Alatinostube/አላትኖስቱብ/
6.64K subscribers
100 photos
3 videos
9 files
631 links
"Kanaafu akka fedha waaqayyotti qoruumsa kan fudhattan waan gaari hojjecha lubbu keessan waaqa amaanamti Galfata kenna dha" 1 phex. 4:19.
ስለዚህ ደግሞ እንደ እግዚአብሔር ፈቃድ መከራን የሚቀበሉ፥ መልካምን እያደረጉ ነፍሳቸውን ለታመነ ፈጣሪ አደራ ይስጡ. 1ጴጥሮ 4 : 19
Download Telegram
ሥጋውያን የምንሆን እኛ ግን የሥጋን ነገር እናስባለን የሥጋንም ሥራ እንሰራለን በሥጋ መንገድም እንሄዳለን አንተ ግን የመንፈስንም ህግ አስረዳን የመንፈስንም መንገድ ምራን።

NUTI FOON KAN UFANNE WA'E FOONI QOFAA YAADNA,HOJI FOONIS QOFA HOJJENNA, KARAA FOONI QOFA IRRAS NI ADEEMNA. ATI GARU HOJI AFUURA NUUF IBSI, KARAA JIREENYA AFUURAAS NUTTI AGARSIISI. (Sirna qulqullesa keesa kan fudhatame)
"ነፍሳችሁን ተመልከቱ፡ ስውነታችሁን ንጹሕ አድርጉ፡ የባልንጀራችሁንም በደል አታስቡ፡ እግዚአብሔር ያያል፡ ልቡናችሁን ከፍ ከፍ አድርጉ፡ ወደ ሕይወት መድኃኒት እንቅረብ፡ ጸጋ ሆኖ የተስጠንንም ሥጋውንና ደሙን በእግዚአብሔር ጥበብ እንቀበል፡፡" @ቅዳሴ እግዚእ

Lubbu keessan ilaala. Qaama keessan qulqullu taasisa. Cubbu obbolessa keessani hin yaadina. Waaqayyo ni argaa.

Laphe keessan ol ol kaasa. Gara qoricha jireenyatis haa dhiyaannu.

Kenna ta'e Kan nuuf kenname fooni fi dhiiga isaa waaqayyoo sodaachun haa fudhannu.
(Sirna qulqullesa kan gofta irra Kan fudhatame).
Barnoota biroo barachuuf https://www.youtube.com/channel/UCixJsjfc0bNNt9N3cpsm40Q?sub_confirmation=1 seenun baracha, barsiisaan afeera keenya.
Forwarded from Nehemiah Promotion
Ijoollee Ortodoksii Tawaahidoo hundaaf! Channel Afaan Oromoo Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo kunneen join taasisaa!

Faaruuwwan Ortodoksii Tawaahidoo
Koorsiiwwan Ortodoksii Tawaahidoo
Barnoota Amantaa
Walaloowwan Afuurawaa
Seenessa Afuurawaa fi k.k.f ni argattu.

Join
Join
Join
Dubbi naariyaam seera uumama keessatti.

Kutaa tokkoffa keessatti:-

Yaa durboo maalin si fakkeesina?

1.Durboon maariyaam Guyyoota torbaniin ni fakkeefamti

2. Durboon maariyaam Guyya dilbataatiin ni fakkeefamti:

A. durboo maariyaam amala fooni arfan (uum. 1:1)
B. LAFA ISHI JALQABA BISHAANIN UFFIFAMTE
C. Taabota ifaa (taabot the door) (uum. 1:1)
D. Iyarusalem ishee samii

 Kutaa lammaffa:-

3. Durboo maariyaam Uumama guyya 2ffaan ni fakkeefamti (uum. 1:2)
A). Durboo maariyaam Samii 2ffaa dha
B). Durboo maariyaam Duumessa dafinootin fakkeefamti.

@Dn. Danile m.

https://youtu.be/_cE6gIH3Qy0?si=ZuwKLwlAjwy9qz89
#Maariyaam #qofa!

+++++++++21+++++++++
Yoo dubbiste sitti toleera ta'e share gochuun kabaja durboof qabdu ibsi, warra hin beekne beeksisi!

