Bara homaa nama hin gammachiisne keessa jirra.
Wanti ilaalluu, dhageenyu, dubbisnu, wanti barreessinu hundinu kan namatti hin tollee dha.
Yeroo ammaa kana oduu gidiraa fi oduu hamaa, oduu cabsaa, oduu gaddaa irraan kan hafee wanti namatti toluu hin jiru. Barichi faallaa taheera.
Oduu nagaan jibbamtee; oduun jibba jaallatamtee. Gaarii kan ta'ee Hundinuu namatti hadha’eera.
Garuu sagaleen waaqayyoo “Yeroo hundumaa gooftaatti gammadaa! Ammas irra deebi'ee nan jedha, gammadaa!” nuun jedha. Filp. 4:4
https://t.me/Qulqulloota

Telegram
Galmee Seenaa Qulqulloota!
" Dhagaadhaan in rukutaman, iddoo lamatti in baqaqfaman, billaadhaan in ajjeefaman, gogaa hoolotaa yookiis re'ootaa uffatanii asii fi achi in deddeebifaman, waan isaan barbaachisu in dhaban, in rakkifaman, in miidhaman."
Ibroota 11: 37
Ibroota 11: 37
❤1
FB_IMG_15775464887250435.jpg
219.7 KB
Ergamaa du'aatiin kufuu jalaa kan nama baastu Yaa #Gabri'eel ! Nagaan siif haa tahuu.
Halkanis guyyaas ati nu eegi. Ameen
Halkanis guyyaas ati nu eegi. Ameen
Wanti kamiyyuu harka waaqayyoo keessa akka jiru hubadhuutii kadhannaa geggeessi. Hojiin kamiyyuu harka kee keessa akka jiru beekiiti hojii hojjedhu. Bakka gahuu barbaaddu gahuudhaaf dandeettii qabdu hundatti fayyadami hojjedhu. Nama dadhabaa hin ta'iin. Hojiiwwan kamiyyuu abdiidhaan hojjedhu. Kan barumsa barannus firii gaarii qofa galmeessuuf miti. Kan hojjennuufis mindaa guddaan akka nuuf kaffalamu qofaaf miti. Jireenya keenyatti gammadne akka jiraannuuf malee. Dhiphachuu fi yaaddoo keessa galuu gaafa eegalu furmanni isaa harka waaqayyoo akka jiru hin dagatin. Hanga dandeettii keetii yoo hojjette kan biroo immoo waaqayyoo akka siif dabalu amani. Inni dubbii isaaf amanamaa dha.
Maddi: bu'ura jireenya afuuraa ykn mootii nageenyaa kan jedhurraa🙏💓🙏

✔Ilma kee isa arjaa fayyisaa addunyaa.
✔ Gugee koo*2 gugee garaa laafeetti koo maariyaam giiftii harmee gooftaa koo qalama warqeetiin barreessi maqaa koo.
✔ Nutti hin hidhiin badii keenyaa maariyaam giiftii harmee gooftaa keenyaa du'a ka'uu keetiin si kadhanneera.
✔ Eenyuuti himadhuree gaddaa keessaa koo si malee maariyaam giiftii harmee gooftaa koo dafiitti naaf dhaga'ii kadhannaa koo.
✔ Yaa giiftii keenyaa*2 nuu to'adhuu kaa gargaarsi ilma kee nurraa hin siqiin kaa.
✔ Nun gatiin kaa nurraa hin siqiini nun muufatiinikaa yaa waaqaa nagaa nutti araarami kaa.
✔ Waaqa muusee, waaqaa haroon waaqicha izraa hamaarra nu oolchii adaraa.
✔ maqaa waaqa abbaafi ilmaa, afuura qulqulluu waaqarrattii si kadhannaa maariyaam duraaf booddeetti gaddaashee dhaga'i boo’ichaa fi iyyaashee kan amantaa keenya tewahidoo kadhannashee.
@qulqulloota @qulqulloota

