Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
29.8K subscribers
506 photos
3 videos
425 files
402 links
Biiroo Barnoota Oromiyaa is strongly working on improvement of quality education in Oromia Regional State and all over the country

This channel is created to help students with what we can and what we have!
Download Telegram
Barattoota #kutaa_6ffaa_8ffaafi_12ffaa cimsuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jira jedhame.
-------------------------------
BBO- 11/07/2016 Barattoota kutaa 6ffaa, 8ffaafi 12ffaa Naannoo keenyaa Qormaata Naannoofi Biyyoolessaa bara 2016 fudhachuuf qophaa'aa jiran gahumsa isaanii ol guddisuuf manneen barnootaa ciminaan hojjataa akka jiran Gumii Tiraansiformeeshinii Barnootaa Oromiyaa (GTBO) sadarkaa  godinaaleefi bulchiinsa magaalotaa irratti hojjataa jiran tokko tokko ibsaniiru.
Biiroon Barnootaa Oromiyaa(BBO) bara 2016  keessa barattoota #kutaa_6ffaa_kuma_700 ol ta'an, barattoota #kutaa_8ffaa_kuma_600 olii Qormaata Naannootiifi akkasumas barattoota kutaa 12ffaa kuma 300 ol ta'an immoo  Qormaata Biyyoolessaatiif qopheessaa kan jiru ta'uun beekamaadha.
#Qormaatni_kutaa_6ffaafi_8ffaa walduraa duubaan ji'a  #Caamsaafi_Waxabsjjii/2016 keessa yoo ta'u, kan kutaa 12ffaa immoo fuulduratti kan beekamu ta'a.
Kanuma bu'uura gochuun Gumiin Tiraansiformeeshinii Barnootaa Oromiyaa sadarkaa godinaaleefi magaalotaa jiran tokko tokko manneen barnootaa irra naanna'uun hordoffiifi deeggarsa taasisan irraa ka'uun hoggantootaa, barsiisotaafi barattoota manneen barnootaa jajjabeessaa akka jiran himaniiru.
Walumaa galatti, manneen barnootaa hedduun xiyyeeffannoon hojjataa akka jiran haa ibsamu malee manneen barnootaa tokko tokko ammas deeggarsaafi hordoffii cimaa akka barbaachisan eeraniiru.
#Keessattuu, #Manneen_Barnootaa_bara_2015_Qormaata_kutaa_8ffaafi_kutaa_12ffaa_barataa_tokkollee_dabarsuu_dadhaban, ammas rakkoo bara darbee akka isaan hin qunnamne GTBO sadarkaa sadarkaan jiran irraa hojiin guddaan kan eegamu ta'uu ibsaniiru.
Dhumarratti, hojiin manneen barnootaa keenya hojjataa jiraniifi GTBO xiyyeeffannoon hojjataa jiran kun gahumsa barattoota keenya kan #gabbisuufi_ofitti_amanamummaan akka qormaataaf qophaa'an kan taasisu waan ta'eef #GTBO_sadarkaa_gandaa_irraa_hanga_naannoo_jiru_hundi_bifa_walfakkaatufi_qindoominaan hojjachuun #rakkoo
_qabxii_barataa irratti nu qunname keessaa haa baanu kan jedhu dhaamsa BBO ta'a.

Odeeffannoo Haaraa Yero yeroon Akka isin bira Gahu !!!!
Linkii Telegram channel Biiroo Barnoota Oromiyaa kana Share' join godhaa.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1