๐Ÿฆ โ’ถโ€Œโ€Œ๐—ฏ๐—ฑ๐˜‚๐—น๐—ฎ๐˜‡๐—ถ๐˜‡ Fesal๐Ÿฅ€
21.3K subscribers
103 photos
4 videos
2 files
65 links
๐Ÿ˜‡NAMNI AKKA OF EEGGATTUUF SI GORSU INNI NAMA SI JAALATU!โค๏ธIf You believe it,you can achieve it.๐Ÿ’ชNamni waan danda'uun nama gargaaru doqna hin jedhamu.
Download Telegram
Seeqadhu!, namoonni tokko tokko gadda keetiitti waan gammadaniif jecha...!#Hin_gaddin....!

๐Ÿฆ@Abdulaziz_FeesalOfficial๐Ÿฅ€
Sababuma takka dogoggortee kee arganiif, gaarummaa kankee kan jireenya guutuu ashawaa itti naqan.
#Hay_namaa๐Ÿ™Š
๐Ÿฆ@Abdulaziz_FeesalOfficial๐Ÿฅ€
Taaksiin yoo guute kan biraa dhaabbattee eegdee seenta. Jireenyi garuu takkaa si jala darbinaan yoomuu DEEBISUUF argachuu hin dandeessu. kanaafuu Umurii Qabduttii kabajaan itti fayyadami!

๐Ÿฆ@Abdulaziz_FeesalOfficial๐Ÿฅ€
Ilmi namaa gaafa waa barachuu dhaabe dullooma. Umriin lakkoofsa qofa, 20 keessa jiraattee dulloomuu dandeessa. 80 keessa jiraattee dargaggeessa jedhamuu dandeessa.

๐Ÿฆ@Abdulaziz_FeesalOfficial๐Ÿฅ€
Waa'een dhaabata keetii, maatii keetii, qabeenyaa fi sadarkaa keetii nan ilaallatu...
Namummaa kee, sammuu tantee, amala kee fi keessa keettu na ilaallata. Hundee kanarratti dhaabadhee sin kabaja.

๐Ÿฆ@Abdulaziz_FeesalOfficial๐Ÿฅ€
Beekumsa qabduun hin boonin, kan si caala beekuu hedduutu jiraatii!

Namni ani beekaa dha ofiin jedhu wallaalaan akka isaa hin jiru!

๐Ÿฆ@Abdulaziz_FeesalOfficial๐Ÿฅ€
Lafa kana irratti nama ta'uudha malee, nama fakkaachuun salphaa dha.

๐Ÿฆ@Abdulaziz_FeesalOfficial๐Ÿฅ€
Bakka Hin bulle hin galgaleeffatiin!

Lafa sin madalle, jireenya sin madalle, ilaalchaf karaa sin madalle keessa hin galgaleeffatiin. Bu'aan bakka hin bulle galgaleeffachuu bineensoota halkan yaa'aniin weeraramuu fida! Bu'aan jireenya hin barbanne keessa jiraachuu; hiyyummaa, rakkoo, abdi kutannaaf gadda jireenya keessa jooruu dhala.! Har'aan jijjirama utuu jettu, qoosaan ati jireenya Kee irratti Taphattu, gola abdi Kee tarsaasa; kanaaf har'uma jijjirama haqaa jijjiramuuf dammaqi!

Ilaa kunoo;
Aduun har'a baate kunoo amma lixxeetti ; humna ittiin ganama har'aa kana as deebiftus hin qabdu; keessatti gaarii hojjattuus ykn badaa kun dhimma Aduu miti! Aduun kaayyoo uummamteef seeraaf haala ajaa'iba ta'een bahachaa jirti; si'aatii 12 guutuu siif iftee, akka keessatti iftee mul'attuuf siif baateetti, ati keessatti dukkanooftus, micciramtuus, jijjiramtuus dhimma ishee miti! Kufaatii keefis itti gaafatamummaa hin qabdu! Keessatti jiruu jiru jiruu urgaa'u uumtee hojjachuun dalagaa keeti! Dalagaan Aduu siif ifudha!

Kanaaf jireenya jiraachuuf jiraadhu!

