HAQA,BAACOO FI TAPHAWWAN.
24.7K subscribers
3.4K photos
437 videos
63 files
3K links
Kaayyoon keenya bashannansiisaa,kofalchiisaa,haqawwan
..
Youtube https://youtube.com/@odesitutube?si=uWwFA0Pk5UGOCn1m subscribe gochuun bohaaraa

Guddina artii, aadaafi afaan keenyaaf gahee nurraa eegamu haa baanu.
Yaada @Dhaloota nuun gahuu dandeessu
Download Telegram
Sadarkaa kee dabaluuf
waa mara harka keessee
Fayyadamuudhaaf jecha
dacheerra waliin geessee
.
Waan qajeelaa dhiiftee
rirriittee waanta gaarii
Waan dabaa barbaacha
habbuuqxee waan aarii
.
Caasaa hammeenya kee
bultee kaatee diriirsitee
Adeemsa badaadhaan
deemuuf faana hiriirsitee
.
Waanta uumaan jibbu
kaasuu keetti dhuubdee
Gara laafina uumaa kee
arraabbattee duguugdee
.
Isa uumaan kee jibbuun
duroomuuf dharraatee
Dullaa harka uumaatiin
rukutamtee rarraatee
.
Kan kolfaafi qaanii ta'uurra
kabaji ganee siin oodee
Adeemsa kee tolfadhu
cimsii of eegi yaa koode!

📍Isaayyaas


@baacoowwan
@baacoowwan
Beeksiisa!
Namoota LinkedIn account kireeffachuu barbaaddan hundaaf;


  • Connections 100-300: Torbanitti $5

  • Connections 300-500: Torbanitti $10

  • Connections 500-1000: Torbanitti $12

  • Connections 1000-2000: Torbanitti $20

  • Connections 2000+: Torbanitti $22

• Nageenya Herregaa: Akkaawuntii keessan ogummaa olaanaadhaan akka qabamu wabii ni kennina. Hayyama ifa ta’e malee odeeffannoo dhuunfaa ykn qindaa’ina nageenyaa keessan irratti jijjiiramni hin taasifamu.

• Fayyadama: Akkaawuntii keessan qajeelfama LinkedIn cimsee hordofuudhaan, kaayyoo networking fi outreach qofaaf kan itti fayyadamu ta’a.

Carraa kanaan galii keessan guddisuuf fedhii yoo qabaattan, marii dabalataaf karaa username kanaan gadiin nu qunnamaa.

@Yoyokoo


@baacoowwan
AKKI ITTI JIRAATAN JIRAA?
.
Kashalabbee fakkaattu-jennaan
mataa gadi qabanne
Nama guddaa of-gootu-jennaan
daa'ima waliin taphanne
.
Duuriyyee fakkaattu-jennaan
huccuu durii uffannee
Wacuu jaallattu-jennaan
gadi-qabnee dubbannee
.
Of-tuuluu barbaaddu-jennaan
gaddeebituu fakkaannee
Dureessa of-seetu-jennaan
karaa gubbaa jiraannee
hambaa namaafaa nyaanne!
.
Anamoo jettu-jennaan
dubbii dubbachuu dhiifne
Gad-dhiisii fakkaattu-jennaan
ol-gallee gola ciifne!
.
Sodaataa fakkaattu jennaan
agarsiifne hamma geenyu
Hojii hin jaallattan-jennaan
hojjenne hamma dandeenyu!
.
Gatii hin qabdan-jennaan
gatii keenya guddifnee
Hirree keenya ol-kaafnee
humna keenya mul'ifnee
.
Waa dura buutu-jennaan
duddubaarra tirannee
Karaa hin beektan-jennaan
karaa haaraa cirannee!
.
Nyaara guurtu-jennaan
hunda waliin taphannee
Tapha qofa beektu-jennaan
dhiifnee afaan qabannee!
.
Jecha malee jiraachuuf
yaada namaa hubannee
Kanaaf sana ta'uuf jecha
suunsuma taanee gubannee!
.
Akkanaan akka namaa
walii wal'aalleem firaa
Namaaf nama malees
akki itti jiraatan jiraa?