+++++++++21+++++++++

1.✍️ Waaqayyoon ilma koo kan jettu. Luq.2:48
2. ✍️Waaqayyoon kan deesse. Maat. 1:18, Mul. 12:5
3. ✍️Dubrummaan kan deesse. Maat. 1:22, Isa. 7:14
4.✍️ Ergamaan kan sagadeef. Luq. 1:28
5.✍️ Sagalee ishee dhagahuun ulfi kan utaale. Luq. 1:41

+++++++++21+++++++++

6. ✍️Waaqayyoo haadha koo kan jedhuun.
7.✍️ Ergamootni kan hin tuqne, kan hin ilaalle, kan fuuldura hin dhaabbanne kan tuqxe. Luq. 2:3
8.✍️ Ol ba'iinsa gooftaa booda kan olbaate. W.W. Caalu 8:5
9. ✍️Cubbuun Addaamiifi Heewaan kan ishee hin dhaqqabne. Faar. 44/5:11,45/6:4
10. ✍️Mirga gooftaa dhaabbattu. Faar. 44/5:9

+++++++++21+++++++++

11.✍️ Haadha nama hundaa kan taate. Faar.86/7:5
12. ✍️Dhaloonni hundi Qulqulleettii kan jedhuun. Luq. 1:48
13.✍️ Kennaan kan guutamte. Luq.28
14. ✍️Dubartootarraa adda taatee kan eebbifamte. Luq. 1:28
15. ✍️Eebbifamtuu kan jedhamte. Luq. 1:45

+++++++++21+++++++++

16. ✍️Rakkoo namaa daftee kan hubattu. Yoh. 2:3
17. ✍️Gadameessi fi harmi kee eebbifamaadha kan jedhameef. Luq. 11:27
18. ✍️Aduu kan gonfatte, addeessa miila ishee gaditti kan godhatte, goonfoo urjii 12 mataa isheerraa kan qabdu. Mul. 12:1
19. ✍️Jawwichi kan ishii hin qaqqabne. Mul. 12:13
20. ✍️Koochoowwan gugee lama kan kennameef. Mul. 12:14

+++++++++21+++++++++

21. ✍️Obboleettii ergamootaa, haadha wareegamtootaa kan taate.
22. ✍️Bara baraan dubroo kan taate. Hisq. 44:1-3
23. ✍️Magaalaa waaqayyoo kan jedhamte. Isa. 60:14, Faar. 131/2:13
24. ✍️Bultoo waaqayyoo fi hafuura qulqulluu kan taate. Faar. 131/2:14, Luq. 1:41
25. ✍️Yaadaan, foonii fi lubbuun dubroo kan taate.

+++++++++21+++++++++

26.✍️ Waaqaa gadi uumamtoota hundaa ol kan taate.
27✍️. Nyaataa /habistii/ fi dhugaatii/xoofoo/ samiitiin kan guddatte.
28.✍️ Mana qulqullummaatti kan guddatte. Faar. 44/5:10
29.✍️ Namni hundi haadha keenya Tsiyoon kan jedhuun. Faar.86/7:5
30.✍️ Sagalee isheen hafuura qulqulluu kan guutte. Luq. 1:41

+++++++++21+++++++++

31. ✍️Waaqayyoo keessa buluuf kan filate. Faar. 131/2:12-13
32.✍️ Guyyaa jimaataa haati gooftaan nuuf kenne. Yoh. 19:27
Kana hundaan kan guutame Maariyaam Qofa!
Hiriyoota keessaniif qoodun dirqama Kiristaanummaa keessan bahaa.

Kan hafe comment godhaa!

+++++++++21+++++++++

©Dn. DANIEL M.

Barnoota biroo fi hikka kitaaba qulqulqullu argaachuuf linki armaan gadi gala argadhaa!           

https://youtu.be/_cE6gIH3Qy0?si=ZuwKLwlAjwy9qz89


Face book page:
https://www.facebook.com/haadhakoomariyami
Telgram chaanal:-

https://t.me/alatinostube

Youtube chaanal:-

https://youtu.be/_cE6gIH3Qy0?si=ZuwKLwlAjwy9qz89
#Balabala hanga bara baraatti cufaame jiraatu!

Balballi kun maali???????

👇👇👇👇👇👇👇👇👇

share yoo goote lubbu bade deebisu dandeessa. Osoo hin dubbisin garu share hin godhiin!

💒 #Qulqulletti dubaroo maariyaamin, deessu waaqayyoo waan taateef durbumman ishee hanga bara baraatti kan eegame dha.
💒 #Isheen yaada fi foon isheetin durba dha. Dhimi kun qaama uumama kan nuti beeknu allatti dha.
💒 #Akkasumas "waaqayyoo inni danda'aan waan gudda naaf godhe, maqaan isaa qulqullu dha" (luq 1:49), jechun kan ibsitee kun hoji waaqumma ishee irratti rawwate agarsisa.

