Turullee Dhugatu Mo'ata
11K subscribers
514 photos
129 videos
110 files
414 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #43ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa  ittiin madaallu:

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Dubbiin Rabbii keennaa, worroota isatti amaneef mirkaneessaa hin hajamuu, worroonni dubbii Rabbii irraa shakkii qabdan, jecha Rabbiin suuraa 4:157 keessatti dubbate (isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru. Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Qabatamaatti isaan isa #hin #ajjeefne.) Rabbiin jedhe, kunoo ragaan mirkaneefadhaa ;

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Wal dhabbii fi shakkiin worroonni Yesuus nuuf jecha du'ee jedhan keessa jiran inni duraa; 👇

1ffaa- #Yihudaan inni dabarsee Yesuusiin kennuuf ture sun, #Yesuus #dhungate moo #hin #dhunganne⁉️

1🅰️. #Dhungate ka jedhu (ka Wangeela #Maatewos 26:48-49) ttu #sirriidha.

1🅱️. Dhungatuu mitii, #Yesuus #biraa #osoo #hin #gahin #kufe ka jedhu (Wangeela #Yohannis 18:4-6)ttu sirriidha.

Isa kamtuu sirriidha?

🅰️. #Maatewos 26:48-49  lnni dabarsee Yesusin kennuuf ture sun milikkitaaf, "Inni ani dhungadhu isa, qabadhaa!" jaraan jedhee ture. #Yihudaan akkuma Yesus bira dhufeen, "Attam barsiisaa ko!" jedhee, #isa #dhudhungate.
የማቴዎስ ወንጌል 26:48-49 አሳልፎ የሚሰጠውም። የምስመው እርሱ ነው፤ ያዙት ብሎ ምልክት ሰጥቶአቸው ነበር። ወዲያውም ወደ ኢየሱስ ቀረበና። መምህር ሆይ፥ ሰላም ለአንተ ይሁን ብሎ ሳመው።

  VS (contradict with)

🅱️. #Yohaannis 18:4-6 Yesus waan isatti dhufuuf jiru hundumaa beekee, ka'ee itti adeemee, "Eenyuun barbaaddu?" isaaniin jedhe. Isaan immoo deebisanii, "Yesusin namicha biyya Naazireet" jedhan; kana irratti Yesus, "Innoo, ana" jedhe. #Yihudaan inni dabarsee isa kennus isaanumaa wajjin in #dhaabata #ture. Yeroo inni, "Innoo, ana" isaaniin jedhetti gara booddee isaaniitti deebi'anii #in #kukkufan.
የዮሐንስ ወንጌል 18:4-6 ኢየሱስም የሚመጣበትን ሁሉ አውቆ ወጣና። ማንን ትፈልጋላችሁ አላቸው። የናዝሬቱን ኢየሱስን ብለው መለሱለት። ኢየሱስ። እኔ ነኝ አላቸው። #አሳልፎ #የሰጠውም #ይሁዳ ደግሞ #ከእነርሱ #ጋር #ቆሞ ነበር። እንግዲህ። እኔ ነኝ ባላቸው ጊዜ ወደ ኋላ አፈግፍገው በምድር #ወደቁ

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Wal dhabbii fi shakkiin worroonni Yesuus nuuf jecha du'ee jedhan keessa jiran inni lammaffaa;👇

2ffaa- #Fannoo #Yesuus #eennutu #baatee gara eddoo golgootaa jedhamu geesse?

2🅰️. #Yesus fannoo isaa #ofii #baatee kan jedhu, #Yohannis 19:17 ttu sirriidha moo?

2🅱️. Nama biyya Qareenaa #Simi'oon #isa #jedhamutu baate kan jedhu, #Maatewos 27:32 ttu sirriidha?

Isa kamtuu sirriidha⁉️

🅰️. #Yohannis 19:17 “Yesus fannoo isaa #ofii #baatee, gara iddoo "Lafee mataa" yookiis afaan Ibraayisxiitti "Golgootaa" jedhamutti ba'e.”
#የዮሐንስ #ወንጌል 19:17 #ኢየሱስንም ይዘው ወሰዱት፤ #መስቀሉንም #ተሸክሞ በዕብራይስጥ ጎልጎታ ወደ ተባለው የራስ ቅል ስፍራ ወደሚሉት ወጣ።

VS (contradict with)

🅱️. #Maatewos 27:32 “Utuu gad ba'aniis, nama biyya Qareenaa #Simi'oon isa jedhamu tokko argatanii, fannoo Yesus akka baatuuf isa #giddisiisan.”
 #የማቴዎስ #ወንጌል 27:32 ሲወጡም #ስምዖን የተባለው የቀሬናን ሰው አገኙ፤ እርሱንም #መስቀሉን #ይሸከም #ዘንድ #አስገደዱት

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- Kitaabuma worroonni Yesuus cubbuu keennaaf du'ee, nuuf fannifamee jedhan keessatti, eddoo tokkotti Yihudaan inni dabarsee Yesuusiin kennuuf ture sun, #Yesuus #dhungate jedhaa eddoo birootti ammoo #hin #dhunganne, Yesuusiin biraa osoo hin geenne kufe jechuun, akkasumas eddoo tokkotti Fannoo Yesuus, Yesuusimatu ofii isaatii baatee jedhaa gara birootti ammoo nama biyya Qareenaa #Simi'oon #isa #jedhamutu baate jechuun isaa, dubbiin Rabbiin suuraa 4:157 keessatti dubbate dhugaa ta'uu agarsiisa.

2ffaa- #Wol #dhabbiin (#contradiction), kitaaba Macaafa Qulqulluu jedhamu keessatti, dhimma Yesuus du'e jedhu irratti argamuun, worroonni dubbatan ragaa qabatamaa akka hin qabne fi shakkiin akka haasawaa turan, ragaawwan asii olitti laalle, ragaa ifa baasaa haasofni Yesuus du'ee jedhu dubbii fudhatama hin qabne ta'uu mirkaneessan hedduu keessaa, tokko ta'uu qabatamaan mirkaneessaa jechuudha.

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Worroota #Amanti Kiristaanaatiif;
1 #Tasaloniiqee 5:21
" Garuu waan hundumaa qoraa, #isa #gaarii #jabeessaatii #qabadhaa! "
1ኛ ወደ ተሰሎንቄ ሰዎች 5:21 ሁሉን ፈትኑ #መልካሙንም #ያዙ👆dhaamsa jedhu isinii dhaamaa.

Jallataa hunda Rabbiin haa qajeelchu.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️

https://t.me/Xaaliburidallah