BBC Afan Oromo news
5.19K subscribers
92 photos
349 links
BBC afaan oromoo oduu haaraa
Download Telegram
Forwarded from AESOP AFAAN OROMOO
👆
Obbo #Jawaar_Mohaammad fa’i mana murtiitti dhihaataniiru
**********************************
Ganama har’aa Obbo Jawaar Mohaammad, Obbo Baqqala Garbaa, Hamzaa Adaana (Booranaa) fi kaan Mana murtii Olaanaa Federaalaatti dhiyaataniiru.

📌Abbaan Alangee Sambata darbe Obbo Jawaar Mohaammad dabalatee shakkamtoota 23 irratti himannaa #shororkessummaa banuu isaa ibseera.

📌Shakkamtoota 24 keessaa 15 to’annoo poolisii jala jiru. Kaan bakka hin jirretti himannaan irratti baname keessaa Qonsilaan Janaraalaa duraanii Dr Birhaanamasqal Abbabaa keessa jiru.

📌Akka abukaatonni miidyaaletti himanitti taanaan waa’ee himata baname Wiixata har’aa mana murtiitti dhihaatanii yoo hubatan malee barraa'ee wanti isaan bira gahe hin jiru.

@kushafaanoromoo
Forwarded from AESOP AFAAN OROMOO
👆#update
Dhaddachaa har'a kanarratti, Obbo #Jawaar_Mohaammad dubbii dubbatanii, "Nuti hidhamtoota siyaasaati malee shororkeessaa akka hin taane nan beeka. Ta'us ammoo dhaddacha biyya kanarratti, yeroo lammaffaatiif "Shororkeessaa" jedhamee himatamuunkoo na gammachiisa" jechuun dubbateera.

@kushafaanoromoo