eebbii abbaa keenyaa nurra haa bulu.
Galanni Waaqayyof

Baga Ayyaana Dhaloota Yohaannis Cuuphaan Isin Ga'e.
“Ergamichis akkas jedhe ‘yaa Zakkaariyaas hin sodaatin kadhannaan kee siif dhagahameera; haati manaa kee Eelsabex mucaa dhiiraa ni deessi; maqaa isaas Yohaannis jettee ni moggaafta’” Luq 1:13
“Eelsaabexis sagalee nageenyaa Maariyaamii yeroo dhageessu mucichi gadameessa ishee keessa utaale; Eelsaabexis Hafuura Qulqulluun guutamtee sagaleeshee ol kaastee, ‘ati dubbartoota keessa kan eebbifamtedha. Mucaan gadameessa kee keessas kan eebbifamedha. Yaa haadha Waaqa koo ati gara koo dhufuun akkamitti naaf ta’a? kunoo akkuma sagaleen nagaa kee gara gurra kootti seeneen mucichi gammachuudhaan gadameessa koo keessa burraqe. Jechi Gooftaa irra sitti ergame ni ta’a jettee kan amante ati eebbifamtuudha’ jette.” Luq 1:41-45
“Yeroon da’umsa Eelsaabex ni ga’e; mucaa dhiiraas deesse” Luq 1:57
“Mucichis ni guddate; hafuuranis ni jaabate; Israa’elitti hanga mul’atuttis lafa onaa jiraate” Luq 1:80
“. . . Isaanis erga deemanii Gooftaan keenya Iyyesuus waa’ee Yohaannis uummatatti himuu jalqabe, ‘maal ilaaluuf gara lafa onaatti dhuftan? Shenboqqoo qilleensi raasu? Ykn maal ilaaluuf dhuftan? Nama uffata qal’aa uffatee? Kunoo uffata qal’aa kan uffatan mana moototaa keessa jiru. Kanaaf maal ilaaluuf dhuftan? Raajiidha? Eyyeen isinaan jedha, raajota irraas kan caalu Kunoo karaa dura keeti kan sirreessu ergamaa koo dura kee nan erga, jedhamee kan isaaf barreffame isa kanadha. Dhugaan isinin jedha dubartoota irraa kan dhalatan keessa kan Yohaannis Cuuphaa caalu hin kaane’” Mat 11:7-11
Eebbi Qulqulluu Yohaannis Cuuphaa nurra haa bulu.

Luq 8: 1-16
Fakkeenya Namicha Sanyii Facaasuu
Gooftaan keenya wangeela yeroo barsiisaa turetti calliseetuma akka barbaade kan dubbate osoo hin taane akka namootaf galuu danda’uun isa qote bulaa qonnaa waliin walqabsiisee, isa daldalaa daldala waliin walqabsiisee, . . . akkasumas yeroo isaa waliin kan deemu, yeroo gannaa qonnaa waliin walqabsiisee, birraa irratti sanyii funaanuu waliin walqabsiisee,... barsiise. Kunis har'as nu ga'ee jireenya bara baraa akka ittiin argannuuf kunoo nuuf lallabama.
Manni kiristaanaa keenyas uumaa isheerra kan baratte yeroowwaan waggaa keessa jiran bakka afuritti qooddee barumsa wangeela barsiisti. Waligalatti akka sirna mana kiristaanaa keenyaatti waqtiiwwan afurituu jiru. Isaanis waqtii birraa (fulbaana 26 - mudde 25), bona (mudde 26 - bitootessa 25) arfaasaa (bitootessa 26 - waxabajji 25) fi ganna (waxabajjii 26 – fulbaana 25)dha.
Bu’uura kanaan yeroon amma itti seenne waxabajjii 26 – fulbaana 25tti kan jiru yeroo gannaadha. Manni kiristaanaa keenya yeroo kanatti barumsoota Gooftaa keenyaa fi raajotaa warreen yeroo gannaan walqabsiifamanii dubbataman bal'inaan barsiifti. yeroo sirna qulqulleessaa kan dubbifaman kanneen akka misbakii fi qulqulluu wangeelaa yeroo isaa waliin kan walqabatanidha. amma kan argamnu torbee jalqabaa waan ta'eef kutaan qulqulluu wangeelaa guyyaa kanaa kan armaan gadiiti.
Fakkeenya namicha sanyii facaasu dha. (Luq 8: 1-16).
Dubbisni isaa mraasni kunooti. Luq 8: 5 “Namichi sanyii facaasuuf ba’e. utuu facaasus tokko tokko karaa cinaa bu’e; sinbirronni samiis ni nyaatan. Kan biraan immoo lafa dhagaa irra bu’e; yeroo biqilus jiidhina waan hin arganneef ni goge. Kan biraan immoo qoraatti keessa bu’e; qoraattinis isa waliin guddatee hudhee isa qabe. Kan biraan lafa gaarii irra bu’e; guddatees firii harka 100 argamsiise. Kan gurra qabu haa dhagahu.”
Hiikkaa isaa (Lakk. 11 irra kaase barreffameera)
Sanyii kan jedhame sagalee Waaqayyo
Lafa kan jedhame laphee namootaa
1. Karaa cinaa bu'ee sinbirronni kan nyaatan
Fakkeenya namoota sagalee Waaqayyo dhagahanii, akka isaan ittin hin fayyinef diyaabilos laphee isaanii keessa baasuuti.
2. Lafa dhagaarra bu'ee kan goge
Fakkeenya namoota yeroo sagalicha dhagahan gammachuun fudhatanii; yeroof amananii, qormaanni xiqqoon yeroo isaan qunnamtu immoo gananiiti.
3. Qoraatti keessa buhee kan hudhame
Fakkeenya namoota dhagahaniii amananii booda immoo yaadan, soorumaan, hawwiin, … of sossobanii daandiicha gadhiisaniiti.
4. Lafa gaarii irra bu'ee firii gaarii kan argamsiise
fakkeenya kiristaanota warreen dhugaadha. Sagalicha dhagahii hojiitti kan jijjiiran, ittiin jiraatanii firii kiristaanummaa isa sirrii kanneen argamsiisanidha.
Gurra kan qabu haa dhaga'u

Adoolessa 2
Guyyaa Yaadannoo Boqonnaa Qulqulluu Taadewos (Duuka bu’oota kudha lamaan keessa tokko)
Duuka buutonni Gooftaa keenya isuma uumaa keenyaan kan filataman, aangoo fudhatanii fedhasaa raawwachuuf adaraa itti kenname qabatanii addunyaa amantaa xaa’otiin hadhoofte ifa wageelaan kanneen miyeessanidha.
Amantaa hojii gaarii kiristaanummaa waliin kiristaanota barsiisuun ofiisaanis gidiraa qondaaltota biyya lafaa irraa isaan qaqqabaa tureen sodaa tokko malee akka barsiisaa isaaniitti barsiisanii bakkaa fi yeroo adda addatti wareegamaniiru. Duuka bu’oota kana keessa tokko qulqulluu Taadewosidha.
Seenaa isaa gabaabinaan barreeffama, viidiyoofi sagaleen akka armaan gadiitti dhiyeessinerra. Sadanuu wal fakkaatoodha, kan isintti tole banuun dhaggeffachuu, dubbisuu dandeessu. Eebbi isaa nu waliin haa ta'u Amen.