ISAAYYAAS

@baacoowwan
Walaloo jaalalaa
Bareessuun barbaadee
Micaayoo waa'iitii
Sirumaattan yaade
Yaanni kiyya hunduu
Sirritti fagaatee ×2

Maalumaa taatee kaa
Anu sumaa yaadee
Ani homaa godhu
Karaatu fagaatee
Adii damma tiyya
Garaa naa hamaatee ×2

Yaada fageesitee
Garaa baleesitee
Jaalalaa sif qabu
Atu dhiyeesitee
Yaanni koo si bira
Ani maraadheeyuu
Rabbumaafiin jira ×2

Maaloo maaliin jedha
Si jaalachuun fedha
Ergaan si argee
Ammaa waggaa gahee
Akka naa jaalattu
Ani yoomiin shakke
Jaalalaa akkanaa
Ani yoomiin argee ×2

Maqaa kee ibsuuf
Xiqqoo natti ulfaata
Jaalalli sif qabu
Garaa nama nyaata
Ani maalaan godha
Ta'en sumaa yaada ×2

Ati himaa naa goote
Jaalalaa naa moote
Walaloo koo argeen
Hubbadhee ilaalee
Shinbiraa hin taanee
Silaa ani baraaree
Hanga si arguuf
Sirrittin jarjaaree
Jaalalli sif qabu
Garaa naa maraaree ×2

Ati naa jaalattu
Yaadumaa dubaatta
Gorsa ani jedhu
Mee narra fudhaatta
Jaalalaa sif qabu
Asumaan hubaatta
Sabboontuu biyya too
Nagaa naa gafaatta
Ani taaddasaadha
Maqaa koo hubaatta ×2

Homaa hin yaada'u
Walaloo bareessa
Ati barbaanaan
Ani si dhiyeessa
Sabboontuu bareeddu
Itoophiyaa keessa ×2

Ilaalii micaayyoo
Ani si dubbisee
Yaanni naa dhiphiisee
Jaalalli sif qabu
Baay'ee naa rakkisee ×2

Jaalalaa sif qabu
Takka waa shakkinaa
Guyyaa waaqni jedhe
Nuti wal argiinaa
Yaadan naa qabaadhu
Guyyaa biyyaa galtee
Ani si dagaadhuu ×2

Yaanni koo si bira
Itoophiyaa jira
Osoon durbaa ta'e
Anis alaa jira×2

Fb laalii
Walaloo koo hubaatta
Yeroo naa yaadattu
Ati maal dubaatta
Soba moo dhugaadha
Ati naa jaalatta
Ani sin sobu
Baay'ee naa maraartaa ×2

Waaqni natti beeka
Sammuudhaa bareessa
Walaloo akkanaa
Maaltu si dhiyeessa ×2

@baacoowwan
Mallattoo Dubartiin Walqunnamtii Saalaa Kajeelte
<<<<<<>>>>
↘️ Dubartoonni baay'en yeroo walqunnamtii saalaa kajeelan afaanin dubbachuurra mallattoon agarsiisun itti salphata. Dubartiin tokko gaafa sex si waliin raawwachuu feete sosochii qaamaa ishiin sitti agarsiiftun baruu dandeessa. Sochiin qaamaa dubbii afaanii caala ergaa guddaa dabarsuu danda'a.

🔷 Si Ilaaluu

➡️ Ija osoo hin libsanne sirra dhaabuu. Gaafa sana agartuu dhiibuudhan ija sitti baafti. Hanga ati ishii hin agarretti ijji ishii sirraa ol hin jedhu.

🔷 Oduu Sitti Odeessuu

➡️ Haasawaa dur siif hin qabne har'a si jala seentee sitti hasaasti. Ati mee aduu kooti addeessi koo suma🌙 ati urjiwwan koo hundaati siin jetti.

🔷 Siif Kolfuu

➡️ Qoosuma nama hin kofalchiifne tokko yoo itti himte mataan duubatti jettee afaan hanga dhumaatti banuudhan ilkaan hunda gadi yaastee kaakkisti.

🔷 Sitti Maxxanuu

➡️ Tuqiitii si faana uumti. Yogguu haasoftu, deemtu yookin si cinaa teessu sitti foqoqxee sitti riiqatti. Humnaa ol si tuqxee sitti maxxanti.

🔷 Quba Olii Gad Oofuu

➡️ Fiixee meeshawwanii irra quba naannessiti. Meeshawwan kan akka birciqqoo suuta harka irra oofaa ija keessa yoo kan si ilaaltu taatee humnaa ol akka si kajeelte agarsiisa. Obsa dhabdee qeensaanfaa rurrukunnaan sardamuu ishii agarsiisa.

