Alpha freshman
12 subscribers
22 photos
1 video
1 file
24 links
Download Telegram
Alpha freshman
Photo
#Carraa_Hojii
#Daandii_Qilleensa_Itoophiyaa

Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa keessummeessitoota balalii leenji'oo ta'an (trainee Cabin Crew) gahumsa qaban dorgomsiisee qacaruu barbaada.


➲ Ramaddii Hojii: ET SPONSORED trainee cabin crew
➲ Sadarkaa Barnootaa Barbaachisu: Ragaa Qormaata Seensa Yuunivarsiitii. qabxii yoo xiqqaate 200 qabaachuu qabdu.
➲ Umurii: 21-30
➲ Hojjaa: dubartiif 1.58m fi isaa ol (dheerinni harkaa 212cm) dhiiraaf 1.70m fi isaa ol
➲ Ulfaatina: Hojjaa waliin kan walmadaalu.
➲ Afaan: Dandeettii Afaan Ingilizii Sadarkaa III (Afaanota biroo beekuunis gaariidha.)
 
Guyyoota Galmee:
Hagayya 04-08/2018

Bakkeewwan Galmee:

➞ Finfinnee: Online dhaan (Guyyaa galmee irratti linkiin galmee active ni ta'a)

➞ Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaa, Adaamaa
➞ Yuunivarsiitii Amboo, Amboo
➞ Yuunivarsiitii Asoosaa, Asoosaa
➞ Yuunivarsiitii Wolloo, Deessee
➞ Yuunivarsiitii Dirree Dhawaa, Dirree Dhawaa
➞ Yuunivarsiitii Gaambeellaa, Gaambeellaa
➞ Yuunivarsiitii Haramayaa, Mooraa Harar, Harar
➞ Buufata Xiyyaaraa Hawaasaa, Hawaasa
➞ Yuunivarsiitii Jigjigaa, Jigjigaa
➞ Yuunivarsiitii Jimmaa, Jimmaa
➞ Yuunivarsiitii Madda Walaabuu, Roobee
➞ Yuunivarsiitii Wallaggaa, Naqamtee
➞ Yuunivarsiitii Samaraa, Samaraa
➞ Yuunivarsiitii Wolqixxee, Wolqixxee
➞ Yuunivarsiitii Booranaa, Yaabelloo
➞ Kolleejjii Saayinsii Fayyaa Nageellee Booranaa, Nageelle

⚠️ Yeroo galmooftan sanadoota dhimmi ilaallatuu fi ragaa barnootaa (Kaardii xumura Kutaa 8ffaa, Ragaa Dhalootaa, Ragaa kutaa 12ffaa, waraqaa eenyummaa gandaa) orjinaala fi koppii qabattanii deemuun dirqama.

Ulaagaalee armaan olitti ibsaman guutuu keessan mirkaneessaa. Odeeffannoo sobaatiin galmaa’uuf yoo yaaltan adeemsa qacarrii irraa battalumatti kan dhoorkamtan ta'a.

➡️ Join & share👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇
https://t.me/alphafreshaman
https://t.me/alphafreshaman

Baradhaa, hubadhaa, milkaa'aa!
Barattoota MBBA fi MBA Kutaa 9ffaa Seenuu Barbaadan Hundaaf

Akaakuu Barnootaafi Qabxii Madaallii Qormaata Seensa Kutaa 9ffaa MBBA fi MBA ilaallata.

1. Akaakuu Barnootaa Qormaata Seensaa Kutaa 9ffaa Manneen Barnootaa Bultii Addaa 2ffaaf Kennaman:

1 - Afaan Oromoo

2 - Ingiliffa

3 - Herregaa fi

4 - Saayinsii Walii Galaa keessaa kan qophaa'an waan ta'eef itti qophaa'aa kan jedhu ergaa keenya yoo ta'u, duraan dursitanii 'online'n: Galmaa'uufi Buufata Qormaataa filachuu hin dagatinaa!

Liinkin Galmeetis:- https://exam.oeb.gov.et/

2. Qabxii Madaallii

1- Qabxiin Qormaata Seensaa barreeffamaan kennamu - 80%

2- Qabxiin Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa Bara 2018 - 15%

3- Qabxiin Tiraansikriiptii kutaa 7-8 - 5% keessaa kan qabamu yoo ta'u, 100% keessaa barattootni walduraa duubaan caalmaan galmeessisan gara Manneen B arnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa, Mana Barnoota Bultii Addaa Waldaa Misoomaa Oromiyaa Sad. 2ffaafi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaatti kan ramadaman ta'uun beekameera.

