Barattoota oromoo
19.2K subscribers
1.12K photos
271 videos
3.68K files
872 links
Channel kun dhimma barattoota oromoo irratt odeeffannoo garagaraa dhiyeessa

Yaada fi qeeqaa karaa @Barattootaorobot jedhun nuuf kenna

⚡️⚡️Karaa YouTube dhan nu hordofuuf https://www.youtube.com/@OroAcademy⚡️⚡️

https://telega.io/c/Barattootaoromo
Download Telegram
#ODASPECIALBOARDINGSCHOOL

Barattoonni Mana Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa /ODA SPECIAL BOARDING SCHOOL/ seenaa baroota darbanii irra deebi'uun bara kanas qabxii ol'aanaa galmeessuu itti fufanii jiru.
Barattoota 76 qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2014 qoraman keessaa:
👉Barattootni 21 /27.6%/ qabxii 600fi isaa ol,
👉Barattootni 45 qabxii 500-599 fi
👉Baratoonni 2 immoo qabxii 400 keessa kan galmeessan yoo ta'u gosa barnoota Herregaas100% galmeessuun kan danda'meefi qabxiin ol'aanaa ta'e 652 galmaa'ee jira.

Kanaafuu, uummanni keenya, barattootni, maatiin barattootaa, hawaasni mana barnootaa, boordiifi miseensonni WMO, hojjeettootni caasaa WMO sadarkaa sadarkaan jirtaniifi deeggartootni misoomaa hundi baga gammaddan baga gammanne!
1. Roobeeraa Asmaraa...............652
2. Biqilaa Haacaaluu.................. 650
3. Sanyii Dassaalany.................. 644
4. Olaanaa Abarraa.................... 641
5. Firaa'ol Danoo........................ 639
6. Geexee Boonaa...................... 637
7. Roobeeraa Bushuraa .............637
8. Barakat Kabbadaa .................635
9. Elihaam Jibriil ........................634
10. Hayaat Ibraahim.................. 630
11.Siyyum Waldee .....................630
12.Saamu 'eel Xaasoo............... 628
13. Firoomsaa Mohaammad ....625
14. Dastaa Nigusee ....................619
15. Naafyaad Daagim................ 619
16. Leencoo Baay'isaa ...............617
17. Meeroon Abbabaa............... 617
18. Indaaluu Qalbeessaa ...........616
19. Abdii Geetuu .........................614
20. Roobee Abaataa ..................614
21.Warquu Camadaa .................612

Waldaan Misooma Oromiyaa dhaloota qareeyyii, egeree saba keenyaa qajeelchan oomishaa jira. ( Webisegni ) 

@barattootaoromo
#Barattoonni mana barnootaa bultii addaa WMO qabxii olaanaa galmeessisan maal jedhan?
****
Gaazexaa Bariisaa
#Barataa Roobeeraa  Asmaraa (652)

“Qabxiin koo guddaan Herreega yoo ta’u 100n fide, xiqqoon ammoo ‘Aptitude’ 90dha.

Fuuldurattis Sooftiweer Injinariingii barachuun barbaada” jechuun Gaazexaa Bariisaaf yaadasaa kan kenne MAna Barnootaa Bultii Addaa Waldaa MIsooma Oromiyaa damee Adaamaatti barataa kan tureefi qabxii seensa yunvarsiitii akka mana barnootichaatti tokkoffaa kan galmeessise Barataa Roobeeraa Asmaraati.

Qabxii galmeessise kanaan daran gammaduu eeree, keessumaa haala dura hinbaramneerraa ba’uun yunvarsiitii deemanii kan qoraman waan ta’eef qabxii gaarii akkanaa galmeesisuunsaa garaa akka isa ga’e hima.

Barattoota WMO qabxii olaanaa galmeessisan keessaa sadarkaa shanaffaarratti kan argamtu Barattuu Geexees yaada gaazeexaa keenyaaf kenniteen qabxii argatteen ishee, maatiifi barsiisoonni ishee daran gammadoo ta’uu himti.

Haalli barana qormaanni itti kenname haaraa ta’uus gaarii akka ture kaastee, keessumaa barattoonni mana marnootaa bultii addaa doormii keessa kan jiraatan waan ta’eef itti waan baraniif hedduu akka hinrakkanneefi gaarii akka ture himti.