🔷 Hidhii Nyaachuu

➡️ Gaafas akkuma ati ilaaltuf ammuma amma arraba gadi baasun hidhii arraabdi. Hidhii ishii faa kan ciniintu taanan humnaa ol si kajeeluu ishii agarsiisa. Ija keessa si ilaalaa hidhii sitti nyaatti.


@baacoowwan
Ani kan Yesuus!
I BELONG TO JESUS

Jifataaan kilaba liiverpuul Koodii Gaagpoo tapha kaleessa galgala kilabnisaa geeba piriimer liigii Ingilaand injifachuu isaa mirkaneeffate irratti goolii galchuun T_shirt isaarratti barreeffama "Ani kan Yesuusi" jedhu agarsiisuun addunyaatti wangeela dubbateera.

Kanaan duraa taphataan lammii Biraazil Kaakaan haaluma wal fakkaatuun wangeela labsaa turuun isaa ni yaadatama.

Baga gammadan
👇
deeggartoota Liiverpuuliif

@baacoowwan
Shuwaa shuwaa Finfinnee

1.konkolaataa keessa taa'aniitu foddaarraan akka nama osoo hin arginii Tufeetti Jimaa lowziin masakame sitti tufanii huccuu sirratti balleessu. Namni lama ykn sadii "Dhiifama" siin jechaa bishaanii fi Softii qabatanii konkolaataa keessaa bu'aniitu uffata sana sirraa qulqulleessuuf gamaa gamanaan si tuttuquu eegalu. Daqiiqaa muraasa booda kan ati miiccamtee agartu uffata kee isa xuraa'e osoo hin taane kiisii keeti😁 kanaaf yoo wanti akkanaa si mudate namoota sirraa miiccina jedhanu sana ofitti hin butin. Mana galeen miiccadha galatoomaa jedhii bira darbi😂 maaliif natti tufte jettee atakaaroo biraa keessa seennaan dhimma keeti.

2. Gowwaa ykn nama Finfinneef haaraa ta'e fakkaatee akka waan bakka wallaaleetti bilbila dubbachiisaa sitti dhufa. Si bira ga'ee maqaa bakka ykn gamoo hin jirree waamaatu waca. Xiqqoo haasofsiisee bilbila fuudhee sitti kennee itti dubbadhumee siin jedha. Atis harkaa fuutee itti dubbatta. Daqiiqaa muraasa booda bilbila isa inni sitti kenne dhiisii kan keeyyuu si harka hin jiru. Kanaaf yoo namni bakkatu na harkaa bade hoodhu itti dubbadhu jedhe abadan harkaa hin fuudhin. Hubachiisa; namni akkana si godhu kun haadholii dadhaboo, dubartii ulfaa, maanguddoo ta'uus danda'u.

3. Nama guddaa ykn maanguddoo gaabii uffatan kishaafa ijaa godhatanii fi Kazaraa qabatantu "Ilmoo koo ijatu nan arguu karaa na ceesisi" siin jedha. Atis gaarummaaf jetteet harka qabdee daandii ceesisuuf deemsa eegalta. Osoo ceesisaa jirtuu namoonni 2 ykn 3 dhufanii "Ati nama gaariidha... yeroo kanatti namni hojii gaarii akkasii hojjatu hin jiru... " jedhanii si jaju; si galateeffatu. "Normal newu" jettee daandii ceesistee yerii ati deemuuf kaatu namni ati ceesiste sun iyya jalqabu. "Qarshii koo uuuu... Qarshii 5000 ykn 10,000 n koo... Ilmookoo ani dadhabaadha qarshii na jalaa fudhattee maal siif godha naaf deebisi" jedhanii iyyu. Atis akka hin fuune wawwaatta. Warri sila hojii gaarii hojjatte jedhanii si galateeffachaa turan dhufaniitu "Deebisiif qarshiin kun maal siif godha" siin jedhu. Akka hin fuune itti himta. Si sakattaan jedhu. Borsaa kee bani harka kee ol qabi jedhu. Tole jettee ajajamnaafiin 'Fittashaa' isuma sirrii si 'fattashanii' deemu jechuudha. Kanaaf yoo wanti akkanaa si quunname of hin sakattaasisin.

Shuwaa shuwaan kun Muuxannoo hojii yeroo dheeraa irraa kan argamedha 😂🙈

Share godhii obboleessakee fi obboleettii kee Finfinnee dhufaa jiranu boo'icharraa baraari!