Kanaafuu, Ammaa achi qormaata seensaa 'online'n kennamu irratti xiyyeeffannoon qophaa'uun murteessaa ta'uu hubachuun barbaachisaadha. #BBO

➡️ Join & share👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇
https://t.me/alphafreshaman
https://t.me/alphafreshaman

Baradhaa, hubadhaa, milkaa'aa!
#Summer_Camp | #AASTU

Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneetti 'Summer camp' dhaan barnoonni Dandeettii Saayibarii (Cyber Talent) marsaa 5ffaan eegalameera.


Sagantaan 'summer camp' Dandeettii Saayibarii kanaan dura yuunivarsiitiiwwan lama qofa keessatti kan kennamu yoo ta’u, bara kana gara wiirtuuwwan torbaatti babal’ateera.

Leenjiin kun Yuunivarsiitota akka; Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee, Baahir Daar, Haramaayaa, Jimmaa, Dabra Birhaan fi Wolaayittaa Sooddoo, akkasumas Giddugala Dandeettii Bulchiinsa Nageenya Neetworkii Odeeffannoo (INSA) keessatti kennamaa jira.

Sagantaa bara kanaatiif dargaggoonni kuma 14 ol galmaa’aniiru.

➡️ Join & share👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇
https://t.me/alphafreshaman
https://t.me/alphafreshaman

Baradhaa, hubadhaa, milkaa'aa!
👷‍♂️ | Dameewwan Engineering'ii 5, kan carraawwan hojiitiin beekamoo ta'an:

1. Biomedical Engineering 🔬

2. Electrical and Computer Engineering 👷‍♂️

3. Civil Engineering 👨‍🔬

4. Chemical Engineering 👨‍⚕️

5. Mechanical Engineering
👨‍🔧

✅ | Barattoonni damee 'engineering' seenuu barbaaddan ykn ammoo 'Pre engineering' keessa jirtan waa'ee odeeffannoo kutaa engineering'ii kamii barbaaddu?

💬 Comment' dhaan nu beeksisaa!
Kan isiniif ibsamu ta'a🙌!

➡️ Join & share👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇
https://t.me/alphafreshaman
https://t.me/alphafreshaman

Baradhaa, hubadhaa, milkaa'aa!
Civil Engineer
Alpha freshman
Civil Engineer
👷‍♂️ | CIVIL ENGINEERING

✅ | Civil Engineering'iin damee injiineriingii kan ijaarsa bu'uuraalee akka daandii, buufata, mana jireenyaa fi hojiiwwan biroo irratti xiyyeeffatuudha.

'Civil Engineering' keessatti Ijaarsa tokkoon duratti; Qorannoon lafaa, qilleensaa fi haala naannichaa ni taasifama.

📚 | Barnoota

Yuunivarsiitiiwwan hedduu keessatti Barnoonni 'Civil Engineering' sadarkaa digrii jalqabaa hanga (master's) tti ni kennama. Barattoonni turtii isaanii keessatti ogummaa, muuxannoo qorannoo fi muuxannoo hojii ni argatu.

📖 | 'Civil Engineering' baratanii xumuruuf waggaa shan (5) kan fudhatu yoo ta'u; Herregaa fi Fiiziksii irratti ciccimoo yoo taatan, koorsonni 'Civil Engineering' keessatti kennaman hedduu isin hin rakkisan.

👨‍🎓 | Namni 'Civil engineering'dhaan eebbifame tokko, 'Civil Engineer' jedhama.

👷‍♂️ | Carraa Hojii

➲ 'Civil Engineer'oonni; dhaabbilee mootummaa, Miti-mootummaa akkasumas dhaabbilee dhuunfaa fi namoota dhuunfaa irraa carraa hojii argachuu danda'u.

🏗 | Eebbifamtanii yeroo dhiyootti qacaramuu yoo feetan, barnoota tiyoorii fi qabatamaa wal bira qabuun qabxii bareeda jedhamu hojjachuuf yaalaa.

Itti fufa....

➡️ ➡️ Join & share👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇
https://t.me/alphafreshaman
https://t.me/alphafreshaman

Baradhaa, hubadhaa, milkaa'aa!
💵 | Mindaa

➲ | Mindaan 'civil engineer'ootaa gosa hojii, muuxannoo fi iddoo hojii irratti kan hundaa'u yoo ta'u, yeroo yerootti kan jijjiiramuudha.

👷‍♂️ | Engineer'oonni hedduun dhaabbilee gara garaa fi namoota dhuunfaatiif, mindaa isaanii ji'atti fudhachuudhaan hojjetu.

Biyya kanatti, mindaan 'civil engineer'ootaa baatiidhaan (ji'aan) kan armaan gadiiti:

🔹 Engineer'oonni haaraa eebbifaman: Qarshii 15,000 - 20,000 ni argatu.

🔹 Engineer'oonni muuxannoo giddugaleessa qaban: Qarshii 24,000 - 50,000 ni argatu.