Ijoollee ja’a maatiin ishee godhatan keessaa intala sadaffaafi tokkittii kan taate Geexeen, fuuldurattis Doktara Meedikaalaa barachuu akka hawwituu ibsiti.



Barattoonni Waldaa Misoomaa Oromiyaa (WMO) baranas marsaa shanaffaaf qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014n qabxii olaanaa galmeessisuu kan ibsan ammoo Daarektara Ittaantuu mana barnootichaa Barsiistuu Meetii Taayyee ibsan.

Akka ibsasaaniitti barattoota 76 qormaaticha fudhatan keessaa barattoonni 21 (harki 27.6) qabxii 600fi isaa ol, barattootni 45 qabxii 500-599fi barattoonni lama immoo qabxii 400 keessa kan galmeessan yoo ta'u, akaakuu barnoota Herregaas %100 galmeessisuun kan danda'ameefi qabxiin olaanaa ta'e, 652 galmaa'eera.

Ijoolleen kudhan 500 gadi. Barattoonni mana barnootichaa hundi dhibbantaa barbaadamuufi sanaa ol fidaniiru. Baay’ina barattootaa eerame keessaas shamarran 30.

Dursanii xinsammuu barattootaarratti hojjechuun qabxii galmaa’e kanaaf daran gumaachuus eeranii, akeekni kenniinsa qormaata bara 2014 kan milkaa’eedha jedhan. “Haalli qormaanni ittikennameefi bu’aan argame mataasaatiin qorannoo tokkoodha.

Hojiin damee barnootaarratti hojjetamaa jiru milkaa’aa jiraachuu agarsiisas” jedhan. Sadarkaa barnoonni biyya keenyaa irra jiru kan akeekeedhas jedhan.
Manni barnootaasaaniis akeeka qabatee hojjechaa jiru milkeeffachaa jiraachuu ibsan.

Akeekichis barattoonni muraasni qofti qabxii gaarii akka fidan otoo hintaane hunduu dorgomoo ta’anii yunivarsitii akka galan gochuudha jedhan.

Oduudhuma walqabateen firii qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014n  barattoonni  kuma 29fi 909 ol dhibbantaa 50 ol galmeessisuu Ministirri Barnootaa ibsan.

Ministirichi Pirofeesar Biraanuu Naggaa ibsa kaleessa miidiyaaf kennaniin akka jedhanitti, barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014 fudhatan kuma 896fi 520 keessaa barattoonni kuma 29fi 909 dhibbantaa 50 ol galmeessisuu beeksisan.

Qormaatichi karaa hannarraa bilisa ta’een yunivarsitiiwwanitti kan kenname ta’uu himanii, bu’aan galmaa’es dandeettii barattootaa kan ibsu ta’uu eeraniiru. 

Barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2014 qoramuuf galmaa’an keessaa kumni 77fi 098 qormaatarratti kan hinargamne ta’uu himanii, kumni 20fi 170ni ammoo danbii cabsuudhaan akka qoramne yaadachiisaniiru.

Damee barnoota saayinsii uumamaatiin 700 keessaa qabxii olaanaan 666 yoo ta’u, saayinsii hawaasaa 600 keessaa 524 galmaa’uu  eeraniiru.

Bararattoonni dhibbantaa 50 gadi fidan carraa yunivarsiitii seenuu kan hinqabne ta’uus himaniiru.

@barattootaoromo
@barattootaoromo
Biirichi barattoota qabxii olaanaa galmeesisaniif beekkamtii qopheesse

Biiroon Barnoota Oromiyaa, barattoota bara 2014'tti qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhachuun qabxii olaanaa galmeessaniif sagantaa beekamtiifi badhaasaa qopheesseera.
Sirna kanarratti sadarkaa Pirezdaantii Ittaanaatti Qindeessaa Kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa, Obbo Abdulhaakim Muluu dabalatee, hoggantoonni hojii mootummaa, maatiin barattootaa, barsiisonniifi barattoonni irratti argamaniiru.
Hogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Doktar Tolaa Bariisoo, bara kana akkaataa barbaadamuun barattoonni qabxii boonsaa galmeessuu hindandeenye jedhan.
Kufaatii barnootaa kanaaf ammoo qaamoleen dhimmi ilaallatu gahesaanirraa eegamu bahuu dhabuudhaan kan mudatedha jedhan.
Kanaaf ammoo hawaasni barnootaa, kutannoon hojjechuun barbaachisaadha. Biiroon Barnoota Oromiyaas xiyyeeffannoon hojjeta jedhan.
Bara kana barattoota akka biyyaatti qormaata biyyaalessaa fudhachuun qabxii %50 galmeessan kuma 29fi 909 keessaa Oromiyaan barattoota kuma jahaafi 414 yunivarsitii seensisuu himan.
Kanneen keessaa manni barumsaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa %100 milkaa'aniiru; kanaaf galatatu malaaf jedhan, Dr. Tolaan.