#Kan waaqayyoof bakka boqoonna fi teessoo ta'e hunduu tajaajila waaqayyottif kan foo'ame fi kan qulqulla'a ta'ee kabaja guddadhaan eegama.
#Kakuu duraa keessatti  taabootni stiyoon adda baate keessa kayyamtu mana  qulqullumma keessatti bakka  qulqulletti Qulqullotta jedhamu ni ta'a.
#Taaboota  Kanis lubboota aango lubumma qaban irran alatti eenyu iyyu hin tuuqu.
#Angaafni luboota iyyu Waggati al tokko qofa kutaa kana seene kan aarsa dhiyeessu (ibr 9:7).
#Kakuun dura taaboonni jechi waaqayyoo irratti barra'e kan akkas kabajamu yoo ta'e , qaama sadan keessa qaama addaatin kan kan gadaameessa ishee keessa bule immo taaboota kana caala akkam haa kabajamtu?
#Kanaafu durboo maariyam taaboota dhuga bultoo waaqayyo kan taate eenyutu jabaate itti dhiyaatare.
#Kan waaqayyoof qopha'e waaqayyo qofaf ta'a male namaaf ta'u hin dand'u.

#Durboo maariyam waaqayyo isa nama ta'e deesse male muca bira foonin deese gonka hin qabdu.

#Haadha waaqa tokkicha , haadha iyyesuus kiristoos, ijoole biroo desse jedhani yaadun akkamitti dada'a?
#Nuti akkuma wangeela irratti barrefame kiristoos tokko qofa akka desse ni amanna.
#Muca biraas da'u hin dandeessu.
#Sabaabin isa durbbuman ishee hanga bara baraatti waan ta'ef.

🕒 #Isheenno balabala bahatin jiru kan hin banamneen fakkefamtetti.
🕒 "Gara #balabala kallatti bahaatiin jalaa jiru, gara mana qulqullumma isaas na geesse, balbalichis cufaame ture. #Waaqayos balballi kun cufameetu jiraata malee hin banamu, #Namnis karaa kana hin seenu, #Waaqayo isiraa'el keessa galeera (bahee waan ta'eef cufame jiraata(izq 44:1-2).
🕒 #Raajin kun kan dubbatame gift keenya durboo maariyaamif dha.
🕒 #Sabaabin isaas balballi mana qulqullumma bara baraan cufaame jiraatu fi seenames hin beekne bara baraan hin jiraatu.

🧭Raaji isqi'eel dubbate kana sirritti icciti isaa haa ilaallu me.

🎚 #Baha kan jedhate gift keenya dubaro maariyami dha.

🎚 #Akkuma beeknu karaa baha aduun ni baati.

🎚 #Akkasuma baha kan fakkeffamtu dubaroo maariyam keesa immo aduun dhuga, ifti jireenya kiristoos ba'eera. Kanaafu bahaan ni fakkeffamti.

🎚 #Balabala kan jedhamu immo durbumma durboo maariyaami dha.

🎚 #Caqaasa guutu isaa Yeroo dubbistan goftan erga gara mana sanaati lixe bahe eenyu iyyu hin galu, balabalchi cufame ta'a.

🎚 #Isuuma iyyu barabaaran cufama jiraata. Naamonni tokko tokko durbu maariyaam ijoole bira qabdi jedhu. Warri kun diina gofta keenya iyesuus kirstoos warra ta'ani dha. Sabaabin isaa bakka waaqayyoo ta'e , namni salphaan tokko ta'eera jechuun waaqayoon ganuu dha.

©Dn. DANIEL M.

Barnoota biroo fi hikka kitaaba qulqulqullu argaachuuf linki armaan gadi gala argadhaa!           

https://youtu.be/_cE6gIH3Qy0?si=ZuwKLwlAjwy9qz89


Face book page:
https://www.facebook.com/haadhakoomariyami
Telgram chaanal:-

https://t.me/alatinostube

Youtube chaanal:-

https://youtu.be/_cE6gIH3Qy0?si=ZuwKLwlAjwy9qz89
Forwarded from Nehemiah Promotion
Kitaabolee Afuurawaa kanneen keessaa isa kam barbaaddu?

💠 Kitaaba Qulqulluu Abbaa 81
💠 Kitaaba Qulqulluu Abbaa 66
💠 Kitaaba Sirna Qiddaasee
💠 Raajii Maariyaam
💠 Kitaaba Hiikoo Andimtaa
💠 Sirna Mana Kiristaanaa
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa

💠 Kitaaba Aksimaaroos
💠 Kitaabolee Kadhannaa
💠 Dubbii Maariyaam
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa Itoophiyaa
💠 Qabsuura Duuka Bu'ootaa fi k.k.f mobile kanaa gadi jiru keessaa argadhaa!

