Ɓilisuma Tech
203 subscribers
242 photos
15 files
39 links
🎯 Welcome to Ɓilisuma Tech!
Hey! 👋 I’m Bilisuma G (JJB). Computer Science student at AU. I’m passionate about technology, creativity, and personal development.
Addunyaa Teeknoolojii Wajjin fuulduratti!
Download Telegram
Channel photo updated
CD fi DVD Maalii?

💿 CD (Compact Disc) Maalii?

CD jechuun meeshaa kuusaa odeeffannoo dijitaalaa (digital data) ti, kan odeeffannoo gara garaa kuusuuf fayyadu.

CD irratti kuufamuu danda’u:
🎵 Sagalee (fkn: muuziqaa)
📄 Faayilii barruu
🖼️ Suuraa
💾 Barnaamijii (software)

Dandeettii kuusaa:- Hanga 700 MB

Fakkeenya salphaa:- CD’n akkuma kitaaba xiqqaa, odeeffannoo muraasa qabata.


📀 DVD (Digital Versatile Disc) Maalii?
DVD jechuun meeshaa kuusaa odeeffannoo CD caalaa guddaa kuusu danda’uudha.

DVD irratti kuufamuu danda’u:
🎬 Fiilmii (movie)
🎶 Sagalee baay’ee
💾 Sagantaa (software) guddaa
📂 Faayilii gurguddaa

Dandeettii kuusaa:- 4.7 GB – 8.5 GB ykn caalaa

Fakkeenya salphaa:
👉 DVD’n akkuma kitaaba guddaa, odeeffannoo hedduu qabata.

🔑 Garaagarummaa Ijoo
• CD → Kuusaa xiqqaa (700 MB)
• DVD → Kuusaa guddaa (GB keessatti)
• DVD → CD caalaa odeeffannoo hedduu qabata.

ℹ️ Hubachiisa
📌 Yeroo ammaa:
• USB Flash Drive
• Hard Disk.
• Cloud Storage
isaan kunin CD fi DVD bakka bu’aa jiru.
👍1
Garuu barnoota fi seenaa teeknooloojii keessatti beekuun isaanii barbaachisaa dha.
✍️Odeeffannoo fi barnoota technology argachuuf @bilisumatech1 hordofaa


#AITips #SoftwareSolutions #TechInfo #ScamAlert #OnlineSafety #CyberAttack #TechNews
Pattern bilbilaa yoo nu jalaa irraanfatame, akkamitti Reset gochuu dandeenya?

Bilbilli keenya Pattern dhaan cufamee yoo nu jalaa bade ykn banuu yoo dadhabne, furmaanni isaa bilbilicha Hard Reset gochuudha. Garuu bilbilichi yeroo banamu Google Account (FRP) isin gaafachuu danda’a.

#Bilbilicha_Hard_Reset_gochuuf (Pattern balleessuuf):-

~ Bilbilicha guutummaatti cufaa (off godhaa)

~ Qabduu Power (banaa/cufaa) fi qabduu Sagalee dabaluu (Volume Up) yeroo tokkotti wal-faana dhiibaa qabaa

~ Mallattoon (logo) bilbilichaa yeroo dhufu harka keessan irraa kaasaa; iskiriinii Recovery Mode ni dhufa

~ Qabduu sagalee hir’isuun gadi bu’uun “Wipe data/factory reset” filadhaa, sana booda qabduu Power tiin mirkaneessaa

~ Dhumarratti “Reboot system now” tuqaa

* Bilbilichi yeroo banamu Pattern ni bada; garuu Google Account gaafachuu danda’a.

#Waa’ee FRP (Factory Reset Protection):-
FRP jechuun sirna nageenyaa bilbiloota Android keessatti argamu dha.
👍1
👉 Kaayyoon isaa: bilbila hatame ykn nama biraa irraa seeraan ala fayyadamuu ittisu

Kanaaf, erga reset gochuu booda:-
• Google Account (Gmail) duraan itti galfame gaafata
• Yoo hin galchine, bilbilli hin banamu

📌 Hubachiisa
• Hard Reset yeroo gootan ragaaleen keessan (suuraa, viidiyoo, maqaa, faayilii) ni haqamu
•Deebisanii argachuun rakkisaa ykn hin danda’amne ta’uu danda’a.

⚠️ Akeekkachiisa
• Google Account fi password keessan yeroo hunda yaadadhaa ykn bakka nagaa irratti kaa’aa
• Sirni FRP nageenyaaf waan ta’eef, sirnaan itti fayyadamuun barbaachisaa dha

Gabaabumatti:
👉 Pattern irraanfatame → Hard Reset furmaata
👉 Reset booda → Google Account barbaachisa
👉 Nageenyaaf → odeeffannoo keessan sirriitti eeggadhaa.

✍️Odeeffannoo fi barnoota technology argachuuf @bilisumatech1 hordofaa


#AITips #SoftwareSolutions #TechInfo #ScamAlert #OnlineSafety #CyberAttack #TechNews
1
Google’n akka akkaawuntii Gmail keenyaa jijjiiruu dandeenyuuf sirna haaraa jalqabuuf yaada qabaachuun isaa dhaga’ameera.

Kana dura, akkaawuntii Google yeroo tokko uumnnee booda jijjiiruu danda’amu hin turre.

Fakkeenyaaf, bilisumatech1@gmail.com jijjiiruu yoo barbaade, hin danda’amu ture; garuu yeroo dhihoo keessatti Google’n dhimma kana jijjiiruuf yaada qabaachuu isaa ifatti beeksiseera.

Erga jijjiirree booda, akkaawuntii duraanii fi kan haaraa wal bira qabnee fayyadamuu ni dandeenya.
Namni tokko akkaawuntii isaa jijjiiruu kan danda’u yeroo sadii qofa akka ta’e himameera.

Jijjiiramni kun namoota hundaaf yeroo kamitti akka ifa ta’u hanga ammaatti odeeffannoon ifaa ta'e hin jiru.
🔥2
Namoonni Baay'een Dhugaa see'anii Waan Akkasii Bananii Seenu! Nama Baay'eetu Telegram isaa dhabaa jira!
Block 🚫 qofa godhaa!
Website telegram inni sirriin telegram.com dha kanaa alaa hundi kan telegram miti!

Telegram Premium Kaffaltii malee guutamu hin jiru! kunis VISA CARD kan Dolaaraatiin kaffalama!



#OnlineSafety #telegram @bilisumatech1 #TechNews