๐Ÿฆ โ’ถโ€Œโ€Œ๐—ฏ๐—ฑ๐˜‚๐—น๐—ฎ๐˜‡๐—ถ๐˜‡ Fesal๐Ÿฅ€
21K subscribers
111 photos
5 videos
2 files
62 links
๐Ÿ˜‡NAMNI AKKA OF EEGGATTUUF SI GORSU INNI NAMA SI JAALATU!โค๏ธIf You believe it,you can achieve it.๐Ÿ’ชNamni waan danda'uun nama gargaaru doqna hin jedhamu.
Download Telegram
Ergaan kun warra maraatuu ilaallata!

" Ergaan kun warra maraatuu ilaallata. Isaanis wanta sammuu namaatii olii hojjetu. Rakkoo waan uuman fakkaatu. Ilaalchi isaanii namoota biroo irraa Adda.Ilaalcha addaa qabu. Haalaa ol jiraatu. Haalaaf bitamuu hin danda'an. Yeroodhaaf namoota wajjin waliif hin galan. Namoota akkasii tuffattee dhiisuu qofatu si fura. Namoonni akkasii eenyu yoo jette. Namoota jijjiirama fidaniidha. Isaan addunyaa gara fuula duraatti tarkaanfachiisu. Namoonni baay'een akka maraatuutti isaan haa lakkaa'aniyyu malee isaan sammuu addunyaa jijjiiru qabu. Maraatuu fakkaatu. Garuu addunyaa jijjiiru. Namoonni akka maraatuutti ilaalaman namoota addunyaa jijjiiruu danda'aanidha".

#Steve_Jobs
@Abdulaziz_FeesalOfficial
Ani kanan tuffadhu dhaloota ammaati,dhaloota 'baradhe' ofiin jedhu. Tole! erga barattee gaaffii 'maaliif?' jedhu kaasuu maaf sodaatta? Waanuma siif kennan maaf liqimsita? Kan baratteef akka gaafattuufiim. miimoorii sammuu keetii keessaa daataa ormaa haqxee kee akka fe'attuufiim. Orma jala yaa'uu dhiistee of jala akka yaatufiim. Waanuma siif kenname hin liqimsin. Kan liqqimsaa jirtu daawaa osoo hin taane summii ta'uu yoon sitti hime ni mormitaa? Mirga keeti.

Lakkii dhaloota nana! Warra darbe maaf ilaalta.Isaan hin baranneefuu maal gaafatu. Ana situ na raaje kan bakkuma ka'aan taa'ee nama eegu. Lakkii dammaqi dhalootaa.

@Abdulaziz_FeesalOfficial
Ani kanan jedhu! Ofii namumti of ta'e maalumaaf dhabame bara kana. Maalumaaf sammuun keessan memory nama birootiin guutame? Yoomuma akka ofii keessaniitti jiraattu? Dammaqi yaa dhaloota qubee! Sammuu keessanitti fayyadamaa,dubbisaa dubbisuun hanga du'aatti!

@Abdulaziz_FeesalOfficial
#Jijjiirama ilaalchisee namootni
bakka gurguddoo 5tti qoodamu.

A. 2% warra dursanii jijjiirama fudhataniifi jijjiirama fidan/ kanneen kalaqaan beekamanidha.

B. 10% kanneen saffisaan jijjiirama dhufetti madaqanii fudhatanii hojii irra oolchanii itti fayyadamanidha.

C. 60% sadarkaa giddu galeessaatti jijjiirama dhufe kan fudhatan(middle adopter/ kanneen ta'anidha.

D. 20% kanneen jijjiirama dhufe suuta fudhatanidha. Akkumafudhachuuf harkifatan bu'aa isaa irraa fayyadamaa ta'uufis akkasuma harkifatoo ta'u jechuudha.

E. 8% kanneen tasumaa jijjiiramaaf fedhii hin qabneefi jijjiiramuu hin barbaanne wanti hundi akkuma baratametti akka itti kan fedhan, jijjiiramni waan balaa qabutti kanneen yaadanidha.

