Turullee Dhugatu Mo'ata
11K subscribers
514 photos
129 videos
110 files
414 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
#Turullee #dhugatuu #irra #aana

🥦🥦🥦🥦🥦🥦
#Kutaa #39ffaa
🥦🥦🥦🥦🥦🥦

#Gilgaala: Hubannoo duraan sammuu keessaa qabnuu fi ragaawwan dubbisnu wol bira qabuun, kallattii dhugaa  ittiin madaallu:

#Yesuus #eenyuuf #ergame beektuu?

Yesuus nuyiif ergamee jedhanii worroonni yaadan, mee gaafii kanaaf deebii maal qabu laata?

A. Yesuus saba Israa'elii bulchuuf ni ba'aa jedhamee (akka #Maatewos 2:6 tti), isaan Yesuus nuuf ergame jedhan, isaantu worroota Israa’elii⁉️

B. Waaqni #geeddarannaa #yaadaa fi #dhiifama #cubbuu Israa’eliif kennuudhaaf Yesuus ergee jedhaa (akka #Hojii #Ergamootaa 5:31tti), Israa’el jechuun Oromoo fi Amaara yookaa saba biroo jechuudhaa⁉️

C. Yesuus yoo Addunyaa guutuuf ergame, dubartii Kana’aan maaf ofirraa ari’e?

D. "#Ani warra akka hoolotaa karaa irraa goranii #mana #Israa'elii badan #duwwaaf malee #hinergamne" jedhee Yesuus, Jecha Yesuusii Maatewos 15:24 keessatti dubbate sobaa jechuuf, Yesuus nuuf ergame jedhaa jiran laata?

E. Dabalataanis worroonni #Israa’el jechuun #Adduniyaa hundaa jechutti yaadan, yoo dhugama  Israa’el jechuun Addunyaa jechuu taate, hordoftoota isaa maaf #Mandara #warra #Saamaariyaa fi kara #saba #Waaqayoo hin ta’inii irra goraa jedha? sunniin Addunyaa keessatti hin laakahamanii?

Mee amma ragaawwan asii gadii haa ilaalluu;

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

A. #Maatewos 2:6 "Ati yaa Betlihem ishee biyya Yihudaa keeessaa! Ati mandaroota gurguddoota Yihudaa hundumaa irra hin xinnaattu; si keessaa kan mo'u tokko #saba #koo #Israa'eliin #kan #bulchu #in #ba'a' kan jedhu jira" jedhan.”

B.#Hojii #Ergamootaa 13:23 “Akkuma abdachiisettis #sanyii namicha kanaa keessaa (#Daawitiin) Waaqayyo #saba #Israa'eliif #fayyisaa kaaseera inni immoo #Yesus.”
ከዚህም ሰው ዘር ( ዳዊት) እግዚአብሔር እንደ ተስፋው ቃል #ለእስራኤል መድኃኒትን እርሱም #ኢየሱስን አመጣ።

C. #Hojii #Ergamootaa 5:31 “Waaqayyo #geddarannaa yaada garaatii fi #dhiifamuu cubbuu #Israa'eliif #kennuudhaaf; abboomaa fayyisaas godhee gara mirga isaatti ol isa fuudheera.”
ይህን (#ኢየሱስን) እግዚአብሔር፥ #ለእስራኤል #ንስሐን #የኃጢአትንም #ስርየት ይሰጥ ዘንድ፥ #ራስም #መድኃኒትም አድርጎ በቀኙ ከፍ ከፍ አደረገው።

D. #Maatewos 15:22-24 Kunoo, dubartiin Kana'aan tokko naanna'aa biyya sanaatii dhuftee sagalee guddaadhaan, "Ilma Daawit, gooftaa koo! Intalli koo hafuura hamaadhaan qabamtee jirti, anaaf maari!" jette.
Yesus garuu sagalee tokko iyyuu isheef hin deebifne. Bartoonni isaa yommus gara isaa dhufanii, "Ishee nu booddeedhaa iyyaa adeemtu kana, waan isheen barbaaddu godhiifii of biraa deebisi!" jedhaniin. "Inni immoo deebisee, "#Ani warra akka hoolotaa karaa irraa goranii #mana #Israa'elii badan #duwwaaf malee #hinergamne" jedheen. "
እነሆም፥ ከነናዊት ሴት ከዚያ አገር ወጥታ። ጌታ ሆይ፥ የዳዊት ልጅ፥ ማረኝ፤ ልጄን ጋኔን ክፉኛ ይዞአታል ብላ ጮኸች።እርሱ ግን አንዳች አልመለሰላትም። ደቀ መዛሙርቱም ቀርበው። በኋላችን ትጮኻለችና አሰናብታት እያሉ ለመኑት።እርሱም መልሶ። #ከእስራኤል #ቤት #ለጠፉት በጎች #በቀር #አልተላክሁም አለ።

E. #Maatewos 10:5-6 Isaan kudha lamaan kana Yesus ergee, "Karaa #saba #Waaqayyoo warra hin ta'initti isin geessu irra hin gorinaa, mandara warra #Samaariyaa tokko illees hin lixinaa! Kanaa mannaa gara warra akka hoolotaa karaa irraa goranii #mana #Israa'elii #badanii #dhaqaa!
እነዚህን አሥራ ሁለቱን ኢየሱስ ላካቸው፥ አዘዛቸውም፥ እንዲህም አለ። #በአሕዛብ መንገድ አትሂዱ፥ ወደ #ሳምራውያንም ከተማ አትግቡ፤ ይልቅስ #የእስራኤል #ቤት ወደሚሆኑ #ወደ #ጠፉት #በጎች #ሂዱ #እንጂ

🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦🥦

Qabxiiwwan ijoon nuti ragaawwan asii olii irraa argannu:

1ffaa- Betlihem keessaa kan mo'u, #saba #Israa'elii kan #bulchu (Yesuus) #in #ba'a' jedhamuun, Yesuus Israa’eliif ergamu akka mirkaneessu.

2ffaa- Waaqni geddarannaa yaada garaatii fi dhiifamuu cubbuu #Israa'eliif #kennuudhaaf, akkasumas fayyisuuf erge jechuun, Yesuus ifatti mana Israa’elii duwwaaf kan ergame tahuu.

3ffaa- Sababa Yesuus warra Israa’elii duwwaaf ergameef, dubartii biyya Kana’aan osoo isheen itti boottu ufirraa deebisuu isaa.

4ffaa- Ani warra akka hoolotaa karaa irraa goranii mana Israa’eel badan duwwaf malee hin ergamne jechuun Yesuus, nama ragaa kana kijbsiisu biratti malee, Yesuus worra Israa'el qofaaf ergamuu.

5ffaa- Sababa Yesuus warra Israa’eliif duwwaaf ergameef, hordoftoota isaa biyya biroo irraa goranii, akka warra Israa’elii duwwaa deeman ajajuu isaa hubannaa jechuudha.

🥦🥦BY:XR 🥦
https://t.me/Xaaliburidallah