❤2
Yaa waaqa Qulqulluu Rufaa'eel !
dhiphina foonii fi lubbuu jalaa na dhoksi !
Yaa Rufaa'eel ! Humni dadhabootaa si'iidha hoo.
Yaa Rufaa'eel ! Ajaa'iba kan hojjettu waan taateef ajaa'ibawwan kee nan dubbadha.
Yaa Rufaa'eel ! Kadhannaa koo fi galata koo ol gara samiitti akka ol na baastuuf, maqaa waaqayyoo Ilmaa fi haadhaasaa #Durboo Maariyaamiin sin kadhadha.
Hiriyoota koo dhiphina foonii fi lubbuu jalaa isaan dhoksi !
T.me/qulqulloota
🙏💓🙏
dhiphina foonii fi lubbuu jalaa na dhoksi !
Yaa Rufaa'eel ! Humni dadhabootaa si'iidha hoo.
Yaa Rufaa'eel ! Ajaa'iba kan hojjettu waan taateef ajaa'ibawwan kee nan dubbadha.
Yaa Rufaa'eel ! Kadhannaa koo fi galata koo ol gara samiitti akka ol na baastuuf, maqaa waaqayyoo Ilmaa fi haadhaasaa #Durboo Maariyaamiin sin kadhadha.
Hiriyoota koo dhiphina foonii fi lubbuu jalaa isaan dhoksi !
T.me/qulqulloota
🙏💓🙏
Telegram
Galmee Seenaa Qulqulloota!
" Dhagaadhaan in rukutaman, iddoo lamatti in baqaqfaman, billaadhaan in ajjeefaman, gogaa hoolotaa yookiis re'ootaa uffatanii asii fi achi in deddeebifaman, waan isaan barbaachisu in dhaban, in rakkifaman, in miidhaman."
Ibroota 11: 37
Ibroota 11: 37
❤3
#Haadha_Ifaa..........Dubbisaa !
Dhugumaan firii muka tokkoo nyaachuun gatii hanga kanaa nama kafalchiisuu qaba turee ?
Waaqayyos maaliif mukicha uume ?
Mukichi muka waan gaarii fi yaraa kan nama beeksisu taanaan waaqayyo waan gaarii fi yaraa(hamaa) akka adda baasnu hin barbadu jechuudhaa ?
Mukicha erga nyaataniin booda iji isaanii ni banaman.
Kanaafuu, gorsi bofa sirrii ture jechuudhaa ?
Hewaan waan tokko illee hin balleessine jechuudhaa ?
T.me/qulqulloota
Bitadhaa dubbisaa maaloo !

Yaa Addaamii fi Hewaan maal isin goone jettanii gaaffii warra gaafattaniif deebiin kunoo
Kitaaba #Haadha_Ifaa jedhuu dubbisuu dha.
"Yaa Addaamii fi Hewaan nuyi isin qeequun nuuf hin danda’amu. Utuu ittiin haasa'aanii arraba ofii qeequun akkuma hin danda'amne akkasuma isin nuyi dha;nutis isini dha.
Yaa Addaamii fi Hewaan akka nuti isin hin qeeqneef gidiraa gooftaan dhiifama taasisu isinitti fide irraa gaabbitanii gaabbii seentaniittu.
Yaa Addaamii fi Hewaan isinoo fayyitaniittu; dhiiga gooftaa bu'uura ta'ee isin fayyiseen gara dhaala keessan duraa sana gara jennataatti galtaniittu.....nuyii fi ijoollotni keenya garuu cubbuun akka abiddaatti nu gubde.
Fedhiin fooniis nu bobeessite" !
Qiddaasee Qulqulluu Atinaatiwoos irratti akkas jedha.