@barattootaoromo
@barattootaoromo
Barattootn fi akkasumas maatiin miseensa barattoota oromoo gareee barattoota oromoo irraatti oromo @barattootaoromo1 suuraan isiniif ergamu dide dura link ykn maqaa channel suuraa irra jiru irra kaasa ergasi forward gochu dandeessu

@barattootaoromo
@barattootaoromo
Seenaa barataa barnoota 50 ol A+ fiduun medaaliyaa argate haadha 'isaaf jecha' barumsa adda kutteef gumaache
July 23, 2023
Barataa Daagim qonnaan bultootaaf waan tolu dalaguuf hawwii guddaa qaba
Eebbi barnootaa barataaf boqonnaa, maatiif immoo gammachuu fida. Ilmi yookiin intalli ofii qabxii olaanaan eebbifamuun immoo gammachuu dachaa godha.
Waggaan xumuramee yunivarsiitiiwwan garagaraa yeroo barattoota eebbisiisanitti wantoota mul’achuu malan keessaa tokko abbaan qabxii olaanaa fide baramuudha.
Barataan amma seenaan isaa namoota hedduu garaa nyaate isinitti himuuf jennu yunivarsiitii ramadamees ta’e barnoota itti ramadame itti hin gammadne ture.
Hamma jaalatu argatuutti garuu waan argatee jaalatee milkaa’uun fagoodhaa mul’ate. Nutis seenaa isaa isa gaafanne.
Maqaan isaa barataa Daagim Tasfaaye jedhama. Maatii isaaf mucaa sadaffaafi kan xumuraati - quxisuudha.
Barattoota ALI Bara 2015 Yunivarsiitii Injibaaraatti eebbifaman keessaa tokkoofi namni waa’ee isaa haasa’aa jiru keessaati.
Barataan kuni qabxii baay’ee olaanaa galmeessuun medaaliyaa warqii fudhateera.
Medaaliyaa kanas 'siin hin caalu' jechuun galma eebbaa keessatti haadhaaf gumaache.
Akka dargaggoon kuni seenaa isaa BBC’tti himetti, maatii isaa keessa kan yunivarsiitii seenanii hin baranne harmee isaa qofa.
Kanaaf waan argate keessa isa guddicha harmee isaaf qoode.
‘’Harmeen kiyya ana barsiisuuf jecha barnoota kutaa 12ffaa addaan kutte,’’ jechuun BBC’tti dubbate.
‘’Barnoota yoon seene malee jedheen ishee rakkise. Yeroos isheen barnoota dhuunfaan barattu adda kuttee anaan na galchite.
‘’Medaaliyaan argadhe kan ishees waan ta’eefi kaniin ishee badhaase,’’ jechuun sababa medaaliyaa warqii harmee isaaf kenne hime.
Daagim dhalatee kan guddate Magaalaa Baahirdaaridha.
Yunivarsiitii Injibaaraatti barachuun filmaata isaa jalqabaa hin turre. Wanti baratuu fedhu fayyaa ture.
Qormaata kutaa 12ffaa qabxii olaanaa fidee Yun. Finfinnee ykn Baahirdaar nan seena jedhee abdateyyuu ture.
Garuu filmaati isaa duraas, lammataas hin milkaa’in hafe.
Barnoota 51 A+
‘’Akkaataa ramadamne irratti rakkootu ture. Barattoota naannawa keenyaa asumatti nu ramadani,’’ jechuun hima.
Ramaddiin Yunivarsitii Injibaaraa Naannoo Amaaraa, Godina Bulchiinsa Aawwii keessatti hundaa’etti isa gahe.
Yunivarsitiin kuni kanneen dhihoo hundaa‘an keessaa waan ta‘ef muummee inni barbaadu hin arganne.
Barataa Daagim achuma galma eebbaa keessa medaaliyaa warqii argate harmee isaaf gumaachuun namoota garaa nyaate
Sababa kanaaf ‘’gosa barnootaa turan keessaa kan wayyoo qabu jedhee kaniin yaade filadhe,’’ jechuun dubbata.
Barnoonni inni filate immoo muummee Saayinsii Biqilootaa qo’atu yookiin [Plant Science] dha.
Gosa barnoota kanaan digirii argachuuf waggaa afur itti fudhate.