🔹 Engineer'oonni muuxannoo olaanaa qaban: Qarshii 50,000 fi isaa ol ni argatu.

🏗 | Kun kan ta'e haala dinagdee, guddina ijaarsichaa, seera hojii fi gosa hojii irratti hundaa'eeti.

👷‍♂️ | Engineer'oonni tokko tokko ammoo koontiraata guutuu fudhachuudhaan, pirojektii sana erga xumuraniin booda maallaqa ittiin walii galan fudhatu.

🏢 | Haala kanaan Dhuunfaadhaan hojjechuudhaaf muuxannoo hojii olaanaa isin gaafachuu danda'a.

➡️ Join & share👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇
https://t.me/alphafreshman
#BEEKSISA | #BBO

Guutuu Oromiyaatti Galmeen Ni Jalqabama.


Biiroon Barnootaa Oromiyaa Galmee Barattoota Bara 2019 Kamisa Hagayya 14/2018 Bul/ Magaalaa Shaggaritti Ni Eegalchiisa.

Kanaafuu, Barattootni Idileefi Haaraan Gara MB Deemuun Akka Galmooftan Beeksisaa Manneen Barnootaa kanaan dura jalqabdanis hanga Qaammee 5/2018 akka itti fuftan hubachiifna.

Hubachiisa: Barataan Galmaa'u Hunduu Waraqaa Eenyummaa Faayidaa(Fayida ID) Qabaachuun Irraa Eegama!

➡️ Join & share👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇
https://t.me/alphafreshaman
https://t.me/alphafreshaman

Baradhaa, hubadhaa, milkaa'aa!
This media is not supported in your browser
VIEW IN TELEGRAM
Remedial students waiting for their result 😥

Obsumaan eegaa yeroo dhiyootti gad dhiifamaa🙌!

➡️ Join & share👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇
https://t.me/alphafreshaman
https://t.me/alphafreshaman

Baradhaa, hubadhaa, milkaa'aa!
#Jimma_University

Yuunivarsiitiin jimmaa barnoota sagantaalee eebba boodaa (Maastarsii fi Phd) 15 kennuu eegaluuf jira.


◆ Sagantaaleen maastarsii fi Phd haaraa eegalamuuf jiran:-

➞ PhD in Health Informatics
➞ PhD in Cyber Security
➞ PhD in Information Systems and Digital Innovation
➞ PhD in Data Science
➞ PhD in Frugal Biomedical Innovation
➞ PhD in Urban Sanitary Engineering
➞ PhD in Artificial Intelligence
➞ PhD in Mechanical Engineering –Automation and Robotics
➞ PhD in Aerospace Engineering
➞ PhD in Sports Management
➞ PhD in Exercise Science, Health, and Fitness
➞ Doctor of Business Management
➞ Subspecialty in Hepatobiliary and Pancreatic Surgery
➞ MA in International Relations and Diplomacy
➞ MSc in Physiotherapy

➡️ Join & share👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇
https://t.me/alphafreshaman
https://t.me/alphafreshaman

Baradhaa, hubadhaa, milkaa'aa!
#BBO
#Beeksisa_Guyyaa_Qormaataa

BBO - Hagayya 15/2018 Barattootni Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa (MBIBBA), Manneen Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misoomaa Oromiyaa (MBBA WMO) fi Manneen Barnootaa Addaa (MBA) Sadarkaa 2ffaa Qormaata Seensa Kutaa 9ffaa fudhachuuf galmooftan (Giddu Gala Qormaataa Filattan) Hundi Guyyaan Qormaataa Gara Hagayya 26/2018tti waan dheerateef, Hagayya 26 2018 Gara Giddu Gala Qormaataa (Exam Center) Filattaniitti Ganama Sa'aatii 1:00 irratti waraqaa eenyummaa keessan qabachuun akka argamtan isin beeksifna.

➡️ Join & share👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇
https://t.me/alphafreshaman
https://t.me/alphafreshaman

Baradhaa, hubadhaa, milkaa'aa!
#Jimma_University
#Summer_Camp

Leenjiin Saayibarii gannaa Bulchiinsa Nageenya Neetworkii Odeeffannoo marsaa 5ffaan Yunivarsiitii Jimmaatti eegalameera.

Yunivarsiitii Jimmaatti Leenjiin Gannaa Dandeetti Saayibarii marsaa 5ffaa dargaggoota 38f kennamaa kan jiru yoo ta’u, akka biyyaatti dargaggoonni 1,290 hirmaachaa akka jiran gabaafameera.

➡️ Join & share👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇
https://t.me/alphafreshaman
https://t.me/alphafreshaman

Baradhaa, hubadhaa, milkaa'aa!
#MoE : Ministeerri Barnootaa qabxii qormaata biyyoolessaa kutaa 12ffaa bara 2018 daqiiqaa muraasaan bood gadhiisuufi.