Namni kamiyyuu kanneen armaan olitti tarreeffaman shanan kana keessaa garee tokko jalatti ramadama. Erga akkas ta'ee ati garee kam jalatti ramadamtare?


"Jijjiiramaaf ana caalaa namni sirriin, amma caalaa yeroon sirriin, addana caalaas bakki sirriin hin jiru!"

@Abdulaziz_FeesalOfficial
#Jireenya
Namoonni carraa qabanitti fayyadamuu dadhaban, yaa anaa jedhanii ofii isanii of komatu. Namoonni carraa itti fayyadaman dhaban immoo yaa carraa koo jeechuun carraa isaanii komatu!.

Egaa atis bor yaa anaa jettee akka ofi komachaa hin jiraaneef carraa qabdutti fayyadamuun bakka gahuun qaba jette yaaddu gahi argami

Jireenyi dorgommii miti, namni hunduu daandii mataa isaa qaba. Akkaataa filannookee, humnakee, sonakee fi amaleefannaa keeti jiraachuu itti fufi. Namni baayyeen jireenya mataa isaa dhiisee, abjuu isaa milkeessuu dhiisee waaโ€™ee jireenya namaa cinqamaa oola

#Jireenya ofii keessatti yeroo hedduu addaa addummaa kan uumu #carraa argatanitti fayyadamuu fi fayyadamuu dhiisuudha. Carraan aduu miti naanna'ee dhufuu dhiisuu danda'a.

#Obbolee dhimma #jireenya nama #dhuunfaa hanga #haasoftu kana jireenya kee fooyyessuuf otoo #carraaqxee silaa waaโ€™ee kee #odeessu malee ati waaโ€™ee namaa hin #odeessitu.

#Namni mul'ata hin qabne mul'ata keetifis gufuudha!

@Abdulaziz_FeesalOfficial
Akka dandaโ€™amu amani!
ยป Karoora qabaadhu!
ยป Jireenya kee akka ta'utti jiraadhu!
ยป Abdii hin kutatin, qophaaโ€™ii eegi!
ยป Ofitti amani!
ยป Namoota gargaari!

Rakkoo mudatu dursii tilmaamii moโ€™adhu!
ยป Ofitti amani!
ยป Abjuu fi kaayyoo kee duukaa buโ€™i!
ยป Hin gaabbin!
ยป Hin sodaatin!
ยป Waadaa seente hin irraanfatin!

@Abdulaziz_FeesalOfficial
Namni hunduu namummaa fi halluu mataa isaa qaba.Halluu sana arguu yoo dadhabde rakkoon nama sanaa osoo hin taane, si bira jira. Harreen fuula kootti yoo rifatte ykn asheeta keessa yoo gulufte aaruu hin qabu."Harreen waan uumamaa ta'e hojjatte.Yeroo baay'ee namoota waliin wal lolla.

Sababni isaas gara namummaa keenyatti harkisuu waan yaalluufiidha. Nama dhuunfaa isaatiin hin kabajnu. Maqaa Kanaafi kan wal jibbinu. Addunyaa kana irratti waan barbaadduu fi hin barbaanne haala waliin jiraatta. Wanti hundinuu akka ati barbaaddutti hin ta'u. Gammachuu jechuun waan barbaadde dinqisiifachuu fi waan hin barbaanne fudhachuu irraa argama.

@Abdulaziz_FeesalOfficial
แดŠษชส€แด‡แด‡ษดสษช แด€แด‹แด‹แดœแดแด€ ษชแด›แด›ษช แด›แด€แด›แด›แด€แด€า“แด€แด›แด€ษดษชษชแด…สœแด€, แด…แด€แดแดแด€วซแด›แด‡แด‡ ษชแดŠแด€ แดษชสŸแด‹ษชษชแด›ษชษชษด สแดแด ษชสŸแด€แด€สŸแด›แด‡ ษดแด€แด€ษดษดแดแดษด แด€แด›ษช แดŠษชส€แด›แดœ แด„แด€ส€ส€แด€แด€ แดษชสŸแด‹แด€แด€'ษชษดแด€แด€ษด ษขแดœแดœแด›แดœแด…สœแด€.

