Siinqee Bank
28.8K subscribers
1.76K photos
64 videos
105 files
135 links
Siinqee Bank – Secure & Innovative Banking Solutions
📌 Stay updated with our latest news, financial tips & offers!
🚀 Digital Banking | 💰 Loans & Investments | 💳 Secure Transactions
📍 Ethiopia | Available 24/7
📞 +25111 557 1160 / 871
Download Telegram
Baankiin Siinqee du’aan boqochuu Abbaa Gadaa duraanii Aagaa Xenxenootiin gaddi guddaan kan itti dhagahame ta’uu ibsaa; maatii, firootaa fi uummata keenya maraaf jajjabina hawwa.
የባለአክሲዮኖች መደበኛ ጠቅላላ ጉባኤ ጥሪ
የሲንቄ ባንክ አ.ማ. ዳይሬክተሮች ቦርድ የ2021/22 የሒሳብ ዘመን ዓመታዊ የባለአክሲዮኖች መደበኛ ጠቅላላ ጉባኤ ቅዳሜ፡ ታህሳስ 22 ቀን 2015 ዓ.ም. (እ.ኤ.አ. ዲሴምበር 31፡ 2022)፤ ከጠዋቱ 3 ሰዓት ጀምሮ በኢሊሊ ኢንተርናሽናል ሆቴል ለማካሄድ ወስኗል፡፡
የጉባኤው አጀንዳዎች ፡ -
1.የጉባኤ ድምጽ ቆጣሪዎችን መምረጥ፤
2.የጉባኤው ምልዓተ-ጉባኤ መሟላቱን ማረጋገጥ፤
3.የጉባኤዉን አጀንዳ ማጽደቅ፤
4.የዳይሬክተሮች ቦርድን ዓመታዊ የሥራ ክንዉን ሪፖርት ማዳመጥና መርምሮ ማጽደቅ፤
5.የዉጭ ኦዲተሮችን ሪፖርት ማዳመጥና መርምሮ ማጽደቅ፤
6.ትርፍ ወደ ካፒታል እንዲለወጥ ዉሳኔ ማሳለፍ፤
7.የጉባኤዉን ቃለ-ጉባኤ ማጽደቅ፡ ናቸው፡፡
በመሆኑም የባንኩ ባለአክሲዮኖች ወይም ሕጋዊ ወኪሎቻቸው ከላይ በተጠቀሰው ጊዜና ቦታ ተገኝተው በጉባኤው እንዲሳተፉ በአክብሮት ጥሪዉን ያስተላልፋል፡፡
ማሳሰቢያ፡ - ወኪል የሆኑ ተሳታፊዎች የዉክልና ሰነዳቸዉን እንዲሁም የታደሰ የመታወቂያ ካርዳቸዉን ዋና እና ኮፒዉን በመያዝ እንዲቀርቡ እናሳስባለን፡፡

የሲንቄ ባንክ አ.ማ. የዳይሬክተሮች ቦርድ
#Waamicha Yaa’ii Waliigalaa Idilee Abbootii Aksiyoonaa
Boordiin Daayirektaroota Baankii Sinqee (W.A.) Yaa’ii Waliigalaa Abbootii Aksiyoonaa Idilee kan bara 2021/22; Dilbata: Muddee 22, 2015 ALI (Muddee 31, 2022 ALA); Ganama sa'aatii 3 irraa eegalee Hoteela Ilillii Intarnaashinaaliitti gaggeessuuf murteessee jira.
Ajandaawwan yaa'ii kanaa:-
1. Namoota sagalee yaa’ii lakka’aan filachuu;
2. Kooramiin yaa’ii guutuu isaa mirkaneessu;
3. Ajandaa yaa’ii mirkaneessuu;
4. Gabaasa raawwii hojii waggaa kan Boordii Daayirektarootaa dhaggeeffachuun qoratanii raggaasisuu;
5. Gabaasa odiitaroota alaa dhaggeeffachuu, qorachuu fi raggaasisuu;
6. Bu’aa gara kaappitaalaatti jijjiiruuf murtii dabarsuu;
7. Ajandaa yaa’ichaa raggaasisuu.
Kanaafuu, abbootiin aksiyoonaa baankichaa yookin bakka bu’oonni seeraa isaanii yeroo fi bakka armaan olitti ibsametti yaa’ii kana irratti akka argamtanii fi akka hirmaattan kabajaan waamicha isiniif dabarsina.
Hubachiisa: - Hirmaattonni bakka bu’ummaan dhuftan raga bakka bu’ummaa seera qabeessaafi waraqaa eenyummaa haaromfame orijinaalaa fi koppii qabattanii akka argamtan ni hubachiifna.
Boordii daayirektarootaa Baankii Siinqee W.A.
#Guddina Aartii Oromoo Tumsuuf

