Alpha freshman
12 subscribers
22 photos
1 video
1 file
24 links
Download Telegram
Channel created
 βš–️ law department

πŸ”¨ Barumsi Kun shimdadaa kan gaafatu yoo ta'u, garuu guutummaatti jechuun hin danda'amu. Sababni isaas qormaanni waggaa tokkoffaa semestera tokkoffaatiin ala open book waan ta'eef.
πŸ˜„ Open book jechuun kitaaba barsiisaan siif hayyame kamuu fiduun Qormaata qoramuu dandeessa jechuudha. 
πŸ”¨ Kana malees meeshaalee barnootaa fi kitaabonni ati barattu mana kitaabaa irraa siif kennama.
πŸ§‘ πŸŽ“ waa'ee Qormaataatti yoo deebinu akkuma armaan olitti jenne waggaa tokkoffaa semestera lammaffaa irraa kaasee waan isin qoramtan case ta'a. Kana jechuun dhimma mana murtii waliin walqabatu waan Akka falmii tokko siif kennama murtoo ofuma keetii Akka  murteessitu si gaafatama jechuudha.
πŸ˜€Wanti isin asitti beekuu qabdan afaan Ingiliffaa irratti baayyeema gaarii ta'uun isin irraa eegama. Sababni isaas murtee sana civil code irraa caqasuun waan ibsituuf. Kanaaf ijoolleen law seenuu barbaaddan Afaan ingiliffaa sirriitti baradhaan dhaamsa keenya🫑  .

βš–οΈLaw department seenuuf jalqaba koorsii freshman semester 1ffaa erga fudhattee booda law and other social science jedhamee semisteera 2ffaatti addaan qoodama. Asirratti garuu barattoonni law department seenuu barbaadan bu'aa COC ykn GPA keessan irratti hundaa'a. Kunis yunivarsiitiiwwan tokko tokko GPA fi entrance exam irratti kan hundaa’an yoo ta’u, kaan ammoo entrance exam fi COC irratti kan hundaa’aniidha. Fakkeenyaaf Yuunivarsiitiin Hawaasaa COC hin qabu, entrance exam 30% fi GPA 70% dha. akkasumas barattoota 50 hin caalle qofa barsiisa.
πŸ§‘ βš–οΈDhuma irratti erga eebbifamtee booda ji'a 6f miindaa kee keessaa walakkaan sii kaffalama leenjii fudhatta. Dhumarratti abbaa murtii taataπŸ˜€. 
Yeroo muraasa booda qormaata abbaa seeraa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa baase fudhattee ogeessa seeraa ta'uu dandeessa jechuudha.

Join πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡
https://t.me/alphafreshaman
https://t.me/alphafreshaman
#Haramaya_University
#Accounting_and_Finance
#Management

Yuunivarsiitiin Haramayaa sagantaalee digrii doktorummaa haaraa damee Akkaawuntiingii fi Faayinaansii akkasumas Manaajimantii eegaluuf jira.


Yuunivarsiitichi sagantaalee digrii doktorummaa eegaluuf gamaaggama kaarikulamii biyyoolessaa gaggeessee jira.

Sagantaawwan kunneen fedhii gabaa humna namaa ogummaa damee kanaa qorachuun qabiyyee idil-addunyaatiin kan qophaa’an ta’uu himama.

Adeemsi raggaasisuu fi raawwii itti aanu galtee ijaarsaa gamaaggamtootaa fi qooda fudhattoota irraa argamu hammachuudhaan akka raawwatamu ibsameera.

➑️ Join & shareπŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡
https://t.me/alphafreshaman
https://t.me/alphafreshaman

Baradhaa, hubadhaa, milkaa'aa!
➫ Barattoonni qormaata naannoo kutaa 6ffaa hamma ammaatti hin ilaalin jirtan, karaa liinkii πŸ‘‡

https://oromia6.ministry.et ilaaluu dandeessu.
➑️ Join & shareπŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡
https://t.me/alphafreshaman
https://t.me/alphafreshaman

Baradhaa, hubadhaa, milkaa'aa!
#Borana_University
#Veterinary_Medicine

Yuunivarsiitiin Booranaa guyyaan barattoonni fayyaa beeyladaa kan waggaa 5ffaa gara mooraatti deebi'an Adoolessa 30 fi Hagayya 01/ 2018 ta'uu beeksise.