👇👇👇
Ortodoksummaan maali?
Kutaa 2ffaan
Hundeewan ortodoksumma
BARSIIFNI MANA AMANTA KIRISTAANA BURQAALE LAMA IRRATI፡-
ISAANIS፡-
1. KITAABA QUQLULLU (HOLY SCRIPTTURES) FI
2. DARBAA DAROO QULQULLU (SACRED TRADITION) DHA.
KITAABNI QULQULLUUN
#ICCITII NAMA TA’U WAAQAYYO KAN SIRRITTI NUUF IBSAN YOO TA’U; DARBAA DARBOON QULQULLUN IMMO
#KITAABNI AKKAMITTIN AKKA DHUFE, MANNI AMANTA MAAL KEESSA AKKA DABARTE FI WAAN KITAABA QULQULLU IRRATTI HIN BARROOFNE KAN NUUF IBSU DHA.
“KITAABA KANA IRRATTI WANTI HIN BARROFNEE BAAY’EETU JIRU” YOH 20፡29-30
DARBA DARBOON BARNOOTNI BAAYEEN HIN BARROOFNE NUUF DARBANIRUU.
MADAALTUUN DARBA DARBOOS KITAABA QULQULLUN YOO ILAALAME GAARI DHA.
“KAN BARRA’E JIRU IRRA HIN DARBIIN፡፡ 1QOR. 4፡6
Ortodoksumman maali?
A}}. ORTODOOKSUMMAN DHUGAA DHA
B}}. ORTODOOKSUMMAN afuura
C}}. ORTODOKSUMMAAN HIIKKAA JIREENYAATI !
D}}. ORTODOKSUMMAAN DHAABA AMANTAA MITI.
E}}. ORTODOOKSUMMAN kan kenname, barsiifame fi eegaame
Qabxileen Ortodoksummaan ittin xinxalaman
1. Dubbi fayyinaatiin
2. Dubbi waaqummaatiin
3. Lamumma (qaama, amala)adda baase kan ilaalu
4. Amantaa fi beekumsa
5. Tokkumma mana amanta kiristiyaana
6. Hojii fi qarshii
7. Kabajaa fi salaphinaa
@dn. Daniel m.
#ShareThisPost https://youtu.be/ZVWOlhxwtlY?si=iZ1zUewnl3a3wKWR
Yaa dubaroo maaliin si fakkeessinu?
Sirna Qulqulleessa Qulqulletti durbo maariyaam Abba iraakiyoosin dubbatame:
💒💒💒⛪️⛪️⛪️
Kitaaba qulqullu kakuu moofa keessatti fakkeenyoliin armaan gadiitti tarreffaman hundi haadha keenya dubaroo maariyaamin ni fakkefamu 👇👇👇👇👇☝️
👉 Dubbi maariyaam seera uumama keessati:-
Guyya Dilbaatataatin,
Taabot ishee samaii,
Guyya gaafa Dafiino,
Samii, Duumessa,
Guyya gaafa Faacaasa,
Muka jireenyaa, Muka gannata,
Guyya gaafa Roobi,
ifa aduunya ...argamsiftu ifa jireenya.
Guyya gaafa Kamisaan,
nyaata jireenya
Guyya gaafa Jimaata,
hewaan lammafa.
Guuya gaafa Sanbaata,
Boqonnaa addam.
Garrumma abeelin, Dooni nohiin, Guuge noohii, Sabatta waaqayyo noohi, muka staabeqiin, Maasi abrahaam, Kadhimamu ribqaan, Masilaali ya’iqoobiin, Ulee yaa’iqoobi, Wal’aanso yaa’iqobi
👉 Dubbi maariyaami seera ba’uu keessati:-
Muka phaaxoosii, Ulee musee, Waarqi masoob, Lafaa koorebi, Irre musee, Tabba siina, Kaku bidiruu waaqayyo ykn taabota, Baattu ibsa, Duunkana ooriti, Uffata aroon, Aarfanno warqee, Stillati museetii.
👉 Dubbi maariyaam seera lakkosaa keessati:- Jirmaa wayiinnitii, Aarfanno warqee musee, Ulee aroon
👉 Dubbi maariyaam seera keessa deebi keesati: Maasa qulqulleti
👉 Dubbi maariyaam kitaaba iyyasu keessati: dhaala kaleeb, raga siida iyyaasu
👉 dubbi maariyaam kittaba abboota murti keessati:- humna baarqi, shurrubba soomson, rifeensa geediyoonin ni fakkeffamti
👉 dubbi maariyaam kitaaba saamu’eel keessatti:- taaboota stiyoon, battu shittu saamu’eel, maseenqoo daawitiin ni fakkeffamti
👉 dubbi maariyaam kitaaba moototaa keessatti:- mana qulqulluma soloomon, teesso soloomon, duumeessa eeliyaas, masoobi warqii eeliyaas, okkote eeliyaas.
👉 dubbii maariyaam kitaaba xoobit keessati:- dhaala naabutee, ijaa ifaa xoobitin ni fakkeffamti.
👉 dubbi maariyaam kitaaba yoodit, aster fi iyoob keesati:- jecha beekumsa yooditi.