❤5
🌹 BAGA GEESSAN🌹
🌽FULBAANA 26 YEROO YAADANNOO GODAANSA GIIFTII KEENYA DURBOO MAARIYAAMIITI.🌽
♠Fulbaana 26 hanga Sadaasa 6 ti kan yaadatamuu dha.♠
Yeroon kunis "Bara Abaaboo" jedhamee beekamaa.
Sababiin maqaan kun kennameef yeroo kana keessaa Abaaboon qalbii namaa hawwatan, urgaa'inni isaanii immoo kan nama gammachiisan, firii mucaan namaa nyaatu kennuuf kan nama abdachiisaan baay'inaan yeroo itti argamaniidha.
Haaluma kanaan abbootiin keenya durboo Maariyaamiin abaaboo kanatti akka isheen fakkeeffamtu godhanii barsiisaniiru.
Fakkeenyaaf Abbaan Efreem Galataa Sanbata Guddaa Lakk.7 irratti " Ati yaa #Maariyaam_Abaaboo bareedde urgooftuu dha, firiin si irraa argame #kiristoosiidha" jedhee barsiiseera.
Qulqulluun Gabri'eel "Firiin garaa keetii kan eebbifamee dha" jedheera.
Haati keenya #Durboo #Maariyaam waggaa 3 fi ji'a 6 guutuu bona aduudhaan, ganna bokkaadhaan, qorraan, dheebuu fi beela’an hanga biyya Gibxii geessutti, biyyaa Gibxii yeroo geessuu immoo simannaa dhabdee bosona biyya Gibxii keessaa baayyee rakkattee, dhiphattee buddeena jireenya isa ta’ee gooftaa keenya nuuf argamsiifte waan taheef yaadannoon ishee bara baraan ni yaadatamaa.
Gondaansi Maaliif Barbaachisee?
1. Raajii raajamee sana raawwachuudhaaf.
Isay.19:1-2 irratti " Yaa Gibxii, Waaqayyoo duumessa ariifataa yaabbatee gara kee ni dhufa, waaqa tolfamaa kees ni caccabsa!" kan jedhamee sana raawwachuudhaafi dha.
2. Hose'i 11:1 irratti " Mucaa koo biyya Gibxii ti naan waamee raajii jedhu akka raawwatamuuf.
3. Walumaa gala Raajii dubbatame ture dhugoomsuudhaa fi fakkeenya macaafa keessatti iccitiin caafame jiru dhugoomsuudhaaf. Mat.10:23, M.Yoh.12:13-17 fi k.k.fa'a ilaaluu dandeessu.
🌹@abbootii🌹
🌹@Qulqulloota🌹
Arjummaan Waaqayyoo, Araarsummaan Durboo Maariyaamii, Kadhannaan Qulqulloota Toloota fi Wareegamtoota ,bartootaa, Ergamoota bara baraan nuu waliin haa jiraatu. Ameen

👍2❤1
Forwarded from Qabsuura Abbootii (#Baliye #Melaku)
Waaqayyoo obsaa waan taheef !
Waaqayyoo obsaadha. Obsummaan isaas cubbamootaan danda'ee callisuu isaa qofa miti. Rakkoon yommuu nurra gahu hanga yeroon hojii isaa gahutti waaqayyoo ni callisa. Callisuun isaa kunis obsa isaati. Waaqayyoo cubbuu yommuu hojjennu qofaa osoo hin taanee gidiraan yommuu nurra gahuus abbaa obsaadha. Ni callisa. Kunis kaniin callisuu hanga yeroon hojii isaa gahuuttii dha !
Maddi kitaaba: "Waaqayyoo kan nu irraanfate maaliif nutti fakkaata ?"
Kan jedhuurraa !
Dubbisa kitaaba baay'ee namatti toluu dha.

❤3🥰1
Nagaan waaqayyoo isiniif haa tahuu jechaa !
Haala adda addaan walirraa fagachuun keenya ni beekama.
Kanan booda heyyama waaqayyoo yoo ta'ee waliin barumsa amantaa baranna.
Garee kana keessa kanneen jirtan online fedhiidhaan koorsii barachuu kan barbaaddan karaa inbox kottaa sanaan booda garee koorsii baratuu hundeessina barnoota jalqabna yoo fedha waaqayyoo ta’ee.

