Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
29.8K subscribers
506 photos
3 videos
425 files
402 links
Biiroo Barnoota Oromiyaa is strongly working on improvement of quality education in Oromia Regional State and all over the country

This channel is created to help students with what we can and what we have!
Download Telegram
Biiroo Barnootaa Oromiyaa ኦሮሚያ ትምህርት ቢሮ
Photo
“Biiroon Barnootaa Oromiyaafi Dhaabbata '#Ethio_telecom' waliin hojjachuuf Atooma Hojii Mallatteessaniiru.

BBO-Bitootessa 23/2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaafi Dhaabbatni Itiyoo.telekoon(Ethio telecom) teeknooloojiitti fayyadamuunn hojii barnootaa ammayyaa taasisuu, saffisaafi qulqullina akka qabaatu gochuun dhaloota gahumsa qabu horachuu akka danda'amu waliin hojjachuuf bakka hoggantootni dhaabbilee lachuu jiranitti Atooma Hojii har'a waliif mallatteessaniiru.
Atooma Hojii kan mallatteessan Biiroo Barnootaa irraa hogganaa biirichaa Dr. Tolaa Bariisoo yoo ta'an gara dhaabbata Ethio telecom' irraa immoo hoggantuu dhaabbatichaa kan ta'an dubre Firehiyoot Taamiruu waliin hojjachuuf mirkaneessaniiru.
Hojiiwwan gurguddoon waliin hojjachuuf walii galanis:
-Manneen Barnootaa Bultii Addaa (Boarding Schools) 7fi
- Manneen Barnootaa Addaa (Special Schools) 33 , walumaa galatti daree barnootaa 82 irratti teeknooloojii sadarkaa olaanaatti fayyadamuun barnootaa dareefi manneenne barnootaa 'network'n walitti fiduun dijitaalessuu ta'uun beekameera.
Sirna mallattoon booda hogganaan BBO Dr. Tolaan haasaa taasisaniin, dhaabbata guddaa sadarkaa addunyaa biyya keenya beeksiseefi teeknooloojiin wal qunnamsiisaa jiru 'Etho telecom' waliin hojjachuuf Atooma Hojii walii maallateessuu keenyatti baay'een boona, itti gammadas jira jedhaniiru. Itti aansuun dhaabbatni kun teeknooloojii sadarkaa olaanaa ta'een fayyadamuun barsiisota keenya kan gargaaru yoo ta'u, barattoota keenya immoo, itti fayyadama teeknooloojii dandeessisuun sadarkaa addunyaan amma jirtu keessatti dorgomtoota cimoo ta'anii akka bahan taasisa. Kanaafuu, dhaabbanni Itiyo telekoom deeggarsa barnootaa godhuu qophaa'uu isaatiif irra deebi'ee hedduun galateeffadha jedhaniiru.
Hoggantuun Dhaabbata Itiyoo telekoom dubree Firehiyot Taammiruus haasaa taasisaniin , Dijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuuf manneen barnootaa murteessaa waan ta'eef BBOn kutannoon murteessee itti seenuu isaatiif baay'een dindiqisiifadha, galatoomfadha jedhaniiru.
Dijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsina yoo jennu, teeknooloojiin dhaabbilee hundaafi mana nama hundaa galchuu waan ta'eef, hundama bira dabareen kan geenyu ta'a jechuun,hojiin amma Biiroo Barnootaa waliin hojjannu kun biyya keenya Itiyoophiyaa ceesisuuf hojii hojjataa jirru keessaa isa tokko ta'uun beekamuu qaba jedhaniiru.

Walumaa galatti, Barnootni bu'a qabeessa(humna akka horatu)taasisuuf teeknooloojii sadarkaa olaanaa ta'een deeggaruun(Empowering Education Through Cutting-Edge Technology) barsiisotniifi barattootni carraan jalqabaa isin dhaqqabe humna qabdan guutuun itti fayyadamuun '#Digital_Ethiopia' dhugoomsuuf akka hojjattan dhaamsa biiroo keenyaa ta'a.

@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1
@Biiroo_Barnoota_Oromiyaa_1