👉 dubbi maariyaam faaru daawit keessati:- mootitti, maagala waaqayyo, kocho guuge, korma haara, rifeensa daawwit, tullu stiyoon, nageenya dhuga, haadha keeny stiyoon, stiyoon.
👉 dubbi maariyaam kitaaba faaru faaruu caalu keesati:- ababoo suufi, teeso, misirro libaanoos, gannata cuufamte, gugee solomoon, suulamaxiss.
👉 dubbi maariyaami kitaaba raajicha isaa’iyas keesatti: qomoo qulqulletti, arsaa barbadaa, durboos haadhas, raajitti, ulee iseeyi, duumessa ariifatu, kitaaba cufaamte, lafa dheebotte, mooti mootota.
👉 dubbi maariyaami kitaaba raajicha eermiyaas keesatti:- baala abeemileek
👉 dubbi maariyaami kitaaba raajicha isqii’eel keesatti: baattu kiruubel, mana qulqulluma cufamten ni fakkeffamti.
👉 dubbi maariyaami kitaaba raajicha daani’eel keesatti: tabba daani’eel, galata mi’aawa ijoole sadani, taate mul’aata ykn raaju daani’eel, boola leencootan ni fakkeffamti.
👉 dubbi maariyaami kitaaba raajicha hoose keesatti:-lafa.
👉 dubbi maariyaami kitaaba raajicha amoost keesatti:- fudhatamu amoost .
👉dubbi maariyaami kitaaba raajicha mikkiyaas keesatti: beeteliheemi .
👉 dubbi maariyaami kitaaba raajicha iyyu’eel keesatti:- burqa eebba.
👉 dubbi maariyaami kitaaba raajicha abdiiyyu keesatti: tabba abdiiyuu.
👉 dubbi maariyaami kitaaba raajicha yoonaas keesatti:- eegdu yoonaas.
👉 dubbi maariyaami kitaaba raajicha naahoom keesatti:- qoricha naahoom.
👉 dubbi maariyaami kitaaba raajicha inbaaqoom keesatti:- tabba faaraan.
👉 dubbi maariyaami kitaaba raajicha soofooniyaas keesatti:- mul’aata soofooniyaas
👉 dubbi maariyaami kitaaba raajicha haage keesatti:- badhaasa haage.
👉dubbi maariyaami kitaaba raajicha zekkariyaas keesatti:- battu ifaa warqee.
👉 dubbi maariyaami kitaaba raajicha miilkiiyaas keesatti: galma qulqullu milkiyyas.
◀️🔼🔽🔽➡️↪️
#ooyiiru kibxataa (uum 1:10:13).
#bidiruu noohi (uum 2::23, kufa 6:28).
#gugee noohi (uum 8:6).
#sabbata waaqayyoo noohi (uum 9:8-15).
#dunkaana seemi (uum 9:27).
#dunkaana abirahaam (uum 18:1-15).
#daggala abirahaam (uum 22:9).
#ooyiruu abirahaam (uum 17:20)
#masiilaali yaa'iqoob (uum 28:10-12)
#baala muka musee (ba'u 3:1-3).
#tabba siina (ba'u 31:18).
#taabota musee (ba'u 32:1-2).
#ulee aaroon (lakk 17:1-8).
#siida iyyaasu (iyasu 24:25).
#rifeensa geediyoon (abbota murte 6:36-40).
#urgooftu shitto saani'eel (1sam 16:13).
#maseenqo daawwit (1sam 16:14-23).
#baattu amiinadaab (2sam 6:3-4).
#duumessa eeliyaas (1moot 15:41-46).
#okkotee eelsaa (2moot 2:19-22).
#waarqi maasooba eelsa (1moot 19:1-8).
#gonfoo solomoon (F. faaruu caalu 3:11).
#duumessa musee (lakk 16:41-50).
#stiyoon iyerusalemi ( isa 2:3; faar 131:13).
#ulee isseeyi (isa 11:1).
#fayyina abeel (uum 4:2).
#duumessa isaa'iyaas (isa 19:2).
#eedoomiyaasi (isa 3:1).
#tabba faaraan (inbaq 3:3).
#lafa daawwit (faar 72:2).
#durba (uum 3:15; yoh 2:2; mul 19:25).
#durboo (isa 7:14).
# haadha iyyesuus (yoh 2:2, yoh 19:25).
#Maariyaam (mat 1:18).
#haadha goofta koo (luq 1:43).
#teesso goofta (isa 6:1).
#masooba waarqii (inbaq 9:4).
#magaala waaqayyo (faar 86:1; isa 60:14).
#misirroo (faar 18:5).
#haadha kiristaanota (yoh 19:25).
Kadhaannan ishee fi araarsuman ishee nurra adda hin ba'iin. Ameen. ©Dn. DANIEL M.