Kiristoos du'aa ka'e, humnaaf Aangoo isaan, seexanni hidhame,Addaam bilisaa ba'e, kana booda ,nageenyiifi gammachuun ta'e. Baga Ifa Du'aa Ka'umsa Gooftaa keenya Iyyaasuus kiristoosii nagaan Gessan.
Ayyaana Gaarii !
Ayyaana Gaarii !
Nagaan waaqayyoo isiniif haa tahuu maatiiwwan koo !
Dhiifama guddaa isin gaafadha. haala bara kana ilaaleen tajaajila afuuraarraa fagadhee turee. Amma garuu haala ilaalanii tajaajila afuuraa geggeessuun sirrii akka hin taane hubadheera.
Waaqayyoon na kadhadha.
Ulfaadha kabajamaa !

❤7
Namni waa'ee kootiif abdii hin kutanne, gammachuu attamii qaba" isaaniin jedhe.
Maqaalee Yohaannis Cuubaa
1. Raajicha.
2. Duuka bu'aa.
3. Wareegamaa.
4. Tolaa.
5. Luba.
6. Nama kawaalaa / bosona.
7. Cuubaa Waaqaa.
8. Qulqullichaa.
9. Karaa saaqaa.
10. Lallabaa fi ifataa.
11. Barsiisaa fi gorsaa.
12. Riqicha kakuu duraa fi kakuu boodaa.
"Kan dhufuudhaaf jiru si'i moo? Yookiis kan biraa eeggannu?" jedheen.
Yesus immoo deebisee, "Deebi'aa! Waan dhageessan, waan argitanis Yohannisitti himaa!
Kan jaaman in argu, kan hokkolan in adeemu, kan lamxaa'an in qullaa'u, kan duudan in dhaga'u, kan du'an in ka'u, hiyyeessotaafis misraachoon in lallabama.

Eebbi wareegama qulqullicha kana hunda keenyarraa haa bulu😍
Mat.11:3-6 dubbisaa😍

❤11🔥1
Media is too big
VIEW IN TELEGRAM
“Egaa amantiin, abdiin, jaalalli isaan kun sadan hafanii in jiraatu; isaan keessaa garuu jaalalatu caala.”
— 1Qor. 13:13
— 1Qor. 13:13
🥰7
#FIILMII_ILAALLEE_RAFNA!
Maatii baay’ee sooreyyii jedhaman tokkotu magaala guddoo keessa jiraatu. Daa’ima tokko qabu. Abbaan mucaa kun yeroo hundumaa guutuu akka ta’etti of yaada. Mucaa isaafis waan barbaachisu hunda waan bituufiif ofitti boona. Maallaqa qabuun of jaja. Walumaa galatti jireenya maatii isaa waliin jiraatutti baay’ee of-tuula.
Fira baadiyaadhaa qabu. Gaaf-tokkos abbaan mucaa kanaa “Mee mucaa koo gara baadiyaa warra hiyyeeyyii kanaa geesseen hammam sooressa akka taane isa hubachiisa!” jedhee garaasaatti yaade. Akkuma yaades mucaasaa kana fudhatee gara firoota baadiyaa deeme. Torban tokkoof erga turaniis gara magaalaatti deebi’ani.
Akka mana gahaniin abbaan mucaa “Turtii keenya kana akkamitti ilaalte? Maalis irraa baratte?” jedhee gaafate.
Mucaanis “Baay’ee baay’ee nama hawwisiisu! Nuti sadii taanee jiraanna. Isaan kudha lama. Nuti konkolaataa tokko qabna. Isaan fardeen afur qabu. Nuti saree tokkittii qabna. Isaan satoota Shan qabu. Nuti ibsaa ji’a ji’aan kaffallee fayyadamna. Isaan urjii samii keessaa nama hawwatanii fi ji’a bareeddu sana gatii otoo hin baasiin gammachuudhaan fayyadamu. Nuti nyaata in bitanna. Isaan oomishanii nyaatu. Nuti aara konkolaataan ukkamamaa oolla. Isaan qilleensa nagaa qabuun harganu. Nuti fiilmii ilaallee rafna. Isaan Waaqa galateeffatanii rafu. Waan baay’ee dha…” jedhee qalbiin hatame.
Abbaanis waanuma dubbatu dhabee mataa raase.
Dhumarrattis mucaan itti dabalee “Abbaa! Hammam hiyyeessa akka taane waan na barsiisteef galatoomi! Sitti-haa-baru!” jedheen jedhama.
👇
Inni tokkoof qabeenyaa isa Kaaniif dhabeenya. Qabeenya hin qabdu yoo ta’e ati hiyyeessa dha jechuu miti. Qabeenyi dhugaan kan jiru, maallaqa hedduu qabaachuu keessa miti. Waan tokko sitti himuu? Ofii kee irratti hojjedhu, hariiroo hiika qabeessa ijaari, dhiibbaa waaraa uumi, isa si uume amanadhu - qabeeyi dhugaan achi jira!