Alex T

@baacoowwan
‼️ Sooreessa addunyaa kanaa kan ta'e Elon Musk, jaalalleen isaa duraanii Amber Heard kan jedhamtu jaalallee haaraa Twitter irratti erga argatteen booda Twitter irratti isa block gootee kunis akka addaan ba'an isaan taasisee. Wanti kunis Elon Mask baayyee aarse.

- Kanaaf irra deebi'ee wanta kana itti yaaduudhaan, Elon Mask Twitter guutumaan guututti bitee, jaalallee isaa duraanii fuulbarruu ykn Twitter irraa block godhee maqaa isaa "X" jedhee itti moggaasee, dhiibbaa isaa hubattee akka yeroo hunda isheen kana yaadaa jiraattu godhe.😁

- By the way "X" jechuun, jaalallee duraanii kan amma wal dhiisan jechuudha.


#kanan_dubbiserraa

@baacoowwan
#jechama


Gowwaa waliin dhalchuun sadii gubatuudha

🪡Isa namarraa eegda
🪡Nama isarraa eegda
🪡Ofii kee irraa of eegda


#hoccii_jette_Shibirreen


@baacoowwan
Harraagessi yoo dhukubbiin itti dhaga'ame gara hoomaa Mixii deema.
▬▬▬▬▬▬▬▬▬▬

▬ Harraagessi Crow jedhamu dhukkubbiin yoo itti dhagahame gara hoomaa mixiitti deemuun koola isaa baldhisa. Homaan muxii immoo diinni nutti dhufe jedhanii haleellaa irratti raawwatu.

▬ Kanas kan godhuuf sababa gahaa qaba. Mixiin yoo ciniintu qaama isaa keessa Formik Asiidiin ni seena. Asiidii kun immoo karaa uumamaatiin dhukkuba wal'aana. Formik Asiidii kanaan harraageysi kun dhukkubbota qaama isaa keessaa jiran Baakteeriyaafi Fangasii akkasumas Rammoolee ittiin dhabamsiisa.

▬ Yeroo tokko tokko dhiibbaan diinni kee sirraan gahu dawaa siif tahee baldhotti si baasa jechumaafi..

✍️ kanan dubbiserraa

@baacoowwan
#JALDEESSAA fi HANTUUTA

Dur-dur Jaldeessii fi Hantuutni ooyiruu tokkorra midhaan waliin facaafatan. Midhaan isaaniis gaafa qaqqabu waan hedduu wal amananiif iddoo tokkotti galfachuuf irratti walii galan.

Kuusaa midhaanichaaf kan ta'us gaanii guddaa tokko qopheessuun itti kuufachuun yeroo gannaa nyaachuuf murteessan.

Kana booda afaan gaanii sanaa cufuun olkaawwatan. Hantuutni garuu jala garagaluun gaanii sana karaa jalaa uruun osoodhuma dhoksaa dhoksaan nyaattuu hunda isaa fixxi.

Gaafa ganni qaqqabu amma roobni hammaateera midhaan kuufatne sana haa qooddannu jedhaan Jaldeessichi.

Hantuutnis rakkoo maalii qabaree haa qooddannuu jettiin. Kana booda qooddachuuf gaanii sana irraa qadaada banu.

Gaafa banan homtuu hin jiru. Midhaan keenya attam ta'e jechuun walitti iyyuun dhufe.

Wal shakkuun wal kaksiisuu eegalu, lachuu inuma kakatu. Kana booda Hantuutni bifa aariitiin qulqulluun qulqullummaa isaatiin haa oolu;dhugaan haa baatu; mana sana ofitti cufnee ibidda itti haa qabsiifnu jettiin.

Jaldeessi abshaalummaa ishee waan hin hubanneef tole jedheen. Kana booda mana ona wayii keessatti balbala ofitti cufanii ibidda itti qabsiisan.

Gaafa manichi boba'uu eegalu hantuutni dursitee waan manicha keessatti boolla tolfatteef boolla lixxe.

Jaldeessi gara itti goru waan hin qabneef calliseetuma taa'e. Gidduudhumaan roobni guddaan tokko roobuu eegale.

Ibiddichi manicha irraa ni dhaame;jaldeessi ni oole. Lolaan immoo boolla hantuutaatti galuudhaan hantuutittii ajjeese.

Akkasitti qulqulluun qulqullummaa isaatiin oolee dhugaanis baate jedhama. Qulqulluu yoo taate qulqulluummaan kee si oolcha, dhugaanis in mul'ata.