Barnoota biroo fi hikka kitaaba qulqulqullu argaachuuf linki armaan gadi gala argadhaa!           

https://youtu.be/_cE6gIH3Qy0?si=ZuwKLwlAjwy9qz89


Face book page:
https://www.facebook.com/haadhakoomariyami
Telgram chaanal:-

https://t.me/alatinostube

Youtube chaanal:-

https://youtu.be/_cE6gIH3Qy0?si=ZuwKLwlAjwy9qz89
Kitaab qulqulluu


Kitabni qulqullun 66 hir'uu dha

1. Iyyaneesi fi Iyyaanbrees falfaltuu Faari’oon turan (2ximo. 3:8).                                                                                                                   Gaaffi: qulqullu phaawulos maqaa falfaltoota kanaa eessa fide?

2. Bineeldoyni fi namooota waliin akka dubatan (seer 3:1)                                                                                                                      Gaaffi: Garu beladotni fi namni afaan tokko dubacha turani?

3.  “…Qaayyal haadhamanaa isaa beeke; ni ulfooftes” (uum. 4:17).
    Gaaffi:  Qayeel haadha mana essa fudhe durbi yeroo hin jerretti?

4. Mineesen gara waaqayyottis ni kadhate (2 Seena baraa 33:13)
  Gaaffi: kadhaannan Minaasee maal turee? Maal jedhees kadhate?

5.  “Heenok akkana jedhee waayee namoota kanaa raajii dubbateera;" (yihuuda 1:14-15)
  Gaaffi: raaji kana yihuudan eessa fuudhe barrese.

6. “dubbiini Ermiyaas dubbate sun ni raawwatamer; "Isaanis beessee meetii soddoma” (Maat. 27:9 -10).
Gaafi: ermiyaas raaji kan eessatti barresse?

Deebi isaaf yaada bal'a argachuuf seena baradha!

https://youtu.be/OqO87K2wZIk?si=WvO5sUwgZf9QiwAQ
Forwarded from Nehemiah Promotion
Kitaabolee Afuurawaa kanneen keessaa isa kam barbaaddu?

💠 Kitaaba Qulqulluu Abbaa 81
💠 Kitaaba Qulqulluu Abbaa 66
💠 Kitaaba Sirna Qiddaasee
💠 Raajii Maariyaam
💠 Kitaaba Hiikoo Andimtaa
💠 Sirna Mana Kiristaanaa
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa

💠 Kitaaba Aksimaaroos
💠 Kitaabolee Kadhannaa
💠 Dubbii Maariyaam
💠 Seenaa Mana Kiristaanaa Itoophiyaa
💠 Qabsuura Duuka Bu'ootaa fi k.k.f mobile kanaa gadi jiru keessaa argadhaa!

👇👇👇
Alatinostube/አላትኖስቱብ/:
DDM.Daniel. MK.:
+Tulluu Taabor irraa hin hafin+

" Uffanni isaas miiccituun lafa irraa akkas calaqsiisuu akka hin dandeenyetti adii calaqqisaa ta'e. "  (Mar 9: 3)
/Yaada sherfee dubbisa Tulluu Taabor irraa/

Gad-of-qabiinsi Wangeelotaa nama dhiba. Waa'ee Tulluu Taaboriin Maatewoos,Maariqoos, Luqaas yemmuu barreessan Yohaannis garuu hin barreessine. Yohaannis seenaa filatamee irratti argame "filatameen" jedhee hin barreessine. Wangeelonni hafan immoo "nuun waan keessa hin jirre hin barreessinu" hin jenne. Akka tajaajiltoota bara keenyaa

Wangeela tokko barsiisaa warra walmorkatan , baaxii godoo tokkoo ijaaraa warra citaa walsaamani waan hin turreef isaan seenaa ofii keessa hin turre barreessuuf fiffiigani. Kabaja nuun hin irmaachisne, waamicha nuun hin dabalanne yemmuu argamu kan nutti hin tolle, Footoo nuun keessa hin jirre illee ilaaluu kan hin barbaanne, waan karaa keenya raawwate qofaa kan afarsinu, waan gaarii ta'e waanuma keessaa dhabneef kan busheessinu, warra "anaan malee" jedhuuf barumsicha ajaa'ibsiisaadha.