Waggoota afran kana keessatti koorsiiwwan barate keessaa barnoota 51 A+ fide. Barnootni sadii immoo A dha.
Qabxiin A+ barattoota gosa barnoota tokkoon qabxiin guddicha ykn qabxii adda ta’e galmeessaniif kennama.
Icciitii milkaa'inaa
Daagim barnoota kana qabxii kanaan xumuruu isaatiin gammachuu guddaa qaba. Ammoo dhamaatii yeroo dheeraa ta'uu quba qaba.
‘’Bu’aa dhamaatiikooti,’’ jechuun dubbata.
Barataan kuni milkaa’ina isaaf sababoota lama kaasa.
Tokkoffaa ''of bituu'' jechuun ibsa. Bara dargagummaa keessumaa yunivarsitii keessa wantootni nama qoran danuudha.
Dhaabbileen barnoota olaanoo bakkatti qajeelanis, bakkatti hireen jireenya barataa maqus ta’uu mala.
Sababi lammataa immoo maatii isaati. Waa'ee maatii isaa Daagim baay'iseema haasa'a.
Daagim waa'ee maatii isaa baay'iseema haasa'a
‘’Bilisummaa maatiin kiyya naaf kennaniifi ofii koof akkan murteessu gochuun isaanii kaayyoo kiyya akka hin daganne godheera.’’
Milkaa’ina isaatti maatiin isaa gammaduun immoo ittuu gammachuu isaa guddise.
‘’Isaaniif jedhee akkan baradhetti hubadha,’’ jechuun hima. Dhamaatii maatiin isaa isaaf jedhanii arganiis gammachuun akka isaan kiise amana.
Magaalaa Baahirdaariifi Injibaaraa gidduu fageenyi jiru xiqqaadha. Inni garuu maatii dubbisuuf jecha gara magaalaa Baahirdaar yeroo baay’ee hin dhaqu.
Kanaan maatiin isaa mufii qabu. Garuu, ‘’sababa barnoota ta’ef obsaniiru. Kunis bilisummaan barnoota kiyyarra akka xiyyeeffadhu na gargaareera,’’ jedha.
Akka barataan kuni jedhutti, daree keessa waan gara caalu xumura. ‘’Wanta baay’ee kaniin xumuru daree keessattidha,‘‘ jedha.
Kaayyoo gara-fuulduraa
Barataan kuni waa’ee egeree isaa yoo dubbatu ‚‘‘Hojii qofa kaayyoo godhatanii warri baratan jiru.
''Ani garuu ofii kiyya iskolaarshippii barbaadee barachuu nan danda’a. Carraalee hedduutu jira,‘‘ jechuun ibsa.
Dhimma hojii qacaramuu yoo ibsuus‚‘‘Hojiileen dhuunfaan hojjetaman baay’een jiru,‘‘ jechuun dubbata.
Hanga yoonaa carraan hojiis ta’e carraan barnootaa akka isaaf hin dhihaanne BBC’tti himeera.
Damee barnoota barateen walqabatee qonna Itoophiyaa irratti jijjiirama fidu fedha.
‘‘Barumsi baradhe damee barnoota qonnaan jijjiirama guddaa akkan fidu kan dandeessisudha.
‘‘Sababa kanaan dhuunfaanis ta’e qonnaan bultootaaf hojii dhiibbaa uumuu danda’u hojjechuuf kaayyoon qaba,‘‘ jechuun hawwii isaa hime
Barnootni umriin hin daggeffamu
Maatii fakkeenyumummaa qabu:-
Maatiin kun aanaa Madda Walaabuu,Mb sad 2ffaa Warree irraayi.
Abbaan ijoollee kanaa:-
  Barataa Sh/Abdurazzaaq H/Kadiir jedhamanii qoramanii odoo Univarsitii alatti argee qormaataaf dhufe naan jedhan.
Ijoolleen isaanii SH qormamaata xumuruun gara maatii imaluuf wajjiin jirtan:-
1.Muniiraa Sh/Abdurazaq
2.Safiyyaa Sh/Abdurazaq
3.Nasruu Sh/Abdurazaq
4.Sulxaan Sh/Abdurazaq jedhaman.
   Abbaa wajjiin maatii Shan/5
Kanaan alatti barattoonni SU lama bor Univarsitii Madda Walaabuu galan.
   1.Shittoo Sh/Abdurazaq
  2.Mukarramaa Sh/Abdurazaq jedhaman.
   ✒️✒️Waliigala maatii tokko keessaa barataa Torba(7).
  Imalli isaanii kan milkii,bu'aan qormaata isaanii kan itti gammadan akka isaaniif ta'u hawwina.
✒️✒️Maatii Barnootaa warra fakkeenyummaa guddaa qabu!!