แดŠษชส€แด‡แด‡ษดสษช แดกแด€ษดแด›แด€ แด€แด›ษช ส™แด€ส€ส™แด€แด€แด…แด…แดœ sษชษชษด แด‹แด‡ษดษดษชแด›แดœ, แดกแด€ษดแด›แด€ แด€แด›ษช สœแดแดŠแดŠแด‡แด›แด›แดœ แดแด€สŸแด‡แด‡, ษชแด›แด›ษช แดŠแด€ส™แด€แด€แด…สœแดœ

@Abdulaziz_FeesalOfficial
Firoota kee baay'ifadhu; baay'ina diinota kee hir'isi!
Yoo ta'uu baate umurii kee dirree lolaatti fixxa!

@Abdulaziz_FeesalOfficial
Simbirri dameen mukaa
yoo cabee nan kufaa jette
hin sodattuu, damee mukaatti
amantee osoo hin taane,
baallee isheetti amanteeti.

@Abdulaziz_FeesalOfficial
Jireenya abjuu keetii jiraachuu fi nama milkaa'inaa olaanaa qabu ta'uuf furtuun gonkumaa abdii kutuu dhabuudha! Never give up

@Abdulaziz_FeesalOfficial
Nama ilaalaa jiraachuu irra ofiikee ilaalaa jiraachuun bu'uura hoggansa dhuunfaati! Dhagaa bu'uuraa ofii tahi!

@Abdulaziz_FeesalOfficial
Namni tilmaama mataasaatiin Beekaa, Wallaalaa, gaarii fi yaraa si gochuu danda'a.Sababni isaa of gatee, dhimma keen ko'ammateeraka! Namoonni of beekan, ofirratti hojjetu, namoonni of lagan dhimma namaa hojii manaa godhatu.

@Abdulaziz_FeesalOfficial
Namootni maal akka siif yaadan hin yaadda'in.Yaada namoota birootiif yoo dhimmamte yoomiyyuu of jijjiiruu hin dandeessu, sana booda ati garba yaada namoota birooti waan ta'eef isaan duubaan si hin gadhiisan. Isaan irraa adda osoo hin taane akka isaanii akka taatu qofa siif hayyamu.

Akka fedhanitti si haa yaadan. Bu'uuraan namni ofii malee nama gaarii yaadu waan hin jirreef.
Waa'ee namoota biroo baay'ee hin yaadda'in, yoo tuuta hordofte ni rifatta, yaadni kee ni hirama. Sababni isaas tuuti baay'ee waan ta'eef namni hundi karaa mataa isaatiin harkisa.

Tuuta namootaa dagadhu. Namni akka si dhiibee si harkisu hin heyyamin, ofii keetiif dhugaa ta'i.

Yaada namoota biroo hordoftee waan namoonni biroo yaadan osoo hin yaadda'in karaa mataa keetii yoo deemte sana booda qofa "nama" taata.

@Abdulaziz_FeesalOfficial
Abdiin sababa jireenyaati. "Wanti nama jiraachisu jijjiirama osoo hin taane, abdii jijjiiramaati, Garuu, jireenyi itti fufiinsa akka qabu hubachuun faayidaa qaba.
"Na sodaachisaan jette hin sodaatin.Na faarsan jettees of hin tuulin.Of ta'ii mul'ata mataa keetiin deemi,Ilaaluuf ija namootaa hin ergifatin!."

@Abdulaziz_FeesalOfficial
Wa'ee Keeti wanti Si duubatti Odeessaniif waan ati isaan Dura jirtuufi.... keep going forward๐Ÿšถ๐Ÿšถโ€โ™‚
@Abdulaziz_FeesalOfficial