Tikvah Ethiopia tamsaasa kana kallattiin ni dabarsa.
#Update
#Kutaa_12ffaa

Bu'aan Qormaata Biyyaalessaa Kutaa 12ffaa bara 2018 har'a ni ifooma

Akkuma kana duraa isiniif maxxansine bu'aan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara kanaa har'a waaree booda akka ifoomu Sheger FM Radio odeeffannoo Ministeera Barnootaa irraa argateen ibseera.

Odeeffannoo haaraa saffisaan argachuuf channel keenya Telegram join taasisaa!

Barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhattan hundaaf Carraa Gaarii hawwina

Join 👇 👇 👇 👇 👇 👇 👇
https://t.me/alphafreshaman
https://t.me/alphafreshaman
https://t.me/alphafreshaman
Waa'ee bu'aa rimidaayiiliis kaasuun waan hin oolleef waan haaraa ni dhageenya jennee yaanna 😊 waa maraafuu waaqayyo waan gaarii isin haa dhageessisu.
❤1
🎓🔥 ALPHA FRESHMAN 🔥🎓
Yuunivarsiitii Keessatti Milkaa’uuf Tarkaanfii Jalqabaa Asirraa Kaasi isiniin jedha.
📢 Barattootaa Waggaa 1ffaa gara  Yuunivarsiitiitti bara 2019, hundaaf!...gaafiwwan kanneenif deebin kunooti
📚 Mojuulota dubbistee garuu hin hubannee?
📝 Qormaataaf maal irraa jalqabuu akka qabdu wallaalaa?
😵‍💫 Notes fi materials hedduu keessa burjaaja’aa jirtaa?
🌟 BAGA GARA ALPHA FRESHMAN DHUFTAN!
Alpha Freshman jechuun bakka barattoonni waggaa 1ffaa barnoota isaanii salphaatti hubachuu, qormaataaf qophaa’uu fi bu’aa gaarii galmeessuu danda’anidha. 🎯
💎 Tajaajiloota Alpha Freshman irraa kennaman maali?
🎥 Video TutorialBarnoota keessan karaa viidiyoon haala salphaa fi ifa ta’een, boqonnaa boqonnaan isin barsiifna.
📝 Short Notes
Yaadannoo gabaabaa, qabxiilee ijoo qofa hammate, irra-deebii keessaniif mijataa ta’e isiniif qabannee jirra .
🌍 Afaan Oromootin
Mojuulota fi barnoota garaagaraa Afaan Oromootti hiiknee, akkasumas jechoota salphaa fi hubatamaa ta’een ibsina.
📚 Modules & PowerPoint
Mojuulota, PowerPoint, references fi materials barnootaa barbaachisoo ta’an bakka tokkotti argattu.
📝 Gaaffilee Qormaataa
Gaaffilee qormaataa fi shaakalaa Alpha Freshman tiin qophaa’an fayyadamuun of qoruuf carraa argattu.
✅ Deebii + Ibsa
Deebii qofa miti! Deebiin sun maaliif sirrii akka ta’e ibsa ifaa waliin dhiyaata.
🎯 Supportive Materials
Barnoota keessan cimsuuf fi qormaataaf qophaa’uu keessan fooyyeessuuf materials dabalataa garaagaraa ni argattu.

🚀 MAALIIF ALPHA FRESHMAN FILATTU?
✅ Barnoota salphaa fi hubatamaa taasisna.
✅ Materials garaagaraa bakka tokkotti argattu.
✅ Afaan Oromootti ibsa guutuu koorsiwwan hunda argattu.
✅ Qormaataaf qophii gaarii akka taasiftaniif isin faana dhaabbanna.
✅ Gaaffii fi deebii ibsa waliin nii argattu.
✅ Video Tutorial haala salphaa ta'een bulleesinee isin barsiifna. Akkasumas yeroon keessan akka hin qisaasofne isin taasifna.
✅ Notes, Modules fi PowerPoint ajaa'iboo fi hubatamoo nii argattu.
✅ Deeggarsa barnootaa dabalataa sagantaalee barnootaa dabalatee argattu.
🔥 BARNOOTA KEESSAN HAR'A ALPHA FRESH MAN WALIINN CIMSAA!
Yuunivarsiitii keessatti milkaa’inni carraa qofa miti dhamaati keessanillee gaafata. kanaaf, alpha freshman dhamaatin keessan akka firii horatu isin bira dhaabbata. 🎓🏆
👉 ALPHA FRESHMAN JOIN GODHAA!
📢 http://t.me/alphafreshman
🎓 ALPHA FRESHMAN
Baradhu • Hubadhu • Qophaa’i • Milkaa’i! 🚀📚🔥
Join for more information

@alphafreshman