@barattootaoromo
@barattootaoromo
Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2016 baatii Caamsaa keessa kennamuuf qophiin taasifamaa jira.

Guyyoota muraasa dura ibsa kan kennan Ministirri Barnootaa Prof. Birhaanuu Naggaa qormaanni ammaa kun #walmakaa ta’uu ibsaniiru.

Qormaata walmakaa jechuun walakkaa toora interneetii (naannoowwan rakkoo interneetii hin qabne), Bakka interneetiin hin jirretti ammoo akkuma kanaan duraa waraqaan kennama.

Prof. Birhaanuu Naggaa akka ibsanitti, malli qormaataa kun dhiibbaa yunivarsiitiiwwan, baajata mootummaa, fi waajjiraalee barnootaa irratti uumamu akka hir’isu ibsaniiru.

Ministeerri Barnootaa dandeettii qormaataaf taableetii bitachuu dhabus, dhaabbilee mootummaa waliin haasa’uun yeroo qormaata  fudhachuun, qormaata haala walmakaa ta’een akka kennu akeekeera.

Qormaanni bara 2016 haala walmakaan kennamuuf qophiin taasifamaa kan jiru yoo ta'u, hojiin sooftiweerii xumuramee jira.

Galmeen bara kanaa toora interneetii irratti kan gaggeeffamu yoo ta'u, dorgomtoonni qaamaan argamuun suuraa akka ka'an taasifama. Haala kanaan to'annoon cimaa deema jedhameera.

Qindeessitootni qormaataa fooyya’oo ta’an, qormaanni akka hin hatamneef eegumsa saayibarii, kaameeraa nageenyaa, tumsi dhaabbilee (INSA, Tajaajila Qormaataa), maxxansa qormaataa of eeggannoodhaan qopheessuun kan duraa caalaa akka waliin hojjetan Ministeerri Barnootaa ibseera.

Barattoonni qormaata kutaa 12ffaa bara kanaa qormaataaf ulaagaa guutuun akka of qopheessanii fi barsiisonni, maatiin, hawaasni barnootaa guutuun barattoonni qormaata kanaaf akka qophaa'an gargaaruu qabu.

@barattootaoromo
@barattootaoromo
Qormaanni xumuraa kutaa 12ffaa gosa barnoota #jaha qofaan kennama.

Ministeerri Barnootaa haala qormaata kutaa 12ffaa ilaachisee waajjiraalee barnootaa hundaaf xalayaa ergeera.

Haaromsi kaarikulamii barnoota  kan sadarkaa lammaffaa bara 2016 irraa eegalee hojiitti seenun kan yaadatamuudha.

Kaarikulami haaraa Kana bu’uura godhachuun adeemsi baruu fi barsiisuu sadarkaa 2ffaa keessatti gosa barnoota addaan baafamee kennamaa jira.

Kanumaan walqabatee, bara 2016 qormaata ba’iinsaa kutaa 12ffaa irratti gosa barnootaa kennaman ministeerri barnoota waajjiraaleef ifa godheera.

Haaluma kanaan damee saayinsii lamaaniinu gosa barnoota #jaha qormaataaf akka kennaman jedhameera.

👉Saayinsii uumamaa
Ingiliffaa, Herrega, Baayoloojii, Fiiziksii, Keemistirii fi Aptituudii dha.

👉Saayinsii hawaasaa
Ingiliffa, Herrega, Seenaa(History), Ekonomiksii , Ji’ograafii fi Aptitudii dha.