Baankiin Siinqee guddina Aartii Oromoo tumsuu keessatti har’as gahee isaa bahachuu itti fufee jira. Baankichi Badhaasa Odaa Marsaa 6ffaatiif ispoonsara sadarkaa Pilaatiniyeemii ta’uudhaan aartistootniifi ogeeyyii hojii aartii adda addaatiin hojii gaarii hojjetan beekumtii akka argatan gumaacha godhee jira. Keessumatti ammoo Aartistoota gameeyyii badhaasa umrii guutuu argatan; Art. Zarihuun Wadaajoo fi Art. Abbabaa Tasammaatiif Baankichi deeggarsa maallaqaa taasisee jira.

Baankiin Siinqee bifa haaraan erga hojiitti gale yeroo gabaabaa ta’us hojii gama hundaan hojjechaa jiruun hawaasa tumsuu irratti bu’aa guddaa argamsiisaa kan jiru ta’uu waltajjii kanarratti ibsameera.

Tokkummaan gara milkaa’inaatti!
#Yaa'ii Waliigalaa Abbootii Aksiyoonaa
#የባለአክሲዮኖች ጠቅላላ ጉባዔ

Baankiin Siinqee Yaa’ii Waliigalaa Idilee Abbootii Aksiyoonaa 22ffaa gaggeesse

[Finfinnee, Muddee 22, 2015] Baankiin Siinqee Yaa’ii Waliigalaa Idilee Abbootii Aksiyoonaa 22ffaa Hoteela Ililiitti guyyaa har’aa gaggeesse. Boordiin Daayirektaroota baankichaa raawwii hojiiwwan ijoo baankichaa bara baajataa Waxabajjii 1, 2021 hanga Waxabajjii 30, 2022tti raawwataman abbootii aksiyoonaa kan dhiyeessee jira.

Bu’uuruma kanaan, qusannaan hanga Waxibajjii 30 bara 2022 ALAtti walitti qabame kan yeroo wal fakkaataa bara darbee irraa dhibbeetaa 69 tiin guddina argisiisuun walumaa galatti Qarshii Biliyoona 10.28 walitti qabuun danda’ameera.

Gama dhiheessii liqiitiinis, Baankiin keenya hawaasa baadiyyaa lafee dugdaa diinagdee biyya keenyaa ta’an qonnaan bultoota, horsiisee bultoota, dubartoota, dargaggoota akkasumas dhaabbilee, abbootii qabeenyaa fi namoota dhuunfaa seektara diinagdee adda addaarratti bobba’aniif tajaajila liqii mijeessuun qarshii Biliyoona 17.82 kan liqeesse yoo ta’u kunis yeroo wal fakkaataa bara darbee irraa dhibbeentaa 28.7 tiin caalmaa galmeessiseera. Baay’inni liqeeffattoota baankichaas kuma 748 tii ol kan gahe yoo ta’u lakkoofsi kun baay’ina liqeeffattoota baankiiwwan biyyattii waliin wal maddiitti yoo madaalamu kan caalu ta’ee galmaa’eera.

Bara baajetaa ALAtti Waxabajjii 30 bara 2022 goolabame keessatti Baankiin keenya Taaksiin Dura Bu’aa Qarshii Miliyoona 371.6 galmeessisuu danda’eera. Qabeenyi waliigalaa Baankii keenyaas, Qarshii Biliyoona 20.54 kan gahe yoo ta’u, kunis guddina dhibbeentaa 28.1 agarsiiseera. Kaappitaalli Waliigalaa Baankiin keenya galmeessise kan bara darbee wajjin wal bira yoo qabamu dhibbeentaa 5’n guddina galmeessisuun dhuma bara baajataa kanatti Qarshii Biliyoona 8.09 gahee jira. Kaappitaalli Baankii keenyaa kafalames guddina dhibbeentaa 6 argirsiisuun, Qarshii Biliyoona 7.45 ta’ee galmaa’eera.

