Oromia State University
14.1K subscribers
2.7K photos
3 videos
12 files
363 links
Oromia State University
Download Telegram
Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa namoota harka qalleeyyiif mana jireenyaa ijaarsise meeshaa guutuu waliin dabarsee kenne.
Hagayya 16, 2016
YNO
*
Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa hojjattoota isaa qindeessuun mindaa argatan irraa namoota harka qalleeyyiif man jireenyaa lama (2) kutaalee afur (4) qabu ijaarsisuun meeshaa guutuu waliin bakka Pirezidaantiin YNO Dr. Garramuu Hulluuqaa fi I/A/Kantiibaa Bul/M/Baatuu obbo Usmaan Tusee argamanitti dabarsee keennee jira.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Dr. Garramuu Hulluuqaa akka ibsanitti, kenni tajaajila lammummaa miirri lammiif tumsuu akka uumamu gochuu, dhaloota itti gaafatamummaan itti dhagahamuu fi dirqama lammummaa bahaatu, akkasumas fakkeenya gaarii ta'uu danda'u uuma waan ta'eef deeggarsi YNO fi hojjattoonni keenya taasisanis kararraa kan maddee fi aantummaa uummataaf qaban kan agarsiisuu dha jedhaniiru.
Itti dabaluunis lafa manni jireenyaa harka qalleeyyiif irratti ijaarame kan dhiyeesse Bulchiinsa Magaalaa Baatuu galateeffachuun gara fuulduraattis aadaan walgargaaruu, walqabatanii guddachuu, fakkeenya ta’anii mul'achuu fi badhaadhina maatii fi biyyaatiif YNO’n tumsa taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu isaa Dr. Garramuun dhaamanii jiru.

I/A/Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Baatuu obbo Usmaan Tusee gama isaanitiin miira gammachuu itti dhagahame ibsuun, Yuuniivarsiitiin Naannoo Oromiyaa fi hojjattootni YNO deeggarsa aantummaa ummataa ibsu kana taasisuu isaanitiif galateeffatanii, gara fuulduraattis hojii tajaajila lammummaa fi hawaasummaatiif deeggarsi godhamuu fi aadaa waliin hojjachuu cimsuun gahee bulchiinsa magaalichaa irraa eegamu kan bahu ta’uu eeraniiru.

Maatiin harka qalleeyyii manni ijaarameefis gammachuu itti dhagahame ibsuun, Yuunivarsiitichaa fi hojjattoota galateeffataniiru.
Dhuma irratti mooraa manneen ijaaramanii keessatti biqiltuu dhabuun sagantaan xumuramee jira.

𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳!
𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et
𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/YNO.OSU
𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity
𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133
𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!
Yuunivarsiitiin Naannoo Oromiyaa dhaabbii Biqiltuu Ashaaaraa Magariisaa gaggeessan.
Hagayya 17, 2016
YNO
*
Hojjattoonni Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa bakka hooggantootni Yuunivarsiitichaa hundi argamanitti mana barnoota Baatuu Sadarkaa 2ffaa keessatti dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa akka biyyaatti guyyaa har'aa gaggeeffamaa jiru sababeeffachuun biqiltuuwwan adda addaa mata duree "biyyaa bu'uuressuu, dhaloota waareessuu" jedhuun biqiltuuwwan 11500 ol ta'an dhaabanii jiru.

Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Dr. Garramuu Hulluuqaa saganticha irratti argamuun ergaa dabarsaniin guyyaa seena qabeessa kanatti biqiltuu dhabuun dhaloota boru dhaabuu akka ta'e ibsuun, biqiloota dhaabuu qofa osoo hintaane kunuunsuun ashaaraa keenya dhalootaaf haa keenyu jedhanii, qaamolee dhaabbii biqiltuu kanarratti hirmaatan hunda galateeffatanii jiru.

𝗢𝗱𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼 𝗗𝗮𝗯𝗮𝗹𝗮𝘁𝗮𝗮 𝗔𝗿𝗴𝗮𝗰𝗵𝘂𝘂𝗳!
𝑾𝒆𝒆𝒃𝒔𝒂𝒂𝒚𝒊𝒕𝒊𝒊: www.osu.edu.et
𝑭𝒂𝒄𝒆𝒃𝒐𝒐𝒌: https://www.facebook.com/YNO.OSU
𝑻𝒆𝒍𝒆𝒈𝒓𝒂𝒂𝒎𝒂: https://t.me/OromiaStateUniversity
𝒀𝒐𝒖𝒕𝒖𝒃𝒆: https://www.youtube.com/@oromiastateuniversity5133
𝐇𝐨𝐫𝐝𝐨𝐟𝐚𝐚!