Agarsiistuun biraas jira Maatewoos abbaan wangeelaa waa'ee seenaasaa yemmuu barreessu "Qaraxxuun Maatewoos jedhamu bakka Qaraxa funaanu taa'ee" jedhee bakka hojii cubbuun dhuubame keessaa , gara kiristaanummaatti akka waamame yemmuu barreessu ; Warri Wangeela barreessan biroon garuu tarreeffama duukabu'ootaa keessatti nama Maatewoos jedhamu waa'ee hojii gibira funaanuusaa yemmuu barreessan maqaasaa jijjiirameen Leewwii jedhanii fayyadamani. Nag-qabeessi Maatewoos garuu waa'ee jireenyasaa isa duraa cubbuun deddeebi'a turee bartoota duraa dhokate Waaqayyo abbaa dhiifamaa ta'uusaa agarsiisuuf akka ta'uuf waan barbaadeef inumaayyuu maqaa tarree duukabu'ootaa keessatti ofii isaa "Maatewoos isa Qaraxxuu" jedhee waameera. Kan nama dhibu erga qarahaxxummaarraa waamamee booda mana isaatti dhangaa qopheessee Gooftaa keenya hirootasaa cubbamootaa wajjin simachuusaa akkuma olkaasee hin barreessine dhimma affeerrichaas , affeeraan akka isa ta'e irradibaan barreessee bira darbeera.

★ ★ ★

Qulqulluun pheexiroos "Yaa Gooftaa asitti argamuun keenya nuuf gaariidha" jedhe. Jechi "nuuf" gaariidha jedhu jecha dinqisiisaadha. Mana Waaqayyoo keessa jiraachuun keenya bu'aaf gaarummaan isaa nuufidha malee Waaqayyoof miti. Nuti garboonni maa'i hin baasne maqaasaa warra hin amanne biratti arrabsiisuurraan kan hafe isaaf maal bu'aa buusna? kanaafidha Qulqulluun Baasiliyoos "Yaa Gooftaa Waaqummaankee anaaf barbaachisa malee uumamtee ta'uunkoo siif hin barbaachisu'' kan inni jedheef. Kanaaf pheexiroos ''nuuf gaariidha'' jedhe. "Yoo jaal'atteef dunkaana sadii hojjenna" jedhe. Gooftaan hin jaal'anne taanaan dunkaana sadii mitiitii tokkoyyuu hojjechuun hin danda'aamu. Waaqayyo mana hin ijaaru taanaan hojjettoonni ofumaa dadhabu" kanaafidha yoo ''jaal'atteef'' kan inni jedhe. Gara laafessi Pheexiroos ofiifan hojjedha hin jenne. An duuka bu'aa kakuu haaraadha jedhees raajota kakuu moofaa kabajuu dhiisuuf dudduubatti hin deebine. "ati kattaadha . Kattaakoo kanarratti Bataskaanakoon ijaara" tibba jedhametti Raajotaaf godoo dhaabuuf kan gaafate pheexiroos irraan kan hafe eenyudha? Waaqayyo abbaa biraa garuu Pheexiroos isa "hin du'iin" amma jedhutti ga'eef garuu jecha ajaja "Mucaankoo jaal'adhu isadhaatii isa dhaga'aa " jedhutu dhufe. Yaadichi ajaa'ibsiisaa ta'uus utuu "jechasaa" hin dhaggeeffatin dunkaana hojjechuun garuu hin danda'aamu.

Kanarrattuu Gooftaan kan inni dhufeef Tulluu Taaboree irratti Dunkaana diriirsee jiraachuuf utuu hin ta'iin Qaraaniyoorratti fannoon fannifamee , qofoo fannoo isaan dhiigasaan dunkaana diriirsee jala nu galchuufidha. Qulqulluun abbaa Giyoorgis "Yaa pheexiroos ifa fuulasaa ilaalaa as jiraachuun siif gaariidha; nuti garuu kan fayyinu tulluurra gaafanni jiraatu utuu hin ta'iin gaafa gad-bu'ee kabalamudha" jedheera. Tolaan pheexiroos, Gooftaa "Mana abbaakoo keessa bakka jireenyaa baay'eetu jira" jedheef dunkaana qayyasuuf gaafate. Samiirratti "Dunkaana harka namaan utuu hin ta'iin Gooftaan dhaabbatte" jedhamteef angafni lubootaa dunkaana dhaabuuf kadhate.
Eeliyaas isa Amma as jira ittiin jedhanii achitti argamuuf ,hafuuraan buta

mee teessoo isaa beekuuf rakkisaa kan ture Eeliyaasiif akkanni taa'u abdii godhatee dunkaanan hojjedha jedhe. Musee isa Warqeedhaan dunkaana Oriitii dorgommii hin qabne fi baay'ee miidhagduu hojjeteef , qabduun qurxummii pheexiroos dunkaanan sii hojjedha jedhe. Tulluu Taabor tulluu duuka buutonni raajota keessummeessuuf kadhatan , pheexiroosfaa Raajota bitaaf mirgaan dunkaana dhaabaniifi isaan akka garbichaatti balbala dura jiraachuuf kan gaafatan akkam nama dhibu? Yaa pheexiroos amma dunkaana samii keessa tajaajilaa jirtaa laata? Tulluu Taaboriin argitee kan gammachuudhaan "as haa jiraannu" jette gammachuu Gannataa argiteehoo maaltu sitti dhaga'ame laata? nuti warri dunkaana ibiddaa keessa jiraachuuf abdii godhannu "Bu'uura Raajotaaf Bartootaa irratti ijaaramtaniittu" kan jedhamne nuto ammam kan ayyanomnedha?