Yaa’iin gabaasa Odiitara Alaas kan dhaggeeffate yoo ta’u gabaasawwan dhihaatan sagalee guutuun raggaasisee jira. Kana malees, gara fuula duraatiif kallattiiwwan xiyyeeffannoo baankicha ni guddisu jedhaman akeekuun goolabameera.
---------------------------------------------------

ሲንቄ ባንክ 22ኛውን የባለአክሲዮኖች መደበኛ ጠቅላላ ጉባዔ አካሄደ

[ፊንፊኔ፣ ታህሳስ 22 ቀን 2015 ዓ.ም] ሲንቄ ባንክ 22ኛውን የባለአክሲዮኖች መደበኛ ጉበዔ በኢሊሊ ሆቴል አካሂዷል፡፡ የባንኩ የዲሬክተሮች ቦርድ እ.ኤ.አ ከጁላይ 1 ቀን 2021 ዓ.ም እስከ ጁን 30 ቀን 2022 ዓ.ም ድረስ በተጠናቀቀው በጀት ዓመት ባንኩ ያከናወናቸውን የዋና ዋና ስራዎች አፈጻጸም ለባለአክሲዮኖች አቅርቧል፡፡

በዚሁ መሠረት እ.ኤ.አ. እስከ ጁን 30፣ 2022 ዓ.ም የባንኩ ተቀማጭ ከአምናው ተመሳሳይ ወቅት ጋር ሲነጻጸር የ69 በመቶ እድገት በማስመዝገብ በአጠቃላይ ብር 10.28 ቢሊዮን ለመድረስ ችሏል፡፡ ባንኩ የኢኮኖሚያችን የጀርባ አጥንት ለሆኑትና በአገሪቱ ገጠራማ አካባቢዎች ለሚገኙት አርሶ አደሮችና አርብቶ አደሮች፣ ሴቶችና ወጣቶች እንዲሁም በተለያዩ የኢኮኖሚ ዘርፎች ለተሰማሩ ተቋማትና ግለሰቦች የብድር አቅርቦት በማመቻቸት ብር 17.82 ቢሊዮን ብድር ያሰራጨ ሲሆን በዚህም የ28.7 በመቶ ዕድገት አሳይቷል፡፡ የተበዳሪዎች ቁጥርም ከ748 ሺ በላይ ደረሰ ሲሆን ይህ ቁጥር በአገሪቱ ከሚገኙ የግል ባንኮች ጋር ሲነጻጸር በእጥፍ ሚበልጥ ሆኖ ተመዝግቧል፡፡

በተጠናቀቀው በጀት ዓመት ባንካችን ከታክስ በፊት ብር 371.6 ሚሊዮን ትርፍ አስመዝግቧል፡፡ የባንኩ ጠቅላላ ሃብትም ብር 20.54 ቢሊዮን የደረሰ ሲሆን ይህም የ28.1 በመቶ እድገት አሳይቷል፡፡ ሲንቄ ባንክ ጠቅላላ ካፒታሉ ካለፈው ዓመት ጋር ሲተያይ የ5 በመቶ እድገት በማስመዝገብ በበጀት አመቱ ማጠናቀቂያ ላይ ብር 8.09 ቢሊዮን ሊደርስ ችሏል፡፡ የባንካችን የተከፈለ ካፒታልም እንዲሁ የ6 በመቶ እድገት የታየበት ሲሆን ወደ ብር 7.45 ቢሊዮን ከፍ ማለቱ ተገልጿል፡፡

በተጨማሪ ጉባዔው የውጪ ኦዲተር ሪፖርት ያደመጠ ሲሆን የቀረቡትን ሪፖርቶች መርምሮ በሙሉ ድምፅ አጽድቋል።
በመጨረሻም ጉባዔው ለባንኩ እድገት ወሳኝ በሆኑ ጉዳዮች ላይ በመወያየት የወደፊት ትኩረት አቅጣጫዎችን በማመላከት ተጠናቋል።