Ɓilisuma Tech
203 subscribers
243 photos
15 files
40 links
🎯 Welcome to Ɓilisuma Tech!
Hey! 👋 I’m Bilisuma G (JJB). Computer Science student at AU. I’m passionate about technology, creativity, and personal development.
Addunyaa Teeknoolojii Wajjin fuulduratti!
Download Telegram
Channel photo updated
CD fi DVD Maalii?

💿 CD (Compact Disc) Maalii?

CD jechuun meeshaa kuusaa odeeffannoo dijitaalaa (digital data) ti, kan odeeffannoo gara garaa kuusuuf fayyadu.

CD irratti kuufamuu danda’u:
🎵 Sagalee (fkn: muuziqaa)
📄 Faayilii barruu
🖼️ Suuraa
💾 Barnaamijii (software)

Dandeettii kuusaa:- Hanga 700 MB

Fakkeenya salphaa:- CD’n akkuma kitaaba xiqqaa, odeeffannoo muraasa qabata.


📀 DVD (Digital Versatile Disc) Maalii?
DVD jechuun meeshaa kuusaa odeeffannoo CD caalaa guddaa kuusu danda’uudha.

DVD irratti kuufamuu danda’u:
🎬 Fiilmii (movie)
🎶 Sagalee baay’ee
💾 Sagantaa (software) guddaa
📂 Faayilii gurguddaa

Dandeettii kuusaa:- 4.7 GB – 8.5 GB ykn caalaa

Fakkeenya salphaa:
👉 DVD’n akkuma kitaaba guddaa, odeeffannoo hedduu qabata.

🔑 Garaagarummaa Ijoo
• CD → Kuusaa xiqqaa (700 MB)
• DVD → Kuusaa guddaa (GB keessatti)
• DVD → CD caalaa odeeffannoo hedduu qabata.

ℹ️ Hubachiisa
📌 Yeroo ammaa:
• USB Flash Drive
• Hard Disk.
• Cloud Storage
isaan kunin CD fi DVD bakka bu’aa jiru.
👍1