"Namoonni hunduu ni du'u, namoonni jiraatanii darban garuu muraasa" jedhe hayyuun tokko! Har'a nuuf darba jennee utuu mul'ata nu hin ilaallanne keessa qaariinuu, barri nuuf dabarsuu dhiisee nuun darbu danda'a. Kanaaf har'a jireenya Madda gammachuu keenya hin taane keessa galgaleeffachuu dhiisnee, jireenya gammachuuf fedha keenya dhugaan kuullame jiraachuuf haa qabsoofnu! Utuu mul'ata keef hin jiraatiin aduun jireenyaa sirraa hin lixiin! Jabaadhu tattafadhu! Si caala kan jireenya keef fiigu hin jiru! Jireenya sin madalle keessa rafuu dhiisi! Michuu jireenya gaarii ta'i! Jireenya si gammachiisu irrayyuu taree gammachuu namoota biroof sababa ta'u jiraachuuf dhama'i! Hin dhibaa'iin! Boriin jijjirama jettee har'a hin taa'iin; keessatti jijjiramuuf guyyaa har'aa caalaa kan sitti siqu hin jiru waan ta'eef!

Eeyyee jireenya sin madalleef, si hin ilaallanne keessa hin galgaleeffatiin!
๐Ÿฆ@Abdulaziz_FeesalOfficial๐Ÿฅ€
Jireenya sirriin ati jiraachuu dandeessu isa ofiikeef murteessitedha. Sirrii fi badaan isaa immoo harka kee keessa jira. Namaan hirkoo hin godhatiin. Namni akka shambaqqooti. Guyyaa tokko laafee si jalatti cabee si kuffisa. Namni jabaadhu, ishoo siin jechuuf si jajjabeessuu danda'a malee bakka kee bu'ee siif jabaachuu hin danda'u. Bakka kee bu'ee miira keessakee siif ta'uu hin danda'u. Dhukkubbiin kanuma keedha. Namni siif boo'uu danda'a malee bakka kee bu'ee siif hin du'u. Jireenyikee akka konkolaataati. Konkolaataa namni lama hin oofu.Jireenyikees akkasi.

Namni lama siif hin jiraatu. Sumaaf suma qofa. Namni hanga bool'aatti si waliin deema malee si waliin bool'a hin lixu. Maarree nama isa kamiif furtuu jireenyaa laattee ofii balbala taatee jiraattaree? Abbalusheekoo waan jettu dhiisi. Nama hundaa gammachiisuu hin dandeessu. Namni gammachuu waan hin quufneef. Dursa ofiikeef of gammachiisi. Jireenya barbaadduuf dursa kenni.

๐Ÿฆ@Abdulaziz_FeesalOfficial๐Ÿฅ€
Guchiin gaafa diina sodaattu tokko argitu, mataashee bakka ta'e jala dhokfatteetu, gaafa ijishee diina sana arguu dhabu waan diinnishee sun bakka sanaa deeme seeti jedhan.

Eenyummaan keenya inni dhugaan isa namni nuun jedhu miti; isa gaafa qofaa jirru keessi keenya nuun jedhuudha.

Waa'ee ofii keenyaafi waa'ee ilaalcha keenyaa irratti waan keessi keenya jedhu dheessaa jiraanna yoo ta'e, guchii sana irraa waan addaa gochaa hin jirru. Hammi nuti geenyu- hamma dhugaan keenya ga'uudha.
Rakkoo darbe yaadattee boo'uun yeroo hin gubin!

Jireenyi kee darbe gaarii ta'uu baatus barumsa ture!
Yoo hin baratin yoomiyyuu hin jijjiiramtu!!

๐Ÿฆ@Abdulaziz_FeesalOfficial๐Ÿฅ€
๐Ÿ”ด#Namicha_tokkootuu_ture.Gaaf tokko osoo karaa deemaa jiruu maangoo baay'ee bareedduu tokko argee.itti siqees kutate,baay'ees isatti toltee,nyaachuufis baay'ee jarjaree.
Garuu waan tokko yaadate,haadha manaa isaa baay'ee jaallatuuf fuudhee galuu barbaadee,fuudheefis gale.Haati manaa isaas akkuma galeen nyaata baay'ee mi'aa ta'e dhiheessitee taa'itii nyaadhuu jetteen.Innis battaluma sana harka isaa kiisitti kaa'ee maangoo sana baasee waan kana siifan fide nyaadhu ittiin jedheen.
Isheen gammaddee harkaa fudhatte.Golatti galtee gaggaragalchitee ilaalte.
Achumaan mucaa ishee baay'ee jaalattuu tokko yaadatte.mucichaafis kennuu yaadde.mucaa isheetiifis geessitee kennite.
Mucichis baay'ee gammadee harkaa fudhatee yommuu ilaalu
isattis baay'ee bareede.
Mucichis geessee abbaa isaatiif kenne.Abbaanis baay'ee ajaa'ibsiifate.Harkaa fuudhee iddoo sadiitti kutee.Hundumti isaanii nyaatanii gammadan.
Jaalala jechuun nama harkaa fudhachuu osoo hin taane waliif kennuunis .