Kanan dubbiserraayi


@baacoowwan
@baacoowwan
#haqa


🎤Waaqayyo akka milkoofnu nurraa hin eegu, akka nuti milkaa’uu yaallu qofa nurraa eega.

✔️Namoota dhibba tokko nyaachisuu yoo dadhabde, nama tokko nyaachisi.
#Maazer_Tereezaa



Nafyad


@baacoowwan
#kana_dhageessanii?

Afrikaanota Keeniyaa, Senegaal, Naayijeeriyaa fi biyyoota biroo keessa jiran, hoggantoota ofii osoo hin taane, suuraa Pirezidaantii Burkinaafaaaoo Traore konkolaataa fi otobusii isaanii irratti yeroo maxxanfataniiru.
Afrikaanonni hogganaa gaarii hangam akka dhaban hubatta.
......
Kun suuraa Traore konkolaattota geejjibaa ummataa Keeniyaa irratti pilaastaraan hojjetameedha.

Hawwiin isaa dhugoomee biyya akka ol kaasu hawwii keenyadha.


@baacoowwan
#Ati_barreessi_Aaga

Dilbatuma kaleessaati. Hiriyyaakoo dhukkubnaan Miriindaa 1.5L qabadheen dhaqe. Nageenya gaafadheen anumaa gad taa'u "Agako Foon na hawwisiise naanoo" naan jedhe. Tole bor ganaman siif bita malee amma saa'atiin 3:00 ta'eera dhabuus dandeenya har'aaf waanuma jiru nyaadhun jedheen.

Naa bittan malee jedhee fala fide. Gurbichi osoo dhiira tahuu baatee waatu garaatti hafe nama jechisiisa.🤣🤣 Jechuun dubartoonni waa garaa qaban foon mitii biyyee diimaayyuu akka isaan hawwisiisu odeeffannoo tokko tokko nan qaba.
Fedhii fi hawwii mucaa kanaa guutuuf anis gara Hoteelaattin qajeeleka. Hoteelonni naannoo keenyaammoo dafanii cuccufamu. Olin deeme gadin deme homaan dhabe. Utuun aariidhaan of nyaachaa deemuu akkumasaatti Hoteela banaa tokkon argadhe.foon 1kg qarshii meeqa jennaan " birrii 1300" naan jedhe. Nan darbe tokkon gaafadhe birrii 1200 naan jedhe. Borsaakoo 700 qofatu jira.

Dhiisee galuuf murteesseen utuun deemaa jiru mana foonii wayiin arge. Ittan gore foon 1kg meeqa jennaan "birrii 500" naan jedhe. Naaf kennin jedhe. masas masas godhee naaf kenne. Maal kun horii hannaa gurguraayiin jedhe keessakootti. Fuudhee galeen gurbaatti kenneen nan ariifadha namumti jiru siif haa hojjetu ega saa'atiin waan deemeef an deemuun qaba jedheen qajeele.

Amma bilbileefiin akkam siif wayyeeraan jedheen.
"Eeyyee amma ani fayyeera. garuu ergan foonicha nyaadhee miirrii natti dhagaahamu sirrii miti" naan jedhe.
Maal akkam akkam si godhan jedheen.
"Awwaaraa yoon arge gangaladhu gangaladhu na godha. Nama ba'aa baatu yoon argee irraa fuudhii baadhu baadhu nagodha. Miilla kaasii waa dhiiti dhiitifaa na godha daaraatti garaa jabaachuun dadhabe" naan jedhe.
Anuu foon 1kg tokko dhibba 500 gaafa naan jedhan shakkeera. Waanuma godhu dhabeen biteefi male.
Gadheen foon hintinii nutti gurgurte fakkaata.

Aga Gemechu


@baacoowwan
#Jechoota_Hayyootaa!


"Farda lagaan ga’uu ni dandeessa; garuu obaasuu hin dandeeessu"

🗣Ingilizoota


"Saroonni lama; lafee tokko irratti, waliif galanii hinbeekani!"

🗣Faraansayota


🪡"Kan arrabni yaabee dhalchu, kormi yaabee hin dhalchu!"

🗣Oromoota"

🪡Miilli sochoonaan afaan agabuu hin bulu!

🗣Afrikaanota

🪡"Bareedinni fuudhaa fi heerumaaf wabii hin ta’u!"

🗣Ariyaanota

🪡 "Iddoo yeroo dulloomtu teessu, iddoo yeroo dargaggummaa kee turte agarsiisa"

🗣Gaa’elikaanota


@baacoowwan