❤26👏13✍1
Mata duree barnootaa:
Far 11:1/12:1" Ati Nu gargaari"
~Jecha kana kan dubbate, abbaa Kennaa hedduu fi laphee waaqayyoo jedhamuun kan beekamu qulqullicha Daawwitidha.
~Daawwit yeroo gara garaa, bakka gara garaa fi haala gara garaa keessatti gargaarsa waaqayyoon qormaata jajjaboo injifateera. Milkaa'ina hedduus gonfateera.
Fakkeenyaaf: 1Sam boq 16 fi 17 guutummaa isaa yoo dubbisne, Daawwit ijoollummaa isaa irraa kaasee hanga biyya bulchutti qormaatilee karaa:
Gooliyaad isa mudate
Saa'ool irraa isa mudate
Maatii irraa isa mudate
Gargaarsa waaqayyoon akka moo'ate ni hubanna.
+Obboloota koo yeroon nuti keessa jirru, yeroo qulqullichi Daawwit dabarsa caalaa qarmaataan guutamaadha waan ta'eef Daawwit waliin kaane " yaa waaqayyoo ati nu gargaari " jechuu qabna.
~Guutummaan far 11/12 :1 akkas jedha.
" Yaa waaqayyoo namni gaariin hin jiru Ati nu gargaari. Warri Amanamoon ilmaan namaa gidduudhaa badaniiru" jechuun dubbata.
+ Caqasa kana keessa qabxii ijoo lamatu jira.
1. Ilma namaaf gargaarsi akka barbaachisu
2.Namoonni nama gargaaran immoo ilmaan namootaa gidduu akka hin jirre hubanna.
Kanaafuu gargaarsi waaqayyoo kan namaa irraa adda waan ta'eef Yeroo hunda Yaa waaqayyoo ati nu gargaari jechuu shaakaluu qabna.
+Dabalataan far 4:6 " Eenyutu waanta gaarii nutti agarsiisaa? Yaa waaqayyoo ati ifa fuula kee nurratti olkaasi" jechuun Namoonni waan gaarii hojjetan akka xiqqatan, ilmaan namaa gidduudhaa akka badan irra deebiin dubbata qullichi.
GARGAARSI WAAQAYYOO IMMOO AKKAMITTI ARGAMUU DANDA'AA?
==========================
1.Amanuu: mat 21:22 " Amantanii kadhataan kan dhiheeffattan hundumaa ni fudhattu"
2. Waaqayyotti qabamanii jiraachuu
Yoh 15:7 " Anatti qabamtanii yoo jiraattan, dubbiin koos yoo isin keessa jiraate, waan feetan ni kadhattu isiniifis ni ta'a"
+Qabxii hubannoo:
Kadhannaa dursa:
Waaqayyotti qabamanii jiraachuu
Dubbiin waaqayyoo laphee keenya keessa jiraachuun kadhannaa dursa.
~Mat 6:24 irratti " eenyullee mootiilee lamaaf bitamuu hin danda'u..."akkamu jedhame, Ilmi namaas yaada foonii fi yaada afuura qulqulluutti qabamee, daandii qara qulqullummaatti nama geessu milkeessuun hin danda'amu. Gargaarsa waaqayyoos argachuun ni ulfaata. Isa tokkotti qabamanii jiraachuun barbaachisaadha.
3. Gara waaqayyootti deebi'u:
Er 29:12 " Isin gara kootti deebitanii maqaa koo yoo waammattan, ani isiniif nan dhagaha" jechuun dubbata.
4.Garaa guutuudhaan waaqayyoon barbaaduu:
Erm 29:13 "Garaa keessan guutuudhaan yoo ana barbaaddattan ana argattu" jechuun haala itti waaqayyoon argatan Raajichi Eermiyaas ni dubbata.
~ Dhumarratti:
5. Walii galtee qabaachuu:
Mat 18:19 " Namoonni lama walii galteen biyya lafa kana irratti, waa'ee waan tokkoo yoo kadhatan, abbaa koo isa waaqaa irraa waan isaan kadhatan ni kennamaaf" jechuun gargaarsa waaqayyoo argachuuf walii galteen akka barbaachisu wangeelli ni dubbata.
Egaa obbolootaa, Walitti qabama keenya keessatti, imala dhuunfaa fi waloo keenyaa keessatti Gargaarsi waaqayyoo nu barbachisa.
Kanaafuu:
~Haa amannu
~Waaqayyootti qabamnee haa jiraannu.
~Gara waaqayyootti haa deebinu.
~Garaa guutuudhaan waaqayyoon haa barbaannu
~walii galtee haa qabaannu.
Galanni waqayyoof haa ta'u!

