Turullee Dhugatu Mo'ata
12K subscribers
537 photos
163 videos
120 files
451 links
Sobni miseensa guddaa qabaatuun yeroo dheerefatun ni malaa, garuu dhugaa hinjifatuu ammoo gonkumaa hin danda'u.
Download Telegram
#Islaamummaan Amantiin haqaa, ta Rabbiin abbaa ufii jaalate fi filatee keennu, #Amantii #eennu #irratti #jiraataa #ture?
Hedduun ilma nama, ka kufrii keessa jiru jechuudhaa, akka Amantii inni irra jiru karaa jallinnaa ta'uu namni itti hin beekneef jecha, maqaa nabiyyoota Rabbii jijjiruun (fkn Nabi Ibraahim Abraham jedhuun, Nabi Muusaan Muusee jechuun, Nabi Iisaan Yesuus jechuun kkf ) nuti isaan hordofnaa, Amantii keenna ka Isaan itti nu ajajanii yookaa karaa isaan irra turanii jedhanii fakkeessuun jallatanii namas jallisu.
Wonti nama raajee nama hin dhiifne Biiliyoonni ilma nama ka maqaa Nabiyyootaatiin kufrii daldalu keessaa namuma tokko (ka Islaamummaan ala jiru keessa jechuu) ka Amantiin inni karaa Nabiyyoota maqaa jijjiranii waamanii nu isaan hordofna jedhanii fakkeessanii ta'uu ragaan siif ibsu gonkumaa hin argamnelle hin argamulle.
Fakkeenna tokko yoo fudhanne, irra hedduun Amantii addunyaa tana irratti argamuu Nabi Ibraahimiin (Abraham), nama Rabbiin isa filate, nama Rabbii isaatii ajajamaa ta'e (Nabiyyii Rabbii ta'uu) hedduun ilma nama ni amanuu. Abbaa iimaana keessatti hangafaa (father of faith) jedhanii waamu. Dabalataanis nama karaan isaa karaa qajeelaa ture, nama Rabbiin isa filate, nama ajaja Rabbii fudhate ta'uu hedduun namaa osoma amanu garuu rakkoon jiru hawaasa Muslimaatiin ala nama jiru keessaa namuma tokko ka Amantii Nabi Ibraahim ragaadhaan siif himu gonkumaa hin argitu. Rabbiin waa'ee Nabiyyii isaa Nabi Ibraahim yeroo dubbatu akka Inni Amantii haqaa, Amantii Rabbiin worrota gaggaarii irratti isaan jiraachise irratti jiraataa ture haala armaan gadii kanaan ibsa
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
Suuraa Al-Imraan 3:67 👇🏻
مَا كَانَ إِبۡرَٰهِيمُ يَهُودِيّٗا وَلَا نَصۡرَانِيّٗا
وَلَٰكِن كَانَ حَنِيفٗا مُّسۡلِمٗا
وَمَا كَانَ مِنَ ٱلۡمُشۡرِكِينَ
#Ibraahiim #yahuudas #kiristaanas #hin #taane Garuu inni #Muslima qajeelaa ture Inni #mushrikoota irraas #hin #taane.
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
Suuraa Haji 22:78
وَجَٰهِدُواْ فِي ٱللَّهِ حَقَّ جِهَادِهِۦۚ
هُوَ ٱجۡتَبَىٰكُمۡ وَمَا جَعَلَ عَلَيۡكُمۡ
فِي ٱلدِّينِ مِنۡ حَرَجٖۚ مِّلَّةَ أَبِيكُمۡ إِبۡرَٰهِيمَۚ هُوَ سَمَّىٰكُمُ ٱلۡمُسۡلِمِينَ
مِن قَبۡلُ وَفِي هَٰذَا
لِيَكُونَ ٱلرَّسُولُ شَهِيدًا عَلَيۡكُمۡ
وَتَكُونُواْ شُهَدَآءَ عَلَى ٱلنَّاسِۚ
فَأَقِيمُواْ ٱلصَّلَوٰةَ وَءَاتُواْ ٱلزَّكَوٰةَ
وَٱعۡتَصِمُواْ بِٱللَّهِ هُوَ مَوۡلَىٰكُمۡۖ
فَنِعۡمَ ٱلۡمَوۡلَىٰ وَنِعۡمَ ٱلنَّصِيرُ
Qabsoo Isaaf malu (Karaa) Rabbii keessatti qabsaa’aa; #Inni #isin #filateera; amantii keessatti dhiphina tokkollee isin irratti hin goone #Karaa #abbaa #keessan #Ibraahiim (deemaa) Akka ergamaan Rabbii isin irratti ragaa ba’uufi isinis namoota irratti ragaa baataniif Isatu (#Rabbitu) #kana #duraafi (Qur’aana) kana keessattis #Muslimoota #isin #moggaase Kanaaf salaata dhaabaa; zakaa kennaa; Rabbiin ciminaan qabadhaa Inni jaalalloo keessani Jaalallee ta'uuf waa tolee! Gargaaraa ta'uufis waa tole!
🍇🍇🍇🍇🍇🍇🍇
*Qabxiiwwan ijoon 👇
1ffaa- Fakkeenni gaariin hawaasa Muslimaa (roll model) Nabiyyoota Rabbii yoo ta'uu, ka worrota Islaamumman ala jiru garuu yoo maqaa Nabiyyoota jijjiraa ittiin daldaluu taate malee akka homaa hin jirre (yoo sheeyxaana taate malee ) ta'uu hubanna.
2ffaa- Amantiin Islaamaa, Amantii Rabbiin jaalate/filate fi worrota filatamoo ta'ee gubbaa haga jalaatti badhaase ta'uu hubanna.
3ffaa- Islaamumman Amantii guyyaa keessaa namaan moggaafame osoo hin taane Amantii Rabbiin ilma nama irratti uume ka Nabiyyoonni gaggaariin hedduun namaa isaan jaalatu fi maqaa isaanii jijjiree waamu irratti jiraataa turan ta'uu hubanna.Wolumaa galatti Islaamumman Amantii Rabbiin jaalate/filate, ilma namaa irratti nama uume, kara Nabiyyoonni Rabbii irratti jiraataa turan ta'uu hubannee, karaa jaalatamaa Rabbiin worrota isaan jaalate irratti jiraachise san irratti jiraanne akka milkoofnu, Amantii guyyaa keessa namaan moggaafame ka ragaa (ka wobii tokkoo hin qabne) hunda irraa akka fagaannu dhaamsa jedhu isiniif dabarsuu barbaada.
Namni Amantii Rabbiin jaalate/filate tana hordofuu dide guyyaa boruu maal akka ta'uu hedu hoo beektuu? kutaa itti aanu nu eegadha.
♻️♻️♻️♻️By:XR ♻️♻️♻️


https://t.me/Xaaliburidallah