๐Ÿฆ@Abdulaziz_FeesalOfficial๐Ÿฅ€
HIRIYYAA.

โˆšHiriyaan kee dhiyoo fi kan jalqabaa ofii keetiif si'i. Ati eennuyyuu caalaa ofii keetti dhiyoo, ofii keetiif fira, ofii keetiif jaalala, ofii keetiif kabajadha. Wanti hundi asii jalqaba.

โœ“Si jechuun yaada keeti. Yaanni kee siif hiriyaa keeti. Yaanni kee siif obboleessa keeti. Yaanni kee siif hoogganaa keeti. Yaanni kee siif kallattii jireennaa keeti. Yaanni kee hiriyaa kee isa dhiyoo keeti. Yaanni kee miira keeti. Yaanni kee kufaatii keeti. Yaanni kee hiriyaa kee siif hiriyaa kamiiyyuu oli.

โˆšHiyiraa kee jijjiruu yeroo jalqabdu hiriyaa isa eennurrayyuu sitti dhiyoo jiru san jijjiiruu irraa jalqabi. Yaada kee jijjiiruu jalqabuun kee hiriyaa kee isa guddaa fi dhiyoo kee ta'e tokko jijjiirte jechuu dha.

โœ“Hiriyoota namummaa kee xiqqeessan, isaan jibba keessatti si hirmaachisan, isaan kufaatii keetiif holqa qopheessan, isaan boqoon kee akka ol hin jenne taasisan irraa fagaadhu. Ati hiriyaa gaarii nama biraa ta'uu keetiin dura hiriyaa ofii keetii jaalattu san ofii keetiif ta'i.

โˆšNamoota hedduun marfanii jiraachuu jechuun hiriyoota hedduu qabachuu jechuu miti. Adunyaa kana irraa namni hiriyaa hin qabne nama yaada ofii isaa waliin hiriyummaa hin qabnee dha.

โœ“Kuttee wanti gatuu qabdu, dhiistee wanti dagachuu qabdu, tuffattee wanti jibbuu qabdu, laaltee wanti arguun sin barbaachisne, dhiisnee wanti ati deebitee tuquun si hin barbaachisne, wanti bushaa'aan ati gatii itti kennuu hin qabne wanta eennummaa kee xiqqeessuu dha.

โˆšWanti gatii jabeessi fi ulfaataan saanduqa hammeennaa fi kufaatii jibbuu , kutuu, dhiisuu, xureessuu danda'uu dha.

โœ“Waan hundaa of bira laali. Kennaa guddaan laga nu ceesisu asuma nu bira jiraatiiโœ

๐Ÿฆ@Abdulaziz_FeesalOfficial๐Ÿฅ€
Infinity Power ummata saamee badeera!

Meeqan keessantu hojjechaa ture?

Fias777, GTM, VGM, fi website hedduun bifuma walfakkaatadhaan ummata saamanii badaniiru!

Ummanni keenya hedduunis gowwaadha, yoo itti himtellee sin dhagahu! Ani nama baay'eetti himeen ture. Isaan garuu didanii anaaniyyuu hojjedhu malee jedhanii na gorsani ๐Ÿ˜

Walumaagalatti, Online kanarraa "maallaqa hanganaa nu biratti yoo qusattan bu'aa hanganaa argattu" warri jedhan hunduu hattuudha! Irraa of eeggadhaa! Yoo feetanis of hin eeggatinaa ๐Ÿ˜