❤9🥰9👍1
Wanti kamiyyuu harka waaqayyoo keessa akka jiru hubadhuutii kadhannaa geggeessi. Hojiin kamiyyuu harka kee keessa akka jiru beekiiti hojii hojjedhu. Bakka gahuu barbaaddu gahuudhaaf dandeettii qabdu hundatti fayyadami hojjedhu. Nama dadhabaa hin ta'iin. Hojiiwwan kamiyyuu abdiidhaan hojjedhu. Kan barumsa barannus firii gaarii qofa galmeessuuf miti. Kan hojjennuufis minda guddaan akka nuuf kaffalamu qofaaf miti. Jireenya keenyatti gammadne akka jiraannuuf malee. Dhiphachuu fi yaaddoo keessa galuu gaafa eegalu furmanni isaa harka waaqayyoo akka jiru hin dagatin. Hanga dandeettii keetii yoo hojjette kan biroo immoo waaqayyoo akka siif dabalu amani. Inni dubbii isaaf amanamaa dha.
Maddi: bu'ura jireenya afuuraa ykn mootii nageenyaa kan jedhurraa🙏💓🙏
https://www.facebook.com/belina.melaku.2025

❤25👍6
Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri'eel
Baga jalabultii guyyaa Yaadannoo Ayyaana Hangafa Ergamootaa Qulqulluu Gabri'eeliitiin nagaadhaan isin gahe!
Hangafni Ergamootaa Qulqulluun Gabri'eel eenyudha? Hiikni maqaa isaa hoo?
♦ Qulqulluun Gabri'eel maal maal irratti muudame?
♦ Maqaan Qulqulluu Gabri'eel Kitaaba Qulqulluu keesatti yeroo meeqa barreeffamee argama? iddoo kam kamitti?
♦ Akka Mana Kiristaanaa keenyatti ayyaanonni yaadannoo waggaa kan Qulqulluu Gabri'eel yoom yoomi?

❤13🥰6