Qabiyyee qormaataa:-

1. Qormaatni Ekonomiksii bara 2016tti Kutaa 12ffaa irraa qofa yoo ta’u gosti barnootaa biroo kutaa 9ffaa-11ffaa kaarikulamii duraatiin, kutaa 12ffaan ammoo kaarikulamii haaraa of kessatti qabata jedhameera.

2. Bu'aan Qormaata Aptituudii akkuma dura tureen kan qabamu ta'uu ta'a.

Haala kenniinsa qormaata ilaalchisee barattoonni, maatiin, barsiisonnii fi hawaasni barnoota ammuma irraa beekani qophii akka godhan itti himamuu qaba jedhameera.
QORMAATA BARA 2016

#1_Caamsaa 26-30/2016 #Kutaa_6ffaafi
#2_Waxabajjii 3-7/2016 #Kutaa_8ffaaf ni kennama.
-------------------
BBO-Ebla 30/2016
#1_Qormaatni kutaa 6ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e gosoota barnoota kutaa 6ffaa keessaa qofa yoo ta'u,
Gosootni Barnootaas;
1.Afaan Oromoo/Amaariffa
2. Afaan Ingilizii
3.Herrega
4.Saayinsii Naannoo
5. Barnoota Gadaa 50%fi Safuu 50% .

#2_Qormaatni kutaa 8ffaa Naannoo Oromiyaa kan qophaa'e; gosoota barnootaa kutaa 8ffaa keessaa qofa yoo ta'u,
Gosootni Barnootaas;
1-Afaan Oromoo/Amaariffa
2-Afaan Ingilizii
3- Herrega
4- Saayinsii Hawaasaa
5- Saayinsii Waliigalaa
6- Barnoota Gadaa 50%fi Lammummaa 50% ta'a

#DHAAMSA!
#_Gumiin Tiraansiformeeshinii Barnootaa (GTB) hordoffiin keessan daran cimuu qaba,
#Barsiisotni keenya barattootaaf deeggarsi taasifamaa jiru itti haa fufu,
#Hoggansi_manneen_barnootaa haala mijaawaa irratti of kennitanii hojjachuu qabdu,
#_Maatiin barattootaa ijoollee keessaniif xiyyeeffannoon keessan daran haa dabalu,
#_Hundaa'ol #barattootni_keenya_Addunyaa_Iftuu_Egeree_arguuf har'a #ciminaan_qo'achuufi #tasgabbiin_qprmaataaf_of_qopheessuu_qabdu kan jedhu dhaamsa BBO ti.

#CARRAA_GAARII !!
BBO
"#Qormaata_Naannoofi_Biyyoolessaa_Kennamu Barattootaafi Hawaasa Keessatti #Hubannoo_Uumuurratti_Miidiyaan Gahee Olaanaa Qaba".
(Dr. Tolaa Bariisoo- Hogganaa BBO)
--------------------
BBO-Caamsaa 23/2016 Qormaata Naannoo kutaa 6fi 8ffaa akka Naannoo Oromiyaatti kennamuufi Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa akka biyyaatti kennamu ilaalchisee hogganaan BIiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo ibsa miidiyaaf (Media brief) kennaniiru.
Ibsa miidiyaa kan kennan Dr. Tolaan biiroo isaaniitti midiyaaleen biyya keessaa 10 ol bakka argamanitti yoo ta'u,
miidiyaaleen haala waliigala qormaataa, biiroon barnootaa caasaa barnootaafi barattoota hubachiisee qormaataaf qopheessaa jiru kan kallttiin hawaasa keenya biraan akka gahaniifi hubannoo uumuu irratti akka hojjatamu taasisuuf jedhan.
Qormaatni Naannoo kutaa 6ffaa Caamsaa 29-30/2016, kutaa 8ffaa Waxabajjii 4-5/2016 yoo ta'u, qormaata kana irratti manneen barnootaa 21, 074 barattoota miiliyoona 1.4 ol ta'an Wiirtuu qormaataa 1,424 keessatti kan qoraman ta'uu,
Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa ilaalchisee moo, barattootni 246,575 Adoolessa 3-5/2016 qormaata fudhachuuf kan qophaa'an,
qormaatni kennamus waraqaafi 'online' ta'uun,
- waraqaan qoratamuu irra 'online'niin qoramuun barattootaaf salphaa akka ta'e,
-barattootni 'online' qorman bakka itti qoraman deemanii shaakaluu akka qaban hoggansi barnootaafi barsiisotni deeggaruu akka barbaachisu,
- Nageenyi qormaatichaa eegamuu akka qabu,
- Barattootni tasgabbaa'anii akka qoratamuu qaban,
- Akaakkuu barnootaafi qabiyyee qormaatni keessaa bahu qajeelfamni barattoota bira gahuu isaa,
- maatiin barattootaa barattoota jajjabeessuu akka qaban,
- Konkolaachiftootni barattoota gara wiirtuu qormaataa geejjiban hundi of eeggachuun naamusa gaarii yaadaa qalbiin ijoollee geejjibuu akka qaban,
- Gumiin Tiransiformeeshinii Barnootaa xiyyeeffannoo olaanan akka hordofuu qaban,
- Miidiyaaleen hundi xiyyeeffannoon dhimma hubannoo uumuu irratti hojjachuu akka qaban,
- Qaamni nageenyaa hundi deeggarsi isaanii akka itti fufuu qabuufi
dhumarratti, hirmaannaa Komishiinin iPoolisii Oromiyaa taasiseef galateeffachuun hanga xumuraatti gargaarsi taasisaa jiran akka itti fufuu qabu dhaamsa dabarsuun ibsa miidiyaaf kennan xumuraniiru.