★ ★ ★

Tulluu Taabor irratti uffati Gooftaa keenyaa akka Biiftuu ife. Qulqulluun Yohaannis Afaan warqee "Biiftuudhaayyuu gararraadha, kan biiftuu argee kufe hin jiru warri uffata Gooftaa gaafa ifu arganii kufan garuu Isaan oli waan ta'eefidha" jedha. Gooftaan keenya tulluu sanarra Museefi Eeliyaasii wajjin ture. Musee akkuma beeknu Tsillaatii fudhatee gaafa bu'e uummati "Yaa musee nuuf haguuggadhu" ittiin jedhanii kolloo isaan fuulasaa haguuggatee ture. Waaqni Musee Kiristoos garuu bartoonnisaa yemmuu kufan argee akkanni huccuu isaan hin haguugganneef kan ife fuulasaa qofaa utuu hin ta'iin uffatasaas ture.

" Uffanni isaas miiccituun lafa irraa akkas calaqsiisuu akka hin dandeenyetti adii calaqqisaa ta'e. "
Mar 9: 3 jechi jedhu akkamuma nama dinqa. Adiin miiccituun lafarraa akka feete miiccitee qulleessuu hin dandeenye kun adeenya akkamiidha? akka fedhe haa ta'u waan adii beeknu hundumtuu miiccituu biyya lafaarra jiruun kan miicame waan ta'eef kanadha jechuu hin dandeenyu. Kiristoos Medaani'alemiin miiccitoonni lafarraa ammasaan addeessan caalaa huccuu qulleessuu ni danda'a. Jechi kun nu warra xura'ina cubbuun huccuun keenya xuroofneef jajjabina keenyadha. Yoomille miiccitoonni lafarraa dandeettiin isaanii murta'aadha.

Namootni nuun xuroofnee nu argan dhiqannuyyuu nu hin amanani. Yoo nuuf miiccanis xuriisaan sammuu isaanii keessatti nuuf hambisan hin dhibu. Ija namaatti xurooftee hin argamin malee argamnaan yoomiyyuu hin addaattu. Ati garuu Ifa tulluu Taabor Medaani'alemii qofaan "Na dhiqi cabbii caalaa nan qulqulla'aa" jedhi. " cubbuun keessan akka dhiigaa yoo isin diimesse iyyuu, akka cabbii in addaattu; diimaa biluus yoo isin godhe iyyuu, akka jirbii iddamaa adii in taatu." Jedhee bu'uura waadaa galeen adii si taasisa. Bakka inni jiru gara Tulluu Qulqulleettii Bataskaanaa Nissihaan/Qalbii jijjiirrannaan yoo geesse fi ifa Taabor irratti ibse yoo siif ibse adii taata. Sanaan booda "amma miiccituun miiccitu caalaa addaatta" gara ilma amalummaa isaa gara ifa gucasaatti yemmuu dhiyaattu atis cuuphaan , mucummaa ayyaanaa at argatte ni calaqqisa. Yemmuuti adii taatu warri si argan hundumtuu "dhiiga hoolichaan uffatikee dhiqamuu isaa" fi adii ta'uusaa arganii na'u, warri si dhaggeeffachuu hin jaal'anne hundumtuu ilmasaa amalummaaf "ilmikoo innan jaal'adhu isaadhaatii isa dhaga'aa" jedhee akkuma ajajeef siifis akkasaan gurra siif kennan godha. Atumti qofaan Tulluu Taabor irraa hin hafin, hin du'iin jirta taanaan kottu akka Eeliyaasiin, balleessitees akka Musee duuteetta taanaan akka Musee ka'ii kottu. garuu atumtii gara Bataskaana Qulqulleettii Tulluu Taaboriin dhufuuf abdii hin kutatin , akka musee in duuta malee biyya dhaalaa hin galtu jedhamtus , akka Eeliyaasiinis du'a hin agartu jedhamtus atumti Tulluu Taaboriin hin hafin.

@Dn. Daniel m.

Barnoota biroo fi hikka kitaaba qulqulqullu argaachuuf linki armaan gadi gala argadhaa!           

https://youtu.be/_cE6gIH3Qy0?si=ZuwKLwlAjwy9qz89


Face book page:
https://www.facebook.com/haadhakoomariyami
Telgram chaanal:-

https://t.me/alatinostube

Youtube chaanal:-

https://youtu.be/_cE6gIH3Qy0?si=ZuwKLwlAjwy9qz89