@Abdulaziz_FeesalOfficial
Deeggartoonni dirree kubbaa irra jiran taphattootaan akkana godhi akkas godhi jedhan baay'een isaanii namoota dirree seenanii daqiiqaa tokkoof illee taphachuuf ga'umsa hin qabnedha!  Tarii osoo carraa argataniillee  dandeettii taphatichaa nuusa(ruubii)  hin agarsiisan ta'a! 
"Kan taa'uuf Samiin  dhihoodha"
jedhama mitiiree!   #Nama hin hojjenneef yaada kennuun salphaadha. Kanaaf na qeeqe, hojii koo irratti natti qoose, yaada badaa miira koo miidhu naaf kenne jettee ofduuba hin deebi'in; fuulduratti deemi. 
Namni dhaabbate si dhaabuu barbaada ykn akka wajjin dhaabbattu barbaada waan ta'eef  hin dhaggeeffatiin!!!

@Abdulaziz_FeesalOfficial
๐–๐€๐€ ๐’๐‡๐€๐ ๐๐Ž๐Ž๐ƒ๐€ ๐–๐€๐€ ๐’๐‡๐€๐๐“๐” ๐‰๐ˆ๐‘๐€๐€ ๐๐€๐‹๐๐„๐„๐…๐…๐€๐ƒ๐‡๐”๐”!!!

1;  ๐‘ฑ๐’Š๐’“๐’–๐’– ๐‘ฉ๐’๐’๐’…๐’‚ ๐‘ซ๐’–'๐’‚๐’•๐’– ๐‘ฑ๐’Š๐’“๐’‚๐’‚
2; ๐‘น๐’‚๐’Œ๐’Œ๐’Š๐’๐’‚ ๐‘ฉ๐’๐’๐’…๐’‚ ๐‘ฉ๐’‚๐’'๐’Š๐’๐’‚๐’•๐’– ๐‘ฑ๐’Š๐’“๐’‚๐’‚
3; ๐‘ญ๐’‚๐’š๐’š๐’‚๐’‚ ๐‘ฉ๐’๐’๐’…๐’‚ ๐‘ซ๐’‰๐’–๐’Œ๐’Œ๐’–๐’ƒ๐’‚๐’•๐’– ๐‘ฑ๐’Š๐’“๐’‚๐’‚
4; ๐‘ซ๐’‚๐’“๐’ˆ๐’‚๐’ˆ๐’ˆ๐’–๐’Ž๐’Ž๐’‚๐’‚ ๐‘ฉ๐’๐’๐’…๐’‚ ๐‘ซ๐’–๐’๐’๐’–๐’Ž๐’‚๐’•๐’– ๐‘ฑ๐’Š๐’“๐’‚๐’‚
5; ๐‘จ๐’…๐’…๐’–๐’๐’š๐’‚๐’‚ ๐‘ฉ๐’๐’๐’…๐’‚ ๐‘จ๐’‰๐’Œ๐’Š๐’“๐’‚๐’‚๐’•๐’– ๐‘ฑ๐’Š๐’“๐’‚๐’‚

๐Œ๐ˆ๐‹๐Š๐ˆ๐ˆ ๐†๐”๐‘๐†๐”๐ƒ๐ƒ๐Ž๐Ž ๐’๐‡๐€๐ ๐๐”๐”๐… ๐‡๐€๐€ ๐Š๐„๐๐๐” ๐‘๐€๐๐๐ˆ

1; ๐‘ญ๐’‚๐’š๐’š๐’‚๐’‚
2; ๐‘น๐’Š๐’›๐’’๐’Š๐’Š
3; ๐‘ต๐’‚๐’ˆ๐’‚๐’š๐’‚
4; ๐‘ฉ๐’†๐’†๐’Œ๐’–๐’Ž๐’”๐’‚
5; ๐‘ป๐’๐’๐’•๐’–๐’– ๐‘จ๐’…๐’…๐’–๐’๐’š๐’‚๐’‚๐’‡๐’Š ๐‘จ๐’‰๐’Œ๐’Š๐’“๐’‚๐’‚


๐˜๐š๐š ๐‘๐š๐›๐›๐ข ๐Š๐š๐š๐ญ๐ข๐ฆ๐š๐š ๐Š๐ž๐ž๐ง๐ฒ๐š ๐๐ฎ๐ฎ๐Ÿ ๐“๐จ๐ฅ๐œ๐ก๐ข๐ข.

โค     

@Abdulaziz_FeesalOfficial