#Hub:- Ibsa Miidiyaaf kenname guutuusaa walduraa duuban dhiheessuu kan itti fufnu ta'a!
Nu hordofaa!
Qormaata Biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 Akka Biyyaatti Kennamu Barattootni 35% ol  Oromiyaa Irraa Ta'uun Beekame.
---------------
BBO- 10/10/ 2016 Biiroon Barnootaa Oromiyaa #qormaata_biyyoolessaa_kutaa_12ffaa_bara_2016_barattoota 246,575 kan qorsiisu yoo ta'u, #akka_biyyaatti_barattoota_qormaata_fudhatan_jedhamanii_eegaman 701,489 keessaa naannoon Oromiyaa 35%  ol ta'uun beekameera.

Oromiyaa keessatti baay'inni barattoota qormaata fudhatanii hedduu waan ta'eef xiyyeeffannoo Biiroon Barnootaa Oromiyaa kennee hojjataa jiru cinatti karaa loojistikiifi humna namaa bobbaasu irratti Ministeerri Barnootaa Itiyoophiyaa hordoffiifi deeggarsa olaanaa gochuu akka qabu waliigalameera.
Kanaafuu, hawaasni naannoo keenyaa, maatiin barattootaa, barsiisotni, hoggansi barnootaa, GTB, GMB, BBLG, Caasaan Mootummaa, Qaamni Nageenyaafi Yunivarsiitiwwan Naannoo keenyaa hundi qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2016 nagaafi milkiin akka xumuramu akkuma kanaan duraa deeggarsi keessan cimee akka itti fufu dhaamsa dabarsineerra.

#Gumiin_Tiraansiformeeshinii_Barnootaa_Oromiyaa (GTBO) sadarkaan jirtan, Komishiiniin Poolisii Oromiyaa, Maatiin Barattootaa, Barsiisotni, Hoggansi Barnootaa sadarkaan jiru, qaamni nageenyaafi caasaan mootummaa naannoo keenyaa sadarkaan jiru hundi #haaluma_kanaan_dura_qormaata_naannoo_kutaa_6ffaafi_8ffaa(barattoota milyoona 1.4 ol ta'an) milkeessineen #ammas_milkaa'ina_ammaffaa_akka_galmeessiftan gamanumaa abdii guddaa qabna.

Muuxannoo darberra waan hedduu waan hubanneef kan darbe caalaa qulqullinaafi iftoomaan barattoota keenya jajjabeessuu qabna.

- Qormaatn kan qophaa;
#Sirna_Barnootaa_Darbe(Moofaa) keessaa- Barnoota kutaa 9ffaa - 11ffaa jiru yoo ta'u,
#Sirna_Barnootaa_Haaraa keessaa immoo - Barnoota Kutaa 12ffaa ti.

- Guyyaa Qormaataa;
#Barnoota_Saayinsii_Hawaasaa - Adoolessa 03-05/2016
#Barnoota_Saayinsii_Uumamaa - Adoolessa 09-11/2016tti Waraqaafi 'Online'n kennama.

Barattoota keenyaaf:
#CARRAA_GAARII_HAWWINEERRA!
- BBO -


#barattootaoromo
#kutaa12ffaa