➑️ Join & shareπŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡
https://t.me/alphafreshaman
https://t.me/alphafreshaman

Baradhaa, hubadhaa, milkaa'aa!
#Announcement
#Jinka_University
#Veterinary_Medicine

Galmeen barattoota Fayyaa Beeyladaa ( Veterinary Medicine) kan waggaa 1ffaa, 2ffaa, 3ffaa fi 5ffaa Yunivarsiitii Jinkaatti barachaa turanii fi bara barnootaa 2018 koorsii isaanii hin xumurree, Hagayya 04 fi 05/2018 ni gaggeeffama.

Guyyoota jedhaman kanneenitti qaamaan argamuun akka galmooftan yuunivarsiitichi beeksiseera. barnoonni Hagayya 06/2018 ni eegala.

➑️ Join & shareπŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡
https://t.me/alphafreshaman
https://t.me/alphafreshaman

Baradhaa, hubadhaa, milkaa'aa!
Beeksisa Ulaagaa Simannaa MBBA.PDF
1.3 MB
#Beeksisa | #BBO

Ulaagaalee Simannaa Manneen Barnootaa Bultii Addaa

➑️ Join & shareπŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡
https://t.me/alphafreshaman
https://t.me/alphafreshaman

Baradhaa, hubadhaa, milkaa'aa!
➑️ Join & shareπŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡
https://t.me/alphafreshaman
https://t.me/alphafreshaman

Baradhaa, hubadhaa, milkaa'aa!
#Jimma_University

Dr. Darajjee Ingidaa (PhD) Pirezidaantii Yuunivarsiitii Jimmaa ta'uun muudaman.


Pirezidaantiin haaraa muudaman Dr. Darajjee Ingidaa (PhD) waggoota torban darbaniif Pirezidaantii yuunivarsiitii jimmaa ta’uun tajaajilaa kan turan Dr. Jamaal Abaafiixaa (PhD) irraa walharkaa fuudhiinsaa aangoo taasisaniiru.

Doktar Darajjee Ingidaa (PhD) waggoota torban darbaniif Pirezidaantii Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinnee ta’uun tajaajilaa turuun isaanii ni beekama.

➑️ Join & shareπŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡
https://t.me/alphafreshaman
https://t.me/alphafreshaman

Baradhaa, hubadhaa, milkaa'aa!
Alpha freshman
Beeksisa Ulaagaa Simannaa MBBA.PDF
#BBO | #SIRREEFFAMA

Galmee Barattoota Manneen Barnootaa Bultii Addaa fi Addaa Sad. 2ffaa Dorgommiin Galuu Barbaadan Hundaaf


Biiroon Barnootaa Oromiyaa Barattoota Bara Barnootaa 2018 Qormaata Naannoo Kutaa 8ffaa fudhachuun qabxii olaanaa galmeessisuun gara kutaa 9ffaatti darbanii fi Manneen Barnootaa Ifa Boruu Bultii Addaa Sad. 2ffaa, Manneen Barnootaa Bultii Addaa WMO fi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa dorgommiin Seenanii barachuuf fedhii qaban hundaaf Adoolessa 29/2018 beeksisa baasuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan:

Ergaawwan sirrachuu qaban lama yoo ta'an;

1) Iddoo_Galmee:- Iddoon Galmee ibsaman sunniin hin barbaachisan.

Kanaafuu, Galmeen Oonlaayiniin (Online)n Waan Gaggeeffamuuf barataan kamiyyuu bakkuma barbaade jiraatee (taa'ee) Liinkii asii gadii kana fayyadamuun Lakkoofsa galmee (Registration Number) kan kutaa 8ffaa ittiin qoramtan galchuun, itti aansuun maqaa Akaakayyuu (Grandfather's Name) Galchuu, itti aansee filannoon isiniif dhufu immoo, bakka itti qoramuu barbaaddan/Giddu Gala Qormaataa/ (Exam Center) yoo ta'u, bakka qoramuuf isinitti dhihaatu filachuun iyyachuu (Apply) gochuu ni dandeessu.

Guyyaan Galmee har'a (01/12/2018) Sa'aatii ammaa kanarraa kaasee hanga Hagayya 08/2018 qofa bakka jirtanitti Giddu Gala Itti Qoramtan (Online)n filachuun galmaa'uu ni dandeessu

Liinkichis:
https://exam.oeb.gov.et/

2) Guyyaa Qormaataa: Gara Fuulduraatti Murteessinee isin beeksifna.

➑️ Join & shareπŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡ πŸ‘‡
https://t.me/alphafreshaman
https://t.me/alphafreshaman

Baradhaa, hubadhaa, milkaa'aa!